tgindex
Gaafiif Deebii Islaamaa💡💡💡☪☪☪🕌🕌🕌🕋🕋🕋📒📒📒

Gaafiif Deebii Islaamaa💡💡💡☪☪☪🕌🕌🕌🕋🕋🕋📒📒📒

Статистика

Chaanaala kanarratti wanti argattan: ✅Gaafii fi deebii Siiraa ✅Seenaa ✅Hadiisa gaggabaaboo ✅wantoota haaraa ✅gorsaa fi kkf Kaayyoon keenna nama fayyaduu fi fayyaduu qofa!

Последний пост
9 июн.
Последнее чтение
15 авг.
Постов за неделю
0
Всего постов
20
Тип
открытый
Язык
om
Категория
Новости и СМИ (по похожим)
В каталоге с
15 авг.
Подписчики
1 014
−1 за 4 дн.
Сутки
−2
−0,20%
Неделя
 
Месяц
 
Просмотров на пост
453
19 постов
Вовлечённость
44,7%
к подписчикам
Постов в день
0,0
всего 20
Упоминаний
0
каналов
Охват размещения
оценка
1/24сутки в ленте
1/48двое суток
1/72трое суток

Оценка по просмотрам недавних постов: пост набирает почти всё за первые сутки.

Посты

  • 9 июн.453101

    Dhaamsa Obblummaa Of-Eggannoo Cimaa Godhaa❌❌⚠️⚠️ Teeleegiraama Keessan Akka isin jalaa hin Xalafamne/Hack hin godhamne Yeroo ammaa kana liinkii wayii teeleegiraama keetirratti erganii join tuqi siin jedhanii wantoota hedduu Liinkii sirratti erganii akkaawuntii keessan xalafan kanaaf of eeggannoo cimaa taasisaa. Yeroo ammaa Gadaa Teknooloojiin Baay'ate keessa wanti dhala namaa fayyadu waa heedduutu jira. akkasumas kan miidhus hedduudha. wantoonni akkanaa heedduutu nama muudate liinkii hin beekamne hin tuqinaa Miseensonni Chaanaala Keenyaa fi Guruppii keenya jala jirtan Miseensota birootiifis share godhaa. 📢 https://t.me/gaaffiif_deebii

  • Gaafii1: Suuraan Qur'aanaa Dhumti(Xumurri) Aayatoota isaa Qubee 'Siin' Qofaan Xumuramu Kami? Gaafii2: Suuraan Qur'aanaa Dhumti(Xumurri) Aayatoota isaa Qubee 'Laam' Qofaan Xumuramu Kami? Gaafii3: Suuraan Qur'aanaa Dhumti(Xumurri) Aayatoota isaa Qubee 'Raa'…

  • Gaafii1: Suuraan Qur'aanaa Dhumti(Xumurri) Aayatoota isaa Qubee 'Siin' Qofaan Xumuramu Kami? Gaafii2: Suuraan Qur'aanaa Dhumti(Xumurri) Aayatoota isaa Qubee 'Laam' Qofaan Xumuramu Kami? Gaafii3: Suuraan Qur'aanaa Dhumti(Xumurri) Aayatoota isaa Qubee 'Raa'…

  • Gaafii1: Suuraan Qur'aanaa Dhumti(Xumurri) Aayatoota isaa Qubee 'Siin' Qofaan Xumuramu Kami? Gaafii2: Suuraan Qur'aanaa Dhumti(Xumurri) Aayatoota isaa Qubee 'Laam' Qofaan Xumuramu Kami? Gaafii3: Suuraan Qur'aanaa Dhumti(Xumurri) Aayatoota isaa Qubee 'Raa' Qofaan Xumuramu meeqa?Isaanis kam fa'a? Gaafii4: Suuraan Qur'aanaa Xumurri Aayatoota(keeyyatoota) isaa Qubee 'Daal' Qofaan Xumuramu Kami? Gaafii5: Suuraan Qur'aanaa Dhumti(Xumurri) Aayatoota isaa Qubee 'Alif' Qofaan Xumuramu meeqa? isaanis kami? Gaafii6: Suuraan Qur'aanaa Dhumti(Xumurri) Aayatoota isaa Qubee 'Nuun' Qofaan Xumuramu Kami? Gaafii7: Suuraan keeyyattoota ishii hunda keeyssaa Jecha Allaah qabdu Suuraa tami? Gaafii8: Suuraan 'Miimii' Afur Walitti aantee keessa jirtu suuraa tami?? isaanis tam fa'a? Gaafii9: Suuraan Qubee Qalqalaa qofaan Keeyyattootni ishii Xumuramu meeqa? Isaanis tam fa'a? Gaafii10: Suuraan Jahannam Balbala Torba akka qabdu dubbattu suuraa tami? 📢 https://t.me/gaaffiif_deebii

  • Gaafiif Deebii Waayee Qur'aanaatiin Waalqabatu 🫵

  • без подписи

  • без подписи

  • Sadarkaa Guyyaa Arafaa (Baatii Zulhijjaa 9ffaa) Guyyoonni Kurnan kun Sadarkaa addaa qabaachuun isaanii beekamaadha. Guyyoota kana keessaa Guyyaan Arafaa (Baatii Zulhijjaa 9ffaa) immoo sadarkaa addaa qaba. Sadarkaan addaa Kunis: 1.Kan soomaan walqabaatee, 2.Kan Kadhaa/du’aa’iidhaan walqabatee, 3.Ibidda irraa Bilisoomuu/Araarama Rabbii gonfachuun kan walqabatee fi 4.Rahmanni Rabbii baayyinaan bubbu’uudhaan kan walqabateedha. * Sadarkaa Sooma guyyaa kanaa ilaalchisee nabi Muhammad (SAW) akkana jedhan: صيام يوم عرفة، أحتسب على الله أن يكفر السنة التي قبله، والسنة التي بعده “Sooma guyyaa Arafaa Yakka waggaa isa duraa fi isa booda isaa haquu (nama irraa dhiquu)n Rabbiin irratti herreggadha” (Muslim: 1162) * Sadarkaa du'aa'ii guyyaa kanaa ilaalchisee nabi Muhammad (SAW) akkana jedhan: "أَفْضَلُ الدُّعَاءِ دُعَاءُ يَوْمِ عَرَفَةَ. وَأَفْضَلُ مَا قُلْتُ أَنَا وَالنَّبِيُّونَ مِنْ قَبْلِي: لاَ إِلَهَ إِلاَّ اللهُ وَحْدَهُ لاَ شَرِيكَ لَهُ." “Caalaan du'aa'ii Du'aa’ii guyyaa Arafaati. Caalaan waan anii fi nabiyyoonni na duraa jedhan ‘Laa'ilaaha Illallaah Wahdahuu Laa shariika Lahu Lahul mulku walahul hamdu Wahuwa Alaa Kulli Shey'in Qadiir.  (Muwaxxa’: 246) Hiikaa: Gooftaan haqaan gabbaramaan Allaahiin malee hinjiru inni qophaa isaati adda Yagutoon/Shariikni Isaaf hin jiru Inni Waan hunda irratti danda'aadha. * Waa'ee Rabbiin gabroota isaa ibidda irraa bilisoomsuu ilaalchisee Nabiin keenya akkas jedhan: " مَا مِنْ يَوْمٍ أَكْثَرُ أَنْ يُعْتِقَ اللَّهُ فِيهِ عَبْدًا مِنَ النَّارِ مِنْ يَوْمِ عَرَفَةَ، وَأَنَّهُ لَيَدْنُو، ثُمَّ يُبَاهِي الْمَلَائِكَةَ وَيَقُولُ: مَا أَرَادَ هَؤُلَاءِ؟ " “Guyyaa Arafaa caala guyyaan Rabbiin gabricha ibidda irraa bilisoomsu hin jiru…” (Muslim: 1348) * Rahmanni Rabbii baayyinaan bubbu’uu ilaalchisee Nabi Muhammad (SAW) akkana jedhan: «مَا رُئِيَ الشَّيْطَانُ يَوْمًا، هُوَ فِيهِ أَصْغَرُ وَلَا أَدْحَرُ وَلَا أَحْقَرُ وَلَا أَغْيَظُ، مِنْهُ فِي يَوْمِ عَرَفَةَ. وَمَا ذَاكَ إِلَّا لِمَا رَأَى مِنْ تَنَزُّلِ الرَّحْمَةِ، وَتَجَاوُزِ اللَّهِ عَنِ الذُّنُوبِ الْعِظَامِ، إِلَّا مَا أُرِيَ يَوْمَ بَدْرٍ».... “Sheyxanni Guyyaa Arafaa caalaa guyyaan inni xinnaataa, salphataa fi dallanaa ta’ee argame yoo gaafa Badrii ta’e malee hin jiru. Kunis waan Rahmanni rabbii bu'uu fi waan Rabbi  yakka gurguddaa irra namaa dabruufi...(Muwaxxa’: مرسل 245) 📢 t.me/gaaffiif_deebii

  • без подписи

  • без подписи

  • без подписи

  • 🍅Seenaa Bareedaan Dubbiseraa✅️ طلب رجل من زوجته الحامل أن تحضر له كتابا من المكتبة ففاجأها المخاض فيها ! فولدت ابنها بين الكتب ..... فلقب الناس ابنها بابن الكتب العجيب أن ابن الكتب كبر وأصبح عالما كبيرًا من علماء المسلمين ووصلت مصنفاته نحو ٦٠٠ كتاب ! إنه جلال الدين السيوطي المولود سنة ٨٤٩هـ توفي ٩١٢هـ Namni tokko haadha manaa isaa ulfaa mana kitaabaa irraa kitaaba akka fiduuf gaafate, isheen garuu akka tasaa gara da'umsaatti galte! Ilma ishee kitaabota keessatti deesse...✅️ Namoonni maqaa mucaa ishee dhalate "Ibn al-Kutub" (Ilma Kitaabaa) jedhanii moggaasan. ⚠️Wanti nama ajaa'ibu Ibn al-Kutub guddatee hayyuu Musliimaa beekamaa ta'uu isaati,✅️ Kitaaboonni isaan walumaa galatti Islaamaaf Kataban kitaabota 600tti dhiyaatan! Innis Jalaaluddiin Al- Suyuuxi jedhama. bara 849 Hijira dhalatee bara 912 Hijira du’e. 📢 https://t.me/gaaffiif_deebii

  • Channel photo updated

  • GUYYOOTA KURNAN BAATII ZULHIJJAA 🌙✨ Guyyoonni 10n jalqabaa Zul-Hijjaa maaliif adda ta'an? ☝️ Rabbiin ﷻ waan barbaade uuma; waan uume keessaa immoo waan barbaade filata. 🌍⏳ Haaluma kanaan yeroo fi guyyoota uume keessaa muraasa isaanii filateera. Guyyoonni 10n jalqabaa Zul-Hijjaa guyyoota Rabbi ﷻ biratti sadarkaa guddaa qabanii fi filatamoo ta’aniidha. 🕋 Rasuulli ﷺ akkana jedhan: “Guyyoonni hojii gaariin (الأعمال الصالحة) keessatti Rabbi biratti jaallatamaan, guyyoota kana caalaa hin jiran.” 🌟 Kanaaf guyyoota kana keessatti hojii gaariirratti jajjabaachuun barbaachisaa dha. 📝 Fakkeenyaaf: 📖 Qur’aana qara’uu 🤲 Du’aa'ii gochuu 📿 Zikrii baay’isuu 🤝 Sadaqaa kennuu 🕌 Salaata irratti jabaachuu fi kkf 🌙 Namoonni heddu Ramadaana qofa akka carraa guddaatti ilaalu. Garuu guyyoonni kunneenis carraa hojii gaarii walitti kuufachuuf kennamanii dha. ✨ Har’a irraa jalqabnee guyyoota kana akka jijjiirama jireenya keenyaa ta’an haa goonu. https://t.me/gaaffiif_deebii

  • Yaadachiisa Halkan kun ZULQIDAA 1 waan ta'eef hundu keenya yoo dandeenne bor jechuun wiixata soomana kana haa soomannu.

  • Siiraa Ergamaa Aalamaa Nabi Muhammad Sallallaahu Aleeyhi Wasallam Kutaa 2ffaa Oppiraasoona ta'uu Rasuulaa Yeroo Haliimatussaadiyyaan hoosiftu Rasuulli gaaf tokko osoo ijoollee waliin taphataa jiruu malaa'ikaan ijoollee inni waliin taphatu biraa fuudhanii garaa isaa oppiraasoona godhanii qalbii isaa keessa dhiqanii akka wanti fokkataan garaa keessaa qulqullaa'u taasisanii ergasii bakkatti deebisan. ijoolleen yeroo isa fuudhan rifattee Haliimatussaadiyyaatti himte. ergasii Haliimatussaadiyyaan rifattee sana booda gara haadha isaa Aaminaa deebiste. Du'a Haadha Rasuulaa fi Guddisa Isaa Haati isaa Qabrii Abbaa Rasuulaa Ziyaaruuf Gara Madiinaa Rasuulaa fi Ummu Ayman waliin deemte. ergasii osoo Madiinaa irraa Gara Makkaa deebi'aa jirtuu duute yeroo Haati isaa duutu Rasuulli Waggaa Jaha ture. ergasii Haati isaa Ganda Makkaa fi Madiinaa gidduutti kan argamtu bakka Abwaa'ii jedhamtutti Awwaalamte. Ergasii Tajaajiltuun Abbaa Rasuulaa Ummu Ayman Rasuula Guddifte. Guddisa Isaa fi Du'a Abbeeraa Isaa Erga Haati duutee Guddisa isaatiin of-qabee kan dhaabbate Akaakayyuu Isaa Abdulmuxxalib ture. Rasuula Jaalala ijoollee isaa jaalatu caalaa jaalala isaaf qaba ture. Yeroo Umriin Rasuulaa Waggaa Saddeet gahu Akaakayyuun isaa erga isa waggaa lama kunuunsee booda du'e. erga Akaakayyuun isaa du'ee booda Abbeeraan isaa Abuxaalib isa guddise. Abbeeraan isaa kun Hiyyeessa ture. Ergasii rabbiin rizqii bal'iseef Rasuulli zabana Abbeeraan isaa isa guddisaa ture keessatti waan danda'ee fi rabbbiin laaffiseefin Abbeeraa isaa gargaaraa ture. Itti fufa.............✍✍✍ 📢 t.me/gaaffiif_deebii

  • Siiraa Ergamaa Aalamaa Nabi Muhammad Sallallaahu Aleyhi Wasallam Kutaa 1ffaa Hundee,Guddinaa fi Haala ergamaa Muhammad(S.A.W) Inni eegamaa Allaah gara cufa namaatti ergame akkasumas, irra kabajamaa fi caalaa uumaa rabbiiti. ergamaa isa xumuraa fi dura bu'aa ergamtootaati. Sanyiin isaas gosa Qureeyshi kabajamtuu fi ulfaattuu irraayi. gosti tun gosa kabajamtuu fi ardii arabaa biroo irraa kan akkaan qulqulleeffamte taatee beekamti. Sanyii Rasuulaa Abbaan Nabi Muhammad, Abdallah Ibnu Abdulmuxxalib Ibnu Haashim Ibnu Abdimanaaf Ibnu Qusayyi Ibnu Kilaab Ibnu Murraa Ibnu Ka'ab Ibnu Lu'ayyi Ibnu Gaalib Ibnu Fihr Ibnu Maalik Ibnu Nadr Ibnu Kinaanaah Ibnu Kuzaymaa Ibnu Kuzaymaa Ibnu Mudrakaa Ibnu Mudrakaa Ibnu Ilyaas Ibnu Mudar Ibnu Ma'ad Ibnu Adnaan. Adnaan Sanyii Ismaa'il Ibnu Ibraahim Aleeyhimassalaam irraahi. Harmeen isaa Aaminaa Binti Wahab Ibnu Abdi Manaaf Ibnu Zuhraa Ibnu Kilaab Kilaab Akaakayyuu 5ffaadha gara jihaa abbaat isaatin Kanaafu Sanyiin Abbaa rasuulaa fi Haadha rasuulaa Kilaab irratti walitti d'eebia/walitti gala. Abbaan isaa Wagga kudha saddeetitti du'e Madiinatti awwaalame. yeroo kana rasuulli garaa haadhaa keessatti ji'a jaha ture. Dhaloota Rasuulaa fi Hoosiftoota isaa Wiixata gaafa guyyaa 12ffaa bara Arbaa Makkaan Keessatti dhalate. Barri Inni dhalates bara Arbaa jedhamee moggaafame. sababni maoggaafames bara rasuulli dhalatan keessa Mootiin biyya Habashaa Ka'abaa diiguuf jedhee loltootaa fi Arba Waliin Duule ergasii rabbiin Isaa fi loltoota isaas Arbas ni fixe Kanaafuu Arbi guddaan sun waan duula keesaa waan jiruuf Bara Arbaa jedhamee moggaafame. Haati isaa erga isa deessee booda Suwaybaa bira geessuun Suweeybaan Harma hoosifte. Suweeybaan Gabrittii Abulahabi. Ergasii Immoo Haliimatussaadiyyaa bira taa'ee hanga waggaa Afur guutuu isii biratti harma hodhe. Itti fufa.............✍✍✍ 📢 t.me/gaaffiif_deebii

  • Tafakkur 1. Sinbirroon hin fincooftu. 2. Goondɑɑn tɑsumɑɑ hin rɑfu; sombɑs hin qɑbdu hojjetɑɑn wɑggɑɑ 7, Giiftiin Goondɑɑ wɑggɑɑɑ 15 jirɑɑtu. 3. Shɑɑrki ɑbɑdon hin dhukkubsɑtu. 4. Fɑrdi dhɑɑbbɑtee mɑlee ciisee hin rɑfu. 5. Kɑnniisni gɑrɑɑ lɑmɑ qɑbdi kɑn Dɑmmɑɑ fi kɑn nyɑɑtɑɑ. 6. Shɑɑrkiin ɑdii inni guddɑɑn osoo hin nyɑɑtin ji’ootɑ 3f turɑ. 7. Goondɑɑn ɑddunyɑɑ kɑnɑrrɑɑ hundi nɑmɑ ɑddunyɑɑ kɑnɑ hundɑɑf utuu hirɑmee Goondɑɑ miliyoonɑ 1 nɑmɑ tokko qɑqqɑbɑ. 8. Bɑrɑriin(Bararaoon) mɑtɑɑn ishee irrɑɑ cite lubbuun torbɑn tokkoof keessɑɑ hin bɑhu. 9, Hɑrreen ɑl tokkotti Miillɑ ishee ɑrfɑn ɑrguu dɑndeessi. 10. Doolfiiniin Bishɑɑn keessɑtti fɑgeenyɑ KM 24 irrɑtti sɑgɑlee dhɑgɑhuu dɑndɑ’ɑ. 11. Bookeen busɑɑ ilkɑɑn 47 qɑbdi. 12. Sɑrɑrri hɑrree didoo kɑmuu wɑl hin fɑkkɑɑtu. 13. Billɑɑchi miillɑ duubɑɑn dhɑndhɑmti. 14. Qɑɑmni sɑɑlɑɑ sɑrɑriitii dhiirɑɑ miilɑ isɑɑ irrɑtti ɑrgɑmɑ. 15. Kɑnniisni ijɑ shɑn qɑbdi! 16. Booyyeen ol jettee wɑɑ ɑrguu hin dɑndeessu! 17. Hɑntuutni yoo beellofte eegee ishee nyɑɑtti. 18. Hɑɑdhɑ mɑnɑɑ isɑɑf bineensi ɑmɑnɑmɑɑ jeedɑlɑ qofɑ. 19. Weeliin cuquliisɑɑ ɑddunyɑɑ kɑnɑ irrɑɑ guddinɑɑn hundɑ cɑɑlɑ. 20. Hoosiftootɑ keessɑɑ kɑn bɑlɑli’u simbirɑ hɑlkɑnii qofɑ yoo tɑhu Miilli ishee qɑqɑlloo wɑɑn tɑ'eefis deemuu hin dɑndeessu. 21. Simbirri hɑlkɑnii yeroo hundɑ holqɑ keessɑɑ yoo bɑhɑn gɑrɑ bitɑɑtti bɑlɑli’u. 22. Bofti dunuunfɑtus qolɑ ijɑɑn ni ɑrgɑ. 23. Bookeen busɑɑ inni dhiirɑɑ hin ciniinu. 24. Hɑntuunni lɑgɑɑ ji’ootɑ 18 keessɑtti hɑntuutni 2 qofti firɑ miiliyoonɑ 1 ni horɑtti. 25. Kɑnniifni tokko dɑmmɑ fɑllɑɑnɑ tokko qopheessuuf yoo xiqqɑɑte dɑrɑɑrɑɑ 4000 dhɑndhɑmti. 26. Cilɑlluun wɑggootɑ 3f wɑlitti ɑɑnsee rɑfuu dɑndɑ’ɑ. 27. Hɑɑdi sɑrɑriitii lɑmɑ osoo wɑlirrɑ bu'ee ɑkkɑ sibiilɑɑ ni jɑbɑɑtɑ. 28. Arbi fɑgeenyɑ Mɑɑyilii 3 irrɑtti bishɑɑn jirɑɑchuu isɑɑ ɑddɑ bɑɑsuu ni dɑndɑ’ɑ. 29. Qurxummiin Oyistiir jedhɑmu gɑɑfɑ wɑlqunnɑmtii gochuu bɑrbɑɑdu sɑɑlɑ isɑɑ gɑrɑ fedhetti ni jijjiirrɑtɑ. 30. Addunyɑɑ irrɑɑ wɑggɑɑ wɑggɑɑn oomishni 1/3 n ilbiisotɑɑn ni mɑncɑ’ɑ. Kun hundumtuu rɑbbi tɑ'ɑɑ jennɑɑn hɑɑlɑ kɑnɑɑn Uumɑmɑn. Kɑnɑɑf mee uumɑɑ Rabbii kɑnɑ ilɑɑllee hɑɑ xiinxalluu! فإذا قضى أمرا فإنما يقول له كن فيكون Subscribe our channel and share our post. ✍ dabalataafJoin godhaa 👇👇👇👇👇 ▬ ▬ ▬ ▬ ▬ ▬ @GAAFFIIF_DEEBII    ☞ t.me/gaaffiif_deebii     ☜︎︎︎    ☞ ︎︎︎ t.me/gaaffiif_deebii ☜︎︎︎

  • Galmeen Wanti Hundaahuu Keessatti Barreeffamte Maqaan Isaa Maal Jedhama? Deebii: Lawhal Mahfuuz

  • Balballi/Hulaan Erga Rabbiin Uumee Jalqabee Guyyaa Tokkos Cufamee Hin Beekne Hulaa Kami? Biyya Kamitti Argama? Deebii: Balbala Tawbaa Jihaa Biyya Shaamitti argama.