- Последний пост
- 12 авг.
- Последнее чтение
- 14 авг.
- Постов за неделю
- 1
- Всего постов
- 24
- Тип
- открытый
- Язык
- om
- В каталоге с
- 13 авг.
- 1/24сутки в ленте
- 46
- 1/48двое суток
- 52
- 1/72трое суток
- 56
Оценка по просмотрам недавних постов: пост набирает почти всё за первые сутки.
Посты
без подписи
без подписи
Inni rooba guddaa roobse; lafa gogaa jireenya keetiis ni obaasaa. Kanaaf abdii hin kutatin. Keriitiin kee xumura miti; gara eebba guddaatti ce'umsa dha. Waamicha Har'a namni of keessatti, "Yaa Gooftaa, Keriitii koo keessatti na eegi, na soori, na haaromsi; gara rooba eebbaa keetti na geessi" jedhee kadhachuu barbaadu yoo jiraate, amantiidhaan gara Gooftaa haa dhiyaatu. Kadhannaa Xumuraa "Yaa Waaqa Eliyaas, yeroo rakkoon nu marsetti nu hin dhiisin. Keriitii keenya keessatti nu eegi. Hanqina keenya keessatti nu soori. Iddoo aarsaa keenya haaromsi. Ibidda Hafuura Qulqulluu nu irratti buusi. Rooba eebbaa kees jireenya keenya irratti roobsi. Akka maqaan kee ulfina argatu nu fayyadami. Maqaa Yesuus Kiristoosiin kadhanne. Ameen."
Barumsa 17ffaa kutaa 2ffaa Mata Duree: Cidha Lagaa Keriitii Maaddii Waaqummaa Kan Gidduu Hanqinaa fi Rakkoo Qophaa'u Caqasa Bu'uuraa: 1 Mootota 17–18 Seensa Galanni Gooftaaf haa ta'u! Obboloonni koo jaallatamoon, jireenyi Kiristaanaa yeroo hunda karaa salphaa miti. Guyyoonni gammachuu jiru; guyyoonni immoo imimmaan, hanqinaa, dadhabbii fi qormaataa jiru. Namoonni baay'een yeroo rakkinni dhufu, "Waaqayyo na dhiisee jira" jedhanii yaadu. Garuu Macaafni Qulqulluun wanta adda ta'e nu barsiisa. Waaqayyo yeroo qormaataa keessa caalaatti hojjeta. Inni yeroo lafti hongeen goggogdu, bishaan isaa hin gogu. Yeroo namoonni harka isaanii cufan, Waaqayyo harka isaa ni bana. Seenaa Eliyaas keessatti waan guddaa tokko argina: Waaqayyo gara Keriitiitti isa geesse; achitti isa eege, isa soore, isa barsiise, boodas isa gara injifannootti geesse. Kanaaf, "Keriitii" kee har'a maal iyyuu yoo ta'e, Waaqayyo si hin daganne. I. Keriitiin Iddoo Dhokfannaa Osoo Hin Taane Iddoo Qophii Dha 1 Mootota 17:3 "Gara laga Keriitiitti deemiitii achi dhokfadhu." Namoonni baay'een dhokfamuun isaanii akka kufaatii ilaalu. Garuu Waaqayyo yeroo baay'ee nama beekamaa ta'uu dura nama qopheessa. Museen waggaa afurtama gammoojjii keessa ture. Daawit waggoota hedduu baqataa ture. Phaawuloos waggoota muraasa namoota irraa fagoo ture. Yesuus illee tajaajila isaa dura gammoojjii keessa ture. Kanaaf yeroo namoonni si hin waamne, si hin yaadne, si hin argine, abdii hin kutatin. Tarii Waaqayyo si qopheessaa jira. Barumsa: Dhokfamuu kee jechuun Waaqayyo si gate jechuu miti; yeroo hedduu si eeguuf si dhoksa. II. Waaqayyo Madda Hin Eegamneen Ni Soora 1 Mootota 17:6 Kormoonni buddeenaa fi foon Eliyaasif fidan. Kun waan nama dinqisiisu dha. Kormaan uumamaan waan argate ofii isaatiif nyaata malee nama hin sooru. Garuu Waaqayyo uumama hunda ajaja. Namoonni si gargaaruu yoo didan, Waaqayyo karaa biraa qaba. Hojjiin yoo cufame, Inni karra biraa bana. Namoonni yoo si dagatan, Waaqayyo si yaadata. Barumsa: Maddi jireenya keetii hojii kee, nama tokko yookaan qabeenya kee miti; maddi kee Waaqayyo dha. III. Hanqinni Waaqayyoof Rakkoo Miti Sarephataatti dubartiin abbaan manaa irraa du'e daakuu muraasa fi zayitii xinnoo qofa qabdi turte. Akka isheen yaadduutti kun nyaata isaanii isa dhumaa ture. Garuu Waaqayyo isaaf kun jalqaba dinqii ture. Yeroo dubartiin sun dubbii Waaqayyoo amanetti, daakuun hin dhumne; zayitiinis hin hir'anne. Yeroo baay'ee nuti waan hin qabne ilaalla. Waaqayyo garuu waan harka keenya jiru ilaala. Museen ulee tokko qaba ture. Daawit dhagaa shan qaba ture. Dargaggeessi buddeena shanii fi qurxummii lama qaba ture. Waaqayyo waan xiqqoo harka keenya jiru eebbisee guddisuu danda'a. IV. Iddoon Aarsaa Haaromuu Qaba 1 Mootota 18:30 Eliyaas dura iddoo aarsaa diigame ijaare. Booda ibiddi samii irraa bu'e. Har'a namoonni baay'een ibidda barbaadu; garuu iddoo aarsaa dagataniiru. Kadhannaan keenya maal fakkaata? Dubbii Waaqayyoo hammam dubbisna? Jireenyi qulqullummaa keenya akkam jira? Iddoon aarsaa yoo diigame, humni Waaqayyoo hin mul'atu. Yoo haarome garuu ibiddi ni bu'a. V. Obsaan Kadhachuun Rooba Fida Eliyaas yeroo torba tajaajilaa isaa erge. Yeroo jahaffaa homaa hin mul'anne. Garuu inni kadhachuu hin dhiifne. Yeroo torbaffaa duumessi akka harka namaa mul'ate. Kun mallattoo eebbaa ture. Yeroo baay'ee Waaqayyo hojii isaa waan xinnaadhaan jalqaba. Kanaaf mallattoo xinnaa tuffachuu hin qabnu. Obsaan itti fufuu qabna. VI. Roobni Guddaan Ni Dhufa Duumessa xiqqoo booda samiin guutuun dukkanaa'e. Roobni guddaan roobe. Biyyattiin haaromfamte. Kun jechuun yeroo Waaqayyo yeroo isaa ga'u eebbi isaa akka yaada keenyaatti xiqqaa miti. Inni guutuu dha. Xumura Har'a tarii ati: Keriitii keessa jirta. Sarephataa keessa jirta. Qarmeloos irra dhaabbatta. Yookaan rooba eeggachaa jirta. Haalli kee maal iyyuu haa ta'u, Waaqayyo hin jijjiiramne. Inni kaleessa Eliyaas soore; har'as si sooruu danda'a. Inni qodaa duwwaa guute; kan kees ni guuta. Inni ibidda buuse; jireenya kee irrattis ni buusa.
#WANGEELLI #WAA'EE #YESUUSI! Obboloota ko jaallatamoo! Bara ammaa kana wangeelli waa'ee eenyuu waa'ee maaliis akka ta'e dagatamee jira. Har'a ergaan ijoo lallaba lallabdoota si'anaa 👉Waa'ee milkaa'ina lafa irraa 👉Waa'ee fayyina foonii /dhibee foonii/ 👉Waa'ee qabeenyaa 👉Waa'ee aangoo 👉Waa'ee milikkita gara garaa 👉Waa'ee nama kan biraa irra caaluu 👉Waa'ee aangoo argachuu fi kkkf Kanneen armasn olii kun tokkoon isaa illee #Ergaa_Ijoo_Wangeelaa miti. Sababni isaas isaan arman olii kunneen hundinuu kan Waaqayyo warra isa hin beekneefuu arjoomeedha. Tajaajiltoonni wiirtuu ergaa isaanii Yesuusiin waan hin taaasifneef yeroo ammaa kana amantoonni baay'een waanuma lafa irraa kanaf Yesuusiin abdatu. Sagaleen Waaqayyoo garuu akkam jedhaa? 👇👇👇 "Jireenya amma biyya lafaa kana irra jiraannu duwwaadhaaf Kristosin abdanna erga ta'ee, namoota hundumaa caalaatti nuuf boo'uutu ta'a." (1Qorontos. 15:19) *15 HoE 1:22; 4:33; 5:32 *18 1Tas 4:14 Jedheera. Wangeelli waa'ee maaliitiree? Mee waraabbii macaafa Qilqulluu armaan gadii kana dura haa dubbifnu isaanis 👇 (Rom. 1:2-4) fi (Rom. 1:16-17) ti "Wangeelli kun isa Waaqayyo duraan dursee karaa raajota isaatii caaffata qulqullaa'aa keessatti abdachiisee dha*. Inni waa'ee ilma isaa isa akka fooniitti sanyii Daawit keessaa dhalatee dubbate*. Akka qulqullummaa isaa isa hafuuraatti immoo, warra du'an keessaa ka'uudhaan Yesus Kristos gooftaan keenya ilma Waaqayyoo ta'uun isaa humnaan beeksifameera*." (Roomaa 1:2-4) "Ani wangeelatti hin yeella'u, inni humna Waaqayyoo isa warra amantii qaban hundumaa, duraan dursee warra Yihudootaa akkasumas warra Griikotaa fayyisuu dha*. Qajeelummaan Waaqayyo namaaf kennu amantii irra in dhaabata gara amantiittis nama in geessa. Kunis wangeela keessatti in mul'ata; akkuma caafamee jiru immoo, “Namni amantiidhaan fuula Waaqayyoo duratti qajeelaa ta'e jireenya dhugaa in jiraata*” (Roomaa 1:16-17) *16 Far 119:46; Mar 8:38; HoE 13:46; 1Qor 1:18,24; 2Xim 1:8 *17 3:21-22; Gal 3:11; Ibr 10:38; Anb 2:4 Kutaa armaan olii kana keessatti akkuma arginu 1) Waa'ee Yesuusi Misiraachoon inni afaan Goriikiitiin 'Ewangelio' jedhamu sun 'Wangeela' jedhameera innis 👉Yesuus fayyisaa ilmaan namaa hundumaa ta'uu isaa 👉Namni hojii Kiristoosin Qajeelummaa argachuu isaa 👉Amantiidhaan fayyifamuu isaa argisiisa. 2) Humna Waaqayyooti. 👉Humni Waaqayyoo kun humna namoota hundumaa fayyisuudha. 👉Humna du'aa ka'uu Yesuusiin nuyis du'aa ittiin ka'uuf jirruuti 3) Waa'ee karaa amantiitiin fayyuu 👉 Namoota hundumaaf 👉Warra amantii qaban kan fayyisu ☝️☝️ Yaadonni armaan olii kunneen hundisaanii illee Yesuusiin giddu-galeeffatu. Kanaafuu wangeelli waa'ee maalii mitii? 🚫Waa'ee zayitii miti 🚫Waa'ee suufii fi suuqii miti 🚫Waa'ee suuraa warra "raajota" ofiinbjedhanii bitachuu, dibachuu, Firiijiirratti, sireerratti, konkolaataatti dhoobbachuu miti. Kun obboleesaa moraati. Waan dabaa Yesuusiin namootarra haguugudhas. Mee tasgabboofnee gara wangeelaatti haa deebinu!🙏
...harreen gara keenyaa akka harre-diidoo diida bulti. gabaaf mitii, qabaaf hin argan. harreen gaadaa bultu lakkoofsaan xiqqoo. harreen gara keenyaa, yo walitti dhuftu, naa-hooqi-siin-hooqaa walii hooqaa, "haalli akkam?" waliin jetti, gurratti jettee. "keenya malli, ferex-ferexii dhaam! waliin jetti, jedheen yaade. jennaan, ...yo ba'aa feetu, egaa: -dura lafatti fe'umsa wal qixxeessitee, muka cabsitee fe'umsa lamaan irra keessee, jabeessitee qirqaabda -damasha ykn dibdaaba / moofaa dugda harree akka hin uranne ykn hin machallanne, fe'umsa jala, harree irra keessa, yo feetu akka solola'ee hin buune tti -gabaa teephaa fe'umsa irra keessa -teepha tokko garaa harree jalaan laattee fudhatta -gabaa teephaa keessa baafattee itti ejjattee harkifta takka takka itti ejjettee utuu harkiftuu teephi citee dugdaan kufuunuu jira. -yo harreen dhuuftuu 1, 2, 3 ...harkifta, nama lamaan. 3 harreen dhuufnaan, 1 ati dhuufnaan, fe'umsi jabaate... nuun jedhu, dur, nutti kolfaa, abbaan koo faa... dubbiin harree yeroo kahu, tikee hundi yaadaan badduwoo, maal? ...gurbaan sila yeroo buufata konkolaataa agamsaa irraa kaanu, lubbuu. damma daamuu wayii. kaheera. gaheera. maaloo maal siif tahu har'a?! ...jedhu sun, bilbilaan, kan nami, wal ilaalee, achi ilaalee, konkolaataa keessaa, muu! ya buna jabanaa karaarraa! ya jaalala jabana har'aa! waannaa malee, barakaa hin qabu, soottiyyaa hin qabu! jedhee, maganee, iddoosaa qaanahee, konkolaataa keessaa, hudhii gad darbi! hidhii gad darbi! jedhe, sun, seera sodaaf malee, yaadaan, ...gurbichi amma, edaa aduun isa kallabbeessee in rafa, natti hirkatee, in qoqan, jedhe. dhuufeeyyuu hin dhagahu, bilbilli waamee mitii! maal dubbiin hamma duboo mixii?! ...peacock jennan, shufeeriin, birr! jedheen, anuu, dhahaa galaana yaadaa keessaa, kobba / hoomacha qabadhee bahe. ____
🐦Ilaamee #152 ...karra-qaallittii irraan. kaleessa. karra dur kuma irra yaasan, kuma irra bobbaasan, hora obaasan. karra barii-aantuu, karra il-aduu, karra daduu raagaa, karra oduu aagaa. karra dur taliilli qabbanaa baala malee balfa itti hin baanne, jiraa malee du'aa itti hin nyaanne. aqaaqii, bishaan xuurii malee dur xurii hin qabne, itti bahee waaqatti amaanaa kennatu. karra coreen malkaatti yaa'u, malkaa irroofi irreessi itti wal ga'u. karra qaallittii, lafa dur qonnaa, har'a warshaafi bataskaanni dhaale. karra "manni-hidhaa" masaraa abbaa bisqaanoo durii caale. har'a bakkeen ulfoo fi ulfaa ona. lafti gannaan bona. abdaarii dheebuun, garaan qooqa. dachii ba'aan dugdi dhooqa. kan waaqni uume, silaa, lafti ba'aa hin dhadhabduu! karaa guddaa, bitaaf-mirga, inni qotu gaaddisa dhaddachaa ciisee waa abuura. qotiyyoon waanjoo baatee ejjatee alala guura. midhaanni oolaa, nami oolaa, horiin maseena ykn jibooti cinaan-tokkee! jennaan, roobi lafa sodaannaan, kormi gaana didnaan, waa-beekaa dhaqan, jedheen yaade. jennaan, nama tu wal gane, nama tu wal qacare, wal kakee wal abaaree, waaqni namarraa fagaannaan, namis waaqarraa fagaannaan,... jedhe, waa-beekaan, afaan wal wallaalaan, bakki ulfoo xuroofnaan, haxaarrii dhabnaan, araara dhadhabnaan, itti qaluufi itti dhaquun--dooriyoo bahuun--hafnaan, falfalaan baay'annaan faloo dhiifnaan, roobi lafa hanqate, kormi gaana lagate, lagi goge, laguun goggoge ...jedhe, waa-beekaan jedheen yaade. jennaan, ...gurbaa! naan jedhe, abbaan koo! nan nahe, nan olladhe, nan dafqe, sagalee abbaa koo, kan akka angaasuu galgalaa bu'u san, ija akka abidda daggalaa boba'u sanin yaadadhe. isa dur, yeroo ijoollee, meeshaa qonnaa nu lakkoofsisan san. isa nami meeshaa qonnaa lakkaahee fullaase, macaaqoo qotatachuun hayamamuuf san, yaadadhe, meeshaa qonnaa. ...1. waanjoo / qambara: muka abbayyii irraa tolfama, salphaa, jabaa sanirra: -gubbee 2: walakkaa waanjoo bakka harkiftuun gidduu teessuu fi asiifi achi taphattu. -harkiftuu: hidda geeboo gogsanii jiisanii maranii lkfs 8 tolchan -ciqirtii 4: muka safaramee morma qotiyyoorraan bitaafi mirgaan gad bu'u, kan jalaan hudhaa tiin hidhamu -haqxuu: kan mukarraa soofamuufi waanjootti bitaarraan gad rarraa'u, babbatteefi maarashaarraa yo qotiyyoo hiikan ittiin biyyoo ykn dhoqqee haqan 2. gindii: waddeessa irraa tolfama, salphaa dha, jabaa dha -hordaa: kan qabatanii sangaa duuba ittiin deeman -babbattee: muka doddatarraa kan tolfamu, uramu, kan biyyoo qotamu jijjissu -loloosoo: kan gindii keessa bahee uraa babbattee lamaan keessa bahee walitti hidhu -qonyee: sibiila kan fiixeen babbattee itti wal gahu -dhiittaa: quncee waddeessarraa fo'amu, kan gindiitti ejjatanii harkisanii hudduu gindiirratti meeshaa gindii ittiin hidhanii jabeessan -maarashaa: sibiila qotu, kan fiixee hordaatti galu, qonyeen keessa bahee babbattee lamaan waliin gindiirratti fo'aa dhiittaatiin dhiitamee jabaatee hidhamu 3. qaccee: quncee qaacaa irraa fo'ama qotiyyoo in oofan malee hin rukutan. in eebbisan malee, hin abaaran. ...hancufa lafatti nuu tufu. hancufi kun utuu hin qooriin abbaan himee fixe, macaaqoo qotata. mcaaqoos qotadhe. gulummaa godhadhe. mcaaqoo kee immoo situ harreetti fe'attee gabaa baaftee gurgurattee raada ykn dibicha ittiin siif bitu. harree fe'uu beekuunis beekumsa. harreenuu harree amal-qabeettii fi harree amal-dhabeettii tu jira. harree amal-dhabeettii ariitee fiigdee fiigsiftee fidda. utuu ariituu feetu gabaanuu si darba. qabdee fiddus ijaajjitee sii hin feyamtu, afaan/huuruu ishee qaban malee. fe'amtuyyuu in jigfatti. arrangamaatti dirti, ykn baattee ciifti. harree amal-dhabeettiin ba'aa namaa hin baattu. harree amal-qabeettiin utuu ishee hin waamin dhufti. yo teepha agartu, eegee dhaabdi. takkaa ishee feetee tu girrr! harrr! jennaan, girgirgirgirrrr jechaa, utuu ba'aa hin jigfatin, lafa-gabaan baati, harree amal-qabeettiin nagaa! fe'amtu hin dhadhabdu.
Cubbuuwwan gosa sadii kan yeroo baay'ee Arrabaa keenyaan raawwanuu, ammoo garuu salphifnee ilaalluu tokkoon isantii humuun barbaada. 1, #Gungummii: Fliph:2:12-15 waan hojjenuu kamiyyuu gungummii malee akka hojjanuu nu akeekachiisaa. 1Qor 10:10 isaan keessaa kaan gungumanii,ergamaa isa nama balleeysuun akkuma badan,isinis hin gungumina. Garuu salphaa fakkaataa baay'ee baay'ee balaa qaba.sabni Israa'el baay'ee isaanii gungumanii karaattii hafan. Hin gungumina. 2, #Sobuu: Qolasiyaas 3:8-10 Dubbiin afaan kee keeysaa bahu dhugaa qofa akka tahu male fi tasumaa sobni arrabba keenyarra akka hin baanee nu akeekachiisa. ✅Dubbiin nama yeellassiisuu ✅Dubbiin waa'ee hin baafne ✅Dhibaa'ummaan ✅Oduu sobaa facaasuun Arrabaa kerraa hin dhaga'amini.sobuun salphaa fakkataa garuu jireenyaa afuuraa keeysattii dhiibbaa guddaa qaba. 3, #Hamachuu Fakkeenyaa 20:19: Namni asii fi achii labee nama hamatuu dhoksaa baasaa jedha.nama akkasii irraa fagaadhuu jedha. Hamii jechuun waa'ee nama tokkoo isa duubaa ykn lafa innii jirretti waan gadhee ykn negatiivii haasawuu jechuudha. Hamantuu obboleeysa keetii ykn obboleeytii teetii lafa isaan hin jirretti hin dubbatin.waan gaarii dubbadhuu yoo dubbates. Nama asii fi achii mana namarraa labee nama hamatuu hin tahin. Salphaa fakkataa garuu jireenyaa afuuraa keeysattii baay'ee baay'ee balaafamaadha.
Mana Jireenyaa Ogummaa, Hubannaa fi Beekumsaan Ijaaruu” 3. Manni ogummaadhaan ijaarama, hubannaadhaanis jabeeffamee in dhaabama; 4. beekumsaan kutaawwan manichaa, wanta gati-jabeessaa fi badhaadhummaa nama gammachiisu hundumaan in guuta. Fakkeenya 24:3-4 Kutaan kun waa’ee mana qofa miti; jireenya, maatii, hojii fi tajaajila namaa hundumaa ilaallata. 1. “Manni ogummaadhaan ijaarama” Ogummaan bu’uura ijaarsaati. Mana cimaa ijaaruuf akkuma bu’uurri cimaa barbaachisu, jireenya eebbifamaa ijaaruufis ogummaan Waaqayyoo barbaachisa. * Ogummaan Waaqayyo sodaachuu irraa jalqaba. * Murtii ariifachiisaa osoo hin taane, yaada Waaqayyoo hordofuudha. * Namni ogummaa qabu waan ijaaru malee waan diigu hin hojjetu. Jireenya kee ogummaa Waaqayyoo irratti ijaari. 2. “Hubannaadhaanis jabeeffamee in dhaabama” Ogummaan waan hojjechuu qabdu si barsiisa; hubannaan immoo akkamitti hojjechuu akka qabdu si gargaara. * Hubannaan walitti dhufeenya ni eega. * Rakkoo keessatti murtii sirrii kennuuf si gargaara. * Mana keessaa nagaa fi tokkummaa ni jabeessa. Hubannaa Hafuura Qulqulluu kadhadhu; hubannaa malee ijaarsi yeroo dheeraa hin dhaabbatu. 3. “Beekumsaan kutaawwan manichaa wanta gati-jabeessaa fi badhaadhummaa nama gammachiisu hundumaan in guuta” Beekumsi waan Waaqayyo kenne sirnaan itti fayyadamuudha. Kutaawwan manichaa kan guutan: * Jaalala * Nagaa * Gammachuu * Amantii * Obsaa * Eebba Waaqayyoo Kun qabeenya qofa osoo hin taane, badhaadhummaa hafuuraa fi jireenyaa agarsiisa. Beekumsi dhugaan mana namaa eebba Waaqayyootiin guuta. Mana jabaa ijaaruuf wantoonni sadii kun wal irraa addaa bahu hin qabu: * Ogummaa – mana ijaara. * Hubannaa – mana jabeessa. * Beekumsa – mana eebbaan guuta. Mana jireenyaa, maatii, hojii fi tajaajila kee humnaan ykn qabeenya qofaan osoo hin taane, ogummaa, hubannaa fi beekumsa Waaqayyoon ijaari. Yeroo sanatti jireenyi kee ni jabaata, nagaa fi eebba Waaqayyootiinis ni guutama.
#YESUS_ANAAF... 1. Abukaatoo Kooti (Abbaa Falmii Koo) 1 Yohaannis 2:1 ...; namni tokko illee yoo cubbuu hojjete garuu, nama nuuf dhaabatu abbaa biraa qabna, innis Yesus Kristos isa qajeelaa dha. 2. Fayyisaa Kooti (Bilisa Baasaa Kooti) Roomaa 11:26 “Inni furu Xiyoonii in dhufa, Waaqayyo malee jiraachuus sanyii Yaaqoob keessaa in baasa”; 3. Jireenya Bara Baraati 1 Yohaannis 5:20 Nuyi isa dhugaa sana keessa, ilma isaa Yesus Kristos keessas in jiraanna; Waaqayyo inni dhugaan, jireenyi bara baraas isa kana. 4. Amanamaa fi Dhugaadha. Mul'ata 19:11 “Amanamaa, dhugaas” in jedhama; firdiitti, lolattis qajeelummaadhaan in hojjeta. 5. Hoolaa Waaqayyooti isa anaaf qalame. Yohaannis 1:29 “Ilaa hoolicha Waaqayyoo, isa cubbuu biyya lafaa irraa fuudhu. ” 6. Eegaa Kooti 2 Tasalonqee 3:3 Gooftaan garuu amanamaa dha; inni isin in cimsa, isa hamaa sanas isin irraa in eega. 7. Furii Kooti 1 Qorontos 1:30 Isumaan qajeelota taanee, Waaqayyoof qulqulloofnee in furamna. 8. Mootii Nagaakooti Isaayyaas 9:6Yesus nagaa Waaqayyoo gara jireenya keenyaatti fida. "Yesus Kiristoos kaleessa, har'a, bara baraanis isuma sana." Ibroota 13:8 Pastor Dr. Lola Mergo Guyyaa gaarii qabaadhaa! Waxabajji 30,2018 Adama, Oromiyaa
Boru si waliin yaadee Kan dhufuuf si abdadhee Kaleessas yoon ilaalu Kan darbeef si yaadadhee Jaalala keen marfamee Simalee boquu cabee Hawwiif seenaa gidduttin Har’a jireenya dhabe
Yaa ilma ko, gorsa abbaa keetii dhaga'i, barsiisa haadha keetiis hin tuffatin*. Isaan mataa keetiif akka daraaraa battee dha'amee ti, morma keetiifis mi'a miidhaginaa ati dirattuu dha. Macaafa Fakkeenyaa 1:8-9
без подписи
без подписи
без подписи
без подписи
без подписи
без подписи
без подписи
без подписи