NASRII DIIN MULTIMEDIA
СтатистикаSagalee Umaata Islaamaa https://t.me/Nasriidiinmultimedia
- Последний пост
- 7 окт. 2025 г.
- Последнее чтение
- 14 авг.
- Постов за неделю
- 0
- Всего постов
- 21
- Тип
- открытый
- Язык
- om
- В каталоге с
- 14 авг.
- 1/24сутки в ленте
- —
- 1/48двое суток
- —
- 1/72трое суток
- —
Оценка по просмотрам недавних постов: пост набирает почти всё за первые сутки.
Посты
Guyyaa seenaa hojaatme
https://youtu.be/HMu8-rHgFZQ?si=jscfxDbDIi39HYZU
без подписи
без подписи
Arra guyyaa guddaadha.. Ganamni October 7 ganama akka guyyaa kaaniti miti. Ganama lallabbiin jabeenyaa qalbii ummata kanaa keessa jirtuu hojiin argamteedha. October 7 jihaada guyyaa Tokko ykn Lamaati miti. Jihaada amata Lamaa ykn guyyaa 730ti. Guyyaa kana hunda dhiigni hin dhaabbanne , namni shahiidee tahuu irraa if duubatti hin deebine. Guyyaa Izraael waraana hin cabsamne qabdi ja’anii ololli oofama ture keessatti cabsameedha. Guyyaa biyyoonni Islaama hedduun Izraaeli wajjiin hariiroo nagayaa uummanna ja’anii qadiyyaa filisxiin keessatti irraanfatan haarayan qadiyyaan Filisxiin itti yaadatamteedha. Guyyaa jeeynummaan dhiira dhugaan Rabbiif tumsitu diin Rabbiituf hinaaftu karaa Rabbii keessatti duultu dirree baheedha. Guyyaa seenaan ummata “Innahu lajihaadu Nasrin Aw istishaad (إنه لجهاد نصر أو استشهاد) keessatti barreeyfamteedha. Yoo laalte lakkoofsan guyyuma Tokko ammoo sammuu ummata islaama keessatti ganama injifannoo Kuma Takka ,ganama jeeynummaa Kuma Takka ,ganama obsaa Kuma Takka taheeti barreeyfame. Yaadannoon guyyaa kana hin irraanfatamu sababni guyyaan kun akka aduuti…aduun yeroo Takkaaf seenteeti eegana daran iftee baati. Amatni Lama ka obsaa fi jihaada dabreeti jira. Ammallee sagaleen “ Hin laafne ,if duuba hin deebine beellama hin jijjirre “ jattu qalbii isaanii keessatti itti fufuu irraa hin deemne.! Guyyaan kun akka bilaashitti dabru hin godhinaa , guyyaa keessatti ittiin boontan ,guyyaa dua’ii keessatti isaaniif heddummeeysitan godhadhaa.! Garii keessaniin ; “Guyyaa kanarraahi injifannoon jalqabamte ,guyyaa kana ummatni islaamaa hirriiba keessaa ka’e waliin ja’a.” Oct 07 bara 2023. Rabi’ul Awwal 23 bara 1445 akka hijraatti. Guyyaa seenaati..!
Innaa lillaahi wa'innaa ilayhii raaji'uun!!! Sheeka kana maqaan isaanii; Munashid Gunjaa Roobale Jedhama Haasoyni Isaa Guutun aartiidha. Har'a kunoo Ajjeefame jedhanii dubbachaa jiru. Innaa lillaahi wa'innaa ilayhii raaji'uun. Ajjeefamuun isaa qalbii nama cabsa. Lubbuu Takka Ajeesuun akka waan lubbuu ilmaan namaa cufa ajjeesuuti. Kaleessa shiftaa Fannoottu masjiida keessatti imaamaa fi mu'azzina ajjeeesa, har'a immoo kan sheeka kana ajjeese eenyu? Yoo badiiyyuu dalagee jiraate, silaa harka seeraa jiraa; Mana hidhaa irraa baasanii ajjeessuun maaliif barbaachise???? Lubbuun namaa qaaliidha! Kunuunfamuu qaba ture.
без подписи
Kan qalama diimaan marfame “Masjidul Aqsaa guututti.” Walii galli bal’ina isaa Kuma Dhibba Tokko fi kum Afurtamii Afur Metir Squariidha. Kan qalama gurraachaan marfame “Masjidul Qiblii” ja’ama. Wanni Masjidul Qilblii ja’ameef gama qiblaatiin jira ammaas masjiida Salaatni jum’aati fi khuxbaan keessatti gaggeeyfamu isa. Kan qalama halluu samiitiin marfame “Qubbat As-sakhraa” ja’amti ..dhagaan kabajamaan Ergamaan Rabbii halkan samii bahu irraa gama samii ol bahe as keessatti argama. Qubbat As-sakhraan hangi gubbaa akkuma photo irraa mul’atu dahaba qulqulliin jaaramte jaaramiinsa isiitiif gibirri biyya “Misraa” ka amata Tokkotu itti dhume. Kana malees masjidul Aqsaan Masjiida “Musallaa marwaanii “ fi “Musallaa baabu rahma “ if keessa qaba. Walii galli Musallaan xixiqaan achi keessa jiru 200tti dhihaata. Akkuma Rasuulli ﷺ ja’etti “Masjidul Aqsaan kan jaarame eega ka’abaan jaaramte booda Amata 40 tureeti.” Eenyuutu dura jaare keessatti wal dhabiinsaatu jira. Gariin Ulamaa Malaa’ika ja’an gariin Aadami ja’an ,gariin Nabi Ibraahimi ja’an. Salaatni Tokko kan Masjidul Aqsaa keessatti salaatamu salaata bakka biraa 500niin caala. Ilmaan keessan jaalala “Masjidul Aqsaa” barsiisa. Masjidul Aqsaa irraa deebisuun isaaf dhaabbachuun aqiidaa islaamaati jachuu isaan barsiisa. Rabbiin bilisoomse harka islaamaatti haa deebisu ,warra keessatti salaatu Rabbiin qoodeef nu haa godhu.
без подписи
без подписи
без подписи
⭕ #Oduu_Ammee Barattota qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa fudhatan kessaa % 8.4 qofti darban JMDMDH: Rabi I 22, 1447 AH Ministeerri Barnootaa bara barnootaa 2017'tti barattoota kutaa 12ffaa qormaataaf taa'an keessaa Kumni 48 qabxii seensa yunivarsiitii galmeessisuu isaanii beeksiseera. Barattoota Kuma 585 fi 882 qormaata Kutaa 12ffaa fudhatan keessaa barattootni Kuma 48 fi 29 qabxii seensa yunivarsiitii galmeessisuu isaanii Ministirri Barnootaa Piroofeesar Biraanuu Naggaa ifoomsaniiru. Bara darbee wajjin wal bira qabamee yoo ilaalamu, barattoota Kuma 12 caalaan dabalataan dabarsuun akka danda'ame ibsameera. Qormaatni kun guutuu biyyaatti buufataalee qormaataa 216tti interneetiitiin marsaa afuriin akkasumas waraqaatiin ammoo marsaa 2'n kennamuun isaa ni yaadatama.
Oduu Ammee Bu'aan qabxii qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa boru ifooma Bu'aan qabxii qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa bara 2017 boru ifooma. Qabxicha ilaalchisee boru waaree booda sa'aatii 10:00: eegalee ibsi kan kennamu ta'uu Ministeerri Barnootaa himeera.
https://t.me/+uzNRpOdRvw05NTZk
❕ለ 12ኛ ክፍል ተማሪዎች በሙሉ ፣ ትምህርት ሚኒስቴር አዲስ መግለጫ አወጣ መግለጫውን ከስር ባለው link እየገባቹ መመልከት ትችላላችሁ ❕ Barattoota kutaa 12ffaa hundaaf Ministeerri Barnootaa ibsa haaraa baase. Ebsicha link armaan gadii tuquun ilaaluu dandeessu.
https://t.me/addlist/gmE8sjUv6-BlYzg0
Bu'aan qormaata kutaa 12ffaa galgala har'a sa'atii 6 irratti nii ifooma! ☄💥 Link kamiin dursitanii akka ilaallatan baruuf ADD kan jedhu tuqadhaa seenaa! 👇👇
Channel name was changed to «NASRII DIIN MULTIMEDIA»
Channel photo updated
без подписи