SAGALEE SABAA ( NEWS )
СтатистикаSABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!
- Последний пост
- 5 мая
- Последнее чтение
- 14 авг.
- Постов за неделю
- 0
- Всего постов
- 20
- Тип
- открытый
- Язык
- om
- Категория
- Новости и СМИ
- В каталоге с
- 14 авг.
- 1/24сутки в ленте
- —
- 1/48двое суток
- —
- 1/72трое суток
- —
Оценка по просмотрам недавних постов: пост набирает почти всё за первые сутки.
Посты
Iraan Doonii Waraana Ameerikaa kan daandii Hormuuz darbuuf yaalan irratti Misaa'ila dhukaastee Iraan Doonii waraana Ameerikaa kan Galoo Galaana Hormuuz qaxxaamuruufi yaalan irratti misaa'iloota lama dhukkaasu ishee miidiyaalee Iraan Rooyitarsii wabeeffachuuni gabaasaniiru. Akka Ejensiin oduu Faars, kan dhaabbata oduu mootummaa waliin hidhata qabu gabaasetti, Doonichi "akeekkachiisa Humnoota Eegumsa Warraaqsa Islaamummaa Iraan irraa kennamee erga tuffatee darbuuf yaaleen booda haleellaa misaa'ilaatiin rukutameera jedha Maddoonni naannoo sanaa wabeeffachuun, miidiyaan kun akka jedhutti Doonichi rukutame kuni "deemsa isaa itti fufuu hin dandeenye akkasumas naannicha gadi lakkisee baqachuuf dirqameera." jechuuni ibsa. Haleellaa misaa'ilaa har'a raawwatame jedhame kana ilaalchisee gama Ameerikaa irraa hanga ammaatti yaadni kenname hin jiru. 📡MIIDIYAA @SAGALEE_SABAA📡 SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!
Siidaan Artiisti Haacaaluu Hundeessaa eebbifame Siidaan Yaadannoo Artiisti Haacaaluu Hundeessaa Magaalaa Finfinnee Paarkii Afrikaa keessatti ijaarame eebbifameera. Siidaan Yaadannoo Artiisti Haacaaluu Hundeessaa Kantiibaa Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen eebbifame. Sirna eebbicharratti hoggantoonni olaanoo Mootummaa maatii Artiistichaa dabalatee Artiistonni biroon argaman.
Jaarmiyaan idiladdunyaa mirga dhala namaaf falmu Human Rights Watch (HRW) baqattoonni Itoophiyaa 65 Sa'uudii Arabiyaa keessatti balaa ajjeefamuu jala jiru jechuun birmannaan akka barbaachisuuf gaafate. via BBC 📡MIIDIYAA @SAGALEE_SABAA📡 SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!
Shamarreen Boontuu Waaqtolee yookaan Boni JA jedhamuun miidiyaa hawaasaa irratti beekamtu of ajjeesuun ishee rifaatuu hawwaasatti uume Shamarreen TikTok fi Facebook akkasumas YouTube irratti baayyinaan qoosaa, taphaa fi haala jireenya’shee guyyaa guyyaan qooduun nama kolfisiisuun beekamtuu fi Jireenya ishee keessatti ijoollummaa irraa kaaftee rakkinoota hedduu keessa kan daarbitee fi jireenya ishee jijjiiruuf guyyaa guyyaa hojii kophee qulqulleessuu hojjechuu irraa kaasee, halkan immoo tikeetii onlaayinii irratti gurguruun bakka xiqqaa irraa ka’uun sadarkaa guddaa irra kan geesse, dhiyeenya kana dargaggoo Yoosef Caalaa jedhamu wajjin gaa’ila dhaabbachuun ishee kan beekamu yoo ta’u, shamarree Boontuu namooti hedduu qeeqaa fi arrabsoo cimaa Kara miidiyaa hawwaasaa irratti deemsisaa turaniiru; yeroo baay’ee namni kolfaan of haguugduu fi jabinaan beekamtu kun imimmaan buusaa, ala of ajjeesuuf jettu viidiyoo waraabdee gadhiiftee, daqiiqaawwan muraasa booda of ajjeefte oduun jedhu dhaga’ame. Yeroo baay’ee namoonni miidiyaa hawwaasaa irratti kolfaan dhiyaatan jireenyi isaanii mana keessaa rakkoo qabaachuu mala; darbee arrabsoon nuti akka qoosaatti miidiyaa irratti walitti darbannu hamilee namaa cabsee, gara of balleessuutti nama geessuu waan danda’uuf, aadaan arrabsoo fi ceephoo miidiyaa hawwaasaa utuu hafaa deemee gaariidha jenna. 📡MIIDIYAA @SAGALEESABAA📡 SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!
без подписи
Dubartiin duutee jedhamuun reeffishee bakka gubatu geefamte sanduuqa rurukutuun kaate Dubartiin duute jedhamuun hospitaalaa baafamtee reeffashee gubuuf osoo deemanii kaate ijoo dubbii taate. Dubartiin kun lammii Taayilaand. Manni Sagadaa Budistii Waat Raat Piraakhong qarqara magaalaa baangkookitti argamu reeffa dubartii tokkoo konkolaataa piik aappiin fe’amtee fuula Feesbuukii isaa irratti maxxanse. Reeffi abujadii adiin kafaname kun kan dubartii duute jedhamuun sirna reeffa gubuuf geeffamtedha. Viidiyoo mul’ate irratti tasuma osoo mataa fi irree ishee sochostuu mula’tte. Hogganaan faayinaansii mana kadhannichaa dubartiin ganna 65 duute jedhamte kun ilma isheen reeffi ishee akka geeffame APtti hime. Saaxinii reeffaa keessaa osoo rurukuttuu dhageenye. Baay’ee na raajeera. Yeroo banu namuu ni nahe jedhe. Osoo ija ishee banattuu arge. Waan rukutaa turte natti fakkaata jedhe. Maddi BBC 📡MIIDIYAA @SAGALEE_SABAA📡 SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!
Haleellaa hidhattoonnii Naannoo Benishaangul Gumuzitti raawwataniin daa'imman, dubarti ulfaa dabalatee namootnii 40 ta'an ajjeefamuu BBC'n odeeffate. Ajjeechaan kuni ALI sadaasa bulti 12, 2018 Sambata ganama Godina Matakkal, Aanaa Bulan, ganda Bakkujjiitti raawwatamuu jiraattootiifi qondaalonni himaniiru. Bulchaan Aanaa Bulan hammi namoota ajjeefamanii 36 akka ta'e akka odeeffatan BBC'tti himaniiru. Garuu, kan miidhaman akka jiranis eeran. 📡MIIDIYAA @SAGALEE_SABAA📡 SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!
Pireezidaantiin Yugaandaa biyya isaanii dabalatee Biyyoonni Afrikaa karri galaanaa itti cufamee jiru, Waraana banuu akka malan akeekkachiisan. Pireezidaanti Museeveeniin Yugaandaa fi biyyoonni Afrikaa Galaanaan hin marfamne biroon Daldalaa fi ittisa tarsiimoodhaaf kan murteessaa ta’e Galaanni Hindii yoo itti cufame, fuulduraaf gara waraanaatti galuu akka danda’an akeekkachiisaniiru. Pireezidaantichi sagantaa haasawa raadiyoo irratti haasawa taasisaniin, biyyi tokko galaana kana abbummaa qofa akka qabdu himachuu yaadni jedhu “maraatummaa” jechuun ibsaniiru. Biyyoonni Afrikaa Bahaa nageenna waliinii fi badhaadhinaaf walitti makamuu siyaasaa fi diinagdee akka saffisiisan dhaamaniiru. ''Caasaan siyaasaa amma Afrikaa keessatti mul'atu sababa qabeessa miti.Biyyoonni tokko tokko dhimma diinagdee fi ittisaaf Galaanaan marfamaniiru.Kun sirrii miti,'' jedhan. Pireezidaantichi “yaada ofittummaa” mootummoota qarqara galaanaa tokko tokko jedhanii waamu irratti mufachuu isaanii ibsuun, galaanonni fi buufata doonii ardii kana tajaajiluu qabu jedhan. ''Ugaandaan karra Galaanaan kan hin qabneedha. Galaanni kiyya eessa jira?Galaanni kiyya Galaana Hindiiti. Anillee mirga qaba. Warra qarqara galaanaa jiraniif qofa jechuun maraatummaadha,'' jedhan. Madaallii dhabuu kana tokkummaa fi tumsa naannootiin furuu dhabuun walitti bu’iinsa gara fuula duraatiif bu’uura kaa’uu akka danda’u akeekkachiisaniiru. “Fuulduratti waraanni ni jiraata,” jechuun akeekkachiisaniiru Museveniin, waraanni akkanaa daandii daldalaa naannoo fi dhaqqabummaa galaanaa irratti to’annoo haqa qabeessa hin taane irraa ka’uu akka danda’u ibsaniiru. 📡MIIDIYAA @SAGALEE_SABAA📡 SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!
Dhaabbanni MIDROC jimmatti argamu 'daa'imman umuriin hin geenye mana bornootaa keessaa baasee dirqiin hojjachiifataa' jedha gabaasni. Kana malees,namoota butuun humnaan hojjachiifachuu irra gaheera jedha KMI 📡MIIDIYAA @SAGALEE_SABAA📡 SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!
#inbox “Ani barsisaa Shawaa bahaati annaa boosetii minda ji'aa fulbanaa Fi onkolollessa nuu kafaaluu didaani nuu rakkisaa jiruu ammaa gareedhaa gafaa gafanuu barsisaa mindaa nuu gafatee dhimaa biraa of keessaa qabaa qabaa hidhaa jedhaanii information nu ga'ee jiraa walumaa galaa kan aanaa boosetiiti ta'aa jiruu baayee raakkoo dha. keessumaa barsisoonnii manaa kiraayii kafaalachuu dadhabnee jirra. maaloo Sagalee nuuf ta'aa. 📡MIIDIYAA @SAGALEE_SABAA📡 SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!
Haleellaa bal'aa misaa'eliifi dirooniin halkan guutuu Raashiyaan gaggeessaa bulteen Yukireenitti namoonni shan du'anii kuma hedduutti kan lakka'aman ammoo ibsaa malee akka ta'an godhuu pirezidantiin Yukireen Volodmiir Zeleniskii dubbate. Biyya ollaa Yukireen taate Holaand ammoo kana hordofee nageenya daangaa qilleensaashee eegsisuuf jeettiiwwan waraanaa bobbaasteetti. Xiyyaaronni michoota NATO ta'anis bobbaafmaniiru. Zhappoorhiyaa keessattis namni tokko ajjeefameera. Zeleniskiin akka jedhanitti, Raashiyaan bu'uralee misoomaa Yukireen irratti xiyyyeeffachuun misaa'eloota 50 dirooniiwwan 500 ol dhukaasteetti. Haleellaa halkan gaggeessaa bulte kana ilaalchisuun Raashiyaan hanga ammaatti yaada hin kennine. Naannoowwan akka Ivaanoo-Firaankivisk, Saamii, Karaakiiv, Keerson, Odeesaa fi Kiroovaaraad akkuma bakka kaanii irratti xiyyeeffatameera akka Zeleniskiin jedhanitti. Haleellaa Raashiyaan gaggeessite magaala gama Lixaan jirtu Liviiv irratti kan xiyyeeffate yoo ta'u bakka kanatti namoonni afur ajjeefamanii kaan madaa'aniiru. "Eegumsa dabalataafi waliigalteewwan ittisaa saffisaan hojiirra oolchuu barbaadna, keessumaa shororkeessa qilleensarraan taasifamu kana dhorkuudhaaf ittisa qilleensa keenyaarratti raawwachuu barbaachisa." Raashiyaan humna ibsaa Yukireen irratti xiyyeeffachuun haleeluu itti fufteetti, jedhe ministeerri injarjii. Zaapoorzhiyaa keessatti haleellaa Raashiyaan halkan gaggeessite hordofee "maamiltoonni 73,000 ol ta'an...ibsaa irraa citeera" akka bulchaan naannichaa Ivaan Fedoroov jedhetti. Namni tokko ajjeefamee, sagal ammoo madaa'aniiru jedhe Fedoroov itti dabaluun. Namoota madaa'anii wallaansa argachaa jiran keessaa shamarreen umuriin ishee waggaa 16 taate keessatti kan argamtu ta'uu ergaa gamoo gamtokkoon barbadaa'e waliin fuula X irratti baasaniiru. Kantiibaan magaalaa Liviiv Andirii Sadooviy gartokkoon magaalattii - daangaa Poolaandirraa km 70 (maayilii 43) fagaatu - ibsaa akka hin qabne ibsuun, sirni ittisa qilleensaa magaalattii jalqaba diroonii fi sana booda haleellaa misaa'ela Raashiyaa ofirraa ittisuu irratti baay'ee bobba'uu ibsaniiru. Sa'aatii 07:30 irraa eegalee kutaaleen magaalattii humna ibsaa malee kan hafan yoo ta'u, geejjibni ummataa ammallee hojjechuu kan hin jalqabne yoo ta'u, Sadooviyi Telegram irratti ''karaa irratti bahuun balaa qaba'' jechuun cimsee dubbateera. 📡MIIDIYAA @SAGALEE_SABAA📡 SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!
без подписи
без подписи
"Miidhaginni Ayyaana irreechaa irratti mul'ate Oromootti ulfina kan horu, saboota biroo kan gammachiisuufi hariiroo uummattoota keenyaa kan jabeessudha!" Abbaa Gadaa Goobaana Hoolaa Haala kabaja Irreecha Hora Harsadee Bara 2018 ilaalchisee Abbaan Gadaa Goobana Hoolaafi Hooggantuun Biiroo Aadaafi Tuurizimii Oromiyaa ibsa miidiyaaleef kennaniiru. Abbaan Gadaa Goobanaa Hoolaa qaamolee Irreechi baranaaa duudhaa isaa eegee karaa nagaan akka kabajamuuf ga'ee isaanii ba'an hunda galateeffataniiru. Miidhaginni Ayyaana irreechaa irratti mul'ate uummata Oromootti ulfina kan horu, saboota biroo kan gammachiisuufi hariiroo uummattoota biyya keenyaa jabeessuu bira darbee hawwattummaan Irreechaa daraan dabaluu ibsaniiru. Uummanni Oromoo baatii Fulbaanaa keessa jila guddaa waan qabuuf kallattii hundaan Irreecha kabajuuf dhufuu kaasuun, Irreecha baranaa kabajuuf Keeniyaa, Jubuutiifi Ugaandaa irraa argamuu himaniiru. 📡MIIDIYAA @SAGALEE_SABAA📡 SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!
без подписи
без подписи
Jilli Guddaan Oromoo milkiin xumurame - Abbaa Gadaa Tuulamaa Goobana Hoolaa Abbaan Gadaa Goobana Hoolaafi Hoggantuun Biiroo Aadaafi Tuurizimii Oromiyaa kabaja Ayyaana Irreechaa Hora Harsadee har'a kabajame ilaalchisee Miidiyaaleef ibsa kennan. Irreechi bara kanaa akkaataa duudhaalee Irreechaa eegeen milkiin xumuramuu Abbaan Gadaa Tuulamaa Goobana Hoolaan ibsan. Jilli guddaan Oromoo har'a Hora Harsadeetti gaggeeffamee milkiin xumurame jedhan Abbaan Gadaa Tuulamaa Goobana Hoolaan. Sabaafi sablammoota biyyattii hirmaachisuun haala miidhagaafi hawwataa ta'een kabajamuu eeran. Irreechi Aadaa waanta'eef uummanni Oromoo amantaan, siyaasaafi kutaan osoo wal hin qoodiin tokkummaan kabajan jechuun ibsan. 📡MIIDIYAA @SAGALEE_SABAA📡 SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!
ODUU: balaa tiraafikaa Magaalaa Finfinnee kutaa Magaala Araadaatti muudateen lubbuun nama tokkoo darbuu Koomishiniin Poolisii magaalaa Finfinnee beeksise. Balaan kun guyyaa har'aa barii naannoo sa'aatii 12:10 irratti kutaa magaala Araadaa, aanaa 6, iddoo adda Afincaa Bari jedhamutti akka mudate poolisiin magaalichaa beeksiseera. Balaan kun konkolataa geejjibaa ummataa irraa kan gahe ta’uus himan. ka’umsii konkolataa kanaa Shiroo Meedaa irraa gara Afincaa Barittii imalaa osoo jiruu iddoo pirojektii misooma qarqara lageen kan meetira 30 fagaatee naannawa Afincaa barriitti ijaaramaa jirutti balaan kun muudachuun isaas himame. Balaa tiraafikaa kanaan Dubartiin ganna 22 batalumatti lubbuun yoo dabartu, miidhamtoonni lubbuun hafan immoo hospitaala Abeeti fi Yakkaatiti 12tti yaala fayyaa argachaa jiraachuun ibsameera. Koomishiniin Poolisii Magaala Finfinnee itti dabaluun sababni balaa kanaa qoratamaa jiraachuu fi odeeffannoon bal’aan booda ni kennama jedheera.
Barattoota Qormaata Biyyoolessaa Kutaa 12ffaa Bara 2017 Fudhatan Hundaaf ------------------- Liinkiin Qabxiin Ittiin Ilaalamu Beekame. BBO- 05/01/2018 Barattoonni har’a waaree boodaa eegalanii marsariitiifi Teeleegiraama armaan gaditti eeramaniin bu’aa qabxii isaanii ilaallachuu kan danda’an ta’uu Tajaajilli Barnootaa fi maddaallii Qormaatilee Haaluma kanaan; - Website :- https://result.eaes.et - Teeleegiraamii፡- https://t.me/EAESbot - Ergaa gabaabaa (SMS)፡ - 6284 Fayyadamuun Qabxii keessan ilaallachuu ni dandeessu: 📡MIIDIYAA @SAGALEE_SABAA📡 SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!
#Quba_Qabaadhaa ✅Daandiiwwan halkan Bariidhaan sa'aatii 10 irraa eegalee ni cufama. ✅Boru, Dilbata hojiif, daawwannaa maatii, ykn sababa biraatiin gara finfinnee deemuuf karoora yoo qabaattan, cufamuun daandii waan jiruuf karoora keessan sirreessaa. ✅Waajjirri Muummee Poolisii Finfinnee hiriira deggersa ijaarsa hidha haaromsa guddicha Itiyoophiyaa guyyaa boruu xumuramuuf gaggeeffamu irraa kan ka’e daandiiwwan akka cufaman beeksise. ✅Har'a Fulbaana 3, 2018 Halkan sa'aatii 10 irraa eegalee hanga hiriirri kun xumuramutti daandiin ni cufama. ✅Haaluma kanaan:- ✅Ladeta Court irraa hanga Meskel Square kan Mexico Square irratti argamutti ✅Atlas irraa gara St. Uriel daandii Peacock irratti ✅Bulgaariyaa irraa gara Meksikootti Twisted Floor irratti ✅Addabaabayii Qulqulluu Uri'eel irraa gara Addabaabayii Meskel (bakka walqunnamtii Hospitaala Shugguxii Baambis) ✅Addabaabayii Olompikii irraa gara Addabaabayii Meskel (bakka walqunnamtii Addabaabayii Olompiyaatti) . ✅Masaraa Biyyaalessaa irraa hanga Addabaabayii Meskel (bakka walqunnamtii Masaraa Biyyaalessaa). ✅Meetirooloojii irraa kaasee hanga Tiyaatira Biyyaalessaa daandii gommaa qusachuu irratti ✅Addabaabayii Tekle Haimanot irraa Godaansa Leenca Gurraacha irratti ✅Maxxansa Daldalaa irraa kaasee hanga Maxxansa Daldalaa Bishaan Ho'aa walqunnamtii irratti ✅Churchill irraa kaasee hanga Black Lion Street kan Tewoodros Square irratti argamutti ✅Kiiloo Afur irraa hanga Daandii Paarlamaa Addabaabayii Meskel ✅Daandii Harambee irraa hanga Daandii San Yooseef Daandii Harambeetti ✅Tiyaatira Biyyaalessaa irraa kaasee hanga Leghar Light ✅Sanga Tera 40/60 irraa gara Leghar Senga Tera 40/60 turn ✅Addabaabayii Meksikoo irraa gara Addabaabayii Sanga Tera Light Meksikootti. ✅Warshaa Areke irraa hanga Walqunnamtii Warshaa Areke Square ✅Ladeta irraa hanga Walqunnamtii Hospitaala Meksikoo Square Balcha ✅Imbaasii Vaatikaan irraa gara Addabaabayii Sar Bet Addabaabayii Sar Bet ✅Qulqulluu Yooseef irraa hanga Walqunnamtii Sinimaa Agonaa Addabaabayii Meskel ✅Qulqulluu Kirkos Taabot Maderia irraa gara Leghar St. Kirkos Tabot Maderia light Daandiiwwan ni cufamu. ✅Daandiiwwan caqafaman irratti konkolaataa dhaabuu fi sochoosuun cimsee dhorkaa ta’uu poolisiin yaadachiiseera. #ITOOPHIYAA🇪🇹 #GERD💪 📡MIIDIYAA @SAGALEE_SABAA📡 SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!