Nuti Eenyu?
СтатистикаOf ta'uun ofiif ta'u dursa kan of ta'etu ofiif ta'a. ✍️asirraa kanneen argattu 👉Walaloo 👉Jechoota garaagaraa 👉Gors mimmiidhagoo 👉Seenaafi K.K.F.Argattu
- Последний пост
- 7 авг.
- Последнее чтение
- 14 авг.
- Постов за неделю
- 0
- Всего постов
- 20
- Тип
- открытый
- Язык
- om
- В каталоге с
- 13 авг.
- 1/24сутки в ленте
- 1 183
- 1/48двое суток
- 1 355
- 1/72трое суток
- 1 462
Оценка по просмотрам недавних постов: пост набирает почти всё за первые сутки.
Посты
Walaloo gabaabaa
"Naaf Hin Malu" "Gad-aantummaan jiraachuun Qalbiidhaa cabanii yeelaluun Yaadaan dhiphatanii gubachuun Kun gonkumaa naaf hin maluu! Boora’eef jedhee hin dhiisu Malkaa koo isan eeggadhuu Gaddas ofirratti gatee Jireenya koo hin tuffadhuu Kufaatiin koo yeroof malee Lafa kanatti hin hafu gad-jedhee Garaan koo abdii hin kutu, "Naaf hin malu" gaddis jedhee Of-amanamummaan ka'een Tulluu fuuldura koo diigaa Kanin hawwe dhaqqabuuf Halkaniif guyyaa fiigaa" "🖊By:nuti eenyu" 👇👇👇 ╔══━▒๑•ั🌹•ั๑▒━━═╗ @Nuti_Eenyu @Nuti_Eenyu @Nuti_Eenyu ╚═━━▒๑•ั⭐️•ั๑▒━══ 👆 👆👆 .
без подписи
Hin jedhin Hin danda'u hin jedhin nan yaala jedhi. لَا تَقُلْ لَا تَقُلْ : لَا أَسْتَطِيعُ، بَلْ قُلْ : سَأُحَاوِلُ. Don't say, Don't say, I can't; say, I will try. 👇👇👇 ╔══━▒๑•ั🌹•ั๑▒━━═╗ @Nuti_Eenyu @Nuti_Eenyu @Nuti_Eenyu ╚═━━▒๑•ั⭐️•ั๑▒━══ 👆 👆👆
"Kulkula" "Keessa kootti dhalatee Gubaa hidda fageeffate Madaa dhiiga hin qabne Kulkula natti hammaatee Halkaan hirriba na dhowwa Guyyaa yaada na gubaa Miira na keessaa bulu Kulkula keessoo jabaa Madaan alaan mul'atu, Qoricha argatee fayya Kulkula gubaa keessoo koo Rabbi Sumaanin fayyaa" 👇👇👇 ╔══━▒๑•ั🌹•ั๑▒━━═╗ @Nuti_Eenyu @Nuti_Eenyu @Nuti_Eenyu ╚═━━▒๑•ั⭐️•ั๑▒━══ 👆 👆👆
"Kirkira Sammuu" "Yaadni wal-keessa dhufee Garaa kootti dhiphina uume Akka galaanaatti dambali'ee Sammuun koo na raafamee Bariis rafee hin beeku Halkannis abjuun koo badde Gaaffilee deebii dhabaniin Sammuun koo dhiphatee gaddee Kirkira sammuu keessa koo Kan namni ijaan hin argine Sagalee malee iyyiti Madaa dhiigi irra darbinee Haa ta'u malee nan jabaadha Dhaabbadhee kirkira kana duraa Sammuu koo tasgabbeesseen, Ifaajee jireenya koo furaa" 👇👇👇 ╔══━▒๑•ั🌹•ั๑▒━━═╗ @Nuti_Eenyu @Nuti_Eenyu @Nuti_Eenyu ╚═━━▒๑•ั⭐️•ั๑▒━══ 👆 👆👆
"Anatu Of Beeka" "Namni fagoof dhiyoo, waan fedhe dubbatuu Waan keessa koo jiru, eenyuyyuu hin hubatuu Miira koo lakkaa'ee kiyya yoo qeeqeyyuu Anatu of beekaeenyummaa koo marayyuu Garuu na wallaalanii, murtii natti fidu Garii na jajjabeessu gariin immoo hin diduu Kufee ka'uu kiyya, dhiphuu amata dheeraa, Hunduma isaa danda'ee, anoo as ga'eeraa Miira koo laboobaa, dhiphuu garaa keessaa, Anatu of beeka, anatu of qopheessaa. Hamiin hunda biraa, lafa natti dhiphisuun Faana koo hordofanii, gufuun na kuffisuun Iddoo gahuuf deemu, kaayyoo koo isa guddaa, Anatu of beeka, kiyya dhiiga fi muddaa. Kanaaf qeeqa koo, kan natti dubbattu Obsa koo wallaaltee, kan na jibbattu, Waa'ee koo dubbachuuf, hin ariifatinii Anatu of beeka, anaaf hin dhiphatinii" 👇👇👇 ╔══━▒๑•ั🌹•ั๑▒━━═╗ @Nuti_Eenyu @Nuti_Eenyu @Nuti_Eenyu ╚═━━▒๑•ั⭐️•ั๑▒━══ 👆 👆👆
Nuti Eenyu? pinned «Hin_Beeku Gaddi keessa koo tuulamee jira, kaan boo'ee kaan dagadheera, hamma har'a gadda kamtu hamma kana na jijjiire, kamtu na jabeessee hin beeku. 👇👇👇 ╔══━▒๑•ั🌹•ั๑▒━━═╗ @Nuti_Eenyu @Nuti_Eenyu…»
без подписи
без подписи
Live stream started
Live stream finished (960 days)
#Hiyyeessaa_fi_sooressa "Sooressi haxxiffannaan Warri bukkeesaatii Lafa ol ka'anii Sihaa maaru sihaa mararftu Jedhanii eebbisuu eegalanii Obboleessa keenyaa qaalii Kabajamaa namaa Umurii nuuf dheeradhu Sirraa ha qabu waan hamaa Hiyyeessichimmoo dhuufee Akkuma carra gaafa haxxiffatuu Uffee uf jechaa ka'anii Hunduu Bakka jijjiirratuu Eenyunni asmiidhaan Akkanatti nu jeequu Gubanneerra jamaa Achi nurraa hin siquu Jedhu warri bifaafi qabeenyaan Ilma namaa madaalanii Maalummaa namoomaa Kanaaf sanaa addaan wallaalanii" 👇👇👇 ╔══━▒๑•ั🌹•ั๑▒━━═╗ @Nuti_Eenyu @Nuti_Eenyu @Nuti_Eenyu ╚═━━▒๑•ั⭐️•ั๑▒━══ 👆 👆👆
Nama ta'i
без подписи
без подписи
"Nuti imaltuu karaati" "Yaa nama yaaddoon Fe'attee sirra teessee Nama meeqaatamaa Yaaddoon kan ajjeesee Atillee akkasumaa Eegaa jirta taraa kee Yaaddoon hin facaasin Jireenya harka kee Ganda dhumtuu jirra Nuti imaltuu karaati Irraa numa deemna Hundinuu wal taraa Boru ni godaantaa Dhiiftee duniyaa kee Si faana hin dhaquu Maatiif qabeenyi kee Kanaaf itti dhiisi Duniyaafin dhiphatin Rakkoo harraaf jettee Abdii hin kutatin" "By:shifa abdela"
Ramadaanni ji’a gaarummaa fi eebbaa yoo ta’u, ji’a qulqulluu kana guutuu taateewwan seenaa fi Islaamaa beekamoo ta’an kanneen tokkoon tokkoon guyyaa isaa irratti raawwataman irraa dubbanna. ✍️ Alaabaa Jalqabaa Islaamummaa Keessatti Kaafame Ramadaana Guyyaa Gaafa 4 Hijraa 1ffaa (Dh.K.D. 623) Ergamaan Rabbii (s.a.w) Hamzaa ibn Abd al-Muttalib (caalaa Wareegamtootaa)n,hogganamu namoota soddoma Muhaajireen (godaantota) irraa ta'a waliin, daldaltoota qureyshii (karavaana Qureeysh,) kan Abuu Jahliin hoggabamu namoota dhibba sadii ta'an waliin kan jiru, akka addaan kutuuf alaabaa jalqabaa ol kaase. Haa ta’u malee, lolli ykn wal-dhabdeen isaan gidduutti hin uumamne guyyaa sana ta'us garuu guyyaa jalqabaa alaabaan islaamaa itti hidhamte ykn ol kaafamte jechuun seenaan galmaa'eera. By shifa Abdela
без подписи
"Tuftee arraabbattee" "Jaalala siif laannaan Onneen koo amantee An sitti of gannaan Atimmoo na gantee Rakkoo tarkaanfannee Waliin bara baanaa Hin kufnu walqabannee Dagalee waliif taanaa Gammaddu gammadeen Gadda kan keef gaddaa Burqaan jireenya koo Jaalala keerraa maddaa Jennee wal abdannee Waliin karaa buunee Waadaa waliif gallee Irbuun harka fuunee Waadaa alanfattee Garuu kunoo harraa Tuftee arraabbattee Garaa murte narraa Akkamiin danda'ee Simate onneen kee Jaalala koo gu'ee Nagane lapheen kee" "By: shifa abdela"