🎙AHLULKAHF MEDIA 🎙
Статистика👋BAGA GARA CHANNEL KEENYA NAGAAN DHUFTAN. 👉CHANNELA KEENYARRA KAN ISINIIF DHIHEESSINU GORSA QUR'AANAFI HADIISA AKKASUMA SEENAALE ADDA ADDAA ARGACHUU NI DANDEESSU ! ASUMAAN DOGOGGORA KEENYA NUUF SIRREESSA AKKASUMA JOIN GOCHUUN NU JAJJABEESA
- Последний пост
- 10 авг.
- Последнее чтение
- 15 авг.
- Постов за неделю
- 0
- Всего постов
- 22
- Тип
- открытый
- Язык
- om
- В каталоге с
- 13 авг.
- 1/24сутки в ленте
- 53
- 1/48двое суток
- 60
- 1/72трое суток
- 65
Оценка по просмотрам недавних постов: пост набирает почти всё за первые сутки.
Посты
👌Namni waa afran kana godhe ..... waa afran asiin gadii kana hin dhabu....... ➖️➖️➖️➖️➖️➖️➖️➖️➖️➖️➖️➖️ ♡Namni du'aa'ii godhe... Qeebaltii hin dhabu. 💐ادعوني استجب لكم ♡Namni istigfaara godhe... araarama hin dhabu. 💐انه كان غفارا ♡Namni shukrii galche dabalata hin dhabu.... 💐لئن شكرتم لأزيدنكم ♡ Namni tawbate.... qeebaltii hin dhabu. 💐وهو الذي يقبل التوبة عن عباده http://t.me/alfurkanmedia2
Yoo Suuraa “Faatihaa” qara’uun dawaa garaa fi qaamaa namaaf taate, Yoo Suuraa “Baqaraa” qara’uun barakaa manaa fi ilmaan keessatti kan namaaf roobsitu taate, Yoo Suuraa “Al-Mulk” qara’uun azaaba qabrii jalaa nagaya nama baaftu taate, Yoo “Mu’awwizateeyni” lamaan qara’uum haasidaa fi hisdii irraa gaachana taate nama tiiysite , Yoo “Aayatal Kursii” aara’uum sheeyxaana fii qadara hamaa irraa nama tiiysitu taate, Fi yoo “Aayata Baqaraa lamaan gama boodaa” qara’uun kheeyrii hedduu hojjachurra kan isuma qar’uu qoftiin kan namaaf geeysu taate… Namni Qur’aana guutuu qara’uu fi gidaara jala kophaa taa’ee niin haffaza ja’e jireenya isaa irratti fixu sadarkaan inni argatu akkam taha laata ?! Xiqqaatullee Qur’aana guyyaa hunda qara’uun lubbuu tiyyaa fii isiniis isin yaadachiisa! Qur’aana qara’uun: •Duniyatti sadarkaa teeti ol si fuudha, •Dukkana qabriitiif ifaa(Nuura) siif taha, •Guyyaa Qiyaamaa Rabbi duratti magantaa siif dhaabbata, •Jannata keessatti ammoo sadarkaa irraa oliiti si geeysa (Cufa Ayataatin sadarkaa dabalatta.) Namni “Rabbitti amanee ,Rabbiin jaaladha” ja’u, jacha Rabbii Isaa qara’uu akkamitti dadhaba? Yoo qara’uu dadhabellee, akkamitti dhaggeeyfachuu dadhaba? Yaa sheenaa nama wirdii Qur’aana hin qabne! Sa’aatii 24 keessaa daqiiqaa 30 qofa kalaama Rabbii isaatiif kannuu nama dadhabe yaa sheenaa isaa… Waa hundaaf yeroo ni qabna; jacha Rabbii isa nu uumeef malee! Osoo hin sheenooyne, deebinee if haa qorannu! http://t.me/ahlulkahfmedia2
📎 Linkiin galmee: https://t.me/AkaadaamiiAfrikaa ⭐ Ammuma Galmaa'ii... 📱 Toora Onlaayiniin 💵 Bilisaan 1️⃣ Waggaa Tokko 🎊 Ragaa Dippiloomaa 👳🏽♂️ Ulamaa'ii Babbeekamoon ✨ Yeroo kamittuu ↩️ Namoota Birootiif qooduun ajrii argadhu.
Ilmi namaa kun Namni tokko Akka isa Caalee Argamu hin fedhu Isa bira dabruu hin jaalatu Jechuudha Garuu Abbaan ilmi isaa isa caaluu Isaa Olitti Argamuu Ni Jaalata Ni fedha Ni hawwaafillee Maashaa Allaah Ilmoo yoo maatiin imala irraa gabaabsan Akka keekana taati. Ilmoo ganamaan itti yaadanii barsiisuun ifiifiis biyyaafiis mataa isiitiifiis qopheeysuudha. Yooggaa daa'imaa itti rakkataniii yoggaa guddatte itti gammaduu jechuun kunoo akkana. Dr Ammaar Doctorummaa namni areeda hinnaa dibaa fudhatu umrii kanaan fudhachuun laffaatii isaa qofa osoo hin tahin tamaatii+tan isaati. 1 maatiin Ammaar baga gammaddan 2 Ammaar baga As geeyse.Congratulations Toltu Multimedia Production Ilmaan biyya teenyaa kan fakkeenya si godhatu Rabbiin sihaa taasisu. Tee oluma Ammaas itti fufi http://t.me/ahlulkahfmedia2
🌙 Seenaa Ajaa'ibaa 🤍 Halkan tokko, shamarreen Muslimaa takka yeroo kaatee salaata halkan keessaa (Qiyaamul-Layl) salaattu, haati isii irraa dhageeffatte. 🌙 Guyyaa hundaa akkanatti of dadhabsiisuun isii waan ishiitti ulfaateef, haati itti dhiyaattee akkana jetteen: 🗣️ "Intala tiyya, maaliif yeroo hunda akkanatti of dhiphifta? Ati dargaggeettii bareedduu dha. Hiriyoonni kee ni bashannanu, ni taphatu; ati garuu yeroo hunda Qur'aanaa fi salaata qofaan of dadhabsiifta." Intalti imimmaan dhangalaasaa 😢 akkana jettee deebifteef: 🗣️ "Yaa haadha tiyya... Guyyaa tokko qabrii keessatti kophaa tiyya nan seena. Guyyaa san hiriyoonni koo na hin fayyadan, bareedinni koos na hin oolchu. Wanti na fayyadu hojii gaarii ani har'a hojjedhu qofa." 🤲 Haati isii yeroo kana dhageessu garmalee boosse. 😭💔 🌹 Dargaggummaa fi Bareedina Dhugaa 📖 Yeroo Ibaadaa: Dargaggummaan yeroo taphaa qofa osoo hin taane, yeroo itti Qur'aanaa fi hojii gaariin Rabbitti dhiyaatani dha. 📱 Yaaddoo Addunyaa: Har'a shamarran hedduun suuraa, like fi follower qofaaf dadhabu. Garuu meeqatu "Rabbiin maal naan jedha?" jedhee yaada? 😢 🤍 Faaya Dhugaa: Bareedinni uffata, dibataa fi suuraa keessa hin jiru. Bareedinni dhugaa Taqwaa, Hijaaba fi Rabbiif ajajamu keessa jira. Hasan Al-Basrii (رحمه الله) akkana jedhu: 🗣️ "Addunyaan guutuun yeroo gabaabaa dha. Yeroo gabaabaa kana keessatti Rabbi kee gammachiisuuf carraaqi." 🌙 Tarii halkan ykn guyyaan har'aa kun kan kee isa dhumaa ta'uu danda'a. Kanaaf: 📖 Qur'aana kee jabeessi. 🤲 Zikrii kee baay'isi. 🧕 Hijaaba kee tikfadhu. 🤍 Kabaja kee eeggadhu. ❓ Nuti hoo dargaggummaa keenya akkamitti dabarsaa jirra? ❓ Seenaa tana irraa maal baranna? Yaa Rabbi 🤲 🌹 Shamarran Muslimaa karaa qajeelaa irratti nuuf jabeessi. 🤍 Qalbii isaanii qulqulleessi. 📖 Qur'aanaa fi Sunnah irratti isaan sabachiisi. Aamiin Allahumma Aamiin. 🤲🤍 http://t.me/ahlulkahfmedia2
“Rabbiifii Ergamaa Isaatiif Ajajamuu✨ 📝 Rabbii fi Ergamaa Isaatiif ajajamuun mallattoo milkaa'inaati. Garuu didanii irraa garagaluun mallattoo kasaaraati. Dhimma kana Qur'aanni bakka heddutti ibsee jira. Garuu mee keewwata armaan gadii kana qofa haa ilaalluu! 🦋﴿وَأَطِيعُوا اللَّهَ وَأَطِيعُوا الرَّسُولَ ۚ فَإِن تَوَلَّيْتُمْ فَإِنَّمَا عَلَىٰ رَسُولِنَا الْبَلَاغُ الْمُبِينُ﴾✨🦋✨🦋 📝“Rabbiif ajajamaa; Ergamaa fillee ajajamaa. Yoo garagaltan, Ergamaa keenya irra kan jiru ergaa ifa ta’e qofa geessuudha.”(Suuraa Tagaabuun, aayata 64) Hiika bal’inaan:✨🦋✨🦋✨ 📝 “Rabbiif ajajamaa” jechuun waan Rabbiin ajaje raawwachuu fi waan inni dhoowwe irraa fagaachuudha. 📝 “Ergamaaf ajajamaa” jechuun Sunnaa Nabi Muhammad ﷺ hordofuudha. 📝 “Ergamaa irra kan jiru ergaa geessuu qofa” jechuun dirqamni Nabiyyii ﷺ dhugaa ifatti geessuu qofa; nama dirqisiisee amansiisuun miti. 📝-Namni Rabbiifii Ergamaa ﷺ isaatiif ajajamu, karaa nagayaa fi milkaa’inaa irratti argama. Ajajni Rabbii waan ulfaataa nu irratti fe’ame miti;tasgabbii jireenya keenyaa fi milkaa'ina Aakhiraa keenyaati. 📝 Rabbiin (SWT) akka ajaja isaa hordofnu nu gaafata; Ergamaa isaa ﷺ hordofuunis karaa isaatti geessu ta'uu nu barsiisa. Namoonni hedduun yeroo ammaa fedhii isaanii hordofu; garuu mu’minni dhugaan jecha Rabbii fi Sunnaa Nabi Muhammad ﷺ dura fedhii mataa isaa hin dhiyeessu. Sababni isaa, Rabbiin keenya waan nu fayyadu beeka; nuti ammoo yeroo baay’ee waan yeroo gabaabaa qofa ilaalla. 📝 Aayata tana keessaa barnootni guddaan: Rabbi fi Ergamaa ﷺ ajajamuun dirqama, diduun immoo miidhaa nama irra geessa. 📝 Kanaafuu, of haa gaafannu: Rabbiif ajajamaa jirraa moo fedhii keenyaaf? Sunnaa Nabi ﷺ hordofaa jirraa moo yaada namaa qofa duukaa bu’aa jirra?
💧Seenaa Hatticha Waa Hatuuf Mana Imaamu Maalik Seene .............. 🍀Hatticha tokkotu halkan dukkanaan mana Imamu Maalik Ibn Diinaar seene.. Imaamu Maalik isa argaa jira garuu hattichi isaan hin argine. 🍀Mana Imaamu Maalik keessa naannawee, waan fudhatu dhabe hattichi ufirraa bahuuf garagallaan Imaamu Maalik itti lallabee, Yaame 🍀" Waan Addunyaa kan barbaaddu dhabdee kan Aakiraa hoo nifeetaa??" Jedhaniin. Hattichis baay'ee ajaa'ibsiifatee. Ee nifedha. Jedheen. 🍀 Imaamu Maalik. "Hayyee koottuu, wudu'a kee tolfadhuu, raka'aa lama salaatii..." jedhaniinii uf biratti salaachisan... 🍀Hattichi salaata salaatee hanga salaanni subhii gahuu Imaamu Maalkiin bira ture.. yeroo salaanni subhii gahe, Imaamu Maalik waliin gara masjidaa deeman.. 🍀Ummanni Salaataaf walattii qabaman Imaamu Maalikiin wajjiin Namicha Agaran.. 🍀Namoonniis Yaa Imaam Namni Arra Keessummummaa Si bira bule kunii Eenyu Jechuun Imaamu Maalikiin gaafatan 🍀Imaamu Maalikis "kessummaan kiyya kuni bar Eda na hatuuf dhufee, Isumaahuu hanne!!" Masjiida finnee dhufne Jedhaniin.. ....Subhana Allah Ati sababa keetiin Namni Qaceeluutu Diddiimaa Gaalaa Sadaqachuurra Caala jedhan Ergamaan Rabbiii S.A.W SHARE GODHAA WALIIF QOODAA RABBIIN ISIIN HAA BARAKEESSUU Jaaloowwan keenya 🍀Dhaamsa Gaarii barnoota barbaachisoo Soora qalbiif Qaamaa 🍀karaa salphaa taheen Qindeessinee Isiniif dhiyeessuuf Jalqabneeti Jirra .... ✍️ Isilaamummaan Ilma Namaatiif Furmaata http://t.me/ahlulkahfmedia2
MEE LAALI HAALA IMAAMU AHMAD(رحمه الله) 💦 Gaafa tokko Imaamni Addunyaa kanaa Imaamu Ahmad (رحمه الله ) osoo taa'anii barumsa barsiisaa jiran: namni tokko fiigaa ol seenee :" Yaa Ahmad! Ati harree nattii fakkaattaa " jedhaan. Barattootnii sheekha bira jiran akka malee rifatanii namtichattio utaaluuf fiigan, Imaamni lakkii taa'aa gad taa'aa, dhiisaa, hin tahu. Namtichaa na arrabse san dhiisaa jedhanii irraa dhoorgan. Osoo imaamu #Ahmad deebii isaaf hin kennin namtichii qaanfatee bahe. Achumaan barattootnii . Yaa Imaama! maalif deebii quubsaa kennuuf dhabdan? " jedhanii gaafatan. Imaamtichiniis seeqatanii ;" Ani maal jedhen namtichaa harree fi nama addaan hin beeyneef deebii kenna ?! " jedhaniin!! 💦Gaaf tokko seenaa biraa keeysatti, Aalima tokko namni tokko isa arrabsuu dhagayeeti xalayaa akkana jettu itti ergee: لئن ساءني أن نلتني بمساءة لقد سرني أني خطرت ببالك Akkas ja'een:" Yoo wanti ati naan jette waan na gaddisiise sitti fakkaates: ana garuu waa'een koo mataa kee keessa taa'ee si yaachisuun qofti naaf gammachuu tahee jira" ja'een. 💦Dhugaa Rabbii Arrabni namaa badii kee sirraa dhiqa! Namni si hamatu ykn si arrabsuuf jechahin gaddin: Arrabni namaa akka Carqiiti (sooftii) xurii kee sirraa haquuti.! 💦Ummatta Namoota keeysaa nama sooftii siif tahee badii kee qulqulleessu qabaatuun siif badhaasa! 💦Nama sii arrabseef deebii kennuun kee: nama sanii fi Arraba isaatiifis bakka kennuu kee garsiisa. Kanaafuu " jiraa ajjeesuun jalaa cal'isuu dha" jedhan. Deebii nama saniif deebisuu caalaa, itti deebisuu dhabuutuu guba! 💦Bakakkaan yoo waan itti buutu dhabdee ofiif walitti buutii! ibiddi yoo waan nyaatu dhabe ofiif waal nyaataa! Jedhan http://t.me/ahlulkahfmedia2
السلام عليكم ورحمة الله وبركاته 💡Kiristoos Eenyu? ✨Kutaa 2ffaa 3.Yesuus ilmaa namaa ta'uun isaa Maatewoos 8:20, Maatewoos 9:6, Maatewoos 17:9, Maatewoos 17:22, Maatewoos 19:28, Maatewoos 20:18, Maatewoos 20:28, Maatewoos 24:27, Maatewoos 24:30, Maatewoos 25:31, Maatewoos 26:2, Maatewoos 26:24, Maatewoos 26:45, Maatewoos 26:64, Maarqos 9:31, Maarqos 10:33, Maarqos 10:45, Maarqos 13:26, Maarqos 14:21, Maarqos 14:41, Maarqos 14:62, Luqaas 7:34, Luuqaas 9:21-22, Luuqaas 9:44, Luuqaas 9:56, Luuqaas 12:8, Luuqaas 12:40, Luuqaas 18:8, Luuqaas 19:10, Luuqaas 21:27, Luuqaas 22:69, Luuqaas 24:6, Yohannis 3:13-14, Yohannis 5:27, Yohannis 6:27, Yohannis 6:53, Yohannis 6:62, Yohannis 8:28 Fi Hojii Ergamoota 7:55-56 irraatti ibsamee jira. Maarree Yesuus osoo waaqayyoon ta'ee, maaliif iddoo kana hundatti #Ilmaa nama, #nama" jedhame? Maal Waaqayyoon namaa?😳 keewwatoonni itti aananii jiran waaqayyoon nama akka hin taane ibsu. 👉A) "Waaqayyo akka nama miti; inni hin sobu; yookaan gaabbuudhaaf inni ilma namaa miti...." ( Lak 23:19) 👉B) "Waaqayyo inni Israa'eliif ulfina ta'e,akka nama miti! inni hin sobu;hin gaabbu;wanti akka namaati Isa gaabbisiisus hin jiru"jedheen" (1sam 25:29) 👉C) "Ani dheekkamsa koo Isa boba'aa sana gad hin dhiisu; yookaan ani deebiʼee Efreemin hin balleessu. Ani Waaqa malee nama miti;... (Hos 11:9) 🙄 "Yesus nama guutuu; waaqayyoo guutuudha" yoo jennu waaqayyoon "Nama" jechaanii jirra. maarree Kuni waaqayyo nama akka hin taane Isa ibsameen kan Wal faallessuu miti?😔 Bint Islam✍️ Ittii fufaa insha Allah✨ Our channel 👇 @dhugaa_barbadaa @muhaajirafiAnsaara
السلام عليكم ورحمة الله وبركاته 💡Kiristoos Eenyu? ✨Kutaa 1ffaa DHIMMAA EENYUMMAA YESUS💥 1.Hojii Ergamtoota 2:36 irraatti "Egaa Waaqayyo, Yesus isa isin muka irratti fanniftan kana gooftaadhaa fi Masiihii akka godhe, Israa'eloonni hundinuu utuu hin mamin haa beekan!" jedhe.”Maarree waaqayyo yesusin "Gooftaa"ergaa taasise,jalqaba maal ture? "Gooftaa"kan jedhu maqaa kabajaa yoo ta'ee ni deemsisa.Haa ta'u malee "waaqayyoo dha" hiika jedhuuf waan hin fakkaanne.maaliif yoo jettan yeroon booda "Gooftaa"(waaqayyoon) ta'uun ni danda'amaa? Keewwatichi kan jedhu"Gooftaadhaa Fi masiihii akka godhe,Israa'eloonni hundinuu utuu hin mamin haa beekan".kana jechuun sirrimatti,gooftummaa yeroon booda argate kan jechuudha.waaqayyoon ammoo gooftummaan isaa kan bara baraati.maarree Yesuus akkamitti waaqayyoon (Gooftaa) jedhamuu danda'a? 2.macaafni Qulqulluun wangeelaa Luuqaas 22:3-5 irratti "Yommus seexanni,Yihudaa nama biyya keriyot warra kudha lamaan keessaa tokko isaa turetti gale; Yommus inni ba'ee attamitti yesusin isaanitti Dabarsee kennuu akka danda'u luboota warra angafoota, dura-buutuu eegduu mana qulqullummaa wajjinis in Mari'ate.Isaan immoo,gammadanii horii isaanif kennuudhaaf in abdachiisan.kana irraatti Yihudaan itti walii galee,..."jedha. Seexanni Yihuudaa seenee Yesuusin Dabarsee akka Kenny yoo taasiseefi akka kiristaanonni jedhanitti immoo yesuusis qabameee yoo fannifame, seexaanni kiristaanotaaf abbaa galataa ta'eera jechuudha.maaliif yoo jettan kiristaanonni akka jedhanitti "fannifamuu Yesuusin fayyanii cubbuu irraa bilisa ta'an.akkasumas dhaaltota jannataa(mootummaa waaqayyoos)ta'aan."karaan fayyina kiristaanummaa isuma kana.kanafuu seexaanni Yihuudaa seenee Yesuusin Dabarsee akka kennu tasise.sana booda kiristaanummaam akka jedhutti Yesuus qabamee fannifame.yoo sirritti xiinxalline fannoon kiristaanonni "Ittiin fayyine"jedhan akka milkaa'uuf seexaanni gahee adda durummaan gumaachee jira.Daandii fayyinaa diriirsee jira. 👉Maarree barsiifanni kiristaanummaa guddichichiifi fayyinni kan seexanaa hin taanee?😳Seexaanni Yihuudaa seenee Yesuusin Dabarsee akka Kennu osoo tasisuu baay'ee fannoon ni milkaa'aa turtee?🧐 Kiristaanonni cubbuu irraa ni jiraataa turee? Gonkumaa!!!! Maarree akka seexaanaa kan Gaarii hojjate eenyutu jira? Yesuusin fannisiisee kiristaanota hin fayyifnee ree?🙈🙈 Ittii fufaa insha allaah♥️ By:- @Subhanak_yaa_raab Our channel 👇 @dhugaa_barbadaa @muhaajirafiAnsaara
Asalaamu aleeykum warahamatullah wabarakaatuh Ega hordooftoota keenya da'awaan kalatti kamiinu kaa itti fuufudha Akkuma beekka kitaaba kirtoos Eenyu? jedhu asiin dura birfa barreffamatin karaa oboleetti tenya "Binti islaamitin" kaa inni barsifaama tureedha haa tahu malee yeroo dheraadhaf adda cite haa tahu malee amma itti deebi'uuf qophii isaa xumuuree jira namni barnoota kana hordoofuu feetan chanaala asii gadii kana join godhaa akkasuma oboolessa keessaniif share gochuun qooda keessan bahadha jzk🥰 Kitaabicha keessa wanti isiin ragaa wajjin baraachu dandeessan 👇👇 1 yesuus nama qofa akka tahe 2 yesuus gabricha waaqa qofa akka tahee 3 yesuus waaqa waaqeessu qabaachuu isaa 4 yesuus ergaamaa waaqa qofa akka tahe 5 yesuus nabiyyi ykn raaji qofa akka tahe 6 yesuus gabricha waaqa qofa akka tahe 7 laaqama macaafa 8 macaafa namni barreffame beekaamuu dhabuu isaa fi k k f 🙏🙏🙏 Ibnuu Apologetics🖥 @MuhaajirafiAnsaara @dhugaa_barbadaa
#Seenaa Ajaa.ibaa Gaaftokko namni hiyyeessi tokko firii eynabaa (wayni) Nabi Muhammadiif ﷺ kennaa fideef Nabiyyiin Firii takka muree nyaate. Itti deddeebi'ee nyaachuu itti fufee hunda nyaatee fixe. Namichi kennaa fideef sun nyaachuu isaa kanatti gammadee ka'ee deeme. Namoota isa waliin taa'an keessaa tokko "yaa Ergamaa Rabbii ﷺ Osoo firii tokko nuf hin kennin akkamitti nyaattee fixxe?" Je'ee gaafate. Nabiin ﷺ itti seeqee "Ani eynaba hunda wannin nyaadhef firiin sun hundi waan hedduu hadhaawaniifi. Firii sanirraa isin keessaa osoon nama tokkoof kennee, silaa hadhaa firii saniitiin fuula keessan gurraachomsitanii miira namicha kennaa nuuf fidee san miidhuu dandeessan. Kanaafuu namicha hiyyeessa kana gammachiisuuf qofan, eynaba hadhaawaa san gammachuun kophaa kiyya nyaadhee fixuuf murteesse" je'een. "وَإِنَّكَ لَعَلى خُلُقٍ عَظِيمٍ" ❤️ Nutis Haala fi amala gaarii akkanaa nama irraa dhaalu nu haa godhu 🤲 http://t.me/ahlulkahfmedia2
Oduu Gammachiisaa Barattoota Muslimaa Yuunivarsiitii Odaa Bultumii fi hawaasa magaalaa Ciroo hundaaf!! Jama'aan Barattoota Muslimaa Yuunivarsiitii Odaa Bultum sagantaa geggeessaa barattoota muslimaa bara kana eebbifamaniif taasisuuf qophii hunda xumuree jiraachuu isaa yeroo isin beeksifnu gammachuu guddaadhaani. Sagantaa kana irrattis keessummoota gurguddoo kanneen akka Ustaaz Najjaash Mohammad, Ustaaz Kadiir Hamzaa, Suheeybi Sheekh Amiin Ibroo fi Ustaaz Musxafaa fa'a kan argaman yeroo tahu, qophiiwwan barsiisoo, bohaarsoo fi bashannansiisoo tahanis ni dhihaatu. Kanaaf hundi keessanuu dhuftanii sagantaa kanarraa akka qooda fudhattan isin affeerra. Guyyaan: Alhada, 25/8/2018 Sunday, May 03, 2026 Iddoon: Masjiidu Salaam OBU Muslim Students Jema'a http://t.me/ahlulkahfmedia2
🕌SALAATA BOODATTI HIN AANSURRAA OF EEGGADHU.........🕌 "Salata boodatti aansurraa of eeggadhu. 🎙yeroo Azzaana dhageesse.. Qalam kee lafa khaayi, walgahii kee xumuri, taa'umsa taa’utti jirtu dhiisi. 🎙Rabbiin waan hunda caalaa guddaadha ,amriin hundi raawwatamteeti jirti. Khushuu'aan (gadi jechuun) salaati, wanni si eeggatu hundi salaata gadi. Qoodni ati duniyaa irraa qabdu suma eegga. 🕌Ati addunyaaf sa'aatii hedduu kannitee jirta, Rabbii keetiif immoo daqiiqaa muraasa kenni." 🛖Xaariq Assuweydaan guyyaa dhukkubsate akkana ja’e (Rabbiin fayyaa walitti haa dhaabuuf) “Yeroo hedduun Muhaadaraaf ,Qophii adda addaatif salaata kiyya gabaabse salaate…amma eegaan dhukkubsadhe booda silaahin gabaabsu baadhee ja’e sheenawe “ 🛖Gaafa Aakhiraa dheeyxe hangam Takka sheenawuuf jiraatta..! Rabbiin waa hundarra salaata gama keenyatti haa jaalachiisu. http://t.me/ahlulkahfmedia2
🕋🦋Seenaa Abuu Ubaydaa🕋🦋 Aamir binu jarrah❕️❕️ 🌍💫Inni Abuu Ubaydaa Aamir bin Al-Jarraahti Inni warra kudhanan jannataan gammachiifaman keessaa tokko ture. Nabiin ﷺ waa’ee isaa akkana jechuun himan: “Ummata hundaaf nama amanamaa tokko jira, amanamaan ummata kanaas Abuu Ubaydaa bin Al-Jarraah ti” 🌍💫Loltoota hedduu bulchaa ture, garuu mana isaa keessa waanni jiru saaqaa, goraadee fi gaachana qofa qabaachuun jiraacha ture. 🌍💫🦷 Wareegama jechuun kana Yeroo hamaa kheessaatti, jechuunis yeroo lola Uhud keessatti Nabiin ﷺ miidhamanii, sibiilli koofiyaa isaanii keessaa lama keessa fuula isaanii seene. 💫🌍Abuu Ubaydaan saffisaan dhufe isaan baasuuf. Harka isaatiin baasuun Nabii ﷺ ni miidha jedhee sodaate. Kanaaf jilbeenfatee ilkaan isaa duraa fayyadamee humnaan sibiila sana baase. 🌍💫Yeroo sibiila khan baasu, ilkaan isaa keessaa lama dhabe ture. Akkasitti ilkaan isaa duraa lama dhabe. Garuu inni kanaaf hin yaanne; sababni isaa Ergamaa Rabbii ﷺ baraaruutu isaaf caalaa ture. 🕌 Zuhdii Umar boochise Yeroo Umar binu-Khaxxab mootummaa Islaamaa bulchaa turetti Shaam dhaqee Abuu Ubaydaa daawwate. 🌍💫Mana isaa seenee waa argee rifate. Mana isaa kheessatti mi'a ,siree fi meeshaa hin agrre.wanni inni mana kheessaa qabuus Saaqaa, goraadee, gaachanaa fi qodaa bishaanii qofa ture. 🌍💫Umar akkan jechuun boo'e: “Nu hunda addunyaan jijjiirte, si qofatu hin jijjiiramne yaa Abuu Ubaydaa.” Abuu Ubaydaan immoo akkana je'een: “Yaa Amiira Mu’minootaa, kun hundi imala Aakhiraaf gahadha” 🛡️ Ajajaa amanamaan Abuu Ubaydaan loltoota Islaamaa Shaam keessatti hoggane. Gad of qabuu fi haqaan bulchuu keessatti fakkeenya ture. 🌍💫Yeroo dhibeen “Xaa’uun Amawaas” je'u babal’atetti loltoota isaa dhiisee of baraaruu dide. Isaan waliin ture hanga dhukkubbichaan du’etti. Kanaanis amanamummaa fi jaalala isaanii agarsiise. 💫🌍💡 Barnoota seenaa kana keessaa: Wareegama fi jaalala – waan qaalii qabu ilkaan isaa tillee Nabiifﷺ jecha dhabe 🌍💫Zuhdii dhugaa – mootummaa fi humni qalbii isaa hin jijjiirre. Naafi sillee warra dhugaan gad dhaabbate sanirra nu haa taasisu 🥺❤️🩹 http://t.me /ahlulkahfmedia2
Dubbii ajaa'ibaa! Galgala tokko aalima beekkamaa Hassan Al-basrii irraa hiraatni garmalee ture. Eegee dhufuufii dhabnaan khaadima isaa ‘Habiib’ ja'amu yaamee “Beelti nufixuufi hiraataan nudhaqqabi” ja'een. Lakkaa kadhattuun wahii dhufee “Yaa warra Rabbii waan nyaatamu” jannaan khaadimtichi hiraatuma godhaa jiru kenneefii jira. Hoggaa kana “Dhugaan Rabbiratti irkachuu jachuun xiqqoo harkaa qabdu caalaa guddoo harka Rabbii jirtu abdachuu dha jattee turte. Kanaaf aniis hiraata guututti sadaqadheera” ja'een. Imaamtichi khaadima isaa kana ajaa'ibee “Ati yaqiina guddaa qabda. Garuu Ilmii teetu xiqqaate. Walakkaa kenniteefii walakkaa hin hambistu turee?” ja'een. Osuma isaan haala kanaan walitti deeffachaa jiranii hulaan rukutamte. Yoo irraa banan nyaanni dooniyyaa guutuun hadiyyaa isaaniif dhufe. Khaadimtichi nyaata kana fuula aalimtichaa dura kaa'ee “Yaa sheekha! Ati Ilmii guddoo qabda. Garuu yaqiina keetu xiqqaate” ja'een 😀 Akkasitti walitti kooflaa nyaachuu eegalan! Agartee! Yaqiinni dhugaa hoggaa cufa akka gammachuun jiraattu sigodha. Tan qabduuf Shukrii, tan dhabdeef abdii akka qabaattu sigodha. Yaqiinni dhugaa “Abadan! Rabbiin akkatti nahin dhiisu. Gaaf-tokko anuma irraa jijjiira” ja'anii amanuudha. Nidandayaa Diin fi Duniyaaniis nurraa haa jijjiiru! http://t.me/ahlulkahfmedia2
Ani Gooftaa du'us ta'ee Gooftaa du'aa kaa'u, ykn Fannifamu hin qabuu😎 Gooftaan khiyya isa hin duune, isa yeroo hunda jiraata te'eefi isa eenyulleen isa hin fannisne, isa waa hunda danda'u, isa yoomiyyu jiraataa ta'e ALLAAH dha. Akka amantii khiyyaatti Yesuus_Kiristoos( Iisaa ilma Maryam) ergamaa Rabbii isa Kabajamaadha. Hin duune, Hin fannifamnes garuu Rabbitu gara isaatti ol isa fuudhe. Ragaan Qur'aana Rabbiiti. وَقَوْلِهِمْ إِنَّا قَتَلْنَا ٱلْمَسِيحَ عِيسَى ٱبْنَ مَرْيَمَ رَسُولَ ٱللَّهِ وَمَا قَتَلُوهُ وَمَا صَلَبُوهُ وَلَـٰكِن شُبِّهَ لَهُمْ ۚ وَإِنَّ ٱلَّذِينَ ٱخْتَلَفُوا۟ فِيهِ لَفِى شَكٍّ مِّنْهُ ۚ مَا لَهُم بِهِۦ مِنْ عِلْمٍ إِلَّا ٱتِّبَاعَ ٱلظَّنِّ ۚ وَمَا قَتَلُوهُ يَقِينًۢا Ammas waan isaan “nuti Masiih Iisaa ilma Maryam, ergamaa Rabbii, ajjeefnee jirra” je'aniif (isaan abaarre). Isaaniitti fakkeeffame malee isa hin ajjeefne; hin fannisnes. Dhugumatti, isaan isa keessatti wal dhaban isa irraa shakkii keessa jiru. Yaada hordofuu malee isa irratti beekumsa homaatuu hin qaban. Qabatamaatti isaan isa hin ajjeefne. Ammas boonaaf jecha kan isaan 'Almasiih Iisaa ilma Maryam ajjeefne' jedhaniin isaan abaarre. Akka jedhan isa hin ajjeefne; hin fannifnes. Garuu nama wahii kan Rabbiin fakkii Iisaa isatti uffise ajjeesanii fannisanii inni ajjeefame Iisaadha se'an. Yahuudota irraa warri Iisaa ajjeefnee jirra je'anii fi Nasaarota irraa warri dabarsanii itti kennan lamaan isaaniitu dhimma isaa keessatti dhamoofi shakkii keessa jiru. Beekumsa waa'ee khanarra hin qaban; yaaduma qofa hordofaajiru. Yaanni qofti immoo haqa irraa homaa hin duroomsu. Tasumatti Iisaa hin ajjeefne hin fannifnes. Surah 4, Ayah 157 بَل رَّفَعَهُ ٱللَّهُ إِلَيْهِ ۚ وَكَانَ ٱللَّهُ عَزِيزًا حَكِي Dhugumatti Rabbiin gara isaatti ol isa fuudhe. Rabbiin injifataa, ogeessa ta'e. Rabbiin tooftaa isaanii jalaa isa baraare. Qaamaafi ruuhii isaatiin ol isa fuudhe. Rabbiin mootummaa isaa keessatti injifataa sharii'aafi murtii isaa keessatti ogeessa. Surah 4, Ayah 158. http://t.me/ahlulkahfmedia2
Seenaa nama kofalchiistu (baacoo xiqqoo): 🕋Kitaaba Al-Bidaya wa'l-Nihaya irraa. Ni odeeffama akka Qaysar mootichi Roomaa gara Mu'awiya ibn Abi Sufyan nama dheerina guddaa qabu tokko ergee, “namni Muslimaa keessaa isa wajjin dheerinaan wal qixa ta’u jiraa?” jechuun qormaata dhiyeesse. 🕋🔰Yommuu kun Mu'awiya ibn Abi Sufyan bira ga’u, inni ilkaan xinnaa kolfaa, ogummaa fi obsa isaatiin beekamaa ta’ee, Qays ibn Sa'd ibn Ubadah akka waamamu ajaje. Qays kun nama Ansaarotaa keessaa guddaa, sammuu fi malaan cimaa ture; hanga namoonni “utuu Islaamni hin jirree, mala isaa obsuun hin danda’amu ture” jedhanitti. Qays (ra) dheerina guddaa fi ulfina qaba ture; hanga “yoo farda irra taa’e, miilli isaa lafa tuqa” jedhamee himamutti. 🕋🔰Yommuu inni dhufe, Mu'awiya ibn Abi Sufyan itti hime: “Nama Roomaa kana bira dhaabadhu.” 🔰🕋Qays immoo ogummaa fi ofitti amanamummaadhaan deebise: “Lakki, akkas hin godhu! Garuu kun surrii kiyya — isa kana itti madaalaa!” Surriin isaa fudhatamee, namicha Roomaa sana irratti madaalame. Surriin sun ol ka’ee hanga funyaan isaatti ga’e! Namoonni achi turan hundi ni kolfan 😄 http://t.me/ahlulkahfmedia2
🕌Karaalee Rizqii ittiin argachuu danda'an Islaamummaa kheessatti Rizqiin (الرزق) wantoota Rabbi irraa dhufan hunda jechuudha. Maallaqa qofaa miti fayyaa, beekumsa, nageenya qalbii, maatii, carraa hojii fi qajeelfama dabalata ✍️🏿Rabbiin Ar-Razzaaq (Kan Rizqii kennu) dha. 1. Rizqiin hundi Rabbi qofarraa dhufti Rabbiin ni je'a: إن الله هو الرزاق ذو القوة المتين (٥٨) Rabbiin Isatu akkaan soorata kennaa, abbaa humna cimaati. (Qur’aana 51:58) ➡️ Namni, hojiin ykn biyyi tokkoon isaanii rizqii hin kennan ykn madda rizqiitii miti.isaan karaa qofa. 2. Rizqii karaa halaalaatiin barbaadi Islaamummaan hojii fii daldala halaalaati jajjabeessiti: Nabiin Rabbii ﷺ ni je'an: “namni tokkolleen irra gaarii nyaataa hin nyaatu, kan hojii harka isaatiin argaterra.” (Bukhaarii) Hojiirratti amanamaa tahu Daldala haqaarratti jabaachu Gowwoomsuun,matta'aan,maallaqna dhalaati fi maallaqa qulqulluu waliin dhahuun barakaadha balleessa. 3. Tawakkula (Rabbirratti hirkachuu) fii tattaaffii Rabbirratti hirkachuun dadhabinaa miti. 🩵Nabiin Rabbii ﷺ ni je'an : “yoo isin akka sirriitti Rabbirratti hirkattan, akka simbirroota razaqutti isiniis riszqii isinii kenna; ganama beela’anii bahu, galgala quufanii deebi’u.” Tirmizii 4. Taqwaan Rizqii dabala 💙Rabbiin ni je'a: ومن يتق الله يجعل له مخرجا (٢) Namni Rabbiin sodaatu (Rabbis) karaa bahiinsaa isaaf godha . ويرزقه من حيث لا يحتسب Bakka inni hin yaadin irraayis isa soora. (Qur’aana 65:2–3) Taqwaan: Haraama irraa fagaachuu ▶️ Salaata yeroon salaatuu ✔️ Dhugaa dubbachuu Safuu qabaachuu 5.kadhannaa Rizqii Nabiin Rabbii ﷺ rizqii halaalaa kadhatan. Duaii risqiidhaa: Allahumma ikfini bi-halālika ‘an harāmika, wa aghnini bifaḍlika ‘amman siwāk. “Yaa Rabbi, waan halaalaa keetiin haraama irraa quufee na taasisi tola keetiin immoo nama kamiyyuu irraa bilisa na godhi.”🤲🏿🤲🏿🤲🏿 6.Sadaqaan Rizqii dabala Rabbiin ni jedha: “Waan sadaqaa kennitan hundumeeysa Rabbiin bakka buusa. (Qur’aana 34:39) ➡️ Kennuun qabeenya hin hir’isu; barakaa dabala.❕️ 7. Galata (Shukrii) heddummeessuun Rizqii eega. Rabbiin ni je'a: “Yoo na galateeffattan, (ni'imaa khiyya irraa) isiniifiin dabala. (Qur’aana 14:7) Yeroo rakkoo fii balloo hunda shukhrii galchuudha 8. Rizqiin lubbuu hundaaf waan ilaahi qoodeef barreeffameefi jira garuu tattaaffiin barbaachisaadha Ergamaan Allah ﷺ ni je'an “Rizqiin sababaa fedhii olaanaati ariitiidhaan hin dhuftu, sababaa obsaatiiniis hin turtu. ➡️ Rizqiin kee si dhaqqabdi garuu karaa ati filatte irratti hundaa’a. 🌿 Gabaabumatti Karaan Rizqii muslimaa Hojii halaalaa hojjachaa Rabbirratti hirkachuu Taqwaa,Du'aa'ii, Sadaqaa fi Galata rabbiif galchuudha http://t.me/ahlulkahfmedia2
Seenaa Jireenyaa Khaliifaa islaamaa 3ffaa Usmaan ibnu Affaan(رضي الله عنه) (Rabbiin irraa haa jaalatu) Seenaa Islaamaa keessatti boqonnaawwan mimmiidhagoo, kaka’umsaa fi lallaafaa ta’an keessaa isa tokkodha. Seenaan isaa injifannoo sagalee guddaa qabu miti garuu waa’ee gad if qabuu, arjummaa, obsaa fi amantii gadi fagooti. 🌿 Jireenya Isaa Jalqabaa Usmaan ibnu Affaan (RA) gosa Qureeshi kabajamaaf guddaa ta’e keessaa Makkaatti dhalate. Islaamummaa durallee akkana je'amee beekama ture: Nama Garmalee gad if qabu safuu eeggatu (qaanfatu) Amanamummaa fi nama Amaanaati Sooressa gad if deebisu Gaafa Nabi Muhaammad ﷺ namoota gara Islaamummaatti yaamuu eegalan Usmaan (RA) Ergaa sana osoo hin shakkiin- dafee, karaa waamicha Abu Bakr (RA) fudhate. 💍 Abbaa Ifa Lamaa (Dhul-Nurayn) jedhanee beekkama. Usmaan (RA) maqaa addaatiin kabajamee jira 👉 Dhul-Nurayn (Abbaa Ifa Lamaa) . Maalif je'ame? Sababni isaas ijoollee dubraa Nabiyyii ﷺ lama fuudhe: Ruqayyaa bint Muhammad (RA) . Erga Ruqayyaan akhiramtte booda Ummu Kulssum bint Muhammad (RA) fuudhe . Seenaa keessatti namni biraa kabajni kun kennameef hin jiru. 🤲 Arjummaa Isaa (Sadaqaa fakkaataa hin qabne) Usmaan (RA) qabeenya isaa Islaamummaa qofaaf itti fayyadame: 💧Boolla bishaanii Rumaa Musliimonni Madiinaa yeroo bishaan qulqulluu argachuu dhaban boolla bishaanii bitee namni hundi bilisaan akka fayyadaman taasise. ⚔️ Waraana Tabuk Yeroo imala lolaa Tabuk: Gaala dhibbaan lakkaa'amu arjoome Warqee fi dhiyeessii garagaraa kenne. Nabiyyiin ﷺ akkana je'an: "Har'a booda wanti Usmaan miidhu hin jiru." 📖 Gumaacha Isaa keessaa inni Guddaan: Qur'aana Akka Khaliifaa 3ffaatti, Usmaan (RA) waan bara baraan Islaamummaa eegu tokko taasise: 👉 Innis Qur'aana qindeessee gara version official tokkootti sadarkaa isaa eeggate akka walitti qabamu ykn compile akka ta'u taasise. Kunis Mushaafa Usmaan jedhamuun beekama. Sababa isaatiis: Qur’aanni osoo hin jijjiiramne hafee hanga har’aatti Muslimoonni addunyaa guutuu Qur’aana tokko qabu tokkuma qara’u. SubhanAllah. 🕊️ Amala Usmaan (RA) Usmaan (RA) kan Inni beekamu: Garmalee gad if qabuu nama saalfatuun yommuu ta'u (ergamoonni/ Angels illee isa duratti qaanyiin itti dhaga'ama ture) . Usmaan (RA) nama baay'ee garaa laafurrahi Nama Waldhabdee irraa fagaatu ture Jaalala gadi fagoo ibaadaaf kan qabu yoo ta’u (yeroo baay'ee halkan dheeraa Salaataaf dhaabbata ture) . ⚔️ Qormaataa fi Wareegama Usmaan (RA) Gaarummaa qabaatus yeroon Khaliifummaa Usmaan (RA) qormaataa fi jeequmsa siyaasaatiin kan guutame ture. Finciltoonni mana isaa Madiinaatti marsan. If tiysuuf jecha Muslimootaan loluu hin barbaanne ture. Osoo Qur'aana qara'uu wareegame. 👉 Dhiigni Usmaan Qur'aana/Mushaaf-irratti jige yookiin Cocophe. Kunis hanga xumura jireenya Isaa yookiin du'a Isaatti walitti dhufeenya gadi fagoo Kitaaba Rabbii wajjin qabu namatti argisiisa. 🌟 Barnoota Usmaan ibnu Affaan (RA) irraa fudhatamu . Qabeenyi ifii meeshaa akhiraati, dunyaafi miti. Safuun yookiin haayaa qabaachuun jabina, dadhabina miti. Obsi yeroo ظلم )cunqursaa) عظيمة miindaan is guddaadha. Callisanii Islaamummaa tajaajiluun dhiibaa guddaa uumuu danda’a akkasumas bu'aa guddaa namaaf qaba. Yaadannoo Xumuraa Jireenyi Usmaan ibnu Affaan (RA) kan nu barsiisu (guddaa) العظيم ta'uuf sagalee ol kaasuu yookiin iyyuun akka hin barbaachifne nu barsiisa. Inni nama gadi if qabu ( gentle) ture... garuu addunyaa jijjiire. Waanan dubbise irraa gabaabseen...seena tan isniif qoode http://t.me/ahlulkahfmedia2