Galaa Sammuu
СтатистикаThe reading nation, the leading nation! In this channel:- 👉Books 2.New apps and technologies 3. Self help messages 4. short stories Buy ads: https://telega.io/c/Afrowisdom1 Contact: @Qananii1
- Последний пост
- 15 авг.
- Последнее чтение
- 13 авг.
- Постов за неделю
- 1
- Всего постов
- 36
- Тип
- открытый
- Язык
- английский
- Категория
- Книги
- В каталоге с
- 13 авг.
- 1/24сутки в ленте
- 473
- 1/48двое суток
- 542
- 1/72трое суток
- 584
Оценка по просмотрам недавних постов: пост набирает почти всё за первые сутки.
Посты
видео или голосовое, без подписи
видео или голосовое, без подписи
видео или голосовое, без подписи
=Hp elitebook 840 G7 =Core i5 =10th generation =Storage 512GB SSD =8GB RAM =14 inch screen =Keyboard light Price 60,000 Call ☎️ 0979579737 Links: - TikTok: http://www.tiktok.com/@netsi.b - Telegram: https://t.me/noorelectroniiics - Facebook: https://www.facebook.com/profile.php?id=61568684850613
Namni tokko wal-qunnamtii saalaa marsa tokko (single act of unprotected sex) keessatti carraan inni dhukkuba #HIV qabamuu 0.08% dha. Kan vaayirasii tiruu gosa B (#HBV) garuu 20–30% dha! Look at how dangerous it's 😳 Fayyaa hin dhabinaa! Dr Abdi Adugna (MD)
Har’a Guyyaa Kulkula Tiruu Addunyaa (World Hepatitis Day) ti! Guyyaan kunis waggaa waggaan akka addunyaatti Adoolessa 28 (July 28) kabajama. Kaayyoon isaa hubannoo waa’ee kulkula tiruu, keessumaa kulkula tiruu vaayirasiin (viral hepatitis) dhufu uumuu fi babal’isuudha. Kana malees, dhukkuba kana ofirraa ittisuuf, qorannoo yeroo yerootti gaggeessuu, talaallii dhukkubicha ittisuuf gargaaru dursanii fayyadamuu, karaalee dhukkubichi itti daddarbu hubachuu, akkasumas yoo vaayirasiin kun dhiiga keessatti argame ta’e, saffisaan yaala barbaachisaa argachuuf kakaasuudha. Tarkaanfiiwwan kunneen du’aatii dhukkuba kanaan dhufu hir’isuuf gahee olaanaa qabu. Keessumaa biyya keenya keessatti dhukkubni kun baay’inaan mul’achaa kan jiruufi lubbuu namoota hedduu galaafateedha. Kanaafuu, namni hundi qorannoo kulkula tiruu akka godhatu ni gorfama. Odeeffannoo fayyaa argachuuf #link https://t.me/drabdiadugna miseensa ta'aa! Dr. Abdi Adugna(MD) Fayyaa hin dhabinaa!
#ARGATINNUU_LAATA...? Abbaa manaafi haadha manaadha. Edda wal fuudhanii waggoota 12 lakkoofsisanii jiru. Haga kana waliin jiraatanillee, dhala godhachuu hin dandeenye. Kun madda dhiphina isaanii yeroo hundumaati. Si'a tokkollee ta'u, dhala dhabuun isaanii kun ajandaa isaanii hin ta'iin oolee bulee hin beeku. Dhiphachuu qofaanis hin dhiifne. Yeroo yerootti mana yaalaa deemuun furmaata barbaadaa turanii jiru. Wareega meeqas wareeganii jiru. Yeroo dheeraaf obsuufi furmaata dhabuun booda, wal hiikuufillee yeroo baay'ee dhumarra gahanii deebi'aa turani. Kana hunduma keessatti, kan dhiphina lama dhiphachaa jiru haadha warraadha. Tokko kan dhala dhabuu, inni biraan dhiibbaa karaa garagaraa irratti ta'u! Abbaan warraa 'dhala naaf godhachuu dhabde' jedhee itti guunguma, maatiin abbaa warraa 'ilma keenya dhala malee habifte' jedhanii guyyaa isheen qe'ee isaanii gadhiiftee deemtu eeggatu, ollaafi naannoon, akkanuma hiriyyoonni 'dhala dhabuu' jedhanii quba itti qabu. Dhiphina maatiin isheen isheef dhiphatanis ni dhiphatti. Kana irraan kan ka'e, si'a baay'ee lubbuu ishee balleessuuf yaalii gootee jirti. Yeroo mana yaalaa deeman hunda, jalqabaa kaasee akka isheen dhala godhachuu hin dandeenyeetti himatti. Sababa ka'umsa dhala dhabuushee baruuf qorannaan hafe tokko hin jiru. Akanuma wareegni wareegamu hundis akka isheen dhala godhachuu dandeessuufidha malee namni waan biraa shakkee beeku hin jiru. Asittidha dogoggorri guddaan! Amma qe'ee gadhiiftee deemuun dura carraa dhumaa yaaluu akka qaban irratti walii galani. Bakka dura itti yaalamaa turtee irraa rifeerii fudhatanii hospitaala biraa deemani. Bakki kun bakka itti furmaanni argamedha. Asitti haadha warraa qofa irratti hin turre kan qorannaan guutuun godhame, abbaa warraas kan dabalate ture. Haga ammaayyuu inni qoratamuuf eeyyamamaa hin turre ture. Sababni isaas, osoo haadha warraa isaa ishee kana hin fuudhiin dura haadha warraa biraa irraa mucaa tokko qaba ture. Isheen mucaa tokko deesseen booda boqottee jirti. Kanaaf namni isa shakke tokko hin turre. Waan nama ajaa'ibu garuu, kan dhala godhachuu hin dandeenye abbaa warraa ta'ee argame. Kana qorannoo yaalaatu mirkaneesse. Sanaan booda gara yaala furmaata fiduu danda'utti itti fufame. Argatinnuu laata....? Argitanii? Dhala dhabuun rakkoo dubartootaa qofa fakkaatee mul'achuu har'allee itti fufee jira. Garuu dubbiin akkana miti; dhala dhabuun dhukkuba sirna wal hormaataa dhiiraafi dhalaati. Rakkoon dhala dhabuu yoo maatii tokko keessatti mudate, abbaan warraafi haati warraa sababa ka'umsa ta'uuf carraa wal qixaa qabu (Sababa dhiiraan 30%, sababa dhalaan 30%, sababa lachaniin 30%, kan sababni isaa hin beekamnen 10 %). Akkanuma, kanaan dura dhala qabaachuun dhala dhabuu jalaa bilisa nama hin baasu. Waan yeroon boodaa mudachuu danda'udha. Kana hundachuu dhabuun miidhama xiin-sammuu gam-tokkee, jeeqama maatiifi hawaasummaafi qisaasa'insa diinagdee hammana hin jedhamne fida. Akkanuma ka'umsi dhibee kanaa akka yeroon hin argamne godha. Kanaaf, dhala dhabuun rakkoo dubartootaa qofaa jennee yaaduufi fudhachuu irraa of qusachuu qabna. Dhala dhabuun dhukkuba sirna wal hormaata dhiiraafi dhalaati. Kana kudhaammadhaa, waliif qoodaas! Fayyaa hin dhabiinaa! Dr. Abdiisaa Ejjetaati @Orobook
видео или голосовое, без подписи
iPhone 12 Pro Max Storage 128GB Batteryhealth 91% Price 63,000 ☎️ 0979579737 Links: - TikTok: http://www.tiktok.com/@netsi.b - Telegram: https://t.me/noorelectroniiics - Facebook: https://www.facebook.com/profile.php?id=61568684850613
видео или голосовое, без подписи
видео или голосовое, без подписи
The HP EliteBook 830 G8 is available with the following specifications: - Processor: Intel Core i5, 11th Generation - Storage: 512GB SSD - Memory: 16GB RAM - Display: Touchscreen with 360-degree rotation - Lightweight laptop Price: 80,000 Contact Number: 0979579737 Links: - TikTok: http://www.tiktok.com/@netsi.b - Telegram: https://t.me/noorelectroniiics - Facebook: https://www.facebook.com/profile.php?id=61568684850613
https://youtu.be/RmhAcb4uMoo?si=HdSOPkWYh1kxix2j
https://youtu.be/zDp4p-Fjv-8?si=4Pz5a-_YzKaKRa_P
☕ Good news for coffee lovers! A new study of more than 350,000 people found that higher coffee consumption is linked to significantly lower risks of serious liver diseases — including cirrhosis and liver cancer. People who drank 5+ cups a day had: ✔️ 32% lower risk of cirrhosis ✔️ Nearly 50% lower risk of liver cancer Even better? The benefits were seen with both caffeinated and decaf coffee — and even among those who added sugar or artificial sweeteners. With coffee already part of many daily routines, it may be more than just a morning pick-me-up — it could be an easy way to support liver health. Via..American Gastroenterological Association @ https://t.me/drabdiadugna
видео или голосовое, без подписи
Taphataan Kubbaa Miilaa Turkii Gani Çatan Simbira Du'a Irraa Baraare Istaanbuul, Turkii — Taphataan kubbaa miilaa Turkii Gani Çatan yeroo tapha kubbaa miilaa amateurii tokko keessatti raawwii isaa nama ajaa'ibsiiseen qalbii namoota hedduu harkise. Taateen kun gaafa Guraandhala 22, 2026 yeroo Finalii Play-Off Liigii Amateurii Kutaa 1ffaa Istaanbuul, naannoo Zeytinburnu keessatti gaggeeffamaa turetti mudate. Yeroo tapha sanaatti, eeggataan karra garee Istanbul Yurdum Spor kubbaa gara fuulduraatti rukute. Kubbaan sun tasuma simbira galaanaa (seagull) balali'aa turte tokko rukute. Humna rukuttaa sanaatiin simbirri sun battalumatti lafatti kuftee of wallaalte. Yeroo taphattoonnii fi daawwattoonni taatee kanaan rifatanitti, hoogganaan garee Gani Çatan ariitiin gara simbira sanaatti fiige. Simbirri sun sochii tokko illee akka hin qabne hubachuun, lubbuu ishee baraaruuf tattaaffii jalqabe. Çatan mala gargaarsa yeroo ariifachiisaa (CPR) irraa fakkeenya fudhachuun qoma simbira sanaa suuta dhiibaa ture. Kaayyoon isaa hafuura deebisuu fi akka of wallaalummaa irraa dammaqtu gochuu ture. Namoonni hedduun abdii kutatan illee inni carraaqqii isaa itti fufe. Daqiiqaa tokkoof tattaaffii taasise booda, simbirri sun mallattoo jireenyaa agarsiisuu jalqabde. Ijji ishee banamuu fi qaamoleen ishee socho'uu jalqaban. Kunis lubbuun ishee deebi'aa akka jirtu mul'ise. Simbirri sun yeroo of wallaalummaa irraa deebitetti, Çatan suuta ishee kaasuun ogeeyyii fayyaa qarqara dirree jiranitti geesse. Qorannoon irratti taasifameen miidhaan baallee ishee irra ga'e akka jiru mirkanaa'e; wal'aansi barbaachisaanis kennameef. Gareen Istanbul Yurdum Spor tapha xumuraa sana rukuttaa adabbii (penalty shootout) irratti yoo dhabe illee, namoonni hedduun injifannoon guddaan guyyaa sanaa waancaa osoo hin taane hojii gara-laafummaa Gani Çatan raawwate akka ta'e dubbatan. Viidiyoon yeroo inni simbira sana baraaru miidiyaa hawaasaa irratti saffisaan faca'e. Namoonni addunyaa mara irraa hojii isaa dinqisiifatanii galateeffatan. Deeggartoonni kubbaa miilaa fi jaallattoonni bineensotaa gocha isaa akka fakkeenya namaa gaarii tokkootti ilaalu jalqaban. Erga taateen sun mudatee booda Çatan akkana jedhe: "Lubbuu tokko baraaruun waancaa tokko mo'achuu caalaa naaf hiika guddaa qaba." Jechi isaa kun akka inni injifannoo taphaa caalaa gatii lubbuu uumamootaaf kennu agarsiise. Gaarummaan isaa kun beekamtii "Hero to Animals" jedhu argamsiiseef. Gochi Gani Çatan kun kubbaa miilaa keessaa qofa osoo hin taane, gara-laafummaa, jaalala uumamaaf qabnu fi lubbuu uumama kamiyyuu kabajuun hammam akka barbaachisu addunyaatti agarsiiseera. Madda: Fuula #Facebook Fayyaa Daa'immanii
"Dhaqee cinaachikoo, yommuu lafa gahu Waanan rafeen se'a, nan rafeef hin rafne Hin rafne jechuufis, ciisa koorran jira!" Ammas nuun waan akkanaa tanatu nutti jira💔 Hachalu's Week! We keep his legacy alive!😍
видео или голосовое, без подписи
.... ATI FAYYAA HIN QABDU; SAMMUUN KEE SI DHUKKUBA,... Yeroo tokko abbaan manaa fi haati manaa mana tokko keessatti waliin jiraatu turan. Isaanis yeroo hedduu wal lolu turan. Yeroo wal lolan kanas, haati manaa yeroo hunda, “Ati fayyaa hin qabdu; sammuun kee si dhukkuba,” jettee isa arrabsiti turte. Haaluma kanaan, erga waggoota hedduu waliin jiraatanii booda, abbaan manaa of shakkuu eegale. “Wanti haati mana koo jettu kun dhugaadha laata?” jechuun yaaduu eegale. Sana booda, akkuma isheen jecha kanaan isa arrabsaa turte, shakkiin itti hammaatee guyyaa tokko ogeessa xiin-sammuu bira deeme. Achittis ogeessichaaf waan isa muudate hunda himate. Ogeessichis erga waan hunda qoratee booda, namichi fayyaa-qabeessa akka ta’ee fi yaadni akkasii kan isa keessatti uumame sababa haati manaa isaa yeroo dheeraaf jechoota akkasii itti fayyadamteef ta’uu hubatee, yaadota akkasii of keessaa akka baasu gorsee isa gaggeesse. Wanti nama ajaa’ibu garuu, namichi ogeessicha amanuu hin dandeenye. “Haati manaa koo rakkoo kiyya argitee waan akkasii naan jette; isheen yeroo mara na waliin waan turteef na caalaa na beekti,” jechuun haadha manaa isaa amanee fudhate. Akkuma yeroo darbaa deemeenis, haalli namichaa jijjiirama itti fufe. Amaloota duraan isarratti hin mul'annes agarsiisuu eegale. Dhumarrattis guutummaatti dhukkubsataa sammuu (psychiatric patient) ta’ee, giddugala yaala xiin-sammuutti akka yaalamu ta’ee achi gale. Take home message(Ergaa): Kanaafuu, jechoonni nuti fayyadamnu nuuf homaa fakkaachuu dhiisuu danda’u; garuu namoota itti fayyadamnuuf hiikaa guddaa qabaachuu danda’u. Keessumaa immoo namoota nutti dhihoo jiraniif ergaa cimaa dabarsuu danda’u. Kanaaf, jechoota isaanif fayyadamnu filachuun baay’ee murteessaa fi barbaachisaadha. Galatoomaa🙏 Dr Abdi Adugna tiin Miseensa ta'uuf https://t.me/drabdiadugna