tgindex
GAADDISA SABAA

GAADDISA SABAA

Статистика

🫴 SABA DHUGAA DHABEEF MIIDIYAA DHUGAATU MALA! 🫴 SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!@YaadafiqeeqaGSbot

Последний пост
4 мая
Последнее чтение
13 авг.
Постов за неделю
0
Всего постов
27
Тип
открытый
Язык
om
В каталоге с
13 авг.
Подписчики
25 934
−44 за 3 дн.
Сутки
−21
−0,08%
Неделя
 
Месяц
 
Просмотров на пост
2 464
27 постов
Вовлечённость
9,5%
к подписчикам
Постов в день
0,0
всего 27
Упоминаний
2
каналов
Охват размещения
оценка
1/24сутки в ленте
1/48двое суток
1/72трое суток

Оценка по просмотрам недавних постов: пост набирает почти всё за первые сутки.

Посты

  • 4 мая5 2784929

    Maqaa Kutaalee Finfinnee Doobbii👉Kachaanee Hurufa Boombii👉Jaan-Meedaa Dilalaa👉Inxooxoo Eekkaa👉Yeekkaa Birbirsa Gooroo👉Piyaassaa Caffee Araaraa👉Araat Kiiloo Malkaa Daabbuus👉Charchil Godaanaa Caffee Tumaa👉Sidist Kiiloo Caffee Aannanii👉Meeksiikoo Qarsaa👉Kaazaanchiis Baddaa Ejersaa👉Raas kaasaa safar Mujjaa👉Shiroo meedaa Garbii👉Sangaa taraa Golboo👉Qeeraa-Qirqoos Calaancaal👉Saar-Beet Roobii👉Nifaas-Silk Burqaa Finfinnee 👉Fil-Wuhaa Tulluu heexoo👉Tilliquu beeta mangist Lupha kormaa 👉Raas Birruu safar Baaroo kormaa 👉Raas Tasammaa safar Harbuu Irreechaa 👉Raas Haayiluu safar Karaa Qirxii👉Sameen bar Adaamii👉Sameen maazagaajaa Babboo👉Addisuu Qeeraa Burqaa Qorichaa 👉 Yeekkaa Mikaa'el. Share waliif godhaa! @Gaaddisa_sabaa1

  • 29 апр.3 965382

    Maatii fi hiriyoota ishee hundaaf jajjabina hawwina. Shamarreen Boontuu Waaqtolee yookaan Boni JA jedhamuun miidiyaa hawaasaa irratti beekamtu of ajjeesuun ishee rifaatuu hawwaasatti uume Shamarreen TikTok fi Facebook akkasumas YouTube irratti baayyinaan qoosaa, taphaa fi haala jireenya’shee guyyaa guyyaan qooduun nama kolfisiisuun beekamtuu fi Jireenya ishee keessatti ijoollummaa irraa kaaftee rakkinoota hedduu keessa kan daarbitee fi jireenya ishee jijjiiruuf guyyaa guyyaa hojii kophee qulqulleessuu hojjechuu irraa kaasee, halkan immoo tikeetii onlaayinii irratti gurguruun bakka xiqqaa irraa ka’uun sadarkaa guddaa irra kan geesse, dhiyeenya kana dargaggoo Yoosef Caalaa jedhamu wajjin gaa’ila dhaabbachuun ishee kan beekamu yoo ta’u, shamarree Boontuu namooti hedduu qeeqaa fi arrabsoo cimaa Kara miidiyaa hawwaasaa irratti deemsisaa turaniiru; yeroo baay’ee namni kolfaan of haguugduu fi jabinaan beekamtu kun imimmaan buusaa, ala of ajjeesuuf jettu viidiyoo waraabdee gadhiiftee, daqiiqaawwan muraasa booda of ajjeefte oduun jedhu dhaga’ame. Yeroo baay’ee namoonni miidiyaa hawwaasaa irratti kolfaan dhiyaatan jireenyi isaanii mana keessaa rakkoo qabaachuu mala; darbee arrabsoon nuti akka qoosaatti miidiyaa irratti walitti darbannu hamilee namaa cabsee, gara of balleessuutti nama geessuu waan danda’uuf, aadaan arrabsoo fi ceephoo miidiyaa hawwaasaa utuu hafaa deemee gaariidha jenna. Nama Gaddisiisa Boniin of Ajjfte otoo hin tahiin #Interneetiitu Ajjse Miidiyaa hawaasaa kana irratti arraaba jajjabaa fi miiraa fi haamilee namoota tuqan, badiisa namootaaf sababii tahan hedduutu kennamaa oola. Yeroo namni sun lubbuun jiru, hin jabeessinu, hin jajnu, hamilee hin taanuuf garuu faallaa isaa maxxansa isaa jalatti yeroo kamiyyuu mudaa isaa barbaadne arrabsoo fi xiqqeessuun aadaa keenya baratamaadha. Otoo gaafa Booniin Heerumte Baga Gammadde Jenneenii, Otoo gaafa isaan mana suuraa banatanii baga milkooftan jettanii, Otoo gaafa isheen jireenya hamtuu keessaa baatee jireenya ishee sirreefattu baga siif tahe jennee murtoo har’aa kana ni fudhattii laata? #CyberBulling jetti warri faranjii #Interneet fayyadamanii nama xiqqeessuu, arrabsuu, hamilee cabsuu fi jechootan sammuu rukutuun hedduu baratamaa dhufeera. Nutiyyuu gogaa jajjabaa waan qabnuuf dandamannee as geenye malee ulfaataadha😡 Mucayyoon kun jireenya bu’aa bahii hedduu darbitee as geesse kana dhamdhamuuf otoo ifaajuu darbite sababiin isaas rakkoo biraa hin se’u garuu arrabsoo keessan baachuu dadhabdee lubbuu ofii irratti murteessite nama gaddisiisa🥲 Kan Boonii darbeera garuu boruuf ni barannaa laata moo ammallee itti fufne xiqqeessuu fi arrabsuu hojii keenya idilee taasifanna laata? Yoom barannaa garuu? Yoom ilmoo namaaf of eeggannoon dubbachuu eegalla? Yeroo namni boqotu #RIP jennee Facebook fi TikTok cinqina garuu yeroo namni lubbuun jiru jabeessuun hin jiru. Akkuma boqochuu ishee maxxansaa jirru kana gammachuu fi milkaa’ina ishee otoo maxxansine murtoo kana tasuma hin fudhattu ture. Kanuma😭 Baay'ee nama gaddisiisa! Baruma kana keessa yeroo addaa addaatti ol adeemaan meeqa abdii kutee of ajjeeseera. Qorumsi jireenyaa akka malee hammaatee, dhaloonni abdii kutee "of ajjeesuu" akka furmaataatti yaaduun baay'ee baay'ee nama gaddisisiisa! Nama yaaddessas! Yaa obboleessaafi obboleettii koo! Yoo siif game, yoo namarraa abdii dhabde Waaqayyo bira abdiin jira! Har'a yoo sitti dukkaanaa'e, bor siif bari'a! Namni yoo si madeesse, obsii Waaqayyoon eeggadhu; Waaqayyo madaa kee siif qorsa! Har'a abdii dhabuu kee qofa hin ilaaliin! Yoo obsitee bara hamaa kana dabarte bor warra kaaniifuu abdii ta'uuf jirta! Dhuga-baatuu seenaa jijjiiramee ta'uuf jirta! Maaloo of hin miidhiin, maaloo maatiikeefi fira kee gaddatti hin naqiin! Harmee kee gidirfamtee si guddifattee si abdachaa jirtu abdiishee ajjeeftee dhiiga hin boossisiin! Obsi! Obsatu seenaa namaa jijjiira! @Gaaddisa_sabaa1

  • видео или голосовое, без подписи

  • видео или голосовое, без подписи

  • 29 апр.2 38718

    Dhiheessiin Naaftaa bakka duraatti akka deebi’u murtaaheera - Ministira Maallaqaa Ahimad Shiddee Waraana Giddugala Baahaatiin walqabatee gatiin Boba’aa addunyaa dabaluufi dhiheessiin isaas addaan cituudhaan, dhiheessiin Naafxaa Itoophiyaa guyyaatti Liitira miiliyoona 4.5tti gad bu’ee ture. Ministirri Maallaqaa obbo Ahimad Shidee ibsa har’a kennaniin, dhiheessiin Naafxaa guyyaatti Liitira miiliyoona bakka dura ture Liitira miiliyoona 9tti akka deebi’u murtaahuu beeksisan.

  • 29 апр.2 2877

    Lammileen Itoophiyaa afur magaalaa Joohaansibargitti ajjeefaman, yoo xiqqaate namoonni kurnan to’annoo jala oolan; Qondaaltonni Itoophiyaa bu’aa qorannoo eegaa jiru Dilbata darbe magaalaa Joohaansibargitti dhukaasa tureen yoo xiqqaate lammiileen Itoophiyaa sadii yoo ajjeefaman, gochi kun lammiilee Naayijeeriyaas lubbuu dabarseera. Kunis Afriikaa Kibbaa keessatti sodaa mufannoo godaantota irratti xiyyeeffatu caalaatti hammaachiseera. Dabalataan, gandoota Mokwakwaila, Ga-Mokgwathi, fi Ga-Ramotshinyadi keessatti sakatta’iinsa manneen daldalaa “spaza” irratti godheen, namoonni biroon 10 umriin isaanii waggaa 19 hanga 35 gidduu jiru poolisii naannichaan to’annoo jala oolaniiru. Namoota ajjeefaman keessaa sadii yeroo dhukaasni sun banamu dhuunfaatti daldala isaanii keessatti nyaata nyaachaa akka turan gabaasameera; kunis guyyaa Ayyaana Bilisummaa biyyattii (Freedom Day) kabajamuun walirra bu’eera. Miidhaan kun kan mudate gareen tokko tokko godaantota irratti hiriira akka ba’an waamicha dhiheessaa jiran gidduutti yoo ta’u, sabaabni isaa jibbiinsa godaantotaa ta’uu danda’a sodaan jedhu jiraatus, abbootiin taayitaa hanga yoonaatti hin mirkaneessine.

  • видео или голосовое, без подписи

  • 25 апр.3 429196

    Guyyaan Qormaata Kutaa 12ffaa Ifoomeera. Tajaajilli Madaallii Barnootaa fi Qormaataa qormaata xumura barnoota sadarkaa lammaffaa (kutaa 12ffaa) Waxabajjii 24 hanga Adoolessa 17, 2018 A.L.I. tti akka kennamu beeksiseera. Gama biraatiin, qormaatni biyyoolessaa sagantaa Rimiidiyaalaa Caamsaa 17 hanga Caamsaa 20, 2018 A.L.I. (guyyaan Caamsaa 19 Iid Al-Adhaadha) kan kennamu yoo ta'u, qormaatni ba’umsaa barnoota digrii jalqabaa (Exit Exam) immoo Waxabajjii 2 hanga Waxabajjii 12, 2018 A.L.I. tti ni gaggeeffama. Dabalataan, qormaatni seensaa barnoota digrii lammaffaa fi isaa ol (NGAT) Adoolessa 29 hanga Adoolessa 30, 2018 A.L.I. tti akka gaggeeffamu ibsameera. @Gaaddisa_sabaa1

  • 24 апр.2 2949

    Oduu: Waraanni #Iraan gargaarsa addunyaa haala yaaddessaa keessa galche Walakkaa bara 2026tti namoonni miliyoona 15.0 hanga 15.9 ta’an, rakkoo saaxilamuu ibseera. kunis uummata biyyattii keessaa dhibbeentaa 10 hanga 15, sadarkaa hanqina nyaataa hamaa n yaaddeessaa ta’e keessa galu jedhamee eegama. Itoophiyaan baay’ina namoota gargaarsa nyaataa addunyaa irraa barbaadanii keessaa dhibbeentaa 10 ol akka qabattu tilmaamameera. Haalli yaaddessaa kun amma iyyuu buufataalee namoonni buqqa’an keessatti qubatanii jiran keessatti mul’achaa jira. Fakkeenyaaf, #Tigraay keessatti namoonni buqqa’an hanqina nyaataa fi tajaajila yaalaa dhabuun sababa ‘’beelatiin du’a jiru. #Oromiyaa keessatti, naannolee hongeen miidhaman keessatti dhuma bara 2025 irratti omiishni midhaanii dhibbeentaa 50 oliin gadi bu’eera. Naannolee #Amaaraa fi #Affaar keessattis walitti bu’iinsaa fi jijjiirama qilleensaatiin rakkoon beelaa hammaachaa jira.

  • 24 апр.1 8774

    Ministeerri Dhimma Alaa Chaayinaa Dooniin Iiraan To’annoo Ameerikaa jala oolte“Kennaa” Chaayinaa Miti” jechuun waakkate Ministeerri Alaa Chaayinaa himannaa Pirezidaanti Doonaaldi Tiraampi, "dooniin fe’umsaa alaabaa Iiraan qabattee humnoota Ameerikaatiin to’annoo jala galte kennaa Chaayinaan kenniteedha" jechuun dubbatan waakkateera. Ministeerichi himannaan kun “dhugaa irratti kan hundaa’e miti” jechuun ibse. Dubbi-himaan ministeerichaa, Guyoo Jiyaakuun, har’a ibsa gaazexeessitootaaf kennaniin; walitti dhufeenyi daldalaa biyyoota gidduu jiru haala barameen itti fufuu akka qabu hubachiisaniiru.

  • 24 апр.2 095161

    ODUU AMMEE: Tehraan Ibiddaan Wal-nyaachaa Jirti! Halkan harraa samii Iraan keessatti meeshaaleen ittisa qilleensaa dammaqinaan qolachaa jiru, dhukaasa rifachiisaa fi sagalee boombiin magaalattiin raafamaa jirti. Haga ammaa dhukaasi kun magaalattii irratti kan baname eenyuun akka ta’e hin baramne, Israa’el gama isheen ana miti jetteetti. Weerara "diina hin mul'anneen" dhufe kanaan biyyattiin dhiphuu guddaa keessa jirti; gabaasni tokko tokko akka jedhanitti kun jalqaba waraana addunyaa sadaffaa ta'uun isaa hin oolu! Addunyaan harka qomatti deebifattee dhiphuun eegaa jirti! Waliigalteen dhukaasa dhaabuu guutummaatti diigamee, humni waraanaa Ameerikaa fi Israa'eel tarkaanfii dhumaa fudhachuuf qophii xumuruu isaaniitu gabaasamaa jira. Daqiiqaan itti aanu balaa hammaataa biyya lafaa guutuu raasuu danda'u akka ta'e sodatama.

  • 23 апр.2 095101

    Iraan dooniiwwan ulaa Hoormuz qaxxaamuran irraa "galii maallaqaa isa jalqabaa walitti qabadhe" jette Akka ragaa qondaaltota ol’aanoo biyyattiitti, Iraan dooniiwwan karaa darba galaanaa Hormuuz kan daldala annisaa addunyaatiif murteessaa ta’e—irra darban irraa kaffaltii taarifaa jalqabaa sassaabuu ishee beeksiste. Itti Aanaan Dubbi Himaa Mana Maree biyyattiitti Hamiderzaa Haajii Baabaayii akka jedhanitti, galiin jalqabaa kaffaltii darba dooniirraa argame herrega Baankii Giddugaleessaa biyyattiitti galii ta’eera. Yaadni isaanii kun dhaabbata oduu biyyattii Tasnim jedhamuun gabaasameera. "Galiin jalqabaa kaffaltii darba Hormuuz irraa argame herrega Baankii Giddugaleessaatti galii ta'eera," jedhan qondaalichi.

  • 22 апр.2 03081

    Chaayinaan Jiddu-galeessi Bahaa "haala murteessaafi daandii qaxaamuraa" irra jiraachuu akeekkachiiste Erga Ameerikaan waliigaltee dhukaasa dhaabuu Waashingitan fi Teehraan gidduu ture dheeressuu ishee beeksistee booda, Chaayinaan karaa Ministeera Alaa isheetiin naannoon Jiddu-galeessa Bahaa waraana fi nagaa gidduu "haala murteessaa ta’e daandii qaxxaamuraa" irra jiraachuu akeekkachiisuun, qaamoleen hundi walitti bu'iinsi lammataa akka hin kaane akka ittisan gaafatteetti. Dubbi-himaan Ministeera Alaa Chaayinaa, Guyoo Jiyaakuun, ibsa torbanitti al tokko kennan irratti haalli jiru ammas yaaddessaa ta'uu ibsuun; dhimmi dursa kennamuufii qabu gara waraanaatti lammata akka hin deebi’amne ittisuu ta'uu qaba jedhanii jabeessanii dubbataniiru. @Gaaddisa_sabaa1

  • видео или голосовое, без подписи

  • видео или голосовое, без подписи

  • 22 апр.1 4291

    Maanchister Siitii 1fi 0'n Barniileeyiin injifachuun sadarkaa 1ffaa qabate. Maanchister Siitiin dirree isaan ala imaluun Barniileey waliin morkii taasise Olaantummaan xumuruun gabatee liigicha dursuu eegale. Arsenaal gabatee liigicha guyyoota 200 oliif dursaa erga tureen booda siitiin injifannoo har'aa hordofuun garaagarummaa gooliin dursuun 1ffaa ta'e. Barniileeyis injifatamuu isaa hordofee liigicha keessa gara sadarkaa gadiitti gadi bu'uun isaa mirkanaa'e. @Gaaddisa_sabaa1

  • 22 апр.2 44353

    Wantoota Sadan Kana Har'umaa Kaasii Eegali 1. Ogummaa Gabaan Barbaadu Barachuu (High-Income Skill) Waggaa shan booda jireenyi kee akka fooyya’uuf, har’a ogummaa gatii qabu barachuu eegaluu qabda. Barnoonni idilee qofti gahaa miti; addunyaan teeknoolojii fi dijitaalaa keessa jirannu kun ogummaa akka Digital Marketing, Data Analysis, ykn Koompiutar Programming barbaaddi. Maaliif? Qarshii qofa osoo hin taane, bilisummaa hojjiis siif kenna. 2. Akkaataa Itti Fayyadama Qarshii (Financial Literacy) Hagam akka argattu osoo hin taane, hagam akka qusattuu fi invest gootu dha kan waggaa shan booda eenyummaa kee murteessu. Namni qarshii argatu hunda nyaatu, waggaa shan boodas bakka amma jiru sanatti hafa. Invaastimentiin (fkn: aksiyoona bitachuu ykn daldala xixiqqoo eegaluun) yeroo fudhata. Har’a yoo hin eegalle, waggaa shan booda "Osoon duraan eegalee" jettee gaabbita. 3. Hiriyoota fi Naannoo Naamusni Itti Baay'atu (The Power of Environment) Amalli kee fi milkaa’inni kee namoota 5n yeroo kee baay’ee waliin dabarsituun murteeffama. Yoo hiriyoonni kee waa'ee daldalaa fi guddinaa hin dubbatan ta'e, ati nama addaa ta'uu hin dandeessu. Namni galma guddaa qabu, nama galma qabu waliin deema. Naannoo kee yoo hin jijjiirre, ilaalchi kees hin jijjiiramu. @Gaaddisa_sabaa1

  • 22 апр.2 0426

    Pirezidaanti Tiraampi waliigaltee dhukaasa dhaabinsaa Iraan waliin taasifame dheeressan; Humnootni Huutii waraanni dabalataa “waan hin oolledha” jechuun akeekkachiisan Finfinnee, Eebla 22, 2026: Pirezidaantiin Yuunaayitid Isteetis Doolnaaldi Tiraampi, waliigalteen dhukaasa dhaabinsaa Iraan waliin taasifame xumuramuf sa’aatii muraasni yoo hafu yeroo isaa dheeressuu isaanii beeksisan. Ta’us, Ameerikaan dooniiwwan buufatawwan doonii Iraan seenaniifi bahan irratti dhorkii goote akka itti fuftu ibsaniiru. Pirezidaant Tiraamp fuula miidiyaa isaanii Truth Social irratti akka barreessanitti, murtiin kun kan darbe gaaffii ajajaan waraana Paakistaan Asiim Muniir fi Ministeerri Muummee Sheehbaaz Shariif dhiyeessan irratti hundaa’uun. Gaaffiin kun kan dhiyaate hoggantoonni Iraan mariif yaada waliinii akka dhiyeessaniif yeroo kennuuf yaadamee akka ta’es barreessaniiru. @Gaaddisa_sabaa1

  • 21 апр.2 34392

    Gamtaan Awurooppaa Itiyoopiyaaf Deeggarsa Maallaqaa Guddaa Taasise Gamtaan Awurooppaa deggersa maallaqaa taasisuuf Mootummaa Itiyoopiyaa waliin waliigaltee irra ga’eera. Waliigalteen kun mootummaa Itoophiyaa fi Gamtaa Awurooppaa gidduutti magaalaa Finfinneetti mallatteeffame. Akka odeeffannoon ibsutti, deeggarsi kun naannoo Yuuroo miiliyoona 140 ta’uu ibsameera. Kana jechuunis Birrii Itoophiyaa biiliyoona 8.5 olitti tilmaamama. Deeggarsi kunis dameewwan ijoo akka fayyaa, barnootaa fi fooyya’iinsa diinagdee keessatti hojiiwwan misoomaa saffisiisuuf akka hojiirra oolu ibsameera. Akka odeeffannoon mootummaan baase ibsutti, deeggarsi kun yeroo darbe rakkoo waraana naannoo kaabaa Itiyoopiyaa keessatti uumameen addaan citee ture, amma immoo haala haaraan deebi’ee jalqabuuf carraan uumameera. Muummichi ministeera Itoophiyaa Dr. Abiy Ayimad deeggarsi kun hojii haaromsaa diinagdee mootummaan eegale saffisiisuuf gargaarsa guddaa ta’a jedhaniiru. Dabalataanis, waliigalteen kun hariiroo diplomasii Itiyoopiyaa fi Gamtaa Awurooppaa gidduu jiru gara boqonnaa haaraatti ol guddisuu akka danda’u ibsameera.

  • 20 апр.2 12952

    Pirezidaanti Tiraampi Doonii #Iiraan to’annoo jala oolchuu isaanii beeksisuu hordofee gatiin boba’aa daballii agarsiise Finfinnee, Eebla 20, 2026: Pirezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp, Humni Raayyaa Ittisaa Yuunaayitid Isteetis doonii fe’umsaa alaabaa Iiraan qabatte takka butuun to’annoo jala oolchuu isaanii beeksisuu hordofee, gatiin boba’aa addunyaa 5% ol daballii agarsiiseera. Akka gabaasa BBCitti, gatiin boba’aa dibataa 'Brent' 5.4%n dabaluun barmeelli tokko doolaara 95.27 kan ga’e yoo ta’u, madaallii gabayaa Yuunaayitid Isteetisiin ammoo 5.9% dabaluun doolaara 88.79n gurgurameera.

GAADDISA SABAA — tgindex