Dhaloota Haaraya
СтатистикаHere is the full translation of your message into natural and clear English: --- **#Welcome\_To\_Our\_Channel 👋** This is the **Official Channel of the New Generation** ✨ By **following** us, you'll discover beau :::::::::: https://t.me/dhalootaharaya
- Последний пост
- 5 авг.
- Последнее чтение
- 14 авг.
- Постов за неделю
- 0
- Всего постов
- 26
- Тип
- открытый
- Язык
- om
- Категория
- Языки
- В каталоге с
- 13 авг.
- 1/24сутки в ленте
- 129
- 1/48двое суток
- 147
- 1/72трое суток
- 159
Оценка по просмотрам недавних постов: пост набирает почти всё за первые сутки.
Посты
ያለኝ የነበረኝ ገና ሚኖረኝን ሳይቀር እያጣሁት፤ ይኸን ያህል ስክነት ከየት አመጣሁት።
An deemuu malee Waan na mudatun beekhu Akkaan khufeen hafne Si na qaba ceekhuu Joollummaa tiyyarraa Yaa tiiysaa na Eeguu Abdii muruudhaami Si dhabuun herreguu #Allah #abader_ahmed
do u know that the teenage px is normal in our country why teenage px and marriage happen ያረጋል ??? ፍቅር ገንዘብ ችግር ከዛ በላይ የቤተሰብ ንዝንዝና ሰላም ማጣት ልጆች ወደማይፈልጉት ትዳር ይከታቸዋል ይሄን ግን ወላጅ ተብዬ አያስብም ለምን እነሱ ሁሌም ፃድቅ ስለሆኑ😭✌️
без подписи
Juma mubarek
Ajjeesullee baattu Leenca adamsitee Faarfamullee baattu Seenaa galmeessitee Akka gabaretti Horii ittiin qottu Harree wahiin fe'attu Qabaachullee baattu Akka abboota keetii Taatee abbaa araddaa Taatee abbaa garaadaa Qany jechaa giraa Eeboon diina diraa Boonsuu baattus fira Ka abju kes si geessu Karaan numa jira Sif dhawamuu baatus harki Badhaafamuu baattus warqii . Ni taha jattee... Ka itti amante.. Sitti cufamtuus hunda dhodhooytee Hika sif dhabduus jiruun hadhooytee Hin baaragin dhooytee . . Ka nu arku marti.. Wan qabanutti amana Abdii boruuf arra khafanaa Yoom nutti himan... Yaalanii kufuun Injinifannoof "faanaa" !
@DhalootaHaaraya @abadirooo
Nama yoo kadhatte Afaanumaan si abdachiisa Rabbiin kankee ammoo Gochaan si gammachiisa Ati isarra khenyaan Cufa waan si yaachisaa Inni lafa sin dhiisu Laaftuma si nyaachisa React😘
Yaadachiisa: Guyyoota Soomaa Roobii: Onkololeessa 17/2018 – Guyyaa Taasuu'aa (Guyyaa 9ffaa kan Muharram) Kamisa: – Onkololeessa 18/2018 - Guyyaa Aashuraa (Guyyaa 10ffaa kan Muharram) Yoo ofii soomuu dadhabdan, nama biraa yaadachiisaa. Tarii namni ati yaadachiiste soomuuf ati immoo akka nama soomee sanaatti mindaa (ajrii) argachuu dandeessa. Ergamaan Rabbii (SAW) akkana jedhan: "Soomni guyyaa Ashuuraa badii (Dilii) waggaa darbee akka haqu Rabbi irraa nin kajeela." Rabbiin kheeyrii hunda keenya haa qunnamsiisu.
If na sossobachiisi Na dagachiisi Na gammachiisi Imimmaaniin na tabachiisi Badirraa na hiiysi Atummaan na tiiysi Akkaan hin kufne osoon bararuu Akka hin dhufne khan na dararu Rahmaan kiyya gaarii Na diigii na jaari
Rooba khamuu booda Aduun ni bareeda Halkan yoo dheeratees Barii jira booda Harkan kannu yoomuu Kufee ka'uu sodaa ...
Kalee si jaaladhuus Akka nadhii dammaa Arra ammoo siin jibba Akka foolii caammaa Kalee akka dawaa Arra akka dhukkubaa Kalee si jaaladhuus Arra ammoo siin jibba Arra an siin jibba Akka karaa dheeraa Akka yaa'ii beeraa Arra si jibbeera Akka dhaba maallaqa Fuula camallaqaa Arrabaan Ciniina Si laalaan finiina Si jibbuun kiniina Kalee akka dawaa Arra akka dhukkubaa Si jibbuun naaf dawaa Tanaafin si jibba Amma garuu ... Yeroon mataa lulu "Si jibbee" bay'isee Si jaaladhuun oolu
🚨 AKKEEKKACHIISA CIMAA HORDOFTOOTAA KIYYAAF! 🚨 Jidduu kana Telegram irratti Hacking (saamichi herregaa) bal’inaan babal’achaa jira. Hakeronni (saamtonni) account namootaa erga fudhatanii booda, maqaa abbaa herregaatiin viidiyoo fi suuraawwan qaanessaa (badaa) fi linkiiwwan adda addaa namootatti ergaa jiru. Gocha kanaan namoonni hedduun maqaan isaanii xuraawaa, firoottan isaaniis goyyoomaa jiru. Nageenya keessaniif jecha dhimmoota armaan gadii gadi fageenyaan hordofaa. 1. Akkaataa Saamtonni Itti Nama Soban Linkii adda addaa: "Suuraa kee argitee?", "Viidiyoo kee dhuunfaa kanaan ilaali", ykn "VOTE naaf godhi" kan jedhu linkii garaa garaa sitti ergu. Maqaa fira keetiin: Ergaan kun kan sitti dhufu nama ati beektu fi amantu irraa ta'uu danda’a (sababiin isaas account nama sanaa dursa waan hataniif). Code gaafachuu: Yoo linkii sana tuqxan, Telegram keessan keessaa si baasee, code bilbila keessanitti dhufu akka galtan si gaafata. Yoo code sana galchitan, account keessan hatame jechuudha! 2. Akkamitti Of Eegdu? Linkii hin tuqinaa: Ergaan sitti dhufe firas ta'u kan baay'ee sitti dhiyaatus, linkii namni sitti ergu kamiyyuu dursa bilbilaan bilbiltee osoo hin mirkaneeffatin hin tuqin! Code kee eenyuufiyyuu hin laatin: Telegram irraa code dhufu eenyuuniyyuu (maatiis ta'u) yoo si gaafate deebii hin kenniniif. 3. Tarkaanfii Nageenyaa Ammuma Fudhachuu Qabdan (Two-Step Verification) Ammuma herrega Telegram keessan keessatti eegumsa dabalataa (Two-Step Verification) banadhaa. Kun dandeettii hakeronni account keessan cabsuuf qaban guutummaatti ittisa. Akkamitti banama? 1 Settings ➡️ Privacy and Security seena. 2 Two-Step Verification kan jedhu tuqaa. 3 Password (jecha icciitii) cimaa ta'e galchaa. Ergaa kana firan, maatii fi hiriyoota keessaniif SHARE godhaa, waardiyyaa waliif haa taanu! Nageenyi keessan nuuf dhimma dursaati.
✨Alhamdulillaah! Barattoonni 8000+ Galmaa'anii jiru! ✨ 🔗 Namoota birootiif qooduuf: https://t.me/AkaadaamiiAfrikaa 📌 kuni milkii guddaadha. Garuu akka heddumina hawaasa keenyaatin ga'aa miti. Hawaasni keenya bal'aan carraa barnootaa kana akka argatuuf maatii fi hiriyyoota kenyaaf haa qoodnu. Hojii kheyrii kana irratti haa hirmaannu. ✅ Har’uma warroota isinitti dhiyaatanif qoodaa. Nu waliin ta'uun karaa salphaa ta'een beekumsa shari'aa akka argatan taasisaa! Guyyoota lameen kana keessatti lakkoofsi barattootaa 10,000 ol akka ta'uuf namoota biroo haa afeerru! 🌟 Barnoonni, fadhii Rabbiitiin, Guyyaa Roobii 01/07/2026 irraa eegalee ifatti ni jalqaba. Akkaadaamii Afriikaa!! Marsaa Jalqabaa!! Ifaa beekumsaa nama hundaaf!!
🦧 Uumaan Jaldeessa Uumee akkana jedheen... "Ati jaldeessa taata. Mukarraa gara mukaatti utaaltee, namoota bashannansiifta. Gocha kee keessaa wanti nama ajaa'ibu hedduun ni mul'ata. Waggaa 20 ni jiraatta." Jaldeessi deebisee: "Yaa Gooftaa! Waggaa 20 jiraachuun baay'ee natti fakkaata. Waggaa 10 qofa naaf ga'a." Uumaanis waggoota inni hin barbaadne irraa fuudhee isa hafe kenneef. --- Dhuma irratti Uumaan nama uumee akkana jedheen: "Ati ilma namaa taata. Uumamoota hunda keessaa kan yaadu, qoratu, murteessu fi hubannoo qabu ati qofa. Sammuu kee fayyadamuudhaan uumamoota biroo irratti mootummaa ni qabaatta. Waggaa 20 ni jiraatta." Namnis kennaa sammuu isaa fayyadamee akkana jedhe: "Yaa Gooftaa koo! Nama ta'uun nan fedha. Garuu waggaa 20 qofa jiraachuun xiqqaadha. Waggaa 30 harreen hin barbaadne, waggaa 15 sareen didde, akkasumas waggaa 10 jaldeessi dhiise naaf kenni." Kanaaf waggoonni isaa waliigala waggaa 75 ta'an. Uumamaanis fedhii isaa isaaf guute. --- Ergasii jireenyi namaa akkana ta'e jechuun himama: 🔹 Waggaa 20 jalqabaa akka namaatti jiraata. Dargaggummaa isaa gammachuudhaan dabarsa; itti gaafatamummaa guddaan irra hin jiru. 🔹 Waggaa 30 itti aanu akka harreetti jiraata. Fuudhee heerumee maatii ijaarrata; hojii fi ba'aa jireenyaa baachaa halkanii guyyaa dadhabbiidhaan hojjeta. 🔹 Waggaa 15 itti aanu akka sareetti jiraata. Mana isaa eegaa, maatii isaa kunuunsaa, waan irraa hafe irratti jiraata. 🔹 Waggaa 10 dhumaa akka jaldeessatti jiraata. Jaarsa ta'ee ijoollee fi ilmaan ijoollee isaa bashannansiisaa, seenaa darbe odeessaa, mana tokko irraa gara mana biraatti deddeebi'aa yeroo isaa dabarsa. 😁 Kana jechuun, jireenyi namaa yeroo baay'ee kutaa afur qaba jechuun mammaaksa kana keessatti ibsama. "Jireenyi isa kana." 😊
"Isin ilmaan namaa seera baasuun baay’ee isin gammachiisa; garuu seera ofii keessanii cabsuun immoo caalaatti isin gammachiisa. Isin akka daa’imman qarqara galaanaa irratti cirracha walitti qabanii dallaa ijaaran, sana booda kolfaa dallaa sana diiganitti fakkaattu. Yeroo sirna fi seera kana ijaartanis ta’e yeroo diigtan, galaanni guddaan jireenyaa inni bara baraan jiraatu gowwummaa keessanitti ni kolfaa. Hawaasni, haqni fi sirni namni uume hundi isaanii bu’uura sobaa irratti kan ijaaramanidha; akkuma manneen cirrachaa qilleensi salphaatti diigu, isaanis akkasuma dha." 📕 Mata Duree: Nabiyyii ✍🏽 Barreessaa: Kahlil Jibran
без подписи
без подписи
Jirtanii😊
Haalaa fi amala Yoo laallee akkaataa Qur'aanuma lafa Deemu san fakkaata Halkaniifi guyyaa Rabbii isaa kadhata Uffata isaatuu Harka isaan hodhata صلوات ربي وسلامه عليه #juma_jameel