tgindex
Wangeelicha Ulfinaa

Wangeelicha Ulfinaa

Статистика

Chaanaaliin kun roga barsiisa amantii kiristiyaanaa warra wangeelaan barruulee gaggabaaboo ni dhiyeessa.

Последний пост
6 авг.
Последнее чтение
13 авг.
Постов за неделю
0
Всего постов
20
Тип
открытый
Язык
om
В каталоге с
13 авг.
Подписчики
653
+1 за 1 дн.
Сутки
0
0,00%
Неделя
 
Месяц
 
Просмотров на пост
973
20 постов
Вовлечённость
149,0%
к подписчикам
Постов в день
0,0
всего 20
Упоминаний
1
каналов
Охват размещения
оценка
1/24сутки в ленте
243
1/48двое суток
278
1/72трое суток
300

Оценка по просмотрам недавних постов: пост набирает почти всё за первые сутки.

Посты

  • 6 авг.218171

    EEYYEE-LAKKII (PARADOX) LAPHEE AMANAA Daandiin kiristiyaanummaa wallaansoo cubbuu fi jibba fooniitiin kan guuteedha. Kan nama dinqu garuu wanta kana sadarkaa odeeffanootti malee sadarkaa jireenyaatti waan hagas mara itti yaadnuudha hin se'u. Lapheen keenya isa nuyi taanee jirruun faallaa akka nuyi taanee jirru nutti hima... nu gowwomsa nu uruursa. Balleessiteetta dogoggorteetta nuun jechuu ni waakkata. Mee kadhannaa tokko ''Book of Prayer'' warra Puritans irraa hiikuuf yaaleera itti dhiyaadhaa. 👇👇 ''YAA WAAQA HIN JIJJIIRAMNEE, Amansiisa jabaa Hafuura Qulqulluu jala gad taa'ee kana barachuu kooti: Adaduman hojjedhu daran iyyuu ani dadhabaadha, adaduman beekus kanin beeku inumaa bicuudha, adaduman qulqullummaa gonfadhu anoo ittumaa cubbamaadha, adaduman jaalladhus kan jaallatamu danuutu na dura jira. Anoo nama gadadamaa dha! Yaa Gooftaa, Ani laphee hin tasgabboofnen qaba'oo kanattin si dura dhabbachuu hin danda'u; anoo fuula namaa duratti akka simbiraati. Karaa fi dhugaa kee jaallachuun koo, inni hammamuma xiqqaata! Akka ati lubbuu koo fayyiste waanin beekuuf, baay'ee kadhadheera jabeessees kadhadheera of se'een si kadhachuu dheessa'oo. Oftuultota jiran hundumaa keessaa, oftuulaa isa amanaa wangeelaa ta'ee, ayyaanni na golga jechuun eeggannoo malee cubbuu hojjetu, dhiigni Kiristoos si qulleesseera jedhee isa kajeellaa isaa uruurfatu, fayyeera'oo Gooftaan sichi qiliilee si'oolitti na darbachuu hin danda'u jedhee isa faccifatu; lallaba wangeelaa waldaa keessatti taasifamu, waldaa kiristiyaanaa fi kiristiyaanotas kan jaallatu garuu immoo qulqullummaatti kan hin jiraanne akka ani hin taaneef ati na eegi. Sammuun koo shenkelloo (baaldii) jalli isaa banameedha; hubannoo hafuuraa hin qabu, guyyaa Gooftaas kan dharra'u miti, yeroo hundumaa baradhu iyyuu dhugaa bira gahaa hin jiru, yeroo hundumaa burqituu wangeelaa bira jiraadhus sammuun koo bishaan kana hin qabatu ni dhimmisa. Qalbii (conscience) koo kanatti gaabbiin itti hin dhaga’amu, waan itti qalbii diddiirratus qaba hin se'u. Fedhiin koo murtee fi kutannoodhaaf kan abboomamu miti. Lapheen koo mararfannaa hin qabu, guutummaatti ni dhimmisa. Dandeettiin waa yaadachuu koos waan hin jirreef isan baradhe salphaattin dagadha, dhugaan na harkaa sigigaata. Maaloo laphee cabaa naaf kenni kanin bishaanicha ayyaanaa ittiin mana ga’adhu.'' Ameen! @WangeelichaUlfinaa

  • #Lallaba_Faarfannaa Barroo Chad Bird Afaan Ingiliziitiin barreesse irraa kan hiikame. ''Sagantaan waaqeffannaa kiristiyaanaa hedduun isaa lallabuma tokko qofa kan qabu miti. Lallaba sadii, afur, shan yookiin ja'a of keessatti hammata. Lallabni tokko kan dubbatamuudha; warreen hafan immoo kan faarfatamaniidha. Dubbii Waaqayyoo bu'uureffachuudhaan lallabni karaa soortuu (pastor) tiin lallabamu akka jiru hubatamaadha. Garuu immoo akkuma kana faaruu fi faarfannaan yaa'ii amantootaatiin faarfataman ni jiru. Egaa isaan kunneen hundinuu lallaba urgaa muuziqaa qabaniidha. Karaa kanaanis dubbii Waaqayyoo walitti lallabna. Kanaafidha iyyuu, faaruu (hymn) fi faarfannaa nuyi faarfannu murteessoo ta'an. Isaan qabiyyeewwan sagantaa barbaachisoo ta'an walitti quunnamsiisuuf kan itti gargaaramnu miti'oo. Ofirraa baasa filamuu kan qabanis miti. Karaa faarfannaatiin, dubbiin Waaqayyoo ni beeksifama, ni barsiifama, ni lallabamas. Inni kun dur jireenya Israa'elotaa keessatti eegalamee, Macaafa Faarfannaa keessattis itti fufuu danda'eera. Yeroo ammaan kana immoo Macaafa Seera Keessa Deebii 31 irratti dubbifachuu ni dandeenya. "Ammas faarfannaa kana caaffadhuutii akka isaan faarfataniif Israa'eloota barsiisi! Innis isaan irratti anaaf dhugaa in ba'a.” (Kes. 31:19). Faarfannaan Musee baacoo hin turre. Inni abboommii Waaqayyoo ture. Tiyooloojii muuziqaadhaan dabaalame ture. Isaan gidduutti Waaqayyoof dhugaa akka ba'uuf, Waaqayyo faarfannaa saba isaatiif kenne (Kes. 31:19-22). Yommuu faarfataniitti dubbii Waaqayyoo walitti lallabaa turan jechuudha. Shaakalli walfakkaataan waldaa kiristiyaanaa keessatti itti fufee jira. Ergamaan Phaawuloos amantoonni ''faarfannaa galataatiin, weedduu hafuuraatiinis'' akka wal barsiisanii fi wal akeekkachiisan jabeessee isaan gorsaa ture (Qol. 3:16). Haaluma walfakkaatuun warri Efesoon ''faarfannaa galataatiin, weedduu hafuuraatiinis'' wal harkaa akka fuudhan (Efe. 5:19) isaanitti dubbateera. Qalbifadhaa, gara Waaqayyoo qofatti miti kan nuyi faarfannu; walii walii keenyas wal harkaa fuuchaa faarfanna malee. Yommuu yaa'iin amantootaa sagalee tokkichaan walii wajjin faarfatanitti, kiristiyaanonni dhugaa dubbii Waaqayyootiin obboleessa isaanii ni barsiisu, ni jajjabeessu, ni utubu, ni qajeelchu jechuudha. Kanaafuu, yeroo itti aanu gara yaa'ii amantootaa (qaama Kiristoos) yommuu deemtu faarfachuun kee muuziqaatti gammadu irra kan darbe ta'uu isaa yaadadhu. Namoota naannoo kee jiranitti dubbii Waaqayyoo lallabaa jirta. Namni naannoo kee jiru faarfannaadhaan sitti lallabaa jira, atis immoo isatti lallabaa jirta. Dabalata immoo: Maaloo, jechoota faarfannaa walii walii keenyaa akka dhageenyutti sagalee meeshaa muuziqaa balleessaa yookiin gad qabaa.'' Qalbifannee haa faarfannu; ammoo wal harkaa fuudhuun (walii keenyatti) haa faarfannu. Faarfannaan lallaba muuziqaan faayameedha; lallabni immoo dhugaa dubbii Waaqayyoo keessaa nuuf dhufa. Kan dubbii Gooftaatiif orma ta'e kamuu muuziqaa da'oo godhatee nu hin firoomfatin. Hin gowwominaa faarfannaan lallaba yeedaloo qabuudha. © Biniam E. @WangeelichaUlfinaa

  • видео или голосовое, без подписи

  • Nagaan isiniif haa baay'atu. Loogoon chaanaala keenya jijjiiramee jira. Loogocha irra deebi'ee kan miidhagse obbolee Biqilaa Habtaamuu( @iam_bikila ) dha. Waaqayyo isa haa eebbisu. Immoo yoo Waaqayyo jedhe harka ulfaatnee dhufaa jirra. Hojii jabduu of harkaa qabna. Waaqayyo nu gargaarinna. @WangeelichaUlfinaa

  • Egaa yoos immoo sodaa falfaltuu fi tolchituu ''zayitii dibataa'' mataa siree dura ka'achuun xabalaa fi ixaana korojoo keessa ka'atanii deemuu irraa garaagarummaa maalii qaba? Waaqni ''bishaan dibataa'' malee hin dhageenyee fi waaqni lukkuu  gurraattii malee hin dhageenye garaagarummaa maalii qabu? Amantaa jijjiirrachuun duudhaa fi shaakala keenya hin jijjiiru yoo ta'e amantaa jijjiiruudhumti maal inni? Birmaduu ba'uun meerre?! Humni lukkuu gurraattiin hojjetuu fi humni ''bishaan dibataan'' hojjetu adda adda ta'u isaaniitiif amansiisi keenya maali? Maqaa Waaqayyoo akkasumaan dha'uu jechuun hoo maal jechuudha? Guyyaa isa dhumaatti ''... 'Matumaa ani isin hin beeku, isin yaa warra hamaa hojjettanii, ija koo duraa badaa!'...'' kan ittiin jedhamu eenyu fa'i isaan? ''Fayyinaa fi dinqiin'' jedhamu kun karaa namoota barumsa macaafa qulqulluu irratti yeroo dheeraa dabarsaniin raawwatamuu mannaa maaliif karaa namoota hubannaa macaafa qulqulluu gahaa hin qabneen raawwatamuu mala? ''Fayyinaa'' fi ''dinqiin'' namoota burjaajessu kun dubbii Waaqayyoo wajjin hidhata kan hin qabne ta'innaa? Mootiin danbii fi ittiin bulmaata isaa moggaatti gatee fedha ''hoggantoota bakka isa bu'an'' qofaatiin saba isaa geggeessu jiraaree? Waaqayyo mootii saba isaatiiti. Yoos immoo inni dhugaa dubbii isaa faallessee saba isaa geggeessuuf mootii dadhabaadhaaree? Dubbiin isaa akkas jedha: “Isin keessaa namni dhukkubsate jiraa? Inni JAARSOLII WALDAA KIRISTIYAANAA haa waamsifatu; isaan immoo maqaa gooftaatiin dibata dibanii kadhata haa godhaniif.” Yaq. 5:14 Barroon kun ''amantoonni'' maal na dhibdee fi sassata namootaatiin fayyaa fi qarshii isaanii akka hin dhabneef dhiibbaa bicuu uumuuf yaadameeti malee atakaaroo dhagaa bishaan obaasuu sanaaf kan yaadame miti. @WangeelichaUlfinaa

  • #Waaqayyo_mootii_dadhabaa_miti! Amantaan sababeessuu fi caasaa yaadaa ol yoo ta'u arguun waan raajii miti. Amantaawwan hedduun hadiida sababeessuu fi loojikii koruu hin danda'an. Yeroo baay'ee amantaan gowwaa fi wallaalaa utuu nama godhuu ni argita. Nama sanaaf garuu adeemsichi gocha gamnummaati; karaa isa caalu filachuu isaati. Waan feete jedhi, yoo waaqni samii irraa garaa isaa cabse malee humni NATO iyyuu wal deggaree yaada isaa dabsuu hin danda'u. Garuu amantaan maalumaaf gowwaa nama fakkeessuu mala: 1. Qaawwi amantaan tokko kallattii loojikiitiin qabu duudhaa fi dhugeeffannaadhaan haguugamee waan irra darbamuuf. 2. Raajii fi dinqiin qaama shaakala amantaa waan ta'aniif. Raajiin immoo akkamitti hin jedhamu; dinqiinis maaliif hin jedhamu. 3. Humni amantaa duuba jiru waan sodaatamuuf, waan safeeffatamuuf. Sababni gahaan sodaachisu tokkichi jiraannaan, sababoonni kumaatamni sodaa sana fashaleessuuf dhufan waa'ee hin baasan. 4. Adabaa fi dheekkamsa abboomamuu dhabuudhaan dhufu baachuu irra gowwuma amantaa keessa jiru fudhachuun waan salphatuuf. Kana malees sababoonni biroon jiraachuu ni malu; kun qajeeltoo walii galaati malee amantaa kiristiyaanummaatti gaafa dhufnu duudhaa fi barsiisni jiru kana irraa adda dha. Barsiisni kiristiyaanummaa hadiida loojikii kan baqatu miti. Bara Yesuus Kiristoos lafarra turetti, erga inni deemees bartoonni isaa dinqii hojjetaa turan. Kaayyoon dinqii sanaas Yesuusiin kabajuu fi tajaajila Yesuus dhugeessuu ture. Seenaa keessatti raajii fi dinqiin safartuu kiristiyaanummaa ta'ee hin beeku inumaa ari'atamaa fi jireenyi dhugaan calaqqee kiristiyaanotaa turan. Garuu jalqaba jaarraa 20ffaa irraa eegalee ''dinqii'' fi ''raajiin'' mata duree ijoo tajaajila ''kiristiyaanaa'' ta'uu eegale. Sosochiin ''dinqii'' fi ''raajii'' kun ilmaan namootaa irratti gaaga'ama hedduu geessiseera. Mooraa kiristiyaanummaa keessaa baanee akka namaaatti bal'isnee yoo yaadnu namoonni utuu dhibee isaanii irraa hin fayyin ''fayyiteetta'' jedhamanii du'aaf saaxilamuun waan boquu nama cabsuudha. Falmii biroon haa hafu dhimmi amantaas haa hafu, mee bifa namummaatiin eeruu koo kana guduunfadhaa: 1. Mana amantaa kamitti iyyuu ''fayyiteetta'' yommuu isiniin jedhan hanga mana yaalaatti mirkaneessitanitti qoricha fudhachuu hin dhaabinaa. Meeshaa yaalaa ogeessi fayyaa isiniif kennes hin gatinaa. Manni yaalaa isin itti mirkaneessitan magaalaa manni amantaan sun keessa jirutti ta'uu hin qabu; bakka biraa deemaa ilaalamaa. Eeyyeen bakka biraa. 2. Dhukkubsattanii ''Raajotaa'' fi ''ergamoota'' bira deemtanii kadhiifachuu keessan dura oduu fi agarsiisa TV irra kan darbe namni isin beektan yookiin namni naannoo keessan jiru mana amantaa sana deemee dhukkuba wal fakkaataa irraa fayyuu isaa akkasumas adeemsa ani armaan olitti eereen mirkaneessa mana yaalaa argachuu isaa hubadhaa. Oduu namootaa fi agarsiisa namootaan hin gowwominaa. Fayyaan keessan yoo isin jalaa deeme deebitanii akka hin arganne hin dagatinaa. ''Amani'' yommuu isiniin jedhan ''amaneen as dhufe'oo'' jedhaa. ''Amantii'' hin qabu jettanii ofitti hin yeella'inaa; fayyisuun kan Waaqayyooti malee dubbannaan keessan isin hin fayyisu. Waaqayyo keenya ni bulcha ni dhaga'a malee kan abboomamu miti'oo. 3. Bishaan, zayitii, uffataa fi kkf irratti kadhatameera jedhanii yommuu mana amantaatii isiniif kennan (isinitti gurguran) gaaffii qaxxaamuraa tokkoon sammuu keessan qoruun barbaada mee amanamummaadhaan sammuu keessaniif deebisaa. Kiristiyaanonni jalqaba gaafa Gooftaa Yesuusiin fayyisaa lubbuu keessanii godhattanii fudhattan hidhaa seexanaa jalaa, bittaa cubbuu jalaa, seerrata foonii jalaa birmaduu ba'eera jettanii turtan. Kana malees ani mana qulqullummaa Waaqayyoo bakka buufata Hafuura Qulqulluuti jettanii Waaqayyotti kooluu galtaniittu.

  • Yesuus_moo_Amantii??! Torbee darbee kana barroo gabaabduu Chad Bird barreesse tokko namoota hedduudhaan utuu qoodamuu argaan ture. Mee qooqa keenyaan itti dhiyaadhaa. Haga dhumaatti hin dubbistan taanaan hin eegalinaa. ''SABABA qalbii jijjiirratteef, cubbuu kee himatteef yookiin Waaqayyoon amanteef Gooftaa biraa dhiifamuu cubbuu hin argattu. Qalbiii jijjiirrachuu qabdaa? Eeyyeen. Cubbuu kee himachuu qabdaa? Eeyyeen. Amanuu qabdaa? Eyyeen sirriitti. Garuu kunniin hundinuu dhiifamuu cubbuu akka argattuuf wabii siif hin ta'an. Mee akkasitti yaadi. Yoo dhukkubsatte, ogeessa fayyaa biraa deemtee mallattoo dhukkuba keetii itti himattee ajaja ogeessaa fudhachuu qabdaa? Eeyyeen. Garuu gochi kun fayyina siif hin kennu. Fayyinni qorsa (qoricha) keessaan siif dhufa. Yesuus fayyisaa hundaa danda'uudha. Isaa fi Isa qofatu dhiifamuu cubbuu akka argattuuf sababa tokkicha siif ta'e.  Waaqayyo Abbaan qajeelota godhee nu simachuuf isaaf Inni [Yesuus] sababa tokkichadha. Waa'ee kanaa ilaalchisee walii wallaaluu dhabuu bal'aatu waldaa kiristiyaanaa keessatti mul'ata. Isa kanaaf sababni tokko hubannoo dogoggoraa caqasa 1Yoh 1:9 irra jirudha: “Cubbuu keenya yoo isatti himanne, inni amanamaa fi qajeelaa waan ta'eef, cubbuu keenya nuuf in dhiisa, jal'ina keenya hundumaattiis nu qulleessa.” Kun dhugaa dha. ''Yoo nuyi tarii ogeessa fayyaa bira deemnee dhibee keenya itti himanne, dhuguma iyyuu ogeessichi dhibee keenya irraa nu fayyisuuf ogummaa fi itti gaafamummaa qaba.'' Akkammitti ''nu fayyise?'' Qorsa nuuf kennuudhaan. Waaqayyo akkamitti dhiifamuu cubbuu nuyiif kenne? Yohannis lakkoofsa sadii gad siqee nutti dubbata: “Inni furee cubbuu keenyaa ti, cubbuu keenya duwwaafis miti cubbuu guutummaa biyya lafaatiifis malee.” (2:2) Garuu yeroo tokko tokko namoonni akka waan guutummaan qalbii jijjiirrannaa, cubbuu himannaa fi amantii isaanii bobbocamee fannoo irra isaaniif jirutti amanu. Qalbii jijjjiirrannaan kee siif hin fannifamne'oo. Beeksifannaan amantii keetiis siif hin duune. Amantiin kee du'aa siif hin kaane'oo. Yesuus fi Yesuus qofatu siif jiraatee, du'ee, deebisees immoo du'aaf siif ka'e. Waaqayyo Abbaan yommuu cubbuu keenya nuyiif dhiisu akka namoota qalbii jijjiirratanii, cubbuu isaanii himatanii amananiitti cubbuu keenya nuyiif dhiisa. Garuu kan nu fayyisu qalbii jijjiirrannaa keenya miti, cubbuu keenya himachuu keenya miti, amantii keenyas miti. Kiristoos fi Kiristoos qofatu sababa fayyuu keenyaati. Dhiifamuun cubbuu 100% hojii aarsaa araaraa Yesuus Kiristoos irra dhaabbatee jira. Aarsaan araaraa Isaa gahaa dha. Aarsaan isaa gonkumaa mudaa hin qabu; quubsaa ture. Dhiigni Isaa cubbuu isa ati qalbii itti jijjiirrattu qofa kan siif dhoksu miti'oo, qalbii jijjiirrannaa hanquu ati cubbuu kee sanaaf taasiftus siif dhoksa. Dhiigni Isaa [Yesus] qalbii jijjiirrannaa kee isa amanamummaa 100% gad qabuu fi amantii kee isa walaallammii makatu sanas siif dhoksa. Abdiin keenya waan dhiigaa fi qajeelummaa Yesuus gad ta'ee kam irra iyyuu hin dhaabbanne; waan kanaa ala ta'es homaa dabalata hin barbaadne.'' Egaan akka barroo kanaatti, aarsaa fannoo Yesuus qofatu boqonnaa lubbuu, abdii jireenyaa fi sababa kiristiyaana ta'uu gahaa nuuf kenna. Fannocha qofatu Abdii keenya. Fannocha! Amantii keenya utuu hin taane isa amantiin keenya irra jirutu nu fayyisa. Amantii keenya waaqa tolfamaa godhachuun nurraa haa fagaatu. Humnaa fi anniisaan kiristiyaanummaa keenyaa, Abbaa amantii keenya biraati malee nu biraa miti. @WangeelichaUlfinaa

  • 30 мая660241

    Adeemsa kana keessatti namoonni murtaa'an beekamtii, aangoo fi qabeenyaa gonfatu; sabni immoo dheebotaa miira isaa sooruuf wargamuu fi rakkataa rakkina isaa keessa bahuuf yaadee rakkina caalu keessatti kufaa ooluu dha. Bartee fi duudhaan kun duudhaa kiristiyaanummaa fayya qabeessaa wajjin wal hin fudhatu. Garuu maqaa hojii ''Hafuuraa Qulqulluu'' fi shaakala ''phenxeqostummaa'' jedhuun saamichi taasifamaa jira. Maqaan Waaqayyoos akkasumaan dha'amaa jira. Egaan, waldooleen lamaan ani armaan olitti caqase duudhaa fi sirna waaqeffannaa (liturgy) shaakalliiwwan badaatiin jalaa faalame bakka ganamaatti deebisuuf yaadanii ibsa ejjennoo baafataniiru. Waa'ee dhugoomuu isaatii abdii baay'ee irraa qabaachuu baadhus, akka inni galma gahu kadhannaa kooti. ''Geggeessitoonni'' duudhaa baderraa fayyadamoo ta'anii fi ''amantoonni'' kufaatii kiristiyaanummaa biyya kanaa irra gahe hin hubatin jiran immoo ibsa ejjennoo kana cimsanii mormaa jiru. Waaqayyo isaaniif haa dhiisu! Dhukkuba dhukkubsataan dhukkubbii isaa hin miireffanne dhukkubsaticha hubachiisuun akkuma ulfaatu kufaatii kana baay'olii karaa irraa kaatan hubachiisuun ni ulfaata. Haphee summaa'aa laphee namootaatti qabatee jiru kana Gooftaan akka nurraa calaasu kadhannaa kooti. @WangeelichaUlfinaa

  • 30 мая583131

    Seenaa keessatti geggeessitoota olaanoo waldaa kiristiyaanaa fi saba isaan geggeessan gidduutti wal dhabdeen ka'ee ni beeka. Sababoonni wal dhabdeewwan sana duuba turanis baratamoo turan. Geggeessitootatu daandii haaraa isaaniif mijatu baafata, sabni immoo ni dheekkama ture. Mudannoon yeroo ammaa Waldaa Kiristiyaanaa Warra Wangeelaa Makaana Yesus Itoophiyaa fi Waldaa Qaala Hiwat Itoophiyaa keessatti mudataa jiru garuu kana irraa adda dha. Dur dur waldooleen gaafa hundeeffaman duudhaa fi barsiisa mataa isaanii kan ittiin waldaa biraa irraa adda bahan qabu turan. Duudhaa fi barsiisa waloo kan waliin qooddatanis ni qabu. Adeemsa keessa garuu sababoota gurguddoo sadiin [akkan haala qabatamaa mul'atu irraa tilmaametti] duudhaan waldoolee hundumaa tokko ta'uun barsiisni waldooleen dhuunfaadhaan qabanis moggaatti baafamee, shaakalaa fi barteen waa'ee hin baafne biyya dhuunfate. Maaliif duudhaa fi barsiisni waldooleen dhuunfaa dhuunfaatti qaban moggaatti baafamee wal fakkaachuun dhufe: 1. Hawaasa hin barannee fi maal naan jedhuun (ይሉኝታ) morma hudhee qabu keessatti miirri bakka olaanaa qabaachuun waan hin oolle. Wanti miiraaf mijatu immoo dursa argata; fudhatamummaas ni qabaata. Shaakalliiwwan mana amantaa keessaa shaakalli ''phenxeqostummaa'' fi ''dubbannaa amantii'' kanneen kallattiidhaan miiraa wajjin wal qabatan keessaa isaan angafaati. Sababni isaa abdii fi waadaa isaan kennan miiratti kan hirkate dha. Duudhaa miira sooruuf mijate qabu. Egaan barachuu dhabuu hawaasaa bal'aa fi maal naan jedhuu saba keenyaatiin qabatee shaakalli amantaa kun barsiisaa fi duudhaa waldaa warra wangeelaa Itoophiyaa liqimseeran se'a. 2. Hawaasni keenya tolchaa fi falfala wajjin hidhata akka qabu namuu ni beeka. Hidhata qabaachuu baatus immoo hubannoo fi dhiibbaa wanta akkasii jala jiraata. Afriikaa keessatti humna ''hafuuraa'' da'eeffatanii doorsisuu fi humna ''hafuuraa'' irraa hanqatanii doorsifamuun duudhaa hawaasa bal'aati. Kanaaf namni gaafa kiristiyaanummaa fudhatus mirga addunyaa hafuuraan da'eeffatanii doorsisuu fi doorsifamuu kana raawwatee dhabuu waan hin barbaanneef, duudhaa kana fakkaatu ''waldaa'' keessatti yoo hin argatin lapheen isaa hin boqotu. Kun garuu bartee kiristiyaana dhugaa miti. Namoonni dheebuu kana bahuuf utuma olii fi gad labanii boodarra duudhaa balaafamaa ''diina'' ari'uu fi ''eebba'' saammachuu kana waldaa isaaniitti ol galfachuu danda'aniiru. Duudhaa fi shaakala kanaafis caasaa fi sagantaa ifaa ta'e diriirfachuu danda'aniiru. ''Sagantaan fayyinaa'' kan waggaa 15 dura hin turre yeroo ammaa qaama sagantaa ''waldoolee'' hundumaa ta'uun kanaaf ragaadha. 3. Eessattuu aangoo fi qabeenyaan diina hin qaban. Afriikaa keessaa immoo fira hedduu qabu. Qabeenya hedduu horatanii humna hafuuraa wayiin aanga'uun hawwii daa'imman hedduu ''waldaa'' keessatti guddatanii fi guddataa jiranii fakkaata. Wanti isaan ilaalaa guddatanis kanumaaf isaan kakaasa. Dheebuun kun laphee namoota gurguddoo keessatti sagantaa fi tarsiimoon deggarameetu dagaaga. Dheebuu aangoo fi qabeenyaa kana bahachuuf namoonni ''Ergamaa'' fi ''Raajii'' jedhamanii muudamuuf wirriiqqatu. Kaanis of muudanii as bahu. Gariin immoo maqaa ''Hafuura Qulqulluutiin'' qalbii fi miira namootaa saammachuuf karaa dhiphisu. Humni Hafuura Qulqulluu cubbuu bara baraan nama ajjeesu jalaa ceephoo baafachiisuuf amantoota dhugaaf kennameera. Warra akkasumaan (በከንቱ) maqaa Waaqayyoo dha'aniif garuu maqaa namaa waamuu fi bilbila namaa himuun safartuu humna Hafuura Qulqulluu ta'eera. Du'aan diina Waaqayyoo ture du'a bara baraa irraa hafee daddarbaa fi cubbuu isaattii qullaa'uun dinqiidha. Warra hojiin Kiristoos asoosama jaallatamaa guyyuu dubbifamuu itti fakkaateef immoo faarfannaa fi kadhannaa to'annaa hin qabne hirmaachuun dinqiidha. Gochaa fi shaakala Hafuura Qulqulluu wajjin hidhata hin qabne sabatti agarsiisuun hamiilee fi qalbii namootaa cabsuun (kasoomsuun) baratamaa ta'eera. Waaqayyo nama hundumaa keessa jiraatu bakkaa fi namootaan daangessanii xannee namoota keessatti uumuun tooftaa daldalaa cimaa ta'uu danda'eera. ...

  • Ayyaana Qillee.pdf

  • 22 янв.897151из Onesimosapologia

    • Book: KA’UMSA SIRRII AYYAANA QILLEE (Christmas) • Author: Onesimos Apologia Ministry (Tajaajila Tika Amantii Onesimoos) • Category: Apologetics (Tika Amantii) About: Barroon kun barsiisa dogoggoraa waa'ee ayyaana qillee (Christmas) dubbatamuuf, keessumattuu ilaalcha dogoggoraa ''Christmas is pagan'' jedhuuf deebii kennameedha. • Share | Onesimos Apologia | Invite •

  • https://telegra.ph/Genetic-Fallacy-of-Christmas-Holiday-12-31

  • 19 дек.1 160243

    Yaa Waaqayyo, “Seerrata kee na barsiisi”; “Wanta dinqisiisaa seera kee keessaa akkan argutti, ati ija koo anaaf bani!”; “Ani seera kee akkam nan jaalladha!”; “Wanti ati jette akkam natti miyaa'a! Isa dammi afaan kootti mi’aawu caalaa anatti in miyaa’a”; “Abboommii siif dhugaa ba’u akkan beekuuf hubannaa anaaf kenni!” (Far. 119: 12, 18, 97, 103, 125). Ameen. @WangeelichaUlfinaa

  • 31 окт.1 40519

    Haareffama Waldaa Kiristiyaanaa Onkoloolessa 31, 1517 biyya Jarman, Witeenbergitti beekaan amantii Maartiin Luuter jedhamu qabxiilee morkannoo 95 waldaa kiristiyaanaa Kaasilitti cinqaarsuun ni yaadatama. Kunoo har’i waggaa 507ffaa isaati. Jaarraa shan jechuudha!…

  • Faarfannaa Galata Waaqayyoo: Faarfannaa 312 Waldaa Kiristiyaanaa jabaadhu Hundee kee Gooftaa kee yaadadhu [Siif jedhee fannoo gubbaa ooluu Isaa Qulqulluu dhiiga Isaa lolaasuu Isaa]×2 Gooftaan Waa'ee keetiif dhiphate Hundeen kee inni ati irra dhaabatte Dhiiga Isaa siif dhangalaasee Dhiphina hundaas siif obse Dubbicha dhugaa hin irraanfatin Karaa dhugaa irraas hin kaatin Lubbuu kan dheebotte obaasi Dubbii jireenyaa hubachiisi Amma yonnaa qoosaa fakkaattee Waawummaa taatee hubatamtee Hundumaa irratti ol ol kan ta'e In dhufa hundeen kee deebi'ee Gooftaan waa'ee keetiif dhaameera Eegduus fo'ee siif kaa'eera Dubbii jireenyaa ibsi jedhee Karaa fayyinaas himi jedhee @WangeelichaUlfinaa

  • "Yaa Waaqayyo, waaqa irraa fi lafa irra kan jiru hundinuu kan keeti; guddinni, aangoon, ulfinni, gooftummaanii fi surraan kan keeti. Yaa Waaqayyo, mootummaan kan keeti, ati waan hundumaa ol, mataa waan hundumaatis. Badhaadhummaanii fi ulfinni si biraa namaaf in dhufa; ati waan hundaa irratti gooftummaa qabda; namoota hundumaa guddisuuf, jabeessuufis jabinaa fi aangoo situ qaba. Yaa Waaqayyo keenyaa, nuyi amma si in galateeffanna, maqaa kee isa ulfina-qabeessas in jajanna." 1Sen 29:11-13. @WangeelichaUlfinaa

  • https://telegra.ph/WAAEE-FAARFANNAA-MAAL-FAA-DOGOGGORREE-JIRRA-08-20

  • Abboommii duraa "Waaqayyolii kan biraa tokko illee ana biratti hin qabaatin!(HSDh) "Ana malee waaqota dhibii hin waaqonfatin!" (KW) Ba'u 20:3 Kun maal jechuudha? Nuyi waan hundumaa irra Waaqayyoon jaallachuu, sodaachuufi amanachuutu nuuf ta'a. (Qajeelcha Amantii Luuter Isa Xiqqaa) Gaaffii: Abboommii isa jalqabaatiin wanti Waaqayyo nama irraa barbaadu maali? Deebii: Ani fayyina lubbuu kootiif jecha, waaqayyolii tolfamoo waaqessuu, falfala, qoricha namatti gochuu, qulqullootaafi uumama biroo kadhachuu akkan dhiisuufi ittiis fagaadhu, akkasumas, Waaqayyo Isa tokkichaaf dhugummaan beekamtii kennuun gara Isaa akkan dhufu, Isa qofa akkan amanadhu, wanta gaarii hundumaafis kasoominaa fi obsa guutuun akkan Isa eeggadhu, garaa koo guutuudhaanis akkan Isa jaalladhu, akkan Isa sodadhuufi ulfinas Isaaf kennu barbaada. Akkasumas, balleessaa baay’ee xiqqoo taate illee, fedha Isaa irratti raawwachuu koo mannaa, wantota uumama keessa jiran cufa akkan ganu barbaada. (Qajeelcha Amantii Haayidalbarg, G94) @WangeelichaUlfinaa

  • https://youtu.be/4Zj6EwlL9E0

  • https://youtu.be/4Zj6EwlL9E0

Wangeelicha Ulfinaa — tgindex