tgindex
Obsinaan Arsii

Obsinaan Arsii

Статистика

Haqaaf haqaan moona. Gaaf-tokko Walabummaa koo argee gammaduun koo hafa hin qabu. #Oromia Shall be free.Ani Oromoo muslimaati,Saba kootiif Amantii kootiif nan qabsaawa.Waadaa jaallanii nan eega.!🖤♥️🤍 Channel kana irraa Seenaa hedduu bartu jedheen amana.

Последний пост
4 авг.
Последнее чтение
13 авг.
Постов за неделю
0
Всего постов
175
Тип
открытый
Язык
om
В каталоге с
13 авг.
Подписчики
1 386
−1 за 2 дн.
Сутки
0
0,00%
Неделя
 
Месяц
 
Просмотров на пост
189
40 постов
Вовлечённость
13,6%
к подписчикам
Постов в день
0,0
всего 175
Упоминаний
0
каналов
Охват размещения
оценка
1/24сутки в ленте
124
1/48двое суток
142
1/72трое суток
153

Оценка по просмотрам недавних постов: пост набирает почти всё за первые сутки.

Посты

  • Adeemsa cehumsaa kana keessatti, seeenessa bulchiinsaa haaraya ijaara jettee jarjartee seenessa qabsoo gaafasiin si gahe akka of jalaa hin diigne of eeggannoo cimaa feesisa. Gaaga’ama siyaasaa sirna bulchiinsa Abiy Ahmad mudate keessaa tokko dogongora cehuumsa seenessaa irratti raawwatamee dha. Osoo seenessa bulchiinsaa haaraa lafa hin qabachiisiin, seenessa qabsoo Oromoo diiguuf yaaliin godhe lachuu hanqise. Duulli seenessa qabsoo Oromoo busheessuuf godhame, dallansuu uumuun, mooraan siyaasa Oromoo seenessa diddaatti akka deebitu taasise. Kun ammoo gaaza siyaasaa angoo cimsachuufi tasgabbeessuuf barbaachisu dhabsiise. Angoo cimsachuuf tasgabbii mirkaneessuu dhabuun ammoo seenessa bulchiinsaa lafa qabsiisuu dhoorge. Waggoota afran dabre seenessa diddaafi seenessa sirnaa jidduu jaatanaayuun agarrus mallattoo gaaga’ama seenessaa (crisis of narrative) akka ta’e hubatamuu qaba. Gorsi ani qabsaa’otaafi hayyoota keenyaaf qabu dubbii cehumsa seenessaa kana qorannaa gahaafi marii gadi fagoon bilcheessaa of eeggannoon hojitti hiikuu qabna kan jedhuudha. Yennaa murni Oromoo aangoo qabatee jirutti seenessa diddaafi farra sirnaa ( anti-state) qofarratti xiyyeeffachuun, akka gaafa murna alagaa irratti qabsoofnuu san hedduu hin tarkaanfachiisu. Bifuma walfakkaatuun, aangoo sirnaa dhuunfanne jennee, osoo seenessa bulchiinsaa sirritti lafa hin qabsiisiin, seenessa qabsoo diiguuf yaaluun, atakaaroofi waldhiitinsa seenessaa mooraa ofitti dhoosuun humna of buusuudha. Kanaafuu tarsiimoofi raawwii cehumsa seenessaa dhawaataan hojitti hiikamuu barbaachisa. Barruu kana keessatti wanniin jechuu fedhe, seenessa gootaa-gantuu Goobanaan walqabatee dhihaatus of eeggannoon qabuun barbaachisaadha. Sadarkaa amma irra jirutti, seenessa diddaa kan Goobana abaarus lash godhaa, kan isa faarsus itti jirjaruurraa of qusachuun gaariidha! Akkuma jalqaba barruu kanaatti kaayame, qabsoo Oromoo keessatti Goobanni seenessa malee nama dhuunfaa miti. Goobanni namicha dheeraa dhalataa Tuulamaa sana miti. Goobanni yaada seenessa gootaa-gantuu bu’eerreessitoonni seenessa qabsoo Oromoo kalaqanii, qabsoo’anni isaan boodaan dhufan sammuu ummataa keessatti habaqalchaniidha. Seenessa san keessatti bara Minilik irraa kaase hamma Mallasaatti dhalattonni Oromoo mootummoota Itoophiyaa cinaan hiriiranii cunqursaa saba isaanii keessatti hirmaatan cufti goobantoota. Namoota seenessi qabsoo Oromoo goobanoomse kana, seenessa bulchiisaaf fayyada jennee leellisuu yoo feene, haalaafi bifa diigumsa hin uumneen ta’uu mirkaneeffachuu qabna. Ammaaf kanuman jedha. Guyyoota itti aanan barruulee biroo isiniif maxxansa. LAFA NAGAYAA OOLAA!

  • Cehumsa seenessa gootaa-gantuu taasifamu keessatti rakkoolee lamatu mudata. Kan duraa namoota alagaa irra goruun saba waraanuu isaaniitin, seenessa diddaa keessatti fuullee gantummaa taasifne san, barii injifannoo abaarsa gantummaa irraa kaafnee faaruu gootummaa itti roobsuun waldhiittaa(contradiction) seenessaaf nu saaxila. Gama tokkoon tokkummaafi sabboonummaa Oromoo seenessa diddaa irratti ijaarame san akka hapheefi gaaza siyaasa keenyaatti fayyadamuu itti fufuun milkaa'ina cehuumsaatiif dirqama. Gama biraatin ammoo, Oromoota ijaarsa Itoophiyaa keessa turan san leellisuun, haqa qabeessummaa aangoo(legitimate claim to power) lafa qabsiisuuf barbaachisa ture. Kanaafuu siyaasa keenya keessatti waldhiitinsi seenessaa hamaan akka hin uumamneef cehumsa dhawaataa gochuun barbaachisaadha. Tooftaa kana keessaa Oromoota mootota Itoophiyaa waliin hiriiranii hawaasaafi siyaasa qabsoo Oromoo keessatti maqaan hamtuun hin kaane leellisaa, kan ifatti gantummaatti abaaraman garuu tursiisuudha. Haacaluun shoora gootonni Oromoo lola Adawaa keessatti taphatan geerrarsaan yeroo seenessu, Gabayyoo Gurmuu, Qusee Diingadee, kkf leellisee Goobanaa keessaa yoo dhiisu sababa malee hin turre. Rakkoon cehumsa seenessa diddaa irraa gara seenessa bulchiinsaa godhamu mudatu kan biraa, akkataa namoonni siyaasa qabsoo keessatti gootummaan leellifaman, boqonnaa haaraa keessatti itti dhihaachuu qabaniidha. Namoonni seenessa diddaa keessatti mallattoo gootummaa turan, warra qabsoo farra sirnaati geggeessaa turaniidha. Sirna biyyaa san ammoo goolabbii boqonnaa qabsoo diddaa keessatti aangoo dhuunfanne itti gaafatamummaa tiksuu fudhanee jirra. Gara tokkoon, Oromoota Itoophiyaa ijaaruu keessatti shoora qaban leellisuun sirna san too’achuufi tiksuuf dhugaa qabna jechaa, gama biraan ammoo Oromoota sirnichuma san diiguuf falmaa turan leellisuun waldhahiinsa seenessaa biroof nu saaxila sodaa jedhutu ture. Kanarraa ka’uun namoota seenessa qabsoo Oromoo keessatti akka gootaatti leellifaman keessaa, kanneen akka farra sirnaa hamootti farrajamaa hin turre dhaadheessa, kanneen ijjannoo cimaa qabaachaa turan moggatti dhiibuun akka tooftaatti fudhatame. Sababni Bilxiginnaan Haylee Fidaa faarsitee Baaroo lash gootuuf, Taaddasaa Birruuf siidaa dhaabdee Maammoo Mazmir irraanfachuu filattuufis kanuma. Seenessa mootummaan Itoophiyaa qabsoo Oromoo irratti dhiheessaa ture keessatti Taadasaa Birruufi Haylee Fidaa akka waan Maammoo Mazammiriifi Baarorra ijjannoo lash jedhu(moderate) qabuutti kaayamaa waan tureefiidha. Rakkoon cehumsa seenessaa kun qabsoo Oromoo qofa osoo hin taane kan Tigrees mudatee ture. Seenessi bara qabsoo isaanii namoota Tigree mootota Itoophiyaa waliin tumsan akka gantootaatti ilaala ture. Erga angoo qabatanii booda, mootii Yohaannis dabalatee Alulaa Abbaa Naggaafi kanneen biroos akka goototaatti maqaa isaanii xahaarsuun(rehabilitate), ijaarsa Itoophiyaa keessatti abboonni keenya shoora qabaachaa waan turaniif, nutis har'a bulchuuf haqa qabeessadha seenessa jedhu kaayatan. Hamma tokko itti milkaayanis, waldhiittaan seenessa gootaa-gantuu bara qabsoofi seenessa bara bulchiinsaa isaanii osoo guututti hin furamin angorraa bu’an. Walumaagalatti hojiin seenessa qabsoo ijaaruu caalaa kan gara bulchiinsaa ceesisuutu xaxamaadha. Gaafa seenessa diddaa ijaartu, daangaa gootaafi gantuu sararuun hedduu hin ulfaatu. Sababnis eenyu gara alagaa akka goreefi eenyu akka alagaa dura dhaabbate ifa waan ta’eef. Cehuumsa gara seenessa bulchiinsa godhamu keessatti garuu, namicha kaleessa akka gantutti dhiheessaa turteefi gocha isaa fakkeenya gantummaa taasiftee dhiheessite, haqaaraa biraa itti tolchitee bifa gaaromminaatiin dhiheessuu barbaachisaa ta'uu mala. Bara qabsoo hammeenya raawwatame ol baaftee muldhifta, gaafa cehumsa eegaltu immoo, toltuu xixinnoos taatu suur-guddiftuun( magnifier) ol baaftee muldhifta.

  • Sababni lammataa ammoo seenessi gootaa-gantuu bifa salphaatti lammiileef galuun dhiyaachuu waan qabuuf, gantoota heddu tarreessurra, tokko(guddicha) keessaa fuudhanii akka bakka bu’aatti dhiyeessuun mijataa waan ta’eefiidha. Kanaafuu bu’ureessitoonni seenessa gootaa-gantuu qabsoo Oromoo, namoota Minilik faana hiriiran keessaa Goobanaa filachuun isaanii waan nama raajuu miti. Adaduma Goobanaa Daacii bakka bu’aa seenessa gootaa-gantuu ta’ee dhiheeffamuun, Goobana jechuun maqaa nama tokkoo ta’uun hafee, hiikkaa gochaafi amala gantummaa ta’e. “Abalu ni goobane, akkas gochuun goobantummaadha” yoo jedhamu dhagayuu hin ooltan natti fakkaata. Gabaabumatti tura keessa Goobanni maqaa nama tokkoo ta'uun hafee seenessa of danda’e ta’e. ATAKAAROO SEENESSA GOOBANAA Qabsoo sabaa keessatti seenessi gootaa-gantuu akkuma qabsaa’ota hamilchiisuufi gantummaa hirdhisuun tokkummaa cimsuuf fayyadu, of eeggannoon godhamuu baannaan miidhaas ni qabaata. Qabsaa’onni yaadaan waldhabuu mannaa gantummaan walfarrajuun, hoggantoonni/ murnoonnis hojiin waldorgomuu irra maqaa walballeessuun waan jiruuf, taappellaa ‘gantuu’ jedhu san walitti maxxansu. Kun ammoo hiikaafi gatii guddaa seenessi gootaa-gantuun qabaachaa ture rakisheessaa deemuun, bu’ura hamileefi tokkummaa qabsaa’otaa mannaa, sababa qoqqoodamiinsaa ta’a. Haaluma kanaan qabsoo Oromoo keessattis, ‘goobanummaan’ tura keessa akeeka jalqabaatiin addaatiiff hojiira oolaa deemuun, madda atakaaroo ta’e qabsoo miite ta'e. Atakaaroon seenessa Goobanaa mooraa qabsoo teenyaa sababa garagaraa qaba. Kanneen keessaa kan duraa, seenessa ‘goobantummaa’ kana hamma barbaachisuun caalaatti ( excessive and out of context) itti fayyadamuudha. Bara qabsoo barattoota yunivarsitiifi barii dhalachuu ABOtti nama/murna ilaalchuma adda ta’e xinnaa qabu goobatummaatti farrajuutu ture. Fakkeenyaaf warra MEISON fi ECHAT jidduu garaagarummaa ilaalchaa muraasa ta’us, Haylee Fidaatiin Goobana Diimaa ( Red Gobana) jedhanii farrajan. Kun walmadeessuufi waldiinomsuu hammeessee mooraa qabsoo itchuu hanqise. Maddi atakaaroo seenessa Goobanaa kan lammataa, dhalchuu murnootaaafi gandummaatiin walqabata. Mufiifi ololli murnummaa akkuma hammaataa deemuun, goobantummaa dhalattoota Oromiyaa jiddu galeessaatti maxxansuun eegale ( haaluma walfakkaatuun “ilmaan Mishinarii kan dhalattota Lixa Oromiyaatiif kennamaa ture). Kun ammoo hiikkaafi akeeka seenessa gootaa-gantuu Goobanaa tan jalqaba nu fayyade san karaa dabsuun atakaaroo hanga ammaa deemuuf karaa saaqe. Sababni sadaffaa seenessi Goobanaa atakaaroo uumeef ammoo qabsoon Oromoo boqonnaa haaraatti tarkaanfachuu ishiiti. Boqonnaalee qabsoo diddaa afran ( the resistance phases) duraa keessatti, Goobanaa’s ta’ee Oromoota Minilik waliin dhaabbatan akka gantutti dhiheessuun dirqama ture. Sababnis seenessi waligalaa(grand narrative) qabsoo keenyaa, sirna mootummaa Itoophiyaa kan alagoomsu waan tureefidha. Seenessi sun Itoophiyaan ijaaramuun cabuu Oromootiif akka sababaatti waan dhiheessuuf, namoota Minilikirra goruun humnoota Oromoo cabsanii, sirna mootumaa Itoophiyaa ijaaranis diinomsuu(disown) fi Oromoorraa fageessuu (distancing) barbaachisaa ture. Seenessi Oromoota Minilikis ta’ee mootota sanii'as waliin turan diinomsuu sun, gaafa boqonnaaleen diddaa sun injifannoon goolabamanii, aangoo sirna Itoophiyaa san harka keenya gale burjaajjii uume. Itoophiyaa erga dhuunfanne booda alagamsuu itti fufnee bulchuun hin danda’amu. Kanaafuu gaafa gita bittaa alagaa buqqaasuun cehuumsa siyaasaa eegallu, seenessa diddaa(resistance narrative) irraa gara seenessa bulchiinsaa(governing narrative) gochuun feesisa ture. Kanaafuu jalabultii injifannootirraa kaasee seenessa sirreeffachuun eegalame. Itoophiyaa haraam godhaa turre san halaal godhachuutti ceene. Tooftaalee kana keessaa Oromoota mootota Itoophiyaa waliin hojjachaa turan tarreessuun, ijaarsa ishii keessatti shoora taphachaa waan turreef, bulchuufis dhugaa (legitimate claim) akka qabnu agarsiisuu qabna turre. Geerarsoonni Haacaaluu Hundeessaa cehumsa seenessaa kana raawwachaa turan.

  • GOOBANAA: Seenessa gootaa- gantuu qabsoo Oromoo keessatti Tibbana Abiy Ahmad shoora Minilikiifi Goobana Daacee ijaarsa Itoophiyaa ammayyaa keessatti taphatan kaasuun isaa, atakaaroon Goobana walqabatee siyaasaa Oromoo keessatti yeroo yeroon ka'aa ture haaraatti bulluuqseera. Wixinee barreeffama qabsoo sabaa keessatti shoora seenessi gootaa-gantuu (hero-villian narrative) qabu irraatti qopheessee osoon xumuree hin maxxansin dhiise na yaadachiise. Wixineen sun gaafii eessumoo MerMerid Tullu dura naaf dhiheesseratti kan hundaaye ture. Qabsoon ummanni cunqurfame tokko gita bittaa alagaa jalaa bahuuf taasisu martuu seenessa gootaa-gantuu qabaachuun dirqama. Akeekni seenessa gootaa-gantuu uumuu lammillee saba sanii biratti; - Gocha sirriifi fokkuu(wrong and right) adda baasanii hubachiisuun, isa sirrii jedhame akka hordofan hamilchiisuun. Kun ammoo qabsaa'onni, isa goota jedhame akka fakkeenyaatti hordofuun aarsaaf of akka qopheeessan, isa gantuu jibbanii faana isaa hordofuu akka lagatan dandeeessisa. - Waldura dhaabbannaa 'mooraa qabsoo' fi mooraa diinaa jiddutti godhamtutti, kan gamas gore busheessuun kan as gore dhaadhessuun, dhiibaa xiinsammuufi hawaasummaatiin gamas goruu hirdhisuuf. - Seenessa mooraa cinqursitootaa faallessu uumuun, kan sirnichi leellisu busheessaa kan inni abaaru leellisuun, hawaasni gama keetii olola gamasiin akka hin hawwatamne danqaa uumuudhaafi. Kunneen sababoota ijoo seenessi gootaa-gantuu kalaqamuuf yoo ta'u, mooraan qabsoo ummata kamiituu keessatti waan hojiirra ooluudha. Qabsoon Oromoos gaafuma dhalaturraa seenessa kana kalaqachuun dirqama ture. Seenessi gootaa-gantuu qaama seenessa waliigalaa(grand narrative) qabsoo bilisummaa ummata cunqurafameeti. Seenessi waliigalaa waan gurguddoo sadi hammata. Kaleessa akkam turre, har’a maaltu nu mudate, boru maal hawwinaa dha. Jechuunis kaleessa ummata bilisaafi kabajamaa turre(glorious past), amma shira alagaan cabnee mirga namummaafi abbaa biyyummaa dhabne(degraded present) fi boru ammoo qabsoo waloo har’a geggeessinuun guddummaa keenya kaleessaa san caalu deeffannee goonfannaadha(utopian future). Maarree seenissi waliigalaa guddinni saba sanii kan kaleessaa sun maalifi eenyuun cabeefi, salphina hardhaa muddanne gaafii jettuuf deebii kennuun eegala. Sababa cabaa saniif, jabina alagaa qofa akka sababaatti dhiheessuun gahaa miti. Shiraafi laafinni keessoo qaawwa akka banes akeekuu qaba. Kanaafuu diina alaatiif fuula nama tokkoofi maqaa sirnaa laatu, warra keessoon qaawwa banes gantuutti moggaasee abaaruu qaba. Dabalataanis, seenessii waliigalaa qabsoo sabaa, cabni sun yoom akka raawwatame akeekuun eegala. Haaluma kanaan, wixineessitoonni(framers) qabsoo Oromoo, daangaan baraa guddina kaleessaafi caba har’aa saba Oromoo, weerara Minilik akka ta’etti kaayan. Kanarraa ka’uun, weeraraafi cunqusaa humna alagaatiif Minilik fuula(face of the external enemy) taasisan. Warra keessoon qaawwa banan ( internal collaborators), ammoo namoota gaafa Minilik kutaalee biyya Oromoo garagaraatiin walwaraanu, gara isaa goran adda baafachuun gantummaa(personification of villain) taasisuu eegalan. Wanti hubatamuu qabu, namoonni booda seenessa gantummaatiif maqaa isaanii sadarkaa qabsoo sabaatti kaafamee balballoomfame, qabsoon Oromoo bifa waltayaan eegaluu durattuu gosaafi qe’ee isaanii keessatti abaaramaa kan turaniidha. Gosti/ teessumti lafa Minilikiin wal loltee,miseensi ishii ‘gantuu’ hin ta’in hin jiru. Sadarkaa qabsoo sabaatti namoota maqaan tuqamu keessaa Qadiidaa Wandabee, Tukee Maammee, Alii Galmoo faan eeruu dandeenya. Gabaabumatti Goobanaa Daacii warra gara Minilik goree warra ofiitin lole keessaa tokko malee, qofaa isaatii miti jechumaafi. Namoota lola Minilik waliin godhame keessatti, gosa ofii dhiisanii garas goran keessaa Goobanni maalif adda durummaan tuqama? Sababa lamatu jira. Kan duraa ‘gantoota’ bara sanaa keessatti, Minilikiif tumsa olaanaa, humna Oromoo cabsuu keessatti ammoo balaa hundarra guddaa kan taasisedha. Dabalataanis, mootummaa san keessatti aangoofi beekkamtii olaanaa kan argate waan ta’eefi.

  • видео или голосовое, без подписи

  • Soraa Abdataa waggaa 4 dura..Walaloo kana Sooraatu barreesse!🥲 *** Akka malee garaa nama nyaatti. "Yakka maaliin qaba" eeyyee yakka hinqabdu!😭 #Natti_hin_murteessin ofii koof unkureen jireenya koof jiraadhaa gaafan dhabe rafeen gaafan argadhe nyaadhaa Ukunkuree bututeen galee imimaan buusaa ijikoo imimmaan fixee darbees dhiiga kuusaa natti hin murteessinkaa adaraa yaa namaa har'as boo'ee boris boo'uun anaafis naa gamaa kolfee hin xabadhu bulee ka'een jooraa akka namaa boqodhee uffaadhees yooman kooraa erbeen koo ciccitee rakkinaananoo jiraadhaa ofii xiqqoo nyaadheen gudahoo siif baadhaa natti hin murteessinkaa ilaal imimmaankoo sitti haa mullatukaa rakkoof gidiraankoo as bu'een achi bu'aa fuulaa gurraacha'ee namummaakoo gatee qaamaa cilaatta'ee qoonqookoo hururseen mudhii hidhadhee rafaa ofitti maramee akka ilmoo bofaa osoo kaan quufee gatuu an harcaatuullee dhabaa natti hin murteessinkaa an yakka maaliin qabaa.??? ....!!!... RIP

  • Laalachuuhuu kanan dhaabu Jaalachuu gaafan dadhabuu... .... Kanaaf laalachuun koo; Laallachuudhaa jaalachuudhaa Cal'isuun koos hubachuudhaa Laalaa saniin gubachuudhaa... Sijaaladheen laalaa baree Laalee argeen siif of dhabee Bara hedduun siin himamee.. Naan lagattaa anuun yaadnee Lagachuu kees ijaan argee Laalaa saniif uf qopheessee ... Ati garuu naan hanqattee Nas baqattee simaaf taatee?? Hayyee mee!! Rabbi jennaan ima taatii Akki yaadaa hujiin taatii... ....💔💍🥀🥰 ...

  • Colour doesn't matter when you're in love with the right person ❤️....

  • Waraana jaalalaa seenuu badaadha aabbee edaanuu?🤔 Ikkoo amma waa hundaa ol taasisaa maa jiraanna?

  • Inni isin “Jaalalti ♡ ♡ ♡akka waraanaati eegaluun salphaadha dhaabuun garuu ni ulfaata.” jettan tokko immoo dhugaadhaayi?🤔 So an amma waan akka xiiqii wahiittu natti dhagayamaa jira nin du'a malee sin dhiisu jedhiin naan jetti nafsiin..🤣🤣 ♡ ♡ ♡ :¨·.·¨:  `·.

  • "...Si sobuuf didichaa 🏃‍♂️ Hin amanin daftee..." 🙌 ⚖⚖🔍🔎⚖⚖🔎🔍⚖⚖🔎🔍 Ilmi namaa lama ✌ Gaari yokaan hamaa, Osoo beeytuu samaa Na yayyaamta gamaa ? 🗣 Gaarii garaan beeyta Afaan laaluu mitii, Mi'aan deeyma seeta Garaan saa iccitii, Ijaan laalan meeta Garaan namaa miti,👹 Hunda firraa beeki Addaan laalii nama, Itti nuuf akeeki Kan qabne quuqama, 😠 Gaafa hundan beeytuu Guyyaan dhiiraa tokkoo, Dhabdee gaafa deeydu Taatee abbaa rakkoo, 🥲 Fira duraan eeydu Gaafa dhabde irkoo, Yoo hanqatte weeyduu Mataan keetuu kookkoo, 😈 Hundaaf if wareeydu Si godhatan hookkoo, Hanga gaafa deeyduu Sumaan ja'an foonkoo, 😱 Dhiirti guyyaa hamaa Si dhiifteen godaanne, Rakoo fi rakkama Keetiis kan sodaanne, 🫂 Namni dhugaa sani Kaan maqaatu namaa, Gaafa siif qananii Si yaammatan gamaa, 👋 Eega addaan baafte Rakkoon gingilchitee, 🔍 Dhama jalaa kaafte Tooftaan dagalchitee, 🩺 Gocha saa itichaa Diroo namaa raaftee,🙂 Raqa moo riqichaa Duuba dhadhaa baaftee? Meeyxuus siif ililchaa Dammaqi ni raftee, Si sobuuf didichaa Hin amanin daftee, ✍ Baruuf hin jerjerin Namni nama dhibaa, Bartuus hin ergarin Yoo tahees kijibaa, 😒 Dafii jala bu'ii Namaaf addaan baasii, Garaaf yaadaan gu'ii Cal jechuun albaasi, 🤫 Gochi namaaf himaa Arrabni ni dhimaa,👅 Dubbiin siqqirimaa Beekaan tuqin jimaa.👊 Adem Dhalate Adooleysa 17,2023. Finfinnee

  • "Jiituu marga birraa,Oromiyaa teenya hin tuqinaa nurraa"... General Artist Umar Suleeyman waggoota dheeraa dura.

  • Guyyaa guyyaadhaan, wanti ati filattu, wanti ati yaadduu fi wanti ati hojjettu eenyu akka ati taatu murteessu! @Obsee

  • ㅤ ㅤ ㅤ Yoon sitti hime ni loltaa si sodaadheen maleessaa. Amma eega na cimee sitti himeen if qabbanessaa. Adaraa nan sossobin dhuguman si gaafadhaa. Obblummaa hin barbaadu onneerraan si Jaalladhaa. Maaloo hin zigaalin obbolummaan hin jiruu. Yoo barbaadde na jaallu sin jaalladheera yaa tiruu. Hanga yoomiin jeqamee dhugaan keessa ko taa'a. Jaalallee waliif taana obbolummaan ni ga'aa🥹🥰 💔Jaalalti miidhaa miti. :¨·.·¨:   `·.  @Obsee

  • Innumti #Hacaaluun “marii na suuqadhuu.” jedhe sun naaf hin galle waansaa?🤔 Silaa ni maramaafii inni akka isheef suuqachuun mijjaawutti?🤣🤣

  • HIN KAASINAA! Yoo gundoorra kaa’ame Daaratti gangalata Salphinaan dhangi’emee Bakka Ulfina lagata. Daaraa keessaa kaafamuun Gulantaa ta’uu hin barree, Waraabessi haa nyaatuu Hin kaasinaa foon Harree! Etika Teferi

  • Osoo urjii taatee Ji'a wajiiin baatee Gadi bahu sin argaa Yaadni yoom na rakka? 🥰🔥🖤 #My_Kaarrolee_tiyya🌹💯❤️

  • ‎Sitti hin dhiyaadhu ‎Sirraa hin fagaadhu ‎Simalee hin filadhu ‎Si waliin hin jiraadhu ‎ ‎Haqadha sin dhoksu ‎Dhugaadha sin obsu ‎Si arguu illee fedhu ‎Sin ala hin milladhu! ‎ ‎Jibba sagalee keefan ‎Guuriin gurra duucha ‎Garuu keessa kooti ‎Sagaleen kee kililcha! ‎ ‎Si dhabaan si argaa ‎Argaan si barbaada ‎Milluu kee arguufan ‎Of gatee si gaada! ‎ ‎Jibba kee yaadaan ‎Jaalala kee himadha! ‎Sirraa hiiquuf hiixachaan ‎Suuraa kee arguuf miixaadha ‎ ‎Jaalala jibbaan balfeen ‎Onnee koo jibbaan faala ‎Teessoo jibbaa keessattuu ‎Garuu jaalala keen ilaala! ‎ ‎Hidhaa hin hiikamneen ‎Sakaalameen jiraadha ‎Hibboo jaalala keetiif ‎Yoomaan furmaata argadhaa? ‎ ‎Murteesse sirraa fagaachuuf ‎Tasumaa ani hin danda'u! ‎Sitti siqee si filachuudhaaf ‎Amalli kee siif iyyuu hin ta'u! ‎ ‎Giddu gidduuttan rarra'e ‎Muka mukarraa cite ta'ee ‎An yoomumaan furamaa ‎Hidhaa kee kanatti ba'ee? #Kaarrolee!💔

  • ....🥀... Bilqiltuu bishaan obaasaa jirra.... Akkam jirtu qaqqaaliiwwan? Baga jiraattan.

  • . Ati yeroo daangaa kee kabachiiftu nama miidhaa hin jirtu, of eeggachaa jirta malee. Nagaa sammuu keetii eeggachuun kee immoo gara fulduraatti hojii kee irratti xiyyeeffannoo gaarii akka qabaattu si gargaara. Kanaafuu Of ta'i😍 #kanuma_Keenyas_Oluma

Obsinaan Arsii — tgindex