- Последний пост
- 31 июл.
- Последнее чтение
- 13 авг.
- Постов за неделю
- 0
- Всего постов
- 13
- Тип
- открытый
- Язык
- und
- В каталоге с
- 13 авг.
- 1/24сутки в ленте
- 116
- 1/48двое суток
- 132
- 1/72трое суток
- 143
Оценка по просмотрам недавних постов: пост набирает почти всё за первые сутки.
Посты
An amma iyyuu in dhufta jedheen qara ilaalaa jira.[Luqa 15:-20]. Bakka kee duraatti deebi'i, jaalala anaaf qabdu duriis itti fufi , biyyi lafaa si marartee narraa adda hin ba'in wanta darbuun hin goyyomfamin[1Yoh 2:-15--17]. Kanaaf ati maal irraa akka kufte yaadadhu. Qalbii jijjiirradhuutii hojii kee kan duraa sana hojjedhu. Yoo ati qalbii jijjiirrachuu baatte immoo ani sittin dhufa; baattuu ibsaa keetiis iddoo isaatii nan fuudha. Mulʼata 2:4-5 " Siin jedha uumaan kee inni siif dhiiga isaa dhangalaase inni siif du'e! ✍🏻 Dn Aboo ⛪Doonii Nohi ⛪
Jaalala kee Isa duraa!💞 👉 Dubbisi! "Jaalala kee isa jalqabaa waan dhiisteef waanan sirratti jibbun qaba" [Mul 2:-4]. ✍️Abbaan kee uumaan kee inni siif du'e , inni siif yaadu akkas siin jedha:- "Jaalala kee isa jalqabaa waan dhiisteef waanan sirratti jibbun qaba, Ni yaadattaa dur yeroo daa'imummaa kee irraa kaastee mana koo keessa tajaajilta ture.Ni faarfatta waa'ee maqaa koof faarfattee faarfattee hin quuftu ture.Mana qulqullummaa koo keessaa galuun siif waan ulfaataa ture.Ni yaadattaa yeroos gaafa ati faarfattu namoonni baay'een raajeffatanii si ilaalu turan. Ati garuu laphee kee irraa kaastee waan faarfattuuf eenyu akka si ilaalaa ture illee hin yaadattu ture.Ni yaadatta mitii dur oobdii mana kootii keessaa sin dhabun ture.Akka tasaa inni eessa jira jedhanii yoo si iyyaafatan illee bakki argama kee mana koo keessa ture.Yeroo guddattes mana koo keessa tajaajiluu hin dhiisne ture.Namoonni baay'een waa'ee kee ni dubbatu ture. "dargaggummaan isa hin balleessine inni nama fakkeenya namaaf ta'uudha", jedhanii. ✍️Eeyyee atis dhuguma dargaggummaa kee faana buutee nan dagannee ture. Afaan kee keessaa waan hamaan hin ba'u, jallina namaaf yaaduun si bukkee hin jiru ture.Garraamummaa kee irraan kan ka'e bineensaaf illee kan garaa laaftu turte. Ni yaadatta mitii? Yeroo qiddaasee dhaan na galateeffattu sana sagaleen kee inni miidhagaan sun qalbii namoota baay'ee keessa jira. Yeroo ati qaddasaa turte sana sababa keen namoonni dhala isaanii diyaaqonii godhan baay'ee ture.Mucaan isaaniis akka kee akka ta'uufitti. Of-tuulummaa hin qabdu,nama hundaaf mana koo keessaa ni ajajamta turte. ✍️Jaalala anaaf qabdu irraan kan ka'e waa'een dhiphina koo gaafa dubbatamu imimmaan fuula kee irra dhangala'a ture. Mana koo keessatti ati rakkoo baay'ee dabarsitee ture.Rakkoon sun garuu sitti homaa hin fakkaatu ture.Yeroo rakkattu, yeroo gadditu , yeroo haalli jireenyaa sitti ulfaatu afaan kee keessaa jecha tokkotu ba'a ture, '' Jaalala Kiristoos irraa maaltu adda na baasa''Rom 8:-35 .Jechi kun afaan kee keessaa dhibee hin beeku.Dubbannaa kee kanaanis namoota hedduu jajjabeessita turte.Haalli ulfaataan yoo si mudate, ''humna kan naaf kennu Kiristoosiin waan hundaa nan danda'a", Fil 4:-13 kan jedhu jecha qulqullicha Phaawuloosiin yaadattee jajjabaatta ture. Yeroo gadditus, "Yeroo hundumaa gooftaatti gammadaa! Ammas irra deebi'ee nan jedha, gammadaa" Fili 4:4. Jechi qulqulluu Phaawuloos kun siif jajjabina ture.Amma garuu akka kee durii sana miti.Akkan ijoollummaa kee irraa kaasee si beeku sana miti ni jijjiiramte. Jaalalli ati anaaf qabdu ni hir'ate. Isa dur faarfattee hin quufne amma sirbuu erga jalqabdee bubbulteerta.Mana koo dhufuun erga qaanii sitti ta'ee tureera.Amma yoo si barbaadan bakki argama kee lafa wacaaf sirbaa bakka halalummaan guuteedha. Qiddaasee dhaan galata naaf dhiyeessuun boodatti hafummaa sitti fakkaachuu jalqabeera . Akkuma warra kaanii maal bu'aa qaba mana waaqayyoo guyyaa hunda deemuun ji'a keessaa ykn waggaa keessaa tokko deemnaan ni ga'a jechi jedhus afaan kee irraa ba'uu jalqabeera. ✍️Silaa ajajamuu waan jedhamu karaa kee ba'uu dhiiseera.Ati inni dur fakkeenya namaaf taatu amma muka mammaaksaa taate.Waa'een mana kootii sitti dhaga'amee hin beeku "maaltu qorra keessa na rakkise manatti immoo nan dhaga'uu", jettee erga hirriba filattees bubbulteerta.Yeroo gadditu dhugdee machaa'uu dhaan yeroo gammaddu mana sirbaa deemuudhaan dabarsuunis amala kee ta'eera.Ni yaadattaa naxalaa inni ati ittiin mana koo keessa tajaajilaa turte sun amma eessa jira? , dabtarri faarfannaa kee hoo? Silaa macaafa qulqulluu harkaan qabuun du'a sitti ta'eera.Jaalala kee isa jalqabaa waan dhiisteef waanan sirratti jibbun qaba.Mee deebi'i guyyaan ati gaabbitu utuu hin dhufin[Lalla 12:-1]. ✍️An baduu kee hin fedhu gara kootti deebitee akka ati jiraattu malee.[His 18:-32].Kanan siif du'eef akka ati duutuuf utuu hin taane akka ati jireenya qabaattuufidha.
Dubbisa guyyaa dilbataa 23/02/2018 Rom 11;13-25 ለክሙ እብል ለአሕዛብ.... "Isin hormootaf nan dubbadha. Ani hormootaf barsiisaa isaanii waanan ta'eef ergaa koo nan kabaja. Kunis firoottan koo kanaan hinaafsisuuf akka ta'ee akkasumas firoottan isaanii kan ta'an isaan fayyisuudhaaf. Olbahuun isaanii...... Mul 12;13-xumuuraa ወሶበ ርእየ ዝንቱ አርዌ..... "Jawween sunis Kara lafatti kufuu isaa yeroo argu ilma dhiiraa kan deesse dubartiin sana ari'ate. dubartii sanaafis fuuldura jawwee sanaa fagaattee waggaa sadii fi ji'a jaha iddoo itti eegamtu Kara gammoojjitti kan ittiin barristu koochoo Risaa isaa guddaa ta'e...... Hoj. Ergamootaa 11;1-12 ወስምዑ ሐዋርያት ወበጾሙሂ.... "Duuka buutonni fi obboloonni Yihuudaa turanis hormoonni sagalee waaqayyoo akka fudhatan dhagahan. Peexiroosis kara Iyyarusaalemitti yeroo bahu obboloonni gosa hayuud ta'an isa irratti ka'an..... Far 78;8-9 ዐፀደ ወይን አፍለስከ እምግብፅ ሰደድከ አሕዛብ ወተከልከ ኪየሃ ወፄሕከ ፍኖተ ቅድሜሃ Hiika isaa.... "Gibtsiidhaa jirma Wayinii fiddee Hormoota godaansistee Ishees dhaabdee Fuuldura ishees lafa haxooftee Mat 21;33-xumuuraa ካልእተ ምሳሌ ስምዑ...... "Fakkeenya lammaffaas dhagaha. Abbaan manaa wayinii dhaabe daangaas itti daangesse bo'oo lolaas nii taasiseef dallaa(mooraas) hojjateef hojjattoota isaafis kennee deeme....... Sirna Galatoo- giiftii keenyaa Lapheen koo waan gaarii... 🌹ኀለፈ ክረምት ቆመ በረከት ተሠርገወት ምድር በሥነ ጽጌያት 🌹Ganni darbee eebbi bakka bu'e lafti miidhagina abaabon faayamtee 🌹🌹🌹 Galanni Abbaaf Ilmaaf Afuura qulqulluuf haa ta'u Galanni qulqulleetti dubree Maariyamiif ulfaataa Fannoo isaaf haa ta'u yaa'ii mooraa guddichaa fi Koollejjiiwwaniitti kutaa Barreeffamaa fi Hiik-kuus Miidiyaa (xoofoo sillaasee)
'Dubroo Maariyaam Ilmashee qabattee godaantee yeroo inni Iyyarusaaleem keessatti badu yaaddoodhaan barbaadeeni'. Yeroon kana dhaga'uu haadha gara-laafeetti kanaaf akkas jechuun barbaade; ✍ Yaa Dubree! Ilma kee Seefii Heroods irraa oolchuuf waggaa 3 kan baqatte, maaliif na fudhattee hin baqannee? 😢 Yoo na hin deenyeyyuu,''Ilaa ilma kee'' kaniin jedhame mucaa kee mitii? Ilmikee,''Ilaa haadha kee'' naan hin jennemoo? maaliif seefii seexanaa irraa na hin dhoksine? 😔 Beeka! Anaan qabanii baqachuuf hin mijadhu,jaalallii Heroods naaf hin baane, gara du'aatti kaniin deemu,irbaata abiddaa ta'uuf kaniin fiiguu dha. Ati garuu gargaartuudha! maal qaba osoo na gargaarte? 🥹 Godaansa kee barii dinqii ati goote gaafan dhaga'uu na ajaa'ibe. Ilmi kee Iyyarusaalem keessatti yeroo badu yaaddoodhaan barbaadde jedhan.Isa yoo ta'ee bakka inni hin jirree hin jiru.Isa bade barbaacha isa dhufe ilmakee kan barbaadde, maaliif ana hin barbaadne? Ilmikee eessa deema jettetu? Yoo badee bade argamni isaa mana kadhannaati.Ani garuu yeroon badu argamni koo mana kadhannaa miti, amma yeroo kanatti eessa akkan jiru osoo naaf argitee, kan barbaacha gaafatu anadha. ✍ Yaa Durbee! Addunyaa harka isaan kan qabe ilmakee kan barbaadde, addunyaan harka isheen kan na qabde maaliif ana hin barbaadne? Ana caala kan bade eenyu? ኦ ኦ ተኀድግንኒኑ ኦ ኦ ትመንንኒኑ ኀዘነ ልብየ እነግር ለመኑ ወዮ ወዮ ትተዪኝ ይሆንን? ወዮ ወዮ ትንቂኝ ይሆንን? የልቤን ኀዘን ለማን እነግራለሁ? wayyoo wayyoo na dhiiftaa? wayyoo wayyoo na dhiiftaa laata? Gadda laphee koo eenyuttin hima? Barreessaan: Dn. Heenook Hayilee Afaan oromootti kan hiike:Waldaa Sillaasee Wiirtuu Jimmaatti Kutaa Barreeffamaa fi Hiik-Kuus-Miidiyaa Yaa'ii Mooraa Mooraa Guddichaafi Kollejjiiwwanii. (Xoofoo Sillaasee)
🌹🌹🌹ማህሌተ ጽጌ 🌹🌹🌹 Kutaa 3ffaa...✍️✍️✍️ Kan Torbee darbee 🌹አንብርኒ ማርያም ውስተ ልብኪ ከመ ኅልቀት፤ በከመ ማዕተብ ፁርኒ (ዘትእምርት) በመዝራዕትኪ ልዕልት፤በእንተ ርስሐትየሰ ኢትመንንኒ ንግሥት፤እስመ ወሀብኩ ንብረትየ ለፍቅርኪ ሞት፤ ዘአሠርገዎሙ ለሰማዕት በጽጌሁ ሕይወት 🌹 Yaa Maariyamii akka qubeelaatti laphee kee irra na jiraachisi,haadhummaa fi araarsummaa keen na hin dagatin kanas jechuunkoo, akkanattis kanan si kadhadhu akka ati nan daganne kan na taasisu hojii gaarii qabaadheen miti. 👉Abbaa Tsigee Dingil fi Abbaa Gabra Maariyaam dubree Maariyamii akka misirrootti ofii isaanii immoo akka faaya misirroo(qubeelaatti) taasisanii mootummaa waaqayyootti kabajamuuf ishee kadhatan. እመ ወሀበ ብእሲ ኵሎ ንብረቶ ለፍቅር መንኖ ይሜንንዎ "Namni qabeenya isaa hundaa jaalalaaf jedhee yeroo kenne hin tuffatamu." Wedduu. 8÷7 Kanaaf jaalala Gooftaaf jedhanii wareegamtoonni dhiiga isaanii, qulqulloonni immoo guutummaa jireenya isaanii akka kennan nuyis akka isaanii nu taasisi jedhanii akka isaanii ta'uu hawwu. Xuraa'ota kan taane nuyi ijoollee kee nu hin tuffatin qulqullummaa kee ilaalee akka nu fayyisuuf nuuf kadhadhu. Addunyaa kana keessatti kufnee akka hin hafne እትመንንኒ ንግስት "Yaa mootitti nu hin dhiisin.Hidhaa cubbuu irraa nu hiiki.Waanjoo cubbuu jalaa nu baasi.Mootummaa ilma keetti nu dabali" jechuudhan abboonni kunniin haadha keenya qulqulleetti dubree Maariyamii kadhatu. እየሱስ ስዱድ ተስፋሆሙ ለስዱዳን እየሱስ ግፉዕ ምስካዬሙ ለግፉዓን እግዚአብሔር ማህደር ዘአልቦ ከመ ነደያን እየሱስ ነግድ ወፈላሲ እንዘ ውእቱ ሕጻን ወልደ አብ ፍቁር ዘበኀበ ሰብእ ምኑን መኃልየ ብካይ ኮነኒ ዘእሙ ኃዘን (ሰቆቃወ ድንግል) Gooftaan keenya Iyyasuus Kiristoos baqachuu isaatiin warra baqataniif abdii,warra namoota duratti dhiibamaniif immoo hirkoo ta'e.Uumaan addunyaa waaqayyo Abbaan,Ilmi amalummaa isaa, "waaqayyo Ilmi (Iyyasuus Kiristoos) yeroo foon uffatetti bara ijoollummaa isaa sana akka baqataa mana hin qabnee fi biyyas kan hin qabne ta'ee akkamiin namoota duratti tuffatame?" jedhee yoon yaadu gaddi fi gidiraan haadhasaa qulqulleettii dubroo Maariyaam yeedaloo boo'icha kootii natti ta'e. 👉Godaansi Gooftaa keenya Iyyasuus kiristoos diinni keenya Diyaabiloos laphee keenya keessaa akka godaanu kan taasiseedha. Dubree Maariyamiin Ilma ishee qabattee Yooseefi fi Saloomee of duukaa buustee Israa'elii hanga Gibtsii achiis hanga Itiyoophiyaa waggaa sadii fi ji'a jaha guutuu rakkoo hedduu argitee jirti. 👉Abbaa Giyoorgis inni Gaasiccaa 🗣እወ አማን እምውሉደ ሰብእ አልቦ ምንዳቤ ወግፍእ ዘከማኪ በውስተ ዓለም ዘረከቦ "Yaa dubree! Eyyen dhugumatti addunyaa kanarratti dhala namaa keessaa akka kee rakkoo fi gidiraan kan irra gahe hin jiru" jedha. Kanaaf dubree Maariyamiin dubbii fayyinaa keessatti gahee bakka hin bu'amne qabdi. 👉Godaansi Gooftaa godaanuu keenya,deebi'uun isaas deebi'uu keenya kan ibsuudha. 👉Godaansi dubree Maariyamii godaanuu Hewaan kan ibsu yoo ta'u deebi'uun ishees karaa Hewaan lammaffaa haadha keenya qulqulleetti dubree Maariyamiin Hewaan ishee jalqabaaf fayyinni ta'uu isaa nama hubachiisa. 👉Godaansi Yooseef fi Saloomee godaansa ijoollee Addaam hundaa kan ibsu yoo ta'u deebi'uun isaanis hojii fayyinaa Gooftaa keenya Iyyasuus kiristoosin kara Gannataatti deebi'uu keenya kan ibsuudha. Gibtsiin fakkeenya Si'ooliiti Iyyarusaalem fakkeenya Gannataati. Gooftaan keenya Iyyasuus Kiristoos Iyyarusaalem irraa gara Gibtsiitti godaanee irra deebiin gara Iyyarusaalemitti deebi'uun isaa Gannataa kan godaane Abbaan keenya Addaam hojii fayyinaa Waaqayyootiin gara kabaja isaa isa duraatti deebi'uu isaa kan ibsuudha. 👉Hojii gaarii irraa kan godaanne waaqayyoon gaabbidhaan nu haa deebisu. Eebbi fi gargaarsi haadha keenya qulqulleetti dubree Maariyamii nu waliin haa ta'u!! Galanni waaqayyoof,deessuu haadhasaaf ulfaataa fannoo isaatiif haa ta'u bara baraan.Ameen. YAA'II MOORAA MOORAA GUDDICHAA FI KOOLLEJJIWWANIITTI KUTAA BARREEFFAMAA ,HIIK-KUUSAA FI MIIDIYAA
🌹🌹🌹🌹ማህሌተ ጽጌ 🌹🌹🌹 Kutaa 2ffaa✍️✍️✍️✍️✍️✍️ 🌹እንዘ ተሐቅፍዮ ለሕጻንኪ ጽጌ ጸዓዳ ወቀይህ አመ ቤተ መቅደስ ቦእኪ በዕለተ ተአምር ወንጽሕንዒ ርግብየ ትናዝዝኒ እምላህ ወንዒ ሠናይትየ ምስለ ገብርኤል ፍሡሕ ወሚካኤል ከማኪ ርኅሩኅ🌹 Mucaa kee abaaboo adii fi diimaa fakkaatu haammattee; ji'a qulqullummaa kee guyyaa raajiittii mana qulqullummaa yeroo seentu, gadda koo irraa na jajjabeessuf yaa gugee koo kottu.Yaa haadha koo gaarii, dubbii gammachiisaa kan qabate Gabri'eelii fi gara laafessa akka kee kan ta'e Mikaa'elii waliin kottu. 👉 Uffata adii kan jedhame waaqummaa gooftaa keenya Iyyasuus Kiristoos dha. 👉Uffata diimaan immoo foon namaa uffachuu isaa kan ibsuudha. Gugeen Nooh, hir'achuu bishaan badiisaa firii ejersaa qabattee akka lallabde; dubree Maariyamiin gammachuu addunyaa hundaa kan ta'e hir'achuu abaarsa cubbuu firii gadaamessa ishee kan ta'e gooftaa keenya Iyyasuus Kristoos qabattee lallabdee jirti. Gugeen ijji ishee ifa akka ta'e dubree Maariyamiinis abaarsaa cubbuu hin qabdu . 🌹ክበበ ጌራ ወርቅ ጽሩይ እምዕንቋ በህርይ ዘየሓቱ ዘተጽሕፈ ብኪ ትእምርተ ስሙ ወተዝከረ ሞቱ አክሊለ ጽጌ ማርያም ለጊዮርጊስ ቀጸላ መንግሥቱ አንት ኩሎ ታስግድ ሎቱ ወለኪሰ ይሰግድ ውእቱ🌹 Mallattoon maqaa isaa fi yaadannoon du'a isaa kan si irratti barreeffame qulqullummaa warqii ifu caalaa akka albuudaatti qulqulla'e kan qabdu badhaasa mootummaa Giyoorgis gonfoo abaaboo yaa MAARIYAAM ati hundi akka isaaf sagadan nii taasista,innis siif nii sagada. 👉 Mallattoon maqaa isaa fi yaadannoon du'a isaa kan si irratti barreeffame kan jedhamteef: qulqulluu Giyoorgisiin yeroo sadi du'ee yeroo sadi du'aa erga ka'ee booda yeroo 4'ffaatti boqoteera. Maqaan dubree Maariyamiis (ማ-ር-ያ-ም )qubee afur(4)dha. Hundi akka isaaf sagadan ni taasista jechuun:-Dabra Mixmaaqitti yeroo dubree Maariyamiin mul'attu qulqulluu Giyoorgisiin ishee cinaa dhaabbateera. Wareegamtoonni hundi dhufanii erga isheedhaaf sagadanii booda isaafi waan sagadaniifidha . 🌹በከመ ይቤ መጽሐፍ ማህከለ ፈጣር ወፍጡራን ለዕረፍት ዘኮንኪ ትእምርተ ኪዳን፤ ሰንበተ ሰንበታት ማርያም ዕለተ ብርሃን ብኪ ይትፌስሑ ዘገነተ ጽጌ ጽድቃን ውብኪ ይወጽኡ ኃጥአን እምደይን🌹 Kitaabni akkas jedhe "uumaa fi uumama gidduutti boqonnaadhaf mallattoo kan taate dilbata dilbataawwanii guyyaa ifaa yaa Maariyaam abaaboo gannataa kan ta'an qajeeltonni siin nii gammadu Cubbamoonnis karaa keetin si'oolii nii bahu". 👉 Dubree maariyamiin guyyaa ifaa kan taate guyyaa dilbataan nii fakkeeffamti.Kunis 1) Ergamaa ifaa kan ta'e qulqulluu Gabri'eeliin misiraachoo kan isheetti hime guyyaa dilbataa waan ta'eef. 2) Ifa kan ta'e ilma waaqayyoo gooftaa keenya Iyyasuus Kiristoos dubrummaadhan ulfooftee waan deessef, guyyaa ifti uumame guyyaa dilbataan fakkeeffamti. 👉Araarsummaa isheetin qajeeltotaaf gammachuu,cubbamootaf immoo dhiifama cubbuu waan kennisiistuf qajeelonni nii gammadu cubbamoonnis si'oolidhaa ni ba'u jedhe. ብፁዕ ዘንተ ኃልዮ ወዘንተ ዐቂቦ ለተአምርኪ ማርያም ዘየአምር የብቦ "Yaa Maariyaam raajii keetiif galata kan beeku, kan kana yaadee eeggatu eebbifamaa dha". Kutaa 3ffaan itti fufaa.... Waaqayyoo gooftaan keenya gaddaa fi gidiraa haadhasaa laalee nutti haa araaramu.Eebbi fi kadhannaan haadha keenya qulqulleetti dubroo Maariyaam hunduma keenya waliin haa ta'u.Galanni waaqayyoof deessuu haadhasaaf ulfaataa fannoo isaatiif haa ta'u bara baraan.AMEN! YAA'II MOORAA MOORAA GUDDICHAA FI KOOLLEJJIWWANIITTI KUTAA BARREEFFAMAA, HIIKAA FI KUUS-MIIDIYAA
🌹🌹🌹ማህሌተ ጽጌ🌹🌹🌹 🌹🌹🌹🌹🌹🌹🌹 " Yaa habaaboo ishee lafaa baatu; Yaa Maaramii ishee namaaf naatu" 🌺ኅለፈ ክረምት ቆመ በረከት ተሠርገወት ምድር በስነ ጽጌያት ለመርዓዊሃ ትብሎ መርዓት ወልድ እኁየ ወረደ ውስተ ገነት🌺 "Ganni darbee eebbi bakka bu'e, lafti miidhagina abaabon faayamtee, misirrittiin misirroodhan 🗣️"Obboleessi koo ilmi karaa iddoo biqiltuutti bu'e" jette. 👉 Waqtiin gannaa darbee birraan yeroo dhufu midhaan ganna roobaan biqile sun walitti qabamee gara gombisaatti waan galuuf eebbi bakka bu'e jedhe. Icciitin isaa garuu waqtiin gannaa fakkeenya Kakuu Moofaati.Ganni dukkana akkuma ta'e kakuun Moofaas bara dukkanaati. 👉 Waqtii gannaa midhaan gahee hin nyaatamu, kana jechuun kakuu Moofaatti foon fi dhiigni gooftaa keenya IYYASUUS KIRISTOOS hin jiru jechuu isaati. Misirrittii kan jedhaman amantootaa fi qulqulleettii Mana kiristaanaati. Misirroon gooftaa keenya IYYASUUS KIRISTOOS dha. 👉 Misirroon karaa iddoo biqiltuutti bu'e jechuun fannoo irratti fannifame jechuudha. 🌹🌹🌹🌹🌹🌹🌹🌹🌹🌹 🌺ጽጌ አስተረየ እምዓጽሙ ለዘአምኃኪ ጽጌ ለገብርኤል ምስለ ስሙ ወበእንተዝ ማርያም ሶበ ሐወዘኒ መዓዛ ጣዕሙ ለተአምርኪ አሐሊ እሙ ማህሌተ ጽጌ ዘይሰመይ ስሙ🌺 "Haadha KIRISTOOS yaa MAARIYAAM ergamaa Gabri'eelin abaaboo qabatee gammadi siin jedhee nagaa siif dhiyeesse waliin nama harka si fuudhe lafee isaa keessaa abaabon biqilee mul'ate. Kanaaf dubbiin mi'aayina raajii kee yeroo na gammachiisetti galata abaabotin raajii keetif nan faarfadha. 👉Bakka Iyyaarikoo jedhamtutti diyaaqonii yeroo hunda nagaa Ergamaa qulqulluu Gabrieelii (luq 1;26-29) kadhatu tokkotu ture. Guyyaa tokko diinonni isaa karaa irratti baay'ee reebanii ajjeesan,namoonnis karaa irraa reenfa isaa fuudhanii awwaalan. Haati keenya qulqulleetti dubree Maariyamiin diyaaqonii biraa kan ishee jaalatutti mul'attee akka reenfi sun iddoo sanaa kaafamee mana kiristaanatti awwaalamu itti himte. Reenfi sun yeroo kaafamu akka shittoo urgaa'a ture.Afaan isaa keessas abaabon biqilee mul'ateera!....... 🥺ከማሃ ኀዘን ከማሀ ኀዘን ወተሰዶ ኀዘን ርእዮ ለይብኪ ዓይነ ልብ ዘቦ ዐይነ ልብ ዘቦ "Akkuma giiftii keenyaa gaddi fi godaansi kan isarra gahe akkasumas ija hubannaa kan qabu hundi gidiraa ishee yaadaa haa boo'u😭😭😭".(ሰቆቃወ ድንግል) Kutaa 2ffaan itti fufa.... 🤲Waaqayyoo gooftaan keenya gaddaa fi gidiraa haadhasaa laalee nutti haa araaramu.Eebbi fi kadhannaan haadha keenya qulqulleetti dubroo Maariyaam hunduma keenya waliin haa ta'u.Galanni waaqayyoof deessuu haadhasaaf ulfaataa fannoo isaatiif haa ta'u bara baraan. Kan barreesse: Barsiisaa Nabiyyuu Eeliyaas Afaan oromootti kan hiike: YMMGK'TTI Kutaa Barreeffamaa,Hiikaa fi Kuus-miidiyaa.
Channel photo updated
видео или голосовое, без подписи
Channel name was changed to «HUNDEE AMANTAA»
Channel name was changed to «YTM Tech Academy»
Fakkeenya Jireenya Itti Hin Jijjiirramne-OfGalaafannaa (Suicide) 1. Maalummaa Of Galaafachuu (Suicide): Of galaafachuu jechuun namni jireenya isaa ofiin xumuruudha. Yeroo baay’ee kun rakkoo qalbii cimaa, miira dhiphinaa, yaaddoo baay’ee fi abdii kutannaa irraa madda. Kun rakkoo sammuu qofa osoo hin taane, rakkoo hawaasaa fi dinagdeetiinis walqabata. 2.Maaliif Dargaggoonni Of Galaafachuu Yaadu? Sababoota gurguddoo armaan gadii keessatti hubatamuu danda’a: #Rakkoo Fayyaa Sammuu: Depression, PTSD, anxiety, bipolar disorder fi miidhaa sammuu gosa biroo. #Miidiyaa hawaasaa fi Dorgommii Hiriyyaa:Namoota biroo fakkaachuuf yaaluun rakkoo namatti fida. #Rakkoo Maatii: Dargaggoon yoo maatii isaarraa deeggarsa hin arganne ykn miidhaan irra gahaa ta’e, yaada of galaafachuu qabaachuu danda’a. #Hanqina Deeggarsa Qulqulluu: Namoonni baay’een rakkoo ofiif gorsa ykn gargaarsa ogummaa argachuu yoo hin dandeenye. #Hanqina Qabeenya fi Carraa: Jireenya keessatti carraa dhabuun fi hojii dhabuun dhiphina fida. Furmaata fi Tarkaanfii Sirrii: 1. Hawaasa Qalbiin Dhaggeeffatu Uumuu: Namoota rakkoo keessa jiran dhaggeeffachuun, akka yaada of galaafachuu qaban gadi lakkisan gargaara. -Rakkoo isaanii akkuma jirutti fudhachunii, osoo hin tuffatiin. -Hawaasa miira arjummaa qabu uumuu barbaachisa. 2. Beeksisa Barnoota Qulqulluu: Mana barnootaa fi dhaabbilee dargaggootaa keessatti, qorannoo fi hubannoo fayyaa sammuu babal’isuun barbaachisaa dha. Barattoonni rakkoo ofii ibsachuu akka danda’an gorsuu. 3. Deeggarsa Ogeessa Fayyaa: Gorsa saayikolijstii,gorsa ykn ogummaa biroo barbaadachuun, jireenya oolchuu danda’a. Namoonni deeggarsa argachuuf qaanfachuu hin qaban. 4. Waliigaltee fi Fira Cimsuu: Dargaggoonni wal tumsuu, waliin dubbachuu fi waltajjii waliin mari’atan irratti hirmaachuun ni fayyada. Deeggarsi hiriyyoota fi maatii keessatti akka cimu irratti hojjechuun barbaachisaa dha. 5. Deeggarsa Maatii fi Hawaasa: Maatiin rakkoo sammuu akka hubatu gochuu fi garaa laafina agarsiisuu qabu. Hawaasni birmadummaa fi wal tumsuu irratti hundaayu qaba. 6. Abdii fi Carraa Kennaa: Dargaggoonni ogummaa, barnoota, hojii fi muuxannoo jireenya keessatti carraa haaraa argachuu danda’u. Jireenyi dhiphina booda gammachuu qabatee akka dhufu amanuu. 7. Miidiyaa Hawaasaa Qulqullinaan Fayyadamu: Qabiyyee miira miidhu, qeeqa nama ceephessu fi dorgommii dharaa of irraa fageessi. Miidiyaa akka sadarkaa tokkummaa,iddoo barnootaa fi waldhageettiitti fayyadamuu. Kaka’umsi Ani Siif Kennu: Ati jiraachuun kee, siif qofa osoo hin taane — maatii, firoottan, fi hawaasa keetiifis dhimma baasaa dha. Rakkoon har'a si mudatee jiru guutummaa jireenya kee hin ibsu. Ati baay’ee barbaachifta. Gargaarsi ni jira. Yaada kee haasa’i. #OfGalaafachuuHinFiladhu #DargaggootaFayyadamoo #HawaasaDhaggeeffatu #FayyaaSammuu@ytm_tech
HUNDEE AMANTAA pinned Deleted message