tgindex
GAMTAA BARATTOOTA BIRBIRSA NAGAYAA

GAMTAA BARATTOOTA BIRBIRSA NAGAYAA

Статистика

Namni barate mirga isaatiif falmata( Akkuma jiraachuuf nyaachuu qabdu Beekuuf dubbisuu qabda) "Barnoota Ammas barnoota kana ta'uu qaba kaayyoo Oromootaa" A.Birraa

Последний пост
13 авг.
Последнее чтение
15 авг.
Постов за неделю
1
Всего постов
21
Тип
открытый
Язык
om
В каталоге с
15 авг.
Подписчики
111
0 за 1 дн.
Сутки
0
0,00%
Неделя
 
Месяц
 
Просмотров на пост
92
17 постов
Вовлечённость
82,9%
к подписчикам
Постов в день
0,1
всего 21
Упоминаний
0
каналов
Охват размещения
оценка
1/24сутки в ленте
5
1/48двое суток
5
1/72трое суток
6

Оценка по просмотрам недавних постов: пост набирает почти всё за первые сутки.

Посты

  • Gaara Leenci Keessatti Cal'ise Keessatti Adurreen Nugusummmaaf Geeraraa Jirti ** Warri farda Minilik leenjisaa turan hedduun si'iif goota ta'uu malu, anaaf garuu ajj**eestota, weer*artootaafi 'cafcaafii' qofa. Gootota Oromoo osoo hin taane gootota koo jettee gala keen waammachuu dandeessa. Ani kan inni ajje*eses Oromoo waanan ta'eef maqaa waloo kana fayyadamuun kee sirrii akka hin taane ykn seenaa na hataa akka jirtu sitti himuun qaba. Nama na ajj*eese narratti faarsita, waan inni na godhe akkan hin daganne yeroon sitti himu garuu tokkummaa keenyaatu diigama jetta. Bakka meeqatti nu qoodaa sodaatta? Bakka sagalii mitii sagaltamatti haa nu qoodu male hin cal'isu. Na dhukkuba. Dhi*igni bakkee Ganjiitti dhangala'e, mor*mi Calanqootti cirame, duguu-ggaan sanyii Aanolee na dhukkuba. Si'iif seena darbe ta'uu danda'a, anaaf garuu godaannis hin qoorre qofa. Waan tokko yaadadhu, dhum*aatii kanneeniifi heddu booda namoota ati akkan akka gootaatti isaan faarsuu barbaaddutu jira. Gootota koo isaan lafaa si kaasanii si dhaaban, wareegama kumaa kitilaan lafeefi dhii*gaan dhangi'anii biyyaafi ummata kana gadi dhaaban ''alagaa'' fi ''baandaan'' farrajaa, baandota keef maaddii gootummaa dhaabda. Kan kaanii hin beeku, ani garuu asoosama kana dhaloota koo hin dhaalchisu, akakaafi abbaan koo cal'isuun seenaa wal dabarsee gant*oota ol, gootota dhugaa ammoo gadi godheera, ani garuu humnaa fi hamilee kanas hin qabu waanan ta'eef ''gantootaafi weeratoota akka ta'aniin ilmaan koo barsiisa. Falmii bakka biraatti qabnuuf, garee biyya kana ana qofatu ijaare jedhuun falmuuf wabii waammachuu ykn seeneffama waloo isa gahee sadarkaa biyyaaf jecha dhugaa kana cal'isuun eenyummaa kee dagachuu koo sitti hin fakkaatin. Kuni ana Badrii Mohammed ni dhukkubsa. Eeyyeen na dhukkuba.

  • "Dandeettii jaallachuu yoo qabaatte, jalqabaa ofii kee of jaalladhu!" #Chaarles_Buukowiskii Ilaalchi ati mataa keef qabdu kaayyoo jireenya kee galmaan ga’uuf baay’ee murteessaadha. Akkamitti akka of ilaaltu sirreessuun imala gara jireenya mo'ichaatti taasistuuf utubaadha. Sammuu kee waa'ee kee maal amana? Sammuu kee eenyu siin jedha? Hiika siif kennuu kana hoo eessaa fide? Namni kamuu addunyaa mo'ichaa keessa seenuun dura sammuu isaa keessaatti ilaalcha mo'ichaa gonfachuu qaba. Daldalaa yoo taate hojii daldalaatti milkaa’uu kee dura sammuu kee keessatti ilaalcha mo’ataa qabachuu qabda. Haalota si mudatan hundaa dursitee mo'aachuu qabda. Dursitee sammuu kee keessatti utuu hin mo’atiin haala mo'attuu hin qabdu. Baay’een keenya ilaalchi sammuun keenya nuuf qabu maddoota dogoggoraa irraa waraabame. Ijoollummaa keenyatti wantoota maatiin nutti himaa nu guddisan amanna. Sammuu keenya wantoota hawaasni naannoo nutti himan amana. Akka ofii keenya taanee jirrutti utuu hin taane, akka namoonni kaan yeroo adda addaatti nuun jedhanitti of ilaalla. Eenyummaa sammuun keenya itti nu beeku eenyummaa keenya isa sirrii ta'uu fi dhiisuu isaa mirkaneeffachuu qabna. Eenyummaa kan keenya hin taane fudhanne yoo jiraanne yoomuu kaayyoo jireenya keenyaa raawwachuu hin dandeenyu.

  • Fedhii nyaataa dhabuun si mudatee jiraa? 🔹🔹🔹🔹🔹🔹🔹🔹🔹🔹🔹🔹🔹🔹🔹🔹 Fedhiin nyaataa mallattoo fayyaa gaarii ta’uus, rakkoon xixiqqoon qaama ykn miira keenyarra gahulleen fedhii nyaataa nama fayyaa qabu tokko jeequu danda’a. Fedhii nyaataa dhabuun sababoota adda addaa kan akka ulfaatina qaamaa dabaluu fi dhukkuboota ciccimootiin uumamuu danda’a. ▪︎Sababoota fedhii nyaataa dhabuu - Dhukkuba kalee - Dhukkuboota onnee fi ujummoolee dhiigaa ciccimoo - Dhukkuba sombaa -HIV -Infeekshinii tiruu ykn dhukkuboota tiruu -Ucuba mormaa ykn Madaalliin hormoonii taayirooyidii jeeqamuurraa - Dhukkuba sukkaaraa - Dhiphina sammuu - Ulfa - Waan mi'aawaa garmalee nyaachuu fi kkf ▪︎ Akkamitti sirreessuu dandeenya? - Nyaata mi'aawaa irraa fagaachuu ykn xiqqeessuu - Kuduraalee fi muduraalee baay'inaan nyaachuu - Nyaata xixiqqeessanii yeroo baay'ee nyaachuu - bishaan dhuguu amala godhachuu -Shaayii jinjibilaa dhuguu -Sochii qaamaa godhuu fa'a ☆ wantoota armaan olii kana gootee yoo hin jijjiiramne gara doktora deemuun haasoysiisuu qabda. Fedhiin nyaataa gaariin mallattoo fayyaa gaariiti!!

  • Dubbii warra sadii , akka saditti fixan. ****..1, Dubbii warra Gowwaa, Sossobaan fixan. 2, Dubbii warra Hayyuu, dhugaa itti himaa fixan. 3, Dubbii warra luuynaa sodaachisuun fixan... ● WAA SADI SITTI HIN FAKKAATIN.. ~Dubbachuun bekumsa, ~Obsuun wallaalummaa, ~Nama kabajuun sodaa .......Sitti hin fakkaatin. ● WAA SADII HIN SEE'IN ~Nama beektu hunda fira kee, ~Nama si lolu hunda diina kee, ~Nama badii irra si dhorku hunda hammaataa....Hin see'in. ● WAA SADII HIN HAWWIN................. ~Bokokni quufaa miti, ~Abaarsi eebbaa miti ~Summiin qorichaa miti.. hin hawwin. ● WAA SADII JETTEE HIN TILMAAMIN. ~Nama kolfu hunda gammadaa, ~Nama dureessa hunda arjaa, ~Nama dhabaa hunda doqna.. jettee hin~ tilmaamin. ● MANGUDDOON WAA SADII JAALATU ~Oduu:-haasawa gaggaarii ~Aduu:-caama ganamaa ~Adii:-dubbii dhugaa...... jaallatu. ● WAA SADII HUBATTU MALEE HIN SEENIN ~Dubbii keessa hin beekne, ~Bishaan gad-fageenya isaa hin beekne, ~Imala daandii isaa hin beekne Hubattu malee hin seenin Manguddoo tatu jedha

  • https://t.me/AL_ILMALDEEN1ST

  • For JIMMA University Freshman students 🔻Dormitiry, Sections and Other informations have been released on the portal. 🔹You can view using the below link👇👇👇 https://portal.ju.edu.et/student/academic/grade

  • видео или голосовое, без подписи

  • Qabxiin seensa yuunivarsitii fooyya’uu hordofee barattoonni kuma sadii ol qabxii seensaa argatan Finfinnee, Fulbaana 03, 2025: Bara barnootaa 2018tti qabxiin seensa yuunvarsitii kan duraani 300 ture gara 297 tti fooyya’uu hordofee barattoonni kuma sadii fi dhibba sadii fi shantama darbuu Tajaajilli Qormaataa fi Madaallii ibseera. Dhaabbatichi waa’ee qormaata barattoota kutaa 12 ilaalchisuun ibsa kan kenne yoo tahu, barattoonni qormaata qoraman qabxii isaanii lakkifame ilaalchisuun komii qaban yeroo komii kennamee jirutti dhiyeeffachuu ibseera. Qabxii isaanii irratti komiin barattoonni dhiyeeffatan waggaa waggaan hirrataa jira kan jedhe dhaabbatichi, garuu, “bara 2017 barattoota karaa Interneetiin qoraman muraasa qabxiiin fiiziksii isaanii gara dhibbeentaan kaa’amutti sirnaan kaa’amuufii dhabuu fi dhibbeentaan qabxii jijjiiramees lakkoofsaan sirnaan kan hin idaa’amneef sirrateeraaf” jedhee jira. Kana malees barattoota qabxii 49 fi 50 jidduu galmeessan gara qabxii darbiinsaa 50tti akka guddatuuf waan murtaayeef sunis raawwiirra ooluu dhaabbatichi ibseera. Sirreeffama kana hordofee barattoonni kuma sadii fi dhibba sadii fi shantamni qabxii gadi aanaa seensa yuunivarsiitiif barbaachisu galmeessisaniirus jedhe. Bara 2017 barattoota kutaa 12 qormaata biyyaalessaa fudhatan keessaa qabxii darbiinsaa kan galmeessan barattoota kuma shantamii lamaa fi dhibba lamaa fi torbaatamii lama yoo ta’an, dhibbeentaanis barattoota waliigalaan qormaata kana fudhatan kuma dhibba shanii ol keesssaa dhibbeentaan 8.9 darbuu ibsameera. Qabxii olaanaa bara kanaas Dodolaarraa barataa Kaaliid Bashir dhibba jaha keessaa qabxii 592 yoo galmeessu, barattuu Hayimaanot Yoonaas 581 galmeessuun saayinsii uumamaa keessaa sadarkaa qabachuu ibse. Saayinsii hawaasaan ammoo barataa Caalaa Girmaa 563 shamarraniin ammoo barattuu Simboo Darajjee 549 fiduus dabalee ibsa isaan ifoomseera.

  • Hiyyeessi tuffi jibba, dureessi waahila jibba, Kijibaan nama fuula beeku jibba, dooyni kanna jibba, wallaalaan gorsa jibba, jagni xuxxuqaadha jibba. dhugamo soba?

  • Hiryaan Qabsoo keetii eenyunni? Milkaa'inni kee bu'aa hiryoota keetiiti. Namni hiryaa malee bakka guddaa ga'e lafa kana irra hinjiru. Kufatiinis hiryaadhaani. Kanaafuu hiryaan lafee dugdaa milkaa'inaati. Gaafa Karoora guddaa qabattee manaa baatuu hiryaa dhugaa waahila qabsoo si barbaachisa. Hiryoonni kee Utabaa(Tu'oo) kaayyoo keetiiti. Utubaan kun yoo badaa ta'e manni akkuma jigu, Hiryoonni kee badaa taanaan kaayyoon nijiga. Erga akkas ta'ee hiryaa akkamitti filanna? 1. Jaalala Hiryaan dhugaa nama marara, kanaafuu hiryaan kee kan dhugaa yoo ta'e sijaallata, hanqina kee siif supha, miidhaatu sirra gaha jedhee siif sodaata, miidhama kee ofitti fudhata, siyaada, siwaliin dubbachuu, maryachuu, Karoorsuutu itti tola. Hiryaan sijibbu yoo hagamuu kaayyoo kee jaallate gaaftokko kaayoo kees inuma jigsa. Sijibbinaan sitti inaafa, sitti inaafnaan kaayyoonkee galama ga'uu waan hinfeeneef yeroo ati gama balabalaatiin ijaartu inni immoo gara borootiin diiga. Kanaafuu hiryaa sijibbu waliin goonkuma qe'ee irraan fagaatin. 2. Amanamaa Hiryaan kee yoomillee siif amanamaa ta'uu qaba, Iccitii keetiif, maallaqa keetiif, hojii keetiif, karoora keetiif., yeroo keetiif amanamaa ta'uu qaba. Nama siganu fii Iccitii kee baasuu hiryaa hingodhatin nisalphatta. Gaabbii (Sheenaa) deebii hinqabne igaabbita. 3. Dhugaa Hiryaan kee fakkaassaaf osoon taanee dhugumaan kan sijaallatu ta'uu qaba, dhugumaan kan kaayyoo keetti amanu ta'uu qaba, dhugumaan siwaliin deemuuf kan murate ta'uu qaba. Nama Kijibaa fii fakkee hiryaa hingodhatin ni nyaatamta. Yeroodhaaf sitti calanqisuu danda'a malee riqicha gubbaatti sigalaafata. 3. Kan si amanatu Hiryaan kee guutummaan si amanchuu danda'uu qaba. Nama Osoo sishakku siduuka deemu goonkuma hiryaa godhattee manaa hinba'in bakka rakkootti sigana. Namni nama shakku ofiifuu aza*aba keessa jira, ofiifuu musiibaa cimaan qabamee jira waanta'eef namni kun akka daana'ooti kaayyookee nibarbadeessa. Kanaafuu hiryaa sishakku ofitti dhiheessuun Hojii dhiistee manatti galuu kee mallatteessa. 4. Nama Faayidaa sirran barbaanne Namni faayidaa sirra barbaadu goonkuma hiryaa siifta'uu hindanda'u. Hiryummaan isaa haguma aangoon sirka jirutti, haguma maallaqni sirka jirutti, haguma beekamtii qabdutti, haguma namni sifaarsetti. Yoo hayyuu akkamii ta'e yoo Sheekii akkamii ta'e nama faayidaa duuniyaaf sibarbaadu hiryaa godhattee manaa gadin ba'in. Gaafa aangoo dhabde, gaafa maallaqa kennituuf dhabde, gaafa namni sitti duule diinnikee jalqaba nama kana ta'a. Anatu iccitiisaa beekaa jedhee diinota keef comaandara ta'ee si adamsa. Yoo xiqqaate maqaa sixureessuu hindhiisu mee jarrabii ilaali. Tola kee gurguddaa 99 hin dubbatu badii ishee 1 sana 99 cubbu horsiisee akkati salphattuuf yaalii taasisa. Kanaafuu yeroo nama tokko hiryaa godhachuu barbaaddu waan inni sibarbaaduuf dursitee beekuun collummaadha. Gaafa kaayyoo guddaa qabattee gadi baatu namoota faayidaa duuniyaatiif sibarbaadanu Utubaa yoo godhatte osoo lafaa hinka'in sirratti jigaa beeki. Balaa keessa hinbaane keessa seenta cimsii qarriffaadhaan qabadhu. 5. Goota Hiryaan kee goota ta'uu qaba. Siwaliin boollaa ati seente seenuu qaba. Bahara ati seente seenuu qaba. Warageema kamiinuu siwaliin kaffaluuf murtaa ta'uu qaba. Nama lugna ykn sodaataa fudhattee diinqa keetii gadin ba'in. Lugni bishaan gabateerrati, Ibid*daa keessatti sigatee gala. Mana ga'ee sitti qoosa. 6. Obsa Hiryaan kee siif Obsuu danda'uu qaba. Dhiifama siifgochuu qaba, hiryaan Obsan qabne har'uma facaaftee har'uma bukeessitee har'uma akka afaan isa keessu barbaada. Gariin immoo rakkina xiqqoosiitiif watwaatee si jeeqa, aara galfii sidhorkaa, fageessitee akka hi karoorsine sitaasisa. Rakkoo mudatu hunda situ balaa kanatti nagalche jedhee mataa sibowwaafachiisa. Jarjaraan Kaayyoo quucarsee ajjeesa waanta'eef nama jarjaru Utubaa kee godhachuuf manaa hinba'in.

  • GAMTAA BARATTOOTA BIRBIRSA NAGAYAA pinned «Imala jireenyaa waliin haa eegalluu! Let's to start up life journey with together ❤️ Taa'uurra siquu wayyaa»

  • видео или голосовое, без подписи

  • Imala jireenyaa waliin haa eegalluu! Let's to start up life journey with together ❤️ Taa'uurra siquu wayyaa

  • Channel name was changed to «GAMTAA BARATTOOTA BIRBIRSA NAGAYAA»

  • видео или голосовое, без подписи

  • SAT QUESTIONS 1. If  3x + 5 = 20 , what is the value of  x ?    a) 5     b) 10     c) 15     d) 20  2. What is the value of  2³ + 3² ?    a) 8     b) 17     c) 25     d) 29  3. If a rectangle has a length of 10 and a width of 5, what is its area?    a) 15     b) 25     c) 50     d) 75  4. Which of the following is equivalent to  (x + 2)(x - 3) ?    a)  x² - x - 6      b)  x² + x - 6      c)  x² - x + 6      d)  x² + x + 6   5. What is the slope of the line represented by the equation  y = 4x + 1 ?    a) 1     b) 4     c) -4     d) 0  6. If  f(x) = 2x² - 3x + 1 , what is  f(2) ?    a) -1     b) 1     c) 3     d) 5  7. A triangle has an area of 24 square units and a base of 8 units. What is the height of the triangle?    a) 3     b) 6     c) 8     d) 12  8. If  x² - 9 = 0 , what are the possible values of  x ?    a)  -3, 3      b)  -9, 9      c)  -3, -9      d)  0, 9   9. What is the solution to the equation  |2x - 4| = 8 ?    a)  -2, 6      b)  -6, 2      c)  -2, -6      d)  -4, 12   10. If the function  g(x) = x² + x + 1 , what is  g(-1) ?     a) 1      b) 0      c) -1      d) -2  11. A store originally sold a jacket for $80. If it is on sale for 25% off, what is the sale price?     a) $60      b) $65      c) $70      d) $75  12. If the radius of a circle is doubled, what happens to its area?     a) It remains the same      b) It doubles      c) It triples      d) It quadruples  13. What is the median of the following set of numbers: {3, 7, 9, 12, 15}?     a) 9      b) 10      c) 12      d) 11  14. If  x + y = 10  and  x - y = 2 , what are the values of  x  and  y ?     a)  x = 6, y = 4       b)  x = 8, y = 2       c)  x = 5, y = 5       d)  x = 7, y = 3 15. The sum of two consecutive integers is equal to 37. What are the integers?     a) 18 and 19      b) 17 and 18      c) 19 and 20      d) None of the above  16. What is the value of  (3 + i)(3 - i) , where  i  is the imaginary unit?     a) 10      b) 9      c) 6      d) None of the above  17. If a car travels at a speed of 60 miles per hour for 2 hours, how far does it travel?     a) 60 miles      b) 90 miles      c) 120 miles      d) 150 miles  18. What is the value of  √(49) + √(16) ?     a) 5      b) 7      c) 11      d) None of the above  19. If the equation of a line is given in standard form as  Ax + By = C , which of the following represents its slope?     a)  -A/B     b)  B/A     c)  C/A + B     d) None of the above  20. If two angles in a triangle measure  x  and  y , what is the measure of the third angle?     a)  x + y     b)  x + y - 180     c) 180^ - (x + y)     d) None of the above ▎Answers: 1. a 2. b 3. c 4. a 5. b 6. d 7. b 8. a 9. a 10. a 11. a 12. d 13. a 14. a 15. a 16. a 17. c 18. c 19. a 20. c IDEA FOR ALL STUDENTS TO GET OTHER EUEE QUIZ JOIN BELOW LINK OR DABOO QUIZ [Channel Link👇👇 https://t.me/+U2SHQ3U2iqdjMTM0 https://t.me/+U2SHQ3U2iqdjMTM0 https://t.me/qubeeacademy https://t.me/qubeeacademy Don't forget if you like react now. For video Lectures check our youtube channel 👇👇👇👇👇👇👇 https://youtube.com/channel/UCLPTQfMXS6we7aTT4g9MwCw

  • видео или голосовое, без подписи

  • видео или голосовое, без подписи

  • #kutaa12ffaa Guyyaan qormaata biyyoolessaa kutaa 12ffaa ifoomeera. Sagantaan qormaata Xumura Barnoota Sadarkaa Lammaffaa Itiyoophiyaa / Kutaa 12ffaa bara 2017 ifoome. Akkaataa sagantaa Tajaajilli Madaallii Barnootaafi Qormaataa biyyoolessaa beeksiseen qormaanni kun Waxabajji 23/2017 hanga Adoolessa 8/2017tti kan kennamu ta’a. Barattoonni saayinsii uumamaa waraqaa irratti qoraman Waxabajjii 21 fi 22/2017 Yuunivarsiitii seenuun, Waxabajjii 29 fi 30/2017 ammoo barattoota saayinsii hawaasaatu seenu. Barattoonni toora interneetii irratti qoraman mana isaanii irraa deddeebi’uun wiirtuu qormaataa ramadameetti kan qoraman ta’a. Qabiyyeen qormaataa kitaaba barataa irratti kan hundaa'e waan ta'eef, tokkoon tokkoon barattootaa kitaaba barataa mana barumsaatti baratan irratti hundaa'uun beekumsaa fi hubannoo fooyya'aa argachuuf kitaabota wabii mijatoo ta'an fayyadamuun akka qophaa'an tajaajilichi waamicha dhiyeessee jira. Meeshaalee hannaa fi gowwoomsaa qormaataaf oolu kamiyyuu yeroo qormaataatti fayyadamuun dhorkaadhas jedhama. Odeeffannoon kun kan Tajaajilli Madaallii Barnootaafi Qormaataa Biyyoolessaa irraa argamedha. SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA! 📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡

GAMTAA BARATTOOTA BIRBIRSA NAGAYAA — tgindex