- Последний пост
- 14 авг.
- Последнее чтение
- 14 авг.
- Постов за неделю
- 1
- Всего постов
- 60
- Тип
- открытый
- Язык
- om
- В каталоге с
- 13 авг.
- 1/24сутки в ленте
- 7
- 1/48двое суток
- 8
- 1/72трое суток
- 8
Оценка по просмотрам недавних постов: пост набирает почти всё за первые сутки.
Посты
видео или голосовое, без подписи
Kaaba Itoophiyaa muddamni cimetti osoo waraanni ka'e mootummaa Ertiraa wanti jedhamu hin jiraatu jedhan aangawaan olaanaa Itoophiyaa. via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/iGC3jNF
Kaaba baha Itoophiyaa bakkee Sudaan daangessutti waraana mootummaa federaalaafi humnoota Tigraay gidduutti Sambata ganama walitti bu'iinsi mudachuu maddeen garagaraa dubbatan. via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/TkBFcaq
Itoophiyaan Buufata Xiyyaaraa Idil-addunyaa Bishooftuu Afrikaa keessatti isa guddicha ta'a jedhame dhiheenya magaalaa Bishooftuutti ijaaraa jirti. via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/Z1leFRi
Naannoo Amaaraa Godina Kibba Walloo aanaa Lagaambootti haleellaa konkolaataa deddeebisa Uummataa irratti raawwatameen yoo xiqqaate namootni shan ajjeefamuu angaa'aan godinichaa fi maddeen Hospitraalaa BBC'tti himan. via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/IwXqn23
Heera Itoophiyaa keewwata 39 jalatti ''Mirga hiree ofiin ofiin murteeffachuu hanga fottoquutti,'' kan jedhu ragga'eera. Gama biraan ammoo keewwati kun saboonni of jabeessanii akka of danda'an gochuun biyya laaffise sodaa jedhuun akka fooyya'uu qabu kan gaafatanis jiru. Mootummaan biyya bulchaa jiru kanarraa ka'uun keewwata 39 akka ajandaa marii ijoo tokkootti Marii Biyyaalessaa irratti dhiheesseera. via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/m7jtAyC
QABSOO OROMOO GULANTAA 2FFAA, BOQONNAA 5FFAA - Akeekni Boqonnaan 5ffaa qabsoo maali? - Maal faatu keessatti hojjatama - Balaafi carraa maalii of keessaa qaba - Akkamiin goolabama? Guyyoota itti aanan keessatti barreeffamaafi sagaleetin dhiyaata. Yoo jaariin tolte bifa presentation irratti mari'anna. Manaabaaniis maafiyaa marfeeysuu dhiisaa, hirriba nagayaa rafaa!
Ameerikaan misaa'eloota bakka buusuun salphaa hin taane hedduu Iraanitti dhukaasteetti. Garuu, dhugumatti US meeshaalee waraanaa ishee of harkaa fixxee galma waraanaa fi dirqama ishee ba'achuuf qoramaa jirtii? via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/m06P8uG
AJJEECHAA MOYIBOON BAQQALAA irratti qorannaa gochaa turre hanga ammaa dhiheessuu dhabuu keenyaaf akka dallantan nan beeka. Sababa gaariitu jira. Qorannoo hanga amma geggeessine keessaa kun hedduu wal xaxaadha. Dubbii hamma dhumaatti akka mamiin homaatuu hin hafnetti ( no reasonable doubt) qulqulleeffachuu barbaanne. Namoota ajjeechaa san raawwatan irra gahuun yeroo hin fudhanne. Warra lubbuun hanga ammaa jiru dubbifneerra. Garuu warri ajjeeseefi ajaje murna garagaraa sadii keessatti argamuutu nu dhibe. Namoonni kun ajaja hooggansa murna keessa jiraaniitiin raawwatan moo bakka biraatii to'atamu ture? Ka'umsa dhuunfaati moo shira siyaasaati? Gaaffiilee kana deebisuun ragaalee barreeffamaa, afgaafii sa'aa dheeraa, maxxansa marsaa hawaasaa, dhugaa ba'ummaa namoota 20 caalanii irra deddeebinee ilaaluufi xiinxaluu gaafata ture. Of biras dabarsinee namoota ogummaa qorannoo qabanis ilaachisuun barbaachisaa ture. Kanaaf harkifanne. Waan dhumarratti irra geenye yoo yeroo qabaanne bor, ta'uu baannaan iftaan isiniif dhiheessina. NAGAAN BULAA!
https://www.youtube.com/live/ZMWhEgjVnIM?si=Nv1IgfTVaqoH-Gtp
Hojiiwwan muuziqaa Haacaaluu Hundeessaa qulqullinaa fi sadarkaa isaanii eeggatanii tooftaalee tamsaasaa bebbeekamoo akka Itunes, Amazon music, apple music, spotify fi kaanirra kan bahan bara 2021 keessa ture. Ogeessi hojiiwwan aartist Haacaaluu pilaatfoormiiwwan kanneen irratti akka bahan gumaacha olaanaa godhe keessaa Olii Taammiraat tokko via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/bkH4qLZ
Waxabajjii 13, 1325 hayyuun Morookoo Abuu Abdullaah Muhaammad Ibin Batuutaa, yeroo baayyee Ibin Baatuutaa jedhamuun waamamu imala seenaa addunyaa keessatti ajaa'iba jedhame jalqabe. via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/xc2FeHs
Imbasiin Ameerikaa Finfinnee jiru adeemsa nagaa Tigraay ''qaamoleen gufachiisaa jiran,'' gochasaaniirraa of qusachuun tattaaffiiwwan marii nagaaf taasifamaa jiran akka tumsan akeekkachiise. via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/rZ76l4y
Afrikaa Kibbaatti gaggeessitoonni sochii farra godaantotaa namoonni godaansaan biyyattii keessa jiran akka bahaniif guyyaan dhumaa kennan dhiyaachuu hordofee, Embaasiin Itoophiyaa Piritooriyaatti argamu godaantonni "of eggannoo" akka taasisan hubachiise. via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/vByiWbs
Mooraan masjiida al-Aqsaa addunyaarratti iddoo akkaan falmisiisaa ta'eedha. Hordotoota amantaa Islaamaa biratti al-Haraam al-Shariif (Noble Sanctuary) jedhamuun beekama. Yidoonni ammoo bakka kana Tempil Maawunt jedhanii waamu- iddoo Manni Qulqullummoo Solomoon tureedha jedhanii waan amananiif. via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/yxNlvVh
Maaramee Harqaa Kaasaa weellistuu beekamtuu Oromooti. Bara 1990 keessa sagalee isheen mirga namoomaaf falmaa turte. Sirboota aadaa fi kitaab aishee Gundoo Booree jedhamuun beekamti. via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/JB5GQRk
Waayi Haawus seera baaftotni Ameerikaa "baasii ariifachiisaa" waraana Iraanirratti mudate kan bakka bu'u dolaara biliyoona 87.6bn akka raggaasisaniif gaafate.Kongiresiin murtoo Pirezdantiin akka waraanaa hin labsine raggaasisee guyyaa tokko keessatti dha Waayit Haawus yaada kana kan dhiyeessaa jiru. via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/NoZfPHG
“Shufeerri Miskiinni Jimaa baddeessaa fe’ee finfinnee dhufu hin ajjeefamin, Maafiyaan wal ijaartee miskiina hiitee cafaqxee Mallaqa baankii isaa keessaa saamuun dhaabatuu qaba jechuun Abiyitti hinaafuudhaa? . . . Nama ajjeesanitti Hinaafaa?”
Dirqamni waraanaaf guuramuu Tigraayitti raawwatamaa jiru yaaddoo uumuu isaatiin dargaggoonni hedduun naannicha gadhiisun naannolee Itoophiyaa birootti baqachaa kan jiran yoo ta'u kuun ammoo naannichuma keessatti dhokatanii akka jiran dubbatu.Naannichatti sababa dargaggoonni waraanaaf adamsaman kanaaf sochiin danqamee akka jiru kan himan jiraattonni sodaan guddaan uumamuu himu. via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/cGAtXW3
https://ift.tt/Sx6plGi