MOHAMMED OFFICIAL
Статистика✍️ Namoonni kufaatii booda lafaa ka’an hundi, miila isaanii jijjiiratanii osoo hin taane yaada isaanii jijjiiraniiti; adeemsa isaanii sirreeffatan; karaa imala isaanii jijjiiranii ilaalan malee nama miila jijjiirate hin dhageenye….!!
- Последний пост
- 19 июл.
- Последнее чтение
- 14 авг.
- Постов за неделю
- 0
- Всего постов
- 22
- Тип
- открытый
- Язык
- om
- В каталоге с
- 14 авг.
- 1/24сутки в ленте
- —
- 1/48двое суток
- —
- 1/72трое суток
- —
Оценка по просмотрам недавних постов: пост набирает почти всё за первые сутки.
Посты
📝 #mil'uu Bilbilli harkaa (Mobile) humna guddaa qaba; bu'aan isaa salphifamuu hin qabu, balaa isaas xiqqeessamuun hin ta'u.📱 Inni: ☎️ Bilbila mana (landline) ajjeesse. 📺Televiziyoona ajjeesse. 💻Koompitara ajjeesse. ⌚Sa'aatii harkaa ajjeesse. 📷 Kaameeraa ajjeesse. 📻Raadiyoo ajjeesse. 🔦Ifa harkaa (torch) ajjeesse. 🪞Daawwitii ajjeesse. 📚Gaazexaa, maxxansa fi kitaabota hedduu ajjeesse. 👛Boorsaa maallaqaa ajjeesse. 🗓️ Kaalandarii fi yaadannoo (memo) ajjeesse. 💳 Kaardii baankii (ATM card) ajjeesse. 💔 Gaa'ela hedduu ajjeesse. 👨👩👧👦 Maatii hedduu bittinneessuuun Jaalalaa fi walii-galtee maatii ajjeesse. 💞 🎓 Fedhii barattootaa barachuuf qaban dadhabsiisee, karaa milkaa'inaa fi kaayyoo isaanii ajjeesse. Suuta suutaan ammoo: 👁️ Ija keenya miidhaa jira. 🦴Dugdaa fi morma keenya miidhaa jira. 🧠 Sammuu keenya irratti dhiibbaa geessisaa, aadaa fi ilaalcha keenya jijjiiraa jira. 👦👧 Dhaloota itti aanu balleessuuf karaa irra jira. Yoo of hin eegganne: 🕌 Amantii fi lubbuu keenya irratti miidhaa geessisuu danda'a. ⚠️ Onnee keenya gogsuun dhaloota borii gaabbii hin fayyine keessatti hambisuu danda'a. Nama Rabbiin tikse malee, balaa kana irraa namni of tikfachuu hin danda'u. ⚖️ Kanaaf: 🌱 Waan si fayyadu qofa irratti xiyyeeffadhu. 🤲 Rabbitti irkadhu; rakkoo isaa irraa rabbii kadhadhuu. 🛡️Faayidaa isaa sirnaan fayyadami; garuu miidhaa, kiyyoo fi gowwoomsaa isaa irraa of eeggadhu. ✏️ Dr. Alii Awdaa
قال الحسن البصري رحمه الله من ساءَ خُلُـقـه عَذَّب نَفَسـهُ ، ومن كَـثُر مالُـهُ، كثُرت ذنـوبُه ، ومن كثُر كلامُهُ ، كـثُر سقطُه .
قال الحسن البصري رحمه الله لولا العِلْمُ ، كانَ الناسُ كَالبَهائِم .
....Umrii kee waggaa 20ota ykn 30ota keessa jirtaa? Ganama yeroo hirribaa kaatu "Jireenyi koo duubatti hafeera" miirri jedhu sitti dhaga'amaa? Naannoo kee yeroo ilaaltu namni hundi karaa jireenya isaa waan argate sitti fakkataa?... Inni tokko mana daldala banateera... Inni kaan gaa'ela dhaabbateera... Inni biraan addunyaa irra naanna'a... Hundi isaanii gammadoo, firii qabeeyyii fi kan milkaa'an sitti fakkatu... Ati garuu achuma jirta, "Ammas yeroon qaba..!" Anis nan qaqqaba jettee of amansiisuuf yaalta. Garuu keessi kee si hin fudhatu... Keessi kee "Sirra dabreera" jedhee iyya jabaa iyya. Obboleessa koo... Rakkoon kee ofii kee namoota biroo waliin dorgomsiisuu keeti. Wanti ati Miidiyaa Hawaasaa (Social media) irratti argitu guutummaa Isaa jireenyaa dhugaa miti... Namoonni kan siitti agarsiisan injifannoo fi milkaa'ina isaanii qofa... Imimmaan, kufaatii fi yaaddoo isaanii si hin agarsiisan. Dargaggeessa umrii waggaa 23tti dhaabbata bane argita... Ji'a 6 booda kisaaree cufamuu isaa garuu hin argitu. Intala umrii waggaa 25 addunyaa irra naannoftu argita... Liqiidhaan akka jiraattu garuu hin beektu. Ammas Namoita umrii waggaa 27tti sirna gaa'elaa Ajaa'iba ta'een heeruman (wal fuudhan) argita... Garuu iyyansaa fi wal loliinsa malee suuta jedhanii waliin dubbachuu akka hin dandeenye hin argitu. Michuu koo... Ati duubatti hin hafne. Jireenyi dorgommii miti. Waggaa 20onni fi 30onni "Xumura waan hundumaa" utuu hin taane; Jalqaba waan hundumaa, bara yaalii, bara kufanii ka'uuti. Waggaa 20ota dabarsitee Waggaa 30ota keessa xumura irratti hojii kee argachuu dandeessa... Waggaa 40ota keessa immoo of argachuu fi of beekuu dandeessa... Waggaa 50ota keessa jaalalaan gaa'ela dhaabbachuu dandeessa... Waanti "Yeroo sirrii jireenyaa" jedhamu hin jiru. Tokkoof dursee milkaa'uufii danda'a, tokkoof immoo dulluma keessa milkaa'uufii danda'a. Galgalliis umriidha... Kadhannaan "Buddeena galgalaa naa kenni" jedhamu kan kadhatamuuf kanumaafi. Kanaaf... Har'a jireenya namoota biroo caalaa imala ofii keetii kabaji. Suuta jettee yoo deemtes tarkaanfataa jirta. Kufaatiin kee xumura kee miti... Kufaatiin har'aa milkaa'ina boruutiif sababa ta'a. Ati nama gatii hin qabne miti... Ati nama jabaa adeemsa keessa jiruudha!! Uumaan yaada kee guutuu siif haa milkeessu, argatanii dhabuu irraa si haa fageessu. @Seyfalislam_official
Kophaummaan na hin ajjeesne, na barsiise malee ❤️🩹
Urwaa ibnu Zubeeyr (Rahmatullaahi Alayhi) guyyaa Tokko mooticha Islaamaa Waliid ibnu Abdil Malik ziyaaruuf Madiinaa irraa ka'ee gara magaalaa Dimashqaa deemaa ture. Osoo karra irra jiru, imala kana irratti dhukkubbiin miilaa hamaan itti ka'e. Dhukkubbiin kun dandeettii isaa ol ta'ee, miilaan deemuu dadhabe, fardas ta'ee gaala yaabbatee deemuun itti ulfaate. Dhukkubbiin waan isa dadhabsiiseef, sirree (wasaasa) irra isa kaayanii mooticha irratti ol naqan. Mootichis haala isaa oggaa arge “Aalimni guddaan kun akkanatti dhukkubsachuu irraa rifate hatattamaan doktoroota itti yaame. Doktoronni oggaa dhibee isaa ilaalan, dhibeen kun dhukkuba hamaa "gargariinaa" (gangrene) jedhamu ta'uu fi dhiigni summaa'aa deemuu isaa mirkaneessan. Yoo hatattamaan miilli sun irraa hin muramin, lubbuu isaa galaafachuu waan danda'uuf, doktoronni miilli isaa akka irraa muramu ajajan. Urwaan mormii tokko malee qadara Rabbitti amane. Eegana yeroon sujuuda irra jiru Rabbii kiyya malee if quba hin qabu waan taheef yeroo san narraa muraa ja’een. Ammaas guyyuma miilli isaa irraa murame san keessa, mucaan isaa kan inni akkaan onneerraa jaalatu fi itti boonu ka isaa wajjiin Dimashqa dhufe tokko fardi dhiiteenii lubbuun isaa baate ! Mee yaadi! Miila irraa murame fi du’a ilma inni jaalatu guyyaa tokkotti simachuun onnee akkamii gaafata? Urwaan garuu akkana ja’e: "Yaa Rabbi! Galanni Keeti. Innaa lillaahi wa innaa ileyhi raaji'uun. Ilmaan torba naaf kennitee tokko qofa narraa fudhatte; humna nafaa afur (harkaa fi miila) naaf kennitee tokko qofa narraa fudhatte. Yoo har'a na mokkarte, yeroo dheeraaf nagaya na goote jirta. Yoo tokko narraa fudhate, yeroo hedduu naaf kannitee jirta. Miila kiyyaa fi ilma kiyyaas Rabbiin jannata keessatti walitti nu qabuun kajeela." Eegana miila isaa laalee “Wallaahi Takkaa gama Haraam akkaan siin hin tarkaanfatin Rabbiin ni beeka ja’e. Guyyaa waaxiqqo booda Kaliifaa Islaamaa Waliid ibnu Abdil Malik bakka inni taa’u bira dhaqe. Achitti gurbaa dullacha, ija-ballaa ta'e tokko kaliifaa biratti arge. Kaliifaanis gara Urwaatti garagalee: "Yaa Urwaa, dullacha kana seenaa isaa gaafadhu," ja’een. Urwaanis gara gurbaa sanatti siqee: "Seenaan tee maali?" Ja’ee gaafate. Gurbaan ija-ballaan sun imimmaan firraa haqaa akkana ja’e: "Yaa Urwaa! Wallahii gaaf tokko galgala maatii fi qabeenya kiyya wajjin halkan gaarii booda hirribaaf rafne. Ganda keenya keessatti namni horii fi ilmaan baay'ee akka kiyyaa qabu hin jiru ture. Halkan keessa oggaa hirriiba dammaqnu galaana jabaatu nutti dhufe. Galaanni sann horii kiyya, ilmaan kiyyaas fuudhee kute! Hanga liphuu ijaatti maatii fi qabeenya kiyyaas dhabe. Ganama aduun oggaa baatu, mucaa xiqqaa tokkoo fi gaala tokko qofaatu naaf hafe. San boodaas qorumsi narraa hin dhaabbanne. Gaalli koo na jalaa baqannaan jalaan fiige. Hedduu osoo hin fagaatin, iyyeensa mucaa kiyyaa duuba kootiin dhagahe. Oggaan milladhu... maaliin arge?! Mataa mucaa kiyyaa afaan yeeyyii keessatti arge! Irraa baasuuf fiige, garuu nan dhaqqabne, yeeyyiin mucaa koo na duraa nyaatte! Achi as garagalee gaala kiyya qabadha ja’ee oggaan fiigu, gaalli sun kottee isaatiin fuula keessa na dhiite; ija lachuu ballaa na godhe!" Urwaan seenaa nama gaddisiisu kana dhagahee rifatee, akkana ja’ee gaafate: "Duuba kana hunda booda maal jetta?" Gurbaan amantii jabaa fi obsa qabu sun deebisee akkana ja’e: "Yaa Rabbi galanni keeti! Qalbii Si beektuu fi arraba Si zakkaru kan naaf kenniteen ja’a." Ja’een. Maddi Seenaa ;Bidaaya Wa Nihaaya Volu ; 9
Sheenaa Qur’aanaaf jecha.. Sheekul islaam ibnu teeymiyaan guyyaa du"uu deemu San barataa isaa ibnu qayyimin akkana ja"e...: Yeroo tiyya hedduu qur"ana qara"un maletti balleeysurraa hedduun sheenawe ja"e.!! (Umrii isaa wanni inni itti fixe diin Rabbii barsiisu gama Rabbii nama yaamu fi kitaaba ummata Islaama fayyadu kaayuudhaani.) garuu osoo kana hunda itti dhiise Qur’aana qofaan fixee ja’eeti sheenawe. Aalimni guddaan zamana keenya kana Abu is-haaq al huwwyniin gaafa dhukkubsate dhukkubni isatti jabaatee (Rabbiin rahmata haa godhuuf) akkana ja’e .. Way sheenaa tiyya osoonifin umrii tiyya guutuu qur"anaaf kanne.!! (Umrii isaa irra gudda hadiisa Rasuula qorachuu ,barsiisuu fi gama Rabbitti nama yaamuun fixe). #Ibnu useeymiin guyyaa duniyaa tanarraa deemuf deemu akkana ja"e ; Osoonifin qur"ana guutuu guututti tafsiira godhehiin hawwe,akkasuma osoonifin qur"ana barachuu fi barsiisuun beekumsaan an irratti jiraadhu taheehin hawwe ja"ee.!! ( ka nama aja"ibsiisu isaan hundinuu ka akkana ja"an hadiisa rasuulaatin shaakalamaniiti..,kanuma wajjiin ni sheenawan osoo yeroo saani hunda qur"anarratti fixnee ja"anii.) #Rabbiin warra qur’ana irraa nu haa godhu.
Baga Gara Akkaadaamii Afriikaatti Dhuftan!! 📚 Barnoota Saayinsii Shari’aa bilisaan karaa intarneetiitin isinii kennina. 🎓 Xumura barnootaa irratti Ragaa Dipiloomaa ni argattu. 🌟 Ammuma imala beekumsa Shari'aa keessan kan jalqabaatti makamaa!! 🔗 Galmaa’uu fi namoota birootti qooduuf: https://t.me/AkaadaamiiAfrikaa Akkaadaamii Afriikaa!! Marsaa Jalqabaa!! Ifaa Beekumsaa Nama Hundaaf!!
Elaamee obboleessoo,,, yoon siduubatti toltuu kee dubbachuu dadhabellee? Hamtuukee dubbachuu dhabuudhaanin sigargaaraa Abshir.
Durba qallootti inaaffaa buusa😂 Durba gabaabduutti tonkolii buusa🙆♂️ Durba furdoottimmoo hirriba buusa😭 Durba dheertuutti haasaa buusa😄 Durba gurraattiitti jibba buusa😑 Durba diimtuuttimmoo jaalala buusa😁 Kun dhugaama lafa jirtuudha durboochee🤭😁 Kan dhiiraa loading..... 😂
🌟 Dalagaan Kee Hunduu Lubbuma Keetiif 🌟 Rabbiin Qur’aana keessatti bakka hedduutti dalagaan Keesaan lubbuma keessaniif nuun jedha, 📌 (مَنِ اهْتَدَى فَإِنَّمَا يَهْتَدِي لِنَفْسِهِ) سورة الإسراء – الآية 15 Namni qajeele, kan inni qajeelu lubbuma isaatiif. Suuraa Al-Israa: 15 📌 (مَنْ عَمِلَ صَالِحًا فَلِنَفْسِهِ) سورة فصلت – الآية 46 Namni waan gaarii dalage, kan inni dalagaa gaarii dalagu lubbuma isaatiif. Suuraa Fussilat: 46 📌 (وَمَن يَشْكُرْ فَإِنَّمَا يَشْكُرُ لِنَفْسِهِ) سورة لقمان – الآية 12 Namni Rabbiin galatoomfatu, kan inni galateeffatu lubbuma isaatiif. Suuraa Luqmaan: 12 📌 (فَمَنْ أَبْصَرَ فَلِنَفْسِهِ) سورة الأنعام – الآية 104 Namni ragaawwan Rabbiitti amanuu fi hubatu, kan inni hubatu lubbuma isaatiif. Suuraa Al-An’aam: 104 📌 (وَمَن جَاهَدَ فَإِنَّمَا يُجَاهِدُ لِنَفْسِهِ) سورة العنكبوت – الآية 6 Namni qabsaa’u (tattaafatu,) kan inni tattaafatu lubbuma isaatiif. Suuraa Al-Ankabuut: 6 ✅ Dalagaan kee hunduu lubbuma kee qofaaf. Rabbiin si irraa duroomaa dha; kana beekii, lubbuma keetiif jedhiitii tattaaffadhu, habiibii. Yaa rabbi nuu qajeelchi🤲
اللهم صل على صاحب التاج والمعراج 👑 صاحب الوجه الانور ✨ والجبين الاظهر 😊 سيد ولد آدم 🩵 رسول رب العالمين عليه افضل الصلاة واتم التسليم ❤️🩹♥️
Carraa kana itti fayyadamaa... ⭐️ Akkaadaamiin Afriikaa - Afaan Oromoo haalaa gaariin jalqabee jira ✅ Faayidaalee Akkaadaamii kanaa keessaa: 💵 Akkaadaamichi bilisa (kaaffaltii malee), akkasumas umrii hundaaf dhiiraa fi dubartootaaf banaadha. 📱Fageenyarraa taa’anii bilbila ykn laabtopiidhaan barachuun ni danda'ama. 👳♀️ Sirna baruu-barsiisuu saayinsaawaa fi salphaa ta’e kan hayyoota ciccimoon barsiifamu. 📄Gosa barumsaa hundaaf qormaata madaallii fi hubannoo ni kennina. 🎊 Warra milkaa’aniif waraqaa ragaa (Sartifikeetii) keennu: https://t.me/AkaadaamiiAfrikaa 📚 Barsiisoota Akkaadaamichaa:- Dr. Jeeylaan Kadiir Dr. Kamaal Haaji Galatuu Dr. Kamaal Tilmoo Dr. Abdallaah Kadiir Dr. Mahmuud Huseen Dr. Alii Jimmaa Dr. Jibriil Qamar ⏳ Turtiin barumsaa: waggaa tokko yoo ta'u, simisteera lamatti qoodama. Barumsi bifa kanaan barattootaaf dhiyaata : Kitaabaan (PDF). Viidiyoodhaan. Sagaleedhaan. Ammaaf Linkii kanaan gara Garee Telegiraamaa seentan join gootanii, booda foormiin galmee isiniif ergamuudhaan gara Waltajjii barnootaaf qophaa'eetti ceetu. https://t.me/AkaadaamiiAfrikaa Carraa addaati, itti fayyadamaa. Dubartoota, manguddoota, dargaggoota, hojjattoota mootummaa, warra kutaa barnootaa taa'anii barachuuf carraa hin qabne hunda itti affeeraa.
📗 Seenaa nama kofalchiisu: Namni tokko akkana jedhe: Masjiidatti Fajrii salaadhee, gara manaatti osoon deebi'uu, namoonni wahii qotiyyoo tokko biratti walitti qabamanii, konkolaataa keessa galchuuf yaalan, garuu qotiyyoon sun jalaa kan sochoone arge! 🐂🚗 Achi booda ani Qotiyyoo sanatti dhiyaadhee mataa isaa susukkuumee harka irra oofee, booda Aariin isaa hir'atee, tasgabbaa'ee konkolaataa keessa seene! 🐂🚘 Isaanis baay'ee na galateeffatanii "Rabbiin jazaa kee siif haa kafalu" jedhanii imala isaanii itti fufan. ✨ Booda Ani uf keessatti "Subhaanallaah ! Kun immaa barakaa Salaata Fajrii keessaa isa tokkodha" jedheen, yeroo mana gahu, haati koo iyyaansaan kan onneen keessaa cite wahii, "Qotiyyoon keenya hatame ilma koo! Korma keenya hataniiru!" Naan jette… 😱🏠 Kolfa koo to'achuu dadhabee gubbaa lafatti kufe! 📉🥲 Isheenis na rukuttee "Korma hataniiru siin jedha, ati immoo kolfaa jirtaa?!" Naan jette. Anis deebiseef, "Dhugaa dubbachuuf Harmee, Qotiyyoon na beekee, ani garuu hin beekneen ture sanumaaf!" 😂😂😂😂 Fayyaa fi nagaan dhabinaa oolmaa gaarii. 🤝🌸
https://t.me/PayneeX_bot?startapp=6039049757
Baga rahmaan Ramadaana isin gahe Nama boojuu baatiin kun qabu argatu nuhaa godhu
#Abdii_hin_muratin. Furtuun milkaa’inaa guddaan abdii kutuu dhabuudha. قال الله تعالى: «لا تيأسوا من روح الله» Rahmata Rabbii irraa abdii hin muratinaa. Jireenya kee keessatti yaaliiwwan ati gootee siif hin milkoofne hundi fashalaa miti, yaaliin sun hundi karaa milkaa’inaatti si geessan irraayyi. Namoonni har’a milkaa’an hundi kaleessa karaa qormaata gurguddaa keessa taranii bakka har'a jiran kana gahan, yaaliin ati gootu, carraaqqiin ati har’a carraaqattu “Na hin milkooyne” jettu kunniin boruuf nama jabaa, nama milkaa’aa si taasisa. Milkaa’inni akka badhaasaatti siif hin kennamu, Affeerraa godhaniillee itti si hin waaman, Milkaa’ina kuftee kaatee, dadhabdee, qormaata hedduu darbitee, erga of leenjiftee booda goonfatta. Ati abdii gaarii yoo Rabbii kee irraa qabaatte, rahmata isaa irraa yoo garaa hin muratin, karaan milkaa'inaa hundi siif ni saaqama, Rabbiin bakka ati yaaddu san caalaa siif gaha. وقال الله تعالى في الحديث القدسي: «أنا عند ظن عبدي بي» (متفق عليه) "Ani bakka gabrichi kiyya itti na yaadetti isaaf jira" Rabbiin yaadaa muraada keenna hunda nuuf haa guutu. ✍️ Fares Muhammed #Fursaan_media@Fursaan_media http://T.me/Fursaan_media
Namichi kun David Baerten jedhama, lammii biyya Belgium. Firoonni isaa isa gatan. Hiriyyoonni isaa iyyaafachuu didan. Hawaasa keessa jiraatu gidduutti dagatame. Ijoollee isaa waliin qofaatti gatame. Nama isa iyyaafatu dhabuun, waamichaafi cidha naannoo keessatti geggeefamu irratti affeeramuu hanqachuun...walumaa galatti nama jiruu isaaf dhimmamu of biraa dhabuun baay'ee isa aarse. Kanaaf murtoo wayii murteesse. Akka waan du'eetti qindeessee miira namaa ilaaluu! Utuun jiruu fira dhabe, mee sobee du'een firan argadhun ilaala jedhe. Waa'ee du'a isaa intalli isaa social media irratti akka maxxansitu taasise. "Nagaan boqodhu abbaa koo! Tasumaa waa'ee kee yaaduu hin dhaabu. Jiruun biyya lafaa hamtuudha. Maaliif garuu maaliif yeroo kanatti na biraa godaante? Da'ee akaakayyuu si gochuufan qophaa'aa ture bar! Baay'een si jaalladha, si hin dagadhu" jettee maxxansite. Guyyaafi bakka awwaalaas beeksifte. Uummanni lafarratti hin hafne. Xiqqaafi guddaan yaa'ee boohichaan iji diimate. Awwaala isaaf maal si gargaarru jedhanii intala isaa busy godhan. Guyyaan awwaalchaa yommuu ga'u, hunduu uffata gurraacha uffatee bakka jedhametti argame. Konkolaataa reeffa baatee dhufu utuu eeganii helicopter tokko dhuftee qubatte. Namichi helicopter keessaa bu'ee uummata nagaa gaafate. Uummanni achitti walga'e naasuudhaan dubbiin bitaa itti gale. "Jaalala isin naaf qabdan ilaaluufan akkas godhe. Maal ta'a jaalala kana utuun lubbuudhaan jiruu yoo natti agarsiiftan? Maal ta'a fayyaa kootti akkasuma yoo naaf dhimmamtan? Jiraa koo dagattanii du'aa koo yaadattuu?..." jedheen. Jiraatti wal haa jaallannu, jiraatti waliif haa birmannu! Nagaan oolaa.
без подписи
Haile-selassie fi General Waaqoo Guutuu Haile-selassien Waaqoo Guutuu kootu Kara nagahaan galii biyyaa wajjiin bulchinaa jedhee jarsummaa itti erge. Waaqoo Guutuu garuu ni didee booda irraa rakkoon Mootummaan Haile-selassie ummata baalee irraan gahaa jiru akka malee waan hammateef Waaqoo Guutuu jarsummaan galee Haile-selassien yeroo wal argaan Haile-selassien“ati kan Generala jette Farda yaabbatee garreen baalee keessaa deemtu Generaalummaa eennu si kenne jedheen” Waaqoo Guutus “ati kan Nugusa ofiin jettu eennutu siif kenne jedheen” Haile-selassien gootummaa waaqoo Guutu sirritti waan hubateef “ati dhugamaan Generaala jedheen. Korma dhug aan booratu huurri ija hin bu’u.