Burqaa jaalalaa
Статистика- Последний пост
- 23 июн.
- Последнее чтение
- 13 авг.
- Постов за неделю
- 0
- Всего постов
- 20
- Тип
- открытый
- Язык
- om
- В каталоге с
- 13 авг.
- 1/24сутки в ленте
- —
- 1/48двое суток
- —
- 1/72трое суток
- —
Оценка по просмотрам недавних постов: пост набирает почти всё за первые сутки.
Посты
Si jibbuun danda'uu... Utuun si jaalladhuu Onnee banaa dhiiftee Utuun si abdadhuu Summii jibbaa biiftee ❣️❣️❣️❣️❣️❣️❣️ Keessa koo waraantee Jaalalaan madeessaa Godaanuu filatte Onnee kiyya keessaa ❣️❣️❣️❣️❣️❣️❣️ Keessi koo si dhabee Halkan guyyaa fiigaa Madaan godaansa kee Kulkulee na dhiigaa ❣️❣️❣️❣️❣️❣️❣️ Akkaataan jiruu kee Sichi naaf hin ta'uu Sin jaaladhu garuu Si jibbuun danda'uu...
💯 🟣 Waan jaallattu argachuudhaaf waan hin jaalanne keessa darbuu qabda. 🟣 💯
Channel photo updated
✅Hamma ofii Beekuu ➡️Hamma taatee jirtuu olitti yoo of yaadde,eenyummaa Kee sirrii yoo wallaalte, gatii dogoggoraa ofiif kennita. Gatiin dogoggoraa ati ofiif kennitu waantota lama keessaa tokkotti si geessaani. ✍1ffaa hamma taateen ol yoo of yaadde,oftuulummaatti seenta. ✍2ffaa. Hamma taatee jirtuu gaditti yoo ofilaalte immoo oftuffatta. Miira gadaantummaaf saaxilamta jechuudha. ➡️Kanaafuu eenyummaa Kee dhugaa beekuu,gatii sirrii ofiif kennuu fi gad of deebiftee namoota waliin jiraachuu baruun Jireenya keessatti ogummaa guddaadha. ➡️Gad of deebisuun xinnaachuu miti. Gatii xiqqaa ofiif kennuus miti. Gad of deebisuu jechuun xiqqeessanii of yaaduu osoo hin taane, xiqqeessanii ofiif yaaduudha; of caalaa namoota isaan kaaniif yaaduudha. @ https://www.youtube.com/@Oroman-d7r
#Gorsa Shamarran Abbaa manaa gaarii argachuu barbaaddaniif.😋 1. Ani dhiira dheeraan jaalladha, dhiira chestii qabun jaalladha. dhiira magaalatu natti tola jettee, FB irratti baastee yaadakee hin ibsatin.💊 2. Yeroo haasoftu akka xaaxee boqolloo hin xaxxaaxa'in suuta jedhii dubbadhu😁 3. Yeroo hunda bilbila gurratti qabattee hin adeemin! 😏 4. Nama wajjin deemtu adda baafadhu! Hiriyyaankee amalli ishee gadheedha yoo ta'e wajjin hin adeemin!😐 5. Amantii keetti cimi, Amala gaarii qabaadhu, dhiira hunda hin haasofsiisiin! tokkuma jaalladhu🤭 6. Ofii keetii dhiira sagalitti haasoftee Dhiirri amanamaan hin jiru hin jedhin.😏 7. Yoo dhiirri sagaltamii sagal siif bilbile hunduma isaanii irraa bilbila kaastee hin haasofsiisiin gurruma keetiif iyyuu gaarii miti.😁 8. Yeroo hundaa dhiira gidduu buutee Mel_mel fet_fet jechaa hin deemin!💃🏼 9. Dhiira yemmuu siif bilbilu, Siifan kadhadha, Waaqayyo si jaallata minaamin jedhee haasaa jalqabu, walumaa gala dhiira akka Apostle ykn akka Raajii wayii godhatu yerooma sana bilbila irratti cufii block itti cabsi!🤝🏼 10. Ammas irra deebi'een jedha, Raajii sobduun nama Waaqayyoo fakkaattee, qofaa keettan siif kadhadha jettee shamarran baay'ee tabalasheessite irraa of eeggadhu!🙆🏾♂️ 11. Dhiira dhufee postii kana jalatti koomentii arrabsoo naaf laatu irraa of eeggadhu😁 😬Manager keechaan @ https://t.me/Jalalaadh🌹💌
#Gorsa dhiiroota fuudhanii haadha manaa qabaniif😋 1. Haadha manaa utuu manaa qabduu, durbi kan biraan sitti bareeddee, sitti toltee, fuudhi fuudhi si godha taanaan, waldaa Wayii deemii kadhachiiffadhu! haafuura ejjaatu sitti galee jira.🙏 2. Hojii qofatti biizii taatee, Haadha manaa kee hin dagatin! yeroo kenniifii wajjin haasa'i! ,Wajjin qoosi, hammadhu dhungadhu, Yeroo firii keetii wajjin wookii godhi. Jaalalli maal akka fakkaatu itti agarsiisi.🥰 3. Adaraa Waaqaa yeroo iddoo ta'ee wayii haadha manaa kee wajjin deemtu, akka warra durii Ofii keetii dura buutee ishee of duudduba gootee hin deemin! dur aadaa fokkisaa tokkotu ture, 🐕S*reefii Dubartiin dudduuba adeemti jedhu😁 inni kun amma hafuu qaba. iddoo tokko tokkotti waanan argeefan dubbadhe.🚶♀️🚶🏼♀️ 4. Yeroo dhiirri hin fuudhin jiru tokko akkam amma yoon fuudhe jedhee si gaafatu, uuu maaloo hin fuudhiin, maaltu abiddatti si galche? Jettee fuudha hin jibbisiisin! Yoo ofii keetii jaalala wallaaltee, haadha manaankee si dhiiseen deema jettee si guggubde, dhiira hundatu akka keeti hin see'in! dhiirri haadha manaa isaa jaalalaan mo'ee jiraachisu jiraachuu mala waan ta'eef.😎 5. Dhugaatii Alkoolii dhugdee machooftee manatti galtee, haadha manaa keetiin ati eenyuudha hin jedhin!🥴 @ https://t.me/Jalalaadh🌹💌
#Sooree yaa Sararee❤️ Garamitti geessuree Horata carraa koo Akkamitti siif ibsuree Gubataa garaa koo🫦 Isan qofaa odeessu Qilleensa machaa'ee Isan qalbii madeessu Abjuunkee bitaacha'ee🥹 Elmi goromsa gaadi'ii Silgi qora'een raafamu Ati dafii naaf deebi'i Mirgi boora'een gatamu🏃♀ Sooree yaa sararee😳 Amalli kee na dhaale Onnee kootu sii malale Ka'ee humna na caale ╔════════════╗ ➡️ @ https://t.me/Jalalaadh🌹💌 ╚════════════╝
✅ #Dandeettii_sammuu (Intelligence Quoteint) fi bilchina miiraa (Emotional Intelligence) qaban irratti hundaa'uun namoota bakka afuritti qooduu dandeenya. Isaanis akka armaan gadiitti ilaalla: 1⃣. Namoota Dandeettii Sammuu Xiqqaa fi Bilchina Miiraa Xiqqaa Qaban: ⏩Namoonni akkanaa namoota rakkisoodha. Dandeettii yaaduu xiqqaa qaban irratti bilchinni miiraa isaanii yoo xıqqaate akka malee ulfaata. Naannoo keessa jiraatanitti rakkina uumuun beekamu. Qaama rakkinaa malee qaama furmaataa ta'uu hin danda'an. ➡️Qabxiin xiyyeeffannoo isaanii dhimma namoota dhuunfaan waan wal qabatuuf, yeroo mara waa'ee namoota dhuunfaa haasa'u. Namoota hamachuu fi walitti buusuun beekamu. Namoota gidduutti diinummaa babal'isu. Baratanii of jijjiiruuf fedhii dhabuu isaaniitti dabalee haalota isaan mudataniif deebiin isaan kennan deebii isaanis ta'e uummata isaanii hin gargaarredha. Itti yaadanii dubbii ogummaa hin dubbatan; akka feeteen dubbatanii namoota miidhu. Deebii namoota biraa argataniinis akka malee miidhamu. ➡️Yeroo hundumaa namoota komachuun beekamu. Nama jajan hin qaban. Namoota akkanaa waliin mana tokko jiraachuun, waajjira tokko waliin hojjechuun, gaa'elaan itti hidhamuun, hariiroo kamuu waliin qabaachuun gatii guddaa nama baasisa. Of eeggannoo guddaas nama gaafata. ➡️Walumaa galatti, namoota namummaa (personality) negetiivii qabaniidha. Baay'ee wanti nama gaddisiisu immoo namoonri hedduun sadarkaa kana irra jiraachuu isaaniiti. Maddi Kitaaba Daandii Mo’attootaa (Eebbisaa Baay’isaatiin) 2ffaa........ @ https://t.me/Jalalaadh🌹💌
DUBARTII FI WANTOOTA AFUR 4 👩🦰 Wanti afur dubartii qofarraa bareeda! 👉Dhiiratti heerumuu 👉Ulfaa'uu 👉Da'uu 👉Hoosisuu! 👩🦰 Dubartiin waan afur himachuu saalfatti! 👉Jaalalli yoo qabe 👉Laguun yoo itti dhufu 👉Gaaffii jaalalaaf tole jedhuu 👉Fedhii saalqunnamtii! 👩🦰 Wanti afur dubartii gowwoomsa! 👉Sobni dhugaa fakkaatu 👉Dhugaan soba fakkaatu 👉Dhiirri kolfee taphatu 👉Qarshiin boru dhumattu! 👩🦰 Wanti afur dubartiirraa hin bareedu! 👉Dubara akka ofiitti heerumuun 👉Rifeensa murachuun 👉Qaama ofii gurgurachuun 👉Dhirsa ofii tuffachuun! 👩🦰 Dubartiin waan afur dagachuu hin qabdu! 👉Uumaa ofii kadhachuu 👉Jaarsa ofii gorfachuu 👉Mana ofii bareeffachuu 👉Qaama ofii dhiqachuu! 👩🦰 Dubartiin waan afur dhiira caalaa dandeessi! 👉Jaalala mi'eessu 👉Jireenya bareechuu 👉Aarii qabbaneessuu 👉Soba dhugaa fakkeessuu! 👩🦰 Dubartiin waan afuriin dhiira caalti! 👉Amalaan 👉Malaan 👉Garraamummaan 👉Sodaan! 👩🦰 Dubartiin waan afuriin jiraatti! 👉Amantiin 👉Obsaan 👉Abdiin 👉Jaalalaan! 👩🦰 Dubartiin waan afur hawwiti! 👉Gaa'ela godhachuu 👉Qabeenya horachuu 👉Ijoollee horachuu 👉Gammachuun jiraachuu! 👩🦰 Dubartiin waan afur namaaf taati! 👉Haadha 👉Obboleettii 👉Haadha manaa 👉Gargaartuu mana keessaa! 👩🦰 Dubartiin dhiira akkamii jaalatti? 👉Kan isheef amanamu 👉Kan amala gaarii qabu 👉Kan jaalala isheef qabu 👉Kan kaayyoo qabu! 👩🦰 Dubartiin dhiira akkamii jibbiti? 👉Kan sobu 👉Kan machaa'u 👉Kan irratti jaalatu 👉Dhiira sodaattuu! 👩🦰 Dubartiin waan afur ifa baastee dubbatti! 👉Dhugaan yoo jal'ate 👉Waa'ee nama rakkatee 👉Waan hawwite yoo argatte 👉Dhibeen yoo qabamte! 👩🦰 Dubartiin, waan afuriif jiraatti! 👉Abbaa manaa isheef 👉Ijoollee isheef 👉Kaayyoo isheef 👉Uumaa isheef! Kanaaf Dubartii Kabaji! 👫❤️🩹❤️🩹💔💗💗💌 @https://t.me/AHAMADKADIR2024
✅ #𝙅𝙄𝙍𝙀𝙀𝙉𝙔𝘼 ≈===============================≈ ➥ Jireenyi mana barumsaa cimaa addunyaa kana irraa dorgomaa hin qabnedha. Mana barumsaa namni hundi keessa darbudha. ➲ Gaafa dhalattu mana barumsa jireenyaa tokko jettee eegalta. Gaafa duutu yoo qormaata jireenya moo'attee ni eebbifamta jechuudha. Eebbi kee immoo jireenya bara baraati. ➲ Kutaa meeqa akka geesse hin beektu. Callistee waan jireenyi si barsiisu baratta. ➲ Qormaata fuula duratti si mudatu hin beektu. Jireenyi barumsa si barsiisa, nama biraa immoo akkaataa biraan waan barsiisuuf, mana barumsa jireenyaa keessatti qormaata wal irraa hatuun hin danda'amu. Sababiin isaa namni qormaata walfakkaataa qoramu tokkoyyuu hin jiru. ➲ Kanaaf jireenya keessatti namatu naaf jiraata kan jedhamu hin jiru. Abbaatu jiraattata. Abbaatu qormaata isaa qoramata. Kanaaf cimuu nama barbhaachisa. Qormaata namatti dhufuuf jedhu waan hin beekneef cimaa ta'i!. ≈===============================≈ ⤵️⤵️⤵️ https://t.me/AHAMADKADIR2024
#Mararfataa_kiyya❤ Bakkan fedhe dhaquu Rabbitti hirkadhee Wanta fedhe tahus Hin beeku sodaadhee Amrii kiyya maraa Garasaa hirkisee Isattan himadhaa Wanta na rakkisee Nan galateeffadhaa Yooniin nagaan bulee Shukriin sihaa ga'uu Ammallee dabalee Mararfataa kiyyaa Hin qabu siin alaa Gara laafaa kiyyaa Haadhaaf abbaa caalaa Gooftaa qindii hin qabnee Yaa kanin yaammadhuu Ana miskiina kee Ofitti aanfadhuu Wabii anaaf ta'ii Rakkootti nan dhiisin Gama lubbuu koottii Yoomuu nan hirkisin Ati na darbannaan Dadhabeetan hafaa Abdiidhan muradhaa Hamilee_na laafaa 👍 ❤ ♂️ ˡⁱᵏᵉ ʳᵉᵃᶜᵗ ˢʰᵃʳᵉ Join godhaa tuqaatii 👇👇👇 ╔══━▒๑•ั🌹•ั๑▒━━═╗ https://t.me/AHAMADKADIR2024 https://t.me/AHAMADKADIR2024 https://t.me/AHAMADKADIR2024 ╚═━━▒๑•ั⭐️•ั๑▒━══ 👆 👆👆
Jaalallee hin qabu jettee hin gaddiin kan qabuus Garaachi fayyaa hin qabu😁 @ https://t.me/AHAMADKADIR2024
#Ammuma_murteessi! ➡️Waa'ee kaleessaa yaaduu dhiisi! Amma murteessi! Murtoon tokko jireenya kee bara baraan jijjiiruu dandaʼa! Saatii kana irraa eegaluun waanan danda'u hunda nan raawwadha(godha) jedhii murteessi! ➡️Nama kutannoo hin qabne namni barbaadu hin jiru! Kutannoo hin qabdu taanaan ofiifis warra jaallattuufis humaa gochuu hin dandeessu. Namni duubatti deebi'u ni qisaasama! Wantoonni ati barbaaddu hundi sodaa kee duuba ta'uu isaa beekuun murannoo qabaachuu qabda! ➡️Duubatti deebitee homaa jijjiiruu hin dandeessu; Amma yoo jalqabde garuu xumura kee miidhagsuu dandeessa; Nama fooyya'aa ta'uu qabda! Ammuma murteeffadhu Waanuma murteeffatte keessa jiraatta waan ta'eef! ➡️Yeroo kee qaalii kana bakka hintaanee fi namoota hin taane wajjin hin qisaasessin. Hiriyaa filadhu bakka ooltus adda baafadhu. https://t.me/AHAMADKADIR2024
☞ #Kophaa_koon_deemaa jira.🚶🚶 ✑ #Osoon deemaa jiruu,kophaa koo karaa koo irratti arge. Anis kophaan jira,Aniin kaaniis kophaa jira. Anaa fi ani Yeroo jalqabaatiif wal arguu keenya. Waggoota hedduuf wal barbaadaa turre.Wal dheeboonnee jirra.Walitti maramnee wal dubbifne,Gadi teenye,Ija kiyya keessa wal ilaalle. ☞ #Yeroo duraatiif ijji koo akka bareeddu amma arguu kooti, "I love you ija koo bareedina keetiif nan wareegaman jedheen. #Xiqqoo tureen, ija koo keessatti jireenya koo arge, Nan gadde,Dafeen ija koo cufadhe.#Ija Onnee kootii banadheen jireenya koo arge.#Nan gammade. ☞ #Rabbii koof galata nan galche,Isa ija Onnee kiyyaatiin jireenya gammachuu natti muldhiseef galanni haa ga'u.Ija koo nan banadhe. Kophaattin of arge.Kophaa koos bakka teenyuu nan dhabe. Kophaatti na dhiisee dhabame.🏃🏃🙆 https://t.me/AHAMADKADIR2024
Bareedduu koo Hundaan toltuu Tokkittii koo Jaallatamtuu! Naasolee koo toltuu maraa jaalattuu koo mootii namaa! Marartuu koo gar laafettii hundaaf naatu Obsituu koo, ka dandeettee hundaa baattu! Jajjabeessituu koo miyeessituu jiruu addunyaa kanarra fakkaattin ke in jiru!💔 @https://t.me/AHAMADKADIR2024
𝟭.''𝗔𝗯𝗷𝘂𝘂𝗻 𝗾𝗮𝗯𝗮!'' 𝟮.''𝗬𝗼𝗼 𝗯𝗮𝗹𝗮𝗹𝗶'𝘂𝘂 𝗵𝗶𝗻 𝗱𝗮𝗻𝗱𝗲𝗲𝗻𝘆𝗲, 𝗳𝗶𝗶𝗴𝗶. 𝗬𝗼𝗼 𝗳𝗶𝗶𝗴𝘂𝘂 𝗵𝗶𝗻 𝗱𝗮𝗻𝗱𝗲𝗲𝗻𝘆𝗲, 𝗱𝗲𝗲𝗺𝗶. 𝗬𝗼𝗼 𝗱𝗲𝗲𝗺𝘂𝘂 𝗵𝗶𝗻 𝗱𝗮𝗻𝗱𝗲𝗲𝗻𝘆𝗲, 𝘀𝘂𝘂𝘁𝗮 𝗷𝗲𝗱𝗵𝗶𝗶 𝘁𝗮𝗿𝗸𝗮𝗮𝗻𝗳𝗮𝗱𝗵𝘂. 𝗬𝗲𝗿𝗼𝗼 𝘄𝗮𝗮𝗻 𝗸𝗮𝗺𝗶𝘆𝘆𝘂𝘂 𝗴𝗼𝗼𝘁𝘂, 𝗳𝘂𝘂𝗹𝗱𝘂𝗿𝗮𝘁𝘁𝗶 𝗱𝗲𝗲𝗺𝘂𝘂 𝗮𝗱𝗱𝗮 𝗵𝗶𝗻 𝗸𝘂𝘁𝗶𝗶𝗻.'' 𝟯.''𝗪𝗮𝗮𝗻 𝘀𝗶𝗿𝗿𝗶𝗶 𝗴𝗼𝗰𝗵𝘂𝘂𝗳, 𝘆𝗲𝗿𝗼𝗼𝗻 𝗵𝘂𝗻𝗱𝘂𝗺𝘁𝘂𝘂 𝘆𝗲𝗿𝗼𝗼 𝘀𝗶𝗿𝗿𝗶𝗶𝗱𝗵𝗮.'' 𝟰.''𝗬𝗲𝗿𝗼𝗼 𝗱𝗵𝘂𝗺𝗮𝗮𝘁𝘁𝗶, 𝗱𝘂𝗯𝗯𝗶𝗶 𝗱𝗶𝗶𝗻𝗼𝘁𝗮 𝗸𝗲𝗲𝗻𝘆𝗮𝗮 𝗰𝗮𝗮𝗹𝗮𝗮, 𝗰𝗮𝗹𝗹𝗶𝘀𝘂𝘂 𝗳𝗶𝗿𝗼𝗼𝘁𝗮 𝗸𝗲𝗲𝗻𝘆𝗮𝗮𝘁𝗶 𝗸𝗮𝗻 𝗻𝘂𝘁𝗶 𝘆𝗮𝗮𝗱𝗮𝗻𝗻𝘂.'' 𝟱.''𝗔𝗱𝗱𝘂𝗻𝘆𝗮𝗮 𝗸𝗮𝗻𝗮𝗿𝗿𝗮𝘁𝘁𝗶, 𝘄𝗮𝗮𝗻𝘁𝗶 𝗵𝗮𝗺𝗮𝗮𝗻, 𝘄𝗮𝗹𝗹𝗮𝗮𝗹𝘂𝗺𝗺𝗮𝗮𝗳𝗶 𝗴𝗼𝘄𝘄𝘂𝗺𝗺𝗮𝗮 𝗰𝗮𝗮𝗹𝗲 𝗵𝗶𝗻 𝗷𝗶𝗿𝘂.'' 𝟲.''𝗗𝗶𝗶𝗻𝗮, 𝗵𝗶𝗿𝗶𝘆𝘆𝗮𝗮 𝗴𝗼𝗱𝗵𝗮𝗰𝗵𝘂𝘂 𝗸𝗮𝗻 𝗱𝗮𝗻𝗱𝗮'𝘂, 𝗝𝗮𝗮𝗹𝗮𝗹𝗮 𝗾𝗼𝗳𝗮.'' 𝟳.''𝗗𝗵𝗶𝗶𝗳𝗮𝗺𝗮 𝘄𝗮𝗹𝗶𝗶𝗳 𝗴𝗼𝗰𝗵𝘂𝘂𝗻, 𝗸𝗮𝗻 𝘆𝗲𝗿𝗼𝗼 𝘁𝗼𝗸𝗸𝗼𝗼 𝗾𝗼𝗳𝗮 𝗼𝘀𝗼𝗼 𝗵𝗶𝗻 𝘁𝗮𝗮𝗻𝗲, 𝗶𝗹𝗮𝗮𝗹𝗰𝗵𝗮 𝗱𝗵𝗮𝗮𝗯𝗯𝗮𝘁𝗮𝗮 𝘆𝗲𝗿𝗼𝗼 𝗵𝘂𝗻𝗱𝘂𝗺𝗮𝗮𝗳 𝗾𝗮𝗯𝗮𝗮𝗰𝗵𝘂𝘂 𝗾𝗮𝗯𝗻𝘂𝗱𝗵𝗮.'' 𝟴.''𝗔𝗱𝗱𝘂𝗻𝘆𝗮𝗮 𝗸𝗮𝗻𝗮𝗿𝗿𝗮 𝗸𝗮𝗻 𝗮𝗸𝗸𝗮 𝗝𝗮𝗮𝗹𝗮𝗹𝗮𝗮, 𝗱𝗵𝗮𝗮𝗯𝗯𝗮𝘁𝗮𝗮𝗳𝗶 𝗵𝘂𝗺𝗻𝗮 𝗾𝗮𝗯𝗲𝗲𝘀𝘀𝗶 𝗵𝗶𝗻 𝗷𝗶𝗿𝘂.'' 𝟵.''𝗝𝗶𝗯𝗯𝗶 𝗸𝗮𝗻𝘂𝗺𝗮 𝗷𝗶𝗯𝗯𝘂 𝘀𝗮𝗻𝗮 𝗯𝗮𝗹𝗹𝗲𝗲𝘀𝘀𝗮.'' 𝟭𝟬.''𝗨𝗿𝗷𝗶𝗶𝘄𝘄𝗮𝗮𝗻 𝗮𝗿𝗴𝘂𝘂𝗻 𝗸𝗮𝗻 𝗱𝗮𝗻𝗱𝗮'𝗮𝗺𝘂, 𝗵𝗮𝗹𝗸𝗮𝗻 𝗾𝗼𝗳𝗮.'' 𝟭𝟭.''𝗕𝗶𝗹𝗶𝘀𝘂𝗺𝗺𝗮𝗮𝗻 𝗳𝗲𝗱𝗵𝗶𝗶 𝘄𝗮𝗿𝗿𝗮 𝗵𝗮𝗰𝘂𝘂𝗰𝗮𝗻𝗶𝗶𝗻 𝗼𝘀𝗼𝗼 𝗵𝗶𝗻 𝘁𝗮𝗮𝗻𝗲, 𝗱𝗵𝗶𝗶𝗯𝗯𝗮𝗮 𝘄𝗮𝗿𝗿𝗮 𝗵𝗮𝗰𝘂𝘂𝗰𝗮𝗺𝗮𝗻𝗶𝗶𝗻 𝗸𝗮𝗻 𝗱𝗵𝘂𝗳𝘁𝘂𝗱𝗵 https://t.me/AHAMADKADIR2024
Channel photo updated
#Eega_deemtee_nagaatti!🙏 Kobbee qabachuu dadhabee Otoo qubni koo kirkiruu Jabaadhu jedheen jabeesse Carraan biraan jiruu Isan "hi" jedhee jalqabe Nagaatti jedhee barreessuuf Garaa koof abdii laadhee Sabbataan jabeessuuf Jireenyi kun imaltuudha Tokko bu'ee tokko yaabaa Isa tokko buqqisee gate Tokkotu dhufee dhaaba Tokkoof dhadhaa laatee Tokkommoo dhagaa soora Kaan boqate ciisa Kaan dukkanaan joora Jireenya kun booraadha Barruu bifa danuu Isa tokko cufee deeme Kan tokko dhufee banu Jireenyi kun booruudha Hin calalu dafee Kanaaf aabjuun keenyas Hawwii ta'e hafe Kankoof kankees imalli Akkasuma ta'e karaani Daandiitu addaan nu baase Otoo jaallatin garaani Eega jaala koo jabaadhu Anis nan jabaadhaa Eebbaa koo guduunfeen Galaa koo Siif laadha Imalli miila keetii Iddoon ati ejjattu Hojiin harka keetii Wanti ati hojjattu Mul'anni kee borii Aabjuu fi galmi kee Kabaja haa argatu Aarsaa fi qalmi kee Aabjuun kee haa dhugoomu Imalli karaa kee Waaqayyoo siif haa laatu Nama akka garaa kee🙏 Jireenyi kee haa qajeelu Akka faana lagaatti Eega deemuuf kaatee Jaala koo nagaatti! 😝🪴🪴🌹❤️💐🌺
#Ammuma gadi ciifnaan Hirribni natti dhuftee Boqonnaan sammuu kootii Abjuu keessatti kufte Intala tokkon arge iftuu akka addeessaa Qarree guntunni loomii Lookoo ija baddeessaa . . . . . . magaala qal'oo dheertuu Mudhiin silaa soomsumaa Biraa deebiyuun dide Hin gadhiisu koosumaa! Duubashee gorees laale Raajii bareeda koomee Ijji koos dharraa ba'e Kan bara hedduu soome! Itti himuun kajeele Akkasheen na boojiite Miidhagina uumamaan Akkasiin na doodiite! Waanin ba'ettan ba'a Jedheen fuldura bu'ee Miilasiirratti kufeen Afuura dhabee du'e! An kufee of wollaallaan Jaalalasheen gubadhee Dammaqeen hospitaala Jiraachuukoo hubadhe! Madaa jaalalaa akkamiin Fayyisa manni yaalaa Namni keessa koon beeku Gubbaarra qofa laala! Yoon cinaakoo mil'adhu Jirti intalli nabira Utaaleen qabuu yaale Ammas dhabee sabira! Lafaa ol ka'ee fiigeen Addaan dhagaatti bu'ee Edaa #Abjuudhaam jamaa Reefan dhugaatti du'e! 🌺🌹🪴❤️🌺🪴🌹🌷💐🌸🌼
->Jaalalli Sanyiidha Facaafadhu ->Biqilaadha Guddifadhu, ->Abjuudha Hiikadhu, ->Seenaadha Yaadadhuu, ->Qixxeedha Hirmaadhu, -> Booruudha Calaaladhu, -> Kennaadha Fudhadhu, ->Jireenya Itti Jiraadhu, ->Qabsoodha Injifadhu, ->Mana Ijaaradhu, ->Dhugaadha Amanadhu, -> Qabeenya Qusadhu, ->Lalisaadha Itti boqodhu,>Abaabodha (......) 🌺❤️🪴🌹