- Последний пост
- 28 мая 2025 г.
- Последнее чтение
- 14 авг.
- Постов за неделю
- 0
- Всего постов
- 20
- Тип
- открытый
- Язык
- und
- В каталоге с
- 14 авг.
- 1/24сутки в ленте
- —
- 1/48двое суток
- —
- 1/72трое суток
- —
Оценка по просмотрам недавних постов: пост набирает почти всё за первые сутки.
Посты
The owner of this channel has been inactive for the last 11 months. If they remain inactive for the next 20 days, they may lose their account and admin rights in this channel. The contents of the channel will remain accessible for all users.
Ani Itiyoophiyaanoota hin amanuu jedha Ba'aaluu Girmaa kitaabasaa የቀይ ኮከብ ጥሪ jedhu keechatti. Ani Itiyoophiyaanoota hin amanu, ofii kootii calqabee. Nuti namoota maaskiidhaan haguugamnee jiraannudha. Bifti nuti namatti agarsiifnuu fi uumamni keenya inni dhugaan lafaaf saamiidha. Sana irratti hamaa fi gaarii; tokko kan kaan irraa adda ittin baasnu ulaagaa hin qabnu. Safartuun bu’uuraa nuti keenyu waan kamiyyuu irratti dantaa dhuunfaa keenyaa qofa. Kanaafidha gidiraan kan heeddummaatuuf. Hiikni hiriyummaa ykn obbolummaa kan hin beekamneef. Hamii, maqa balleessii fi odeessi ragaa hinqabne kan baay'atuuf. Akka Itoophiyaanootatti qajeelfama tokko qofa beekna, "dantaa dhunfaa ofii" qofa. Yoon du'e malee abaluu hin amanuu jennee dhaadanna. Faayidaa keenyaaf yoo ta'e ni sobna. Ni ajjeesna. Ni hiina. Wantoota kana yommuu hojjennu qalbiin keenya hin jeeqamu. Qalbiin faayidaa dhuunfaatiif bitame akkamitti gaabbuu dandaʼa silaas? Gantummaarra hin deebinu. Tooftaan nuti faayidaa dhuunfaa argachuuf fayyadamnu fira diina irraa adda hin baasu, inaaffaa fi hammeenyi amala keenya. Hiika safuu fi amanamummaa afaaniin malee hin beeknu. Walumaagalatti qalbii gaarii fi hamaa adda baasuu danda’u hin qabnu. Namni nu barsiisees hin jiru. Barachuufis fedhii hin qabnu. Wanti baranne ummata duratti nama fakkaachuudha. Bara kana keechaa immoo Facebook irratti nama gaarii fakkaatanii mul'achuudha. Addababaayirratti namni hundi gootaa, kabajamaa, ulfina kan qabnu, amanamaa, gocha badarraa kan fagatee, hojii nama boonsu kan hojjetu, garaa qulqulluu kan jiraatu, yaada gaarii kan qabu, amanamummaan lapheensaa kan guutame, beekaa, hayyuu, qaroo fi gad of qabuun kan jiraatu fakkaanna alatti. Kun haguuggii fuulaa ummata duratti uffannudha. Haguuggii fakkeessummaa gocha hamminaa keenya ittin awwaallu. Garuu jireenya dhuunfaa keenya keechatti araada inaaffaa, shira, daba, soba, olola fi odeessa mataaf miilaa hin qabne irraa bilisoomne hin beeknu.Faayidaa dhuunfaaf jecha, maqaa balleessii, oduu soba fi fakkeessummaa irraa hin fagaannu. Amalli nu ibsu fakkeessummaadha. Haguuggii fakkeessummaa jala jiraanna. Haguuggii fuulaa malee ni jibbisiisna. Yeroo haguuggii fuulaa ofirraa baasnu ni fokkisna. Via: #Dinku_LK_Sarda
видео или голосовое, без подписи
видео или голосовое, без подписи
видео или голосовое, без подписи
KUTANNOO Kutaannoon adeemsa barbaachisaa hawwii qarshii qabatamaatti jijjiruuti. Kutaannoon sadarkaa yaadaatti waan ta'eef gabbifachuu dandeenya. Kutaannoon akkuma yaadota biroo sababoota murtaa'oo ta'an irratti hundaa'a. Isaanis: 1 Kaayyoo qabaachuu 2 Hawwii 3 Ofitti Amanamumaa 4 Karooraa Murtaa'aa 5 Beekumsa 6 Walgargaarsa 7 Abdii 8 Amala
Wiixinee labsii immigireeshinitiin guyyaa kudhaniin booda ammoo Kibxata ALI Waxabajjii 4, 2016, wixiineewwan labsii lama mana marichaatti dhiyeeffaman haaluma walfakkaatuun kan ajaja mana murtii malee aangii qaama raawwachiisaaf kenneedha. Wixiineen labsii seerummaa qabeenyaa yakkaan argame deebisiisuu fi yakka shororkeessuummaa maallaqaan deeggaruu ittisuufi to’achu irratti bahee, yakkawwan labsicharratti eeraman qorachuuf ajaja mana murtiin alatti quunnamtiiwwanii fi xalayaawwan butuuf aangoo qorattootaaf kenna
Qabiyyeen wixinee labsiiwwan maaliidha? Wixineewwan labsii sadii paarlaamaatti dhiyeessuun dursa kan qabate wixinee fooyya’insa labsii immigreeshinitti. Wixineen labsii fooyya’insaa labsii immiireeshinii wagga 21 dura raggaasiifame fooyyeessu kunis, aangoo namni kamuu biyyaa akka hin bane dhorku Daarektara Olaanaa Tajaajila Immigireeshiniifi Lammuumaatiif kenna. Labsiin Immigireeshinii ALI bara 1995tti bahe, ‘‘namni kamuu Itoophiyaadhaa akka hin baaneef dhorkamu kan danda’u haala seeraatti mana murtiin yoo ajajamee qofaadha’’ jechuun labsa. Wiixineen labsii seera hojiirra jiru kana fooyyeessuu kunis, aangoo kana tajaajila immigireeshiniifi lammuumaatiif dabalataan kenna. Labsiin fooyyeessuu kunis, ‘‘Daareektarri Olaanaan tajaajilichaa tajaajila tikaafi qaamoolee seera kabachiisan dhimmisaa isaan ilaalatu irraa odeeffannoo argatuun ykn odeeffannoo mataasaatiin argatu irraa ka’un, miidhaa olaanaa faayidaa biyyaaleessaa fi nageenya irra gahuuf haala hambiisuun hin danda’amneefi raawwatamuu irra gahee jiraachu yoo amaneette, namni kamuu biyyaa akka hin bane dhorku ni danda’a’’ jechuun kaa’e. Wixiniichi itti dabaluunis, ‘‘Tajaajilichi nama dhorke sana to’atee kan tursiisuu yoo ta’e mana murtiitti dhiyaachuusaa mirkanneessuu qabaata’’ jedha. Barsiisaa seeraa fi falmaan mirga namoomaa BBC dubbise, labsiiwwan wiixine kanarratti hammataman qeequ. Barsiisaan seeraa kunis, ‘‘Ajajni namoonni biyyaa akka hin bane jedhu kana muudamaa mootummaa tokkoof kennun waan akka barbaadameeti (arbitrariness)dha’’ jedhu. Socha’un mirga heeraa ta’u kan yaadatan oggeessi kun, ‘‘mirgi heera mootummaa kan daangeeffamu ammo, bu’uura seeraa qabaachuun manni murtii yaa ajaja kennee qofaa ta’u qabaata. Malee kan qaamni raawwachiisaan yeroo itti tole murteessu miti’’ jedhu. Heerri mootummaa keewwanni 32, ‘‘Lammiin Itoophiyaa ykn namni karaa seeraatiin biyyattii keessa jiru kamuu, naannoo biyyattii filateetti imaluu fi bakka jireenyaa hundeeffachu, akkasumas yeroo barbaadeetti biyyaa bahuudhaaf bilisummaa qaba,’’ jechuun labsa. Obbo Yaareed mirgi heera mootummaa kun, ‘‘yeroo dhihoo as irra deddebiin akka dhageenye, sababiiwwna garaa garaatiin seera hin jirreen qaama raawwachiisaan sababii adda addaatiin yoo diigamee lammiileen rakkooleen yoo mudatu argama’’ jedhu. Itti dabalunis, ‘‘aangoo kanaan dura haala gahaa ta’een seerrarratti hin bu’ureeffannee garuu hojiirra oolaa ture, seera qabeessaa taasisuu ykn gara seeraatti jijjiruun sarbamaafi dhiibbaa ture bifa seeraa akka qabatu gochuudha’’ jedhu. Labsii fooyya’insa seeraa kanneen kan qeeqanis, oggeessoonni seeraa fi mirga namoomaa qofaa miti. Pirezidantiin mana murtii sadarkaa tokkooffaa federaalaa, Obbo Fu’aad Kiiyaaris labsiicha ilaalchisee yaaddoo akka qaban Jibaata darbe Mana Maree Bakka bu’oota Ummataatti ibsaniiru. Manni marichatti Koreen dhaabbataa dhimmoota seeraa fi haqaa wiixinicha ilaalchisee marii ummataa gaggeesse irratti, Obbo Fu’aad, ‘‘mana marichaas ta’e Koreen dhaabbataa wiixinee labsii fooyya’insaa kana cimsee ilaaluu qaba jedheen akeekkachiisa’’ yoo jedhan dhagahaman. Mirgi socha’u mirga heeraa ta’u kan kaasan Obbo Fu’aad, mirgi kunis bilisa (exception) taasifamu akka danda’u ifaadha’’ jedhan.Ajajniiwwan dhorkaa akka namoonni biyyaa hin baaneef kennama adda durummaan aangoo mana murtii akka ta’u sababiin itti taasifame, ‘‘namoonni mirgasaanii akka kabachiisaniif, falmiin yoo jiraates haaluma sanaan faliimsaanii akka dhiyeeffataniif’’ ta’u dubbatan Obbo Fu’aadi. ‘‘Manneen murtii bakka lammiileen qaama raawwachiisaa waliin haala madaallii eegeen itti falmii gaggeessaniidha’’ jechuun, qaamnii murteessaa lammiilee fi qaama raawwachiisaa jidduutti gahee bahu qabaachu kaasan. ‘‘Dhorkaan mana murtii qofaan haata’u’’ falmii jedhuu akka hin dhiyeessine kan dubbatan Obbo Fu’aad, ‘‘haata’u malee daarektara olaanaaf aangoon yoo kennamu, aangoo dhaabbataa kenne. Hanga yoomiitti kan dhorku? Erga dhorkeen booda mana murtiitti dhiyeessaa? Falmiin irratti gaggeeffamaa? Kan jedheu hin jiru’’ yoo jedhan dhagahaman.
Torbanoota darban keessa wixineewwan labsii paarlaamaatti dhiyaataniiru. Labsiiwwan kanneen keessaa walakkaan yoo raggaasifaman kaan ammo koree dhaabbataa dhimmichi ilaallatutti qajeelfamaniiru. Seeroota mana marichaatti dhiyaatan keessaa wixineewwan labsii sadi ijoo dubbii ta’aniiru. Labsiiwwan kunneenis qaamni seera raawwachisu ajaja mana murtii iyyataan osoo hin daangeeffamne tarkaanfii akka fudhataniif hayyamuun wal isaan fakkeessa. Wiixinewwan labsii kunneenis, fooyya’insa labsii immigreeshinii, qabeenyaa yakkaan argame deebisuufi yakka shororkeessummaa maallaqaan deeggaruu ittisuu fi to’achuu fi wixinee qabeenya deebisiisudha. labsiiwwan kunniin akka jedhanitti qaamni raawwachisaa, dhorkaafi murteewwan kanaan dura ajaja mana murtii qofaan darbaa turan, ofiin raawwachuu danda’u. Oggeessi seeraafi mirga namoomaa BBCn dubbise, foyya’insi seeraa fi wixineewwan kunneen ‘‘of eeggannoon ilaalanuu qabaatu’’ jechuun yaada kennan. Oggeessi fi barsiisaan seeraa maqaansaanii akka eeramu hin barbaadne tokkos, erga Ministirri Mummee Abiy Ahimad gara aangootti dhufanii booda, fooyya’insi ‘‘ijaarsa dhaabbilee, seeroonni mirgootaa lammiilee fi heera mootummaa akka kabajaman taasisuu’’ yaada keessa akka galan taasifamusaanii yaadatu. Barsiisaan seeraa kuni, ‘‘adeemsa kana keessatti hojiiwwan riiformii hedduun yoo hojjataman, aangoo manneen murtii cimsuu, raawwachiisaan ammo itti gaafatamaa akka ta’u gochuuf yaaliitu ture’’ jedhan. ‘‘Amma deebiisan aangoo gara raawwachiistotaatti deebisuu fi mana murtiirraa fageessuun, jijjirama yaalamee ture sana kan booddeetti deebisudha’’ jechuun yaaddoo qaban ibsu. Daarektarri mummeen Jidduugala Falmitoota Mirga Namoomaa Itoophiyaa, Yaareed Haayilamaariyaam, yaaddoo isaanii himaniiru. Obbo Yaareed labsiiwwan kanneen ‘‘qoodinsa aangoo qaamooleen seera raawwachiisaniifi seera hikan jidduu jiru kan balleessuufi maddaallii dhabsisuu danda’a’’ jechuun yaaddoo saanii ibsu. Daareektarri olaanaan kun, ‘‘dhimmoota mirga namoomaa baayyee murteessoo ta’an qaama raawwachisaaf sadarkaa kanatti kennuun, qoodinsi aangoo akka madaallii dhabu taasisa. Sababiinsaas qaamni raawwachiisaan sadarkaa jalqabaarratti gaaffiilee walabummaa dandeettiin ol ka’an jiru,’’ jedhu. ‘‘Haala qaamni raawwachiisaan gutummaa guutuutti mootummaarra walaba jedhamee hin yaadamne’’ keessa ta’u kan kaasaan Obbo yaareed, ‘‘qaamni seera raawwachiisu walabummaa bira darbees seerootaafi olaantummaa seeraa haalaan kabachiisuuf qaawwa akka qabu kan qormaaatawwan irrati ibsamuudha’’ jechuun dubbatu. Falmaa mirga namoomaa kan ta‘an Obbo Yaareed, labsiiwwan akkasii kunneenis qoodinsa aangoo madaallii dhabsiisuun alattis, ‘‘aangoo manneen murtiif kenname kan fakkaatu qaama seera raawwachiisuuf kennuun sarbama olaanaaf karra kan banuudha’’ jedhan. Obbo Yaareed yaada kana yoo cimsaniis, biyya sirni dimokiraasii haalaa hin cimne keessatti qaamni raawwachiisaan, ‘‘kan humnatti dhiyaatedha’’ jedhu. Qaamni raawwachisaan kun, ‘‘qaama dhimmoota hedduurratti tarkaanfii wal hin madaalle fudhatuudha’’ jedhu. Akka ibsa Obbo Yaareeditti, qaamoleen seera tumaniifi seera raawwachiisan hordoffiin itti dhiheenyaa taasisan, ‘‘dandeettiin qaama raawwachiisaa daangaa seeraa keessaa akka hin baanee fi itti gaafatamoo akka ta’an’’ taasisa. ‘‘Akka qajeefamaatti aangoon seera raawwachiiftootaa paartii jiruu irraa walaba akka ta’u eegama,’’ kan jedhan Obbo Yaareed, ‘‘haalli Itoophiyaa keessa jiruu garuu kan sadarkaa sanarra gahe akka hin taane’’ dubbatan. ‘‘Haala sirni dimokiraasii fi siyaasni cimee hin jirreefi itti gaafatamummaan hin jiraanneetti,’’ seeroota kanneen qopheessuun, ‘‘tarkaanfiiwwan mootummaan fudhachuu barbaaduuf haguuggii seeraa akka kennuuti’’ jechuun qeequ. Falmitoonni mirga namoomaas, ‘‘sarbamawwan mirgaa heera mootummaan faalladha jedhan’’ labsiiwwan kanneeniin ‘‘haguuggii seeraa kennuun sarbamni mirgootaa seeraan deeggarame’’ raawwachuuf kan adeemamu akka ta’e Obbo Yaareedi ni dubbatu.
Ergaa bareeda Gurbaan Soressi tokko foddaa isaatin gad lalaa osoo jiru iddoo inni kosii(qushasha) itti kusuutti namticha hiyyeessa tokko argee, akkana jadhee "galatomi yaa Rabbi an hiyyeessa miti". Namtichi hiyyeessi kunis otuma nannoo Isaa kana gamana gamas ilaala deema jiruu, gurbaa uffataa malee qullaa amala fokkotaa agarsiisa dandii irra oli fi gaad fifiigu arge akkana jadhee "galatoomi yaa Rabbi ani maraata miti" Gurbaan maraatan kunis otuma dandii irra demuu konkolaa ambulaansi kan dukkubsata yabbatee figuu argee akkana jadhee "galatomi yaa Rabbi ani fayyaan qaba". Dhukkubsataan kunis namoota hospitaala kessatti du'anii reefka isaani gara alaatti gad basaa jiran ilaale akkana jadhee "yaa Rabbi galatomi ani hin dunee jirachaan jira". Nama du'e qofaatu Rabbiif Galata galchuu hin dandeenye. Maliif Rabbi kee hin galatomfanne wan inni sitti argoome fi guyyaa biraa bareeda arguf kan kennaa jiruu sif kanneef. Jireenyi maali? Jireenyi kun akka hikni Isaa sif galuu yoo barbadde idoo armaan gadii 3 kana deem. 1. Hospitaala 2. Mana hidhaa (sirreesaa) 3. Iddo awaalcha(qabrii) Hospitaalatti, wanni tokkollen fayyaa caala akkaa garii hin tane huubatta. Mana hidhaa(sirreessa) itti, walabummaan halaan barbaachisa akka ta'e huubatta. Iddoo awaalchatti(qabrii), dacheen ati arra milaan irra deema jirtu kun boru akka qorqorroo kee ta'e dhugoomsatta. Dhugaa Gaddaa: nu Marti wan tokko malee dhufne akkasumatti wan tokko malee demuuf tenna.... Kanafuu yeroo mara mataa kee gad qabi Rabbiif Galata galchii. Rabbiin umaa Isaa Mara ni jaalata kuni dhugaa.
#Ethiopia’s slow path to recovery for rape victims in #Tigray More than 120,000 women were sexually abused during the war in the Ethiopian province of Tigray between 2020 and 2022. Despite efforts from NGOs, healthcare professionals, and lawyers, many victims are left to fend for themselves. Although November 2022 brought the official end of the war in Tigray, every day, the One-Stop Center receives new victims, adding to the more than 120,000 rape cases recorded by local authorities since the war began in 2020. Eritrean troops, who supported the central government in Addis Abeba, the Ethiopian army, and their allies, the militias from Amhara, the neighboring region, are all accused of participating in this widespread sexual violence. “Ninety percent of survivors receive no support, though a holistic approach is crucial for healing,” lamented Gebeyenesh Tadege, who coordinates the response to violence against women within the regional government. Another NGO, the Tigray Women’s Association, has 620 places in its three shelters, where victims stay for an average of three months. Again, the limited budget hampers their ambitions. Only 27% of residents receive professional training, enabling them to start
“ Naannoo gaarii ta'e keessatti bu'aan nama gaarii hojjatuu dabalaa yoo deemu, naannoo gaarii hin taane keessatti immoo bu'aan nama gaarii hojjatuu gadi hir'ataa deema. Hawaasa seera cabsuu akka seeraatti fudhatu keessatti lammiileen amanamoo ta'an cunqurfamoodha. Fudhatamallee hin qaban.” barruu jedhu dubbiseen ture. Dhuguma naannoon jireenyaa nama miidha. Dhiibbaas namarraan ni ga'a. Akkasuma bu'aallee ni qabaata. Naannoo jireenyaa filachuu ykn uummachuun immoo jabina ✅
#Maloota_4_Dhiifama_Ofiif_Gochuuf Dhiifama ofiif gochuun of balaaleffachuun akkasumas miira yaaddoo fi dhiphinaatin sammuun keenya akka hin miidhamneef nu gargaara.Namoonni baay’een “akkamittan ofii koo isa darbeef dhiifama godha?”jedhu. ➡️Maloota #4n kanniin Haa fayyadamnu! ✓1.Ittigaafatamummaa fudhachuu! Yeroo waan dogoggoraa hojjetteetti amanuun rakkisaa ta’uu danda’a, garuu dogoggora keetif osoo sababeeffannaa ykn sababa hin baay'isin Itti gaafatamummaa fudhachuun dogoggora raawwateef beekamtii akka kennituu Fi hubattuuf carraa siif Kenna. ✓2.Gaabbiin sitti dhaga'amuu fi gaabbii Kee ibsachuu! Namoonni baay’een erga miirrii gadhee (negative emotion) dhangala’uu jalqabee booda ni gaabbu.Garuu miirri kun dogoggora darbe irraa akka barattuu fi akka sirrattuuf si gargaaruu danda’a.Miira gadhee(negative emotion ) akka kaka’umsa jijjiiramaatti fayyadamuun murtoo malee bilisummaan miira kee hubachuuf yaali. ✓3.Sirreeffama Gochuu! Dhiifama ofiif gochuun hariiroo of waliin qabdan isaa duraa deebisuuf yaalaa.Kana gochuun miira gadhee hir’isuu fi eenyummaa keenya Isa duraa suphuudhaaf nu gargaaruu danda’a.Namoota waliin hariiroo dura ture deebisuun yeroof yoo siif hin danda’amne, dursa dhiifama ofiif gochuu irratti xiyyeeffachuuf yaali. ✓4.Obsuu, barachuu fi jijjiiramuuf qophaa'i! Dhiifama ofiif gochuun dogoggora darbe irraa barachuu fi jijjiirama gochuuf carraa siif kenna.Obsuuf yaali,yeroo ofiif kenni.Dhiifamni gosa kamiiyyuu adeemsa.Kanaaf atumti Isa darbe irraa barachuu Fi jijjiramuuf murteessi. Walumaagalatti: ➡️Waa'ee gocha darbe aaruu, dhiphachu, garmalee gadduu Fi of ceepha'uu dhiisnee imala keenya fuulduraa irratti haa xiyyeeffannu! ➡️Akkuma waaqayyo dhiifama nuuf godhu,nutis dhiifama ofiif haa goonu.Namni amala dhiifama ofiif gochuu qabu immoo nama biroof dhiifama gochuun Itti hin ulfaatu. ✓odeeffannoo biroo argachuuf; @MentalHealthMedia1 Fayyaa ta'aa! ©Baeki M•[Mental Health Professional]
Fakkeenyaf, namoonni tokko tokko alkoolii yoo dhugan akka rafan ykn dadhabbiin akka itti dhagahamu isaan taasisa. Wantoonni akka jimaafi tamboo fa’aa ammoo qaamni keenya dafee hirribaan akka hin mo’amne dhiibbaa akka taasisu ibsu. Gama biroon ammaa halkan hirriba gaarii argachuuf wantoota akka bilbilaafi kannee biroo yaada keenya hatan ofirraa fageessuu gorsu. Hirriba dhabuun fayyaa qaamaa wajjinis wal-qabata. Hojiin namatti baay’achuu, yeroo qormaanni jiru dhiphachuu, rakkoo, gaddi fa’aa yeroo nama mudatu hirribni nama akka danda’us himu. Saalli namaas hirribaa xiqqaa rafuu ykn hirriba dhabuu wajjin kallattiin akka wal-qabatus yeroo dheeraf qorannoon gaggeeffamaa ture ni agarsiisa. Qorannoon akka agarsiisutti, dubartoonni dhiirota caalaa hirriba dhabuun rakkatu. Haalonni hawaasafi xiinsammuus wantoota hirriba dhabuuf sababa ta’an keessayi. Yuunivarsiitii Istaanfoorditti qorataa kan ta’na Dr. Reensar Look akka jedhanitti, hormooniwwan qaama [dubartootaa] keessa jiran hirriba dhabuuf sababa biraa akka ta’an ibsu. “Yeroon itti hormooniwwan jijjiiraman keessaa tokko yeroo laguun ji’aa gahuudha; kuni ammoo dubartoonni akka amala dhaban, sirriitti akka hin rafneefi yoo rafanis akka dafanii dammaqan taasisa,” jedhu Dr. Reenar. “Sababni lammataa ammoo ‘Insomiiniyaa’ yoo ta’u, xiinsammuu wajjin kallattiidhan walitti dhufeenya qaba,” jedhu. Hirriba dhabuuf sababa biraa ammoo umurii akka ta’etu himama. Ijoollen guyyaatti hanga sa’aatii 20 rafuu danda’u. Namni gaheessa ta’e tokko ammoo sa’aatii 6-9 rafuu akka danda’u himu Dr. Yoonas. Namooni hanguma umuriinsaanii dabalaa deemu sa’aatin isaan rafan xiqqataa adeema. Namoonni umuriinsaanii 60-70 jiran sa’aatii sa’aatii 4-5 rafuu danda’u.Haa ta’u garuu namoonni sa’aatii shan rafanii yeroo rafan sanatti hirriba gaarii rafan jiru. Sa’aatinsaa gabaabaa ta’us miira gaaridhaan kaanan hirriba gahaa rafan jechuun akka danda’amu himu Dr. Yoonas. Dr. Maatiwu Wookar ammoo namni tokko guyyaatti sa’aatii 8-9 rafuu qaba jedhanii falmu. Insomaaniyaan nyaatan wal-qabatees dhufuu akka danda’u kan himan Dr. Yoonas namni tokko galgala sa’aatii 12 booda nyaatafi dhugaatii qabiyyeen kaafeenii itti baay’ate yoo fudhate sa’aatii itti hirribni dhufu jalaa dheeressuu danda’a. Jireenya keessatti haalli tasaa balaa qaamaa guddaaf nama saaxilu yoo nama mudate, dhiphinni fa’aa namni tokko hirriba gahaa akka hin arganneef sababoota ijoo keessayi. Insoomniyaa ykn hirriba dhabuu akkamitti furuun danda’ama? Hirribni fayyaa sammuuf, ijaarsa maashaf, yeroo hirribaa dhibee uumamaa ittisuuf akkasumas dhibeewwan fayyaa kanneen akka dhiibbaa dhiigaa, dhibee sukkaaraa sababa hormoonin wal-gituu dhabuun dhufan hambisuuf akka gargaaru kaasu Yoonas Kifloom. Dabalataanis hirribni dandeettii ittiin dhiphinaafi muddama fa’aa dandamachuun danda’mu gabbisuuf gargaara. Ogeeyyin fayyaa akka jedhanitti, wantoota rakkoo hirriba dhabuu ykn Insomiiniyaa fidan ofiidhuma keenyan ittisuu dandeenya. Inni jalqabaa hirriba tasgabbii qabu rafuu shaakaluudha. Kuni, kutaa ciisichaa keessan dukkana akka ta’u gochuu, sagalee nama jeequ fageessudha. Akkasumas wantoota yaada namaa hatan kanneen akka mobaayilaa, kompiitaraa, fi meeshaalee elektirooniksii biroo kutaa hirribaatii fageessuu akka ta’e gorsu Dr. Yoonaas. Guyyaa guyyaan sochii qaamaa taasisuu, hirriba dura bashannanuu, kutaa hirribaafi afata qulqulleessuunis rakkoo hirriba dhabuu furuuf wantoota gargaaran keessayi. Namni hirriba dhabuun rakkatu tokko wantoota kanneen torban lamaaf yoo shaakalu jijjiirama qabatamaa akka argu himu ogeeyyin.
Roodaas Bayyanaa obboleessi ishe quxisuun erga du’ee sodaan guutamtee halkan hirriba hin qabdu. Obboleessishee kan du’e naannoo Tigraayitti yeroo waraanni gaggeeffamu sana. Isheen Jibuutii osoo jirtuu oduu gaddaa kana dhageesse. Sanaayyuu erga inni du’ee waggaa tokko booda. Ergasii hirribni ijasheerraa badee urjii lakkaa’aa akka bultu himti. Halkan maqumaaf cinaachan lafa geessi malee nyaarri ijashee walirra bu’uuf sa’aatii dheeraa buustee baasuu ishee gaafata. Yaadashees sassaabdee waa’ee waan tokkorratti xiyyeeffachuuf akka rakkattu himti. Namni biraa ogummaansaa gaazexeessaa ta’e tokkos akkumashee hirriba gahaa rafuuf akka rakkatu hima. Sababasaa wallaalus guyyootaf hirriba malee akka bulu hima. Isa kan adda godhu, halkan sa’aatii dheeraa bibilaafi kopiitara irratti dabarsa; halkan bunas ni dhuga. “Hirriba malee bulee ganama gara hojii gaafan deemu, amalli koo guutummaatti ni jijjiirama. Namoota waliin haasa’uu na jibbisiisa,” jechuun hirriba dhabuun rakkoo isatti uume dubbata. Qorannoowwan garaa garaa akka agarsiisanitti, namoota gaheessa ta’an kudhan keessaa yoo xiqqaate namni tokko hirriba dhabuun ni rakkata. Yeroo heddu halkan hirriba keessaa kaatu yoo ta’e ykn erga kaatanii booda miirri dadhabbii isinitti dhagahama taanan, tarii rakkoo hirriba dhabuu (Isoomniyaa)dhaan qabamtaniirtu ta’a. Insoomniyaan rakkoo yeroo heddu nama mudatu yoo ta’u irra deddeebin hirriba dhabuudhan kan mudatuufi yeroon booda dandeettin waa hubachuu namaa akka hir’atu akkasumas aarii fa’iif nama saaxiluu danda’a. Namni tokko sammuunis ta’ee qaaman fayyaalessa ta’uuf hirriba gahaa argachuu akka qabu gorsu Hospitaala Amaanu’eelitti ogeessa fayyaa sammuu kan ta’an Dr. Yoonaas Laaqawu.Namoonni hirriba gahaa osoo hin rafin yoo bulan, bariituusaa amalaafi yaaduu irratti jijjiiramni akka mul’atu kaasu. Yuunivarsiitii Kaalifoorniyaatti pirofeesara xiinsammuufi niwuroosaayinsii kan ta’an Maatiwu Wookar, ogeeyyin fayyaa hirriba “akka qorichaatti” ajajuu qabu jedhu. Nyaati, dhugaatin, wal-horuu fa’aan akkuma jireenya keenyaf barbaachisaa ta’e, hirribnis jireenya keenyaf barbaachisaadha jennee yaaduu akka qabnu jabeessanii gorsu. Hirriba gahaa argachuufi dhiisuu keenya baruuf qorannoo dabalataa gaggeessun barbaachisaa ta’us, bifa lamaan baruun akka danda’amu kaasu Maatiwu. Inni jalqabaa, ganama hirribaa gaafa kaatan sa’aatii shanitti deebitanii rafuu dandeessuu? Kan jedhuudha. Deebin keessan “eeyyee” yoo ta’e, hirriba gahaa hin arganne jechuudha jechuun falmu. Inni lammataa ammoo sa’aatii dheeraf waan kaafeenii qabu osoo hin fudhatin dammaqoo taatanii turuu dandeessuu? Kan jedhu yoo ta’u, deebin keessan “lakki” kan jedhu yoo ta’e gara fuulduraatti rakkoo hirriba dhabuuf saaxilamuu keessan agarsiisa jechuudha. Insowomniyaan maalidha? Ogeessi xiinxamuu Dr. Yoonas Laaqawu BBCtti akka himanitti, rakkoo hirribni tasgabbaa’ee ta’e dhabamuurraa kan dhufuudha. Barsiisaa Yuunivarsiitii Addigiraatifi qorsaa fayyaa sammuu kan ta’an Obbo Yoonas Kifloomis yaaduma wal-fakkaataa himu. Ogeeyyin fayyaa sammuu kun akka jedhanitti Isomiiniyaa bifa armaan gadiin ibsamuu danda’a: sa’aatii dheeraa hirriba malee dabarsuu, hirriba tasgabbaa’aa ta’e dhabuu, ganama erga ka’anii deebi’anii rafuu dadhabuu, waaree booda miira aarifi dadhabbii namatti dhagahamuufi kkf. Hirriba gahaa maalif dhabna? Ogeeyyin akka jedhanitti, namni tokko hirriba gaafa dhabaa deemu fedhiin nyaataa heddu nyaachuu ni dabala. Ogeessa fayyaa sammuu kan ta’na Dr. Yoonas Laaqawu akka jedhanitti hirriba halkaniirratti wantoota dhiibbaa fidan keessaa tokko haala itti guyyaa dabarsinuudha. Oolmaa guyyaa keessatti sochii qaamaa taasisne yoo ta’e, dhiibbaa hojii, muddama, dhukkuba fa’aadhan dabarsine yoo ta’e hirriba gahaa argachuufi dhabuu irratti dhiibbaa of danda’e qabaata jedhu. Dabalataanis, wantoota araada nama qabsiisan fudhanna taanan, hirriba dhabuuf akka nama saaxilu beekun gaarii akka ta’e gorsu.
#Sudanese authorities claim arresting group of #Ethiopian women accused of being “snipers for the Rapid Support Forces (RSF).” Sudanese authorities in #Gederaf state bordering Ethiopia claimed to have apprehended six Ethiopian women accused of serving as “snipers for the Rapid Support Forces (RSF),” Sudan Tribune reported. Citing its sources the outlet reported that the women “had been operating within the RSF for over a year, leveraging their specialized sniping expertise gained in Ethiopia.” Their alleged involvement in operations against the Sudanese Armed Forces (SAF) and security agencies is supported by images of military engagements and weaponry found on their phones, the report further said. The women were reportedly intercepted while attempting to flee to Ethiopia through the #Amhara region following escalating violence in Khartoum. Both the the Sudanese Armed Forces and the Rapid Support Forces accuse each other of enlisting foreign fighters to participate in the ongoing civil war.
1+1>2
Pirezidaantiin itaanan Maalaawwii balaa xayyaaraa mudateen du'uu pirezidaantin biyyattii beeksisan. Xayyaarri waraanaa pirezidaantii itaanafi namoota biroo sagal feetee imalaa turte bosona keessatti caccabdee namni lubbuun hafe hin jiru.
''Hanqina bajata liqii biyya keessaafi alaa argamurraa bakka buusuf karoorfameera,'' jedha ragaan bajataa miseensota Mana Maree Ummataa Itiyoophiyaaf dhihaate.
Dhuma torban darbeerra giddu-galeessa Somaaliyaatti gosa Mareehaan fi Diir jedhaman gidduutti walitti bu'iinsa dhalateen yoo xiqqaate namoonni 40 ajjeefamuun yoo himamu, hidhattoonni al-Shabaab ammoo haleellaa raawwatanii namoonni baayyee ajjeefamuun ibsameera.