- Последний пост
- 19 мая
- Последнее чтение
- 14 авг.
- Постов за неделю
- 0
- Всего постов
- 33
- Тип
- открытый
- Язык
- om
- В каталоге с
- 13 авг.
- 1/24сутки в ленте
- —
- 1/48двое суток
- —
- 1/72трое суток
- —
Оценка по просмотрам недавних постов: пост набирает почти всё за первые сутки.
Посты
OF AJJEESUU? Biyya keenya keessatti gochi of ajjeesuufi du'a suukkanneessaa tahe hedduu mul'ataa jira. Dhaloonni ammaa keessumaa dargaggoonni aarii xiqqoo ishee qabaannaan of balleessuu filatu. Kun maaliif ta'e jennee yoo ilaalle, inni jalqabaa abdii dhabuudha. Namni abdii, obsaafi amantii hin qabne murtoo fokkisaa fudhata. 👉 OBSA: Namootni obsa qaban akkuma warqee ibidda keessatti meeqa gubatee bahee morma, quba, addaafi gurra irra taahuu gaaf tokko ni barbaadamu! Jireenya jiraannu kana keessatti qorumsaafi gadadoo akka carraa jireenyaatti ilaaluu qabna malee carraa du'aaf itti fayyadamuu hin qabnu! Jireenya namoota nuyi dinqisiifannuu hedduun isaanii kufaatii hamaa keessaa dhufanii olbahanii ifu! Sababni obsadha! 👉ABDII: Abdiin humna borutti ittiin cehaniifi carraa jiraachuu kan ittiin argataniidha. Abdii kutachuu dhiisuun tarkaanfiin jireenyaa akka itti fufu taasisa. Kan nyaatanirra kan abdatantu caala jedha Oromoon!! Abdii qabaannaan ni baratta, ni daldalta, bultii ijaarta, qabeenyas ni argatta; abdii hin qabdu taanaan osoo hojjettee carraa hedduu bira gahuu dabdeessuu harka olkaastee du'atti of kennita!!! Itti yaadi....Boriikeef waan gaarii yaadi....!! 👉AMANTII: Namni amantaa isaatti jajjabina hin qabneefi uumaa isaa hin sodaanne, adeemsa inni deemu itti bitaacha'a! Jireenyuma jiraatuun kiyyeeffamaa oola; Uumaa isaa waliinis walitti bu'a! Jireenyi hafuuraa haalaan barbaachisaadha! Akka jireenyaa, hojii, uumaafi uumamaa baruuf amantii ofii Waaqa irra kaawwachuun dhimma filannoo hin qabneedha!!! Walumaagalatti, waanan jedhu yoo jiraate; 1. Waan girrisee dabruuf of hin dabarsiin !!! 2. Qabeenya dhabuun hiyyoomuu, jaalalaan miidhamuu, kasaaruu, jibbamuu, lolamuu, dagatamuu....kkf tahuu mala! Kan hin dabarre waan hin jirreef dhimma lubbuu Waaqayyo nu keessa kaahetti murteessuu kana irraa dhalootni of qusadhaa!!!! Hub: Obboloonni keenya biyya adda addaa irraa ofan ajjeesa; Sagalee koo ishee dhumaan waraabaa jira 'bye bye' jettan xiqqoo itti yaadaa!!! Rakkinni haaraan ilma namaa irra gahee hin beekne, sirra hin geenye !!!! Nagayaan naaf turaa......!!!! 🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏 Via: Turaa https://t.me/Dirree_beekumsa
SADII TAANA!. Hafuurri jaalalaa, duungoo keenya utuu hin dhaamsin, Utuu, duungoon aara bittimsee, ija abdii keenyaa, hin jaamsin. Ilaa akkana godhi! Rifeensakee natti marii, hafuurakee morma kootti dhibaafadhu! Gudeedakee natti diri! Daangaa sodaa natti tari! Harkawwan keen, mudhii kootti, marmaradhu! Alanammoo, jaalala kiyya dagadhu, diina godhii, guntutakeen na wara*ni!. Yoos animmoo, booji’ameen harka laadhaa, yoos atimmoo, ija gaabbiin na ilaali! Animmoo, dabaree kiyya sobee aareetan finiinaa Ija kiyya dunuunfadheen, hidhiiwwan koon, hidhiiwwankee cicciniina! Atis sobi! Akka waan dirqisiifamtee, aadda keerraa dafqa jiru haxaawwadhuu! Akka waanta qeensa keetiin na cirtuutti, natti kaadhuu! Jaalalakoon booji’amii, dabareekee harka laadhu! Akka waan bututtee, , dhidhiibduu fakkeesseen, barruuwwankoo, sarbaakeerra balaliisaa Lola deemaa jiruun, yoo hin daballe, ho’inni isaa Akka naaf ho’utti, akka na kiisuufis mariisisaa Harkawwankoo sarbaakeerra, yoo hulluuquu Miironnikee, dadammaqee yoo bulluquu Guntutakeen na waraanteef Gudeedakee natti marteef Gaabbiin dhudha’amii Sagalee hoollatuun Maqaa kiyya waami! “An du’eera” jedhii Miirakee natti himi Nagaa natti dhaami! Sana dura garuu, boolla awwaalcha keetii, wajjin akka buunuuf Du’a miira keetii, wajjin akka duunuuf, Daddabali! Hafuurakee morma kootti dhibaafadhuu, dungoo miirakoo bobeessi! Daandii miirakoo ajje*su luluuccessii Si wajjin du’uun barbaadaa, lafa du’akee na geessi! Du’ichatu jannata, Har’a yoo waliin duunee, bor barii waliin kaanaa, Duungoon keenya utuu hin dhaamin, miirichi yoo biqile, sadii taana! By Eyoo Baa https://t.me/Dirree_beekumsa
Namni kun addunyaarratti dureessa 1ffaadha. Doolaara Ameerikaa biliyoona $850 caalaa qaba! Kaleessa akkas jedhe; "Qabeenyi gammachuu bituu hin danda'u namni jedhe sun dhugaa isaati, namichi waan dubbatu beeka ture" jedhe! Gammachuun maallaqa bira utuu hin taane Waaqayyo bira jira! Gad of deebistee, gaarii yaaddee, gaarii hojjettee - qajeelummaatti yoo jiraatte Waaqayyo gammachuu daangaa hin qabne siif kenna! Galgala gammachuun guute qabaadhaa! Via leta Toora miidiyaa koo sirrin kan #qofa 👇🏾👇🏾👇🏾👇🏾👇🏾👇🏾👇🏾👇🏾👇🏾👇🏾👇🏾 Telegram | Facebook | TikTok | page Keessan na argachuuf @WABIISG tiktok.com/@sanyiigudataa2 Galatoomaa Sanyii Guddataa
Isan..., Dheebuutti gaggabe Eeguutti dadhabe, Isan..., Fagoo laalee of qixeessee Abdii muruut as dhiyeesse, Akkan..., Si dhiisee hin deemne Fuul dura koo gortee Afaan qadaaddattee Na dura dhaabbattee, Mararteen na lolta! Garaa koo na corta! Jaalalaan na moota! Waan feete na goota! Ana of keessat-n baqsite Maashota koo sirreessitee, Isan laafe jabeessitee Galmee keenya haaressite! Natti mul'achuu keen gammachuun mirqaanaa, Jiruun haaromsadha deebi'ee si faana! Natti dubbachuu keen deebi'ee ofitt-aanaa, Bara baayyeen hawwa jiraachuuf si faana! DaaBee...✍️ https://t.me/Dirree_beekumsa
Bara tokko Waggaa torban har'aa - Sagadi jennaan sagade 'Nagadi' jennaan 'nagade' Koottu jennaan dhufe Darbi jennaanis lufe Hafi jennaan hin geenye Rafi jennaan hin teenye Ammammoo, Barrisi waan jetteef akka allaattii Koochoo hin qabu egaa nagaatti! Obbobbosh, Dhibdee bitaa gara ceekuu Isa akkanaa argee hinbeeku! * * * Ambo, Oromiyaa Kanaa’ol Badhaadhaa https://t.me/Dirree_beekumsa
Fuula ormaa dheefan fuula kee dhaabbadha. Oduu namaan nuffe,quba natti qabu, si'iin na hamatu Siin ala ol jedhee,yoon jiraachuu dhabu, na gorsuu keessatti har'a si komatu Dhiifama naaf godhi Situ kana fedhaan,ana sossobanii Qajjisa koo dirqiin Dhadhaan coollessani. Haftee fooliikeetii shurraaba kee dhoksaan narraa fageessani. Ani sin dagachuun, Hawwii keeti jechaa ana jajjabeessu, Anaaf hiree biraa Akka kana feetu anatti odeessu, anatti fakkeessu Dhiifama naaf godhi Hawwii kee yoo ta'es Animmoo danda'ee kudhaamakeen cirre Qaamnikoo kan keeti Onneetti si baadhe qoodee namaan hirre Dhiifama naaf godhi Har'as akka kalee Sin jaaladhe malee maqaakeen yakkine. Kanadha badiin koo ormi si awwaalus ana keessaa duutee, Du'a keen argine Naaf dhiisi Yoon sitti balleesse Waadaa keenya keessaa tokko akkan diige nan beeka atiyyuu dhageesse. Dhiifama naaf godhi, Muufannaa keen arge Cophni imimmaan kootii Yaa'ee gubaan isaa Boqonnaa kee sarbe Naaf dhiisi Natu jabaachurra laafee karaa maqe Guyyuu si eeguun koo ciisa si dhoorkeera, Karra lamaan gidduu jennatan si lage. Dhiifama naaf godhi Bara ati na biraa Barri mucucaatee, Imaanaakoo nyaatee, Kanan ta'an seene,waan tokkon dagadhe Erga turtee booda,waadaa sana keessaa tokko akka-n jiraanne bubbuleen hubadhe. Gaafas, Seenaa jaalalaa seeneffamu keessatti Jaalattoonni bara jiraatan wal jaalatu Kakuuf,waadaa seenan keessattis “Hangan du'utti sii-n dhiisuun” waliif kakatu. ~ Anis kana dhaga'een waadaan hin eegne baadhe, Erga fagaattee booda waadaan siif gale miti waadaa biraan jiraadhe. Maaliif beektaa? Hangan du'utti siin dhiisuun waadaa jalalaaf erga malee Hiikni isaa Erga duutee booda sin dhiisa jechuu akka ta'e naaf gale Dhiifama naaf godhi! Waadaa kana-n jiraadhu,jijjiireen siif kakadha. Eeyyama anaaf laadhu, Hangan du'utti miti, Hanga duututi miti,du'a boodas sin jaaladha. Diribe Haye https://t.me/Dirree_beekumsa
Sin hubatan... Tibba ruudni sitti dhimmisu miixuu Gaafa obsi kee dhumee, aariin si gobee xiixu, Waaqnis namnis gaafa si jalaa callisu! Kan abdattu, kadhaa keef sitti harka yoo ballisu! Gaaf...Dagaleen kee cabdee, At-sagalee gaaf dhabde! Ee... Gaafa garaan si kajeelu dhadhaa Alaaf keessaan deegdee, yennaa deemtu kadhaa! Baroota kee keessaa Barri tokko waan hunda si jalaatii ajjeesa🥺 Harka martee raaree keessa teessa Ee... Waqxiin tokko jira, waqtiin dukkanooftuu Hamileef humna kee, waqxii qorumsi hakooftu Gaafas...ati, Hin hubatamtu Hin fudhatamtu Barbaaddus, carraatu si miliqa Waciitiitu si'iin dhiqa Gadadootu sitti siqa! Ee...hunduu... Sin hubatan Sin fudhatan Haasaan kee taanaan haasaa hiyyeessaa, Nama dhabda nama keessaa! Waaqnis kadhaa kee mara dheessa, Gadadootu si geggeessa🤫 Of gantee eenyummaa keen ala teessa🫠 Ee... Gaafa mucha doomaa hootu Buutiin yeroo sitti lootu Mee maali wanti ati gootu? Maaltu jira obsuu malee? Miixuun kee miixuu gaaf dhalee Kophummaan sitti gaaf gale Homtuun jiru obsuu malee... Jira bara keessa barri tokko Kan siif hiixatu lakkuu rakkoo Qalbiin kee hubatamuu feeti Sin hubatan mooji keeti😏 Gaafas... Sin hubatan Sin fudhatan © Kenbon Ab https://t.me/Dirree_beekumsa
#Dhukkuba_ASIMII (#ASTHMA) ☆☆☆☆☆ Dhukkubni Asimii ujummooleen qilleensaa akka dhiphatan, akka dhiita'aniifi waan tuttufan ykn aakkii namatti baay'isudha. Dhiphachuun ujummoolee qilleensaa kunis rakkoo hargansuu fiduun qufaa, afuurri akka ciccitu gochuu danda'a. #Mallattoolee_Asimii ♦️Afuurri ciccituu ♦️Qufaa ♦️Qoma jabeessee qabuu(Ch.tightness) ♦️Hirriba gahaa dhabuu ♦️Yeroo gara alaatti afuura baafatan sagalee dhageessisuu(Wheezing) ♦️Yeroo utaalloon nama qabu kan namatti jabaatudha. #Wantoota_dhukkuba_Asimii_namatti_jabeessan: 📌Allergy (foolii abaaboo, dhukkee, doodiraantii ykn shittoo) 📌Qufaafi infeekshinii ujummoolee qilleensaa biroo 📌Sochii qaamaan booda, 📌Qilleensa qorraa 📌Faalamuu qilleensaa kan akka aaraan 📌Qorichoota akka (beta blockers, Asprin, Ibuprofen) 📌Of dhiphisuu 📌Dubartoota tokko tokko irratti yeroo marsaa laguu itti jabaachuu danda'a. #Asimiif_maaltu_nama_saaxila? 🔷️Maatii keessa Asimii namni qabu yoo jiraate 🔷️Allergy kan biraa yoo qabaatan(gogaa, saayinesii) 🔷️Ulfaatinni dabaluu 🔷️Sigaaraa xuuxuu ykn kan xuuxu waliin ooluu 🔷️Qilleensi faalamuu, bakka hojiitti keemikaalota adda addaa, hojii rifeensaa, hojii qonnaa 🔷️Asimiin sanyiin ni daddarba jedhamee yaadama. #Ogeessa_fayyaa_yoom_mariisistuu? 🔶️Afuurri ciccituun yoo itti jabaate 🔶️Sochii qaamaa xiqqoo godhee kan afuurri ciccitu yoo ta'e #Asimiin_akkamitti_yaalama? ✅️Asimiin yaalamee guutummaatti fayyisuun hin danda'amu; garuu, mallattooowwan isaa to'achuun ni danda'ama. ✅️Yeroodhaa yerootti ogeessa mari'achuun qoricha akka barbaachisutti fudhachuun gaariidha. ✅️Wantoota namatti kakaasan ykn jabeessan irraa of eeggachuun gaariidha. ✅️Bakka qorraatti afaaniifi funyaan haguuggachuu ✅️Sochii qaamaa dhaabbataan gochuu ✅️Mana keessa jiraataaniifi bakka ciisan haalaan qulqulleessuu. 🙏Fayyaa nutti hin waakkatiin🙏💓 ☆☆☆☆☆ © Dr. Bultii Likkiisaa, 2026 #Follow_n_Share🙏🥰 👇👇👇 https://t.me/Dirree_beekumsa
Yaadadhu Taliile! Silliqqee qabannee jabbilee bobbaafnee Giingoofi cinciriqqee hiphoofi oduu durii Walumaan taphannee Hagamsa bosonaa waliin funaannannee Funaannannee nyaannee Bishaan laga Hawaas gad jennee dhudhaanee Gammachuun habbuqnee Dheebuu bara dheeraa waliin obbaafanne. Foollee weedduu Gadaa walumaan weeddisnee Ireessa buqqisnee Harsadiin qaqqabnee Jiidha jilbeeffannee harootti dhiqanee Uumaa Waaqa keenya ittiin araarfanne. Odaa gaaddisicha jalatti boqonnee Dafqa haxaawannee dugdaan gallee ciifnee ija harbuu nyaannee Dadhabbillee baane Yaraafi gaarii hedduu waliin dabarsine. Har'a hunduu darbee waadaan qoosaa taanaan Seenaan kan koofi kan kee baraan jijjiiramnaan Harki koo qal'atee kan kee immoo gabbannaan Bishaan laga Hawaas guutichi hir'annaan Cuukkoofi cumboo tuffattee waan yaraa dhamdhamte Booka xireeffattee cabbaaya dhudhaate. Uggum yaa barasaa yeroofi jabanasaa Mi'aafi hadhaasaa yaa jabaafi laafaasaa Uumamni kee dachaa akka kennaa Waaqaa Yeroo tokko gogu kaan immoo irraa baqa Tokko yoo dheebotu kaan immoo irraan naqa. Mee yayyaadi---yayyaadi---daddabalii yaadi Yaada keen xiinxali sammuu keetiin sadi Halkan illee raftee guyyaa illee yoo teessu Qaamaanis boqottee yaadaan samii geessu Intala Abbaa Gadaa yaadadhu Taliile Atillee maal qabda Anis maalan qaba Maal qabna wal malee! 1990 By Mootummaa Asaffaa https://t.me/Dirree_beekumsa
Miirichi bar... ❤️ Waliin dubbii onneewwanii Waliif himuu of dhowwanii Mallatticha akeekuudha. Kan wal ta'e haa beekuudha. Malee... Himni bar si'eessituudha, Ichima as dhiyeessituudha. Ramacii araadoftuudha. Gammachuu qoraan iftuudha! Jaalalli bar... Laboobni gamtokkoon seeqe Oobdii daaressuuf yoo saaqe, Dallaa cabbii of gochuudha, Hulaa dubbii aggachuudha. Malee... "Dhiisii"dhaan garaan hin dhiisu, Keessa goge, arrabni hin jiisu. Afaan-afaan, ittuu baabsa, Dungoo bultiif iftu jaamsa! Jaalalli bar... Sochii nyaaraaf hiikoo laata, Kolfa keessaa cuukkoo nyaata. Miireffannaa sooma duraa, Qirqiddaarraa cooma mura! Malee... Jechamni dubbii daddabsa. "Si qirqiduu?"n ni dallansa. Gurra miti, lapheetti himu, Kun aadofnaan... aabbee hin cimu! Elaa michuu... Wal obsinee, obsa dhoksaa, Onnee dhisnee, ol bokoksaa, Hanga yoomii, wal dharraana, of cinatti? Afaan cufii, onneekeetiin, waci natti! Aga Guda 📝 https://t.me/Dirree_beekumsa
видео или голосовое, без подписи
#FINNIISA (#acne_vulgaris) ~~~~ Finniisni rakkoo gogaa qaama keenyaa kan namoota hedduurratti mul'atuufi sababnisaas dibata gogaa keenyaan maddan ykn seelonni du'an yommuu qaawwaa gogaa keenyarratti uumamaan argaman yeroo cufanidha. #Finniisa maalfaatu nutti fida? >Hormoononni qaama keenyaa yommuu jijjiiramana(keessumaa naannoo umurii ga'eessummaa) >Qorichoota hormoonota adda addaa of keessaa qaban. >Marsaan laguu shamarranii yeroo dhufu. >Of dhiphisuu >Maatii keessa namni finniisaan rakkatu yoo jiraate(genetic) #Mallattoolee-gosuma finniisaa irratti hundaa'uun garaagara. -Finniisa adii ta'an (qaawwaansaanii dudduudaa) -Finniisaa gugurraacha(qaawwaansaanii babbanaa) -Finniisa madaa qabu -Finniisa malaa kuufate(infeekshinii baakteeriyaa kan godhate) -Finniisa gurguddaafi kan dhukkubbii qabu. #Yaalli finniisaa maalfaati? >Qorichoota dibataman(retinoid) >Yaala hormoonii >Yaala gogaa qaamaa(intralesional steroid, comedon removal) >Nyaata soorannu sirreessuu >Carallaa(PDT) #Ofirraa ittisuuf maal haa goonu? 👉Bakka finniisni itti bahe suuta qulqulleessuu, guyyaatti si'a lama dhiquu. 👉Wantoota dibata of keessaa qaban fayyadamuu dhiisuu. 👉Gogaa finniisaan miidhame harkaan tuttuquu dhiisuu. 👉Hojii humnaa erga hojjennee booda keessumaa yeroo baay'ee dafqan, qaama keenya saamunaan sirrriitti dhiqachuu. 👉Of dhiphisuu dhiisuu 👉Soorata mi'aawaa ta'an baay'inaan fayyadamuu dhiisuu 👉Soorata pirootiniin badhaadhan soorachuufi kkf. 🙏Fayyaa nutti hin waakkatiin🙏 ~~~~ © Dr. Bultii Likkiisaa, 2026 #JOIN & #SHARE🙏❤ 👇👇👇 https://t.me/Dirree_beekumsa
Adaraa abbaa daakaa naaf saaqi karra Waaqaa jettee gudunfitee hiiktee furursitee seentee karaa karra koo baatee karaa warra koo jabbilee yaastee bobbaastee jiboota bishaan obaastee Guyyuma ulaadhaan dhuftee suuqqattee uraa naaf cuftee ateetee muddaa naaf furte! Ajab kankee! Dhufee hin kufu dafee hin lufu Jaalalli kee jila qaba akka Gadaa sirna qaba! By Taliilee https://t.me/Dirree_beekumsa
Giftii koo; Jireenyi kaleessaa Taatewwan ta'aman Imalli fageenyaa Bakkeewwan ga'aman Dubbiin mimi'aawaan wal wajjiin hasaafne Biqiltuun jaalalaa wal wajjiin akaafne, Waliin waa karoorsaa Gulantaan darbine walumaan kudhaamaa Abjuun nu argine achii; Lafaa kaanee Abjuun seenessine Abdii walitti horaa faara waliif tolaa karaan dheeressine Itti hubattee hin yaanne Hin qalbifneef malee Anaaf jireenyuma Yaadannoowwan kalee Anaaf; Abdii laatu Taateewwan kaleessa Ati immoo hin jirtu kanaaf; miirri koo walkeessa Tahus; Harki yoo gu'ellee Waa yaadun hin gu'u Hariiroon yoo du'ellee Yaadannoon hin du'u Eeyyen yaadannoon jiraatadha. Abdii Nagahoo 🗒 🖋 ✏ https://t.me/Dirree_beekumsa
HIN DHIQATIIN HARKA! _ _ Fira - fira jettee Otuu na leellistuu Arraba jiifattees Waa'ee koo weeddistuu Akka waan naaf turtee Akka waan naaf jirtuu Otuu dubbii mi'aawaatiin Gurra narraa cirtuu. Dukkana waariidhaan Dahattee - gugguuftee... Cooma nyaattee buluuf Sobaan na gurgurte! _ _ Otuun deemee hin ga'iin Galma koo walakkaa Jirma hamminaan dhiibdee Na mancaafte bakkaa Kan lafee koo cabse Si'idha abbaan yakkaa Keessaa hin qabu jettee Hin dhiqatiin harka! https://t.me/Dirree_beekumsa
Namicha tokkotu osoo karaa deemuu ibidda haalaan boba'aa jiru tokkotti dhufa. Akkuma ibidda boba'aa jiru kanatti dhiyaateen, bofa ibidda sana keessatti gubachaa, lubbuuf watwaachaa jiru argee, bofa kana ibidda kana keessaa baasuun qaba jedhee murteesse. Osoo baasuuf yaaluu bofni sun harkasaa iddee dhiigsee, deebi'ee ibidda sana keessa of buuse. Ammas namichi kun, sibiila ittiin lubbuu bofa kanaa oolchu barbaadee baaseen. Namni biroon namicha kanatti dhufee, ''bofni kun osoo si iddee jiruu maaliif lubbuusaa oolchitee?'' jedhee gaafate. Namichis, ''bofti nama idduun amalumasaati, waan na iddeef, kennaakoo ganamaa ilaalcha gaarii sana na jijjiirsisuu hin danda'u!''jedhee deebiseef. 👉Ilaalcha gaarii Uumaan ganama siif kenne, sababa miidhaa sirra gaheef hin jijjiiriin. Onneekee gaarii sana akka si jalaa hin banneef, of eeggannoo gaarii taasisi. ~~~ © Bulti Likisa Muleta, 2025 👉Kanan dubbiserraa, https://t.me/Dirree_beekumsa
😳Hiriyoota Sobaa! 🚫 🤷🏻Hiriyoonni nuti qabnu hundu hiriyoota dhugaa miti. Hiriyoonni sobaaas jiru. Yeroo ilaallu hiriyaa dhugaa fakkaatu. Callisaniidhuma nu gossu malee waanti nu fayyadan hin jiru. 😔 ❌ Amala dhaabbataa kana jedhamu hin qaban. Yoo waa sirraa argatu ta’e si gargaaru. Ati cimaadha jedhaniis sifaarsu. 💪 Yoo ati dhugaatti rakkattee isaan barbaaddu garuu hin jiran 😞 Barbaaddee argachuunsaas rakkisaadha. Miira kee irrattis dhiibbaa guddaa geessisu. 💔 🧠 Akka saayikoloojiin jedhutti: Hariiroon akkanaa: • Dhiphina namatti dabalu 😣 • Nagaa namaas ni booressu 😢 • Boqonnaa sammuu nama dhorku • Ofitti amanamummaa namaas ni hunkuteessu 🥀 • Nama tuffatu, yaada ijaaru namaa hinkennan 🤥 • Nama xiqqeessuu yaalu 😒 Xumuratti qofummaatti nama kennuun dhaabatanii nama taajjabu. 👤 💡 Yoo haalli akka isaanii wajjin jiraattu si dirqisiisu jiraate: ✅Nama akkamii akka ta’an of amansiisuun hiriyaa ta’iif malee gocha isaan raawwataniif iddoo laattee of hincinqin. ❌ ✅Namoonni akkanaas “nama kooti rakkina kiyya naaf furuudha” jettee sammuutti hinqabatin. ⚠️ ✅Nageenya kees eeggadhu 🕊 ✅Hanga dandeessus irraa fagaadhu⛔️ 🌱 Suuta suutas: • Namoota si gargaaran, • Guddina kee jaallatan, • Rakkoo kee siif hirmaatan waliin hariiroo qabdu cimsachuun jireenya kee itti fufi ✨💛 #JOIN US https://t.me/Dirree_beekumsa
Onneen tokko tokko, akka dhagaati; dhagaa lagaati Bakkaa hinka'u Baqaa hinta'u Garuu... humni addaa akka ibiddaa akka tasaa gaafa tuqu Tokko jettee barta, waa'ee baquu! * * * KB https://t.me/Dirree_beekumsa
"Lafa hin buutuu lafeerra buuti" jedha Oromoon yeroo mammaaku. Adaraa "inxinnaatte" jettani hin tuffatinaa; mukuu itti bahaa. Miciirraa *** Harki ilma ’saanii Guntuta intala keenyaa Harki intala ’saanii Cinaan ilma keenyaa Miciiree nu qabe, miciramnee teenyaa Bakka yaadne sana maal akkamiin geenyaa? *** Zelealem Aberra Tesfa 25.11.2025 Helsinki/Finland https://t.me/Dirree_beekumsa
Good Morning ! Let today be the day you step out of your comfort zone and discover the wonders that await you. "Early birds wake-up catch worms!" Amaloota namoota milkaa'anii shanan 1. Ganamaan ka'u 2. Ni galateeffatu 3. Waan barbaadan sammuutti yaadu 4. Waan yaadan gara gochaatti jijiiru 5. Gareen hojjetu. https://t.me/Dirree_beekumsa