HIRKO_ACADEMY
Статистика"BEEKUMSI GALAA SAMMUUTI!" “Education is the key to success.” 🔑 Hirko Academy helps students improve knowledge, confidence, and future goals. Join us and grow every day!
- Последний пост
- 17 авг.
- Последнее чтение
- 13 авг.
- Постов за неделю
- 5
- Всего постов
- 37
- Тип
- открытый
- Язык
- английский
- В каталоге с
- 13 авг.
- 1/24сутки в ленте
- 8
- 1/48двое суток
- 9
- 1/72трое суток
- 9
Оценка по просмотрам недавних постов: пост набирает почти всё за первые сутки.
Посты
BEEKSISA WAAMICHAA BBO, Hagayya 11/2018 Kaadhimamtoonni Barsiisotaa Bu'uura Boruu Leenjii barsiisummaaf ulaagaa taa'e guuttaanii darbitan hundaaf! Manneen Barnootaa Ifa Boruu Bultii Addaa Sad.2ffaa ramadamtanii keessatti leenjii fudhattan maqaan keessan akkaataa armaan gadiin dhiyaayerraa ilaallachuu kan dandeessan ta'uu isin beeksisaa; GUYYAAN GALMEE BARNOONNI ITTI EEGALUUF WANTOOTA_QABATTANII_BAKKA LEENJIITTI ARGAMTAN Guyyaan galmee 13/12/2018 Guyyaa barnoonni itti eegalu 14/12/2018 Uffata halkaniifi uffataa Boraatii Dabtara yaadannoo Suuraa hammantaan (size) 3x4 kan ta'e 2 Ragaa barnootaa kutaa 8ffaa, 12ffaafi tiraanskriiptii kutaa 9-12 qabattanii akka dhiyaattan beeksifna. HUBACHIISA: Namni guyyaa seensaa dabarsee dhufe kan hin keessummeeffamne ta'uu beeksifna. https://t.me/Oromiastudent_s https://t.me/Oromiastudent_s
Mee waa'ee department filattanii xiqqoo isiniif haa himnu Waggaa tokkoffaa(freshman )simisteera jalqabaa erga barattee booda department ni filatta GPA simisteera jalqabaa irratti hundaa’uun jechuudha. Fakkeenyaaf, simisteera jalqabaa erga xumurtee booda kanneen armaan gadii keessaa filachuu dandeessa: 1 anesthesia 2 pharmacy 3 Medicine 4 veterinary medicine 5 nursing 6 Engineering 7 Other Natural Science Kanneen keessaa department wwan shanan 1 hanga 5 ta’an bu’aan kee simisteera tokkoffaa erga ilaalamee booda kan galtuudha. Fakkeenyaaf, barataan tokko GPA semestera tokkoffaa 3.9 fidee Medicine seenuu yoo barbaade, filannoowwan kana keessaa Medicine 1ffaarratti guutee kanneen hafan akka fedhii isaatti tartiibaan ni kaa’a. Sana booda, bu'aan barataan kun fide medicine in galcha yoo ta'e, medicine seenee semisteera lammaffaatti barnoota medicine barachuu eegala. Kana jechuun warri kaanis hanga Narsiitti kan jiran haala walfakkaatuun filatama jechuudha. ✨ Kan biraan Injinariingiidha. Barataan Injinariingii barachuu barbaadu immoo filannoowwan jiran keessaa Injinariingii jalqaba irratti ni guuta. Bu'aan inni fide Injinariingii kan galchu yoo ta'e semisteera lammaffaa barataa Pre Engineering ta'ee C++ fi Applied Maths Koorsiiwwan kanneen biroo irraa adda ta'e ni barata. Dhumarratti semestera lammaffaa erga xumuree booda department wwan Pre Engineering jalatti barsiifaman ni filata. department wwan pre engineering Jala jiran mooraa irratti hundaa’uun garaagarummaa yoo qabaatus, mooraa baay’ee keessatti department wwan kun 10 ol ta’uu kan danda’u, isaan keessaa muraasni Software engineer, computer science, civil engineering, biomedical engineering fi kkf dha. ✨ Other Natural science Other Natural science'n qabxii seensaa tokkollee hin barbaadu. Barataan qabxii darbiinsaa qabu kamiyyuu galuu ni danda'a, garuu kana jechuun barattoota Fayyaa fi Injinariingii seenuu hin dandeenyetu seena jechuu miti. Other Natural science jalatti akkuma Injinariingii department wwan 30 ol of jalatti qabaachuu kan danda’u yoo ta’u, department wwan kana keessaa muraasni HO, Radiology, Optometry, fi kanneen biroo hedduu yoo ta’an, akka yunivarsiitiiwwanitti garaagarummaa qabaachuu danda’a. Odeeffanoo dabalataaf chaanaaliiwwan kanneen join godhaa. Join 👇👇👇👇👇👇👇👇 https://t.me/Oromiastudent_s https://t.me/Oromiastudent_s Join 👇👇👇👇👇👇👇👇 https://t.me/knowledgy_hub https://t.me/knowledgy_hub
Mee Har’a immoo abjuu ijoollummaa namoota hedduu kan ta'e waa'ee department MEDICINE haa ilaallu! Barnoota Medicine biyya keenya keessatti yunivarsiitiiwwan hedduu keessatti argachuun ni danda’ama. Haa ta’u malee, sirna barnoota cimaa kennuu fi muuxannoo hojii gaarii irratti kanneen dursaan beekaman kam fa’i? ✅ Xiqur Anbessaa (AAU), St. Paul, Gondar, Jimma, Haramaya, Arba Minch, Mekelle, Bahir Dar fi Hawassa University yeroo baay’ee kanneen ijoo ta’aniidha. Garuu, guyyaa medicine seentee eegalee hanga yeroo eebbifamtuutti waggaa 7 hanga 8 fudhachuu danda’a 😱. Barnootni Medicine dhuguma sodaachisaa dha? ✅ Barnootni Medicine waan haaraa uumuu ykn herrega ulfaataa hojjechuu kan of keessaa qabu miti kan inni gaafatu taa’anii sirriitti dubbisuu fi barachuu dha. Kanaaf, barataa amala dubbisuu qabuuf salphaa ta’uu danda’a! Haa ta’u malee, wanti barnoota kana ulfaataa godhu baay’inni content isaa baay’ee guddaa ta’uu dha. Keessumaa yeroo Pre-Clinical 1 (PC1) fi Pre-Clinical 2 (PC2), yeroo keessan keessaa sa’aatii hedduu library keessatti dabarsuun dirqama ta’uu danda’a 🤯. Kana hunda caalaa immoo, directly jireenya namaa waliin waan hojjettaniif, itti gaafatamummaan ykn responsibility 'n isaa olaanaa dha. Wanti biraa namoota hedduu yaaddessu immoo erga Eebbifamanii booda maal argadha waan jedhuudha? 💰💰 ✅ Akka yeroo baayyee odeeffamu, Medicine jechuun damee “abdii hin qabne” jechuu miti. Carraawwan hedduun jiru; garuu bu’aa isaa argachuuf yeroo dheeraa fi obsa barbaada. Kanaaf, nama guyyaa tokko keessatti jijjiirama guddaa barbaaduuf osoo hin taane, barataa obsaan gara fuulduraatti yaaduuf kan mijatuu dha 😁. Barataan tokko Medicine keessatti itti fufuuf maal qabaachuu qaba? ✅ Wanti guddaan Discipline qabaachuu, Commitment (kutannoo) fi ogummaa kanaaf jaalala dhugaa qabaachuu dha! Barnootni kun bal’aa dha, sa’aatii dheeraa barachuu gaafata, waggoonni isaas dheeraa dha. Kanaaf, ogummaa kanaaf jaalala osoo hin qabaatin ykn dhiibbaa maatii qofaan Medicine hin seeninaa! Sababiinsaas booda jibbitanii Nan ba'a jechuun waan hin oolleef. Carraawwan eebba booda isin eeggatan immoo maal fa'i? ✅ qormaata USMLE darbuudhaan gara Ameerikaa deemuu ✅ Gara biyyoota Awurooppaa garaagaraatti Scholarship argachuun deemuu 😊 ✅ Damee barbaaddan keessatti Specialization hojjechuu ✅ Yookaan MPH (Public Health) barachuun Ministeera Fayyaa, WHO fi NGOwwan garaagaraa addunyaa irratti hojjetan keessatti tajaajiluu dandeessu. Kanaa carraan bal’aatu jira 😎. 👉 Garuu kun hundi namni Medicine barate hundi carraawwan kana hunda argata jechuu miti. Dhumarrattis, warra ogummaa kabajamaa fi guddaa kana seenuu yaaddan hundaaf carraa gaarii isiniif hawwina! 😊😊 Join 👇👇👇👇👇👇👇👇👇 https://t.me/Oromiastudent_s https://t.me/Oromiastudent_s Join 👇👇👇👇👇👇👇👇👇 https://t.me/knowledgy_hub https://t.me/knowledgy_hub
#Yeroo filannoo Yunivarsiitii guuttan wantoota beekuu qabdan muraasa 🔶 Yunivarsiitiin bakka waggoota hedduuf itti barattan waan ta'eef, yeroo filannoo yuunivarsiitii guuttan wantoota armaan gadii beekuun barbaachisaa dha. 1. Duraan dursee, yunivarsiitiileen isin filattan field/department barbaaddan akka qaban mirkaneeffadhaa. Kun wanta hundarra barbaachisaa dha. Yoo ammayyuu field/department barachuu barbaaddan hin murteessine ta'e, amma irraa jalqabee filannoo gabaabaa (shortlist) qopheeffadhaa. 2. Yunivarsiitii sana keessatti qulqullinni barnootaa akkam akka ta'e qoradhaa; keessumaa field/department isin barbaaddan keessatti sadarkaan barnootaa akkam akka ta'e sirriitti odeeffannoo isaa funaannadhaa. 3. Yunivarsiitii fi magaalaa filattan YouTube irratti ilaalaa. Akkasumas barattoota achitti baratan gaafadhaa. Yoo obboleessi ykn obboleettiin keessan kan yunivarsiitii baratu jiraates, isaaniinis gaafadhaa. Isaan barattoota mana barumsaa sadarkaa lammaffaa waliin baratan kanneen yunivarsiitii adda addaa seenan beekuu waan danda'aniif odeeffannoo gaarii isiniif kennuu ni danda'u. 4. Fakkeenyaaf, Addis Ababa University (AAU) keessatti department' wwan baay'ee barbaadaman kanneen akka Medicine fi Software Engineering seenuun baay'ee ulfaataa dha. Yoo qabxii gaarii hin qabaanne ta'e, department baay'ee barbaadamu seenuun ulfaataadha. Kanaaf department filannoo keessan hin taanetti ramadamuu dandeessu. 5. Yeroo filannoo yunivarsiitii guuttan, hiriyoota kutaa keessanii ykn obboleessa/obboleettii yunivarsiitiitti baratan wajjin mari'adhaa guutaa. 6. Yoo yunivarsiitiin isin filattan magaalaa keessaan ala ta'e, waa'ee nageenyaa fi tasgabbii magaalaa sanaa odeeffannoo walitti qabaa. 7. Akkasumas haala qilleensaa magaalaa yunivarsiitiin sun keessa jiruu tilmaama keessa galchaa. Barattoonni tokko tokko bakka baay'ee ho'aa ta'e keessatti waggoota hedduuf jiraachuun isaan rakkisuu danda'a. Join 👇 👇 👇 👇 👇 👇 👇 https://t.me/knowledgy_hub https://t.me/knowledgy_hub Join 👇 👇 👇 👇 👇 👇 👇 https://t.me/Oromiastudent_s https://t.me/Oromiastudent_s
Bu'aan Qormaata Biyyaalessaa Kutaa 12ffaa bara 2018 yoom ifooma? Yeroo ammaa kanatti ifatti odeeffannoon bahe jiraachuu dhabuyyuu, maddeen garaa garaa irraa odeeffannoowwaan waa'ee guyyaa ifoomuu bu'aa qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa bara 2018 akka ibsanitti; Bu'aan qormaata biyyaalessaa bara 2018, Fulbaana 5 dura akka ifoomu ibsameera. Barattoonni karaa AI qormaata hojjetanis bu'aan isaanii 100% akka haqamu ibsameera, kana adda baasuufis hojimaata mataa keenya hojiimaata mataa keenyaa hojii irra oolchineerra jedhaniiru. Kanas qormaata bahumsaa irratti hojii irra oolchanii akka tures himameera. Kunis qabxiin barattoota hedduu haqamuuf sababa ture. Dhimma kana irratti odeeffannoo guutuu kan isin biraan geenyu ta'a! Channel keenya hordofaa! Share https://t.me/knowledgy_hub https://t.me/knowledgy_hub ♡ ㅤ ⎙ㅤ ⌲ 🔕 ✉️ ˡᶦᵏᵉ ˢᵃᵛᵉ ˢʰᵃʳᵉ ᵘⁿᵐᵘᵗᵉ ᶜᵒᵐᵐᵉⁿᵗ
#Sagantaa_Reemeediyaalii Komii Barattoota Sagantaa Reemeediyaalii Bara 2018 barattoonni sagantaa Reemeediyaalii qormaata erga fudhatanii booda hanga ammaatti bu'aan isaa ifoomuu dhabuun komii kaasaa jiru. «Qormaata erga fudhannee ji'a lama guutuufi» kan jedhan barattoonni kunneen «Yeroo kana hunda bu'aan keenya osoo hin ifoomiin turuun isaa sirrii miti» jechuun komii isaanii dhiyeeffachaa jiru. «Qabxiin keenya osoo hin ifoomiin guyyoonni 57 darbuun isaanii sirrii miti, dhiibbaa nurraan gaheera» kan jedhan barattoonni kunneen «Mootummaan hatattamaan bu'aa keenya nuuf ifa haa taasisu» jechuunis gaafataniiru. Dhimma kana irratti hanga ammaatti karaa Ministeera Barnootaas ta'e karaa Tajaajila Madaallii Barnootaa fi Qormaataa wanti jedhame kan hin jirre yoo ta'u, gara fuulduraatti hordofnee kan isin biraan geenyu ta'a Barattoonni kuma 53 ol Caamsaa 27 hanga Waxabajjii 3 bara 2018 tti qormaata sagantaa Reemeediyaalii fudhachuun isaanii ni yaadatama. Join 👇 👇 👇 👇 👇 👇 👇 https://t.me/knowledgy_hub https://t.me/knowledgy_hub
#Computer science Computer science'n department akkamiiti❓ 💻 Computer science'n barnoota damee teeknooloojii ta'ee wantoota kompiitaraan walqabatan irratti Kan xiyyeeffatuudha. 💻 Computer science'n yeroo baayyee dameewwan barsiisuu, qorachuu, fi hojiiwwan saayinsii kompiitaraa fi dameewwan kanaan walqabatan irratti kan xiyyeeffatuudhuudha. Computer science keessatti Koorsiiwwan armaan gadiitu kennama: 💻 Software development 💻 Computer system 💻 HARDWARE 💻 Artificial intelligence (AI) 💻Data science 💻 Cyber security 💻 Akkasumas Koorsiiwwan biroo hedduu kan kompiitaraan walqabataniidha. ➡️Sagantaa barnoota digirii jalqabaaf computer science'n waggaa meeqa fudhata? 🟢Damee Engineering jalatti kan ramadamu ta'ee duraan waggaa 4 kan fudhatu ture, amma garuu freshman dabalatee waggaa 5tti dheerateera, . 📚Barattoonni computer science akkuma barattoota SOFTWARE ENGINEERING wanta dirqama beekuu qabantu jira innis programming language dha. 💻 Barataan computer science baratu tokko gosoota barnootaa Programming Language armaan gadii fudhachuu fi beekuu qaba. 💻C+ 💻JAVA 💻JAVASCRIPT 💻CSS 💻C# 💻PYTHON 💻HTML ➡️Namni digrii computer science'n eebbifame hojii akkamii hojjechuu danda'a? 🟢Barataan digrii computer science'n eebbifame tokko hojiiwwan armaan gadii irratti hundaa’uun baankii dabalatee dhaabbilee mootummaa fi dhuunfaa adda addaa armaan gadii keessatti hojjechuu ni danda’a. 🖤 Data Scientist/Analyst 🖤 Database Administrator 🖤 Network Administrator 🖤 Systems Analyst 🖤 Cybersecurity Analyst 🖤 IT Consultant 🖤 Machine Learning Engineer 🖤 Artificial Intelligence Specialist 🖤 Cloud Computing Engineer 🖤 Quality Assurance Tester fi kkf dha Namni computer science'n eebbifame tokko salphaamatti hojii COMPUTER'n walqabatu tokko hojjechuu danda'a😎. ➡️ 💸 Namni computer science'n Eebbifame tokko Galii hammamii argachuu danda'a😋❓ 💻 Namni computer science'n Eebbifame tokko yeroo ammaa kana ji'atti qarshii kuma 6 hanga kuma 15 fi isaa ol kan argatu yoo ta'u, iddoodhaa iddootti garaagarummaa qaba. Kana malees hojii idileetiin ala hojii mataa keetii hojjechuu waan dandeessuuf galii baayyee gaarii argachuu danda'a. 💻Kun ibsa gabaabaa waa'ee computer science ti. Yeroo itti aanu maal siniif hojjennu . Comment Jala ka'aa Join 👇👇👇👇👇👇👇👇 https://t.me/Oromiastudent_s https://t.me/Oromiastudent_s Join 👇👇👇👇👇👇👇 https://t.me/knowledgy_hub https://t.me/knowledgy_hub
🌟 kabajamtoota hordoftoota keenya Mee har'a immoo yuunivarsiitii keessatti haaraa akka isinitti hin taaneef waa tokko tokko share isiniif haa goonu.👏 Barattoota Fresh ta'anii mooraa seenan irra caalaan isaanii rakkinni Kun waan mudatuuf, ammaa kaastanii beekuun keessan baay'ee faayidaa qaba. 🤔Gaaffii 🌟Bu'aan waggaa tokkoffaa(freshman ) Simisteera 1ffaa barbaachisaa akka ta'e ni himama. Mee akkamitti Akka ta'e waa xiqqoo irraa isinii haa ibsinuu? ✅Deebii 🎓 mooraa yuunivarsiitii keessatti Qabxiin ati simisteera hunda keessatti galmeessitu sadarkaa wal fakkaataa qaba, haa ta'u malee bu'aan simisteera tokkoffaa turtii mooraa kee itti aanuuf bu'uura guddaa Qaba. 😏Fakkeenyaaf barataan tokko simisteera tokkoffaa keessatti qabxii 3.8 fi isaa ol yoo fide, simisteera itti aanuuf abdii guddaa qabaata. Kunis, qabxiin isaa simisteera lammaffaa keessatti yoo gadi bu’eyyuu CGPA'n isaa baay’ee hin gadi bu’u. ✨Haa ta'u malee, jalqaba irratti qabxiin isaa yoo gadi bu'e rakkoon adda addaa isa mudachuu mala. 🫤Fakkeenyaaf, barataan simisteera tokkoffaa keessatti qabxii 1.5 hanga 2.00 yoo galmeesse simisteera lammaffaa keessatti 4 yoo fideyyuu CGPA'n isaa baayyee gadi bu'aa ta'a, kunis psychologically barataa sanaarratti miidhaa geessisuu danda'a. 🫤Rakkoon biraa keessattuu bara kana, bu'aa simisteera jalqabaa fi bu'aa simisteera lammaffaa irratti hundaa'uun damee barnootaa (field ) kee filachuu waan dandeessuuf, department barbaaddetti galuudhaaf bu'aa gaarii qabaachuu qabda. 🫨Bu'aan simisteera tokkoffaa Engineering, law, medicine, pharmacy fi dental galuuf murteessaa yoo ta'u, department wwan hafan immoo bu'aa waggaa tokkoo booda,(simisteera 1ffaa fi 2ffaa) yeroo barnoota freshman xumurtu qabxii galmeessitan irratti hundaa'uun kan itti ramadamtan ta'a. Kanaafuu semestera tokkoffaa keessatti qabxii gaarii yoo qabaattan....inni itti aanu salphaadha😉 😎Garuu hunda dura CGPA jechuun maal jechuudha? ☑️CGPA jechuun cumulative GPA jechuudha. (Average qabxii simistera baranne jechuudha). bu'aa keenya irratti hundaa'uun semesteera hunda ni jijjiirama. CGPA gaarii yoo qabaatte, Department barbaadde barachuu akkasumas erga eebbifamtee booda Carraa Iskoolaarshiippiis argachuu dandeessa. jireenya keetif illee waan barbaachisaa ta'eef xiyyeeffannaa guddaa itti kennuu qabda. Join 👇👇👇👇👇👇 https://t.me/Oromiastudent_s https://t.me/Oromiastudent_s Join 👇👇👇👇👇👇👇👇 https://t.me/knowledgy_hub https://t.me/knowledgy_hub
🟢BEEKSISA Barattoota Manneen Barnootaa Bultii Addaa (MBBA) Sad. 2ffaa #Ministeerri_Barnootaa_Itoophiyaa_Hundeesse Dorgomanii Galuu Barbaadan Hundaaf ----------- BBO - Adoolessa 22/2018 Ministeerri Barnootaa Itoophiyaa bara 2018 irraa eegalee Manneen Barnootaa Bultii Addaa Sad. 2ffaa naannolee adda addaa keessatti banuun barattoota qaxalee qormaata naannoo kutaa 8ffaa qabxii olaanaan gara kutaa 9ffaa darban qormaata seensaa kennuun dorgomsiisee fudhachuu kan jalqabe ta'uun ni yaadatama. Bara barnootaa 2019f immoo, #Barattoota_qaxalee #1_Qormaata_Naannoo kutaa 8ffaa qabxii olaanaa galmeessisanii darbaniifi #2_Barattoota_kutaa_9ffaa irraa #gara _0ffaa qabxii olaanaa galmeessisanii darban dorgomsiisee fudhachuuf beeksisa baaseera. Haaluma Kanaan: - MBBA Sad. 2ffaa Walisoo - MBBA Sad. 2ffaa Bu'ii - MBBA Sad. 2ffaa Bongaa - MBBA Sad. 2ffaa Jigjigaafi - MBBA Sad. 2ffaa Gaambeellaatti kan simatu yoo ta'u, MBBA Sad. 2ffaa haaraa barana(2019) barattoota kutaa 9ffaa qofa simachuun hojii jalqaban immoo, -MBBA Sad. 2ffaa Dirre Dawaa - MBBA Sad. 2ffaa Baahir Daar - MBBA Sad. 2ffaa Asoosaafi - MBBA Sad. Arbaa Minciitti barattoota kutaa 9ffaa qofa kan dorgomsiisee kan simatu ta'uun beekameera. Kanaafuu. barattootni manneen barnootaa Ministeerri Barnootaa Itoophiyaa hundeesse kana galuu barbaaddan gamanumaa akka qophii akka taasiftan isin beeksifna. Dabalataanis Galmeefi_Qormaatni_Seensaa kompitaraan oonlaayiniin (#CBT_online ) kennama. Kanaafuu, Kompitaratti fayyadamuu shaakalaa kan jedhu dhaamsa keenya ta'a. #HUBACHIISA:- Beeksifni #Manneen_Barnootaa_Ifa_Boruu_Bultii_Addaa (#MBIBBA)fi #Waldaa_Misooma_Oromiyaa Sad. 2ffaa tibbana kan bahu waan ta'eef barattootni qormaata naannoo kutaa 8ffaa qabxii olaanaa fiddaniifi fedhii qabdan qophii barbaachisaa ta'e akka taasiftan gamanumaa isin beeksifna. ▶️Youtube 👇👇 http://bit.ly/4m2OTUK ❤️ Telegram 👇👇 https://t.me/BirooBarnotaaOromiya1
без подписи
🟢🔤🔤🔤🔤🔤 6️⃣🔤🔤🔤🔤 #Kutaa_6ffaa #CE Bu'aa Qormaata Naannoo kutaa 6ffaa Naannoo Giddu Galeessa Itoophiyaa Bara 2018 barattoota qormaata kutaa 6ffaa Naannoo Giddu Galeessa Itoophiyaatti fudhatan keessaa 81.1% kan ta'aan qabxii darbiinsaa fiduun gara kutaa 7ffaa tti darbuun isaanii ibsameera. Naannoo kanatti qabxiin darbiinsaa barattoota idilee 50% fi isaa ol yoo ta'u, qaama miidhamtootaaf ammoo 45% fi isaa ol ta'uun isaa ifoomeera. Naannoo kanatti barattoota qormaata kana fudhatan 88,927 keessaa 81.1% kan ta'aan qabxii 50% fi isaa ol fiduun gara kutaa itti aanutti darbaniiru. Manneen Barnootaa barattoota isaaniif qormaata kennan 1,839 keessaa 582 ykn 31.1% kan ta'aan barattoota isaanii guutummaa guutuutti kan dabarsan yoo ta'u, Manneen Barnootaa 10 ammoo barattoota homaayyuu akka hin dabarsine ibsameera Link kanaan ilaalaa :- http://ce6.ministry.et/ Odeeffannoo bu'aa qormaata naannoo kutaa 6ffaa Naannoo Oromiyaa argachuuf keenya Telegram join taasisaa! ▶️Youtube 👇👇 http://bit.ly/4m2OTUK ❤️ Telegram 👇👇 https://t.me/BirooBarnotaaOromiya1
без подписи
#Kutaa_12ffaa Sagantaa Qormaata Biyyaalessaa Kutaa 12ffaa Tajaajilli Madaallii Barnootaa fi Qormaataa sagantaa qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa bara 2018 baaseera. Bu'uura kanaanis; 👨💻 Karaa online «Computer-Based Testing (CBT)» barattoonni qormaata fudhatan marsaa jahaan qormaata isaanii kan fudhatan akka ta'e ibsameera. Kanaanis marsaa 1ffaa hanga sadaffaatti barattoonni Saayinsii Uumamaa qormaata kan fudhatan yoo ta'u, marsaa arfaffaa hanga jahaffaatti ammoo barattoonni Saayinsii Hawaasaa qormaata ni fudhatu. 📄 Karaa waraqaa barattoota qormaata fudhataniif ammoo barattoonni Saayinsii Uumamaa marsaa sadaffaa irratti qormaata kan fudhatan yoo ta'u, barattoonni Saayinsii Hawaasaa ammoo marsaa arfaffaa irratti Yuunivarsiitii keessatti qormaata fudhatu. join 👇👇👇👇👇👇👇👇 https://t.me/Oromiastudent_s https://t.me/Oromiastudent_s join 👇👇👇👇👇👇👇👇 https://t.me/knowledgy_hub https://t.me/knowledgy_hub
🚨 Dhaamsa Gabaaba Barattoota Kutaa 12 tiif *** 🚨Guyyaa 14 qofatu Hafe!🚨 Road to Success!! Ee guyyaa 14 Qofa!! Ati Maal Gochaa jirta? ** >>>Waan Beekuu Qabdu* <<< Sa'aatiin ammaa kuni sa'aatii sodaatanii fi dhiphatan osoo hin taane, sa'aatii itti xiyyeeffannoo guutuun gara milkaa'inaatti tarkaanfataniidha. Guyyoota 14 hafan kana keessatti akkamitti of qopheessuu qabda? Maloota asii gadii lanneen hojii tti Hiiki: ### 1. Qormaatawwan Darban (Past exam Papers) Irratti Xiyyeeffadhu... * Kun hunda caalaa furtuudha! Qormaatawwan kanaan dura bahan hedduu isaanii hojjadhu. * Gaafilee baay'ee deddeebi'anii bahan (Repeated Questions) adda baafachuun toftaa isaanii bari.. ### 2. Ulaagaalee Gurguddoo (High-Yield Topics) Dabalataan Keessa Deebi'i. * Fkn, Fiiziksii keessatti Mechanics, Thermodynamics, fi Electrostatics irratti gaafileen baay'atanii dhufu.. ***Biology keessattimmoo Enzyme,Genetics,Ecology,Cell Biology faa...... * Qo'annoo kee gadi fageenyaan osoo hin taane, Yaad-rimee gurguddoo (Core Concepts) fi Foormulaawwan memorise gochuu irratti xiyyeeffadhu.... ### 3. Foormulaawwanii fi Yaadannoo Gaggabaaboo (Summary Notes).... * Kitaaba detail dhan dubbisuuf yeroon hin qabduu beeki. Keessattuummoo saayinsii uumamaaf (Natural Science), foormulaawwan irratti 'Cheat Sheet' ykn yaadannoo gaggabaaboo guyyaa guyyaadhaan irra deebitee ilaaltu qopheeffadhu.. 4. Yeroo Too'achuu Shaakali.. (Time Management) * Gaafilee darban yeroo qo'attutti sa'aatii qabachudhaan shaakali. * mock exam qoramaa jirturratti of ilaali. * Qormaata irratti gaafii tokko irratti yeroo dheeraa gubuu dhiisuuf, amma irraa jalqabee itti shaakaluun dirqamadha. ### 5. Sammuu fi Qaama Kee Eeggadhu.. Eee of eegi.. * Hirriba gahaa : Hirriba dhabuun wanta dubbiste akka dagattu si taasisa. Halkan guutuu hirriba dhabuun dhiphina fida. * Ofitti amanamummaa: Hamma yoonaatti wanta dandeessu mara gooteetta ta'a, kanaan boodas ni dandeessa! Sodaaf bakka hin kennin. --- 💪 Ergaa Xumuraa: #Milkaa'inni bu'aa carraaqqii obsaa fi dandeettii keetiiti. #Guyyoonni 14'n kuni jireenya kee jijjiiruu keessatti gahee guddaa qabu. So, Ofitti amani, tattaafadhu, injifannoon kan kee Ta'aatii! 🔥 Eeyyee Ni Injifatta ! 🔥 "Namni kaayyoo qabu ni tattaafata malee hin sodaatu!" Rakkoon har'a si qunnamu hundi gara injifannootti akka si geessu abdii qabna. **** https://t.me/Hirko_Academy262017
🫶 Lafan yaade hin geenye yoon ta'ellee lafan yaade ga'uuf hin teenye! 🫶 Jecha hin danda'amu jedhutti gonkumaa hin amaniin! 🫶 Never believe in never! 🫶 Barrisuu kan dandeessu hanga barrisuu dandeessu yoo of amansiiste qofaadha! 🫶 Your attitude means the difference between success and failure! 🫶 Ati of daangessitee teessa taanaan eenyu daangaa si ceesisaa? Of beekuuf murtoo hin qabdu taanaan yoo of beektes murtoo hin murteessitu. 🫶 Of beekuun beekumsa beekumsa caaluudha. Barachuun beekuu hin ibsu.Beekuun garuu barachuu ibsa. 🫶 Hirkattummaan diina of beekuuti. Osoo of hin beekiin du'uun osoo hin dhalatiin du'uu wajjin tokkuma. ⚪️ Nama jechuun bu'aa yaada isaati! Namni waanuma nyaate fakkaata! ⚪️ Ilaalchi ati ofiif qabdu eenyummaa ati mul'ata kee dhugoomsuuf taasisaa jirtu mul'isa. ⚪️ Namoonni ofittoon summii mul'ataa qabu malee, sammuu mul'ataa hin qaban. ⚪️ Carraan amma qabdu kan guddinaati malee kan badiisaa miti. ⚪️ Meeshaa ammayyaa caalaa sammuu injifannoo qabaadhuutii gara dirree seeni.
без подписи
без подписи
без подписи
без подписи
без подписи