tgindex
Dirre Times

Namni seenaa ofii Hin beeyne haadha gurgurata

Последний пост
30 мая
Последнее чтение
14 авг.
Постов за неделю
0
Всего постов
23
Тип
открытый
Язык
om
В каталоге с
14 авг.
Подписчики
160
0 за 1 дн.
Сутки
0
0,00%
Неделя
 
Месяц
 
Просмотров на пост
17
23 постов
Вовлечённость
10,6%
к подписчикам
Постов в день
0,0
всего 23
Упоминаний
0
каналов
Охват размещения
оценка
1/24сутки в ленте
1/48двое суток
1/72трое суток

Оценка по просмотрам недавних постов: пост набирает почти всё за первые сутки.

Посты

  • Seenaa Jaal Falmataa Gadaa (Sufiyaan Jibroo Eenyummaa fi Dhaloota isaa James Ka FD irraa 🙏 Jaal Falmataa Gadaa maqaan dhalootaa Sufiyaan Jibroo jedhamu. Inni Harargee Bahaa, Aanaa Fadis, Magaalaa Bokkootti dhalate. Gosaan Shariifa dha. Jaal Falmataa yeroo ijoollummaasaa irraa kaasee abbaa murannoo fi abbaa fedhii uummataaf dhaabbatu ture. Qabsoo Keessa Bara 1990moota keessa, yeroo qabsoon Oromoo bifa cimaa itti fufaa ture, inni Itti Aanaa Jeneraal Jaarraa Abbaa Gadaa ta’uun qabsoo hidhannoo keessatti of hiriirse. Yeroo waraanni Adda Bilisummaa Oromoo bakka lamatti adda bahee wal waraanuu jalqabe, Jaal Falmataa tokkummaa Oromoo tikfachuuf qabsaa’e. Akkuma himamu, gaala 12 qalee loltoota wal morman walitti fidee dhaadate: Yaa Oromoo, tokkummaa jabeessaa!” Inni qabsaawaa loluu qofa osoo hin taane, artistii ture. Sirboota waraanaaf baasee loltootaaf hamilee horuu fi abdii uumuun beekkama ture. Gootummaa fi Aarsaa Ilmaan isaa dhiisee qabsoo keessatti hafe. Qabsoo keessatti lubbuu isaa guutuu wareege. Du’a isaa ilaalchisee himannoowwan garaagaraa jiru; garuu dhugaan ifa miti. Namni tokko “Seyful Islaam” jedhame du’a isa keessatti harka qaba ture jedhamee himameera. Duuti isaa suukkanneessaa fi akka Jaal Baaroo Tumsaa fakkaatuu ture. Wanti Nama Gaddisiisu garuu Seenaa akkana guddaa fi wareegama olaanaa qabu kana yeroo dheeraa shiraan ukkaamsuun dhoksuu yaalame. Inni gooticha Oromoo ta’ee osoo jiruu maqaa isaa qabsoo keessaa balleessuuf tattaaffiin godhame. Garuu: Dhugaan dhokachuu hin danda’u! Seenaa goototaa ukkaamsuun dhugaa fi haqaa miti! ✅ Yaadannoo fi Gaaffii Har’a Jaal Falmataa Gadaa lubbuu isaa ummataaf kenne. Seenaan isaa dhalootaaf dhaala ta’ee ifatti darbu qaba. Seenaa isaa ifatti baasun dirqama dha. Siidaan dhaabbachuun, maqaan isaa kabajamuu qaba. Namoota akkasitti lubbuu isaanii wareegan dhoksuun Rabbi birattis miti, seenaa Oromoonis hin fudhatu. Sagalee Oromoo: “Goota keenya yaadachuun nuuf dirqama. Seenaa isaanii ukkaamsuun gootummaa isaanii hin balleessu.” Jaal Falmataa Gadaa (Sufiyaan Jibroo) 👉🏽 Qabsaawa mirga dhala namaa 👉🏽 Artistii loltootaaf abdii horaa 👉🏽 Gooticha seenaa Oromoo keessaa haquu hin dandeenye 👥 Oromoon goota isaa hin irraanfatu. Seenaan Jaal Falmataa Gadaa dhaloota hundaaf haa ifu!

  • Tarii walwaraanuun yoo danda'ame karaa naannoo Afaar akkasumas karaa lafa naannoleen Amaaraa fi Tigraay irratti waldhaban amma naannoon Amaaraa to'atee jiru karaa Walqaayitiitiin ta'uu danda'a jedhu. Garuu carraan karaa sanaan biyyoonni lameen walwaraanuu isaanii gadi aanaa akka ta'e xinxaaltonni ibsu. Kanaafis akka sababaatti kan dhiheessan gareen Tsimdoo jedhame waltumsuu danda'a kan jedhuu dha. Kanaanis mootummaa Itoophiyaatti rakkoo ta'uu akka danda'u ibsu. Kana irratti Itoophiyaa biyya keessa hunkurama guddaatu jira kan jedhan warri kun, hunkurama kana irratti Eertiraan walwaraanaa hunkurama biraa mootummaan Itoophiyaa ofitti fiduu hin fedhu jedhu. Kanaanis carraan Itoophiyaa fi Eertiraan walwaraanuu baay'ee xiqqaa ta'uu himu. Warri ilaalcha kana faallaa jiran immoo ministirri muummee Abiy Ahimad nama tilmaamamu ta'uu dhabuu fi kanaan duras tarkaanfiiwwan hin eeggamne garaagaraa fudhachuu isaaniitiin tarkaanfiin ministirri muummichaa fudhatan hin beekamu jedhu. Tarkaanfii kanaan dura ministirri muummichaa fudhatan irraa ka'uun ulaa galaanaa humnaan deebisuuf tarkaanfii hin fudhatan jechuun rakkisaa dha jedhu. Adeemsi ministirri muummee Abiy tilmaamamuuf rakkisaa ta'uun, kanaan dura ministirri muummichaa tarkaanfiiwwan gurguddoo balaa guddaa qaban mata jabinaan fudhachuu isaanii kan eeran warri kun, ammas ulaanaa galaanaa argamsiisuuf ministirri muummichaa tarkaanfii ulfaataa fudhachuu ni danda'u jedhu. Kanas ta'ee sana dhimmi ulaa galaanaa ijoo dubbii cinaa ta'ee itti fufee jira.

  • Ulaa Galaanaa fi Muddama Jiru Muddamni Itoophiyaa fi Eertiraa gidduutti jabaatee itti fufeera. Kanaan dura aangawoonni Itoophiyaa ulaan galaanaa Itoophiyaaf dhimma akkaan barbaachisaa ta'uu dinshaashumaan dubbataa turan. Amma dubbiin kun jabaataa deemee aangawoonni Itoophiyaa ulaan galaanaa dirqama ta'uu, duraanuu seeraan ala Itoophiyaa irraa fudhatamee balballi itti cufamuu dubbataa jiru. Ministirri muummee Abiy Ahimad walgahii paarlaamaa bara 2017 keessa taa'ame tokko irratti Itoophiyaan dhimma ulaa galaanaa waraanaan furuuf hin deemtu jedhanii turan. Walgahii miilanaa irratti garuu dubbicha akka kanaan duraa ulaa galaanaa ni barbaadnaan bira hin darbine. Akkaataan Itoophiyaan ulaa galaanaa yeroo mootummaa cehumsaa bara 1983 itti dhabde bu'uura seeraa wayiituu akka hin qabne dubbatan. Itoophiyaan waan karaa seeraan alaa dhabde kana deebifachuun dirqama ta'uu eeranii jiru. Qondaalonni mootummaa Itoophiyaa biroonis ergasii waanuma walfakkaataa miidiyaalee mootummaatiin dubbataa jiru. Qondaalonni waraanaa Itoophiyaas dhimma galaana diimaa irra deddeebiin dubbachuutti jiru. Shuumii Itamaajoorii raayyaa Ittisa biyyaa Itoophiyaa Fiild Maarshaal Birhaanuu Juulaa fi qondaalonni waraanaa biyyattii biroon Raayyaan Ittisa Biyyaa dirqama kennamu kamuu bahuuf qophii ta'uu himatu. Eertiraan gama isheetiin Itoophiyaan dubbii na barbaadaa jirti jettee himachuutti jirti. Pirezidaantiin Eertiraa Isaayyas Afawarqii ministirri muummee Abiy Ahimad paarlaamaa irratti dhaadatanii oolee otoo hin bulle gara Masrii kan faallaa Itoophiyaa jirtuutti qajeelan. Erga pirezidaant Isaayyas garas imalanii booddee ministirri dhimma alaa Masrii Itoophiyaan waa'ee naannawaa galaana diimaa dubbachuuf mirga hin qabdu jedhan. Muddama Itoophiyaa fi Eertiraa gidduu jiru kana waliin walqabatee akkaataan hiriira biyyootii maal fakkaataa kan jedhu ilaaluunis gaarii akka ta'e xinxaaltonni dubbatu. Itoophiyaan Gamtaa Emireetota Arabaa waliin hidhata cimaa qabaachuutu dubbatama. Itoophiyaa qofaa otoo hin taane Gamtaan Emireetota Arabaa naannawaa galaana Diimaa kana akka barbaaddu xinxaaltonni ibsu. Gamtaan Emireetota Arabaa waraana Sudaan keessatti deemaa jiruun garee Hamdaan Dagaloo akka deeggartus keessa keessa dubbatama. Haleellaawwan diroonii jajjaboo garee Hamdaan Dagalootiin raawwatamu duuba Gamtaa Emireetota Arabaatu jiraan himama. Eertiraan immoo garee Al Burahaan akka deeggartu himama. Gara dhimma muddama Itoophiyaa fi Eertiraatti yeroo deebinu immoo Eertiraan Masrii kan dhimma laga Abbayaa waliin walqabatee Itoophiyaa waliin waldiddaa keessa jirtuu ofcinaa hiriirsuuf sochiitti jiraachuutu himama. Sa'ud Arabiyaa Itoophiyaa waliin hariiroon diippiloomaasii ishee qabbanaa'ee fi Gamtaa Emireetota Arabaa waliin walmorkattu ofcinaa hiriirsuufis Eertiraan sochooti jedhama. Dhimma ulaa galaanaa waliin walqabatee hiriirri humnoota siyaasaa biyya keessaa Itoophiyaa yeroo ilaallu immoo ijjannoowwan walmakaatu mul'ataa jira. ABUT fi humnoonni Tigraay mootummaa federaalaa waliin waldhabdee cimaa keessa jiran Tsimdo jedhanii Eertiraa waliin gamtaa tolfatan jedhamee irra deddeebiin dubbatamaa jira. Humnoonni siyaasaa naannoo Amaaraa ilaalcha walmakaa calaqqisiisaa jiru. Faannoo fi finxaaleyyiin siyaasaa garicha deeggaranii fi mootummaa hadheeffatanii jibban garaagaraa Tsimdootti hidhata tolfachuuf yaalaa jiru jedhame. Kanas ta'ee sana Itoophiyaa fi Eertiraa gidduutti waraanni uumamuu danda'aa fi hin danda'uu irratti yaadota lamatu ka'aa jira. Gariin waraanni dhohuu danda'a wayita jedhan, gariin immoo carraan walwaraansatti cehuu gadi aanaa ta'uu himu. Warri waraanni dhohuu mala jedhan dhaadannoo mootummaa Itoophiyaa, qophii waraanaa, meeshalee waraanaa ammayyaa'oo Itoophiyaan fayyadamuu dandeessu, michummaa Itoophiyaa fi Gamtaa Emireetota Arabaa akka agarsiiftuutti eeru. Warri waraanni ammatti hin dhohu jedhan immoo Itoophiyaa fi Eertiraan karaa kamiin walwaraanuu danda'u jedhanii gaafatu. Karaa naannoo Tigraayiin walwaraanuuf mootummaan federaalaa fi humnoonni Tigraay waldhabdeetti jiru jedhu.

  • Lolli tokko jalqabuun duratti eenyu akka injifatu, lolichi hammam akka dheeratu, kasaaraa namaafi qabeenyarraan gahu tilmaamuu malee onnee guutuun himuun hin danda’amu. Akka Abiy dabballoota isaa walitti qabee yoo dubbatutti, Isaayyas ajjeese, waraana Eritriyaa facaasee, Asab qabatee, torban lamatti lola goolabee akka galutti dhaadata. Carraan kun ta’uu ni jira, garuu dhiphaadha. Lolli heddu yeroo gabaabatti goolabuuf itti seenameet waggootaaf tura. Keessattuu baroota as aanaa kana lolli geggeefamu guuza hedduu fagoofi dhihoorra waan hirmaachisuuf laayyotti walinjifachuun goolabbiin rakkisaa ta’aa jira. Fakkeenyaaf Ruusiyaan Yukreen gaafa weerarte torban lamatti xumuruuf itti seente. Kunoo lolli sun waggoota afur guutuuf deema, injifannoon mul’atus hin jiru. Abiyyis gaafa lolli Tigraay eegalu torban sadihitti Maqalee qabatee injifannoo labse. Gammachuun sun garuu hin turre. Lolli waggoota lamaaf itti fufee, boodarra araaraan dhaabbate. Har’as deebi’ee dhooyuuf qarrerra jira. Lolli Eritriyaa waliin taasifamu kun akka Abiy dhaadatu yeroo gabaabatti goolabamuu baatee dheerannaan, kasaaraan guddaan kan Itoophiyaati ta’a. Akkuma armaan olitti lolli kun kan biyyoonni lama qofti walhaleelan hin ta’u. Humnoota riphee loltootaa Itoophiyaa waan hirmaachisuuf lola keessos ta’a. Dabalataanis biyyoonni gama lachuuf guuza ta’anii dhufan kallattiifi alkallattiin hirmaatu. Fakkeenyaaf lolli eegallaan walwaraansi Suudan keessaa, kan Itoophiyaa keessaafi kan Eritriyaa walitti gadi dhangala’a. Kanaafuu lolli Eritriyaafi Itoophiyaa amaloota walwaraansa biyyoota lamaa ( interstate war), kan keessoo ( intra-state war) fi kan naannoo ( regional war) qabaata jechuudha. Haala akkasii keessatti humnoonni lola sanitti hirmaatan cufti kasaaraa qabeenyaafi namaa kan mudatan ta’us, balaa hamaaf saximmummaa ( vulnerability) gudda kan qabu Itoophiyaadha. Walwaraansi keessoofi kufaatiin diinaggee daran waan hammaatuuf, balaa guututti diigamuu biyyaas nu mudachuu mala. Lola kanaaf sabboonummaa Oromoo akka galteetti fayyadamuuf yaalamaa waan jiruuf, akka sabaattis capha hamilee waloofi , daran xuraawuu maqaa ( credibility) hamaanis nu mudachuu mala. Kun xiinxala kiyya kan hanga beekkumsaa kiyyaafi odeeffannoo gurraa qabuutti hundaayeedha. Tarii xinxalli kiyya dogongoree Abiy akka dhaadatetti Eritriyaafi Tigraay caccabsee, Itoophiyaaf hulaa galaanaa banee, Oromoonis bara dhufu irratti irreeffata ta’a. Ani garuu yoo danda’ame lola kana sa’aa dhumaa tanattis taatu hambisuutu waa hundaafuu falan jedhee amana. Yoo hambisuun dadhabame garuu gaaga’ama yeroo lolaatiifi san boodas biyyaafi ummata keenyarra gahuu malu hir’isuuf gamanumaan qophaayuun barbaachisaadha.

  • Kanarraa ka’uun warri dur Itoophiyaarra goree Eritriyaa irratti dhiibbaa gochaa ture hariiroo diplomaasii Isaayyas waliin qaban fooyyeefachaa jiru. Walumaagalatti baroota dabran kana dhageettiin diplomaasii Itoophiyaa laaffachaa yoo deemu, kan Eritriyaan ammoo moggeeffamuu duraanii keessaa bahaa fira heddummeeffachaa dhuftee jira. Kanaafuu biyyoota lamaan jiddutti lolli yoo ka’e guuzni diplomaasii akka dur gara Itoophiyaatti kan goru hin ta’u. Kana ammoo ejjannoo biyyonni gurguddoon walitti olola waraanaa Abiy geggeessurratti ammumaan mul’isan irratti argaas jirra. Fakkeenyaaf, Ameerikaafi Ingiliziin kan dur Isaayyas hadheessanii jibban, amma Abiyyiin akeekkachiisan. Akkaataan Abiy dhimma buufata doonii itti dhiheesses Itoophiyaa gama diplomaasiin kan miidheefi seenessa Isaayyasiif kan tumseedha. Waliigalteen Soomalilaandii sun chaartara Gamtaa Afrikaafi seerota addunyaa biroo kan cabse waan tureef, Itoophiyaan akka biyya seer-dhabeessa ( agressor) walabummaa biyyootaa hin kabajneetti akka laalamtu taasise. Ammas seenessi gaaffiin Asab itti dhihaate ittin fufiinsuma al-seerummaafi walabummaa biyya biroo humnaan sarbuu akka ta’etti fudhatamaa jira. Dubbi diplomaasii kanarratti shoora Masriis irraanfachuu hin qabnu. Masriin yeroo ammaatti shoora dubbii Baha Jidduu Galeessaa keessatti taphataa jirtuufi jaallummaa bulchiinsa Ameerikaa waliin qabdurraa kan ka’e, dhageettin diplomaasii ishii daran guddateera. Humna diplomaasii ishii kana fayyadamuun tumsa Eritriyaaf akka oolchitu shakkiin hin jiru. Bu’aa kana ammoo waldura dhaabbannaa Itoophiyaafi Soomaliyaa kan bara dabree irratti ifatti agarree jirra. Warri Emaaraatis Abiyyif guuza diplomaasii ni bahu. Garuu ammoo yeroo ammaatti humni diplomaasiitiin kan Masriitu kan Emaaraat caala. Walumaagalatti, lolli jedhamu kun yoo dhoye, keessattuu gama Itoophiyaan yoo eegalamefi yoo dheerate, dhiibaan diplomaasiin gara Itoophiyaan dhufuu laafaa akka hin taane hubatamuu qaba. DUBBIIN GARAM DEEMTI Xiinxala armaan olirraa ka’uun yeroo ammaatti Itoophiyaan Eritriyaa waliin lolatti seenuuf haalli akka hin mijanne arguun ni danda’ama. Abiyyis kana sirrumatti hubata. Waggoota lamaan dabre dhaadannoo ‘hulaa galaanaa’ doorsisa lolaa guddisaa deemuus, qabatamaan garuu waraanaaf qophaayaa akka hin jirre akeektuu baay’eetu jira. Miidiyaa irratti dhaadachaa lafa jala garuu araaramuuf jaarsummaa ergachaa ture. Haasayuma tibbana paarlaamaarratti godheenuu biyyonni garagaraa akka jidduu seenanii araarsan iffatti waamicha dhiheessera. Diraamaan dhaadannoon paarlaamaa sun sodaa hamaa keessa seene haguuguuf kan taasiseedha. Garuu ammoo Abiy Eritriyaa rukutuuf fedhii dhugaafi qophii dhabus, lolli ni hafa jechuu miti. Akkuma namicha osoo waraanuuf hin qophaayin togorrii luqqifateeti. Duulli ololaa hanga ammaa taasisaa ture, carraan lolli dhohuu guyyarraan dabalaa akka deemu taasiseera. Tumsi Eritriyaafi Tigraay qophii waraanaa godhanii jiru. Abiy isaan haleeluuf har’a qophii dhabus, boru nu rukuta jedhanii yaadu. Kanaafuu osoo inni hin qophaayin waraanicha eegaluu filachuu malu. Keessattuu humnoonni Tigraay haalli lolas nagaas dhabanii jiraachuu ( no war no peace status) faffaca’uu keessoof isaan saaxileera. Adaduma yeroon dheeratuun rakkoon kun daran iti hammaataa deema. Kana hambisuuf dafanii waraanatti seenuuf dirqamu. Tigraayitti lolli eegalamnaan Eritriyaanis harkifamtee seenti. Humnoonni alarraa guuza bahanis lolli kun akka dhooyu fedhu. Gama Abiyyiin warri Emaaraat, humnoonni Tigraayifi Eritriyaa kan mootummaa Suudan irra goranii RSF waraanaa jiran sun akka bahaniif qe’ee isaaniitti ( Tigraayif Eritriyaa keessatti) lolli akka jalqabu barbaadu. Gama Eritriyaatiin ammoo Masriinis Abiy dhiibbaa dabalataa jalatti kufee dhimma laga Mormor irratti harka akka kennu waan barbaadaniif lolli akka eegalu barbaadu. Walumaagalattuu ololli lolaa Abiy hoo’isaa baye amma sadarkaa ofii fireena qabuufis ta’ee of duuba deebisuuf rakkisaa ta’erra gaheera. Yoo biyyoonni gurguddoon dhiibbaa cimaa godhanii dhaabsisaniin alatti, lolli waan oolu miti. BALAAN LOLA KANAA MAALI?

  • Gama diplomaasiitiin erga Itoophiyaafi Ertriyaan bara 1998 walitti bu’anii kaasee hamma yeroo dhihootti Itophiiyaan olaantummaa guddaa goonfattee turte. Dhiibbaa Itoophiyaatiin kan ka’e bulchiinsi Isaayyas warra Lixaa biratti jibbamuun qoqqobbiin garagaraa itti fe’amaa ture. Gaanfuma Afrikaattuu dhaabbatuma naannoo IGAD keessaahuu of baasanii turan. Yoo tarii Masrii taateen ala biyyi ifatti Eritriyaaf fira taate hin turre. Raashiyaafi Chaayinaan jaallummaa ilaalcha siyaasaa muldhisaniifis deeggarsa qabatamaa laataafi hin turre. Itoophiyaan garuu, hoggansa Mallasaa jalatti biyyoota humna gurguddaa Lixaafi Bahaatis firoomfattee, gaanfa Afrikaatti olaantummaa goonfattee turte. Bara Abiy kana humni diplomaasii Itoophiyaa baruma baraan laaffachaa deemaa jira. Jabinni diplomaasii biyya tokkoo guddina diinagdee, cimina waraanaa, tasgabbii keessoo, dandeettii hoggansa siyaasaafi diplomaatotaa irratti hundaa’a. Bara bulchiinsa Abiy Itoophiyaan ulaagaalee kana hundaan laaffataati deemte. Sababa walwaraansa keessootiin RIB ni laaffate, diinagdeen ni quucaare, nagaafi tasgabbiin keessoo ni jeeqame. Kun ammoo humni waliigalaa biyyaa akka laaffatu taasise. Hariiroon diplomaasii dantaa irratti waan hundaa’uuf, qaamni kamuu biyya humni ishii cimaa deemu firoomfachuu fedha, kan humni laaffataa deemu irra bu’aan argatu waan hir’atuuf irraa fagaata. Dur biyyoonni gariin dantaa nageenyaa ( security) kaawwan ammoo diinagdeef Itoophiyaa waliin hariiroo diplomaasii cimsachuu barbaadu ture. Warri sababa nageenyaan hawwataman, gaafas Itoophiyaan humna waraanaa cimaa of bira dabree biyyoot biroof nagaa eegsisuuf bobba’u, tasgabbii keessoo birqabeessaan fooyya’aa tahe qabaachaa waan turteefiidha. Amma Itoophiyaan waraana riphee lolaa keessoo to’achuu dadhabde, biyya ollaatti nagaa eegsisuuf dirmatu osoo hin taane madda jeequmsaa taatee laalamti. Gama diinagdees taanaan tasgabbiin dhabamuun Itophiyaatti invastimentii dhangalaasuun balaa kasaaruu akka fidutti waan laalamuuf, warra silaa gara diinagdeen harkifamuu malanis nu dhabsiiseera. Kan biraa dhiisaa Chaayinonni haala ulfaataa keessattuu cichanii hojjachuun beekaman, baay’inaan Itoophiyaa gadi lakkisanii bahaa jiru. Laafina humna biyyaatiin dabalata ministeera haajaa alaatiif xiyyefannaan kennamu hedduu hir’achuun dhageettii diplomaasii Itoophiyaa hedduu miidheera. Abiy hojii diplomaasii irra jireessaan ministeera haajaa alaa irraa fudhachuun waajjira mummicha ministeeratti dabarse. Murtiileen diplomaasii gurguddoon osoo ministeerrifi diplomaatonni ol’aanoon quba hin qabne raawwatamanii miidiyaa irraa dhagayama. Kan biraa haa hafuutii immamatumtti haajaa alaatuu sirnaan bocamee hin jiru. Ambaasaadaroonni biyya alaatii leenjii waggaaf biyyatti waamaman torban lamaa, sadiif koridoorii laalanii, maddamarii barsiifamanii addaan galu. Kun ammoo ministeerri suniifi diplomaatonni biyyatti hamileefi odeeffannoo gahaan maletti akka soho’an taasise. Amalli dhuunfaa Abiyyis dhageettii diplomaasii Itoophiyaa laaffisuu keessatti shoora qaba. Hogganoota biyyoota ollaafi fagoo heddu arrabsuu, hamachuufi sobuun muufachiiseera. Laafinni humna biyyaatiifi laamsha’uun ministeera haajaa alaafii amala badummaan Abiy walitti dabalamee, dhaabbii diplomaasii Itoophiyaan Afrikaafi addunyaatti qabdu baay’ee hiri’ise. Gara Eritriyaa yoo ilaallu ammoo waggoottan as aanaan kana hariiroon diplomaasii isaanii fooyya’aa deemuu hubanna. Fooya’iinsa kanaaf ammoo shoora guddaa kan taphate Abiy mataa isaati. Karaa lamaan. Kan duraa akkuma angotti dhufeen qoqqobbiin Eririyaa irra ture akka ka’uuf dhageettii gaafas qabu fayyadamee gargaare. Kan lammataa ammoo hoggansa Abiy jalatti Itoophiyaan jeequmsa keessa seentee humni biyyummaa ishii laaffachuun, ilaalchifi hariiroon biyyoonni heddu Isaayyas irrattti qaban akka jijjiramu taasise. “Abbaa irree hamaas ta’u biyya ofii tasgabbeessee bulchaa jira” jechuu eegalan. Jeequmsa Gaanfa Afrikaafi Galaana Diimaa borcaa jiruuf waahila (partner) ta’ee mul’ate.

  • Kan gama Eritriyaa haa laallu. Ummanni biyyattii sirna abbaa irree nuffuun isaanii beekkamaadha. Kanas mormii waggoota dabran biyyoota alaa keessatti geggeefamurraa hubachuun ni danda’ama. Kanarraa ka’uun aggaammii mootummaa Isaayyas irratti gama kamiinuu taasifamu ni deeggaru jedhanii tilmaamuun ni danda’ama. Garuu akkaataan Abiy sababa lola kanaa kaaye kan isaayyas fayyadeedha. Akeekni lola kanaa Isaayyas kuffisuu osoo hin taane, buufata doonii Asab fudhachuu akka ta’etti kaaye. Kun ammoo mootummaa Eritriyaa sababni lolaa walabummaafi akka biyyaatti jiraachuu Eritriyaa akka ta’etti kan kaaye san dhugoomse. Kanarraa ka’uun ummata Eritriyaa keessaa bira dabree warri diyaasporaa dur sirna Isaayyas mormuuyyuu akka cinaa hiriiru gochaa jira. Kanaaf ammoo fakkeenyi jabaan sochiin dargaggootaa farraa Shaabiyaa kan baroota darbaniif biyyoota garagaraa keessatti sirnicha hudhee qabe erga dubbiin Asab kaatee guutumatti sadarkaa jedhamuu danda’uun dhaamuu isaati. Waanuman ofiif arge tokko isiniif haa qoodu. Yeroon Awurooppaa dhaqu ollaan qubadhu san manguddoon dhalootaan Eritriyaa ta’an jiru. Waggoota dabraniif yeroon dhaqu buna waliin dhugna. Jarri sun dur lola bilisummaa Eritriyaa keessatti hirmaachaa turan. Gariin miseensota Jabaha, kaan ammoo kan Shaabiyaati. Hundinuu garuu gaafan ani dura arge mootummaa Isaayyas hadheeffatanii mormu ture. Jalqaba kanan wal baradheen bara qabsoo Qeerroo san ture. Boodarra gaaf Abiy angoo qabatee isaayyas waliin mirqaanan san jaarsoliin sun dallansuu guddaa keessa turan. Achirraa kaasee hamman hidhaa bahee deebi’ee argutti ejjannoon farra Isaayyaas sun achuma ture. Baatii jaha yoo wal agarru, namuma biraa ta’anii natti as bahan. Isaayyas faarsuu baatanis Abiy abaaran.Miira jara sanaa isaan keessa tokko kan dulluma keessa kiraanchiin deemu dubbate sirritti ibsa. Isaayyas nan jibba, har’as borus. Garuu weerara lafa keenya murachuuf deemuufi walabummaa Eritriyaa dhabamsiisuuf deemu duran dhaabbadha. Biyyatti galee miilaan deemuu dadhabus mishigii keessa taa’ee hamma du’uu dhukaasa’ jechuun miira dallansuu hamaa tokkoon dubbate. Jijjiramni ejjannoo humnoota farra Isaayyas turanii kana madaaluuf hayyootaafi gameeyyii siyaasaa mormituu Eritriya heddu dubbiseera. 10 keessaa 8 ejjannoo walfakkaataa qabu. Aarsaa kaleessaatu jira. Warri hin deeggarreeyyuu dubbachuuf rakkatu. Yaaliin Abiy mormitoota Ertiriyaa gurmeessee bobbaasuuf taasise kan hammas hin milkaayiniifis kanuma. Waliigalatti Abiy sababa lola kanaa Asab gochuun isaa Isaayyaasiif badhaasa guddaadha. Mormitoota, keessattuu biyya alaatti saffisaan jabaachaa turan laamshessuun, ilaalcha ummata biyya keessaafi diyaasporaa deebisee of cinaa hiriirsuuf Isaayyaasin gargaaree jira. 4. DIINAGDEE Diinagdeen Itoophiyaa kan Ertiraa irra dachaa hedduun guddaa ta’uun beekkamaadha. Garuu ammoo galiin mootummaa Eritriyaa xinnaa ta’us baasiin hedduu xiqqaadha. Humna nama xinnaatu miindaa mootummaan jiraata. Loltoonni irra jireessaan kaffaltii malee bilisaan tajaajilu. Sirna abbaa irree hidda jabeeffate waan ta’eef malaammaltummaan hedduu xinnaadha. Liqaan biyya alaa waan irra hin jirreef kaffaltiin bara baraan irraa eeggamu hin jiru. Gama Itoophiyaan dubbiin faallaadha. Galiin guddaa ta’us baasiinis akkasuma guddaadha. Humni namaa sirnicha gubbaa hamma gadii guutee jiru, imaammataafi yaada paartii biyya bulchutti kan amanu osoo hin taane, raabsaa faayidaa (rent distribution) irratti kan hundaayeedha. Malaammaltummaan waan aadeffameef qabeenyi mootummaa hojiif osoo hin taane dantaa dhuunfaaf karatti butama. Wal waraansi waggoota darbanii diinagdee laamshesseera. Liqaan guddaan waan irra jiruuf baajata waggaa keessaa harki guddaan idaa kana ofirraa kafaluuf baha. Baasii keessoofi alaa kanatti dabalataan lolli biraa dhohee, yeroo dheeraa yoo fudhate diinagdee daran laamshessa. Humni namaa faayidaaf jecha sirnichatti gaafas sababa deeggarsa itti fufuuf hin qabaatu. Dimshaashumatti haalli diinagdee Itoophiyaa amma keessa jiru lola biyya biraa waliin taasifamu kan baasii guddaa gaafatu baadhachuuf duugda dandeessisu hin qabu. 5. DIPLOMAASII

  • b) Guuza Alaa Abiyyifi faarse bultoonni isaa akka waan lolli kun waraana Itoophiyaafi Eritriyaa jiddutti qofa geggeeffamuu heduutti yommuu xiqqeessanii laalan agarra. “Itoophiyaa ummata miliyoona 130 qabduufi Eritriyaa miliyoona 3 qabdu” jechuun irra deddeebi’anii dubbatu. Kuni dogongora. Lolli baroota kanaa kan gamni lama qofa irrattin hirmaatan miti. Kanaaf ammoo waan Liibiyaa, Siiriyaa, Yaman fi Suudan keessatti ta’aa jiru laaluun gahaadha. Lolli takka eegallaan humnoota heddutu kallattiifi al-kallattiin guuza baha. Kun ammoo itti bahani (outcome) lola sanii jabina humnoota lamaan jalqaba wal haleeluu eegalanii irratti kan hundaa’u akka hin taane godha. Adeemsi lola sanii hamma dhiheessii, tarsiimoofi hirmaannaa biyyoota alaa kana irratti murtaa’a. Fakkeenyaaf lola Yaman kan armaan olitti tuqne san keessatti biyyooni alaa kallattiin hirmaachaa turan. Suudifi Emaarat gama mootummaa Yaman yennaa goran Iraan ammoo gara Huutii gorte. Lola Suudan amma geggeefamaa jiru keessatti ammoo Emaaraatifi Itoophiyaan gara RSF yoo goran, Marsii, Eritiriyaafi Suudiin gama SAF goran. Osoo biyyoonni kunniin hirmaachuu baatanii, lolli yamaniifi Suudan sun humnootuma gama lamaatti daanga’ee turee silaa carraan gamni tokko injifatee bahuu guddaa ture. Lolli Abiyyiif Isaayyas kun yoo eegale biyyoonni fagoof dhihoo kallattif duugda duubaan hirmaatan heddutu jiraata. Akka amma argaa jirruun Emaarat fi riphee loltootanni Suudan (RSF) gara Abiy goru. Masiriifi Rayyaan Ittisa Biyyaa Suudan (SAF) ifatti gama Isaayyas goru. Saawdii Arabiyaanis duugda duubaan gamasuma. Biyyoonni ollaa biroos kallattiifi ifattis ta’uu baatu naatoon isaanii gamuma Eritriyaa ta’a. Naatoo irra dabranii tumsa kallattii taasisuuf adeemsa lolichaa laaluun kan murteessan ta’a. Waliigalatti lolli kun gama lachuunuu humnoota dhihoofi fagoo heddu waan hirmaachisuuf, akka amma yaadamu yeroo gabaabaatti gatii xinnaan injifannoon xumuramuuf carraan jiru dhiphaa ta’uu gamanumaa hubachuun feesisaadha. 3. HAWAASUMMAA Lolli biyyoota lama jidduutti godhamuuf ( interstate wars) cimina humna waraana ofiifi tumsa kan alaatin dabalata deeggarsi hawaasa biyyoota sanii murteessaadha. Loltoota jiran hamileessuuf, loltoota haaraa dabalachuuf akkasumas deeggarsa leeccalloofi hamilee argamsiisuuf ummanni lola san itti amanee deeggaruu qaba. Kanarraa kaanee haala qabatamaa Itoophiyaafi Ertiraa haa ilaallu. Sababni gamni lameen lola kanaaf dhiheessan ( cause of war) irraa haa kaanu. Gama Itoophiyaatiin sababni lola kanaa abbummaa buufata doonii goonfachuudha. Kan gama Eritriyaa ammoo walabummaafi baraaramuu biyyattiiti ( national survival). Itoophiyaan buufata doonii malee hafuun gaabbii lammileen ishii hundi hiratan akka ta’e beekkamaadha. Yaaliin buufata doonii deebisanii argachuu kana ummaticha kallattii hundaan kakaasuuf ni fayyada. Garuu haalli qabatamaan keessoo Itoophiyaa amma jiru kan ni dandeessisaa? Yeroo ammaatti ilaalchi biyyummaa (patriotism) fi komiin/ shakkiin sabummaan ( ethnonationalism) waldorgomaafi wal faalleessaa jiru. Qaamoleen hawaasaa dur ajandaalee akka buufata doonii kanaaf si’aayina cimaa qabaachuun beekkaman yeroo ammaa komiifi ilaacha sabummaan dhuunfatamanii jiru. Hamileefi si’aayina kaleessaa saniin sochoosuun rakkisaadha. Akkaasumas mootummaa angoorra jiruufi ajandaadhuma buufata doonii kana akka dhimma saba tokkootti dhiheeffamuun isaa dogongora guddaa saboota biroo moggeesseedha. Dabalataan qaala’insi jireenyaa kufaatiin diinagdee dhaqqabsiiseefi nagaan bahanii galuu dadhabuun wal waraansi keessoo dhaqqabsiise, lammiileen biyyatti, ajandaa biyyummaa caalaa lubbun jiraachuu mataa isaaniif dursa akka kennan taasiseera. Kanaafuu dhimmi buufata doonii har’as qalbii ummataa kan harkisu ta’us, akka dur deeggarsa lukkuu hanga lubbuu ummata guutuu biyyattii sochoosa jedhanii tilmaamuuf rakkisaadha.

  • Jibuutiin xiqqoon sanuu daangaa Itoophiyaa dabartee riphee loltoota Affaar rukutuu ishii yaadadhaa. Sadarkaa biyyaatti dhiisi humnoonni riphee lolaafi maafiyaan yakkoota qoricha sammuu daldalanuu diroonii hidhatanii jiru. Kanaafuu akka Abiyitti ifatti mul’isaa itti dhaadatuu baatanis jarri Eritriyaa diroonii hidhachuun isaanii waan hin oolle. Diroonii ilaalchisee oftuulummaan daangaa darbe mul’achaa jiru kanarratti of eeggannoo feesisa. Osoo olaantummaan humna qilleessaa qophaatti injifannoof gahaa ta’ee silaa humnoota Huutii kan Yamantu moo’amee dhabama ta’a ture. Akkuma yaadatamu Suud Arabiyaafi Emaaraat mootummaa Yamaniif tumsuun humnoota Huutii xayyaarota ammayyaafi dirooniin waggoota shaniif ( 2015-2022) halkanii guyyaa boombii itti roobsaa turan. Dhumarratti dadhabanii dhiisanii keessaa bahan. Huutiin ibidda samiirraa itti biifamaa turan san mara dandamachuu qofa osoo hin taane har’a Yaman irratti olantummaa goonfachuu dandeessee jirti. Kanaafuu Abiy tumsa Emirates waliin dabalateetuu olaantumma jeettiifi diroonii qofaan, lola lafootiin alatti, injifannoo mirkaneeffachuun akka amma geeraran kana laafaa hin ta’u. 2.HIRIIRAAFI HARIIROO HUMNAA ( War Coalition and Balance of Power): Lolli kun yoo eegale kan Raayyaalee Waraana biyyoota lamaanii jiddutti qofa geggeeffamu hin ta’u. Riphee loltoonni gama lamaanii akkasumas biyyoonni alaa shoora guddaa taphatu. a) Haala Keessoo: Lolli kun yoo kan jalqabu taate humnoonni Itoophiyaa keessaa Abiyyiin waraana jiran gara Isaayyas goruun waan ifa jirudha. Kan humna Tigraay ifa baheera. Kan Amaaraafi Oromiyaa keessaas, kallattiin Eritriyaa waliin tumsa tolfatanii yoo duuluu baatanis, gaafa Abiy RIB naannolee lamaanii bobbaase carraa san fayyadamuun haleellaa cimsuun waan hin oolle. Tumsi humna waraanaa Eritriyaafi Tigraay akka amma faarsee bulaan odeessitu kan tuffatamu miti. Humni lamaan sun ajajootaafi lolchiiftota muuxannoo bara dheeraa horatan qaba.Dabalataan gamni lachuu lola dhabamarraa of baraaruu ( survival) geggeessu. Yaadadhaa, humnooni Tigray lola darberatti kan RIB guututti injifachuu dadhabaniif gama hundaan marfamanii dhiheessii rasaasaa waan dhabaniifi. Amma galaanni diimaan bal’atee banameefii jira. Gaheen humnoota Faannoofi WBOs laafaa hin ta’u. Kan Faannoo yoo xinnaate dhiheessii RIB gama kaabaatti fe’atu karaatti haleeluun laaffisuu mala. Humni WBO ammoo, duubee Bilxiginnaa kan taate Oromiyaan gaafa RIB keessaa bahe unkuruun taa’umsa dhorguu mala. Dhiibbaa Faannoofi WBOn Amaaraafi Oromiyaa keessatti irraan gahan dandamachuuf RIB hamma tokko naannolee sanatti hambisuun dirqama ta’a. Kana jechuun RIB humna guutuun gara Eritriyaafi Tigraay hin duulu, Kun ammoo milkaa’ina lola achitti geggeeffamuu irratti dhiibbaa mataa isaa qabaata. Wanti biraa hubatamuu qabu lolli marsaa kana Eritriyaa waliin godhamu bakka itti taasifamu lafa ammaan duraa irra miti. Bara Dargii lolli godhame lafa Eritriyaa keessatti ture. Bara Wayyaanee ( 1998-2000) ammoo daangaa Tigraayfi Eritriyaa irra ture. Amma battalli lolaa gara jiddugaleessatti gadi siqeera. RIB Tigraay keessaan dabree loluu hin danda’u. Carraan daangaa Eritriyaa ittii dhaqamuu danda’u Afaariifi Walqaayit ( Tigraay Lixaa) tti. Gama daangaa Affaariin ( Buree) lola milkaa’aa geggeessuuf haalli qilleensaafi teessuma lafaa hedduu rakkisaa akka ta’e warri lola amma dura taasifame irratti hirmaatan ragaa bahu. Fakkeenyaaf lola 1998-2000 taasifame san battala hunda keessaa kan gamni Itoophiyaa loltoota heddu itti dhabeefi dhiibee seenuu dadhabe Buree akka taate beekkamaadha. Gama daangaa Suudanis taanaan, humni Tigraay Suudan keessa jiruufi waraanni jeneraal Burhaan danqaraa guddaa ta’u. Waliigalatti hiriirrifi hariiroon humnoota hidhatanii kan yeroo ammaa Abiy caalaa gama Isayyaas kan aanu ta’uun hubachuun feesisaadha. Gama Eritriyaatiin riphee loltoonni Itoophiyaan deeggaraman akka jiran beekamus, humni waraanaafi lafti isaan itti socho’an hedduu xinnaa waan ta’eef, itti baha lola Abiyyif Isaayyaas irratti gaheen isaanii tilmaama keessa galuu kan danda’u miti.

  • BALAA BAKKA HIN WARAANNETTI LUQQIFACHUUN FIDDU Jecha gaafan Adaamaa baradhu joollee gosa Oromoo Karrayyuurraa dhagaye kanin yeroo heddu deddebi’ee dubbadhutu jira. Kunis ‘Tooridaa (billaa guddaa san) bakka hin waraannetti hin luqqifatan’ jettuudha. Yaadni isaa namni tooridaa/togorrii hidhatee jiru nama waldhabeen san waraanuuf yoo murteesse malee itti doorsisuuf luqqifachuun balaa qaba kan jedhuudha. Ati doorsisuu qofaaf waan luqqifatteef hin darbattu. Namichi garuu na waraanuu heda jedhee ofirraa ittisuuf sitti dhidhimsa. Dubbii tana maafin kaase seetan? Nama haasaa Abiy tibba kana paarlaamaa irratti taasise dhaggeeffateef, waanuma borumtaa isaa lola banee buufata doonii Asab nuuf fidu fakkaata ture. Dhugaan garuu Abiy ammatti Ertiraas taatee,Tigraay waliin lola banuuf fedhiis qophiis hin qabu. Humna waraanaa, deeggarsa hawaasaafi tumsa dipilomaasii lola sadarkaa kanaa geggeessee moo’achuuf isa dandeessisus hin qabu. Garuu ammoo ololli inniifi dabballoonni isaa hoo’isaa jiran kun lola kana fiduu hin oolu. Barreeffama kana keessatti madaala humnaa gamaa gamanaatifi balaa qophiin maletti olola waraanaa geggeessuun fiduu maltu xiinxallina. 1. HUMNA WARAANAA Raayyaan Ittisa Biyyaa amma jiru lola biyyaan alaa geggeessee injifachuuf qophaa’ina akka hin qabne qaamni xiyyeeffatee laale kamuu kan irratti waliigaluudha. Laafina RIB kanaaf sababoota heddu tarreessuun ni danda’ama. Raayyaan kun Wayyaaneen ijaarame. Gaafa isaan Aangorra kaafaman haaromsi geggeeffame jedhamus kan humna jaarmiyaa ( institutional capability) cimsee miti. Haaromsi jedhame qondaalota sabaan Tigree keessaa yaasuun kanneen biroon bakka buusuu bira kan dabre hin turre. Jijjiramni humna namaa haaromsa waraanaaf barbaachisu keessaa isa tokko malee gahaa miti. Haaromsi imaammataa ( policy) fi akeeka loltummaa ( indoctrination) hedduu barbaachisaadha. Kun hin taasifamne. Bakka haaromsi sirna qabeessa hin geggeefaminitti lolli Tigraay dhooye. Raayyaa Immaammata ifaa hin qabneefi akeeka loluuf irratti hubannoon gahaan hin kennaminiiftu lola san seene. Bu’aan isaas gaaga’ama hamaa ture. Duula jalqabaatiin olaantummaa argatee Maqalee to’atus injifannoo tikfatee turuu hin dandeenye. Lolli babal’ataa waan deemeef humna lakkoofsaafi hidhannoon irra xiqqaa ta’een moo’ame. Meeshaalee gurguddaa irraa fudhatameen dabalata qondaalonni sadarkaa jiddugaleessaa kan sarara jalqabaarraa lolchiisan, kan milkaa’ina Raayyaa tokkoof barbaachisoo tahan kumaatamaan dhumatan. Qondaalota leenjiifi muuxannoon jara san bakka bu’an horachuun waggoota heddu fixa. Hanga ammaatis bakka buusuun hin danda’amne. Lolli Tigraay haasaa araaraatin yeroof dhaabbatus RIB garuu haara galfatee of ijaaruuf carraa hin arganne. Lola Oromiyaatti taasifamee tureen dabalatee Naannoo Amaaraatti waan dhoo’eef garas bobba’e. Wal waraansi lamaan kun hanga kan Tigraay san dhageettii dhabus RIB miidhaa dabalataaf saaxile. Kunis lola naannoleefi saboota gurguddoo lamaan miseensi Raayyaa keessaa dhufe keessatti geggeefame ta’uun qoqqodamni sabummaa akka hammaatu taasiseera. Waliigalatti yeroo ammaa Raayyaan Itoophiyaa kan haaromsi gahaan hin godhaminiif, kan wal waraansi waggaa torbaa humnaafi haamilee buuse, kan ilaalchi sabummaafi biyyummmaa harkaa waldhahetu jira. Laamsha’ina kanaaf ragaan salphaan loloota Oromiyaafi Amaara keessatti riphee loltoota lakkoofsaafi hidhannoon isa hin gitneen moo’amaafi dhibbatamaan booji’amaa oolu isaati. Kanaafuu Itoophiyaan yeroo kanatti waraana amansiisaa lola biyyaa alaa geggeessuu danda’u qabdi jechuun rakkisaadha. Abiy laafina waraanaa kana waan hubatuuf, olaantummaa humna qilleensaan, keessattuu kan dirooniin dhaadata. Dhugaadha humni qilleensaa Itoophiyaa kan Ertiraa irra cimaadha. Fayyadamni lola irratti bu’aa guddaa akka buusu waan haalamu miti. Garuu ammoo waan lama ilaalcha keessa galfachuun barbaachisaadha. Humni Qilleensaa Eritriyaa qophaa hin jiru. Xayyaaronni Suudan guututti achi jiru.Gama dirooninis taanaan, yeroo ammaatti biyyi teknolojii san hin hidhatin hin jirtu.

  • A✅Ulaagaa calallii harka qalleeyyii aanaa/magaalaa guutee yoo argame, B🌿Koree calallii gandaatiin calalamee koree calallii sadarkaa aanaatiin/magalaatiin yoo mirkanaa’e, C✅Tarreeffamni bulchaa maatii harka qalleeyyii tahanii calalaman bulchiinsa aanaa/magaalaatiin mirkanaawe gara dhaabbata inshuraansii fayyaa hawaasaa aanaa/magaalaatti yoo darbe, D✅Baajatni miseesummaaf barbaachisu naannoo fi bulchiinsa aanaa/magaalaatiin bulchaa maatii harka qalleeyyii calalaman tokko tokkoof yoo ramadame, Itti fufa.... #BINIMOS_SHEMALIS Qajeelfama #PDF argachuuf Tg jala seenaa 👉 https://t.me/binimoslawyer

  • #MISEENSUMMAA_FI_KAFFALTII_INSHURAANSII_FAYYAA_HAWAASAA❗️ 💵Miseensummaa, Buusii, Kaffaltii Galmee 📖 Fi Haaromsa Miseensummaa Inshuraansii Fayyaa Hawaasaa Qajeelfama lakk. 21/2013 kew 7-8 jalatti waggaa tokkotti meeqa akka ta'ee tarreessee jira. ⚖️Qajeelfamni kun kwt 8 jalatti haala gadii kanatti tumee jira👇 Kwt8⃣ Buusii, Kaffaltii Galmee fi Haaromsa Miseensummaa 1. Buusiin miseensummaa bulchaa maatii tokkoof waggaatti:- A✅ Aanaa baadiyyaa fi bulchiinsa magaalaa itti waamamni isaa aanaa sanaaf tahe keessatti qarshii 240 (Dhibba lamaa fi afurtama) B✅ Gandoota baadiyyaa bulchiinsa magaalaa jalatti hammatamanii jiraniif qarshii 240 (dhibba lamaa fi afurtama) C✅ Bulchiinsa magaalaa itti waamamni isaanii godinaaf tahe keessatti qarshii 300 (dhibba sadii) D🌿Bulchiinsa magaalaa itti waamamni isaani naannoof ta’e keessatti qarshii 350 (dhibba sadii fi shantama) E✅Daldaltoota kaffalaa gibiraa sadarkaa A ta’aniif qarshii 1000 (kuma tokko), sadarkaa B tiif qarshii 700 (dhibba torba) fi sadarkaa C tiif qarshii 500 (dhibba shan) 2⃣ Miseensi kamiyyuu yeroo jalqaba galmaa’u kaffaltii galmee qarshii 10(kudhan) kan kaffalu ta’ee haaromsa miseensummaatiif qarshii 5 (shan) kaffaluu qaba. 3⃣Kaffaltiin galmee fi haaromsa waraqaa eenyummaa, nagahee fi maxxansa adda addaaf ni oola; 4⃣Hangi buusii miseensummaa baayyina maatii bu’uuraa yaada keessa osoo hin galchin haala walfakkaatun bulchaa maatiitin taha; 5⃣Bulchaan maatii haadha manaa lamaa fi isaa ol qabu buusii idilee waggaatti bulchaa maatiif murtaa’e irratti dabalataan % 50 kaffalee miseensa ni taasisa. 6⃣Bulchaan maatii maatii dabalataa fayyadamaa inshuraansii fayyaa hawaasaa taasisuu yoo barbaade, kaffaltii buusii bulchaa maatiif murtaa’e kessaa waggaatti nama tokko tokkoof buusii dabalataa %20 (dhibbantaa digdama) kaffaluu qaba 7⃣Bulchaa maatii harka qalleeyyii ta’ef mootummaan ykn qaamni sadaffaa maqaa isaatiin kaffalee miseensa ni taasisa. 8⃣Maallaqni galmee miseensummaa fi buusii walitti qabamu fi galii kan biroo irraa argamu kamiyyuu lakkoofa herreega baankii maqaa dhaabbata Inshuraansii Fayyaa Hawaasatiin baname keessatti kuufamuu qaba. 9⃣Maallaqni ganda irraa sassaabame yeroo torban lama hin caalle keessatti gara baankiitti galuu qaba. 🔟Maallaqni miseensota gandaa magaalaa irraa sassaabamu qarshii 2000 (kuma lama) fi isaa ol yoo tahe gara baankiitti galuu qaba. 1⃣1⃣ Maallaqni buusii miseensummaa irraa sassaabamu kaffaltii tajaajila fayyaa miseensotni fi maatiin isaanii argataniif ni oola. Keewwata 7⃣ #MISEENSUMMAA 1⃣ Jiraattootni gandaa miseensa inshuraansii fayyaa hawaasaa ta’uun dura hubanoo gahaa argachuu qabu; 2⃣Keewwata kana keewwata xiqqaa 1 jalatti kan ibsame akkuma jirutti ta’ee jiraattotni ganda sanaa hundi fedhiidhaan miseensa tahu; 3⃣ Miseensummaan inshuraaansii fayyaa hawaasaa dhuunfaadhaan osoo hin ta’iin bulchaa maatiitiin taha; 4⃣Miseensi inshuraansii fayyaa hawaasaa kamiyyuu buusii fi kaffaltii galmee kaffaluu qaba; 5⃣Galmee fi haaromsi miseensummaa waggaatti yeroo tokko qofa tahe yeroon isaas yeroo oomisha ykn galii aaniichaa/magaalicha irratti kan hundaa’u ta’ee ji’a Mudde 1hanga Guraandhala 30 gidduutti ni taha; 6⃣Miseensi inshuraansii fayyaa hawaasaa kamiyyuu miseensummaa isaa kan ibsu waraqaa eenyummaa ni qabaata; 7⃣Keewwata kana keewwata xiqqaa 4 jalatti kan tumame akkuma eegametti tahee, namootni harka qalleeyyii ta’anii calalaman kaffaltii qaamni sadaffaa raawwatuun miseensa inshuuraansii fayyaa hawaasaa ni tahu. 8⃣Keewwata kana keewwata xiqqaa 7 jalatti kan tumame raawwatiinsa kan qabaatu calalliin harka qalleeyyii akkaataa Qajeelfama Kenniinsa Tajaajila Fayyaa fi Bulchiinsa Dhaabbilee Fayyaa fooyya’e lakk 08/2007 kutaa afur keewwata 42 hanga 54 irratti ibsameen taha. 9⃣Keewwata kana keewwata xiqqaa 8 jalatti kan tumame akkuma eegametti ta’ee, harka qalleeyyiin miseensa inshuraansii fayyaa hawaasaa kan tahan:

  • без подписи

  • без подписи

  • #KAFFALTAA_GIBIRA_GALII_LAFA_QONNAA ⚖️ Labsii Kaffaltii Itti Fayyadama Lafa Baadiyyaa fi Gibira Galii Hojii Qonnaa Naannoo Oromiyaa murteessuuf ba'e Labsii Lakk 255/2016 maal jedha? ⚖️ Gibira gaafa kaffaltan akkaataa labsii lakk. 255/2016 gibira Galii lafaa fi Qonnaa Naannoo Oromiyaa Kew. 10 kanaatiin nagahee waliin kaffalamuu qaba. ⚖️ Lafa Hektaara tokkotti kaffaltiin gibiraa kaffalamu meeqa? Hammi kaffaltii gibiraa akkaataa kamiin herreegama...? ⚖️ Labsii Kaffaltii Itti Fayyadama Lafa Baadiyyaa fi Gibira Galii Hojii Qonnaa, labsii lakk 255/2016 keewwata 8 (1) jaatti 👉 Lafa Baadiyyaa Oomisha qonnaaf itti fayyadaman oomisha qonnaa fi midhaanii kanneen akka Boqolloo, Bishingaa, Garbuu fi Kkf qofaaf yoo ta’e, 👌 Lafa hektaara tokkotti qonnaan bulaan gibira qarshii 400 qofa kaffala jedha. 👌 Lafa oomisha Baargamoof oolu ammoo hektaara tokkotti gibira qarshii 1300 kaffala jedha. Labsicha keewwata 8 (3) jalatti 👌 Qonnaan Bulaan Lafa baadiyyaa hektaara 1 gadi ykn hektaara 1 ol qabu bal'inni lafichaa hanga kaffaltii gatii hektaara 1f murtaa'een baay'atee herreegamee kan kaffalu ta'a." jedha. ⚖️ Labsicha keewwata 10(1)A jalatti ammoo 👉Lafa baadiyyaa Oomishaalee akka bunaa fi jimaatiin fayyadamaniif hektaara tokkotti gibirri kaffalamu Qarshii 1,250 (Kuma Tokkoo fi Dhibba Lamaaf Shantama) qofaadha jedha labsiin. ⚖️ Labsicha keewwata 10(1)B jalattiis:- 👉 Lafa oomishaalee akka baala shaayii, mieessituu fi urgeessituu, avokaadoo, paappayyaa, muuzii fi oomishaalee walfakkaatan biroo irratti hektaara tokkotti gibira Qarshii 1100 (kuma tokkoofi dhibba tokko) kaffalan jedha. 👉 Lafa Jallisii ammoo gibirri kaffalamu ⚖️ Labsicha keewwata 9 jalatti 9. Hanga Kaffaltii Lafa Baadiyyaa Roobaafi Jallisii yookiin Jallisii Qofaan Oomishamuu irratti:- 1) Namni mirga ittifayyadama lafa baadiyyaa jallisiin misoomu qabu kamiyyuu :- (a) Jallisii aadaatiif hektaara tokkotti gibira Qarshii 650 (dhibba jahaa fi shantama) kaffala jedha. (b) Jallisii ammayyaatif hektaara tokkotti gibira Qarshii1,050 (kuma tokkoo fi shantama) kan kaffalu ta'a jedha. 2) Namni Lafa Baadiyyaa hektaara tokko gadi ykn tokkoo ol qabu bal'inni lafichaa hanga gatii Qaamni labsii kanaan ala bahee kaffalchiisuu fi nagahee malee qarshii sassaabuu labsii Malaammaltummaan himatamuu danda'a kanaafia Abboottii Alangaa hubannoo seeraa cimsanii kennuu qabu. #SHARE ____ Itti fufa................. #BINIMOS Labsii #PDF argachuuf 👉 https://t.me/binimoslawyer

  • без подписи

  • без подписи

  • Gurbaan kun Gandoota dirree Dhawaa keessa bulan Director mana barumsaa Gadansar ture. Ijolleen Abdi illeen  akkatti ajjeeftee gattee . Reenfa Obbolessa isaa  ammoo har'a polisiin DIRE bakka gatame irra qaama isaa feestaalaan walitti sassabanii awwaalamee Link armaan gadii irraa vedio guutuu arkachuu dandeessan feacebook waan hin hayyamneef link Telegram nama kanaa seenaa laalaa👇👇👇👇👇👇 https://t.me/Behonest43

  • https://www.facebook.com/abdiqoph

  • Abdul ja,ii na yaami Aniis niin owwaadhaa Anaa fi ati yoomuu Hangafa obbolaadha Ani obbolummaa kee Dhiigaaniin siif tiiysa Lubboo koo siif keennee Yoo fetellee kuma rasaasaa Obbolaadha kan jennu Shamarreedhaafi dhiirti Gadameessuma tokkoo Dhalachuu qofaa miti Diidaa wolitti dhufee Tiruu ta'a obbolaa Akka tiruu keetiitti Caba kee siif okkolaa Ormi obbolaa ta'uun Kan dubartiifi dhiiraa Obbolummaan akkasii Eeyye hinuma jiraa Baayee namaatu morma Wanta kana gar- malee Hin jiru wanti akkasii Chiikii yoo ta'e malee Jedhanii amananii Ija shakkiin jiraatuu Jarri fedha ofii qofaaf Shamarratti dhiyaatuu Eeyyee namoonni akkasii Fedha fooniif jiraatuu Obboleessan tahaafi Isheenis obboleettii Nu lachu wol jaallanna Akka obbolaa tiruuttii Baayee kan wol jaallattan Akka maatiif firaa Dubartuma ta'uu ishee Gaafa dagattu jiraa Hiriyaadha jettee Si amantee jiraatti Atis amanamuufiin Dirqama mataa keetti Kanaafuu komii dhiisii Namootarraa laalladhu Amanamaa ta'iitii Obbolummaan jiraadhu