BARSIISAA FURAAD ABDELLA ALIYE
Статистикаcome to this channel to gain knowledge of physics
- Последний пост
- 27 апр.
- Последнее чтение
- 13 авг.
- Постов за неделю
- 0
- Всего постов
- 20
- Тип
- открытый
- Язык
- om
- В каталоге с
- 13 авг.
- 1/24сутки в ленте
- —
- 1/48двое суток
- —
- 1/72трое суток
- —
Оценка по просмотрам недавних постов: пост набирает почти всё за первые сутки.
Посты
PROPPOOGAANDAA HOJII BARSIISUU KEESSAA HAFUU QABU 1. karaa bu’a qabeessa ta’een hojii baruu barsiisuu milkeessuuf malli aadaa ( traditional method) n filatamaadha 2. Barattoonni naamusa gaarii qabaatan malee barachuu hin danda’an. 3. Gatiin kee akka barsiisaatti bu'aa qormaataa qofa irratti hundaa'a. 4. Teeknooloojiin barsiisota bakka bu’a, kanaafu barsiisaa irraa barachuun barbaachisaa miti. 5. Barsiisaa tokko cimaa kan taasisu digrii fi ragaa barnootaa qofa. 6. Barsiisaan amala barattootaa fooyyesuu osoo hin taane qabiyyee barsiisuu irratti xiyyeeffachuu qabda. 7. Qeeqni maatii barattootaa ykn hiriyoota hojii irraa dhufu yeroo hunda kufaatii barsiisaa calaqqisiisa. 8. Akkaataa barsiisuu kee jijjiiruun dadhabina ykn gahumsa dhabuu agarsiisa. 9. Amalli badaan barattootaa yeroo hunda badii barsiisaa ti. 10. Guddinni dhuunfaa akka barsiisaa tokkootti gatii hin qabu. Link gadii kanaan karaa fuula Facebook tiin godhuun nu hordofuu dandeessu👇 https://www.facebook.com/furada.abdallaa
IMALTUU BARA DHEERAA ,IMALA ADUU ☀️🌌 Aduun keenya imaltuu bara dheeraa ta'uu beektu? Hedduun keenya Lafa dabalatee pilaaneetonni hundi Aduutti naanna'aa akka jiran ni beeyna.has ta'uu malee Aduun imala guddaa giddugala Milkii Weey keessa naanna'aa akka jirtu meeqaatu beeka! Dubbiin akkasi Kunoo : • Orbiiti (marsaa) Aduu Tokko: Aduun al tokko milk way tti naanna'uuf Gara waggaa miliyoona 225 itti fudhata.kuniis waggaa Gaalaaktikii ("Galactic Year" ) jedhama. Galactic year tokko waggaa lafaa miiliyoona 225 ta'a jechuu dha. • Imala hanga ammaa : Aduun erga uumamtee tilmaamaan marsaa 20 milk way tti naanna'uun xumurtee jirti. • Imala fuuldura: Aduun boba’aan haayidiroojiinii osoo hin fixatin dura gara waggaa biliyoona 5 ykn marsaa 20 hanga 25 Oirbiitii dabalataa xumuruu dandeessi . Yeroo ammaa saffisni Aduun ittiin milk wayiin naanna'aa jirtu sa'aatii tokkotti gara maayilii 450,000 dha. Nu dabalatee qaamonni gara garaa sirna biiftuu (solar system) kana keessatti argaman hundi saffisa kanaan imalaa jirra jechuu dha. ta'uus marsaa tokko milk way tti naanna'uuf ammallee waggoota miliyoonaan lakkaa'amu nutti fudhata. KANIIN DUBBISERRAAHI #Dhugaa Hawaa #Astronomy #MilkyWay #SaayinsiiGuyyaa guyyaan #SolarSystem #Cosmos #Aduu #SpaceExploration #GalacticYear
без подписи
Kabajamaa barsiisaa/tu, Barsiisaan/tuun ammayyaawaan ogeessa gosa barnootaa qofa miti. Barsiisaan/tuun ammayyaawaan: ✅Ogummaa dijitaalaa kan qabu ✅Intarneetii irratti kan mul'atuu fi ✅ karaa adda addaatiin galii kan arkatuu dha BARSIISAA AMMAAYYAAWAA TA'I Translated Furaad Abdella Aliye(BARSIISAA) https://www.facebook.com/furada.abdallaa
Kabajamtoota barsiisota , Barsiisonni gaariin hamma dubbatan dhaggeeffatu. Dhaggeeffachuun barsiisonni, qabsoo barattootaa, yaada dogoggoraa, miiraa fi fedhii barumsaa barattootaa akka hubatan gargaara. Barattoonni sagaleen isaanii gatii akka qabu yeroo itti baran hirmaannaan ni fooyya’a, hirmaannaan daree keessattis ni guddata. https://www.facebook.com/furada.abdallaa
Kabajamtoota barsiisota , Kana booda mul’achuun barsiisotaaf filannoo miti; bara dijitaalaa keessatti itti gaafatamummaa ogummaati. Barsiisonni gahumsa olaanaa qaban kan hin mul’anne yeroo baay’ee kan bira darbamu yoo ta’u, Barsiisonni gahumsa giddu galeessaa qaban kanneen haala gaariin mullatan ammoo beekamtii argatu. Mul’achuu jechuun salphaatti beekumsi, dhiibbaa fi sagalee kee daree kee dhiyoo jiruun alatti akka mul’atu hayyamuu jechuudha. Barsiisaa koo jaallatamaa, beekumsaa fi ogummaa kee hin dhoksin. Furaad Abdella Aliye
Kabajamtoota barsiisota, Barattoonni dandeettii barsiisota ofitti amanamummaa qaban dafanii adda baasuu qabu . Ofitti amanamummaan kan dhufu: ✅Qophii gahaa ✅Dandeettii gosa barnootaa (subject mastery). ✅Caaseeffama barnootaa ifa ta'e qabaachuu fi ✅Shaakala wal irraa hin cinne gochuu dha Gadi fageenyaan qophaa'aa. Kutannoon barsiisaa. Furaad Abdella Aliye [Barsiisaa]
BARSIISONNI I MAALIIF UTUBA BIYYAATI JEDHAMAN ?👇👇👇. ✅Barsiisonni guyyaa guyyaan barattoota qajeelchuu fi kakaasuun egeree isaanii bocu. ✅Barraiisonni beekumsaa fi dandeettii barattoonni jireenya isaanii keessatti akka milkaa'an gargaaru dabarsu. ✅Barsiisonni barattoonni dandeettii isaanii fooyyeeffachuun kaayyoo fi galma isaanii bira akka ga’an kakaasu; nijajjabeessu. ✅Barsiisonni fedhii dandeettii barachuu barattootaa adda addaa guutuuf malleen barsiisuu gara garaa madaqsu,kalaqa shaakaluun agarsiisu. ✅Barsiisonni duudhaalee fi sonawwan akka naamusa, obsaa fi gara laafina barattoonni akka barataniif fakkeenya tahuun jiraatu.. ✅Barsiisonni ogummaa rakkoo furuu fi qormaatilee adda addaa dandamachuu qabu. ✅Barsiisonni sa'aatii idilee daree barnootaa irra darbee yeroo fi humna isaanii guutuu barattoota deeggaruuf invast godhu. ✅Barsiisonni barattoonni fedhii barachuu fi hawwii jijjiiramaa akka qabaatan kan kakaasan yoo ta'u, barnoonni akka nama gammachiisu taasisu. ✅Barsiisonni barnootaa dabarsuu qofa osoo hin taane gorsaa fi qajeelfama yaada-qalbii barattootaa jijjiiruu danda’u kennu. ✅Barsiisonni utubaa hawaasaa tahuun, guddina hawaasummaa fi dhuunfaaf gumaacha taasisu. . Link gadii kanaan karaa fuula Facebook tiin godhuun nu hordofuu dandeessu👇 https://www.facebook.com/furada.abdallaa
DOGOGGORA BARAATTOONNI IRRAA OF EEGUU QABAN ✅ Hojii itti kenname harkisuu ykn hanga daqiiqaa dhumaatti tursiisuu. ✅ Qo'annoo guyyaa guyyaa wal irraa hin cinne gochuu dhiisanii yeroo qormaanni dhiyaate dhiphachuu. ✅ Mata duree tokko osoo hin hubanne irra utaaluu, gaaffii gaafachuu dhiisuu. ✅Daree barnootaa ykn barumsa darbuu, hordofuu dhiisuu,booda qabachuu danda'a jedhanii yaaduudhaan irra darbuu ✅Karoora ykn sagantaa yeroo malee barachuu. ✅ Yaad-rimee hubachuu osoo hin taane sammuutti qabachuu qofa irratti xiyyeeffachuu. ✅ Daree booda yaadannoo yeroo yeroon gamaaggamuu dhiisuu. ✅ Yeroo qaban haala gaariin hoogganuu dadhabuu. ✅ Yeroo qo'atan hojii qalbii dhabuu (fkn, haasawuu, social media fayyadamuu). ✅Fayyaa isaaniirratti xiyyeeffachuu dhabuu ( hirriba gayaa malee turuu, nyaata gahaa nyaachuu dhiisuu, sochii qaamaa gochuu dhiisuu). ✅ Sodaa kufaatii qormaata, kunis ofirraa fagaachuu ykn Abdii murachuu chuu fida. ✅Qorannoo dabalataa gochuu dhiisanii barsiisota qofa irratti hundaa'uun. ✅ Tooftaa qo'annoo tokko qofa fayyadamuu . ✅Gaaffilee ykn qormaata darban shaakaluu dhiisuu. ✅ Dubbis ykn qo'annoo garee tufffachuu. ✅ Galma barnootaa kaa'uu ykn guddina hordofuu dhiisuu. ✅ Guddina dhuunfaa irrattixiyyeeffachuu dhiisuu. ✅ Hanna qormaataa ykn waraabuu, kunis barumsaa fi guddina dhugaa gufachiisa . Link gadii kanaan karaa fuula Facebook tiin godhuun nu hordofuu dandeessu👇 https://www.facebook.com/furada.abdallaa
без подписи
AMALA BARSIISOTA BARATTOTA GA’UMSA OL’AANAA QABAN OOMISHANII. ✅Barnoota eegaluun duratti yeroo hunda kaayyoo barumsaa ifa ta'e kaa'uu. ✅ Barannoo hunda irratti gamaaggama hubannoo barattoonni barnoota darbe irratti qaban sakatta'uun jalqabuu. ✅Yaad-rimeewwan ifaafi fakkeenyota walqabsiisuu danda’aniin ibsuu. ✅Barnoota kennu keessatti barattoonni hubannoo qabaachuu isaanii sakatta'uu. ✅Gaaffilee kaayyoo qaban kan yaada barattootaa kakaasan gaafachuu. ✅Hojii barattootaa irratti battalatti, yaada ijaarsa qabu kennuu. ✅Barattoonni hundi dammaqinaan akka hirmaatan jajjabeessuu. ✅Barnoota xumuruu dura qabxiilee ijoo irra deebiin cimsuu. ✅Shaakala barbaachisaa kan barumsa cimsu barattootaaf kannuu. ✅Barnoota itti aanu fooyyessuuf barumsa booda yaada barattootaa sassaabuu. Written by : Chinenye Chisom Ike ( OGEESSA BARNOOTAA fi LEENJISA BARSIISAA) Editing, translation: Furaad Abdella Aliye (BARSIISAA) Link gadii kanaan karaa fuula Facebook tiin godhuun nu hordofuu dandeessu👇 https://www.facebook.com/furada.abdallaa
без подписи
BARSIISOONNI CICCIMOON...👇👇 1. Akkuma barsiisuu jaallatan barachuus jaallatu. 2. Dandeettii dhokataa barattoota isaa hunda keessa jiru, ni hubatu. 3. Guddina dhuunfaa fi ogummaadhaa itti fufu. 4. Daree barnootaa barattoonni miirri nageenyi, gatii qabeessummaa fi kaka’umsi itti dhaga’amu uumu. 5. Dubbii isaanii sodaa uumuuf osoo hin taane ofitti amanamummaa uumuuf itti fayyadamu. 6. Mala baru-barsiisuu isaanii keessatti kalaqaa fi argannoo hammachiisu. 7. Rakkoo dhuunfaas ta'ee kan biroo obsaan bira darbu. 8. Tooftaa barsiisuu isaanii fooyyessuuf yeroo baay’ee of xiinxalu,of madaalu. 9. Amanamummaa, naamusaa fi gara laafinaan fakkeenya ta'u. 10. Yeroo kabajuu irratti barattootaaf moodeela tahu 11. Teeknooloojiitti madaqu . 12. Karaalee biroo galii ittiin argamsiusu ni qoratu 13. Brand onlaayinii bu’aa argamsiisu ni tolchu 14. Oomishaalee Dijitaalaa qopheessu 15. Barumsaa onlaayinii hordofu Written by : Chinenye Chisom Ike ( OGEESSA BARNOOTAA fi LEENJISA BARSIISAA) Editing, translation: Furaad Abdella Aliye (BARSIISAA) Link gadii kanaan karaa fuula Facebook tiin godhuun nu hordofuu dandeessu👇 https://www.facebook.com/furada.abdallaa .
QABXIILEE BARSIISONNI HUNDI HUBACHUU QABAN . 1. Barsiisuun hojii qofa mit:Barsiisuun waamicha dhalootaa,dirqama lammummaati: Fooyya'insa fi dagaagina barattootaa keetiif kutannoon hojjachuuf keessi kee si dirqisiisuu qaba. 2. Beekkumsa gad fagoo gosa barnootaa keetirratti qabaadhu. Waan barsiistu gadi fageenyaan hubachuu qabda. 3.Hubannoon mala baruu-barsiiuu (Pedagogy) barbaachisaa dha.: Akkaataa itti barsiiftu beekuun akkuma maal akka barsiiftu beekuu barbaachisaa dha. 4. Bulchiinsi daree furtuudha : bulchiinsa daree barnootaa tiin alatti baruu-barsiiuun gaariin kufaa dha. 5. Karoorri barannoo mariif hin dhiyaatu: karoora barannoo qopheeffachuun dirqamaa fi barumsi hiika akka qabaatu taasisa. 6. Madaalliin baruu-barsiiuu keessatti durqama: Qabxii baratootaa fooyyeessuu qofa osoo hin taane,madaalliin guddina qajeelcha . 7. Barattoonni hundi haala adda addaatiin barata : Akkaataa fi dandeettiin barachuu barattootaa adda adda. Kana hubattee barsiisuu qabda. 8. Teeknooloojiin meeshaadha malee Barsiisaa bakka bu’uu hin danda'u: Baruu-barsiisuu keessatti teeknoolojii ogummaadhaan itti fayyadamuun barbaachisaa dha. 9. Obsii fi gara laafinni guddummaa barsiisaa ibsa :Barsiisaan obsaa fi gara laafina qabu barattoonni akka hubatanii fi akka dagaagan taasisa. 10. Ogeessa cimaa tahuu fi Ogummaa qabaachuun maammiltoonni akka sitti amananii fi itti quufan dirqisiisa.barattoonni, maatiin barattootaa, fi waahillan hojii fakkeenya si godhachuun duudhaan kee yoomiyyuu akka itti fufu godhu . 11. Hariiroon gaarii fi Walii galteen qaama hojiiti : hojiin baruu-barsiiuu arsiisuun gonkumaa dhunfaa fi kopha kophaan hin hojjatamu. 12. Madaqiinsi murteessaadha:curriculumin barnootaa walitti fufinsaan kan jijjiiramu waan ta’eef, haalaa yeroo faana jijjiiramaa ta’i. 13. Fooyya'insi ogummaa walitti fufiinsa qabu dirqama :Barsiisonni ciccimoon barattoota umurii guutuu ta’anii hafu. 14. Of kunuunsuun murteessaadha : kutannoon hojjachuu akkuma jirutti ta'ee,hojii fi jireenya dhuunfaa kee wal madaalchisaa deemuu qabda. 15. Fakkeenya ta’uu kee hubadhu, fakkeenyummaa kee mirkaneessi: barattoonni yeroo baay’ee jechoota kee caalaa amala kee irraa waan baay’ee baratu.Link gadii kanaan karaa fuula Facebook tiin godhuun nu hordofuu dandeessu👇 https://www.facebook.com/furada.abdallaa
Gaaffilee Shaakalaa Saayinsii Naannoo Kutaa 6ffaa Gaaffilee Kanaan Walfakkatan Argachuuf Channel Oro Central Station #Join godha. 👇 ✅️ @OroAcademic
BARBAACHISUMMAA BAKKA OFIIF KANNUUN YKN OF KABAJUUN BARSIISOTAAF QABU (IMPORTANCE OF HAVING SELF-RESPECT AS A TEACHER ) 1. Of kabajuun ykn bakka ofiif kennuun barsiisonni daree keessatti ofitti amanamummaa fi aangoo akka qabaatan gargaara. 2. Barsiisonni barattoota ykn miiltoowwan hojii biratti ulfina aakka qabaatan taasisa. 3. Barsiisonni iddoo guddaa ofiif kennan fakkeenya gaarii tahuun barattoonni akka hordofan taasisu. 4. Qeeqa ykn dhiphina kamiyyuu miiraa tasgabbiitiin dandamachuu akka of ijaaran gargaara. 5. Of kabajuun barsiisonni yeroo hunda ulaagaa ogummaa isaanii akka eegan ni jajjabeessa. 6. Barsiisonni sodaa malee murtoo cimaa fi haqa qabeessa akka murteessan gargaara. 7. Barsiisonni iddoo guddaa ofiif kennan fedhiin itti fufiinsaan guddachuu fi of fooyyeessuu isaanii guddaa dha . 8. Hubannoon namoonni biroo naannoo mana barumsaa keessatti barsiisaaf qaban akka fooyya’u taasisa. 9. Of kabajuun hariiroo barsiisotaa fi barattoota gidduutti karaa sirrii fi daangaa qabeessa ta’een ni guddisa. 10. Barsiisonni kaka’umsa akka qabaataniifi jireenyaa dhaloota boruu bocuu keessatti carraaqqii isaan taasisaniin akka boonsan taasisa. Written by : Chinenye Chisom Ike ( OGEESSA BARNOOTAA fi LEENJISA BARSIISAA) Editing, translation: Furaad Abdella Aliye (BARSIISAA) Link gadii kanaan karaa fuula Facebook tiin godhuun nu hordofuu dandeessu👇 https://www.facebook.com/furada.abdallaa
NAMOOTA BARSIISAA/TUU TA'UU HIN QABNE (vice versa) 1. Nama ijoollee ykn dargaggoota hin mararfanne kamiyyuu. 2. Nama dogoggoraaf obsa hin qabne ykn jerjeraa. 3. Namn, barumsi barattoota “uumamaan ciccimoo ” ta'an qofaaf ta’uu qaba jedhee amanu. 4. Nama miira isaa too'achuu hin dandeenye kamiyyuu. 5. Nama barsiisuu akka hojii qofaatti malee akka itti gaafatamummaatti hin ilaalle. 6. Nama itti fufinsaan barachuu fi of fooyyessuuf fedhii hin qabne. 7. Nama barattoota salphisuu ykn sodaachisuutti gammadu. 8. Nama jijjiirama kalaqaa, ykn mala baruu barsiisuu haaraa mormu kamiyyuu. 9. Nama namaaf amala yaaduu fi hubannoo miiraa (emotional intelligence) hin qabne. 10. Nama naamusaa fi jireenya gaarii fiduuf dhiibbaa uumuuf qophii hin taane kamiyyuu Written by : Chinenye Chisom Ike ( OGEESSA BARNOOTAA fi LEENJISA BARSIISAA) Editing, translation: Furaad Abdella Aliye (BARSIISAA) Link gadii kanaan karaa fuula Facebook tiin godhuun nu hordofuu dandeessu👇 https://www.facebook.com/furada.abdallaa
Gaaffilee Shaakalaa Hawaasa Kutaa 8ffaa Note fi gaaffilee garagaraa kanaan walfakkatan argachuuf channel armaan gadii👇 #Join godha. ✅️ @OroAcademic
WANTOOTA BARSIISONNI DHIISUU QABAN. 1.Ofii fi ogummaa kee xiqqeessuu dhiisaa 2.Kaayyoo fi galma ifa ta'e osoo hin qabaanne barsiisuu dhiisaa. 3.Jijjiirama fi mala baruu barsiisuu haaraa dura dhaabbachuu dhiisaa. 4.Barsiisota fi waahillan hojii biroo wajjin haala hin barbaachifneen of madaaluu dhiisaa. 5.Boqonnaa malee humna keetii ol hojjechuu dhiisaa. 6.Garaagarummaa barachuu barattootaa tuffachuu dhiisaa. 7. Maatii barattootaa fi qooda fudhattoota waliin hariiroo sirrii hin taane qabaachuu dhiisaa. 8.Guddina dhuunfaa fi dagaagina ogummaa walitti fufaa tuffachuu dhiisaa. 9. Hojii barsiisummaa akka “hojii qofa” tti ilaaluu fi caaseeffama hojii barnootaa waliin wal diduu dhiisaa. 10. Guddachuu, of fooyyessuu, fi carraa hojii dabalataa argachuuf Eeyyama qaamolee biroo eeguu dhiisaa. Written by : Chinenye Chisom Ike ( OGEESSA BARNOOTAA fi LEENJISA BARSIISAA) Editing, translation: Furaad Abdella Aliye (BARSIISAA) Link gadii kanaan karaa fuula Facebook tiin godhuun nu hordofuu dandeessu👇 https://www.facebook.com/furada.abdallaa
без подписи