tgindex
MANA BARNOOTAA 1ffaa

MANA BARNOOTAA 1ffaa

Статистика

✅️✍️ Chanaala kan irratti Wantoota Beekuu qabnu takka takka isin barsiifna karaa barreefamaatin #️⃣ join#️⃣ godhuun itti makamaa irraa baradhaa🪄⁉️🎄

Последний пост
13 авг.
Последнее чтение
15 авг.
Постов за неделю
1
Всего постов
37
Тип
открытый
Язык
om
В каталоге с
13 авг.
Подписчики
373
+4 за 2 дн.
Сутки
0
0,00%
Неделя
 
Месяц
 
Просмотров на пост
61
37 постов
Вовлечённость
16,4%
к подписчикам
Постов в день
0,1
всего 37
Упоминаний
2
каналов
Охват размещения
оценка
1/24сутки в ленте
15
1/48двое суток
17
1/72трое суток
18

Оценка по просмотрам недавних постов: пост набирает почти всё за первые сутки.

Посты

  • 13 авг.181из BARACHUUN_HUMNA

    Akkaataa Kitaaba Itti Dubbisan (8) Kitaaba sirriitti dubbisuun jechuun qubee qofa ilaalu miti; waan dubbistu hubachuu, yaadachuu fi hojii irra oolchuu dha. 1. Kaayyoo kee murteessi 🎯 Maaliif kitaaba kana dubbisaa? Beekumsa argachuuf, qormaataaf, yookaan of fooyyeessuuf? 2. Mata-duree fi boqonnaa ilaali Dura mata-duree, qabiyyee fi mata-dureewwan xixiqqoo ilaali. Kun sammuu kee qopheessa. 3. Suuta dubbisi Ariitiin fuula hedduu xumuruuf osoo hin taane, waan dubbistu hubachuuf xiyyeeffadhu. 4. Gaaffii of gaafadhu ❓ Maal nan baradhe? Barreessaan maal jechuu barbaade? Fakkeenyi isaa maal? Ani kana akkamitti hojii irra oolchu nan danda'a? 5. Waan barbaachisaa ta'e barreessi Jechoota, yaadota ykn barnoota ijoo gabaabinaan galmeessi. 6. Boqonnaa booda irra deebi'i Kitaaba cuftee, waan dubbiste afaan keetiin ofii keef ibsi. 7. Irra deebi'ii dubbisi 🔄 Waan barbaachisaa ta'e yeroo biraa irra deebi'anii dubbisuun yaadannoo jabeessa. 8. Hojii irra oolchi Kitaaba dubbisanii hojii irra hin oolchuun bu'aa isaa xiqqeessa. Waan baratte keessaa tokko illee har'a hojii irra oolchi. Seera salphaa: Dubbisi → Hubadhu → Yaadadhu → Barreessi → Hojii irra oolchi → Barsiisi. Yoo akkana goote, dubbisaan kee beekumsa qofa osoo hin taane, ogummaa siif ta'a. Galatoomaa! 👇👇 JOIN godhadhaa @BARACHUUN_HUMNA @BARACHUUN_HUMNA

  • 🟢🟢كم شُرُوطُ لَا إِلٰهَ إِلَّا اللَّهُ؟🌲🟢 ☪️☪️🏖️🏖️☪️☪️☪️☪️☪️☪️☪️ 𝐔𝐥𝐚𝐚𝐠𝐚𝐚𝐧 𝐋𝐚𝐚𝐢𝐥𝐚𝐚𝐡𝐚 𝐢𝐥𝐥𝐚𝐥𝐥𝐚𝐡 𝐌𝐞𝐞𝐪𝐚?🌲 🕋💯شُرُوطُ لَا إِلٰهَ إِلَّا اللَّهِ سَبْعَةٌ(7) 𝐔𝐥𝐚𝐚𝐠𝐚𝐚𝐧 “𝐋𝐚𝐚 𝐈𝐥𝐚𝐚𝐡 𝐈𝐥𝐥𝐚𝐥𝐥𝐚𝐚𝐡” 7️⃣𝐭𝐨𝐫𝐛𝐚 1🟢. اَلْعِلْمُ 𝐁𝐞𝐞𝐤𝐮𝐮𝐝𝐡𝐚 𝐌𝐚𝐚𝐥𝐮𝐦𝐚𝐚/ 𝐌𝐚𝐚𝐥 𝐣𝐞𝐜𝐡𝐮𝐮 𝐈𝐬𝐚𝐚☔ 2☔. اَلْيَقِينُ 𝐃𝐡𝐮𝐠𝐨𝐨𝐦𝐬𝐮𝐮𝐝𝐡𝐚🏖️ 3🔰🌲. اَلْقَبُولُ 𝐅𝐮𝐝𝐡𝐚𝐜𝐡𝐮𝐮𝐝𝐡𝐚 /𝐐𝐞𝐞𝐛𝐚𝐥𝐮𝐮𝐝𝐡𝐚🌲 4🟢. اَلِانْقِيَادُ 𝐀𝐛𝐛𝐨𝐨 𝐌𝐚𝐦𝐮𝐮 /𝐢𝐬𝐚𝐚𝐟 𝐁𝐮𝐭𝐚𝐦𝐮𝐮𝐝𝐡𝐚🟢 5🏖️. اَلصِّدْقُ 𝐃𝐡𝐮𝐠𝐨𝐨𝐦𝐬𝐮𝐮𝐝𝐡𝐚 𝐎𝐧𝐧𝐞𝐞𝐫𝐫𝐚🟢 6🌲. اَلْإِخْلَاصُ 𝐑𝐚𝐛𝐛𝐢 𝐪𝐨𝐟𝐚𝐚𝐟 𝐎𝐟 𝐪𝐮𝐥- 𝐪𝐮𝐮𝐥𝐥𝐞𝐬𝐬𝐮𝐮𝐝𝐡𝐚☔ 7🌲. اَلْمَحَبَّة𝐑𝐚𝐛𝐛𝐢𝐢 𝐟𝐢 𝐝𝐢𝐢𝐧𝐚 𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐣𝐚𝐚𝐥𝐥𝐚𝐭𝐮𝐮𝐝𝐡𝐚🟢𝐧🌲 Waan Dubbistaniif Galatoomaa!!! https://t.me/boruuf360

  • “Yaa Allaah! Gabroota fedhii lubbuu keenyaa (hawwii fi miira keenya) hordofnu nu hin taasisin!” Fudayl ibn Iyaad (رحمه الله) akkana jedhan: ﴿لَيْسَ فِي الأَرْضِ شَيْءٌ أَشَدُّ مِنْ تَرْكِ الشَّهْوَةِ﴾ “Addunyaa kana irratti fedhii lubbuu (hawwii nama keessaa ka’u) dhiisuu caalaa wanti nama irratti ulfaatu hin jiru.” Namni tokko fedhii fi hawwii lubbuu isaa hordofuun salphaa taʼuu dandaʼa; garuu fedhii lubbuu isaa toʼachuu, wanta Rabbiin dhoowwe irraa of qusachuu fi wanta Rabbiin jaallatu filachuu baayʼee ulfaata. Kanaaf, mu’minni fedhii isaa osoo hin hordofin, waan Allaah jaallatu fi itti ajaje filachuu qaba. 📚 Al-Hilyah (8/98) waan Dubbistaniif Galatoomaa!!! 👇🏻👇🏻👇🏻👇🏻👇🏻👇🏻👇🏻👇🏻👇🏿 https://t.me/boruuf360

  • 10 авг.40из BARACHUUN_HUMNA

    BARACHUUN HUMNA! Beekumsi jireenya namaa jijjiira. Namni baratu, waan haaraa hubata; namni hubatu, murtoo sirrii godha; namni murtoo sirrii godhu immoo jireenya isaa ijaara. Barachuu hin dhaabin! Har'a waan tokko baradhu, boru nama biraa barsiisi. 📖 Kitaaba dubbisi. 🧠 Sammuu kee qori. ❓ Gaaffii gaafadhu. ✍️ Waan baratte barreessi. 🚀 Waan baratte hojii irra oolchi. “Beekumsi humna; barachuun immoo karaa humna sana argachuuti.” Guyyaa guyyaan xiqqoo baradhu; waggaa tokko booda jijjiirama guddaa argita. 🔔 BARACHUUN_HUMNA 👉 Baradhu • Hubadhu • Hojii irra oolchi Beekumsi Humna! @BARACHUUN_HUMNA @BARACHUUN_HUMNA

  • 9 авг.56из dhugaa_barbadaa

    📚 BISHAARA BARATTOOTA ULUM AL-ARABIYYAA Haalqaan *Sheekh Sulxaan Qaasim Ghoodaanaa* waggoota kudhan ol magaalaa Booqojjii keessatti xullaaba hedduu barsiisaa fi eebbisiisaa kan ture amma gara Adaamaa naannoo Boleetti guutumaam guututti xullaaba isaa wojjiin kan ce'ee barnoota isaa itti fufeera Yeroo ammaa xullaaabni qaamaan haalqa keessatti baratan 200 ol jiru 🌍 Amma immoo carraan barnootaa kun warra fageenyaan jiraatan bira gaʼuuf Sagantaa Barnoota Fageenyaa — Marsaa 1ffaa sadarkkaan 1ffaan jalqabameera. Sagantaan kun barnoota waggaa tokko kan sirna qabu yoo taʼu, barnoonni isaa Nahwii, Sarfii, Bayaan, Aruuda fi Qaafiyyaa, akkasumas Mantiqa of keessatti qabata. Sagantaa kana kan adda godhu 📝 Hordoffii barataa 📚 Qormaata yeroo yerootti 🎧 Recording darsootaa (barnoota) 💬 Guruppi barattootaa qindaaʼaa 🎓 Dhuma waggaa irratti qormaata xumuraa fi Certificate hamma turtii sadarkkaa 1ffaa woggaa tokko 🕘 Yeroo: Halkan 9:00 yeroo Makkaa 📅 Guyyaa: Jimaata malee guyyoota hunda 👥 Hirmaattota: Dhiiraa fi dubartoota ⚠️ Galmeen hin cufamaa fudhatamni Entrance Test irratti hundaaʼa. 📝 Galmee fi Qormaata Seensaa: https://forms.gle/ApFEXh6LqKjAdZ4M8 🌿 Carraa barnootaa sirna qabu kana hin dabarsin

  • « Namni tokko yeroo du'e dhaaltoonni nama du'ee sun qabeenya inni dhiisee du'e irraa waan rabbiin ﷻ isaaniif murteeyseetu jira. hangi qabeenyicha irraa isaaniif kennamu hawa isaanii rabbiin ﷻ isaaniif murteeyseedha. Biyya teenya bakkeewwaan hedduutti akkaataa shari'aan murteeysiteen miiraasa abbaa haqaatiin gahuun gonkumaa hin jirtu. kuni immoo dhaaltoota garii waan isaaniin hin malle isaaniif kennuun dhaaltoota garii immoo haqa rabbiin ﷻ isaaniif murteesse guututti yookiin hanga tokkollee taatu isana dhoorkuudhatti nama geeysa. Haqa nama tokkoo osoo qarshii dhibba tokkollee taatee haqa maletti isa dhoorkuun nama biraatiif murteeysuun zulmiidha. Zulmiin immoo guyyaa qiyaamaa dukkana.»ღ Naannoo teeysanitti gaafa namni du'e bifa shari'aan murteeysiteen miiraasa qoqqooduun nama hundaaf haqa isaa kennuun akkami waa ni jiraa?. Safar 27,1448H Waan Dubbistaniif Galatoomaa!!! https://t.me/boruuf360

  • Asalaamu Aleykum warahmatullah wabarakaatuh namoonni kitaaba takka sagaleen haa barannu jetan comment jalatti barreessaa

  • Sabaabni jireenya dhiphinaa kan ilmaan namaa keessa jiraatuuf maali?🤌 Akkasumas karaan keessaa ba'an maali?🫰 #Deebiin isaatis Kitaba Rabbii jecha Isaa isa olta'aa keessatti argama: فمن اتبع هداي فلا يضلُ ولا يشقى • ومن أعرض عن ذكري فإن له معيشة ضنكا﴾ «Namni qajeelcha koo hordofe hin jallatu, hin cinqamus. Warra gorsa koo irraa garagale immoo dhugumatti jireenya dhiphinaatu isaaniif jira.»🤍❤️ 👉Kanaafuu furmaanni tokkichi gara Kitaaba Rabbii deebi'uu fi shari'aa (seera) Rabbii hojii irra oolchuudha... Sababni isaas, isa keessa sirna jireenyaa kan Uumaan uumamaa namootaaf jaallatetu jira..👌 @dhugaa_barbadaa @dhugaa_barbadaa https://t.me/boruuf360

  • 9 авг.51из dhugaa_barbadaa

    Sabaabni jireenya dhiphinaa kan ilmaan namaa keessa jiraatuuf maali?🤌 Akkasumas karaan keessaa ba'an maali?🫰 #Deebiin isaatis Kitaba Rabbii jecha Isaa isa olta'aa keessatti argama: فمن اتبع هداي فلا يضلُ ولا يشقى • ومن أعرض عن ذكري فإن له معيشة ضنكا﴾ «Namni qajeelcha koo hordofe hin jallatu, hin cinqamus. Warra gorsa koo irraa garagale immoo dhugumatti jireenya dhiphinaatu isaaniif jira.»🤍❤️ 👉Kanaafuu furmaanni tokkichi gara Kitaaba Rabbii deebi'uu fi shari'aa (seera) Rabbii hojii irra oolchuudha... Sababni isaas, isa keessa sirna jireenyaa kan Uumaan uumamaa namootaaf jaallatetu jira..👌 @dhugaa_barbadaa @dhugaa_barbadaa @dhugaa_barbadaa

  • Sunnaalee fi Hojiiwwan Jaalatamoo Guyyaa Jimaataa 🛁 Qaama Dhiqachuu 👕 Uffata qulqulluu uffachuu fi urgooftuu dibachuu. 🕌 Yeroodhaan gara masjiidaatti deemuu. 🚶 Yoo danda'ame miilaan deemuu. 📖 Suura Al-Kahf dubbisuu. 🤲 Nabiyyii Muhammad ﷺ irratti salawaata baay'isuu. 📿 Du'aa fi zikrii baay'isuu. 👂 Khuxbaa callisanii xiyyeeffannoon hanga xumuraatti dhaggeeffachuu. 🕌 Tahiyyatul Masjid salaatuu (khuxbaan dura yoo seename). ⏰ Yeroo du'aa'iin itti qeebalamu barbaaduu fi san keessatti Rabbi kadhachuu. 📖 Qur'aana baay'inaan qara'uu. 💰 Sadaqaa kennuu fi hojii gaarii hojjachuudha Shere waliif godhaa kheeyrii tanarraa qooda fudhadhaa Waan Dubbistaniif Galatoomaa https://t.me/boruuf360

  • 1. Ibnu Abbaas (Radiyallaahu 'Anhumaa) irraa odeeffame: Ergamaan Rabbii ﷺ akkana jedhan: "Rabbiin dhiira dubartoota fakkaatu, akkasumas dubartii dhiira fakkaattu ni abaare." (Hadiisa kana Bukhaariin gabaase.) 2. Ibnu Mas'uud (Radiyallaahu 'Anhu) irraa odeeffame: Ergamaan Rabbii ﷺ akkana jedhan: "Rabbiin dubartoota qaama isaanii irratti tatuu (naqshii) kaawwatan, tatuun akka isaaniif kaawwatamu barbaadan, bareedinaaf jedhaniitii rifeensa fuulaa (akka rifeensa maddii) buqqisan, ilkaan isaanii gidduu qaawwa uumanii bareedina barbaadan, uumama Rabbii jijjiiran ni abaare." (Hadiisa kana Bukhaariifi Muslimtu gabaasan.) 3. Ibnu Umar (Radiyallaahu 'Anhumaa) irraa odeeffame: Ergamaan Rabbii ﷺ "Qaza'a (القزع)" jechuun rifeensa mataa keessaa bakka muraasa qofa haadanii, bakka biraa dhiisuu jedhamu ni dhowwan. (Hadiisa kana Bukhaariifi Muslimtu gabaasan.) Hadiisota kanneen irraa barnoota ijoo kanneen armaan gadiiti: 1. Dhiirri fi dubartiin eenyummaa uumamaa Rabbiin isaaniif kenne eeguu qabu. Dhiirri uffata, haasaa, adeemsa fi miidhaginaan dubartoota fakkaachuu hin qabu. Akkasumas dubartiinis dhiira fakkaachuu hin qabdu. Kunis tokkoon tokkoon saalaa kabajaa fi eenyummaa Rabbiin isaaf kenne akka eegu nu barsiisa. 2. Bareedinaaf jedhanii uumama Rabbii jijjiiruun dhorkaadha. Fakkeenyaaf: - Tatuu (naqshii qaamaa) kaawwachuun, - Rifeensa fuulaa buqqisuun (akka hadiisa keessatti ibsame), - Bareedinaaf jedhaniitii ilkaan jijjiiruun, Kun hundi hadiisa keessatti hojii balaaleffatame keessaa isa tokko dha. 3. Islaamni akkaataa rifeensa murachuun illee naamusa barsiisa. Rifeensa mataa keessaa kutaa tokko qofa haadanii, kutaa biraa dhiisuu (Qaza'a) ni dhorka. Kunis akka namni rifeensa haala nama biratti jibbisiisaa yookaan aadaa sirrii hin taaneen hin muranne nu barsiisa. https://t.me/boruuf360

  • без подписи

  • 6 авг.61из Xiinsammuu1

    Oduu Gammachiisaa hundumaa keessaniif. Jireenya ko keessatti hangan amma jiruutti kitaabota baay'ee dubbiseera, ammalee dubbisaan jira. Dhugaa dubbachuuf ergan dubbisuu eegalee tasa addaan kutee hin beeku. Waantan channel kana irratti maxxansus akkuma hedduun keessan beektan waan sin fayyad jedhuu alatti hoomaa faayidaa hin qabne tokkoo maxxansees hin beeku hin maxxansus. Amma garuu muuxannooko irraa kaasee Kitaabota namni kamiyyu dubbisuu qabu kami jedhee of gaafadhee nama kamiyyu fayyada, namni kamiyyu kitaabota kana dubbise jireenya isaa jijjiiruu danda'a jedhee yaadu dhamaatii yeroo dheeraa booda Kitaabota 5 addaan baaseera. Isin Kitaaba meeqaatamii meeqa akkako joortanii bittani, ergifattanii, kireeffattanii cinqamtanii dubbisuu sin hin gaafatu warreen kana duwwaa dubbifnaan base qabattanii jireenya keessan jijjiiruu dandeessu. Kanaafuu namoonni kitaaba kana barbaaddan karaa @Ibnu_hayyaan na qunnamaa. Channel kana immo waan sin fayyadu qofan asirratti maxxansa waan ta'eef akka namoonni jion godhan group beektanitti share godhaa. Channel qabdanii fi beektan keessatti beeksisaa. Ofiis @Xiinsammuu1 kana cuqaasaa jion godhaa. Tarkaanfiin Fulduratti!

  • 5 авг.50из dhugaa_barbadaa

    🌍 من قلب مجالس العلم.. إليك حيثما كنت! بُشرى سارة ومباركة لطلبة علوم العربية في كل مكان ✨ بعد عشر سنوات حافلة بالعطاء والتعليم المنهجي الصارم في مدينة بوقوجي، وتخريج أكثر من 400 طالب علم على مدار 10 دفعات متتالية.. وانتقال هذه المسيرة المباركة بكاملها؛ حيث ارتحل الشيخ وطلابه معا كجسد واحد إلى مدينة أداما (ناحية بولي)، ليتجاوز عدد الطلاب الملتفين حول الشيخ في الحضور الحاشد الآن 200 طالب. يا من كنت تتوق للتمكن من علوم العربية وفنونها الشريفة، وتمنيت لو رحلت لتنهل من علم علماء الآلة الراسخين، ولطالما رغبت في الدراسة المباشرة على يد فضيلة الشيخ سلطان قاسم غودانا -الذي شاع فضله وعرفت حلقات علمه بثمارها الراسخة في أرجاء البلاد- لكن حالت بينك وبين السفر الظروف والمسافات.. بفضل الله، لقد أتيناك بالحلقة إليك بنفس الأسلوب والمنهجية الأصيلة! تعلن حلقة فضيلة الشيخ سلطان قاسم غودانا – بمدينة أداما – عن إطلاق برنامج الدراسة عن بُعد (المستوى الأول). فرصة مميزة لتأسيس الطالب في علوم العربية والآلة بإشراف وتوجيه مباشر من فضيلة الشيخ. ⭐ لماذا هذا البرنامج فريد ومختلف عن غيره؟ 🎙️ اتصال تفاعلي يومي: لن تكون مجرد مستمع! تشهد الحلقات أسئلة شفوية يومية مع الشيخ قبل أو بعد الدرس لضبط الفهم وتثبيت الحفظ. 📊 متابعة وتقييم علمي دقيق: نأخذ بيدك خطوة بخطوة عبر اختبارات أسبوعية، واختبارات في منتصف كل كتاب، واختبار نهائي شامل لكل متن مقرر لضمان رسوخ المعلومة. 🌐 مجتمع تليجرام تفاعلي ومبتكر: لن تكون تائهًا وسط الرسائل! لقد قمنا بتقسيم المجتمع التعليمي إلى غرف متخصصة لتوفير بيئة دراسية مريحة ومنظمة: 📝 غرفة تلخيصات الطلاب: لتبادل الفوائد وفهارس الدروس. 🎧 غرفة التسجيلات الصوتية: للرجوع إلى الدروس في أي وقت. 🌟 غرفة الأسئلة الاستيعابية: لقياس مدى فهمك للدروس أولاً بأول. 💬 غرفة المناقشات العلمية والاستفسارات العامة. 📖 تفاصيل البرنامج والمناهج المقررة: ⏱️ مدة الدراسة: سنة واحدة | نظام الدراسة: عن بُعد (أونلاين). ⏰ وقت الدراسة: الساعة 9:00 مساءً بتوقيت مكة المكرمة. 👥 الفئة المستهدفة: البرنامج متاح للجميع (رجال ونساء). 📚 مجموع المقررات (8 كتب في 5 فنون):النحو: متن الآجرومية | كشف النقاب. الصرف: متن بناء الأفعال | لامية الأفعال. البيان: السمرقندية | تحفة الإخوان. العروض والقوافي: متن الكافي. المنطق: منظومة سُلّم المنورق. ⚠️ تنبيه هام بشأن آلية القبول:المقاعد محدودة جداً، ونظراً لكثافة الإقبال فإن الالتحاق بالبرنامج والقبول فيه متوقف تماماً على أدائك في اختبار الفرز والقبول الأولي المرفق في الرابط أدناه. 📝 رابط التسجيل واختبار القبول الفوري: [https://forms.gle/ApFEXh6LqKjAdZ4M8] 🔗(عند إتمامك للاختبار، سيظهر لك رابط طلب الانضمام لمجموعة الواتس اب، يجب أن يكون الرقم الذي تطلب به الانضمام هو الذي سجلته في هذه الاستمارة، والا لن يتم قبولك، فلتتأكد. بانتظار مراجعة نتيجتك وتفعيل قبولك من قِبل الإدارة).

  • 4 авг.6211из dubbistoota_kitaabaa

    Jechoota (Dubbiiwwan ) Iyyaasuu Tarrafaa Fayisaa Kaayyoo Jechoota (Dubbiiwwan) Iyyaasuu Tarrafaa Fayisaa jedhu PDF qophaa'e. Barruun kun Kaayyoo Mataasaa qaba. Innis: Jechi galaa dhalootaati. Jecha tokkoon rakkoo guddatu hiikama. Qindoomina yeroo fi bakkaan dhaloota hiriirsee galma tokkotti kan qajeelchu jecha. Jechi akkasumaan hin duubatamu. Jecha bu'aa qabu tokko dubbachuuf, Yaada hedduu secca'anii, hurgufanii, raasanii miciree isaa keessaa baasuu nama gaafata. Akkas secca’amee raafamee tokko ta'ee ba'eetu jechi tokko dubbatama. Jechi salphaa miti humna Addunyaa jijjiiruu danda’u of keessaa qaba. Kanaaf Kitaabota hedduu barreessee sabakoof pdf kennuu irra akka salphaaf fi yeroo gabaabaa gidduutti sammuu namaa keessatti qabamee hafee kan guyyuun itti tajaajilaman jecha waan ta'eef kana walitti kusee galaa dhalootaaf ol kaa'uuf murteesse. Kayyoon barruu kanaas kana. 👉 Tarkaanfiin Fulduratti Share haa goonu ummata keenyaaf. 👉 JION @dubbistoota_kitaabaa @dubbistoota_kitaabaa

  • 🌹 Seenaa Abu Bakr al-Siddiq (Radiyallaahu 'Anhu) Kutaa 1ffaa:- بِسْمِ اللَّهِ الرَّحْمَٰنِ الرَّحِيمِ Abuu Bakr As-Siddiiq (Radiyallaahu 'Anhu) keessaa nama Islaama keessatti sadarkaa olaanaa qabu keessaa isa jalqabaa dha. Inni hiriyyaa cimaa Ergamaa Rabbii ﷺ, nama jalqaba keessaa Islaama fudhate, fi nama Ergamaan Rabbii ﷺ amananii itti hirkatan ture. Maqaan isaa guutuun Abdullaah ibn Abii Quhaafah At-Taymii Al-Qurashii jedhama. Maqaan abbaa isaa Abuu Quhaafah Usmaan ibn Aamir yoo ta'u, haati isaa immoo Ummul Khayr Salmaa jedhamti. Gosa Quraysh keessaa gosa Banu Taym irraa dhalate. Abuu Bakr (RA) dhalootaan dura illee nama amala gaarii qabu ture. Dhugaa dubbata, amanamaa, laafaa fi arjaa ture. Namoonni Makkah baay'een hojii isaanii fi qabeenya isaanii isa amanatu turan. Inni yeroo tokko illee waaqa tolfamaa hin waaqeffanne, akkasumas dhugaatii nama macheessu hin dhugin jedhamuun seenaa keessatti ni beekama. Yeroo Rabbiin Ergamaa Isaa, Muhammad ﷺ, nabiyyummaadhaan erge, Abuu Bakr yeroo dheeraa hin turin dhugummaa isaanii amane. Ragaa dheeraa hin barbaadne; amala Ergamaa Rabbii ﷺ waan beekuuf battaluma san Islaama fudhate. Kanaaf jecha nama bilisaa keessaa dhiira jalqabaa Islaama fudhate jedhamee ni beekama. Abuu Bakr (RA) Islaama fudhatee booda hojii guddaa jalqabe. Namoota baay'ee gara Islaamaatti waame. Isaan keessaa namoonni beekamoon akka: -✅ usman ibn Affan ✅- Al-Zubayr ibn al-Awwam -✅ Talha ibn Ubayd Allah -✅ Sa'ad ibni Abi Waqqas -✅ Abdu al-Rahman ibn Awf harka isaanii irratti Islaama fudhatan. Ergamaan Rabbii ﷺ Abuu Bakr baay'ee jaallatu turan. Innis jaalala isaa hundaan Ergamaa Rabbii ﷺ deeggaruu fi tajaajiluu keessatti of kenne. Qabeenya isaa, yeroo isaa fi lubbuu isaa Islaamaaf oolche. 🌺 Barnoota Kutaa Kana Irraa Argannu:- 1. Amalli gaariin nama gara khayrii geessa. 2. Dhugaa jaallachuun mootummaa Rabbii argamsiisa. 3. Nama gaarii wajjin hiriyoomuun bu'aa guddaa qaba. 4. Islaama barsiisuu fi namoota gara Rabbii waamuun hojii guddaa keessaa isa tokko dha. 5. Nama Rabbii fi Ergamaa Isaa ﷺ dhugumaan jaallatu, hojii isaatiin jaalala isaa mul'isa. Waan Dubbistaniif Galatoomaa!!! 👇👇👇👇👇 https://t.me/boruuf360

  • Kana beektuu laata ? Suuraan Baqaraa Seenssi ykn jalqabni isiitii fi xumurri isii tokko akka tahe. Aayanni Jalqabaa, sifaata Mu’umintootaa keessaaa inni jalqabaa isaannan Gheybaatti ykn waan ijaan hin muldhannetti amanan jetti: ﴿ٱلَّذِینَ یُؤۡمِنُونَ بِٱلۡغَیۡبِ وَیُقِیمُونَ ٱلصَّلَوٰةَ وَمِمَّا رَزَقۡنَـٰهُمۡ یُنفِقُونَ ۝٣﴾ [البقرة ٣] Aayanni xumuraas, sifaataa fi wontoota Isaan Gheybatti itti amanan sana nuuf ibsite; Rabbitti, malaa’ikatti, Kitaabaa fi ergamtootatti osoo ijaan hin argin fagootti itti amanan…: ﴿ءَامَنَ ٱلرَّسُولُ بِمَاۤ أُنزِلَ إِلَیۡهِ مِن رَّبِّهِۦ وَٱلۡمُؤۡمِنُونَۚ كُلٌّ ءَامَنَ بِٱللَّهِ وَمَلَـٰۤىِٕكَتِهِۦ وَكُتُبِهِۦ وَرُسُلِهِۦ لَا نُفَرِّقُ بَیۡنَ أَحَدࣲ مِّن رُّسُلِهِۦۚ وَقَالُوا۟ سَمِعۡنَا وَأَطَعۡنَاۖ غُفۡرَانَكَ رَبَّنَا وَإِلَیۡكَ ٱلۡمَصِیرُ ۝٢٨٥﴾ [البقرة ٢٨٥] ✍️ Kunis waan hin mul’annetti amanuun (Gheeybatti amanuun ) bu’uura Diinii islaamaa waan ta’eef. Yoo Iimaanni Gheeybaa qalbii gabrichaa keessatti hundeeffame, gabrichis tasgabbaa’ee lubbuun isaas tasga’a, beellama Rabbii isaatti ni amana, adabbii Rabbiin nama isa dideef opheesses ni sodaata, Qadara isaattis ni obsa, hanga deemee gabricha akka Rabbiin jaallatuu fi itti gammaduu sana ta’utti Iimaanni isaa dabalaa dhufa. Barnoota gaggaarii argachuuf link kanaan nu hordofaa 👇🏻 https://t.me/boruuf360

  • 3 авг.611из BARACHUUN_HUMNA

    ✍️ Maaliif Dubbisuu Jibbina? | 🤔 Meeqa keenyatu ishuman amma barreesse kanayyuu osoo hin dubbisiin nuffee dhiisa laata 🤷‍♂️ 📚 "Ajaa'iba mitii? Addunyaa beekumsaan liqimfamte keessatti, baay'een keenya kitaabota irraa fagaanna. Maaliif? Dubbisuu jibbuu keenyamoo dhiibbaa isaa faana wal qabateedha? Hawaasni dubbisuu gara dorgommiitti jijjiireera—dorgommii dandeettii keenya mirkaneessutti." Garuu, bakka tokkotti, fuula kitaaba sanaa gidduutti, gammachuu seenaa kitaaba sana keessaa argannu dhabneerra. 💡 Tarii dubbisuu hin jibbinu ta'a. Tarii dhugaawwan kitaabonni mul’isan, miira isaan dammaqsan, ykn yakka seenaa hin xumuramne isaan mul'isan sodaannee ta'a. Dhiibbaa armaan olii kana yoo gadhiifnee bilisa taane, bareedina jechoota keessa dhokate deebifnee argachuu dandeenya." 🌟 Kitaaba | Gorsa | Jireenya 🌟 @BARACHUUN_HUMNA ✅       . @dubbistoota_kitaabaa @Xiinsammuu1

  • без подписи

  • 🌹 Jaalala Dhugaa Akka Shari'aan Islaamaa Barsiiftutti:- بِسْمِ اللَّهِ الرَّحْمَٰنِ الرَّحِيمِ Jaalalli kennaa guddaa Rabbii ti. Garuu Islaamni jaalala akka fedhanitti hordofuu osoo hin taane, daangaa fi seera Rabbii keessatti akka jiraatu nu barsiisa. Jaalalli dhugaan nama gara Rabbiitti dhiheessa malee, cubbuutti hin geessu. Rabbiin ol ta'e akkana jedha: «"Namoota keessaa warri Rabbiin alatti wantoota biraa akka Rabbiitti jaallatan ni jiru. Warri amananis jaalalli isaanii Rabbiif caalaadha." (Suuratul Al-Baqarah 2:165)» Aayanni kun jaalala hunda caalu kan Rabbiif ta'e akka ta'uu qabu nu hubachiisa. Namni Rabbiin jaallate, waan Inni jaallatu ni jaallata; waan Inni dhowwes irraa fagaatu. Akkasumas Rabbiin ni jedha: «"Yoo Rabbiin jaallattan ta'e, na hordofaa; Rabbiinis isin ni jaallata, cubbuu keessanis isiniif ni araarama." (Suuratu Aali Imraan 3:31)» Kana jechuun, mallattoon jaalala Rabbii jechuun Ergamaa Rabbii ﷺ hordofuu dha. Ergamaan Rabbii ﷺ akkana jedhan: «"Namni tokko nama isa jaallatu wajjin ta'a." (Sahiih al-Bukhaarii fi Sahiih Muslim)» Kanaaf nama gaarii, warra Rabbiif ajajaman, fi nama amantii qabu jaallachuun bu'aa guddaa qaba. Hadiisa biraa keessatti Ergamaan Rabbii ﷺ ni jedhan: «"Isin keessaa tokko hanga ani isaaf abbaa isaa, ilma isaa fi namoota hunda caalaa jaallatamutti amantiin isaa hin guutamu." (Sahiih al-Bukhaarii fi Sahiih Muslim)» Kun jaalalli Ergamaa Rabbii ﷺ amantii keessaa iddoo guddaa akka qabu ibsa. Jaalalli dhiiraa fi dubartii gidduus yoo ta'e, karaa halaalaa fi nikaan qofa kabajama. Hariiroon nikaan dura badii fi fitnaa geessisu irraa Islaamni ni akeekkachiisa. Jaalalli dhugaan obsaan, kabajaan, sodaa Rabbii fi nikaan eegama. Rabbiin nu haa godhu warra Isa jaallatan, Ergamaa Isaas ﷺ hordofan, jaalala isaanii immoo karaa halaalaa keessatti eegan. اللهم ارزقنا حبك، وحب من يحبك، وحب كل عمل يقربنا إلى حبك. آمين. "Yaa Rabbii! Jaalala Kee nuuf kenni. Jaalala namoota Si jaallataniis nuuf kenni. Akkasumas jaalala hojii gara jaalala Keetti nu dhiheessu nuuf kenni. Amen!!! Waan Dubbistaniif Galatoomaa!!! https://t.me/boruuf360