JAARRAA ABBAA GADAA
СтатистикаGoota falmuu dhiifnee Qeerroon Galee ciifnee Oromiyaa Dachii Goota Gantuu fi Yartuu Akkam Goggootaa !!! YAADAF👉 @JAARRAABOT Channel youtube keenya Argachuuf 👇👇 https://youtu.be/p51FnhhOuDY https://youtu.be/p51FnhhOuDY
- Последний пост
- 21 июл.
- Последнее чтение
- 14 авг.
- Постов за неделю
- 0
- Всего постов
- 22
- Тип
- открытый
- Язык
- om
- Категория
- Видео
- В каталоге с
- 14 авг.
- 1/24сутки в ленте
- 139
- 1/48двое суток
- 159
- 1/72трое суток
- 171
Оценка по просмотрам недавних постов: пост набирает почти всё за первые сутки.
Посты
💢 DHIBEE KINTAAROTII (Hemorrhoids) ⚠️ Mallattoolee Kintaarotii 🤕 Dhukkubbii yeroo baay'ee 🔥 Hooksisuu fi gubuu 🌵 Naannoo munnee dhiita’uu 🩸 Dhiiguu danda’a 📊 Sadarkaa Dhiitoo 1️⃣ Sadarkaa 1: Meeshadhaan malee hin mul’atu. 2️⃣ Sadarkaa 2: Yeroo hagan ykn ittanuu gadi baha, ofumaan ol deebi’a. 3️⃣ Sadarkaa 3: Yeroo harkaan ol deebisan ni deebi’a. 4️⃣ Sadarkaa 4: Ol hin deebi’u, gadi baheetuma hafu. 🎯 Sababoota Nama Saaxilan 👵 Umuriin ol siquu 🚽 Yeroo baay’ee ittanuu 💺 Yeroo Dheera mana fincaanii irra turuu 🍔 Furdinaa Dabaalu 🧳 Ba’aa ulfaataa yeroo dheeraa ol fuudhuu 🧼 Hudduu akka malee riguu 🧍♀️ Dhaabbannaa fi taa’umsa yeroo dheeraa 🤰 Ulfa 🚨 Rakkoolee Hordofsiisuu Danda’u 🩸 Hir’ina dhiigaa 🧱 Dhiigni dhiita keessatti itituu 🦠 Dhiitan 'infection' ta’uu 🩹 Madaa’uu ❌ Sagaara qabachuu dadhabuu ✅ Maloota Ittisa Kintaarotii 💧 Bishaan gahaa dhuguu 🥗 Soorata faayibarii (fiber) qaban fayyadamuu 🚽 sagaran yoo si qabee yeroo dhufu, tursisuu dhisuu ⚖️ Ulfaatina hir’isuuf yaali 🏃♂️ Sochii qaamaa gochuu 📦 Ba’aa ulfaataa yeroo dheeraa ol fuudhuu dhiisuu 🩺 YAALA KINTAAROTII 🥦 Soorata gogiinsa garaa ittisan fayyadamuu 💧 Bishaan sirritti dhuguu 🚽 Yeroo baay’ee ittanuu dhiisuu 🛁 Bishaan hoo’aa keessa taa’uun madaa tasgabbeessuu 🧼 Hagan booda bishaan ho’aan dhiqachuu 🚫 Gogaan hudduu akka hin haqamne eeggachuu 💊 Qoricha dhukkubbii hanbisu – ajaja ogeessa fayyaa irratti 💉 Qoricha buubbu keessatti kaa’amu 🌿 Qoricha naannoo buubbu dibamu 🏥 Yeroo barbaachisaa ta’ee yaala baqaqsaa (surgery) gochuu – ogeessa waliin mari’achuun gaariidha! Dr. Mohammed Kedir ~~ #share #Subscribe #YouTube 👇👇👇 @JECHOOTAHAYYOOTA
Eenyummaan kee kan madaalamu tilmaama namoonni siif kennaniin miti. Eenyummaan kee si keessa qofadha. Dafnee abdii kutachuu keenya irraa kan ka'e kaayyoo gurguddaa baay'ee karaatti ganne. Qofaa ta'uu malta. Namni si bira dhaabatee kallattii si argisiisu dhibuu danda'a. Deddeebitee mucucaachuun kufaatii sitti fakkaatee abdii kutatte ta'a. Yeroo dheeraa ati karaa irra turte si gaddisiisuu danda'a. Waan hin dabarre sitti fakkaatee dhiphaachuu dandeessa. Gorsan siif qaba. Eeyyee gorsa. Ittuma fufii yaali! Yaalii, yaalii, yaali, ammas yaali! Jireenyi Gara-bal'ina si gaafatti. Garaa bal'attee irra deddeebitee hin yaaltu taanaan na amani galma kee hin geessu. Gatii osoo itti hin baasin kaayyoon ati galmaan geessu hin jiru. Yoom iyyuu kaayyoon kee gatii baasuu akka si gaafatu dursii beeki. Share @dedroro
Cimaa ta'uuf Wantoota armaan gadii kana qabaachuun dirqama. Kanneen kana yoo qabaatte ati dhuguma cimaadha. ➊. Nama onnachiisuu yoo dandeessa ta'e. ➋. Hojiiwwan namoota hojjetanitti qoqqooduu yoo dandeessa ta'e. ➌. Haasaa waliigaltee uumuu danda'u yoo dandeessa ta'e. ➍. Si'a tokko tokko qoosaa nama kofalchiisan yoo dandeessa ta'e. ➎. Ofitti amanamummaa yoo qabaatte. ➏. Kutannoo yoo qabaatte. ➐. Yaada qajeelaa (Positive Attitude) yoo qabaatte. ➑. Mul'ata, Kaayyoo fi Galma ifaa yoo qabaatte. ➒. Rakkoo furuuf waa kalaquu yoo dandeesse. ➓. Amanamummaa yoo qabaachuu dandeesse. Dhuguma ati cimaadha. Share @dedroro
Nam-cimaa taatee guddachuu yoo barbaadde... Ganama sa’aatii 1 dura ka’i! Diraamaa kamiyyuu hin Ergama keef iddoo kenni! Namni biraa dhiibbaa sirratti hin godhin! Garaa laafina tokko malee daangaa irratti daangaa kaa'adhu! Soba dhiisi! Waan gadhee dhiisi Kana booda hin jedhin! Amanamaa ta'i! cimaa ta’i! Oduu dhiisi! Yeroo kee kophaa dabarsi! Share @dedroro
Waan namni asaasu miti, karaa isa si baasutti cichi! Yeroo baay'ee, barataa qaxalee dareefi mana barumsaa dursee argameen; "Abaluun ni mora/morti! Kudhaama bobaa jalaa qaba. Kanaaf barsumsi galaaf. Kanaafis qorumsa hunda dursee argama!" yeroo jedhan ni dhagahama. Dhugaan jiru garuu, kanarraa fagoo jira. Barataan kun halkan hirriba dhabee, guyyaa bakka oolmaa hiriyootaa isaarraa of lagee, akkanuma ijoollummaafi dargaggummaa isaa aarsaa godhetu nama sanaa ta'e. Isaaf morri kana! Kaaniif garuu kun mora!👏😍 Kan nama ajaa'ibummoo, warruma akkana jedhanii hamatantu gaafa qorumsaa ijaafi gurra qeensee isa eeggata. Akkamittin nama hafuura hamaan hojjechaa jiru harka ilaalu? Wal faallessaam! Confused! 😕😂 •Dhaamsa: Waan barbaade haa jedhamu, haa godhamus, waan galmakee irraa si deebisu hin jiraatiin. Agartuun ijakee, dhageettiin gurrakeefi miireffannaankee hundi gara galmakee haa ta'u! Yoos, waan namni siin jedhu quba hin qabaattu. Iyyaafi waca waa'ee hin baafneefis bakka hin kennitu. Kanaafuu, waan namni asaasu dhiisii, karaa isa si baasutti cichi! Kanatu si baasa!👌 Galatoomaa!🙏🏻 Dr Abdiisaa Ejjetaati @JECHOOTAHAYYOOTA
Namicha tokkotu osoo karaa deemuu ibidda haalaan boba'aa jiru tokkotti dhufa. Akkuma ibidda boba'aa jiru kanatti dhiyaateen, bofa ibidda sana keessatti gubachaa, lubbuuf watwaachaa jiru argee, bofa kana ibidda kana keessaa baasuun qaba jedhee murteesse. Osoo baasuuf yaaluu bofni sun harkasaa iddee dhiigsee, deebi'ee ibidda sana keessa of buuse. Ammas namichi kun, sibiila ittiin lubbuu bofa kanaa oolchu barbaadee baaseen. Namni biroon namicha kanatti dhufee, ''bofni kun osoo si iddee jiruu maaliif lubbuusaa oolchitee?'' jedhee gaafate. Namichis, ''bofti nama idduun amalumasaati, waan na iddeef, kennaakoo ganamaa ilaalcha gaarii sana na jijjiirsisuu hin danda'u!''jedhee deebiseef. 👉Ilaalcha gaarii Uumaan ganama siif kenne, sababa miidhaa sirra gaheef hin jijjiiriin. Onneekee gaarii sana akka si jalaa hin banneef, of eeggannoo gaarii taasisi. ~~~~~~~ © Bulti Likisa Muleta, 2025 👉Kanan dubbiserraa, gara Afaan Oromoottin hiike! #Share 👇👇👇 @JECHOOTAHAYYOOTA
Dubartii tokkotu uffata bifa bofaa qabu uffattee akka tasaa miilashee tokko uffata jalaan gadi baastee ciisti ture. Yeroo Abbaan manaashee dhufu miilashee uffata jalaan gadi bahe kana bofa se'ee ulee sibiilaan rukute. Akkuma suura irratti argitan kana abbumti manaashee miila haadha manaasaa ta'uu erga baree booda gara mana yaalaa geessuun; ogeessonni akka lafeen miilashee caccabee jiru itti himuun yaala barbaachisu argatteetti. Egaa kanarraa waanti baratamu maali jettu? Balleessaan kan eenyuuti jettu? Gorsa ogeessa fayyaa argachuuf#link gadii kanaan #YouTube kiyya seenaa #Subscribe godhaan affeerraa kooti! 👇👇👇 https://youtu.be/p51FnhhOuDY @JECHOOTAHAYYOOTA
SAMMUU KEESSAA JALQABAA. Wanti namni sirraa fudhachuu hin dandeenye tokko bilisummaa sammuu keetii ti. Sammuu kee jabeessi, dursa sammuu kee cimsi...sana booda wanti kamiyyuu ni danda'ama. ━━━━━━━━━━━ @JECHOOTAHAYYOOTA
https://youtu.be/AW7qkzmNxyk?si=F-BKvhPr4hSUUSal
https://t.me/jechootahayyoota
Bu'aa fooyya'aa hin hawwin... BU'AA FOOYYAA ARGACHUUF HOJJADHU! Rakkoo xiqqaa hin hawwinaa... HANGA RAKKOON KEESSAN BADUTTI HOJJADHU ! Jireenyi osoo naaf salphaa ta'ee jettee hin hawwin... HANGA JIREENYI SALPHATUTTI HOJJADHU! HANGA FOOYYOFTUTTI OF IRRATTI HOJJEDHU... SANA BOODA , JIREENYI SALPHAA TA'A! @Jechootahayyoota
Gaaffilee Jireenya Milkaa'inaa Jiraachuuf Nama kakaasa'an: √~•~•~•~•~•~•~•~•√ ✨ Gaaffileen Jireenyatti hiika godhan kunniin nama milkaa’ina hawwu tokkoof baay’ee murteessoo dha. 👉 ANI EENYU ? 👉 Maalifan Uumame? 👉 Ergamni koo maali? 👉 Karoorri koo maali? 👉 Mul'anni koo maali? 👉 Kaayyoon koo maali? 📌 Eessaan dhufe? 📌 Eessan Jira? 📌 Eessan Deema? ◾️Har'a maalin hojjadhe? ◾️Maal hojjechuun qaba? ◾️Wanta haaraan hojjedhu maaltu jira? ✨ Jireenya kee keessatti wanta hojjettee itti gammadduu fi si hin gammachiifne tarreessuu dhaan addatti maal gochuu akka qabdu hundumaa dursuun sammuu kee waliin marii gaggeessi! √ Your Future is on your hand! √ Success is behind you! ✨ Ganama obboroo yommuu hirriiba irraa kaatu wanta guyyaa kana hojjettu karooratti qabattee kaata. Galgala yommuu raftu immoo waan raawwatte miijanta, kunis ciminaa fi dandeettii kee fuulduratti itti adeemtuuf ragaa siif ta’a. Kabajoomaa! Turtii Gaarii! Madda @Ma_momye143 Share💯share💯share 👉Join Us👈 @JECHOOTAHAYYOOTA @JECHOOTAHAYYOOTA
Dhiifama namni hin kabajne, nama nama hin kabajne. ○Dhiifamni dhiiga lola'eewu araarsa ○Dhiifamni biyya wal waraane walitti araarsa ○Dhiifamni Jireenya kee tasgabbeessa ○Dhiifama nama dhiisii Rabbiinuu namaaf godha. ○Dhiifamni mootiidha. Namni dhiifama hin jaalanne nama namummaa hin jaalanneedha #Dhiifama @Jechootahayyoota @Jechootahayyoota
✍️ Wantoonni kan galma gahan... hanga abjuu keetiitiin osoo hin taane.. hanga ati galma sanitti gahuudhaaf irratti hojjatteen.. kanaafuu furtuun gammachuu abjuu gaarii qabaachuudha... furtuun milkaayinnaa abjuu qabdu sanarratti gatii barbaachisu hundaa kafaltee hojjachuudha....!! 👇 https://t.me/Jechootahayyoota
BARRI 2🌻17 KUN: ▬▬▬▬▬▬▬▬ 🌻 Kan Gammachuu! 🌻 Kan Milkaa'inaa! 🌻 Kan Badhaadhinaa! 🌻 Kan Jaalalaa! 🌻 Kan Tokkummaa! 🌻 Kan Guddinaa! 🌻 Kan Haaromsaa!! 🌺 Isiniif! 🌺 Maatii keessaniif! 🌺 Ollaa keessaniif! 🌺 Hiriyyoota Keessaniif! 🌺 Biyya KEENYAAF! 🎄Bara Itti Mul'anni keessan dhugoomu! 🎄Bara itti bakka yaaddan geessan. 🎄Bara itti hojjettanii milkooftan! 🎄 Bara itti firii keessanitti gammaddan! 🌺 ISINIIF HAA TA'U! 🌻 Yoo jennu hawwii guddaa dhaan! @Oromotoo @Oromotoo
Milkaa'inni kee bu'aa waan yeroo hunda hojjechuuf murteessituudha. Milkaa'inni yaalii yeroo tokkotii miti. Itti fufuu qabda. Milkaa'inni ida'ama murteewwan xixiqqoo hedduuti. Yeroo ammaa kana irratti xiyyeeffadhuu akka nama ta'uu barbaaddutti socho'i. Milkaa'inni ni dhufaa! ━━━━━━━━━━━ 🖋️@Jechootahayyoota
Carraa fayyadami, dogoggora hojjedhu. Akkasitti guddatta. Dhukkubbiin ija jabina kee soora. Jajjaboo ta'uu shaakaluudhaaf kufaa ka'uu qabda. Yaada gadhee yaada gaariin erga bakka buuftee booda bu'aa gaarii argachuu jalqabda. Addunyaa kana irratti ija jabina malee homaa ta'uu hin dandeessu. ━━━━━━━━━━━ 🖋️ @Jechootahayyoota
Akkaataa sammuudhaan cimaa ta’uu dandeenyu:_ . Kophaa ta'uu hin sodaatin. . Waan darbe irratti hin xiyyeeffatin. . Addunyaan liqii sitti hin dhaga'amin. . Bu'aa hatattamaa hin eegin. . Riskii fudhachuu hin sodaatin. . Kufaatii jalqabaa booda abdii hin kutatin. . Itti gaafatamummaa irraatti hin qaana'in. . Nama hunda gammachiisuuf hin yaadda'in. . Milkaa'ina namoota biroo irratti hin aarin. . Namoonni miira kee irratti dhiibbaa akka geessisan hin heyyamiin . Yeroo kee gadduun hin gubin. . Wantoota to'achuu hin dandeenye irratti humna hin qisaasessin. ━━━━━━━━━━━ 🖋️ @Jechootahayyoota
⭐️ Telegram stars Akkuma beektan TikTok'n namootni hedduun Kennaa coin TikTok jedhamu kanaan jireenyi isaanii akka jijjiiramu gargaareera. TikTok hordofuun Telegram ammoo Gift Coin haaraa, Telegram Stars jedhamu, kan maamiltootni Telegram kennaa isaanii gara maallaqaatti jijjiiruuf dandeessisu dhiyaateera. Kana beeksisuuf Telegram waan Airdrop fakkaatu Major jedhamu kan namoota affeeruun salphaatti Telegram Star Coins argachuuf isin dandeessisu baasee jira. Yeroo nama 1 affeertan urjii 15⭐️⭐️ argattu Kana akka airdrop hin ilaalinaa, qarshii dhugaa waan ta'eef jarana, ammuma jalqaba 💥👇🏻👇 https://t.me/major/start?startapp=5603464481 Source: Abdisa Bancha Jara
#DUBBIIWWAN_ABRAHAAM_LIINKAAN_GURGUDDOO ! ~ 1) Suuta jedheen deema; garuu tasumaa booddeetti hin deebi'u. 2) Hiriyyaan koo nama hundumaarra naaf caalu, Nama kitaaba ani hin dubbisne naaf kennedha. 3) Namoonni hammuma gammaduuf sammuu isaanii qopheessan gammadu. 4) Waan feete ta'i; garuu itti cimi. 5) Akaakayyuunkoo eenyu akka ta'e hin beeku; ilmi ilma isaa eenyu ta'uuf, ta'uuf akka jirutu na dhiba. 6) Michuun kee nama diina ati qabdu qabuudha. 7) Waan har'a hojjechuu qabdu kamuu boriif hin kaa'iin. 8) Nagaa yoo feete beekamtummaa irraa of fageessi. @Jechootahayyoota @Jechootahayyoota