tgindex
Saladin Hamza

Chaanaalii kana irratti walaloowwan mimmiidhagoo adda addaa afaan oromootiin isiniif dhiheessina akkasumas ergaalee adda addaa , seenaafi beekumsa irraa ni argattu itti dabalamuun mirga keessani isiniif dhiheeysuun dirqama keenya

Последний пост
14 авг.
Последнее чтение
15 авг.
Постов за неделю
6
Всего постов
28
Тип
открытый
Язык
om
В каталоге с
13 авг.
Подписчики
221
0 за 1 дн.
Сутки
0
0,00%
Неделя
 
Месяц
 
Просмотров на пост
47
28 постов
Вовлечённость
21,3%
к подписчикам
Постов в день
0,9
всего 28
Упоминаний
0
каналов
Охват размещения
оценка
1/24сутки в ленте
22
1/48двое суток
25
1/72трое суток
27

Оценка по просмотрам недавних постов: пост набирает почти всё за первые сутки.

Посты

  • Yeroo Gaafa namni garaa walitti jabaate,gaafa namni haqa sodaate,gaafa namni dhugaa baqate,gaafa dhugaan nama quuqxe gaafa murtiin dabe,gaafa safuun cabe,gaafa barnootni gatii dhabe,gaafa hayyuun bakka dhabe,gaafa jaarsi biyyaa ulfina dhabe,gaafa sheekni dhagahamuu dadhabe,gaafa haati tuffatamte,gaafa namoomni uggame,gaafa hojjachuun gatii dhabe,gaafa dhala nyaachuun dilii tahuu dhabee haraamni baratame,gaafa ilmoon abbaa dhagahuu dadhabe,gaafa maatiin sona dhabe,gaafa roobu caamuu dide,gaafa caaamu roobuu dide,gaafa aadaan bade,gaafa ollaan adaba dhabe,gaafa duuti namaa gatii dhabe,gaafa kursiin haasawe,gaafa qarshiin dubbatte,gaafa qalbiin lama taate,gaafa sammuun qaanii fixatte, gaafa ana maleen heddummaatte,gaafa qe'ee kee keessatti uggamte,gaafa dubartiin qaanfii fixatte, gaafa shamrri daandii gubbaa dhaabbachuu jalqabde,gaafa dhiirti dubartiitti fakkeeffatte, gaafa dhiirti dhiirummaa gattee jette jettee ganda keessaan deemuu barte,yeroon suni keetii mitii, kolfa dhiisii seequun afaan kee qabadhuu irraa siqii jiraadhu. Eeeeee. Hin ciiftii dirratu mul'ata jedha Oromoon!waan yeroo ammaa bade kana deebisuuf,jaarraa heddu akka barbaachisu shakkii hinqabuu beeki,qoreefi gufuu amma karaa cufe kana keessatti namooma guuttee ceete taanaan,ati Aqlii qabdaa xiinxalli. ila Gaafa tiisisni buna keessa bu'e,bunuma san gadi naqanii beeki,gaafa tiisisni dhadhaa keessa bu'u immoo,tiisisa fal'aanaan keessaa fuudhanii gatu malee dhadhaa sana gadi hin nawanii laali,atis humna bunaa osoo hin taane,humna dhadhaa horadhuu,yeroo kana jala bahi. Obbolaa Cal'eensa ilma dhiiraa keessa,bu'aa bahii heddutu jiraa beeki,ijji imimmaanirraa qooruun,imimmaan gu'uu osoo hin taane,kan gaafa rakkoo isaa tana bare madaa isaa amma arge kana keessa waraanu waan itti baayyateefi argi. Jaaloo Tolaafi lolallee baradhu,dhiifams namaa godhuifi dhiifama gaafachuus baradhu,Kan sii galuu qabu immoo,dhiifamni kan godhamu,yoo dogongorri jiraate malee,yoo amantiin ati namarraa qabdu dhiqamte mitii beekiyeroo sagal dhiifama godhuu dhiisii,cubbamtoota irraa achi siqii imali. Haloo Dukkana halkanii hin sodaatin,dukkana halkanii baritu irraa saaqee biyya guutuu ibsaa beeki,kan sodaatuu qabdu,dukkana qalbii nama sitti maxxaneetii beeki,dukkana qalbii Rabbitti deebi'uu qofatu ibsaa,nama uf dhagahu kan Rabbiin hin sodaanne irraa uf eegaa deemi.

  • Rakkoo jechuun maal jechuudha?jalqaba dubbii osoo rakkoo hin himanne dura,bifa rakkoo keetii adda baafachuun barbaachisaadha,rakkoon bifa hedduu qabdi,rakkoo gurraattii,rakkoo daalattiifi rakkoo adiitu jiraa hubadhu. ila ​Rakkoo jechuun,danqaa,hudhaa,sakaallaa,haala galma kee bira akka hingeenne si ittisu,qabatama amma irra jirtuufi qabatama silaa irra jiraachuu qabdu jidduu hidhaa jiru,daangaa fedhiifi galma kee jidduu jiru jechuudha. Jaaloo Ulaagaalee rakkoon si rakkisuuf guuttachuu qaban bira osoi hin gahin uf rakkisuu maltaa,osoo hin rakkatin rakkoon si sodaachisuun waan rakkatte sitti fakkeessitee rakkachuu keettu malaa bifa rakkoo keetii sirritti qoradhu. Obbolaa Ni baradha jettee yoo ciisichaaf dursa kennite, qabeenya horadha jettee yoo filannoo hujiititti yeroo kee qisaaste,maatii horadha jettee yoo guyyaa hundaa filannomaaf olii gadi ceetee dhufaafi darbaa laalaa oolte,situ rakkoo rakkise malee,rakkoon si rakkistee harkaa si qabdu takka hinjirtuu,rakkoo daalattiidhaa ol ka'ii jalaa achi deemii. Yooooo Rakkoon akaakuufi ulaagaan isii hedduudhaa beeki,kan jalaa gortu,tan fuula dura dhaabbattuufi tan waliigalteenii jiraattu hedduudhaa hubadhu. Eeeeee. 1. Haala amma irra jirtu. Fedhiifi hawwii kee. Gufuulee si dura jiran adda basuun dirqama, Lammaffas, ​ ​2. Rakkoolee beekkamoo. Hujii dadhabuufi tooftaa wallaaluu Dandeettii ​hariiroo hawaasummaa uumuu dadhabuufi waljiddutti waliigaltee dhabuu. Mataa ufiitiin walitti araaramuu dadhabuu,miira ufii toohachuu dadhabuu,uf argachuudhaaf lola ufii ufitti banuuufi murtii irra gahuu dadhabuu irraa kan ka'e dhiphina keessa galuun dhiibbaa alaa dhufu irra kan keessaa toohachuu dadhabuun rakkoo gurraattiidhaa beeki. Haloo "​Obstacle,​Setback,​Dilemma,​Bottleneck"warri jedhaman rakkoo adiidhaa,furmaatni isaanii qorannoo ifa galaa tahe qabas qoradhu.

  • Carii mudaa'n qabne Kan hin jijjiiramne Yeroon geeddaramee Haalli'n micciiramne Gaaddisa jireenyaa Hundee hiddi jabaa Waalikkii namoomaa Naan jibbu waan dabaa Garraamii qulqulluu Akka waraqaa adii Gorsaa akka abbaa Nama seeru badii Dagalee jireenyaa Bu'uura bu'aa sugaa Koodee garaa taliilaa Hiriyaa kiyya dhugaa Waahila koo guddaa Michuu anaaf koodee Obboleessakoo qaalii Rabbi filee naaf qoode Abbaa Walaloo guddaa Koodeekoo ilma aayyaa Yaadamteera michuukoo Yaa waloo Riyaad Raayyaa.

  • Handhuura madaallii Siyaasaaf diinagdee Dachee seenaa siitiin Afrikaan miidhagde Hawwattuu ormi dhufee Daawwatu qarrasanii Qe'ee warra tuulamaa Balballi karra shanii Hundee hiddisii jabaa Namni ciree hin finne Handhuura oromootaa Yaa magaalaa finfinnee Impaayerri moototaa Si nyaataa ture durii Harra abbaaf deebitee Ofirraa dhiqxe xurii. Dhiiga qeerrof qarreetin Nu harka galte irbuu Abadan diinni ganaa Deebi'ee sirraa'n sirbu

  • Mootota kaabaan shirri Nurratti dalagaa’ee Tarsiimoo soddaaf kirriin Dhiigni nutti alagaa’ee Kayyoon Sahle-sillaasee Min*likiin dhugoomee Qe’ee irraa buqqaanee Miilli deemuu nu-soome.. Handhuuraa Abbaan keenya Woreegaan nu dhaalchise Abbaan buddeenaa saamee Dikee harreen faalchise.. Jaarraa tokkoofi qixxee Dallaa irraa nu uggure Lafeen gootota kumaa Caccabsee nuuf hunkuree Dhiigni qeerroo fi qarrees Akka galaanaa yaa’ee Burkutuu ishee haree Daangaa dabarsee kaa’ee Haqni dhokatte baatee Kan nu gante ganamtee Karri shanan Shaggituu Abbaa biyyaaf banamtee Biqiltuun gootni dhaabe Firii buusee bargatee Oromoon handhuurasaa Aarsaa qaaliin argatee Qomoon kiyya Tuulamaa Qe’eesaa deebifatee Meedhachi mirgaan galee Horasaa eebbifatee... Karra qirxii fi Alloo Karra Ereriif Qoree ~ banatee karra Qaalluu Waamee Oromiyaa balloo Obbolaasaa gammachuun ~ simachuusaa yoo laalluu.. Daandii dheeraan hafullee Galmaan gahachuuuf irbuu Akka qoosaatti'n laalu Finfinnee keessaa sirbuu Dhiiga dhiigakoo hedduut' Akka lagaa lola’e Sanyii sanyiikoo hedduut' Harka alagaan kola’e... Salphaatti as hin geenye Nu cinniinaati bofti Kun tokko, kaanis borii... Gammachuudha kun qofti! Irreeffattoonni martuu Irreecha baranaa baga geessanii ofkaltan qomoowwankoo!🥰 @Riyaad_Raayyaa tiin. @Dhangaa_Walaloo join godhaa!

  • Handhuurri Oromootaa Araddaan ilmaan Daaccii Dur ormatu itti baacaa Har’a isheenuu itti baacci. Qe’een torban Oboofi Warra jahan Galaanii Nuuf miidhaguutti jirti Irra-keessaaf jalaani. Barootaaf irraa dhabnee Boraafannus hiyyummaa Gaaffii keessa hin galu Silaa Abbaan biyyummaa.. Gullallee, Eekkaa, Gumbichuu Warri Galaaniif Jiddaa Qe’eetti galee sichuu Shimalaan bofa hiddaa. Silmii mucha doomsitu Abuun kutee gad-ha’aa Sichi alagaa'n goobsitu Warri-jaarsoof' Ada’aa. Dureecha gumbiin guutuu Maaddii buddeenni yabbuu Meedhacha; Abbaa malkaati Gullalleen Mana Abbuu. Ulfoo arrabni gurraachaa Eebba Waaqaan gahani Hayyoota Abbaa Seeraati Warri Galaan Jahanii... Dirree Dalloo, Dabbasoo Boolee; hora soogiddaa Siif margine ammasoo Situ caaroo koo hiddaa. Teessoo gamtaa Afrikaa Finfinnee yaa Shaggituu Ijjikee haadhoo male Lammata orma'n argitu. Eeyyee..... “Ilmoon Abbaan miidhagdi Qulqulleeffattee xurii Abbaa buddeenaa'n feenu Nu gaha hangi durii” Jennee erga warraaqsaan Qe’ee keenya dhuunfannee Kunoo foolii guddinaa Ilmaan keenyaan fuunfanne. Jijjiiramni akkana Guddachuunis akkasii, Finfinnee ishee durii - jarritti haqatte xurii, Wollaalleeyyu bakkasii. Shaggituun kana booda Kan ittiin gootu morkii Johannesburgiin miti, Abu-Dhabi'f Niiw-yorki! ✍️.... @Riyaad_Raayyaa tiin @Dhangaa_Walaloo join taasisaa!🥰

  • Magaalaan Finfinnee (Addis Ababaa) handhuura madaallii siyaasaa, dinagdee fi aadaa Itoophiyaa fi guutuu Afrikaati. Seenaan magaalattii rogoota lamaan kan ilaalamu yoo ta'u, inni tokko seenaa qe'ee abbaa qabiyyummaa Oromoo Tuulamaa yoo ta'u, inni biraan ammoo hundeeffama magaalaa guddittii impaayera Itoophiyaa kora moototaatiin ta'e dha. Maqaan "Finfinnee" jedhu jecha Oromoo "burqaa bishaan ho'aa lafa keessaa ol finuunu" (Hora Filwuha) jedhurraa dhufe.Haala Juraatoota Durii fi Sirna GadaaMootummaan naannoo kanaa durii sirna ragaa kora qabeessaan ka'u malee, Oromoonni Tuulamaa (keessattuu gosa Gullallee, Eekkaa, Galaan fi Abbichu) naannoo Shaggar kana keessa qabeenya loonii fi qonnaan walbaa bulchaa turan. Lafa kanaanis bulchiinsa aadaa karrran shaniin qoodanii bulchaa turan:Caffee Tuulamaa: Tufaa Munaatiin hogganamaa ture.Yakkaa: Abeebee Tufaatiin bulchamaa ture.Birbirsaafi Gullallee: Qajeelaa Dooyyoofi gootota biroon hoogganamaa ture.Karra Shanan: Karra Qirxi, Karra Qoree, Karra Alloo, Karra Qaalluu, fi Karra Gafarsaa jedhamuun beekamu.Hundeeffama Magaalattii fi Bara Minilik IIDhuma jaarraa 19ffaa keessa, keessattuu bara 1886ttii, Mootichi Minilik II fi Haati Warraa isaanii Minitiwab (Xayituu Birihaanii) teessoo isaanii tulluu Inxooxxorraa gara jalaatti gadi buusan. Xayituun bishaan ho'aa naannoo sanaa dinqisifachuun magaalattii "Addis Ababa" (Abaabo Haaraya) jettee moggaaste. Sana booda, masaraan mootummaa ijaaramee magaalittiin guddachuu jalqabde. Adeemsa kanaan, Oromoonni naannoo sanaa qe'ee fi lafa isaaniirraa buqqifamuun seenaa gaddisiisaa ta'e uumee jira.Finfinnee Har'aa (Giddugala Dippiloomaasii)Bara kaasee hanga har'aatti Finfinneen caasaa mootummoota addaddaa keessa dabarruun guddachaa dhufteetti. Har'a:Teessoo Gamtaa Afrikaa (AU) fi Giddugala Dippiloomaasii addunyaati.Magaalaa guddittii Itoophiyaa fi teessoo mootummaa naannoo Oromiyaati.Giddugala daldalaa, industrii, fi barnootaa isa guddaa naannichaa ti.

  • Hafuura obsaa baafnee Miira xiiqiin hargannee 🎨 Dhabnu garaa beelaatin Nyaachaa yero arganne✨ Jirma abdii fi obsaa 🌈 Hundeesaa jala rafnee 🤝 Jaalalaan rakkoo furuuf 🗝️ Wal qabannee hafnee! ❤️

  • 🌿 Ulee Ulaagaa maal bakka bu’a? Ulee Ulaagaa jechuun ulee aadaa keessatti nama fuudhaa fi heeruma raawwatuuf mallattoo waliigaltee, kabajaa, itti-gaafatamummaa fi walitti dhufeenya maatii ta’ee tajaajiluudha. Yeroo fuudhaa fi heerumaa: 🤝 Waliigaltee maatii Maatiin ilma dhiiraa fi maatiin intalaa dhimma fuudhaa-heerumaa irratti waliigaluu isaanii agarsiisa. 💍 Walitti hidhamiinsa lamaan Dargaggeessa fi intala qofa osoo hin taane, maatii fi dhaloota lama walitti fiduu bakka bu’a. 🪵 Ulee akka mallattoo itti-gaafatamummaa Namni fuudhu ykn heerumu jireenya haaraa keessatti itti-gaafatamummaa fudhachuu isaa yaadachiisa. 👴 Kabaja jaarsolii Aadaa Oromoo keessatti jaarsoliin dhimma fuudhaa-heerumaa keessatti gahee guddaa qabu. Uleen kunis yeroo tokko tokko eebba, gorsa fi murtii jaarsolii waliin walqabata. 🙏 Eebba fi hawwii jireenya gaarii Ulee Ulaagaa yeroo sirna cidhaa keessatti ka’u, hawwiin isaa maatiin haaraan nagaa, jaalala, horii, ilmaan gaarii fi jireenya milkaa’aa akka qabaatuudha. 🕊️ Maaliif “Ulaagaa” jedhama? Jechi “ulaagaa” jedhu akka waliigalaatti seera, qajeelfama, haal-duree ykn wanta tokko raawwachuuf barbaachisu jechuu danda’a. Kanaaf, Ulee Ulaagaa jechuun mallattoo sirna fuudhaa-heerumaa keessatti ulaagaa fi itti-gaafatamummaa jireenya maatii haaraa yaadachiisu jechuu danda’a.

  • Akka aadaa Oromoo Harargee keessatti fuudhaa fi heeruma ilaallu, “Ulee Ulaagaa” jechuun ulee ykn mallattoo aadaa ulaagaa, waliigaltee fi kabaja fuudhaa-heerumaa agarsiisuudha. Garuu hiikni isaa naannoo fi gosa Oromoo gara garaatti xiqqoo garaagarummaa qabaachuu danda’a. Harargee keessatti “Ulee Ulaagaa” jechuun yeroo baay’ee: 🌿 Ulee – mallattoo walitti dhufeenyaa, kabajaa fi dhaabbata maatii. 🤝 Ulaagaa – seera, sirna ykn haala fuudhaa-heerumaa keessatti waliigalamee hordofamu. 💍 Ulee Ulaagaa – akka mallattoo fuudhaa fi heeruma sirna aadaa Oromoo keessatti raawwatamu, maatii lamaan walitti fiduufi waliigaltee isaanii mul’isuutti ilaalamuu danda’a. Kanaaf, gabaabumatti “Ulee Ulaagaa” jechuun mallattoo aadaa kan fuudhaa fi heeruma keessatti waliigaltee, kabaja, itti-gaafatamummaa fi walitti dhufeenya maatii lamaan bakka bu’u jechuu dandeenya.

  • Kuusnu ni faffacaati Toli jennuun ni baddi Yaaddoon nitti baay'attee Nyaannus hin baafnu maddii Gammanne osoo jennuu Dhufee nu dhaana gaddi. #Alhamdulillah

  • Gaariin hammina fakkii Akka muraa goommanaa Afaan dhugaa callisee Dubbii irraa soommana. Dharri baraan badhaadhee Humna dhugaa qalleessaa Habaqii bubbee keessaa Humna kamtu calleessa. Tokko ilka-guddeessa Kuunis ija-mukeessaa Jibbaa malee jaalalli Tasa baddee nukeessaa Firuma keetu oofee Hallayyaatti sigeessa. Sob-daneessa tinfu Dhraatu dhara dhala Inni har'a fulduraa Boru diinqatti gala. Lallabni sirrii baddee Taajjabnee haala baraa Gaafatee deebii malee Lakkisne gaafii garaa. ...✍️ Saalah Hamzaa

  • Gahee Amiiraa Islaamummaa keessatti Haqa fi amanamummaa eeguu ⚖️ Amiiraan murtii ykn hojii ishee keessatti haqaa, amanamummaa fi sodaa Rabbii qabaachuu qabdi. Qur’aanni amanamummaa abbootii isaa irraa kennuu fi yeroo murtii haqaan murteessuu ajaja. (Qur’aana 4:58) Namoota tajaajiluu fi isaanif gaafatamummaa qabaachuu 🤝 Hooggansi Islaamaa faayidaa ofii qofaaf osoo hin taane, namoota itti gaafatamummaa jala jiran tajaajiluuf dha. Tokkummaa fi nageenya cimsuu 🕊️ Walitti bu’iinsa hir’isuun, namoota walitti fiduun, obbolummaa fi tokkummaa hawaasaa cimsuun gahee guddaa qaba. Hojii gaarii ajajuu, hamaa irraa dhoowwuu 📖 Amiiraan waan gaarii jajjabeessuu fi waan hamaa irraa ofii fi warra ishee jala jiran akeekkachiisuu qabdi. Amanamummaa fi itti-gaafatamummaa 🛡️ Nabi Muhammad ﷺ akkana jedhan: “Hundi keessan tiksee dha; hundi keessanis waan tiksee isaa irratti gaafatama.” Kana jechuun namni itti-gaafatamummaa qabu, waan itti kennameef fuuldura Rabbii irratti gaafatama. Akka dubartii Muslimaa fakkeenya gaarii ta’uu 🌹 Beekumsa, obsa, safuu, haqaa fi amala gaariin nama biraaf fakkeenya ta’uu qabdi. Kanaaf, Amiiraan Islaamummaa keessatti “nama aangoo qabu” qofa osoo hin taane, nama aangoo isaa akka amanamummaa fi tajaajilaatti fayyadamu jechuu dha. 👑🤍

  • Nama hujii irratti gahumsa hinqabne wanti beektuun mallattoolee jaha kan adda tahetu jiraa beeki. Eeee Charactor assassination- maqa balleessiifi hamii gulufsiisa,akkas tahe akkana tahe,jette jettee baay'isa,inni abaluun walii hun galu,inni amalli sirrii miti,inni didaadha, inni hingalleef,inni gogaadha,inni abaluun wal jibbe,abalu kufe,abalu du'e,abalutu cubbise jedhaa oola malee hujii ufii dirqama isarratti tahe quba hinqabu. Sabotage-sakaaluu,hujii maaxaruu,nama sakaaluu,nama kuffisuu,nama xinneessuufi gatii dhabsiisuun hujii isaati,karaa isaatiin tahu malee hujii milkii qabu kamuu hojjatte taanaan lafarraa sidhabamsiisa. Downplaying achievments-milkaahina namaa xinneessuu,barnootaafi beekkumsa namaa gatii dhabsiisuu,qabeenya namaa tuffachuu,nama hunda ufii gaditti laaluu,namni hundi akka waa hun beekne himuu,boonaafi uf dhaadhessaa ooluu,koora heddumeessuu,galata namaa dhabamsiisuun hujii isaati. Taking cradit-credot theft"yoo milkii nama biraa argan ufiif fudhachuu,anatu ajaje,anatu itti hime,anatu eere,anatu karaa agarsiise,anatu barsiise,anatu hojjachiise,anatu gatii itti godhe,anatu humna taheef,anatu nama irraa dhoorge,anatu namaan wal barsiise,anatu beekkumsa qoodeef jechuufi waan ufii hin hojjatin hinda irratti galata barbaaduu. Yaaa Gaslighting & Reality Distortion,Triangulation & Division"isa shannafaafi jahaffaan maal akka tahe isin itti guutaa,nuu ibsaa.

  • Haadha laalii intala fuudhi Haasawa keessatti "haadha laalii intala fuudhi" je'aniiti makmaakan. Makmaaksa qofa osoo hin taane dhaamsa gurbaa fuudhaaf deemuuti. Haadha laalii intala fuudhiin dhaamsq jabaa of keessaa qaba. Waan tokko sirreessuudhaaf maanuwaala isaa laaltee akkuma sirreessitu,waan tokko dalaguudhaaf wanti ati hojjechuuf deemtu maalitti akka inni bahe ykn maalitti akka inni dhihaatu ofirraa laali jechuudha kenna makmaaksi haadha laalii intala fuudhi je'u. Akkasumaas namni fuudhaaf deemu intala caalaa haadha isii akka ofirraa laaluu qabu ibsa. Namni gaafa bultii ijaaruuf deemu intala fuudhuuf deemu oso hin taane warra isiin keessaa dhalatte akka ofirraa laaluu qabu warri heeraa murteeyse. Nama bultiif deemu kan intala irraa laalu haadhaa fi abbaadha. Gurbaan intala laallachuu heerri ni dhoorke. Maalif jennaan "namni dheebuun itti jirtu miiccaa qarbataa hin eeggatu" jetti manguddoon. Namni gaafa akkaan dheebuu bishaanii qabu miiccaa qarbataa ykn weelkaa bishaanii takkaahuu meeshaa bishaan itti naqamu dhiqiinsa isaa eeggachuuf obsa hin qabu. Dheebuu waan qabuuf bishaan dhuguudha yaada malee waan bishaan itti naqamu san xuraawaa keessa isaa jiru qulqulleeysuuf dheebuuf jecha hin eeggatu. Akkasuma gurbaan fuudhaaf deemu tokko intala laallachuu akka hin qabne warri heeraa murteeyse. Gurbaan fuudhaaf deemu tokko onneen isaa dheebuu jaalalaatiin waan hubamteef bareedina intalaa ykn haala tokko tokko qofa ilaalalata malee afkaa jabeenya warra akkasumaas dhugaa intalti qabdu hubachuu waan hin dandeenyeef haadhaa fi abbaan gurbaa akka gurbaa isaaniitiif intala laalan heerri murteeyse. Warri gurbaa lafee jabeenya ykn afkaa tolina warra intalaa laala. Afkaa jechuun namummaa warri tokko qabu gaarummaa ykn hammeenya tahee lafee isaan san qaban kan ibsu jechuudha. Akkuma hoggaa haasawan "abalu afkaa fi abaabuu isaatu bareeda/hammaata" je'an san jechi afkaa je'u lafee jabeenya warra tokkoo ibsa. Abaabuun maqaa latiinsa dhaloota warra tokkoo kan ibsu hoggaa tahu afkaan ammoo namummaa warraa ibsa jechuudha. Warri gurbaatiis afkaa warra intalaa san laala jechuudha. Osoo intalti bareedduun ollaa isaa jirtu intala fokkottuu halaalarraa fuusisa abbaan gurbaa isaa. Maalif yoo jettee gaafatte "bar an ilma kiyya bareedina afkaatiin laaleef malee bareedina fuulaa hin laallee" siin je'a. Garuu abbaan ilma isaa bareedina bifa intalaa hin laaluuf jechuu osoo hin taane tan akkaan bareedduu afkaan isii fokkootaarra fokkottuu afkaan gaariitu irra caala jechuudha ibsa. Dhiirti takka intala bareedduu warra afkaa bareedaarraa akka fuudhuu qabdu heerri murteeyse. Akkuma geeraraaan geerarsa keessatti ibse ; "Gammoojjiin hallo qabdii Halloof dhaddacha qabdii Baddaan birbirsa qabdii Boqqolloon shanyi qabdii Looseef miinjaari qabdii Dubartiin afka qabdii Afkaa bareedu qabdii Fuula laaltee hin fuudhinii Yaaboo dhiirti qisaasi qabdii" Jechuun akkuma ibse bareedina fuula intalaa laaltee fuudhuu akka hin qabne hayyootiin lafa keeyse. Egaa abbaan gurbaa haala kanaan gurbaa isaatiif warra intala irraa fuusisu laalaaf jechuudha. Haadhaa fi abbaa intalaa keessaa irra caalaa kan laalamu abbaa intalaa daran haadha intalaatu laalama. Akkuma makmaaksa armaan olitti ibsameen haadha laalii intala fuudhiiniis kana ibsa. Maalif jennaan "ilma namaa kan jijjiiru gadaameessaa haadhaati " jetti manguddoon. Akkasumaas "wanni ciisee rimaawaa gama haadhaatti baati" je'an warri heeraa. Fakkeenyaaf gaalli,ilmi namaa fi kkf kan ciisee rimaawaa irra hedduun isaa haadha fakkaata. Kanaafuu intalti abbaa isii daran amala haadha isiitu isii fudhata. Waan kana taheef intala fuudhuuf deemtu takka waan isii wajji jiraattee amala isii hin beeyneef waan isiin fakkaattu baruudhaaf amaluma haadha isii laalta jechuudha. Maddi Dubbii tanaa damiina 12 Alaa kan duraanii Yuusufee Muummad Roobaati. Fuulli Rabbii itti haa toluu.

  • #Agaagulii Agaagulii lafaatti dabaaqulli biqile, Cinnaan nii gangalata Buleen boorit hafaatti, booriis yoo na ciqile, Iftaan maaltu dhalata? Simaan simagan mata-abbaan haa baʼuu, Qaanii natti ilaaltaa? Silaa sidha kanii marabbaa naaf taʼu, Maaliif natti inaafta? Waan ani dubbadheef atimmoo huba harta, Maali yoon dubbadhe? Sababiin guddadheef atimmoo quucartaa, Maali yoon guddadhe? Alaattiin mukeenii abbabbaan bineensa, Kan dhiigni cubbisu. Naaf laataan buddeenii Rabbi Abbaan iyyeessaa, Yatiima guddisu. Ilaakaa si guba gugguba madaarraa, Obsanii callisu. Inaaffaan dhukkuba, dhukkuba kanarraa, Gooftaan si ha fayyisu.

  • Yoo qabaatan mucaa tahu,hundatu nama jaalata, yoo dhaban budaa tahu,hundatu nama tuffata jedhama. Eeee. Akkuma dhakaan daakkii hin barre,namni qalbiin xuriidhaa jaalala fudhachuu malee kennuu hin barree irraa uf qusadhu. Jaaloo Fuula bareedaa kuma tokko irra,qalbii bareedduu takka wayyaa qalbii bareedduu laalii kunuufadhu. Obbolaa Qalbiin bareedduun ni jaalatti,ni gargaarti,toltuu hundaa hojjatti,hamiifi komii hin qabdu,lolaafi haaloof bakka hin qabdu,gaafa ganuu argite garuu takka bakka sanii sochoonaan,deemnaan deebii hin qabdu,fuula bareedaa irra qalbii bareedduu ufirraa tiksi. Yooo Kan qalbii tee irra,harka kee laaluu bare,kan qalbiin isaa xuriidhaa heddutu jiraa beeki,kan qalbii tee caaalaa fuula kee dhaadhessu,isa guyyaa keessa si ganuu hedu xiinxallii taajjabi,kan gogaa jijjiirataa deemu gaararraan hedduudhaa uf tiksi. Haloooo Nama osoo hin hoo'in danfe hedduu qabnaa beeki, kan tasa qarshii argateefi,kan tasa aangoon harka buute ufirraa eegi,waan kaleessa isaa itti himtu sehee si dabarsaa eeggadhu,kan osoo nama hin beekne hedduu namarraa haasawu baayyetu jiraa argi,kaleessa si hamatee,har'a dhiifama jechuu qaanfatee kan daran si jibbutu jiraa laalii irraa siqi,nama guutuu uf sehu kan hir'ina sammuu qabu hedduu qabnaa beeki. Yes Kan qarshii hin qabne,kan ilmii hin qabne,kan hujii hin qabne,kan qalbii gaarii hin qabne,kan sammuu waan gaarii ittiin yaadu hin qabne,kan hawaasa isaatiin wal quba hin qabne,kan garaa malee nama hin beekne,kan soba malee saba hin beekne,isa osoo rakkoon si mudatee dibbee tumu,hiikkoo rakkoo osoo hin taane,kan ufiiyyuu rakkoo sitti dabalu,isa kaleessarraa jaame hedduu qabnaa taajjabi.

  • Lubbuu fira dhabde Jaalalaan hirkiftee Qalbii namaan cabde Du'arraa ittiftee Miidhamaa siin fayye Miiltoo bara qaataa Fayyiftee ajjeesuuf Maalif yaalte laata?

  • Waa hundaa qabna,waa tokkollee hin qabnu. ila Biyya bareedduu,dachee magsriisa,nama hedduu, hawaasa baldhaa,qabeenya hawwataa,laggeefi gaarreen,beeyiladaafi shinbirroo,nama bareedaafi biqiltuu bareedduu,jaarsolii gurguddoo ija namaa guutan,haawwota qaqandhafoo,dargaggeettiifi dargeessa burraaqaa,dachee diriirtuufi albuudaan Rabbi nu badhaasee,osoo ijaan arginu gurraan dhagahuu qofa muudanne. Eeeeee. Al-tokko tokko uf barbaadnee ufumaa uf argannu malee,erga ufiin wal harkaa banne bubbulleera nartti fakkaata,jalqaba araarama namaa dura,ufiin walitti araaramutu dursa,sana booda araarama Rabbi wajji godhantu bsrbaachisa natti fakkaata, namni uf dagatee bulee ooluun kan jalqabame,uf dhabuu irraa madda waan taheedhaafi. Yooo Namni waan dubbatu jiraatu waan dhabameef dhiibbaan jiraachuu dhabuu nu qabatee,qabaataa dhabaa taane. Silaa isa dhugaa dubbatu maxxanfatanii,isa haqa dalagu guddifatanii,isa obsu,isa gorsu,isa hammenya arge dhoksee fooyyessu barbaadanii ufiifi hawaasa ufii hirmaachifatanii jannata duniyaa irrahis xinnoo isii dhandhamaa,isa guddichaaf hojjatan malee,wal sakaalaa,wal qancarsaa,wal shakkaa,wal irratti shira xaxaa namaafi biyyi guddattu takkalllee hin jiraattu. Ohohooo Beekkamtii beekkumsi haa dursu,jaalala kabajaan haa dursu,soba dhugaan haa dursu,qalbii Aqliin haa dursu,garaa sammuun haa dursu,bu'aa dhugaan haa dursu,bilchini umrii haa dursu,lola tolli haa dursu,akkuma namni gariin jahannamii argaa jirru keessatti jannata tolfatee jiraataa jiru sana,nutis hammeenya keessattis tola yaadaa haa deemnu.

  • Jaalala mararu Dhoksuuf baalaan martee Yaadaan nama qoruu Akkamitti barte? 😎 Obsi waadaaf hallee Waan hundaaf furtuudha Gaafan an ijoollee Ani gaagurtuudha! Yeroon ciniinamu Gaafan damma nyaadhu Dadhabee naaf gamus Kanniisa hin sodaadhu! Onneenkee qulqulluun Hoggayyuu na yaada Jaalalaaf yaadnikee Fageenyaa na waada! Bareedduu qaxalee Hortee gamnaaf hayyuu Si argadhu malee Garaankoo nan fayyu! Rooba dimimmisa Halkaniif barraaqa Onneen na dhiphisa Si arguuf warraaqa!🌹