Borana News, Knowledge and Fun
Статистика💚Beekkumsa adda addaa 💚Oduu fi aadaa Booranaa 💚Suuralee abbootii Gadaa Booranaa 💚Taphaa fi khobla Booranaa; asi jalatti ni argattuu nutti makhamaa. Join and share with your friends . አንብብ አዕምሮህ ልክ አንደባህር ይሰፋል። ወንዞችም ለአንተ መገበር ይጀምራሉ። @borananews
- Последний пост
- 18 июн. 2025 г.
- Последнее чтение
- 13 авг.
- Постов за неделю
- 0
- Всего постов
- 21
- Тип
- открытый
- Язык
- om
- В каталоге с
- 13 авг.
- 1/24сутки в ленте
- —
- 1/48двое суток
- —
- 1/72трое суток
- —
Оценка по просмотрам недавних постов: пост набирает почти всё за первые сутки.
Посты
https://cocacola789.com/#/register/9954264
Hamster 🐹 Guyyaan miishoo hardha. Aga dandeettan waan hojjattan Profit Per Hour'tti deeffadhaa! @CryptoBrns
Gosa crypocurrency keessaa tokko kan taye #AVACOIN dhiyoo gaafa July 30 gatiin ifatti baha. Agasitti liinkii kanaan seentanii token isaa walitti qabachuu in dandeettan:- https://t.me/avagoldcoin_bot?start=d4f0d88c75997845dce1 Daayimtuu haaraa warraa argachuuf ammoo @avagoldcoin hordofaa! Horaa Bulaa
без подписи
Artistiin dhalataa Itoophiyaa tahee fi maqaa ''The Weeknd'' [Za Wiikand] jedhamuun beekamu, Abel Tasfaayee, lammiilee Gaazaaf deeggarsa Birrii Miliyoona 135,00000 [Doolaara mil. 2.5] tahu kenne. Maallaqni kun lammiilee Gaazaa sababa waraanaan rakkina hamaa keessa jiran 173,000 tahaniif nyaata miliyoona afur bituu danda'a.Kun ammoo torban lamaaf isaan gaha. Abel UNtti Ambaasadara Sagantaa Nyaata Adunyaati. Artistiin Kun Eenyuu? Artistii kun dhalataa Itoophiyaa yoo ta'u, kabaja haadhasaafi maatii isaaf qabuu jecha buna Itoophiyaa maqaa haadhasaan "Saamraa Bunnaa" jechuun moggaasee torbee dhufuu jalqabee gabaa addunyaaf dhiyeessa. Artisti Abeel Tesfaayee ykn maqaaa Za Wiikand jedhamuun beekamu kunis buna maqaa haadhasaatin 'Saamraa' jedhee kan moggaase yoo ta'u, Biluu Bootil Kofii (Blue Bottle Coffee) waliin ta'uun gabaaf akka dhiyeessu beeksiseera. "Aadan Itoophiyaa qaama eenyummaa kootiti," jechuun aadaa, duudhaaleefi buna Itoophiyaa addunyaarratti beeksisuuf akka hojjatu hime. Daa'imummaasaarraa kaasee haatisaa buna akka aadaa Itoophiyaati danfisuun dhugaa akka turan ibsuun, aadaafi eenyummaa keessaa bahe yeroo hunda akka habaju kan isa taasisu beeksise. Kampaniinsaa Biluu Bootil galii argaturraa Itoophiyaatti namoota deeggarsa nyaataa barbaadan miliyoona 20 ta'aniif karaa USAID deeggarsa gochuuf akka jirus ibsee jira artistiin kun. Abeel Tesfaayee (Za Wiikind) kanaan duras Itoophiyaatti deegarsa namoomaf kan oolu dolaara miliyoona tokko arjoomee ture. #BBC @tikvahethafaanoromoo @tikvahorobot
Mootummaan naannoo Amaaraa waraana FAANNOO kha hidhatee lafa jeequutti jiruuf akka mootummaan Federaalaa reebee tarkaanfii fudhatu gaafate! @BoranaInsiders
Mee foormii tana guutaa! Qorannoo Boorannii qayya akkamiif akka itti fayyadamuutii!
https://forms.gle/GvcP9yYahMHXKYrs6
Oduun eegee nutti aante akka ettutti godini Gujii Bahaa kha qara Adoolaatti godaana edhan amma yeroof Nageellee Booranaa keessa akka turu edhan. @BoranaInsiders
https://e.vg/OXIIaWz? New platform, $3 signup bonus, no deposit, free spins, $100-600 per day,
Oduu Oowwituu! --------------------------- Godinnii Boorana Bahaa hundaayee teessoon isaa magaala Nageellee Booranaa tahuun murtaa'e! @BoranaInsiders
Boorannii akka jajjabaa jira. Deeggarsa wal irraa hin cinne barbaada. Bulchiinsii godinaa fi naannoo ammoo waan kana dhoffachuu fedha. Tanaaf xiyyeeffannaa silaa argachuu male dhabuutti jira. @BoranaInsiders
☑️Eenyummaa-keetiif, Bakka Guddaa kenni!. Namichi Edinberg jiraatu, kan kophee hodhu tokko guyyaa hundumaa yeroo hirribaa ka'u akkana jedhee kadhata. "Yaa waaqayyo ofii-kootiif akkan iddoo guddaa kennuuf na gargaari!" Jedha ture. Eeyyee! Namni kam iyyuu milkaa'inaaf gammachuu gonfachuu yoo barbaade, jalqaba irratti eenyummaasaatiif bakka guddaa kennuu qaba. Kana gochuuf tarkaanfiin jalqabaa sammuu ofii keessatti of ajaa'ibsiifachuudha. Kana booda ofitti amantaa horachuu nama dandeessisa. Namni maqaan isaa Wadirow Wiilsen jedhamu, barreessaa beekumsa walii-galaa kan ta'e dhimma eenyummaa ofii fudhachuu ilaalchisee hima miidhagaadhaan yommuu ibsee akkas jedhe, "Eenyu iyyuu hirkataa miti; sababni isaa qofaa fiiguu danda'a" jedheera. Kanaafuu, eenyummaa ofii-tiif bakka guddaa qabaachuun barbaachisaadha, furmaata filannoo biraa hin qabneedhas! 👇👇👇👇👇👇👇👇 @Galgka @Galgka
https://t.me/taphaakoblabooranaa?videochat=8cddd5d9bcf4549e9f
❻❼. Deemsii soba sobee khophee cira ❻❽. Sirbii soba sobee qalbii miidha ❻❾. Qalbiin daarte miila daarsiti ❼⓿. Ibiddii badda Areeroo gube badda lddii hin hanqatu ❼❶. Siyaasii Nageellee Booranaa Seenaa Jijjiiree, Yaa'a Balloo godinaa Booranaa bakka(iddoo) Jijjiiruu hin hoolu ❼❷. Bakka oolan irra bakka bulan wayya ❼❸. Siyaasii Sangaa raadaa dhalchiise, turii dhiyaadhiifuu nama dhakaa irra midhaassu hin oolu ❼❹. Nami deftera siyaasaa harkatti khennani yooyyuu yaadaa mataa ofi itti hin darin Ofii burjaajaye namallee burjaajesa Nami khuni Nama Siyaasaa adoo hin taane Qoraasuma siyaasaati ❼❺. Qonkhaan loon khaarraa faaraa ba'u dhowwee Qorkeen lagaa gelebleetti bu'aa dhowwee Qonkhaan warra simate Qorkeen warra himate ❼❻. Allaattii beelaa martuu beela'aan gulaa mara ❼❼. Simphirree lafa lafaa Afaan Akka akkaa ❼❽. Mataan qalbii hin qabne miila khophee hin qabne caalaa deemuuf nama rakkisa ❼❾. Nami hama hin qabuu Ballaan Aanaan raasa Naafi foon jaji'a ❽⓿. Namii barnoota adoo hin taane dhaloota nama ⑧①. Adoo akkii jecha jiruu akkii jedhan nama dhiba ⑧②. Wallaalumma qabeenni Namaa dhosse irra beekkumsa iyyumma kheessatti Dhokhate wayyaa ⑧③. Nama khaayoof okkoluu gowwaan naafa seeti ⑧④. Ofi tuuluu Jaldeessa guddinni dabbasaa ⑧⑤. Re'een nami faanaa tiyyaa argee dhangaa tiyyaa hin kajeeluu Garaa Wal kajeeluu Arrabii hin qajeeluu Jettee Jedhan ⑧⑥. Nyeencaa maan nyaata jennaan liqee jedhe Maan kaffalta jennaan ennutti na gaafataa jedhee jedhan ⑧⑦. Khitaaba Jaldeessii gaara barresse galtii tarbee Afuuraa khuta Dhaxxi khooffee Afuuraa khuta Galaaf dhaxxi gaargala! Dubbisuun qalbii nama khuta ⑧⑧. Qaroon Qaroo sobu Galata hin qabu Qarii Qaraa Hin Muruu ⑧⑨. Ilmeen qajeelumaan dhuftee ofiillee hin dhibamtuu haadhallee hin dhibduu ⑨⓪. Namii dallee gorse nama dhakaa khosse ⑨①. Dalleen ofi naasuun nama ijjeeftii dalleen biyyaa khoblaan nama ijjeeftii ⑨②. Namii Caatiin Daalee Xummura Inmaraata Namii farsoo Daalee Xummura Insalphata ⑨③. Maraataan waan maraatuun qaba Xummura waan maraatuun suniin du'a ⑨④. Iyyeessi dhiiraa iyyeessa hoolaati ⑨⑤. Dureessi birrii beekaa Dureessi Wal beekaa Iyyeessi Dubbii beekaa Iyyeessa eennutti beekaa? ⑨⑥. Ta jechaa fuutu gurraa hin fuutu ⑨⑦. Lubbuu kharraan bitee kharraa ilmaaniin bite ⑨⑧. Wannii lubbuun taatuu waan cubbuun taatuun Wal fakkaati ⑨⑨. Antuuti jilaa Qaxurree dhaqee sirbaa Jala qabnaan warraa keennaa ofi eegata sirbaa jedhee jedhan ①⓪⓪. Fardii Areeroo Bade Ariiriin Baye Lafa itti Deemu Ga'e Malee Waan Deemeef Hin Geenne Nagaan Bulaa! 👇👇👇👇👇 👇👇👇👇 👇👇👇 👇👇 👇 @borananews @borananews
𝐌𝐚𝐦𝐦𝐚𝐚𝐬𝐬𝐚𝐚 𝐅𝐢 𝐉𝐞𝐜𝐡𝐚 𝐖𝐚𝐥 𝐊𝐡𝐞𝐞𝐬𝐬𝐚 ①. Loon warraa hin jirree isantii foora hin jirre ②. Ooleen bifa waayelifata ③. Adoo gaafaa boo'u gurraa na muranii jette jedhan Harreen ④. Nami ijoolluma biyyee nyaata biyyaa ofi wallaaluun garaa nama nyaata ⑤. Nama ila tokko dhabatti dhaabi Nama niiti tokko dhabatti dhaabi Nama ilma tokko dhabatti dhaabi ⑥. Wa sadii tasa badde; Gowwaan dubbii fuudhe yeroo tasa badde Jannii biyyaa ormaa onnee tasa badde Gudeedii maseene lubbuu tasa badde ⑦. Khormii utaalchati baroodu baroochuu hin midhaaffatu ⑧. Wa sadii malii bade; Qaxurreen dorrobde lukkuu malii bade Abbaan warraa galee qeerroo malii bade Waraabessii yuuse harree malii bade ⑨. Jibbaallee oolan jabaa duubi jaalalaa jaalataallee oolan muyoo duubi jibba ①⓪. Deegaa haadha dhaltetti jibba ①①. Waltii qubatan malee Wal hin hubatan ①②. Nami akka waan hojjatee birr qabu Akka waan saamame qalbii dhabuun qalbii caphuu ①③. Duulaa galaa faarsan malee dhaqa hin faarsan ①④. Warrii duulaan beeka duulii galaan beeka ①⑤. Warrii Akka abbaan warraa jiruu jira ①⑥. Wallaalii nyaapha Wal dhabii nyaapha Waraanii nyaapha Guyo Doyo! ①⑦. Nama galataa hin beenne Harreeti irra jira ①⑧. Nama haaloo hin beenne sareeti irra jira ①⑨. Arbii biyyee oolu fakkaata ②⓪. Gaararraa bifatti Wal dha'a malee yaadii Wal hin dha'u ❷❶. Kokkoblaa haati jannaa hin seetu Janna waan ofii dhaltee hin seetu ❷❷. Garaachii gurraa hin ga'uu malee gurraa balleesuf sadarkaa tokkoffaa gubba jira ❷❸. Galatii bade haaloo haaloon badde yareenna ❷❹. Galataan Gati hin jennee achiin Aa afuu hin jennee ❷❺. Gatalata harkaan khennaniin Garaan lsaaban ❷❻. Loon ollaa kheenna cuftii kheenna kheessa kheennati kheenna ❷❼. Loon kheenna tissan khiyyaa elmatan ❷❽. Anbburroon dhiiraa hin fidduu ambaan dhiiraa hin gabbiftuu ❷❾. Waraabessii khophee nyaate faanaan hin ejjuu ❸⓿. Warrii dhiiraa cinaachaan dhalchiisa ❸❶. Middiisaa warraa dhiiraa gorfoo itti hin hidhan ❸❷. Daafeen arbaa warseessa galaafatte ❸❸. Haati gororrii dooma ❸❹. Harmaa haadha malee harkii haadha hin gu'u ❸❺. Abbaan ofi hin arguu dhakaan ofi darbu ❸❻. Matoomii mataa malee mataa malee nama oolcha ❸❼. Harree godaanna kheessa badde godaanna kheessa adoo hin taane arddaa kheessa barbaadan ❸❽. Qoosaa kheessa qoomtuun jirti ❸❾. Khokkoblaa haati jannaa hin seetu Janna waan ofii dhaltee hin seetu ❹⓿. Addunyaan fixeessa ganamaati ④①. Du'a garaachii harkatti du'a ④②. Afuuraan garachaa taphataa ofi tolchaa ④③. Ollaan akkami bultee beeka akka itti bulee abbaatti beeka ④④. Warrii Badu dibbee badii hin dhagaatu ④⑤. Foon lafaa ciisa allaattiin waaqaa irratti Wal haati ④⑥. Waaqaa abbaa loon Attuun godatti Wal haati ④⑦. ilti Badi geette indidiimatti ④⑧. Ohoo jedhe huqqaa saarite gaafa qoriin bunaan qaarite ④⑨. Ila wa hin argiin jedhee jedhan nami qocaa dheete ⑤⓪. Quphananii fuloo baan beekan ⑤①. Iyyeessaaf qilleensi gad hin taani ⑤②. Huqqoon darbaa haalatti muyoon du'a dhiirsa haalatti ⑤③. Iddanaan badheessa garaachan Wal kheessa tantoommuun nyaqqeessa nyaaphitiin Wal kheessa ⑤④. Kholaan duufaa na ciisee deegii na duubaa hin ciisu jedhee jedhan guneessi loon ⑤⑤. Loonii dhara hin mariyatanii fiixa dhara itti hin dubbatan ⑤⑥. Waan argani dhaachan jettee Jedhan Harreen ⑤⑦. Ilti lafaa gartii garaachi dubbii argaa ⑤⑧. Miseensaa tokko foo'u kha tokko hiikuu xummura hin argani ⑤⑨. Ofi taanuu malee firaa hin taanuu Wal taanuu malee nama hin taanuu ⑥⓪. Mani Murtii Harree Itti Himatan Hin Jiruu, Yeroo Sadii Dhiitame Yeroo Sadeenuu Dhiise Albert! ❻❶. Ani waan beekuu beeka atilleen waan seetu seeta Harkii lachuu meeta Akka lachuu beeka ❻❷. Wal ga'ii saree xummurii funaana ❻❸. Khabajaa Harree xummurii dhiiticha ❻❹. Bisaan xuxiin lagaa waraabdee jaldeessi nafaa ittiin dhiqata ❻❺. Dhoqqee Barii si Dibeef dhooqaa Barii si buuse obsaan kheessa taakki ❻❻. Nami Nama Dhabe Jirma Nama Se'aa
Dubbisii namaati himi! Waan media haawasa irraa argee fi ummaata irraa dhaga'ee! Loon du'aan yoo qaalluu rammoo gurraati xiruu fi adhooftu keessa garree mallii(furmaati) maan jedhee ummaati gaafachuu jira. Furmaata! Rammoon tun Fasciola hepatica jedhamti afaan oromootiin rammoo tiruu( liver Fluke) jedhamti. Naannoo teenna tanaati guddoo hinbeekamtu! Lafa caffaa ta jiidhina yeroo dheera qabdu( Ethiopian high land) keessatti beekamti. Haala bonatiin walqabatee ummaati nyaata loon kan naannoo kana dhufeeti fayyaadamuu jira. Keessummaati marraa(marga) hidhaa kan lafa caffaati oomishamee kan amma ummaati fayyaadamuu jiru rammoo tanaaf horii saaxila! Yoo danda'amee eegannoo ummaati tolchuu malee! 1) Marraa hidhaa caala ciddii hidhaati fayyaadamuu 2) Marraa hidhaa fayyaadama yoo ta'ee kiniina rammoo kana ijjeessuu danda'uu kan akka Tetramisole either bolus or solution fayyaadamuu 3) Ogeessaa fayyaa horii naannoo jiruu dubbisuu qaba. 👇👇 @borenanews
Library Boorana Akakuu # Jarsoo Waariyoo Areeroo Baatadhee. Hariyya Boorana Wakoora Liibaan Gadaa Jiloo Agaa Jarsaa Wayyuu Qajeela Nama dhugaa. Dullaacha Dhugoo ka Nama Dhugaa ka takka Dharaa hin dubbatin mataa qabu, Gadaa Jiloo Agaa Akakuu Jarsoo Waariyoo Nama dullachaa Dhugoo mata qabee. Gaafa tokko Akakuu Jaarsoo Waliin olee waani hedduu irraa dhaga'ee. waan natti imee keessaa . "Warri mala hin qabne Bultii hin qabu -Bultiin mala -Dika obani mala -Gunna ganami mala -Abuuruni mala Godaanti mala -dowaan malaa -Amni malaa -duulii malaa -Adamooni malaa -Jiltii Mala -dhawaa malaa -dhibayyuu malaa........ Mala Mariin malatan, mala hin dhabina, marii hin dhabina" jedhee Gorsaa Jajjabaa -Waani sidiini jedhani walin hin jedhina. wanti sidiini jedhaani waan hedduu. -Waan sidiini dhowwin walin hin dhowwina. -Arrabaa Qajeela, Arrebaa keessani waan amtuu irra egaa. -Fulaa waliitti hin dabrina. -yoo walin waa jettani waan wali dhabdanif qabadha. Gurra keessani errega ............ Jaarsaa Bultuma Ta'i 👇👇👇👇 👇👇👇 👇👇 👇 @borananews
# ilmaHorsiiseeBulaa Gaafa gannii roobee Coolla’ee tortoree Gaafa Oolaan buutee Maddii haraa gogee Saayyeen finna dhabee Aalatee goblolee - Gaafa hurriin buutee Guyyaan dukkana ta’e Didimmisee roobuuf Badhaasoon anga’ee Dhaamodhee olladhee Ilkaan wal na dha’ee - Gaafa aduun bonaa Gubee na waxalee Beela’ee dheebodhee Copha bisaanii dhabee - Adoo na guggubuu Madaa tiyya dhossee Garaa keessatti boo’ee Imimmaan kiyya cophsee Abdii inkutannee Ciniinadhee obsee - Beelaa fi dheebuu baraa Cufumaa danda’ee Adoo du’e jedhanuu Akka waaqaa as ga’ee ✍️Barreessaan Halake Jaldessa Liiban 👇👇👇👇👇👇👇 @borananews 👆👆👆👆👆👆👆
Waae Teekinooloojii kana beektuu laata? Koompitarrii jalqabaa dheerinni isaa meetira 2.5 yoo tau ulfaatinni isaa ammoo Kiiloo graamii 30,000 Kuma Soddomi Maqaan GOOGLE jadhamu maqaa Kaampaanichaan Moggaafameef osoo tahin kan tasa uumameedha sababni isaa yeroo maqaan kana barreessan GOOGOL barreessuuf jadhanii dogoggora qubee uumameen GOOGLE jadhanii barreessan. BLUETOOTH maqaa isaa kana kan argate Mootii Maqaan isaa HARALD BLUETOOTH jadhamu irraa yoo tau Mootiin kuniis nama Noorwaayii fi Siiwiidiin tokko godhee ture. Saffisni Interneetii dhaabbata Qorannoo Haawaa Ameerikaa (NASA) jadhamu sekoondi tokko keessatti GB 91dha. Maddi odeeffannoo keenyaa"Region Week. Like fi Share godhuu hin dagatinaa. Galatoomaa. 👇👇👇👇👇👇 @borananews 👆👆👆👆👆👆