- Последний пост
- 25 апр.
- Последнее чтение
- 15 авг.
- Постов за неделю
- 0
- Всего постов
- 21
- Тип
- открытый
- Язык
- om
- В каталоге с
- 15 авг.
- 1/24сутки в ленте
- —
- 1/48двое суток
- —
- 1/72трое суток
- —
Оценка по просмотрам недавних постов: пост набирает почти всё за первые сутки.
Посты
“Inni sababa qaba ta’a, ati garuu ni komatta " Nama irratti daftee murteessuuf hin ariifatin… callisni hundi dadhabbii miti, fagachuun hundi dogoggora miti. Imam Maalik (Rabbiin isa haa rahamatu) yeroo tokko namoota irraa of fageesse; Jum’aa fi jama’atti hin hirmaanne, dhukkubsataa hin gaafanne, awwaalcha hin deemne… yeroo gaafatan akkana jedhe: 👉 “Namni hundi sababa isaa ibsachuu hin danda’u.” Kana jechuun: yeroo baay’ee namni sababa dhokataa qaba, ati garuu hin argitu" Namni “Maaliif akkas hin goone siin jedha?” garuu yeroo baay’ee siif furmaata hin qabu, si gargaarus hin danda’u—ilaalcha qofa qaba. 💭 Namni baay’een waan alaa qofa arga; waan keessa jiru hin beeku. Namoota irratti hin ariifatin itti murteessuf. Namni guutuun hin jiru… hundi keenya fedhii, dadhabbii fi dogoggora qabna. 👉 Dhugaa keenya fudhachuu jechuun nama ta’uu keenya fudhachuudha. Suuta deemun rabbirrayi Jarjaruun sheyxaanarraayi…..! Murtiif hin ariifatin.
Dhugaa 11 kan nu hundi Beekuu Qabnu..! Dr. Raatib Al-Naabulsiitu dubbate..! 1. Dhugaa Tokkoffaa: Yeroo hawaasni tokko Haraam dura "ayibii" (qaanii) irratti guddate, namicha osoo hin salaanne Rabbii wajjiniis hariiroo hin qabne haadha warraa isaa "uffata sirrii uffadhu" jedhee ajaju si hin dinqisiisin. 2. Dhugaa lammaffaa: Wallaalaan namaati jachuun nama barreessuu fi dubbisuu hin dandeenye miti; wallaalaan namaati jachuun nama kallattii Qiblaa beekee osoo hin salaanne jiraatuudha. 3. Dhugaa Sadaffaa: Wanti sadii deebi'anii hin dhufan: • Jecha afaanii bahe. • Yeroo sirra darbite. • Amananamummaa badde. 4. Dhugaa Afuraffaa: Jireenyi akka gabaa guddaati; keessa deemtee waan sitti tole hunda fudhatta. Garuu yaadadhu..qormaatni guyyaa qiyaamaa si dura jira, gatii waan fudhatte hunda kafaluuf jiraatta. 5. Dhugaa Shanaffaa: Haadhaa fi abbaaf ajajamuun (tajaajiluun) seenaa ati barreessitu booda ammoo ijoolleen kee siif dubbisuuf jiraataniidha. 6. Dhugaa Jahaffaa: Safuu fi naamusarraahi, nama tokko waan inni sirraa dhokse gaafachuu dhabuun; waan ifatti siif hin mul’atin si hin ilaallatu jachuudha. 7. Dhugaa Torbaffaa: Duuti hanga ati qajeeltutti si hin eegdu; ati qajeeliitii du’a eeggadhu. 8. Dhugaa Saddeettaffaa: Hiika namni miidhame "Hasbiyallaahu wa ni'imal wakiil" (Allah’n naaf ga'a, Inni hirkannoo gaariidha) jedhu kana ni beektaa? Inni galmee dhimma isaa lafarraa gara samii (gara Rabbii) dabarse jechuudha. 9. Dhugaa Saglaffaa: Namoonni tokko tokko Allah'n eegaa hundarra caalu amanuu irra "ijji hamtuun dhugaadha jachu amantii itti qaban. 10. Dhugaa kurnaffaa: • Namni afaaniin dubbachuu hin dandeenye Qur’aana Rabbiiti qara'uu hawwa. • Gurraa-duudaan dhaga'uu hawwa. • Jaaman arguuf hawwa. • Nuti garuu bilbilli keenya nu shaakalte (yeroo keenya nu jalaa fixxe). • Mee jacha kana irra deebi’i xiinxali ! 11. Dhugaa Kudha-tokkoffaa: Maaliif namni du'e osoo addunyaatti deebi'ee "Sadaqaa" filata? Akkuma Rabbii (SWT) jedhe: "Yaa Rabbii koo! Osoo yeroo gabaabaaf na tursiistee sadaqaa kenneen warra gaarii keessaa ta'a". Maaliif "niin salaata" ykn "niin sooma" hin jenne? Ulamaan akki jedhan: Namni du’e sun erga du’ee booda faayidaa guddaa sadaqaan qabdu waan arkeef qofa sadaqaa filata. Kanaaf sadaqaa baay’isaa; mu’uminni guyyaa Qiyaamaa gaaddisa sadaqaa isaa jala jiraata. Sadaqarraahi ammaas jacha kana nama hin dhagahin dhageeysisuun..!
Caalmaya Salaata Subii (Fajrii) Quraanaa fi Hadiisa Keessatti: 1. Salaatni Subii Rabbii biratti kan ragaa irratti bahamuudha Rabbiin (SW) akkana jedhe: ﴿ أَقِمِ الصَّلَاةَ لِدُلُوكِ الشَّمْسِ إِلَىٰ غَسَقِ اللَّيْلِ وَقُرْآنَ الْفَجْرِ ۖ إِنَّ قُرْآنَ الْفَجْرِ كَانَ مَشْهُودًا﴾ { Aduun dabuu irraa hanga dukkana halkaniitti salaata ulaagaa ishee guutii sagadiSalaata fajriis (sagadi)Salaanni fajrii (maleykaadhaan) hirmaatamaa ta’eera } Hiikni isaas: Malaa’ikoonni halkanii fi guyyaa irratti argamuun ragaa bahu. 2. Salaata hunda caalaa Rabbii biratti ulfaataa ta’edha. Ergamaan Rabbii ﷺ akkana jedhan: "Salaanni munaafiqoota irratti hunda caalaa ulfaataa ta'e salaata ishaa'ii fi salaata subii ti. Otoo waan isaan lamaan keessa jiru beekanii, utuu lafarrallee shorroqanii ni dhufan turan." (Bukhaarii fi Muslim). 3. Sababa ibidda irraa itti tiiyfamaniidha. Ergamaan Rabbii ﷺ akkana jedhan: "Namni aduun utuu hin ba'in (subii) fi utuu hin lixin (asrii) salaate ibidda hin seenu." (Muslim). 4. Guyyaa Qiyaamaa ifa guutuu siif taati. Ergamaan Rabbii ﷺ akkana jedhan: "Namoota dukkana keessa gara masjiidaa deeman, guyyaa qiyaamaa ifa guutuu akka argatan gammachiisi." (Abuu Daawud fi Tirmizii). 5. Ajrii halkan guutuu dhaabbachuu (salaatuu) itti argatta. Ergamaan Rabbii ﷺ akkana jedhan: "Namni salaata ishaa’ii jama’aan salaate, akka waan walakkaa halkanitti salaateeti. Namni salaata subii jama’aan salaate immoo, akka waan halkan guutuu salaateeti." (Muslim). 6. Nama Salaata Subhii booda zikrii godhuuf taa’e Ajrii hajjii fi umraa guutuu argata. Ergamaan Rabbii ﷺ akkana jedhan: "Namni salaata subii jama’aan salaatee, ergasii hamma aduun ba’utti Rabbiin zakkaaraa taa’e, sana booda raka’aa lama salaate, ajrii hajjii fi umraa guutuu ta’etu isaaf jira." (Tirmizii). 7. Tika fi eegumsa Rabbii keessa jiraatta. Ergamaan Rabbii ﷺ akkana jedhan: "Namni salaata subii salaate, inni eegumsa (amaanaa) Rabbii keessa jira." (Muslim). 8. Barakaan rizqii ganamfachuu keessatti jirti. Ergamaan Rabbii ﷺ akkana jedhan: "Yaa Rabbii! Ummata kootiif ganama isaanii keessatti barakaa godhi." (Abuu Daawud). Salaanni subii namootaaf balbala barakaa guyyaa sanaa saaqa. 9. Suuraa Ergamaa Rabbii irraa dhufte keessatti qara'uun ajrii dabalataa siif argamsiisa. Ergamaan Rabbii ﷺ guyyaa Jimaataa salaata subii keessatti Suuraa 'Al-Sajdah' fi 'Al-Insaan' qara'uun uumama namaa fi ka’uumsas qiyaamaa nama yaadachiisa. (Bukhaarii fi Muslim). 10. Namni subhii irratti tiiyfate Jannata seena. Ergamaan Rabbii ﷺ akkana jedhan: "Namni qabbana Lamaan salaate (salaata subii fi asrii) salaate jannata seena." (Bukhaarii fi Muslim).
Waajibaanni Salaataa Meeqa Akka Tahe Ni Beeytaa ? ••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••• Waajibaata Salaataa jechuun waan Salaata keessatti Yoo dhiiste salaanni kee si duraa badu, tan ammoo Yoo irraanfiin daleeyde Sujuuda Sahwiin Bakka Buustu jechuudha. Wajibaanni Salaataa Saddeeti ; Isaaniis 1: Allaahu Akbarii Salaata Keessaa Hunda, Tan Hidhannaa Malee 2: Rukuu’a Keessatti “ Subhaana Rabbiyal Aziim” Jechuu 3: SamiAllaahu Liman Hamida Imaamaa fii Namni Kophaa Sagadu jechuun dirqama 4: Rabbanaa Walakal Hamdu Jechuu 5: Sujuuda Keessatti “Subhaana Rabbiyal A’alaa” Jechuu 6: Sujuuda Lameen Jiddutti “Rabbi Ighfirlii” jechuu 7: Tashahhuda Duraa ykn Attahiyyaatuu Jalqabaa 8: Attahiyyaatuu Taa’anii Qara’uu Waajjbaanni salaataa saddeettan akka Armaan olii kana fakkaata. Obboleeyyan kiyya amma dura yoo hin beeynellee amma kunoo barreeffama kana dubbisnee irraa haa barannuu. Share Godhaa Waliif Raabsaa Rabbiin Warra salaata arkaana, waajibaata akkasumaas sunnaalee isii guuttatee salaatu Nu Haa taasisuu. By: Ibsaa Ahmed https://www.instagram.com/ibsaashyusuf/
Qalbii teenyarratti haa daleeynu Qalbiin ilma namaatirraa bakka guddaa qabdi. 1. Qalbiin bakka Rabbiin ol tahe gabricharraa laalu: " إِنَّ اللَّهَ لَا يَنْظُرُ إِلَى صُوَرِكُمْ وَأَمْوَالِكُمْ، وَلَكِنْ يَنْظُرُ إِلَى قُلُوبِكُمْ وَأَعْمَالِكُمْ " Rasuulli sallallaahu aleeyhi wasallam akki je’e, “Dhugumatti Allaah bareedina qaamaa fii dhaabbii keeysan hin laalu, qabeenya keeysanis hin laalu garuu qalbiiwwan teeysanii fii hojii teeysan laala” Muslim: 2564 Rabbiin bareedina, dheerina, uffata, qabeenya hin laalu, qulqullina qalbii fii hojii teetii laala. Bareedina ilmi namaa kan gubbaa tolchitee, bareedina Rabbiin kee laalu ka keeysaa hin balleeysin suni qalbiidha. 2. Qalbiin bakka Rabbii kee jaalattuuni. Rabbiin ol tahe akki je’e: ﴿ فَسَوفَ يَأتِي اللَّهُ بِقَومٍ يُحِبُّهُم وَيُحِبّونَهُ﴾ “Wiliidha Allaah orma Inni isaan jaalatuu fii kan isaan Isa jaalatanis fiduuf taa’aa” Al-Maa’idaa: 45 Gabrichi qalbiidhaan Rabbii isaa jaalata. Rabbiin gabricharraa qalbii inni Rabbiin jaalatuu fii ibaadaa ittin godhu san jaalata. Irra guddaan ibaadaa tan qalbiin godhani. 3. Qalbiin bakka ibaadaa guddoodha. Rabbiin ol tahe akki je’e: ﴿ أُولئِكَ كَتَبَ في قُلوبِهِمُ الإيمانَ وَأَيَّدَهُم بِروحٍ مِنهُ ﴾ “(Warra adawwii Rabbii fii Ergamaa isaa jibban) san Rabbiin qalbii isaanii keeysatti iimaana sabachiisa, isaaniif gargaara tumsaan, ragaan, ifaa isa biraa taheen” Al-Mujaadalaa: 22 Rasuulli sallallaahu aleeyhi wasallam: “Sodaan Rabbii as jira” jechuun qooma isaatti hoggu sadii akeeke. Muslim; 2564 Niyyaan malee ibaadaan takkallee hin toltu. Niyyaan bakki isii qalbiidha. Niyyaan ibaadaa qalbiitirraahi.
Khuxbaa Ergamaan Rabbii (saw) dhimma hundarratti godhan: * Dhugumatti faaruun hunduu kan Rabbiiti; Isa ni faarsina. Gargaarsas isa irra barbaanna. Araaramas Isa irraa barbaanna. Hamtuu lubbuu keenyaatii fi diliiwwan dalagaa keenyaa irraa Rabbitti maganfanna. Nama Rabbiin qajeelche wanti isa jal’isu hin jiru; nama inni jallise immoo wanti qajeelchu hin jiru. Dhugaan gabbaramaan Rabbii tokkicha hiriyaa hin qabne malee hin jiru jechuu ragaan ba’a. Muhammadis gabricha isaatii fi ergamaa Isaa ta’uu ragaan ba’a. Rabbiin ol ta'e ni jedhe: {يَا أَيُّهَا الَّذِينَ آمَنُوا اتَّقُوا اللَّهَ حَقَّ تُقَاتِهِ وَلَا تَمُوتُنَّ إِلَّا وَأَنْتُمْ مُسْلِمُونَ (102)} [آل عمران: 102] “Yaa warra amantan! Dhugaa sodaa isaa Rabbiin sodaadhaa; Muslimoota taatan malees hin du’inaa.” (Aali Imraan: 102). {يَا أَيُّهَا النَّاسُ اتَّقُوا رَبَّكُمُ الَّذِي خَلَقَكُمْ مِنْ نَفْسٍ وَاحِدَةٍ وَخَلَقَ مِنْهَا زَوْجَهَا وَبَثَّ مِنْهُمَا رِجَالًا كَثِيرًا وَنِسَاءً وَاتَّقُوا اللَّهَ الَّذِي تَسَاءَلُونَ بِهِ وَالْأَرْحَامَ إِنَّ اللَّهَ كَانَ عَلَيْكُمْ رَقِيبًا (1)} [النساء: 1] “Yaa namootaa! Gooftaa keessan Isa lubbuu tokko (Aadam) irraa isin uumee, ishee irraas cimdii ishee (Hawwaa) uumee, isaan lamaan irraas dhiirotaa fi dubartoota baay’ee tamsaase sodaadhaa. Rabbii ittiin wal kadhattanii fi firummaas (kutuu) sodaadhaa. Dhugumatti, Rabbiin isin to’ataa dha.” (Annisaa’i: 1). {يَا أَيُّهَا الَّذِينَ آمَنُوا اتَّقُوا اللَّهَ وَقُولُوا قَوْلًا سَدِيدًا (70) يُصْلِحْ لَكُمْ أَعْمَالَكُمْ وَيَغْفِرْ لَكُمْ ذُنُوبَكُمْ وَمَنْ يُطِعِ اللَّهَ وَرَسُولَهُ فَقَدْ فَازَ فَوْزًا عَظِيمًا (71)} [الأحزاب: 70، 71] “Yaa warra amantan! Rabbiin sodaadhaa; jecha sirrii dubbadhaa. Dalagaalee keessanis isiniif tolcha; badiiwwan keessaniis isiniif araarama. Namni ajaja Rabbii fi ergamaa Isaatiif ajajme dhugumatti milkii guddaa milkaa’eera.” (Al-ahzaab: 70-71).
وَلَا تَقْرَبُوا الزِّنَا ۖ إِنَّهُ كَانَ فَاحِشَةً وَسَاءَ سَبِيلًا }الإسراء(32)} Rabbiin Zinaa qarqara isaa(Toora isaa)hin bahinaa jedha! Sagaggaalummaan diliilee gurguddoo irraahi Waan dallansuu rabbii fidu, Sanyii(Hormaata) ilmaan Namaa walitti laaqu fi samii goggooysee dachii boneeysee,barakaa lafa irraa fuudhee Hoongee fi Abaariif biyya saaxilu irraahi! Biyya teenya waan akka malee balleeysaa jiru keeysa sagaggaalummaa baay'atte fi ilmoon seera shari'aatiin Ala(zinaaan) dhalattu baay'ataa dhufuudha! Eega joolleen waliin yaatee badii walitti daleeyde booda gariin eega ulfooytee ilmoo garatti qabatte booda "waliin Sattaraa" ja'anii Nikaah walitti godhan! Wanni dubartiin Nikaah duratti garatti qabattu(ulfooytu) hundi ilmoo seeraan Alaati(diqaalaadha) eega garaa godhatte fifiiganii Nikaah godhuun diqaalummaa irraa hin baasu! Gurratti isin calaw
Jachi jannata keessatti namni “Zalaalam” jiraata ja’uu kun sammuu tiyya keessaa oggu Takkallee hin bahu. Yaadaa mee ! Amata Miliyeena ykn Tiriliyeena keessa teenyee san booda dhabamna wanni ja’amaa hin jiru. Lakkoofsaan hin himamu. Zamana beekkamaa hin qabu. Kana gubbaan hin beelooytu ,hin yaaddooytu , hin rakkattu ,hin dadhabdu ,hin dhukkubsattu , hin dulloomtu ,hin hiraartu…! Waan Lubbuun tee barbaadde cufa keessatti argatta. Wanni kana hundarra nama gammachiisaa ; Rabbii kee isa yeroo ati rakkatte cufa rakkoo si baasaa ture ,ka yeroo ati kophaa taatee cufa si boohaarsaa ture ka ati isa gabbaraa turte ijaan argita. Nan dhageenye natti fakkaata..! Rabbii jannata ati keessatti qanani’u jirtu kana uume ijaan argitaan jachutti jira.! Qananiin guddoon jannataa fuula Rabbii ijaan arguudha.! Rabbiin warra fuula Rabbii guddaa ijaan argu nu haa godhu.
Sadarkaa Guyyaa Arafaa. Guyyaan Arafaa guyyaa 9ffaa ji'a Zulhijjaa Kan bara kana Kamisaa boruu yoo tahu, Guyyaan kun guyyaa akkaan jabaati. Guyyaan Arafaa guyyaa gabroottan Rabbii badii dalagaa turaniif araarama Rabbii isaanii itti gaafatan, Guyyaa Rabbiin gabroottan isaa kan dirree Arafaatti waliitti qabaman, Qixaaxa Ibidda Jahannam irraa isaan bilisoomsu. Hadiisa haadha teenya Aa’ishaa (RA) irraa Odeeyfameen Ergamaan Rabbii ﷺ Akkana jedhan:- Guyyaan akka guyyaa Arafaatti Rabbiin gabroota isaa ibidda jahannam irraa isaan bilisoomsu hin jiru, Guyyaa kanatti Rabbiin gad dhiyaatun malaaykoota isaatiin, Ilaalaa ummanni kun maal barbaada? (Ana gabbaruuf malee) jechuun itti dhaadata" (Sahiih Muslim) Soomanni guyyaa Arafaa sunnaa jaallatamtu yoo tahu, Soomanni kun namoota sirna Hajjii raawwataa jiraniif hin haayyamamu; Warri carraa Hajjii bara kanaa hin argatin immoo Soomanaan dabarsuun jaallatamaadha. Namni guyyaa kana Soomanaan dabarse, Rabbiin badii isaa kan waggaa lamaa, Wagga tokko kan darbee fi kan fuulduraa ni Araaramaf (Muslimi gabaase). Guyyaa kana Soomana qofaan dabarsuu osoo hin tahin du'aa'ii heddummeessuu, Guyyaan guyyaa Araaramaa waan taheef irra deddeebi’uun Araarama kadhatuun hedduu barbaachisaadha.. Ergamaan Rabbii ﷺ Akkana Jedhan:- Du’aa’iin akkaan dansaa du’aa’ii guyyaa Arafaati (Tirmizi gabaase) Dabalataanis Nabiin Rabbii ﷺ Akkana Jedhan:- Zikriin Akkaan zikrii hundarra caaltu fi guyyaa Arafaa godhamtu, Akkanaumas Zikriin Anaafi Anbiyoota na duraa birattis akkaan jaalatamtu {La ilaaha illallaah wahdahuu laa shariika lahuu lahul mulku walahul hamdu wahuwa alaa kulli shey’in qadiir.} لَا إِلَهَ إِلَّا اللهُ ، وَحْدَهُ لَا شَرِيكَ لَهُ ، لَهُ الْمُلْكُ وَلَهُ الْحَمْدُ ، وهُوَ عَلَى كُلِّ شَيْءٍ قَدِيرٌ Eegaa guyyaan Arafaa Kamisaa Boruu guyyaa akkaan barbaachisaa, Araarama Rabbii keenya irraa kadhannu ta’uu hubachuudhaan, nu hunduu Soomanaa fi Zikriidhaan haa dabarsinuun dhaamsa keenya. Rabbiin Nama waan dhagahetti fayyadamu irraa nu haa taasisu. Share gochuun waliif haa Dabarsinu! Abu Huzeyiifa
* Waasadii itti kakadheetin isinii himaa Narraa qabadhaa Ja'an nabi mohamad صلى الله عليه وسلم A = Khennaan Gabrichi rabbii Rabbiif jecha kannuu horii isaa hin irriftu . B = Gabrichi Rabbii Miidhaa takka Miidhamee yoo obse Rabbiin Jabeenyaa malee waan biraa isaaf hin kannu ! C= Gabrichi tokko Hulaa khadhaa yoo ofitti bane hulaa hiyyummaa Rabbi itti banaa )) ja'anii Dubbatan✅ Tirmiiziitu Odresse : Yaarabbi Nuwaffaqi ✅روى الترمذي عن أَبي كَبْشَةَ الأَنَّمَارِيّ، أَنَّهُ سَمِعَ رَسُولَ اللهِ صَلَّى اللَّهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ يَقُولُ: (ثَلاَثَةٌ أُقْسِمُ عَلَيْهِنَّ وَأُحَدِّثُكُمْ حَدِيثًا فَاحْفَظُوهُ قَالَ: مَا نَقَصَ مَالُ عَبْدٍ مِنْ صَدَقَةٍ، وَلاَ ظُلِمَ عَبْدٌ مَظْلِمَةً فَصَبَرَ عَلَيْهَا إِلاَّ زَادَهُ اللَّهُ عِزًّا، وَلاَ فَتَحَ عَبْدٌ بَابَ مَسْأَلَةٍ إِلاَّ فَتَحَ اللَّهُ عَلَيْهِ بَابَ فَقْرٍ أَوْ كَلِمَةً نَحْوَهَا).
-"أَسْتَغْفِرُ اللَّهَ الْعَظِيمَ الَّذِي لَا إِلَهَ إِلَّا هُوَ الْحَيُّ الْقَيُّومُ ، وَأَتُوبُ إِلَيْهِ" -"لَا إلَهَ إلَّا اللَّهُ وَحْدَهُ لَا شَرِيكَ لَهُ، لَهُ المُلكُ ولَهُ الحمدُ يُحيِي ويُميتُ وهو علَى كلِّ شيءٍ قديرٌ". -"اللهمَّ صلِّ على محمدٍ وعلى آلِ محمدٍ كما صلَّيتَ على إبراهيمَ وعلى آلِ إبراهيمَ إنكَ حميدٌ مجيدٌ اللهمَّ بارِكْ على محمدٍ وعلى آلِ محمدٍ كما باركتَ على إبراهيمَ وعلى آلِ إبراهيمَ إنكَ حميدٌ مجيدٌ". -"لَا حوْل ولَا قُوَّةَ إِلَّا باللَّهِ الْعَزِيزُ الْحكِيمُ". -"لا إِلَهَ إِلا أَنتَ سُبْحَانَكَ إِنِّي كُنتُ مِنَ الظَّالِمِينَ". -"اللهُمّ إنكَ عفو تُحبّ العفو فاعفُ عني". -"اللهُم إنّ نسألك الحُسنى و زِيادة". -"اللهُم إعتق رِقابنَا و رِقاب أبائنا من النّار". -"اللَّهُمَّ أعِنَّا عَلَى ذِكْرِكَ وَشُكْرِكَ وَحُسْنِ عِبَادَتِكَ" -"اللَّهُمَّ اغْفِرْ لِلمُؤْمِنِينَ وَالمُؤْمِنَاتِ ، وَالمُسْلِمِينَ وَالمُسْلِمَاتِ ، الأحْيَاءِ مِنْهُمْ وَالأمْوَاتِ". -"اللَّهُمَّ اغْفِرْ لِي ذَنْبِي كُلَّهُ: دِقَّهُ وَجِلَّهُ، وَأَوَّلَهُ وَآخِرَهُ، وَعَلاَنِيَّتَهُ وَسِرَّهُ".🤎🤎
Ergamaan Rabbii ﷺ akkana ja’a “Dalagaan gaariin Takkalleen ta Rabbi biratti jaalatamtu hin jirtu guyyaa kurnan kanarraa -Guyyaa kurnan Zulhijjaati- baana. Yaa Ergamaa Rabbii : karaa Rabbii keessatti jihaada godhulleen moo ja’aniin ? Rasuulli ﷺ :Ee karaa Rabbii keessattillee jihaada godhuun hin caaltu ,yoo gurbaa Tokko ka horii isaatii fi lubbuu isaatiin jihaada bahe sanirra huma Takkaan hin deebi’in tahe malee ja’e.” Yaa Saahiba kiyya Rabbiin si haa milkeeysu dalagaalee kurnan tana hanga dandeeysu irratti tattaafadhu.. 1.Salaata shanan yeroo isii irratti jama’aan tiiyfadhu. 2.Sunnaa “rawaatibaa” kudha lamaan halkanii fi guyyaa keessatti salaatu hin lakkisin. 3.Salaata duhaa irratti tiiyfadhu ,irra xiqqaan isaa raka’aa Lamaa ,irra guddaan isaa raka’aa Afuri. 4.Qur’aana guyyaa kurnan kana keessatti yoo xiqqaate juuza Takka qara’i. 5.Azkaara ganamaati fi galgalaa irratti tiiyfadhu. 6.Waan dandeeysu sadaqaa irraa maallaqa ,nyaata , Uffata ,yeroo teeti fi beekumsa kee obboleyyan kee ka isalaamatiif qoodi. 7.Osoo raka’a Lamallee tahe salaata halkanii salaatu irratti tiiyfadhu. 8.Subhanallaah ,Alhamdulillaah ,Allaahu Akbarii fi Laa ilaaha illaaha heddummeeysi. 9.Soomana guyyaa Sagalii (arafaa) fi waan san duraa irraahis hanga dandeeysu soomani. 10.Rahima kee maxxanfachuu silkii dawwaluun tahuu kennaa kannuufin tahuu irratti bololi. Yoo dalagaa gaarii dalagachuu dadhabde dilii irraa of qusadhu akkuma kheyriin dachaa siif taatutti ,diliiniis dachaa taate sirratti barreeyfamti.
AMANTII RABBIIN QEEBALU TAKKITTII Islaamni: amantii Allaah ilmaan namaatiif file takkittiidha. Rabbiin amantii biraa ilmaan namaa fii jinniirraahis hin qeebalu. Rabbiin ol tahe akki je’e: ﴿وَمَن يَبتَغِ غَيرَ الإِسلامِ دينًا فَلَن يُقبَلَ مِنهُ﴾ “Nama Islaamummaa malee amantii biraa amantii godhachuuf barbaade Rabbiin isarraa hin qeebalu” Aal-Imraan: 75 Ammas Rabbiin ol taha akki je’e: ﴿إِنَّ الدّينَ عِندَ اللَّهِ الإِسلامُ﴾ “Amantiin Allaah biratti qeebalamtu Islaama qofa.” Aal-Imraan:19 Islaamni: Amantii Anbiyoota hundaati. Rabbiin ol tahuu akki je’e: ﴿وَما أَرسَلنا مِن قَبلِكَ مِن رَسولٍ إِلّا نوحي إِلَيهِ أَنَّهُ لا إِلهَ إِلّا أَنا فَاعبُدونِ﴾ “(Yaa Ergamaa kiyya Muhamma) siin duratti ergamaa tokkollee hin ergine yoo gama isaa haqaan gabbaramaan Ana Allaah tokkicha malee hin jiruu Ana qofa gabbaraa jechuun gama isaa beeysisa goone malee” Al-Anbiyaa: 25 Amantiin ilmaan namaa hundaaf jala deemamuu qabdu Islaamummaadha. Namni didee karaa biraa deeme warra hongowurraahi taha, mirga qaba jechaa olus, mirgi isaa mirga hongooti!
● Dubbii warra sadii , akka sadiitti fixan. 1, Dubbii warra Gowwaa, Sossobaan fixan. 2, Dubbii warra Hayyuu, dhugaa itti himaa fixan. 3, Dubbii warra Luynaa, sodaachisuun fixan... ● WAA SADI SITTI HIN FAKKAATIN.. ~Dubbachuun beekkumsa, ~Obsuun wallaalummaa, ~Nama kabajuun sodaa .......Sitti hin fakkaatin. ● WAA SADII HIN SEEHIN ~Nama beektu hunda fira kee, ~Nama siin lolu hunda diina kee, ~Nama badii irraa si dhoorku hunda hammaataa....Hin see'in. ● WAA SADII HIN HAWWIN................. ~Bokokni quufaa miti, ~Abaarsi eebbaa miti ~Summiin qorichaa miti.. hin hawwin. ● WAA SADII JETTEE HIN TILMAAMIN. ~Nama kolfu hunda gammadaa, ~Nama dureessa hunda arjaa, ~Nama dhabaa hunda doqna.. jettee hin~ tilmaamin. ● MANGUDDOON WAA SADII JAALATU ~Oduu:-haasawa gaggaarii ~Aduu:-caama ganamaa ~Adii:-dubbii dhugaa...... jaallatu. ● WAA SADII WAA SADIIF JAALLADHU... ~Aadaan kee eenyummaa keetii jaalladhu. ~Afaan kee mallattoo keetii jaalladhu. ~Sabni kee dhiiga keetii jaalladhu. ● WAA SADII HUBATTU MALEE HIN SEENIN ~Dubbii keessa hin beekne, ~Bishaan gad-fageenya isaa hin beekne, ~Imala daandii isaa hin beekne Hubattu malee hin seenin Yeroo gaarii qabaadhaa
ZIKRII 6 TAN HAFFAZUU FII HEDDUMMEESSUU QABNU •••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••• Zikriilee keeysaa 6 tan akkaan daddeebisuun Isii barbaachisu, tan akkaan qoricha gaddaa, yaadaa, dhukkubaa fi Qoricha cubbuu taate. Kanarratti Ulamaa'iin akki je'an Quraanaa fi Sunnaah Qorachuu fi Hadiisa gadii lallaaluun wanni irra gahame zikrii jaha tan heddumeeysuu fi irra turuun feeysisuu akka armaan gadii kana. 1ffaa Salawaata. Guyyaatti yoo baayyiftee jette dhuma guyyaa keetii irratti akkaan nama Rasuula s.a.w irratti salawaata buufte taata. 2ffaa. Istighfaara yoo Rabbi yeroo banaa hedduu siif kenne guyyatti 2000 je'i. 3ffaa. Yaa Zal Jalaali wal Ikraam. Rasuulli s.a.w Yaa Zal jalaali wal Ikraam qabadhaa heddumeeysaa jedhan. Guyyatti 100 je'i. Rabbiin haajaa tee ni beeka siif guuta. 4ffaa. Laa hawla walaa Quwwata illaa billaah. Isiin dilbii jannataati. Yoo isii tana haffaztee daddeebisuu isii irra turte kennaa fi Rahmata Rabbii irraa waan ajaaibaa agarta. 5ffaa. Laa Ilaaha Illaa anta Subhanaka inni kuntu mina-Zaalimin. Zikriin kuni injifataa yaaddoo fi gaddaati. Zikrii 6ffaa. Subhanallaah, Alhamdulillaah, Laa Ilaaha illallaahu, Allaahu Akbar. Zikrii fi Du'aa'ii irraa fayyadamuufii firii Isii arguuf wanni barbaachisu itti daddeebi'u, Irra turuu hifannaan maleetti, hikkaa Isii keeysa gad lallaaluu, Hanguma Zikrii guddiftu Jaalala Rabbii argatta. Barreeffama kana erga dubbistanii xumurtan boodaan waliif Share godhaa.
Dhaamsa Sadii Kan Rasuulli Abuu Hureeyraaf Dhaame •••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••• Guyyaa Tokko Abuu Hureeyraan “Jaalalleen Kiyya Nabi Muhammad Sallallaahu Aleeyhi Wasallam Waa Sadii Naaf Dhaamee” Je’e. Wanni Sadeen San Maalii fii Maali Laata? 1: Ji’a Cufarraa Guyyaa Sadii Soomanuu 2: Raka’aa Lamaan Salaata Duhaa Salaatuu 3: Osoo Hin Rafin Duratti Witrii Salaatuu • Soomanni Ji’a Cufarraa Guyyaa Sadii soomanamu Soomana Ayyaamul Biid ja’ama. Ji’a Hijraa Guyyaa 13ffaa, 14ffaa fii 15ffaa Soomanan, soomanni kun Sunnaa Rasuulaa jajjabduudha. Abbaan Rabbi laaffiseef guyyoota sadeen kana soomanuun kheeyrii haa carraaqqatuu. • Salaanni Duhaa Salaata Sunnaa keessaa isa tokko, yeroon inni Salaata nu ganama eega Aduun baate boodaa hanga Salaata Zuhrii duraati. Irra xiqqaan isaa Raka’aa 2 yoo barbaadde Raka’aa 4,6,8 salaatuu ni dandeessa, irra gaariin ammoo yeroo aduun sirritti oowwitu San salaatuudha. • Salaanni witrii salaata sunnaa kan gabrichi Halkan kahee Rabbii Isaa dura ittiin dhaabbatu, irra xiqqaan isaa Raka’aa 1, irra gaariin isaa Raka’aa 11 ykn 13. Raka’aa lama lamaan salaatama. Yeroon isaa ammoo Salaata Ishaa’ii boodaa eegalee hanga Salaata fajrii duraati. Obboleeyyan Islaamaa wantoonni Sadeen Armaan olitti dabarsine tun Sunnaa Rasuulaa jajjabduu isii dalaguun gama Rabbii dhihaataniini, sunnaalee tanneen hanga dandeenye eeggachuun Rabbii keenyatti haa dhihaannuu. Barreeffama Kana Dubbisaatii Share Waliif Godhaa. By: Ibsaa Dhugaa https://t.me/ibsaadhuga
Akkaataa Salaata Nabiyyichaa ﷺ Sirna Wuduu’aa Waliin •••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••• Kutaa 1ffaa Kun jechoolee gabaabduu sirna salaata Ergamaa Rabbii ﷺ ibsuudhaaf kaa'amteedha. Ishee gara Muslimaafi Muslimtittii hundaatti dhiheessuun fedhe. Kuniis akka namni ishee argu hunduu salaata keessatti Nabiyyichatti ﷺ hidhachuudhaaf qabsaa'uufi. Ergamaan Rabbii ﷺ ni jedhan: "akka anaa salaatu na argitanitti salaataa." Bukhaariitu gabaase. Ibsa isaa gara nama dubbisuuttiin dhiheessa. 1) Wuduu'aa Waliin Gahata. Innis akka Rabbiin jecha isaa kana keessatti ajajetti wuduu'achuudhaani: "Yaa warra amantan! Yeroo salaataaf kaatan, fuula keessaniifi harka keessan hanga ciqileetti dhiqadhaa. Mataa keessaniis haxaa'aa; Luka keessanis hanga koronyootti (dhiqaa)." (Almaa'idaa: 6). Ammas Nabiyyiin ﷺ ni jedhan: "salaanni kamuu xahaaraadhaan malee hin qeebalamtu." Wuduu'a Akka Armaan Gadiitti Ta'a: 1⃣ Wuduu'a qalbii isaatiin niyyata; arrabaan hin dubbatu. Sababni isaas Nabiyyiin ﷺ wuduu'a isaanii keessatti, salaata isaaniifi ibaadaa isaanii kamuu keessattuu niyyaa arrabaan hin dubbanne waan ta'eef. Rabbiin waan qalbii keessaa ni beeka waan ta'eefis waan ishee keessaa dubbachuu isa hin barbaachisu. 2⃣ Ergasii 'bismillaah' jedhee maqaa Rabbii dhaha. 3⃣ Ergasii ganaa (shanacha) isaa yeroo sadii dhiqa. 4⃣ Sana booda bishaaniin yeroo sadii lulluuqatee bishaan funyaanitti seensisa. Harka bitaatiin bishaan funyaan keessaa baasa. 5⃣ Ergasii fuula isaa yeroo sadii dhiqa. Daangaan isaa dalgaan gurraa hanga gurraa yoo ta'u oleedhaan immoo bakka rifeensi mataa itti biqilu irraa hanga jalee lafee areedaatti ta'a. 6⃣ Ergasii harka isaa fixee qubbeenii irraa kaasee hanga ciqilee dabalatutti yeroo sadii dhiqa. Mirgaan eegalee ergasii bitaatti darba. 7⃣ Ergasii mataa isaa yeroo tokkicha haxaawa. Harka isaa lamaan jiisee fuuldura mataa isaa irraa eegalee hanga duubaa (killiyyuutti) haxaa'ee ergasii fuulduratti as deebisa. 8⃣ Ergasii yeroo tokkicha gurra isaa haxaa'a. Quba isaa akeektuu lamaan qaawa gurraa keessa seensisee aabbo guddoo lamaaniin immoo gurra jala haxaa'a. 9⃣ Ergasii miila isaa lamaan fixee qubbeenii irraa kaasee hanga koronyootti dhiqata. Mirgaan eegalee ergasii bitaatti darba. Ergamaan Rabbii ﷺ ni jedhan: "namni tokko isin irraa wuduu'atee, wuduu'a isaa waliin gahatee ergasii (مَا مِنْكُمْ مِنْ أحَدٍ يَتَوَضَّأُ فَيُبْلغُ- أَوْ فَيُسْبِغُ- الوُضُوءَ، ثُمَّ يقول: أشهَدُ أنْ لا إلهَ إِلا اللهُ وَحْدَهُ لا شَرِيكَ لَهُ، وَأشْهَدُ أنَّ مُحَمَّدًا عَبْدُهُ وَرَسُولُهُ؛ إِلا فُتِحَتْ لَهُ أَبْوَابُ الجَنَّةِ الثَّمَانِيَةُ يَدْخُلُ مِنْ أَيِّهَا شَاءَ)). رواه مسلم. 'Ash-hadu allaa ilaaha illallaah; wahdahuu laa shariika lah. wa ash-hadu anna Muhammadan abduhuu warasuuluh1' yoo jedhe hulaan jannataa saddeettan isaaf banamtu malee hin haftu! Ishee keessaa kan fedheen seena." Muslimtu gabaase. Hiikti du'aa'ichaa 'dhugaan gabbaramaan Rabbii tokkicha hiriyaa hin qabne malee akka hin jirre ragaan baha. Muhammadis gabricha isaatiifi Ergamaa isaa ta'uu ragaan baha jechuudha. Ergamaa Rabbii ﷺ irraa argameera waan ta'eefi. Faayidaa qaba yoo jattan obboleewwan islaamaatiif Raabsi yookaan Share godhi. Barreeffama kana erga dubbistanii xumurtan boodaan waliif Share godhaa.
Qalbii teenyarratti haa daleeynu Qalbiin ilma namaatirraa bakka guddaa qabdi. 1. Qalbiin bakka Rabbiin ol tahe gabricharraa laalu: " إِنَّ اللَّهَ لَا يَنْظُرُ إِلَى صُوَرِكُمْ وَأَمْوَالِكُمْ، وَلَكِنْ يَنْظُرُ إِلَى قُلُوبِكُمْ وَأَعْمَالِكُمْ " Rasuulli sallallaahu aleeyhi wasallam akki je’e, “Dhugumatti Allaah bareedina qaamaa fii dhaabbii keeysan hin laalu, qabeenya keeysanis hin laalu garuu qalbiiwwan teeysanii fii hojii teeysan laala” Muslim: 2564 Rabbiin bareedina, dheerina, uffata, qabeenya hin laalu, qulqullina qalbii fii hojii teetii laala. Bareedina ilmi namaa kan gubbaa tolchitee, bareedina Rabbiin kee laalu ka keeysaa hin balleeysin suni qalbiidha. 2. Qalbiin bakka Rabbii kee jaalattuuni. Rabbiin ol tahe akki je’e: ﴿ فَسَوفَ يَأتِي اللَّهُ بِقَومٍ يُحِبُّهُم وَيُحِبّونَهُ﴾ “Wiliidha Allaah orma Inni isaan jaalatuu fii kan isaan Isa jaalatanis fiduuf taa’aa” Al-Maa’idaa: 45 Gabrichi qalbiidhaan Rabbii isaa jaalata. Rabbiin gabricharraa qalbii inni Rabbiin jaalatuu fii ibaadaa ittin godhu san jaalata. Irra guddaan ibaadaa tan qalbiin godhani. 3. Qalbiin bakka ibaadaa guddoodha. Rabbiin ol tahe akki je’e: ﴿ أُولئِكَ كَتَبَ في قُلوبِهِمُ الإيمانَ وَأَيَّدَهُم بِروحٍ مِنهُ ﴾ “(Warra adawwii Rabbii fii Ergamaa isaa jibban) san Rabbiin qalbii isaanii keeysatti iimaana sabachiisa, isaaniif gargaara tumsaan, ragaan, ifaa isa biraa taheen” Al-Mujaadalaa: 22 Rasuulli sallallaahu aleeyhi wasallam: “Sodaan Rabbii as jira” jechuun qooma isaatti hoggu sadii akeeke. Muslim; 2564 Niyyaan malee ibaadaan takkallee hin toltu. Niyyaan bakki isii qalbiidha. Niyyaan ibaadaa qalbiitirraahi.
Naamusa Yeroo Mana Namaa Seenan Qabaachuu Qaban ••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••• • Rabbiin Qur’aana isaa Keesatti akkana Ja’a “ Yaa Warra Rabbitti amantan manaa namaa kan Keessan hin tahin hanga hayyama arkattanii salaamtaas jattanii malee hin seeninaa.” Suurat Al-Nuur Aayata 27 • Jireenya keenya keessatti afeeramnee taatuu ykn haajamnee mana namaa dhaquun Keenya hafa hin Qabu, yeroo mana namaa dhaqan garuu naamusa eeggachuu qabantu jira. • Naamusoota San keessaa muraasa barreeffama kana keessatti waliin laalla dubbisaa qooda irraa fudhadhaa. 1: Salaamtaa Ja’ii Hayyama Gaafadhu, Mana Namaa hayyama malee hin seeninaa 2: Mana namaa Yeroo dheeyxe balbala dhadhahi, yeroo sadii ol hin dhadhahin. Ammallee suuta dhadhahi, humnaan dhadhooytee Warra manaa hin rifachiisin. 3: Eenyu jedhanii Yeroo si gaafatan Ana jattee hin deebisin, Maqaa kee himi. 4: Yeroo Akka Seentu siif hayyaman Salaamtaa jettu malee hin seenin. Yoo Siif Hin hayyamamne ammoo dhiisii deem malee hin seenin. 5: Yeroo Mana Namaa seentu Ija tee Gad Qabadhu, Ija tee faffacaastee mana namaa keessa hin laalin. 6: Erga Haajaa tee fixatte booda teessee Warra manaa hin rakkisin haajaa tee fixannaan gara irraa dhuftetti deemi. 7: Deemuu yeroo barbaadduus hayyama gaafadhuu deemi. 8: Yeroo Deemtu Salaamtaa Warra manaa Irratti Qara’ii Deemi. • Yaa Rabbi Warra Naamusa Kana Hunda Guuttatu Nu Taasisi. Barreeffama Kana Dubbisaatii Share Waliif Godhaa.
Waa Sadii Hanga Ofirraa Ariitutti Boqonnaa Hin Godhin ••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••• 1: Waswaasa Sheeyxaanaa Hanga Ofirraa Ariituu 2: Haqa Namaa Hanga Ofirraa Kafaltuu 3: Hiriyaa Badduun Hanga Addaan Baatuu • Waa Sadii Irraa Rabbi Isin Haa Baraaruu 1: Jaarsa Dhugaa Dabsu 2: Bishaan Dhagaa Cabsu 3: Nama Nama Arrabsu • Jiruun Addunyaa Tun Guyyuma Sadii Qofa !!! 1: Kaleessa, Jiraannee Dabaree Amma Booda Hin Deebi’u 2: Har’a, Dhufee Dabruun Isaa Hafa Hin Qabu 3: Boru, Itti Gahuu Keenya Kan Beekhu Rabbuma Qofa Rabbiin Umrii Nu Dheereessee Kheeyrii Nu Haa Daleeysisu Barreeffama Kana Dubbisaatii Share Waliif Godhaa. By: Ibsaa Dhugaa