tgindex
Diina'ol Girmaa

Diina'ol Girmaa

Статистика

Channel kana jalatti faaruu, Walaloo fi barnoota mana kiristaanaa ortodooksii Tawaahidoo argattu. Join godhaa.

Последний пост
12 авг.
Последнее чтение
15 авг.
Постов за неделю
1
Всего постов
22
Тип
открытый
Язык
om
В каталоге с
13 авг.
Подписчики
193
0 за 1 дн.
Сутки
0
0,00%
Неделя
 
Месяц
 
Просмотров на пост
101
22 постов
Вовлечённость
52,3%
к подписчикам
Постов в день
0,1
всего 22
Упоминаний
0
каналов
Охват размещения
оценка
1/24сутки в ленте
14
1/48двое суток
16
1/72трое суток
17

Оценка по просмотрам недавних постов: пост набирает почти всё за первые сутки.

Посты

  • 12 авг.16из Barumsawalaaloofaaruu

    Akka barumsa Mana Kiristiyaanaa Ortodoxii Tawaahidoo Itoophiyaatti, faarfannaa, sirna waaqeffannaa ykn galata amantaa biraa fayyadamuun guutumaan guutuutti dhowwadha. Kunis akkasumaan kan dhufe osoo hin taane, bu'uura cimaa barumsa amantaa (dogmaa), qanonaa fi Kitaaba Qulqulluu irratti kan hundaa'edha. Sababii kanaa ragaalee Kitaaba Qulqulluu waliin akka armaan gadiitti bal'inaan dhihaateera: 1. Garaagarummaa Amantaa fi Dogmaa (Barumsaa) Manni Kiristiyaanaa Ortodoxii Tawaahidoo Itoophiyaat amantaa (dogmaa) ishee kan amantoota biroo (kan akka Pirootestaantii, Kaatoolikii fi kkf) irraa guutumaan guutuutti addadha. Faarfannaan faaruu qofa osoo hin taane, ibsituu, barsiisa amantaa fi Arsaa Afaanin Dhiyaatudha. Faarfannaa amantoota biroo keessa barumsi isaanii (fkn, araarsummaa qulqullootaa dhabamsiisuu, kabaja Durbee Maariyaam xiqqeessuu, iccitii qurbanichaa irratti ilaalcha faallaa isaan qaban) qabate argama. Faarfannaa amantaa biraa faarfachuun amantaa isaanii waliin mirkaneessuu fi barsiisuu waan ta'eef hin hayyamamu. 2. Ragaalee Kitaaba Qulqulluu A. Yaada Lamaan Daddaaquu Irratti Akeekkachiisa Kenname Kitaabni Qulqulluun amantaa fi waaqeffannaa ofii amantaa biraa waliin makuu cimsee balaaleffata. "Eeliyaas immoo gara uummata hundumaa dhihaatee: 'Hamma yoomitti yaada lamaan daddaaquuf jirtu? Gooftaan yoo Waaqayyo ta'e isa duukaa bu'aa; Ba'aal yoo ta'emmoo isa duukaa bu'aa jedhe."1 Mootota 18:21 Ilaalcha Ortodoxii keessatti, amantaa ofii qabbatanii faarfannaa amantaa biraa fayyadamuun yaada lamaan daddaaquu ykn waaqeffannaa makuu (Syncretism) jedhamee fudhatama. B. Waaqeffannaa Ormaa (Amantaa Biraa) Irraa Adda Ba'uu Waaqayyo uummata Israa'eliif seera yeroo kennu, akka isaan sirna waaqeffannaa fi amala uummattoota biroo hin hordofne, waaqeffannaa isaaniitiis akka hin fayyadamne ajajeera: "Isaan waan ciigasisoo waaqolii isaaniitiif godhan hundumaa akka isin hin barsiisneef, isinis Waaqayyo keessan irratti cubbuu akka hin hojjenneef..."Keessa Deebii 20:18 Kakuu Haaraa keessattis ergamaan qulqulluun Phaawulos amantoonni warra hin amanne (ykn amantaa sirrii hin taane) waliin waaqeffannaan akka hin tokkoomne akkas jechuun akeekkachiisa: "Warra hin amannee waliin hiriira wal hin gitneen hin hiriirinaa; qajeelummaan jal'ina waliin maal walitti qaba? Ifnis dukkanayyuu waliin maal tokkummaa qaba? Kiristoos Beliyaar waliin maal walii galtee qaba? Yookaan namni amanu kan hin amanne waliin maal qooda qaba?"2 Qorontos 6:14-15 C. Bu'uura Qulqulluu Qofa Irratti Dhaabbachuu Duudhaan (tradition) fi faarfannaan Mana Kiristiyaanaa bu'uura ergamootaa fi abbootii qulqulluu irratti kan ijaarameedha. Qulqulluun Phaawulos Ergaa isaa warra Galaatiyaatiif barreesse keessatti, wangeela (amantaa) lallabame irraa kan adda ta'e barumsa kamiyyuu mormuu akka qabnu nu hubachiisa: "Garuu nuyyuu yoo taane ykn ergamaan waaqa irraa wangeela nuyi isiniif lallabne irraa adda kan ta'e wangeela biraa yoo isiniif lallabe, inni abaaramaa haa ta'u."Galatiyaa 1:8 3. Miira fi Haala Faarfannaa Ortodoxii Manni Kiristiyaanaa Ortodoxii Tawaahidoo Itoophiyaa qooqa fi sirna faarfannaa samii kan Qulqulluu Yaarediin kennameef qabdi. Mirkaneessa Kadhannaa (Miira Foonii Dhabamsiisuu): Faarfannaan Ortodoxii nama gara Waaqayyootti dhiheessuuf malee, miira foonii fi kaka'umsa xiinsammuu (emotionalism) uumuuf miti. Faarfannaan amantoota biroo garuu yeroo baay'ee kaka'umsa miiraa irratti kan hundaa'an waan ta'aniif, xiyyeeffannaa hafuuraa irra miira foonii kakaasu jedhamee amanama. Walumaagalaatti: Faarfannaa ykn waaqeffannaa amantaa biraa fayyadamuu dhiisuun warra kaan jibbuu jechuu miti. Kana dhiisuun qulqullina amantaa ofii eeggachuu, bu'uura ergamootaa irratti jabaatanii dhaabbachuu fi waaqeffannaa barumsa dogoggoraa irraa eeguufi. Akka Kitaabni Qulqulluun jedhutti: "Waan gaarii ta'e hundumaa qabadha; waan hamaa ta'e hundumaa irraa fagaadha" (1 Tasaloniiqee 5:21-22). 🥰🥰🥰🥰🥰🥰🥰🥰🥰😍😍😍https://t.me/Barumsawalaaloofaaruu

  • Kan Amajjii duute Hagayya awwaalamte” Akka sirna Mana Kiristaanaa keenyaatti Soomota akka soomaman ajajaman torban keessaa tokko sooma Filsataati. Soomni Filsataa Hagayya bultii tokko irraa kan eegalu yoo ta’u kan xumuramu ammo Hagayya bultii kudha jahadha. Sooma kana jalqaba kan soome duukabuutota Gooftaa keenya Iyyasuus Kiristoosidha. Sababni itti duukabuutonni Iyyasuus Kiristoos sooma kana soomaniifis boqochuu haadha keenya qulqulleettii dubroo Maariyaam wajjin kan wal qabatedha. Dubbiin isaas akkana dha:- Qulqulleettii Dubroo Maariyaam waggoota 64 lafa kana irra erga jiraattee booda Amajjii guyyaa 21 fedha Waaqayyootiin qulqulleettiin lubbuun ishee qulqulluu foon ishee irraa adda baate.Yeroo kana duukabuutonni Gooftaa foon qulqulleettii dubroo Maariyam awwaaluudhaaf baatanii gara Geetesemaaniitti yeroo deeman Yihudoonni arganii “Kanaan dura Ilma ishee Iyyasuus Kiristoosiin fannoo irratti fannifnee ajjeefnee turre; garuu duukabuutonni Isaa ‘gaafa guyyaa sadaffaa du’aa ka’ee gaafa guyyaa afurtamaffaatti ol bahe, lammatas deebi’ee dhufa’ jechuudhaan akkaa lallaban uummata nu harkaa baasani, kunoo bakka awwaala Isaattis dinqiin adda addaa raawwachaa jira; dhukkubsattoonni biyyoo bakka awwaala Isaa jiru yeroo ofitti diban dhibee isaanii irraa fayyu; unuunis warreen Waaqa isaanii ajjeesanidha jedhanii nu arrabsaa jiru. Amma ammoo waa’ee haadha Isaa kana yoo callisnee dhiifne akka mucaa ishee kaatee ol baate jedhanii nu jeeqaa jiraatu. Kanaaf koottaa walitti qabamnee deemnee foon ishee ibiddaan gubna” jedhanii deemani.(ተአምረ ማርያም; ተስፋ ገ/ሥላሴ ማተሚያ ቤት 1987, fuula 290-302; መጽሐፈ ስንክሳር ነሐሴ 14) Isaan keessaas namni Taawfaaniyaa jedhamu foon haadha keenyaa gubuuf deemee miila siree (sankoorii siree) foon haadha keenya qulqulleettii dubroo Maariyaam irra jiru harkaan yeroo qabatu ergamaan Waaqayyoo seefii ibiddaatiin harka isaa lamaan irraa kute. Harki isaas irraa citee sankoorii siree sana irratti rarra’ee hafe. Sana booda Taawfaaniyaan gaabbee gara qulqulleettii haadha keenya dubroo Maariyaamitti yeroo boohu harka isaa sana Qulqulluu Pheexroositti himtee fayyisiifteef. Yeroo kanas Ergamaan Waaqayyoo qulqulluu Gabri’eel foon haadha keenyaa kana duuka bu’aa qulqulluu Yoohaannis wajjin ol fudhatee Gannata keessa muka jireenyaa jala kaa’e. Yeroo muraasa booda qulqulluu Yohaannis gara duukabuutotaa dhufee foon haadha keenyaa Gannata keessa kaahee akka dhufe itti hime. Duuka buutonnis foon haadha keenyaa argatanii osoo hin awwaaliin hafuu isaaniitti baay’ee gaddanii Hagayya bultii tokko Sooma eegalani. Subaa’ee lamaaf (guyyoota 14) soomaafi kadhannaadhaan gara Waaqayyootti boo’aa erga turanii booda Hagayya bultii kudha afur Gooftaan keenya Iyyasuus Kiristoos foon qulqulleettii haadha keenya dubroo Maariyaam fidee kenneef. Duukabuutonnis weedduufi faarfannaadhaan deemanii bakka Geetesemaanii jedhamutti awwaalani. Akkuma Mootichi Daawit dursee afuura qulqulluudhaan guutamee “Gara boqonnaa keetti ka’i” jechuun raajii dubatetti (Faar.131:9) haati keenyas awwaalamtee guyyaa sadaffaatti Hagayya bultii 16 akkuma Ilma ishee du’aa kaatee ol baate. Daawit faarsaa isaatiin “ Uffata Warqee uffatteefi aguuggattee mootittiin mirgakee dhaabbatti” jedhee akkuma faarfate (Faar.44:9) qulqulleettiin dubroo Maariyaam ol baate mirga Ilma ishee teesse. Kanaaf qulqulluu Yaareed kitaaba isaa Digguwaa jedhamu irratti “ተለዓለት እም ምድር ወበህየ ነበረት ዘምስለ ወልዳ በየማነ አብ ወመንፈስ ቅዱስ” (“[durboon] lafaa gara Samiitti ol baate; samii irrattis Ilma ishee wajjin mirga Abbaafi Afuura Qulqulluu teesse”) jedhee ishii faarfate. Nutis Sooma duukabuutonni dursanii sooman kana fakkeenya taasifannee Hagayya bultii tokko sooma eegalla. Dhiphuufi rakkina gola keenyaa; yaaddoo keenya mara haadha keenya dubroo Maariyaamitti himanna. Soomaafi kadhannaadhaanis gara Waaqa keenyaatti boonya. Innis akkuma dhiphuu duukabuutota Isaatiif deebii kenne rakkina keenya mara nuuf fura. Kanaaf sooma keenyaan fayyina akka argannuuf laphee cabeen; qalbii jijjiirrannaadhaan soomuu qabna. Araarri haadha keenya dubroo Maariyaam hunda keenya wajjin haa ta’u-ameen!https://t.me/faaruufiWalaloo

  • Qalbiin dubbisaa 2qor6:2--7 Kunoo Guyyaan Filatamte har'a. Tajaajilli keenyas akka hin gufanneef, Waa tokkoonnillee waan nama gufachiisu Akka hin kennine of haa eegganu.! Haa ta'u malee karaa hundaan of qajeelchinee, Tajaajilltoota Waaqayyoo yaa taanu; Obsa baayyee fi gidiraadaan Rakkinaa fi dhiphina hundaan, Reebamuu fi hidhamuudhaan, Dadhabii fi raafamuudhaan, Jabaachuu fi soomuudhaan, Qulqullulinaa fi beekumsaan, Gorsa fi obsuudhaan, arjummaa fi Afuura qulqulluudhaan Jaalala walcalmaa hin qabneen, Jecha dhugaatiin, Humna Waaqayyotiin, Meeshaa waraanaa qaajeelinaa mirgaaf bitaa ta'uun. Mana Kiristanaa keenyaaf--> yaa dhabbannu,-->yaa hojjennuu, -->Yaa eegnu--> yaa Tajajilluu🙏🙏🙏. https://t.me/faaruufiWalaloo

  • 24 июл.83из WalalooAO

    “Thanks be unto God for his unspeakable gift.” — 2 Corinthians 9:15 @Walaloo_AO Baga gammadde Kasu bro koo

  • 24 июл.631из WalalooAO

    SABABA MAALINII Sababa maalinii an kana si dhiisuu Jibbiif dhiibbaan diinaa sirraa nan deebisuu Yoo sirraa na dhiiban dideet natti caalaa Na oolfatta jedheen barruu  kee ilaalaa Addunyaan na dhiibnaan koolun sitti gala   Rakkoo moo du’aadhaa kan sirraa na foo’uu Du’een gartuu kee ta’a addunyaaf hin boo’uu Harka keetu na golgee du’arraa na oolchaa Si biran jiraadhaa maqaa kee faarfachaa Gochaa kee kan ibsuu yoon dhabellee jechaa   Yommuun si faarfadhuu yoo natti seeqanii Nyaaranis waltuquun yoo natti qoosanii Si qapheen leeyya’uu deebi’een si faarsaa Guddummaa kee gooftaa addunyaafan ibsaa Jaalala keetirraa maaltu adda na baasaa   Maqaa keen bahanii si gananis jarrii Kan faayidaan qabnee ilaalanii birrii An garuu yoomumaa goyyoomee sin ganuu Ta’eetan jiraadhaa kan galma kee banuu Anoo mallattoo kee dabarsee hin kennuu   Faayidaa ilaalee mana ormaan dhaquu Laphee kan kootirraa oolmaa kee hin haquu Si faarsaan jiraadhaa waa’ee kee lallabee Addunyaaf sin labsaa siidaa kan kee dhaabee Qalama hin badneen waa’ee kee katabee   Sababa maalitiini siin kanan jijjiiruu Kumnillee kitillee tasa nan geeddaruu Sittin jijjiirramuu ta’ee akka Gaararraa Maqaa kee dhahachuun nan oola du’arraa Kanaaf yeroo hundaa jirta laphee koorraa Barreessaan Samuel Dereje Dabtara yaadannoo koo irraa Fulbaana, 15, 2017 kan barraa’e. yaada keessan nuuf barreessuu fi nu jajjabeessuu hin dagatinaa. Lafa nagaa turaa. @Walaloo_AO

  • https://youtu.be/PsvwMIsD9UU?si=fpfbt2c3UGKb7vjJ

  • https://youtu.be/pY9_bjWZuQ4?si=Rj3PKiO9GImIukqd

  • https://youtu.be/nHNbSkjacjs?si=kSmceNK3dNSyLM1_

  • https://youtu.be/jpL1tt-dnvI?si=bouPN3QhomLi_1ez

  • https://youtu.be/jpL1tt-dnvI?si=R-rFdAViwsRAqvtM

  • без подписи

  • 25 июн.9611из WalalooAO

    без подписи

  • без подписи

  • без подписи

  • без подписи

  • 25 июн.12112из WalalooAO

    Walaloowwan hangafa ergamootaa Ergamaa qulqulluu Gabri'eelii. @walalooao

  • https://youtu.be/jpL1tt-dnvI?si=zavyJg--dBJsUslH

  • https://youtu.be/jpL1tt-dnvI?si=Mb33Us2VD_FTEPTU

  • без подписи

  • 31 мая140из Tajaajila

    без подписи