Kenboni Lawyer 🧑⚖️
Статистика*Legal awareness & job vacancies. Join our community for updates on legal awareness and legal job vacancies. We're here to keep you informed and connected in the legal field.
- Последний пост
- 15 авг.
- Последнее чтение
- 13 авг.
- Постов за неделю
- 1
- Всего постов
- 29
- Тип
- открытый
- Язык
- английский
- В каталоге с
- 13 авг.
- 1/24сутки в ленте
- 17
- 1/48двое суток
- 19
- 1/72трое суток
- 21
Оценка по просмотрам недавних постов: пост набирает почти всё за первые сутки.
Посты
Waliigalteen hojii tokko karaa seeraan yeroo addaan citu hariiroon hojii hojjechiisaa fi hojjetaa gidduutti ummamee ture ni xumurama. Haa ta’u malee waligaltee hoji duraa erga addaan citee booda waliigalteen hojii haaraan yoo hundeeffame, mirgoonni fi dirqamni waliigaltee duraan ture irraa maddu gara isa haaraatti ni dabarfamuu? Labsiin hojjetaa fi hojjechisaa lakk.1156/2011 maal jedha? የሥራ ውል በህጋዊ መንገድ ሲቋረጥ በአሠሪና ሠራተኛ ሠራተኛው መካከል ተፈጥሮ የነበረው የሥራ ውል ግንኙነት የሚያበቃለት ይሆናል፡፡ ይሁን እንጅ የሥራ ውሉ ከተቋረጠ በኃላ በድጋሜ አዲስ የሥራ ውል ቢመሰረት በቀድሞ ውል ተፈጥሮ የነበረው መብትና ግዴታ ወደ አዲሱ የሚተላለፍበት ሁኔታ ይኖራል? አዋጅ ቁጥር 1156/2011 ምን ይላል? Bu’uura labsii hojjetaa fi hojjechisa labsii lakk. 1156/2011tin hojjetan tokko waligalteen hojii isaa addaan cite gara hojitti isaa duratti yeroo deebi’uu mirga fi dirqamoonni duraa kan kabajamuuf adeemsa inni hojiitti deebi’ee irratti hunda’uun kunis karaa lamaan ilaallama. Sadarkaan jalqabaan kan nutii ilaalluu hojjetaan tokko murtii mana murtii ykn murtii Boordiin kennen hojiirraa ari’amuun isaa seeraan ala ta’uu mirkana’ee yeroo hojiitti deebi’uudha. Haala kana keessatti bu’uura Labsii hojjetaa fi hojjechisaa keewwata 43(1) tiin waliigalteen hojii duraa gonkumaa akka addaan hin citnetti fudhatama. Kanarraa kan ka’e, hojjetaan kun sadarkaa hojii, mindaa, fi faayidaa duraan tureetti kan deebi’u yoo ta’u bu’uura keewwata 43(2)tin mindaa fi faayidaa hin kaffalamiin hafeef illee beenyaa argachuuf mirga qaba jechudha. Haalli lammaffaan fi dhimmaa keenya walin qabatu immoo hojjetaan tokko hojii isaa karaa seeraan erga addaan kutee booda jechunis karaa waliigaltee waliiniin, karaa fedhiitin hojjetatiin walgalteen hojii hojjeta erga addaan cite booda akka haaraatti yeroo hojjetan kun dhabbatuma isaa qacaree turetti yeroo deebi’udha. Haala kana keessatti akkataa Labsii 115/2011 keewwata 4tiin waliigalteen hojii haaraan waan hundeeffameef mirgoonni fi dirqamni duraan turan gara waliigaltee haaraatti hin dabarfaman. Bu’aan seeraa isaas kanneen armaan gadiiti: ✅Mindaa, sadarkaan hojii, fi faayidaan biroo hundi akkaataa waliigaltee haaraa qofaan kan murtaa’u ta’a. ✅Hojjetaan sun yeroo duraan dhabbaticha gadhisuu kaffaltii hojii irraa ari’uu fi beenyaa kan argate yoo ta’e, yeroon tajaajila duraa sun akka xumurameetti ilaallama; kanarraa kan ka’e, yeroon tajaajila isaanii guyyaa qacarrii haaraa irraa eegalee akka haaraatti jalqaba. ✅Mirgi boqonnaa dheerina tajaajilaa wajjin kan walqabatu waan ta’eef akka waan hojjetaa haaraatti waggaa jalqabaa (guyyoota hojii 16) irraa eegalee shallagama. Dhimma yeroo yaalii ykn probation period walqabatee garuu Akkaataa Labsii hojjeta hojjechisa keewwata 11(2) tiin hojjetaan kun bakka duraan hojjecha turetti ykn gita hojii duratti yoo deebi’e yeroon yaali haaraan hin murtaa’uuf. Haa ta’uu malee gitni inni irratti ramadamee isaaf hojii haaraa yoo ta’ee jiratee yeroon yaali isaa barbaachisuu danda’a. በአሠሪና ሠራተኛ ሕግ አዋጅ ቁጥር 1156/2011 መሠረት፣ አንድ ሠራተኛ ከሥራ ተሰናብቶ ከተመለሰ በኋላ የቀድሞ መብትና ጥቅሞቹ የሚከበሩለት ወደ ሥራ በተመለሰበት መንገድ ላይ ተመስርቶ ነው። ይህም በሁለት መንገድ ይታያል፦ የመጀመሪያው፣ ስንብቱ ሕገ-ወጥ ሆኖ በፍርድ ቤት ወይም በሠራተኛ ክርክር ሰሚ ቦርድ ውሳኔ ወደ ሥራ ሲመለስ ነው። በዚህ ጊዜ በአዋጁ አንቀጽ 43(1) መሠረት የሥራ ውሉ ጭራሽ እንዳልተቋረጠ ይቆጠራል። ስለዚህ ሠራተኛው ወደ ቀድሞ የሥራ ደረጃው፣ ደመወዙና ጥቅማጥቅሙ የሚመለስ ሲሆን፣ በአንቀጽ 43(2) መሠረትም ተቋርጦ በነበረበት ጊዜ ላልተከፈለው ደመወዝና ጥቅማጥቅም የካሳ ክፍያ ያገኛል። ሁለተኛው ሁኔታ ደግሞ ስንብቱ ሕጋዊ ሆኖ (በስምምነት፣ በገዛ ፈቃድ ወይም በሕጋዊ የሥራ ቅነሳ) ከተቋረጠ በኋላ ሠራተኛው እንደ አዲስ ተቀጥሮ ሲመለስ ነው። በዚህ ጊዜ በአዋጁ አንቀጽ 4 መሠረት አዲስ የሥራ ውል ስለሚመሠረት የቀድሞ መብትና ግዴታዎች ወደ አዲሱ ውል በቀጥታ አይተላለፉም። የሕግ ውጤቱም እንደሚከተለው ይሆናል፦ 📒 ደመወዝ፣ የሥራ ደረጃ እና ሌሎች ጥቅሞች በሙሉ በአዲሱ ስምምነት መሠረት ብቻ ይወሰናሉ። •📒 ሠራተኛው ሲሰናበት የሥራ ስንብት ክፍያና ካሳ ወስዶ ከሆነ የቀድሞ አገልግሎቱ ያበቃል፤ ስለዚህ አገልግሎቱ ከአዲሱ የቅጥር ቀን ጀምሮ እንደ አዲስ መቆጠር ይጀምራል። 📒ዕረፍት ከአገልግሎት ዘመን ጋር ስለሚያዝ፣ እንደ አዲስ ተቀጣሪ ከአንደኛው ዓመት (ከ16 የሥራ ቀናት) ጀምሮ ይቆጠራል። የመኩራ ጊዜን በተመለከተ ግን በአዋጁ አንቀጽ 11(2) መሠረት ሠራተኛው የተመለሰው ቀደም ሲል ይሠራበት ወደነበረው ተመሳሳይ የሥራ መደብ ከሆነ እንደገና የሙከራ ጊዜ አይሰጠውም። የተመደበው አዲስ የሥራ መደብ ላይ ከሆነ ግን የሙከራ ጊዜ ሊታዘዝበት ይችላል ማለት ነው፡፡
Qooddiin Qabeenya Dhaalaa Erga Raawwatamee Booda Qabeenyi Dagatamee Ture Yoo Argame, Qabeenyi Haarayaan Argame Kun Dabalataan Ni Qoodamamoo Hin Qoodamu? Gochi Akkasii Himannaawwan Sababa Himannaa Tokkorraa Maddan Qoqqoodanii Dhiyeessuu (Splitting of a Claim) Jedhamuu Ni Danda'aa? ^^^^√√√√^^^^^^√√√√√^^^^^^^√√√√√√√ Dhaddachi Ijibbaataa MMWF hiikkoo seeraa dhaddacha gaafa 25/01/2011 ooleen Lakk.Ga.153231 irratti (kan hin maxxanfamne) kennee ture keessatti: 👉Dhaddachi Ijibbaataa MMWO wayita jalqaba akkaataa sdfs kwt 343(1)tiin qajeelfamaan gadi deebisutti sdfs kwt 216n walqabatee gaaffiin ka'e kan hin turre ta'uu; 👉Himatamaan tokko himannaa isa irratti dhiyaate ilaalchisee tarreeffamaafi ifatti mormuun haaluu akka qabu sdfs kwt 83 jalatti tumamuu; 👉Sadarkaa oliyyannottis falmiin jalatti hin kaaneefi haarayaa ta'e ka'uu akka hin qabne sdfs kwt 329(1) jalatti tumamuu; 👉Akkasumas, bu'uura sdfs kwt 182(2)tiin Manni Murtii Sadarkaa Jalqabaatiin dhimma tokko ilaalu, dhimma gareewwan falmii tarreeffamaan ykn ifatti hin kaasne irratti murtii kennuun kan hin danda'amne ta'uu isaa tumuu; 👌Gama birootiin, qooddiin qabeenya dhaalaa erga raawwatamee booda qabeenyonni haarayaan qabeenya dhaalaa san keessatti hammataman kan argaman yoo ta'e, sirna haarayaan qooddii raawwachuun akka danda'amu tumaalee Seera Hariiroo Hawaasaa kwt 1103fi 1104 irraa hubachuun kan danda'amu ta'uu ibsuudhaan fooyyessee murteesseera. Hubachiisa: ✅Dhimmichi Mana Murtii Aanaa Wacaalee irraa kan eegaledha. ✅Dhimmicha keessatti gareewwan walitti falmaa jiran obbolaawwan yemmuu ta'an, lafti dhaalaa kan qoodamuufii qabu hirraanfatamee boodarra harka waamamaa ammaa (obboleessa isaaniitti) argamuu ibsuun falmu. ✅Dhaddachi Ijibbaataa MMWO immoo gareewwan falmii, himannaawwan sababa himannaa tokko irra maddan qoqqoodanii dhiyeessuu hin danda'an bifa jedhuun sdfs kwt 216(3) caqasee murtiiwwan manneen murtii jalaa fooyyessuu isaatu hubatama. Join:-@desberofMM Desalegn B.
👉 ንግድ፣ ጋብቻ እና ዕዳ፡ የትዳር አጋር ሳያውቅ በአንደኛው ተጋቢ የተገባ የንግድ ዕዳ የጋራ ንብረት ሊያስወርስ እንደሚችል ያውቃሉ? በትዳር ሕይወት ውስጥ በአንደኛው ወገን የሚከናወነው የንግድ ሥራ እና የሚያመጣው ዕዳ፤ ሌላኛውን የትዳር አጋር በሕግ ምን ያህል ተጠያቂ ያደርጋል? በዚህ ረገድ የፌዴራል ጠቅላይ ፍርድ ቤት ሰበር ሰሚ ችሎት በመ/ቁ203595 የሰጠው ውሳኔ እጅግ አስተማሪና በተለይ ደግሞ በንግድ ውስጥ ላሉ ባለድርሻዎች ማሳሰቢያ የሰጠበት ነው። የጉዳዩ ፍሬ ነገር በአጭሩ አመልካች (ወ/ሮ ሳሃች ማርቆስ) እና 2ኛ ተጠሪ በትዳር ላይ ሳሉ፤ 2ኛ ተጠሪ ከ3ኛ ተጠሪ ጋር በመሆን የንግድ ሥራ (የአሉሚኒየም ሥራ) ይጀምራሉ። ለዚህም ሥራ ከ1ኛ ተጠሪ ገንዘብ ይበደራሉ። ዕዳው ባለመክፈሉ ምክንያት 1ኛ ተጠሪ የፍርድ አፈጻጸም በማውጣት አመልካች «የእናቴ ስጦታ ነው፤ የግል ንብረቴ ነው» የምትለውን ቤት በሐራጅ ተሽጦ ዕዳው እንዲከፈለው ይጠይቃል። አመልካች «ዕዳው የባለቤቴ የንግድ ዕዳ እንጂ፤ ለትዳር ጥቅም የዋለ ስላልሆነ የግል ቤቴ ሊሸጥ አይገባም» በማለት ብትከራከርም፤ የበታች ፍርድ ቤቶች ግን ቤቱ ተሽጦ ዕዳው እንዲከፈል የተሰጠውን ትዕዛዝ አጽንተውታል። ጉዳዩ ሰበር ደረሰ፡፡ ሰበር ችሎት ያረጋገጣቸው 3 ዋና ዋና የሕግ መሥመሮች፡- የንግድ ሕግ የሕግ ግምት (Legal Presumption) በቀድሞውም ሆነ በአዲሱ የንግድ ሕግ (እንዲሁም ከንግድ አዋጅ ቁጥር 1243/2013 አንቀጽ 15፤ 16(2) እና 18 ድንጋጌዎች መረዳት እንደሚቻለው)፤ አንደኛው የትዳር አጋር የንግድ ሥራ ሲሠራ ሌላኛው አጋር ተቃውሞውን በንግድ መዝገብ ላይ ካላስመዘገበ በስተቀር፤ የንግድ ሥራው በሁለቱም የትዳር አጋሮች ስም እንደተካሄደና ዕዳውም የጋራ እንደሆነ ይቆጠራል። አመልካች ባሏ የንግድ ሥራ ሲጀምር ያቀረበችው የሕግ ተቃውሞ ባለመኖሩ፤ ዕዳው የጋራ ዕዳ መሆኑ ግምት ጸንቷል። የቤተሰብ ሕግ አንቀጽ 63(1) የንብረት ግምት አመልካች ዕዳ ያረፈበት ቤት «በስጦታ ያገኘሁት የግል ንብረቴ ነው» ብትልም፤ ንብረቱ የተፈራው በትዳር ውስጥ መሆኑ በምስክር ተረጋግጧል። በሕግ መሠረት በትዳር ውስጥ የተገኘ ንብረት ሁሉ የግል መሆኑ በጽኑ ማስረጃ ካልተረጋገጠ በስተቀር የጋራ ንብረት ተደርጎ ይገመታል። አመልካች ይህንን ግምት ማፍረስ አልቻለችም። የጋራ ዕዳን ከጋራ ንብረት የመሸፈን መርህ (የቤተሰብ ሕግ አንቀጽ 70/1/) ዕዳው በትዳር ውስጥ የመነጨ የጋራ ዕዳ መሆኑ ከተረጋገጠ፤ እንዲሁም ዕዳ ያረፈበት ቤት የጋራ ንብረት መሆኑ ከታወቀ፤ ዕዳው ከጋራ ንብረቱ ላይ ተቀንሶ መክፈሉ ሙሉ በሙሉ ሕጋዊ ነው። ሰበር ችሎትም የበታች ፍርድ ቤቶች የአመልካችን አቤቱታ ውድቅ ማድረጋቸው መሠረታዊ የሕግ ስህተት የለበትም በማለት ውሳኔያቸውን አጽንቷል። ይህ ውሳኔ ለሁላችንም ትልቅ ትምህርት ይሰጣል፡- ለትዳር አጋሮች፡- የትዳር አጋርዎ የንግድ ሥራ ውስጥ ሲገባ/ስትገባ ፍጹም ቸልተኛ አትሁኑ። በንግድ ሕጉ መሠረት በንግድ መዝገብ ላይ በግልጽ ተቃውሞ ካላስመዘገቡ፤ የባልዎ ወይም የሚስትዎ የንግድ ዕዳ የእርስዎንና የልጆችዎ መጠለያ ቤት ለሐራጅ ሊያበቃው ይችላል።👉ሲበደር ወይም ስትበደር እኔ አልፈረምኩም አላውቅም ማለት አይቻልም። ለግል ንብረት ጥበቃ፡- ከቤተሰብ በስጦታም ሆነ በውርስ የሚገኝ ንብረትን በትዳር ውስጥ ሲያፈሩ፤ ውሉን በሕግ አግባብ በመመዝገብ የግል ንብረትነቱን በግልጽ ማረጋገጥ ለነገው ዋስትና ወሳኝ ነው። Credit To Eliyas Legesse https://t.me/Kenbonilawyer
Baankiin Sababa Waraqaa Eenyummaa Biyyaalessaa (NID/Fayda) Walhinqabsiifne jedhuun Lkk Herreega Maamilaa Cufuu Nidanda’aa? Yoo Cufe Bu’uura Seeraa Hoo Niqabaa? =========================================================================================== 1. Labsii Eenyummeessa Biyyaalessaa (Labsii Lak. 1284/2015) Labsiin kun eenyummeessi dijitaalaa biyyaalessaa (Fayda) tajaajiloota mootummaa fi dhuunfaa hundaaf akka ragaa jalqabaatti akka tajaajilu dirqama kaa'a. • Keewwata 18 (1): "Eenyummeessi Biyyaalessaa (Digital ID) tajaajiloota tajaajila kennitoota mootummaa fi dhuunfaa irraa kennaman argachuuf ragaa eenyummaa bu'uuraa ta'ee tajaajila." • Keewwata 18 (2): "Tajaajila kennitoonni (Baankonni dabalatee) eenyummaa nama tajaajila gaafatuu mirkaneessuuf Digital ID fayyadamuu qabu." 2. Labsii Ittisa fi To’annoo Hanna Maallaqaa (Labsii Lak. 780/2005 ykn 2013 GC) Labsiin kun baankonni eenyummaa maamiltoota isaanii akka qulqulleessan (Customer Due Diligence) ni dirqamsiisa. • Keewwata 11 (5): "Dhaabbanni maallaqaa (Baankiin) eenyummaa maamilaa ragaa amansiisaan mirkaneessuu yoo dadhabe, herreega banuu ykn tajaajila kennuu hin qabu; hariiroo hojii jiru immoo adda kutuu (terminate) qaba." (Digital ID ragaa amansiisaa mootummaan murteesse waan ta'eef, isaan malee tajaajilli adda cita). 3. Labsii Baankii Biyyaalessa Itoophiyaa (Labsii Lak. 591/2000) Labsiin kun Baankii Giddugaleessaa Itoophiyaatti (NBE) aangoo qajeelfama baankota hunda irratti hojjetu baasuu kennaaf. • Qajeelfama NBE (Directive): NBE qajeelfama baankonni hundi maamiltoota isaanii "Fayda ID" waliin akka hidhan dabarseera. Baankonni qajeelfama kana yoo hin kabajne adabbii guddaaf waan saaxilamaniif, herreega maamilaa dhowwuuf dirqama qabu. 4. Labsii Hojii Baankii (Labsii Lak. 592/2000) Baankonni seeraa fi qajeelfama Baankii Giddugaleessaa (NBE) hordofuuf dirqama qabu. Walumagalaatti: • Labsii 1284/2015 (Kwt 18): Fayda ID tajaajila baankii argachuuf ulaagaa godhee kaa'e. • Labsii 780/2005 (Kwt 11): Yoo ragaan eenyummaa hin guutamne tajaajila adda kutuun dirqama jedhe. Kanaaf, baankiin herreega kee kan dhowwe (freeze kan godhe) tarkaanfii seeraa (legal administrative measure) Labsii 1284/2015 fi Labsii 780/2005 irratti hundaa’uun dhufeedha. Maallaqni kee ammas qabeenya keeti, garuu sochoosuuf ragaa eenyummeessaa (Fayda ID) dhiyeessuun dirqama. Credit to Saabu Sendel https://t.me/Kenbonilawyer
без подписи
без подписи
▶️ murtii Mana Marii Federeshinii ▶️ Galmee Lakk. 140/2017 ▶️ Fulbaana 28/2018 Manni MariiFedereshinii murtii kenne keessatti, mirgi qabiyyee lafaa darbinsa yerootin kan hin daangeeffamne fi darbiinsa yerootinis qabiyyeen lafaa argamuu kan hin jirree ta'u mirkaneessuun hiikoo heera kenne jira. Falmiin murtii kanaf ka'umsa ta'ee iyyattoonni qabiyyee lafaa karaa Seeraa Qabeessa ta'een argatani kan maqaa isaaniitin galmaa’e qaban Seeraan Alaa deebii kennitootaan Jala qabamee akka jiru ibsuudhaan akka gadhiifamuuf kan gaafatani turan irraatti Deebii kennitoonni lafa sana waggaa 10 ol itti fayyadamaa turre waan ta’eef himanni kun Darbinsa Yerootin waan Daangeffamuuf himannan dhiyatee mormii sadarkaa duraatin kufuu qaba jechuun falman. Manni murtii jalaa fi Manni murtii dhaddacha ijibbata Feederalaa falmii deebii kennitootaa fudhachuun himanni kun Darbinsa yeroo waggaa 10n daangeffameera jechuun gaaffii iyyattootaa kufaa taasisee turee. Haa ta’u malee, Manni Marii Federeshinii murtii kana diguun hikoo heeraa kenne jira. Manni Marii Federeshiniin ibsa isaa keessatti akka jedhuutti, karaalee qabiyyeen lafa baadiyyaa itti argamuu danda’u sadii (3)isaanis karaa mootummaatin, dhaalaan ykn kennaadhaan qofa akka ta'ee ibsudhan, hiikoo seeraa Dhaddachi ijibbataa kennee kan labsiidhan hin eyyamamne fi tooftaa 4ffaa lafti ittin argamu hojimata haaraa seerawaa hin taanee kan uumedha jechuun kufaa taasiseera. Heera mootummaa Federaalaa Itoophiyaa kewwata 40 kewwata xiqqaa 4 jalatti, qonnaan bultoonni mirga lafa bilisaan argachuu fi Mirga seeraan alaa lafa isaanii irraa buqqifamu kan qaban ta'uu ifatti tumamee jira. Kanaaf manni murtii dambii darbinsa yeroo fayyadamuun irratti hundaa’uun himanna iyyaattotaa kana kufaa gochuun, mirga lammiileen qabiyyee lafa isaanii karaa seera qabeessa ta’een qabatan irraa akka buqqa'an taasisu fi mirga heeraan eegamef kan cabsu ta’uu isaa ibsameera. Lafti kan hin gurguramnee, hin jijjiiramnee fi qabeemya waloo mootummaa fi uummataa waan ta’eef, namni tokko karaa seeraan alaa lafa qabatee yeroo dheeraa waan tureef qofa mirga abbaa qabiyyee ta'uu hin danda’u. Akkasumas himannaa qabiyyee lafaa seeraan ala qabamee gadi lakkisiisuuf dhiyatuu irraatti mootuummaan darbinsa yerootin daangeessu hin qabu. Kana waan ta'eef qonnaan bulaan tokko qabiyyee lafa karaa seera qabeessa ta’een argachuun isaa mirkana'ee sababa lafti isaa qaama biraatin yeroo dheeraaf jala qabamee tureef mormiin darbinsa yeroo yoo irraatti dhiyaate iyyuu, mormiin sun qonnaan bulaa sana lafa isaa irraa buqqisuuf bu’uura seeraa ta’uu hin danda’u. dabalataan mootummaan lammiileen seeraan ala lafa isaanii irraa akka hin buqqaane eeguu fi lafa karaa seeraan alaa qabame deebisuuf dirqama akka qabu murtiin kun mirkaneesseera. ✍Keenboonii Katamaatin https://t.me/Kenbonilawyer
⏰ Hojjetan hojii guyyaa xumuree ba'uuf daqiiqaan 5 yeroo hafutti ajajni hojii ariifachiisaa yoo itti kennamee hin fudhadhu jechuuf mirga seera qaba? hin qaba Moo hin qabu? Sa'atiin hojii irraa ba'uu ga'ee hojjetichi deemuf yeroo qophaa'u, hoggaanan battalumatti dhufee Hojiin kun ammaa hojjetamee ergamuu qaba jechuu danda'a. Deebiin hojjetichaa garuu sababoota armaan gadii kana yoo ta'ee hoo:- 👶 "Ijoollee koo mana barumsaa irraa fiduun qaba." 🚌 "Tajaajilli geejjiba na jala darba ykn taaksiis hin argadhu booda 🕒 "Sa'atiin koo ga'eera, sagantaa biraa qaba hin danda'u." Gaaffii Bu'uuraa: Deebiin hojjetan kun kenne kun akka Insubordination (Ajaja diduu) tti lakkaa'amee adabiif isa saaxilaa? Seerrii maal jedha? Xiinxala Seeraa Labsii 1156/2011 Irratti Hundaa'uun dhimmi kun qajeeltoowwaan bu'uuraa sadiin ilaallama: 1. Ajajichi Seera Qabeessaa moo miti? Hojjetan sa'atii hojii idilee isaatiin alatti akka hojjetu kan dirqisiifamu haalawwan addaa(special condition)yoo jirate qofa. Fakkeenyaaf: Balaa ittisuuf ykn hojichi hojjetamuu dhabuu isaatiin dhaabbaticha irratti miidhaan duubatti deebi'uu hin dandeenye ni ga'a jedhamee yoo itti amanamu. 👉 malee Akkasumaan Hojiin kun hoji "Ariifachiisaadha" ykn "Har'a xumuramuu qaba waan jedhameef qofa seeraan hin dirqisifamuu. 2. Qajeeltoon murtii Dhaddacha ijibbataa fi ajaja (Good Faith(በቅን ልቦና) irratti hunda'ee kennuu -Hariiroon hojjeetaa fi hojjechiisaa jidduu jiru Amantii Gaarii" (በቅን ልቦና) irratti kan hundaa'e ta'uu qaba. Hojii osoo dursanii hin karoorsin, ta'e jedhanii sa'atii ba'iinsaa hojjetaa irratti ajaja kennuun amantii gaariin(good faith( ቅን ልቦና) alaa waan ta'eef seera qabeessa miti. 👉 Ajajni akkana kun yoo kan kennamu ta'ee ajaja Aangoo seeraan alaa itti fayyadamuu (Abuse of Authority) ta'uu danda'a. 3. Sababa qabeessumma (Reasonableness) ta'u -Hojjetichi "Ijoollee koo fiduun qaba" ykn "Geejjiban dhaba" dhimma qabatee ykn sababa qubsaa kan dhiyeessee yoo jiraate, hojjechiisaan kun dhimmicha madaaluun sababa hojjeta ilaalchaa keessa galchu qaba. 👉 Kana osoo tilmaama keessa hin galchin adabbiin kennamu fudhatama seeraa hin qabu. Gorsa fi xumuraa furmaanni gama lamaaniifuu gaarii ta'e:- ❌ Haalli kun adabbii cimaa ykn hojii irraa ari'uuf nama hin geessisuu waan ta'eef ✔ Hojjechiisaan hojii dursee karoorsuu qaba kana hin taane taanan itti gaafatamummaan kan isaati. ✔ Hojjetan immoo hariroo gaarii hoggaana isaa walin qabu tikfachuuf jecha Har'a hin danda'u; boru ganama dursa kenneen xumura yoo jedhe gama lamaaniifuu ni tola. ✍Ogeessa seeraa Keenboonii Katamaa Odeeffannoo seera kan biroo argachuuf chanaalii telegrami kiyya 👉👉👉https://t.me/Kenbonilawyer join godha.
📜 የሥራ ልምድ ምስክር ወረቀት፡ መብት ወይን የአሠሪ ስጦታ? አዲስ የሥራ ዕድል አግኝተው ሥራ ሊለቁ ሲሉ አለቃዎ "ክሊራንስ ሳትጨርስ የሥራ ልምድ ወረቀት (Certificate) አንሰጥህም" ተብለው ያውቃሉ? ብዙዎቻችን ይህንን እንደ ግዴታ ተቀብለን በዝምታ እናሳልፋለን። ነገር ግን የሀገራችን አሰሪ እና ሠራተኛ ሕግ ምን ይላል? የሥራ ልምድ ምስክር ወረቀት የአሠሪ "የበጎ ፈቃድ ስጦታ" ሳይሆን የሠራተኛው ሕጋዊ መብት ነው። በአዋጅ ቁጥር 1156/2011 አንቀጽ 12 መሠረት፡- "አሠሪው የሥራ ውል ሲቋረጥ ሠራተኛው ሲጠይቅ ስለሠራው የሥራ ዓይነት፣ የአገልግሎት ዘመንና ይከፈለው የነበረውን ደመወዝ የሚገልጽ የምስክር ወረቀት የመስጠት ግዴታ አለበት።" ❓ "ክሊራንስ ካልጨረስክ ምስክር ወረቀት የለም" ማለትስ ሕጋዊ ነው? ❌ አይደለም። ሕጉ የሥራ ልምድ ምስክር ወረቀትን ከክሊራንስ ሂደት ጋር አያያይዘውም። ሠራተኛው ንብረት ወይም ገንዘብ ያላመለሰ ቢሆን እንኳ፤ አሠሪው ምስክር ወረቀቱን የመከልከል መብት የለውም። አሠሪው ንብረቱን ለማስመለስ በፍትሐ ብሔር ክስ የመመሥረት መብት አለው፤ ምስክር ወረቀቱን ግን እንደ ማስፈራሪያ ሊጠቀምበት አይችልም። 📝 በምስክር ወረቀቱ ላይ ምን መጻፍ አለበት? ሕጉ የሚፈቅደው ሦስት መሠረታዊ ነገሮችን ብቻ ነው፡- የሠራተኛው ስም እና የሥራው ዓይነት የአገልግሎት ዘመን (የተጀመረበትና ያበቃበት ቀን) የደመወዝ መጠን ⚠️ ሠራተኛው በራሱ ፈቃድ ካልጠየቀ በስተቀር የስንብት ምክንያት ወይም ማንኛውንም አሉታዊ አስተያየት (ለምሳሌ፡- "ታማኝ አልነበረም") መጻፍ የተከለከለ ነው። 💡 ምክር ለአሠሪዎች፡ ምስክር ወረቀቱን በወቅቱ መስጠት ከሕጋዊ ተጠያቂነት ያድናል። የክሊራንስ ጉዳዮችን በራሳቸው የሕግ መስመር (በስምምነት ወይም በክስ) ፍቱት እንጂ ምስክር ወረቀቱን እንደ መያዣ አትጠቀሙበት። ለሠራተኞች፡ ሥራ ስትለቁ ምስክር ወረቀቱን በጽሑፍ ጠይቁ። ቢከለከል እንኳ ለሚመለከተው የመንግሥት አካል (Labour Office) አቤቱታ በማቅረብ መብታችሁን ማስከበር ትችላላችሁ። https://t.me/Kenbonilawyer
📜 Ragaan Muxannoo Hojii: Mirga Moo Kennaa Hojjechiisaati? Carraan hojii haaraan isiniif dhufee hojii keessan gadi lakkisuuf yeroo jettan, hogganaan keessan "Osoo kilaaransii (Clearance) hin xumurin ragaa muxannoo hojii (Certificate) isiniif hin kenninu" isiniin jedhee beekaa? Baay'een keenya kana akka dirqamaatti fudhannee calisne bira dabarra. Garuu seerri hojjetaa fi hojjechiisaa keenya hoo maal jedha? Ragaan muxannoo hojii "Kennaa feedhii gaarii" hojjechiisaa osoo hin taane, mirga seeraa hojjetaati. Labsii lakkoofsa 1156/2011 Keewwata 12 (8) bu'uureffachuun: "Waliigalteen hojii yeroo addaan citu, hojjetaan yeroo muuxxannoo hojii gaafatu, hojjechiisaan gosa hojii inni hojjechaa ture, bara tajaajilaa fi mindaa kaffalamaafii ture kan ibsu ragaa muxannoo hojii kennuuf dirqama qaba. ❓ "Kilaaransii yoo xumurte malee ragaan muxannoo hojii sif hin kennamuu jechuun seera qabeessaa? deebiin -seera qabessaa miti. Seerri ragaa muxannoo hojii kennuu adeemsa kilaaransii wajjin wal hin qabsiisu. Hojjetaan sun qabeenya ykn maallaqa osoo hin deebisin yoo hafe iyyuu, hojjechiisaan ragaa muxannoo hojii dhorkachuuf mirga hin qabu. Hojjechiisaan qabeenya isaa deebisifachuuf mana murtii irratti himata siviilii (Hariiroo Hawaasaa) banuuf mirga qabata malee ragaa muxannoo hojii akka ittiin sodaachisatti fayyadamuu hin danda'u. 📝 Ragaa Muxannoo Hojii Irratti Maaltuu Barreeffamuu Qaba? Seerri waan bu'uuraa sadii qofa akka barreeffamu hayyama: -Maqaa hojjetaa fi gosa hojii isaa -Bara tajaajilaa (Guyyaa itti jalqabee fi guyyaa itti xumurame) -Hamma mindaa isaa ⚠️ Hojjetaan sun mataa isaatiin yoo gaafate malee, sababa hojii gadi lakkiseef ykn yaada murtii hin taane kamiyyuu (fkn: "Amanamaa hin turre amala akkana qaba turee…jechuun irratti barreessuun dorkaa dha. 💡 Gorsa Hojjechiiftotaaf: Ragaa muxannoo hojii yeroon kennuun itti gaafatamummaa seeraa jalaa isin oolcha. Dhimmoota kilaaransii karaa seeraatin (waliigaltee ykn himannadhan) hiikaa malee ragaa muxannoo hojii akka qabsisaatti(መያዣ) gochuun itti hin fayyadaminaa. Hojjettootaaf: Yeroo hojii gadi lakkistan ragaa muxannoo hojii barreeffamaan gaafadha. Yoo isiniif dhowwatame iyyuu, qaama dhimmi ilaallatuun (Labour Office) iyyaannaa dhiyyeessuudhan mirga keessan kabachiifachuu dandeessu.https://t.me/Kenbonilawyer
⚖️ Gahee Hojii (Job Description) keessaniin ala akka hojjettaniif yoo ajajamtan "Hin hojjedhu" jechuuf mirga seeraa qabduu? Hojiin sun Gahee Hojii (JD) keessan waliin kan walitti hidhatu ("Other Related Duties") yoo ta'e hoo? Xalayaa qacarrii hojii keenya irratti jechi "Hojiiwwan Kan Biroo Kan Walitti Hidhatan" (Other Related Duties) jedhu maal jechuu dha? Labsii Hojjetaa fi Hojjechiisaa keessatti akkamitti hiikama? Deebiin isaa kunooti, itti dhiyaadha: 1. Waliigalteen Qacarrii Hojii Gosa Hojii ni Murteessa Labsii Lakk. 1156/2011 — Keewwata 4(1): "Waliigalteen hojii, gosa hojii hojjetaan sun hojjetu hamma danda'ametti ifatti kaayuu akka qabu tumeera." Kanaafuu, xalayaa qacarrii keenya irratti gaheen hojii (JD) keenya barreeffamee akka nuuf kennamu gaafachuun mirga keenya seeraa ti. Haa ta'u malee, akka barteetti yeroo baay'ee xalayaa irratti jechi "hojiiwwan walitti dhiyaatan" (other related duties) jedhu ni barreeffama. Hojii Walitti Hidhata Qabu (Other Related Duties) Jechuun Maal Jechuu Dha? Bu'uura Labsii Hojjetaa fi Hojjechiisaa Lakk. 1156/2011 tiin, hojiin tokko kan walitti hidhatu" jedhamee seera qabeessa kan ta'u yoo haalawwan sadan armaan gadii guutaman qofa: ✔️ Kallattiin kan wal qabatu yoo ta'e: Hojiin sun hojii ijoo xalayaa qacarrii irratti ibsameen kallattiin walitti dhufeenya kan qabu yoo ta'e. ✔️ Dandeettii hojjetaa kan hin caalle yoo ta'e: Hojichi beekumsaa fi dandeettii ogeessa sanaa ol kan hin taane yoo ta'e. ✔️ Sadarkaa fi kabaja ogummaa kan hin tuqne yoo ta'e: Hojiin itti kennamu sun kabaja ogummaa fi sadarkaa hojjetaa sanaa kan hin xiqqeessine yoo ta'e qofa. ⚠️ Ulaagaaleen seeraa kun osoo hin guutamin, hojjetaan hojii ajajame "Hin hojjedhu" yoo jedhe, bu'aan seeraa isaa irratti dhufu maali? Bu'uura Labsii Lakk. 1156/2011 Keewwata 43 fi 45 tiin: ❌ Ajajichi seera qabeessa yoo ta'uu baate ➡️ Tarkaanfiin naamusaa hojjetaa irratti fudhatamu fudhatama hin qabu (gatii hin qabu). ❌ Yoo hojjetaan hojii irraa ari'ame ➡️ Kun Seeraan Ala hojii irraa gaggeeessuu (Unlawful Dismissal) jedhama. ✅ Bu'aan isaa ➡️ Hojjetaan sun mirga gara hojii isaatti deebi'uu qaba, ykn ammoo beenyaa seeraan alaa hojiirraa ari'amuu isaatiif kaffaltii seeraa argachuu qaba Tarkaanfii Hojjetaan Fudhachuu Danda'u Hojiin seeraan alaa ta'e tokko yoo isiniif ajajame: 📧 Sababa itti diddaniif barreeffamaan (Imeelii ykn Xalayaan) beeksisaa. 📋 Ajajichi gahee hojii (JD) keessan waliin garaagarummaa qabaachuu isaa ifatti caqasaa. 📂 Xalayaa fi Imeelii wal-jijjiirtan hundumaa ragaaf olkaawwadhaa; kun ragaa cimaa isiniif ta'a. Gorsa Hojjechiiftotaaf Walitti bu'iinsi osoo hin uumamin dura: ✔️ Gahee hojii (JD) ifa ta'e hojjetaa keessaniif qopheessaa. ✔️ Hojiiwwan haaraan yeroo dhufan hojjetaa waliin dura irratti mari'adha. ✔️ Sirna Labsiin Hojjetaa fi Hojjechiisaa Lakk. 1156/2011 ajajuun alaa hin bahinaa; mirga fi dirqama keessan bu'uureffadhaa hojjedha. Walumaagalatti "Hojii walitti hidhatu" jechuun guutummaatti gahee hojii jijjiiruu jechuu miti. Labsii Lakk. 1156/2011 hojjetaas ta'ee hojechiisaa qixxee ni eega; gama lameeniyyuu kana beekanii tasgabbiin hojjechuun murteessaa dha. https://t.me/Kenbonilawyer
Labsiin Hojjettoota mootummaa Federalaa Hogganuuf Bahee Labsiin Lakk 1353/2017 hojjettoota mootummaa Federaalaa qofa irratti hojii irra kan Oluu fi hojjettota armaan gadii irraatti rawwatinsa hin qabatu isaanis:- ✍Hojjettoota mootummaa naannoolee, ✍Hojjettoota dhaabbilee misooma mootummaa ✍Hojjetoota Poolisii fi Rayyaa Ittisa Biyyaa Irraatti ✍Abbootii murtii fi miseensota paarlaamaa , ✍Hojjettoota yeroo Murta'eef Qacaramaan ( Dhabbii Hin taane) fi ✍Hojjettoota dhaabbilee dhuunfaati. erga kana ilaallee gara dhimmaa ijoo keenyaa Hojjettan mootummaa bu'uura labsii kanaatin siyaasaa keessatti hirmachuu danda'a moo hin danda'uu? kan jedhun walqabatee akkata armaan gaditiin xinxalamera. 📜labsii kanan hojjettan mootummaa federalaa kamiyyuu yaada siyaasaa, hojii paartii, dhiibbaa ykn gidduu-seentummaa kam irraa iyyuu bilisa taʼee” hojii itti kenname seera qofa irratti hundaaʼuun raawwachuu akka qabu Keewwata 5 keessatti ifatti tumee jira. Kunis hojjettoonni mootummaa ajandaa siyaasaa ykn dhiibbaa paartii kam irraa iyyuu bilisa taʼanii akka hojjetan dirqisiisa. 🚫 Sochii siyaasaa fi miseensummaa paartii 🗒sochii siyaasaa fi miseensummaa paarti irratti Labsichi dhorkaa gurguddoo lama kaaʼeera: 1. Hojjetaan mootummaa bakka hojii keessatti yookiin hojiin alatti paartii siyaasaa deeggaruuf duula, hiriira ykn sochii siyaasaa kamiyyuu akka hin geggeessine ni dhorka. Kunis akka naamusaa mana cabsutti fudhatame kan ilaallamuu fi hojjeta hojii akkasii irraatti hirmatee irratti hojjechisan adabbii fudhachuu ni danda'a jechuudha. 2. Addatti hojjettoonni mana hojii mootummaa siyaasaa fi dhiibbaa paartii irraa bilisa taʼanii” hojjechuutu irraa eegama paartii siyaasaa kamiyyuu keessatti miseensa akka hin taane Labsii Lakkoofsa 1353/2017 keessatti ifatti dhorkameera. ⚖️ Xumura fi gorsa Labsiin Hojjettoota Mootummaa Federaalaa Lakkoofsa 1353/2017 akka tumutti hojjetaan mootummaa sochii siyaasaa keessatti hirmaachuu fi miseensa paartii siyaasaa taʼuu ifatti kan dhorkee fi Kaayyoon tumaa kanaa hojii mootummaa gahumsaa fi seeraan, dhiibbaa siyaasaa kam irraa iyyuu bilisa taʼeen akka raawwatamu gochuudha. Hojjetaan mootummaa tokko dhimma hojii murtaaʼe ykn miseensummaa paartii ilaalchisee gaaffii yoo qabaate, qajeelfama mootummaa dhaabbata isaa ilaaluun barbaachisaa dha. ✍Ogeessa Seeraa Keenboonii Katamaa.hubannoo seeraa birootif👉👉👉https://t.me/Kenbonilawyer
без подписи
Labsii Hojjettotaa Mootummaa Feederalaa labsii lakk.1353/2017 tin Hojjettan mootummaa tokko Siyaasaa keessattii Hirmachuu Ni Danda'aa Moo Hin Danda'uu? paartii Siyaasa Keessatti hirmachuun duulaa na filaadha gaggeessuu ni danda'aa moo hin danda'uu? በፌዴራል መንግሥት ሠራተኞች አዋጅ ቁጥር 1353/2017 (እ.ኤ.አ. 2025) መሠረት አንድ የመንግሥት ሠራተኛ የፖለቲካ ፓርቲ አባል ሆነው የፖለቲካ እንቅስቃሴ ማከናወን ይችላል ወይስ አችልም?
без подписи
kutaa 2ffaa Dhimma sa'aatii dabalataa hojjechu dubartoota ulfaatin walqabatee Balleessaa Hojjechisaan Deddeebisee Raawwattuu Miidhaa fi Adabbii Innii Hordofsisuu maali? Seerichi fayyaa haadholii ulfa fi mudannoo daa'ima gadameessa keessaa eeguu akka itti gaafatamummaa hawaasummaa olaanaatti waan ilaaluuf, hojjechiistota seera kana cabsan irratti tarkaanfii fudhachuu danda'amuu sadarkaa sadarkaadhan armaan gadii kaa'a: Sadarkaa 1: Adabbii Maallaqaa Balleessaa Jalqabaatiif: adabbii qarshii 5,000 hanga qarshii 20,000 tti kaffalchiisuu ni danda'a Balleessaan Yoo Deddeebi'e: Adabbichi hanga qarshii 70,000 tti ol guddisuu danda'ama. (Keewwata 186 (1)) Sadarkaa 2: Dhaabbata Cufuu ykn Eeyyama Hojii dhorkuu/Haquu Cabsa Seeraa Cimaa(ከባድ የህግ ጥሰት) Hojjechiisaan dhorkaa seeraa kana darbee hojjattu ulfa hojisisuu yoo hin dhiifne fi balleessicha yeroo sadii ol deddeebisee yoo raawwate, qaamni mootummaa to'ataa (Dhabbannii Dhimma Hojjataa fi Hawaasummaa) eeyyama hojii dhaabbatichaa daangessuu ykn dhaabbaticha cufuu hanga danda'uutti tarkaanfii cimaa fudhata. (Keewwata 185 (1) (c)) 💡 Gorsa fi Hubachiisa ✅ Hojjechiistota fi Bulchitoota HR (Humna Namaa) tiif Dhaabbata keessan keessatti sagantaa sa'aatii dabalataa fi shiftii haadholii ulfaa of-eeggannoodhaan hojjechisuu qabdu hojiin kan hojjettamuu Fedhiin yoo ta'eyyuu, ajaja jiraachuu dhaabbatichaa balaa irra kan buusu kennuu irraa of qusadhaa. ✅ Hojjattootaaf Hojjattuun ulfa taate kamiyyuu mirga ishee kana falmachuufi seerri akka kabajamuuf gaafachuuf mirga seeraa guutuu qabdi. Keenboonii Katamaatiin. hubannoo seeraa haraan akka sin dhaqqabuuf join👉👉👉 https://t.me/Kenbonilawyer
Hubannoo seeraa 🚫 Hojjattoota Ulfa hojii sa'aatii dabalataa , hojii dabaree Halkani Hojjeechisuun ni danda'ama seerrii maal jedha ? labsiin hojjetaa fi hojjechisa labsii 1156/2011 bu'uura godhachuun hubannoo seera dhimma ijoo kanan walqabatuun isiinif qopha'era itti dhiyadha. Bakkeewwan hojii baay'ee keessatti, keessattuu wajjira warshoota keessatti, "hojiitu baay'ate" ykn "hojjattuun eyyamtee jirti " sababa jedhuun haadholii ulfa sa'aatii hojii dabalataa (overtime) ykn shiftii halkani hojjechisuun akka waan salphaa ta'ee tokko yeroo ilaalamu ni mul'ata. Garuu balleessaa kana irraa deddeebisanii raawwachuun dhaabbaticha cufuun dabalatee tarkaanfii seeraa cimaa hordofsiisa. 📌 Seerri Maal Jedha? bu'uura Labsii Lak. 1156/2011 Keewwata 87(4) tin Haalli hojichaa hangam yoo dirqisiisaa fi murteessaa ta'eyyu dubartoota ulfa sa'atii hojii armaan gadii kanan ala hojjechisuun guutuman guututti seeraan dhorkamaa dha: 1. Hojii Sa'aatii dabalataa (Overtime Work): hojjettu ulfaa tokko Sa'aatiin hojii idilee erga xumuramee booda, sababa kaminiyyuun sa'aatii dabalataa akka hojjattu ajajuun hin danda'amu. 2. Hojii Halkanii (Night Shift): Galgala sa'aatii 4:00 (10:00 PM) irraa jalqabee hanga ganama sa'aatii 12:00 (6:00 AM) tti akka hojjettu gochuun dhoorkamaa dha. hojjechisaan Balleessaa kana deddeebisee hojjechuun isaa midhaa maal irraatti Fiduu danda'a Kan Jedhuun walqabatee kutaa itti aanuun eggadha. ✍Keenboonii Katamaa Hubannoo seeraa biroo argachuuf join 👉👉👉https://t.me/Kenbonilawyer
Waraqaa Enyumma biyyalleessa/National ID/ irratti Amaariffa fi Ingilliffa qofaan barreessu seerri ni dirqisiisa? Afaan Oromootiin ykn Afaan hojii naannoleetiin waraqaa eenyumma kana barreessuun yoo kennan seerri dhoorku ni Jira?
𝗠𝗨𝗥𝗧𝗜𝗜 𝐃𝐇/ 𝐈J𝗜𝐁𝐁𝐀𝐀𝐓𝐀𝐀 𝐇𝐀𝐀R𝐀𝐀 ⚖️ 𝐃𝐡𝐚𝐝𝐝𝐚𝐜𝐡𝐢 𝐈𝐣𝐢𝐛𝐛𝐚𝐚𝐭𝐚𝐚 𝐌𝐚𝐧𝐚 𝐌𝐮𝐫𝐭𝐢𝐢 𝑾𝒂𝒍𝒊𝒊𝒈𝒂𝒍𝒂𝒂 𝐅𝐞𝐝𝐞𝐫𝐚𝐚𝐥𝐚𝐚 𝐋𝐚𝐤𝐤. 𝐆𝐚𝐥𝐦𝐞𝐞 249795 𝗶𝗿𝗿𝗮𝘁𝘁𝗶 kanaan dura kennee tureen "hojjetaan guyyaa shaniif itti fufiinsaan hojiirraa yoo hafellee osoo tokkoon tokkoon guyyaa inni hafe irratti hojjechiisaan akeekachiisa osoo hin kennin (warning in writing) waliigaltee hojii addaan kutuu hin danda'u" jechuun murteessee ture. Amma Immoo, 𝐃𝐡𝐚𝐝𝐝𝐚𝐜𝐡𝐢 𝐈𝐣𝐢𝐛𝐛𝐚𝐚𝐭𝐚𝐚 𝐌𝐚𝐧𝐚 𝐌𝐮𝐫𝐭𝐢𝐢 𝑾𝒂𝒍𝒊𝒊𝒈𝒂𝒍𝒂𝒂 𝐅𝐞𝐝𝐞𝐫𝐚𝐚𝐥𝐚𝐚 𝐋𝐚𝐤𝐤. 𝐆𝐚𝐥𝐦𝐞𝐞 271726 𝗶𝗿𝗿𝗮𝘁𝘁𝗶, gaafa 28/07/2018 Abboottii Seeraa Torbaan hiikkoo seeraan duraan kenname jijjiiruun labsii lakk. 1156/2011 kwt 27(1)(b) irratti hundaa'ee hojjetaan guyyaa hojii shaniifi isaa oliif itti fufiinsaan yoo hojiirraa hafe, akeekachiisa barreeffamaa kennuun osoo hin barbaachisin waliigaltee hojii akeekachiisa malee addaan kutuun akka danda'amu murteesseera.
7 (ሰባት) ዳኞች በተሰየሙበት ችሎት የተሰጠ የሰበር ውሳኔ፤ መዝገብ ቁጥር 271726 ከዚህ በፊት በሰ/መ/ቁጥር 249795 ላይ “ሠራተኛዉ በተከታታይ ከ5 ቀናት በላይ ለሆነ ጊዜ ከሥራ ቢቀር እንኳ ከሥራ ለቀረበት ለእያንዳንዱ ቀን አሠሪዉ ማስጠንቀቂያ (Warning in Writing) ሳይሰጥ የሥራ ዉልን ለማቋረጥ እንደማይችል” ተገልጾ የተሰጠው የህግ ትርጉም ተለውጦ “የአዋጅ ቁጥር 1156/2011 አንቀጽ 27(1)(ለ) ድንጋጌ ሠራተኛዉ በዚሁ አዋጅ ከተመለከቱ እረፍቶችና ልዩ ልዩ ፈቃዶች ዉጭ ለአምስት ተከታታይ የሥራ ቀናትና ከዚያ በላይ ለሆነ ጊዜ ከሥራ ላይ ከቀረ የፅሁፍ ማስጠንቀቂያ (Warning in Writing) መስጠት ሳያስፈልግ የሥራ ዉልን ያለ ማስጠንቀቂያ ማቋረጥ ይቻላል” በሚል ተተርጉሟል፡፡ የውሳኔውን ሙሉ ይዘት አያይዘናል።