M/B/D/FALAGA HIWOOT TULLUU MISRACHOO QUL/GABRI'EEL LEEMMAN.የሌመን ደ/ብ/ቅ/ገብርኤል ፍለገ ሕይወት ሰ/ት/ቤት.
Статистикаየሌመን ደ/ብ/ቅ/ገብርኤል ፍለገ ሕይወት ሰ/ት/ቤት. Kaayyoon Manaa B/Dilbbataa Falaga Hiwoot Tulluu Misrachoo Qul/Gabri'eel Leemaan manaa amaantaatif lafee dugdaa taate tajaajiluu fi missensoota kiristannummaa barsiisuudha.
- Последний пост
- 13 авг.
- Последнее чтение
- 15 авг.
- Постов за неделю
- 1
- Всего постов
- 83
- Тип
- открытый
- Язык
- om
- В каталоге с
- 13 авг.
- 1/24сутки в ленте
- 14
- 1/48двое суток
- 16
- 1/72трое суток
- 17
Оценка по просмотрам недавних постов: пост набирает почти всё за первые сутки.
Посты
⚜Baga Geessan⚜ Hagayya 07, guyyaa kanatti Qulqulleettii Haannaan gaa'ela qulqulluutiin Qulqulluu Iyyaaqem irraa Haadha Ifaa Dubroo Maariyaamiitiin ulfaa'uu isheetu yaadatama. Kunis ayyaanota Dubroo Maariyaam 33n keessaa isa tokkodha! #Qoricha_Hewaan ➠Abbootni, “Kufanii ka’u harkaan; turanii kabajamu ilmaan” akkuma jedhan gaddii fi giidiraan Addaamii fi Hewaan kan isaan irraa darbe mucaa isaan booda irra turanii argataniinidha. Abbaan Hiriyaaqoos, ‘Jalqabni uumama hundaa siin haaromfame’ akkuma jedhe Durbeen Maariyaam warra ishee Addaam fi Hewaaniin lammaffa kan deesse, mucaa isaaniiti. Abbaan Giyoorgis, ‘Abbaan Hewaan mucaa Hewaanirraa dhalate’ akka jedhe isheen uumaa Addaamii fi Hewaan deessee warra isheef akkoo ta’uu kan dandeessedha. ➠Jarraa hedduuf gaddi ture kan si cabse yaa haadha keenya Hewaan! mucaa kee ishee xiqqoodhaan akka jajjabaattuuf koottu ilaali; Waaqayyo abidda si’ool keessatti kan si gatee fi sababa keen dhalootni hundi gara si’ool seenuu isaanii argitee kan boossu yaa Hewaan, intalli kee firiin ishee gara si’ool dhufee si’iifi ilmaan kee akka baasu dubbachuuf jirra gara keenya kottu. Qulqullichi Efreem, “Egaa har’a Hewaan si’ool keessa teessee haa gammaddu; Ilmi intala ishee akkoo ishee fayyisuuf qoricha ta’ee bu’eera hoo!” jedhee kan si faarfate yaa Hewaan, yaa haadha keenya muka balasii du’a fiddu haammatte! mucaan kee ishee xiqqoon firii jireenyaa haammattee ishee ilaaltee akka ittiin jajjabaattuuf dafii koottu. “Yaa Hewaan jireenya siif fiddee jirtihoo kabaja intala keetti gammaduuf kottu” ➠Durbee Maariyaamiin yeroo hunda gammadi yoo jennuun Hewaaniinis ni yaadanna; “Hidhaan Hewaan miidhu siin kan irraa citeef yaa giiftii Maariyaam gammadi” jenna mitiiree! Yaa’iqoob inni Siruug akkas jedha:- “Gatiin Hewaan irra jiru maalidha? Mee xalayaan murtii ishee bahee haa dubbifamu; gatii Hewaan irratti mallatteessite Ilmi Dubroo Maariyaam amma ni kaffala. Bofti Hewaaniin ciniinee ture; Maariyaam isheen xiqqoon garuu fayyinaaf kan ta’u baala qorichaa kenniteef” Imimmaan Hewaan waggoota kuma shaniif dhibba shan dhangala’e kan haxoofteef, gaaddidduu du’aa jala teessee kan turte haadha ishee Hewaaniif jireenya kan deesse, Haadha ishee dukkana keessa deddeebituuf ifa haammattee kan kenniteef Haati Ifaa Durbee Maariyaam turte. ➠Dogoggora Hewaan mukkeen gannataa keessatti raawwatte Durbeen Maariyaam Naazreet galiilaatti sirreessite. Hewaan Gannata osoo jirtu wanta gochuu dadhabde hunda mucaan xiqqoon garuu raawwattee isheetti agarsiiste. Dhala namaa gannata keessaa kan baase haasawaan bofaa fi Hewaan gidduu ture sun lammaffa nama gara gannataatti kan deebise haasawaa qulqulluu Gabri’eelii fi Maariyaamii gidduu tureen bakka bu’e. Seenaan seexanni bofarra bulee dhala namaa dogongorsuu isaa, “bofti dubartittiin akkas jedhe” jedhamee guyyaa guyyaatti yoo dubbatamuufii boquu namaa cabsaa akkuma ture, amma garuu dabaree keenya dubbii Maariyaamii fi Gabri’eelii, “Ergamichis gara isheetti seenee akkas jedhe” jennee kadhannaa yeroo hundaa keessattillee utuu hin hafiin irra deddeebinee kan kadhanuuf faarfannu yaadannoo kabaja keenyaa ta’e. Simannaa dubaraan gara murteetti kan deeme dhalli namaa simannaa dubaraatiin gara jireenyaatti dhufuufi shirri seexanaa milkaa’uu dhabuu isaa faarfachuun missiraachoo dubbanna. “Har’a Gabri’eel ni dubbata waan ta’eef seexanni haa callisu; sobni ni bada; dhugaan ni mul’ata; kan turan hunduu darbu, Durbeen yeroo deessu hunduu lammaffaa haaraa ta’a” jedha Maar Yaa’iqoob. Madda: የብርሃን እናት፣ ሄኖክ ኃይሌ (ዲ/ን)! Eebbi ayyaana ishee nurra haa bulu! Ameeen! Miseensa chaanela #GODOLIYAAS ta'uuf👇 ╭══•|❀:✧๑♡๑✧❀|: ══╮ @Kalabhiyahu @Kalabhiyahu ╰══•ೋ•✧๑♡๑✧• ══
“Iyyesuus Kiristoositti Yoon Amanuu Baadhe Maal Rakkoo Qaba?” — Gaaffii Muslimootaa Join: @abdiimaariyaamiifinjira https://telegra.ph/Amanuudhaa-Yoon-Baadhe-08-10
"#INNI HUNDAA ICAALU #GIDDUU KEESSAN JIRA" #Maat 12:41 #B.saa Luba Firesenbati Katamaa Baga #Sooma Du'a Ka'umsaa fi #Olba'insaa #Haadha keenyaa #Qulqulleeti #Durboo Mariyaam Nagaa Geessan!!! Sooma Gaarii!!! Join 👇 Sher 👇 https://t.me/Tulluu_Misiraacho
без подписи
"YAA FIRAKOO QAAMNIKEE HUNDINUU MIIDHAGAADHA!" Weedduu 4:7 B saa Taarikuu Ta eeraa 👇Sher 👇 Join 👇 ╭══•|❀:✧๑♡๑✧❀|: ══╮ https://t.me/Tulluu_Misiraacho https://t.me/Tulluu_Misiraacho ╰══•ೋ•✧๑♡๑✧• ══
без подписи
без подписи
без подписи
без подписи
"Kunoo,Namni Waaqayyoon Sodaatu,Akka Kanatti In Eebbifama"Far. 128:4. #Baga waaqayyoo Siin gargaare "#እነሆ፥እግዚአብሔርን የሚፈራ ሰው እንዲህ ይባረካል።መዝ.128፤4. #Baga Gammaddan. #እንኳን ደስ አላችሁ። Congratulations. #Dn B saa Rabiraa Dn B saa Adana @Dn B saa Abeel Kaasuu 🎉 👇Sher 👇 Join 👇 ╭══•|❀:✧๑♡๑✧❀|: ══╮ https://t.me/Falgaa_Hiwot https://t.me/Falgaa_Hiwot ╰══•ೋ•✧๑♡๑✧• ══
без подписи
Gooftaan murtii kana irratti barreessuun isaa, 'Waaqayyo murtii jal'inaa kam keessayyuu akka harka-galfatu's nutti agarsiisa. Yommuu Mootichi Bilxaasor qodaa qulqulla'aa Mana-qulqullummaa fudhatee itti tajaajilametti, harki Waaqayyoo qaaxii mana isaa irratti, 'Maaneeteeqeelfaares' jedhee barreessee ture. Amma immoo, waa'ee murtii dubartittii kana irratti harka isaan barreesse. Guyyaa gaaf Jimaata fannifamee ammoo, murtii isaa quba isaan qabatee kan nuuf barreesse utuu hin ta'in, qalama araara isaa barruu isaa waraaname keessatti qabatee murtii keenya keessa lixee akkas jedhee nuuf barreesse, ''Yaa Abbaa! Waan godhan hin beekaniitii isaaniif dhiisi!" jechuutiin. Garuu, kun hundumtuu maaliif dubartittii kanaaf ta'e? Dubartittiin ejjituu dha jedhamte kun, Gooftaan isheef gaddeera; isheenis, fayyuu isheetiif ga'ee qabdi turte. Kan jalqabaa, baraaramuudhaaf yaalii taasifte hin qabdu turte. Warra ishee fidaniinis in sobu hin jenne. Gooftaanis na oolchi hin jenne; kun hundumtuu, cubbamtuu ta'uu ishee amanuu isheefi murtichi kan isheef malu ta'uusaa amantee fudhachuu ishee agarsiisa ture. Kunis, jecha abbootaa keessaa kana nu yaadachiisa, ''Utuu cubbuu keenya irratti murteessineetii, silaa Waaqayyo nutti hin murteessu ture'' Akkasumas, kan Gooftaan, ''Anis sitti hin murteessu'' isheen jedhe, isheenis warra isheetti murteessisuu dhufan irratti, 'in qaana'aani', 'ofceepha'aanii sokkani' jettee waan isheen isaan irratti hin murteessineef, Gooftaan, 'Anis sitti hin murteessu' jedhe jechuun Kitaabni Andimtaa keenya hiikeera. Kan isheen araara argattes, sagalee Waaqayyoo akkas jedhu irraati, ''Hin murteessinaa isinitti hin murteeffamuu tii'' Gooftaa yaa isa carraa lammataa dubartittii kanaaf kennitee, nuunis nu yaadadhu. Ofdura nu dhaabiitii sagalee kee kanas nu dhageessisi, ''Dabaltee cubbuu hin hojjetin!" Tamirat Gmariam Hagayya 2, 2017 (Yaadannoo Wangeela guyyichaa keessaa hafe, irra-deebiin)
barreeffamaa lafarratti barreessuun isaaniif deebii deebisuu jalqabe. Garuu, Gooftaan maal jedheetu lafarratti barreesse laata? Kutaa Wangeela lamaan kana keessatti, wantoota dhokatoo lama argina. Tokko, maqaan dubartittii ejjituu kanaa kan hin caqafamne ta'uusaa yoo ta'u; kan lammataa ammoo, barreeffamni Gooftaan lafarratti barreesse kun kan hin beekamne ta'uu isaa ti. Kunis kan ta'eef, Yohaannis inni mul'ata isaatiin xumura addunyaa argee barreesse waan kun waan jalaa dhokateetiif utuu hin ta'in, barichi bara araaraa kan itti cubbuun namaa golgamu waan ta'eef ture. Jalqaba irratti, Gooftaan waa'ee murtii ejjaa irratti barreeffama barreessuun isaa, duras barreeffama, ''Hin ejjin!" jedhu kan barreesse harkakooti kan jedhu yoo ta'u; kunis, seera dursee kenne irratti aangoo kan qabu ta'uusaa kan agarsiisu ture. Akkuma duras sanbata kan kenne isa waan ta'eef, ''Ilmi namaa Gooftaa sanbataa ti'' jedhe. 'Akka jara warra, 'Beeriyaa' akkas jennee waan Gooftaan lafa irratti barreesse haa qorannuu ree? 'Yaa Gooftaa! Murtii kana irratti maal jettee barreessite laata? Utuu cubbuu qabanii cubbamtuu sana cubbuu sana keessaa baasuurra isheetti murteessuuf fiduu isaanii argitee isaan tilmaamuun, 'Maaneeteeqel' jettee barreessitee laata? Moo silas waan ittiin siqoruuf ishee fidanii dhufaniif akkuma seexanaan jette, ''Waaqa keessan garmalee hin eeggatinaa'' isaaniin jette laa? Moo waan isaan haqa haqaaquun isa ishee duukaa ejje dhiisanii ishee qofa fidaniif guutuu jechichaa akkas jettee barreessite laata, "Namni tokko haadha manaa nama biraa, haadha manaa ollaa isaa wajjin yoo ejje, inni ejje, isheen ejjites lachuu mama malee haa ajjeefaman!” Leew. 20:10 Moo, 'Warra 99 gaabbiin isaan hin barbaachifne caalaa gaabbii galuu cubbamaa tokkoon samii irratti gammachuu guddaatu ta'a'' jette? Moo, hamma Yohaannis kitaaba irratti barreessitu ati dursitee lafa irratti akkas jettee barreessite laa? "Waaqayyo, akkasumatti tokkicha ilma isaa hamma kennuufitti addunyaa jaallate; kun immoo isatti kan amanu hundinuu jireenya bara baraa haa qabaatuuf malee, haa baduuf miti!” jechuutiin? Yoh. 3:16 Gooftaan, erga lafa irratti barreessee booda, akkas jedhe, ''Isin keessaa kan cubbuu hin qabne dursee dhagaan ishee haa rukutu'' jedhe. Jechi Gooftaa kan, ''Isin keessaa'' jedhu kun, isaan sana keessaa qofa utuu hin ta'in, nu keessas kan ilaallatu dha. Yommuu cubbamootatti abdii horuurra isaanitti murteessinu, 'Isin tajaajiltoota keessaa, isin warra amantaatti jabaattan keessaa, isin warra nama hamattan keessaa, isin warra waa’ee namaa qabata-haasaa taasifattan keessaa, . . .' nuun jedha. Qulqulluun Daawit faarfatichi garuu akkas jedha, ''Waa'ee namaa dubbachuu dhiisuun fedha kooti'' Erga Gooftaan, ''Isin keessaa kan cubbuu hin qabne dursee dhagaan ishee haa rukutu'' jedhee booda, Yohaannis akkas jedha, ''Isaanis yommuu kana dhaga'aanitti sammuun isaanii isaan ceepha'eetu jaarsolii irraa jalqabanii hanga isaan warra duubaatti, tokko tokkoon ba'aanii sokkani;'' 8:9 Mari’atanii dhufanii maree malee sokkani, fidaa kottaa utuu hin jedhamin kan ishee fidan sokkaa utuu hin jedhamin sokkani, akka isheen hin baaneef fidanii gidduu dhaabani; qofaatti ishee dhiisuun ammoo sokkani, sammuun ofii isaanii, dhagaa isaan qabatanii dhufan caalee argame, "Isaanis yommuu kana dhaga'aanitti sammuun isaanii isaan ceepha'eetu jaarsolii irraa jalqabanii hanga isaan warra duubaatti, tokko tokkoon ba'aanii sokkani;'' akkuma jedhu. Isaan, 'Nama yakkeen' cabdeetti jedhanii ishee bal'eessuuf dhufani; Gooftaan garuu cabatti ishee fayyise. Kunis, isa yakke bal'eessuurra, dhabamsiisuurra, ari'uurra, ajjeesuurra akkanni jijjiiramu taasisuu akka qabnu kanarraa argina; yooma namni sun kan hin jijjiiramne nutti fakkaatee illee, kan hin jijjiiramne kan fakkaate nuttidha malee Waaqayyoof salphaa waan ta'eef, Kitaaba Qulqulluu keessaa kana yaadanna, ''Waaqayyoof wanti hin danda'aamne hin jiru''
Yohaannis 8:1-12'rratti takka (Wangeela hagayya 2) Gooftaan taa'ee barsiisaa ture, ''Bariinis ammoo gara Mana-qulqullummaa dhufe, uummati hundumtuus gara isaa dhufani. Taa'ees isaan barsiisaa ture'' Yoh. 8:1-3 Bakka taa'ee barsiisaa tureetii kan inni ka'e, barreessitoonniifi fariisonni waan dubartii ejjarratti qabamte tokko qabanii fidanii isa dura dhaabaniif ture, ''Barreessitoonnii fi Fariisonnis, dubartii ejjarratti qabamte gara isaa fidani, gidduus ishee dhaabanii. . .'' akkuma jedhu, 3-4 Gooftaanis akkas jedhani, ''Yaa barsiisa! Dubartittiin kun utuu ejjituu argamtee qabamte. Museenis warri akkasii kun akka isaan dhagaan rukutaman nuuf seere; atoo waa’ee ishee maal jetta?" jechuun. Sababa taatee kanaaf , Yohaannis akkas jedha, ''Waan ittiin isa himatan argachuuf kana jedhan!'' Gooftaan garuu, akka nama hamii namaa dhaga'ee gaabii isaa fo'uu itti-fufee, himata isaanii kana dhiisee gad jedhee lafa irratti barreessuu jalqabe. Deebiin Gooftaan jalqaba isaaniif deebise, callisuu ture. Deebiin Gooftaa callisuu akka ta'e kan mul'isu, ''Irra-deddeebi'anii gaafatani'' jedhamuu isaani dha. Waa'ee nama irratti murteessuuf, deebiin jalqabaa kan Gooftaa callisuu ture. Akka nama hin dhageenyee hojii biraa hojjechuu, gad jedhanii barreessuu, gama ilaalanii darbuu, kallattii yaadaa jijjiiruu, hojii ofiirratti xiyyeeffachuu, . . . Sababiin isaas, utuu ofii cubbamoota ta'aanii jiranii cubbuu namaa irratti murteessuun, dadhabina namaa haasa’uun, . . . laphee irraa, 'tole abboo','iiree', 'achi'oo', . . . jennee dhaggeeffachuun, murteessuu keenya ariifachiisuu danda'aa tii. Gooftaan garuu, dhaabachaa jirtuuyyuu utuu hin jedhin gad jedhee barreessuu isaa itti fufe. Warri dhufan, 'barreessitootaa' fi, 'fariisotadhaatii', 'barreeffamaa' fi 'duraa duuba murtiin' deebii isaaniif deebisuu jalqabe. Kitaaba Qulqulluu keessatti, tokkicha barreeffama Gooftaan barreesses cubbamtuu sana gargaaruuf jedhee ti. Gareen, 'barreessitootaa' fi, 'fariisotaa' kunniin kan isaan kanaaf dhufan, bu'aa lamaaf jedhanii ti. Silumaa, dubartittii kana dhagaan rukuchuufis ta'e dhiisuuf ofii isaaniitii karaa hin qaban turani. Jalqabumaanuu, dubartittii kana dhagaan rukuchuutiif, gara Gooftaa fiduun isaan hin barbaachisus ture. Dhimma kanaaf mudamanii kan turan Luboonni Haanaaf Qayaafaa jedhaman turaniiruu tii. Kan lammataas, utuma Gooftaan, 'dhagaan rukutaa' isaaniin jedhee iyyuu, aangoo kanaa akka hin qabne yommuu Philaaxoos Gooftaa dabarsee isaaniif kennetti ofirratti dhugaa ba'aanii turani, ''Philaaxoosis:- Isin fudhadhaatii akka seera keessaniitti isatti murteessaa isaaniin jedhe. Yihuudonnis:- Eenyuunuu ajjeesuun nuufoo hin eeyyamamne jedhani'' akkuma jedhu. Yoh. 18:31 Kanaaf, kaayyoon isaanii akkuma Yohaannis, 'Isaan, Gooftaa qoruuf' jedhe, waa lamaaf dhufani. Yoo, 'haa rukutamtu' jedhe, 'Du'a isa du'uu hin barbaadu', 'Araarrri Waaqayyoo dhalootaa dhalootatti' kan jedhame yaadachuutiin gara-jabeessadha jechuuf turani. Yoo ammoo, 'hin rukutinaa' jedhe, seera Musee hin kabaju jechuuf jedhanii dubartittii kana qabatanii dhufani. Barreessitoonnii fi Fariisonni gaaffii lamaan kana qabatanii dhufani. Gooftaan ammoo, warra gaaffii lamaan kana qabatanii dhufaniin, lama ta'aanii ejjani'oo, ishee qofaa maaf qabdanii fiddan dhugaa jedhuun gara ofiisaaniitti isaan dabarse. Akkasumas, Gooftaan, jara kana dhaabee gad jedhee lafarratti barreessuun isaa, akkaataa itti Museetti abboommiin kurnan barreeffamee kenname yaadachiisa. Hamma Museen abboommii dhaglamee fidee dhufutti akkuma Isiraa'eelonni waaqatolfamaa waaqessan, hamma Gooftaan gadjedhee al-lama barreessee oljedhutti aariin isaan keessa guute. Kanaafis, 'Irra-deddeeni'anii' gaafatani. Gooftaan erga himata-murtii kana dhaga'eetii booda gadjedhee turuun isaa, xiqqooma illee akka obsaniif ture. Warri dubartii, 'ejjarratti qabamte' kana qabanii dhufan, seera barreeffame waan caqafataniif, akkuma Lafa-onaa Qorontoos keessatti qorumsa seexanni barreeffamaan gaafateef Gooftaan barreeffamaan deebiseef, warra, 'barreessotoota' jedhamaniif warra seera barreeffama Musee caqasanii ishee himataniif deebii
без подписи
Yooseefiif Niqoodimoos, Mootii biyya lafaa isa utuu dhugaa arguu Kiristoositti murteesseefi isa mootii lafarraa ta'e qaama Gooftaa keenya lubbuun keessa hin jirre; garuu, kan waaqummaan tokkoome du'ee jiru akka isaan fudhataniif erga isaaniif eeyyameetii, bartoota isaa warra, ''Kadhadhaa isiniif kennamaa'' isaaniin jedhe, bartoota isaa warra, ''Kadhannaatti tattaaffataa turan'' isaaniif jedhame foon bultoo lubbuu Qulqulleettii Maaramii isa Yohaannisii wajjin dhokate nuuf kenni jedhanii guyyaa 14 kadhachuu isaaniitiin deebisee reeffa ishee baratootaaf kennuun isaafi isaanis fudhatanii awwaallachuun isaanii hammam nama haa raaju nama jechisiisa! Isiraa'eelonni amma har'aatti reefaafi bakka hoogganaan isaanii isaan jaal'atan Museen itti awwaalame Waaqayyo isaan duraa dhokseera. Deebisee ammoo du'aa kaasee Tulluu Taabor irratti ijoollee Isiraa'eel keessaa nama sadiitti Musee agarsiiseera. Akkuma kanas, Waaqayyo foon Qulqulleettii haadhasa Maaramii bartoota isaa jalaa dhokseera. Sooma filsataa isaan soomaniinis deebisee isaaniif kenneera. Yooseefiifi Niqoodimoos qaama Gooftaa isaanii fannoo irra jiru Philaaxosiin kadhatanii argatani; Bartoonni Gooftaa garuu, foon haadha Gooftaa isaanii boqote argachuuf torbee lama soomanii kadhatanii Waaqayyo isaaniif kenneera. Yooseefiifi Niqoodimoos fannoo irraa qaama Gooftaa du'e fudhachuutiif kadhatani; bartoonni Gooftaa garuu, foon Giiftii keenyaa Jannata keessa dhokate akka bu'ee awwaallataniif kadhatani. Kanaafi dha kan Qulqulleettiin Mana-kiristaanaa jalqaba sooma ishee kana irratti kutaan Wangeelaa kun akkanni dubbifamu kan isheen taasifteef. Bartoonnni Gooftaa, Gooftaan keenya yommuu ol-ba'e Ergamoonni uffata adii uffatan dhufanii, 'Inni isin utuu inni ol-ba'uu argitan deebi'ee dhufa' isaaniin jedhani; Qulqulleettiin Giiftiin keenyas utuu isheen ol-baatuu kan Toomas arge, kadhannaa Sa'aataatiifi Tsigeetiin yommuu, ''Muca kee hammadhuutii kottu'' abboonni isheen jedhan isheenis deebitee dhufti. Yommuu dhuftus, Ilma ishee akka hammattetti dhufti. Gooftaan keenya erga Yohaannis abbaa wangeelaatti mul'ata isaarratti luboota digdamii arfanii wajjin dhufee Yohaannisitti mul’atee tii, kan haadha kee wajjin kottu jedhanii abboota imimmaaniin galata halkanii Sa'aataatii irratti mudhii isaanii hidhatanii ishee waammataniif hammam daftee isaaniif haa qaqqabdu ree! Xumura addunyaa irratti Gooftaan akka 'Ergamootaafi Qulqullootaa baay'ee' wajjin dhufu dubbatameera. Qulqulloota keessaa yommuu inni haadha isaa ofitti aansee dhufu yommuu arginu dhuguma lubbuun nu keessatti haftii laata! Yaa Durbe Maarami! Gaafasuma illee si hin arginan hafaa laata? Dn Tamirat Gmariam 1/12/2016
+ Philaaxoosiin Kadhate + (Wangeela hagayya tokkoo) Abboonni keenya yommuu, "Liturgical Calendar - Kaalaandara sirna waaqeffannaa" qopheessanitti, ija isaanii ija risaa ta'een arganii, qubeessa isaanii hurrubsaa ta'een sagalee Waaqayyoo waqtiilee uumamaafi sirna amantaa wajjiniin atoomsanii, akkuma bishaan booruu yoo ka'aan calalee taa'uutti, akka nama reefuu bosona keessa karaa baasutti itti dadhabanii sirna waaqeffannaa 'har'a ammoo maal jedheen tajaajila; har'a ammoo maaliinan tajaajilama laata?' jennee akka nuti hin yaaddofneetiifi akka namni waanuma isatti toleen nu hin tajaajilleetiif tajaajila waggaaf qophaa'e naqaa guuttee nuuf keesseetti. Kanaaf agarsiiftuu kan nuuf ta'u Wangeela guyyaa har'aa Sirna Phaaraasiifooraa [Sirna Qiddaasee] irratti dubbifameen yoo ilaalleef :- Wangeelli jalqaba guyyaa 1ffaa Sooma Qulqulleettii Maaramii irratti waggaa-waggaan dubbifamu kana dubbisuutiin haa ilaallu :- ''Kana booddees Yooseef kan jedhamu namni Armaatiyaa tokko, qaama Iyyasuusiin fannoo irraa fudhachuudhaaf Philaaxoosin kadhate; Philaaxoos tole jennaan, namichi dhaqee qaama Iyyasuusiin fudhate. Namichi kun Yihudoota waan sodaateef, mul'inatti utuu hin ta'in dhoksaatti bartuu Iyyasuus ture. Niqoodimoos immoo inni gaafa jalqabaa halkaniin Iyyasuus bira dhufe, waliin makaa qumbii fi sabirii naxirii dhibba tokko kan ta'u fuudhee iddoo sana dhaqe. Yommus qaama Iyyasuus fuudhanii akka amala awwaala Yihudootaatti, urgooftuu sanaa wajjin wayyaa quncee talbaa irraa hojjetameen kafanan. Lafa inni itti fannifame sana immoo iddoon dhaaba biqilaa tokko ture; iddoo dhaabaa biqilaa sana keessas awwaalli haaraan, kanaan dura namni keessatti hin awwaalamin tokko ture. Guyyaa warri Yihudootaa itti qophaa'an ta'ee, awwaalichi dhi'ootti waan argameef, Iyyasuusiin achi keessa kaa'an.'' jedha. Yoh. 19³⁸ (Jecha tokkoo hiika Kitaaba Qulqulluu isa 66 keessa jiru qajeelchinee haa dabarru. Sababnisaas, qaama Gooftaa keenyaa lubbuun keessaa ba'ee fannoo irra ture Kitaabni kan 66 ''reeffa'' jedhee hiikee jira. Foon Gooftaa keenyaa garuu reeffa hin jedhamu. Jechi Ingiliffi isaas, ''body" jedhee jira malee, ''corpse'' jedhee hin jiru. 'Reeffa' jechuun kan inni dogoggora ta'uufis, reeffa jechuun kan homtinuu keessa hin jirre jechuu dha. Foon Gooftaa keenyaa boqoteen garuu akkas jechuun hin danda'aamu. Sababnisaas, foon isaa du'e sana keessa lubbuutu hin jiru malee, Waaqummaan (Divine) keessa jiraatii. Waaqummaan, foon isaa du'e keessas, lubbuu isaa lallaba bilisummaaf Si'ooliin dhaqxe keessas tureeraa tii. Utuu Waaqummaan foon isaa keessa hin jiraanne ta'eetii, foon isaa awwaala keessa ka'aame nii doobana, nii bososa ture. Utuu waaqummaan lubbuu isaa Si'ooliin dhaqxe keessas hin jiru ta'eetii Si'ooliin sakatta'ee harka-duwwaatti hin hambisu turee tii. Kanaafuu, foon Gooftaa keenyaa boqoteen, ''reeffa'' jechuun [jedhanii hiikuun] barumsa bu'uurawaa kiristaanummaa kan faallessu dha) Erga Wangeela olii dubbifne qajeelfanneetii, mee maaliif akka jalqaba sooma kanaa irratti Wangeelli kun akka dubbifamu kan taasifte Qulqulleettii Mana-kiristaanaa akkas jennee haa gaafannu :- Yaa haadha keenya Qulqulleettii Mana-kiristaanaa! Maaliif Wangeelli kun akka jalqaba sooma Qulqulleettii Maaramii irratti dubbifamu taasifte? Erga sooma ta'eetii maaliif waa’een soomii akka dubbifamu hin taasifne? Jennee si gaafannuu? Isheen haa jennu! Qulqulleettii haati keenya Manni-kiristaanaa kutaan Wangeelaa kun jalqaba guyyaa sooma isheetii irratti akka dubbifamu kan isheen taasifteef, akkuma Yooseefiif Niqoodimoos Philaaxoosiin qaama Gooftaa keenya isa fannoo irratti nuuf jedhee eeyyama isaan du'e sana qaama isaa kadhatanii argatan, bartoonni Gooftaa ammoo qaama Qulqulleettii Durbee Maaramii du'ee Yohaannisii wajjin dhokate akka Waaqayyo isaaniif kennuutiif, isaanis qaama ishee du'e sana argachuutiif sooma isaan soomanidhaatii kanaafitu jalqaba guyyaa Soomii kana irratti Manni-kiristaanaa nu'i ijoollota isheetiif Wangeela kana dubbifti. Du'i ishee fi du'aa ka'uun ishee raajiidhaa tii akkas jennees haa raajeffannu!
✢✢ Mother of Gof Virgin Mary✢✢ ለሐሴቦን ንጉሥ ልጅ ዅሉ ክብሯ ነው ልብሷ የወርቅ መጐናጸፊያ ነው። መዝ 45:13 " The king's daughter is all glorious within: her clothing is of wrought gold." (Psalms 45: 13) “Intalli mootii uffata warqeedhaan kuulame uffattee, ulfinaan diinqa ishee jirti;” — Far. 45:13 ✢✢She was ✢✢ Mother of God Mother of Light Mother of Life Mother of Peace Mother of the Way Mother of Treanqulity Mother of Saviour Mother of under Crux Mother of Jesus Mother of Emmanuel Mother of True Shepherd Mother of Bread of Life Mother of Sheep Mother of All ✢✢✢She was no example✢✢✢ The Nohs Ark The Sheepskin of Gedion The Secondary Hewan The Tree of Life The Meekness of Abel The Sem Tent The Abrahams Nest The Nardos Perfume The God Arks The Fumigation Insence The Closed Door #Source From Dereje Eleku 👇Sher 👇 Join 👇 ╭══•|❀:✧๑♡๑✧❀|: ══╮ https://t.me/Tulluu_Misiraacho https://t.me/Tulluu_Misiraacho ╰══•ೋ•✧๑♡๑✧• ══
🙏BAGA GEESSAN 🙏 ⚜ #Sooma_Maariyaam⚜ ➠Soomni kun soomawwan manni kiristaanaa qannoonaadhaan murteessite 7n keessaa isa tokkodha. Ol bahuu Dubroo Maariyaamii waliin waan wal qabatuufis Sooma Filsataas ni jedhama. [Filsata-Jecha Gi'iizii 'ፈለሰ-Fellese' jedhurraa kan dhufe yoo ta'u bakka tokkoo bakka biraatti deeme jechuudha]. Kunis yeroo hundaa Hagayya 1-15tti kan soomamu yoo ta'u Hagayya 16 ayyaana Olbahuu haadha Waaqaa Qulqulleettii Maariyaam (Assumption of St. Mary) tu kabajama. Guutuu isaa link gadii 👇"INSTANT VIEW" jedhu tuquun seenaa dubbisaa! ✍️ @Kalabhiyahu ✍️ https://telegra.ph/Sooma-Maariyaam-08-06
Angafa Ergamootaa Qulqulluu Ergamaa Gabri’eel Har’a Bakka Mana Kiristaanaa Isaa Hundatti Kabajama, Waamama’oo Eessa Deema ree? Baga geessan!🤌🥰 Join: @abdiimaariyaamiifinjira https://telegra.ph/Gabrieel-Bakka-Hundatti-Waamamaoo-Eessa-Deema-07-25