tgindex
Tokkummaa Oromoo

Tokkummaa Oromoo

Статистика

Tokkummaa Oromoo jabeessuu irratti hojjena

Последний пост
12 авг. 2025 г.
Последнее чтение
14 авг.
Постов за неделю
0
Всего постов
20
Тип
открытый
Язык
om
В каталоге с
14 авг.
Подписчики
98
−1 за 2 дн.
Сутки
0
0,00%
Неделя
 
Месяц
 
Просмотров на пост
135
18 постов
Вовлечённость
137,8%
к подписчикам
Постов в день
0,0
всего 20
Упоминаний
0
каналов
Охват размещения
оценка
1/24сутки в ленте
1/48двое суток
1/72трое суток

Оценка по просмотрам недавних постов: пост набирает почти всё за первые сутки.

Посты

  • ‎BUSINESS PLAN jechuun maal? ‎ ‎Mee har’a waa’ee waan kana haa ilaallu: ‎ ‎Business Plan (Karoora Daldalaa) jechuun karoora hojii tokko eessarraa ka’ee garamitti deemuu akka qabu bal’inaan ibsuudha. Kun yaada hojii sammuu kee keessa jiru gara hojii qabatamaatti geeddaruu si gargaara. ‎ ‎FAAYIDAA KAROORA DALDALAA QOPHEESSUU: ‎ ‎Hojiin kee maal akka ta’e, eessarraa ka’ee eessa akka deemu ifatti ibsa ‎ ‎Deeggarsa baankii fi investeroota (financial support) argachuuf gargaara ‎ ‎Garee fi hirmaattotni hojichaa yaada waliigalaa daldalichaa akka qabaatan taasisa ‎ ‎Dorgommii keessatti maaltu akka daldala kee adda godhu ni ibsa ‎ ‎Gatii oomisha ykn tajaajila keetii ifa taasisa ‎ ‎KUTAALEE GURGUDDOO 8 KAROORA DALDALAA: ‎ ‎1. Ibsa Gabaabaa (Executive Summary) ‎ ‎Kun seensa barreeffamichaati. Yaada hojii gabaabsee dhiyeessa: ‎ ‎- Maqaa Hojii (Business Name) ‎ ‎- Maal Hojjetta? (Mission Statement) ‎ ‎- Maal Gurgurta? Eenyutti? (Products/Services & Target Market) ‎ ‎2. Ibsa Hojii (Business Description) ‎ ‎Maal irratti hojjechuu akka barbaaddu namni hunduu akka hubatu ibsi: ‎ ‎- Gosa hojii: daldala, tajaajila, qonna, teknoolojii, fi kkf ‎ ‎- Yaadni daldalaakee rakkoo maali furuuf akka karoorfame ibsi ‎ ‎- Gosa seeraa ittiin dhaabbate (Legal Structure): ‎ ‎- Dhuunfaa (Sole Proprietorship) ‎ ‎- Garee (Partnership) ‎ ‎- PLC ‎ ‎- Waldaa Aksiyoonaa (SC) ‎ ‎kuni ifatti adda bahee barraa'uu qaba. ‎ ‎3. Qorannoo Gabaa (Market Analysis) ‎ ‎Gabaan si barbaadu eenyu fa’i? Maaltu si adda godha? ‎ ‎Maamiltoonni kee eenyu? (Target Customers) ‎ ‎Dorgomtoonni kee eenyu? (Competitor Analysis) ‎ ‎Faayidaan ati dorgommii irra argattu maali? (Competitive Advantage) ‎ ‎4. Gurma’insa fi Hoggansa (Organization & Management) ‎ ‎Hojii kana eenyutu hooggana? ‎ ‎Hundeessaa fi Muuxannoo Isaa (Owner Background) ‎ ‎Garee Hoggansa (Management Team) ‎ ‎Caasaa Dhaabbataa (Organizational Structure) ‎ ‎5. Oomisha/Tajaajila (Product or Service Line) ‎ ‎Oomisha ykn tajaajila kee ibsi: ‎ ‎- Maal oomishta? ‎ ‎- Akkamitti oomishta? ‎ ‎- Tajaajila akkamii kennita? ‎ ‎- Gatii maal irratti hundooftee murteessita? (Pricing Strategy) ‎ ‎6. Tarsiimoo Gabaa fi Gurgurtaa (Marketing & Sales Strategy) ‎ ‎Oomisha ykn tajaajila kee akkamitti of beeksifta? ‎ ‎Tarsiimoo Gabaa: miidiyaa hawaasaa, TV, raadiyoo, afaaniin ‎ ‎Tarsiimoo Gurgurtaa: gatii gadi bu’aa, beeksisa addaa, referral, kkf ‎ ‎7. Karoora Hojii Guyyaa Guyyaa (Operational Plan) ‎ ‎Hojii guyyaa guyyaa akkamiin gaggeeffama? ‎ ‎Iddoo Hojii (Business Location) ‎ ‎Qabeenya barbaachisu: dhiheessitoota (Suppliers), geejjiba, logistics ‎ ‎8. Karoora Maallaqaa (Financial Plan) ‎ ‎Maallaqa meeqa si barbaachisa? Galii fi baasii akkamitti madaalta? ‎ ‎Baajata Jalqabaa (Startup Budget) ‎ ‎Ragaa Waggaa 3–5 (Financial Projections): ‎ ‎Gabatee Bu’aa fi Baasii (Income Statement) ‎ ‎Gabatee Sochii Maallaqaa (Cash Flow Statement) ‎ ‎Gabatee Qabeenyaa fi Idaa (Balance Sheet) ‎ ‎Bakka Galii fi Baasii Wal-simu (Break-even Point) ‎ ‎Faayidaa Karoora Daldalaa Barreessuu Maali? ‎ ‎Karoorri kee ifa fi qindaa’aa ta’a ‎ ‎Amanamummaa investerootaa fi baankota biratti horatta ‎ ‎Dorgommii keessatti qophii cimaa qabaatta ‎ ‎Guddina yeroo dheeraa irratti si qajeelcha ‎

  • Jireenyi Nagaa: Yeroo Ofii Keessan Qofa Irraatti Xiyyeeffachuun Maaliif Barbaachisaa Dha? Jireenya keenya keessatti milkaa’inni, nagaan sammuu fi fayyaan, karaa tokkicha irra osoo hin taane, karaa hedduu fi haala qindoomina qabuun kan dhufu dha. Garuu, bu’uura kana maraa keessaa inni tokko  inni jabaan  yeroo ofii keenyaa ittiin fayyadamuu dandeenyu, ofitti xiyyeeffachuu fi of beekuu dha. Namni yeroo ofii irratti xiyyeeffachuu danda’u, of irratti hojjachuu fi of cimsuu danda’a. Namni akkasii, dhugumaan jireenya isaaf milkaa’ina fidu, namoota biraafis bu’aa fidu danda’a. Waan kana irratti hunda’uun, yaada nama amansiisu fi gorsa murteessaa armaan gadii kana hubachuun barbaachisaa dha. 1. Ofitti xiyyeeffachuun of-jijjiiruu fi guddina dhala namaa jalqabaa dha. Namni tokko ofiif xiyyeeffannoo hin keennine, garaa garummaa wantoota barbaachisaa fi isaan hin barbaachisne addaan baafachuu hin danda’u. Yeroo keenyaas bifa tasgabbaa’aa fi bu’aa fiduufi ittiin fayyadamu hin dandeenyu. Kanaafuu, ofitti xiyyeeffachuun of beekuu, hamilee ofii qabachuu fi murannoo cimaa horachuu irratti bu’uura ta’a. Gorsa: Guyyaa guyyaan yeroo muraasa tokko of duuba taa’i. Yaada kee dhageeffadhu. Rakkoo fi fedhii kee barreessi. Qabiyyee duubbee keetiin ala si rakkisu dhiisi. Kana jechuun: of yaadi. Of dhaggeeffadhu. Of kabaji. 2. Yeroo, Sammuu fi Fayyaa ofii dursa keennuun, bu’a qabeessummaa fi milkaa’ina irratti hundaa’a. Namni sammuu isaa tasgabbeessee, yeroo isaa sirnaan fayyadamee, fayyaa isaaf tumsuu danda’u, hojii isaa keessatti milkaa’ina argachuu danda’a. Kun ammoo ofii qofaan osoo hin taane, hawaasa isaa fayyadamoo taasisa. Gorsa: Yeroo kee qoodadhu. Sa’aatii guyyaa keessa tokko hojii kee irratti, tokko gara barnootaa fi guddina ofii, tokko immoo boqonnaa fi fira waliin dabarsu irratti ramadi. Yeroo kee to’achuun jireenya kee to’achuu jechuu dha. 3. Namoota biraaf jiraachuu dandeenya yoo ofii keenyaan jireenya keenya too’atne. Namni tokko of irratti xiyyeeffachuu yoo danda’e qofa, nama biraa wajjin nageenyaan jiraachuu danda’a. Namni of hin beekne, of hin jaallanne, of hin kabajne  nama biraa jaallachuu fi kabajuuf humna gahaa hin qabu. Kanaafuu, of dagachuu jechuun, nama biraas haquu jechuu dha. Gorsa: Nama biraa fayyadamuu fi gammachiisuun gaarii dha, garuu si dagachuudhaan osoo hin taane. Dursee of haa gammachiifnu. Si haa kabajnu. Si haa miidhagsinu. Erga sana booda, gara hawaasaatti haa sossoonu. 4. Mul’ata ofii irratti cichuu fi milkaa’uu barbaachisaadha  kunis of irratti xiyyeeffachuun danda’ama. Namni tokko mul’ata ofii yoo qabaatee fi yoo of irratti xiyyeeffatee hojjate, yeroo, carraa fi humna ofii irratti fayyadamuudhaan, dhugumaan milkaa’ina dhuunfaa fi hawaasummaa dhugoomsuu danda’a. Gorsa: Mul’ata kee barreessi. Mataa keetiif haasa’i. Akka malee hojii malee hin yaadin. Carraa kee irratti xiyyeeffadhu. Waan hunda keessa si qofa ilaali jechuu miti. Garuu jalqabni si irraa eegama. 5. Of irratti xiyyeeffachuun, ofitti amanamummaa fi bilisummaa namaa cimsuu danda’a. Namni tokko yeroo hedduu of irratti xiyyeeffate, ofitti amanamummaa horata. Akka fedheetti yaada, akka fedheetti filmaata taasisa. Kunis jireenya walabummaa fi murteessaa akka jiraatu taasisa. Gorsa: Namoota hunda gammachiisuuf yaaluun of dagachuun, of miidha. Filannoo kee ofiif taasiisi. Gammachuu kee of keessaa eegali. Namni si hin amanne yoo jiraate  si’uma amansiisi. Xumura irratti jireenyi nagaa fi milkaa’inni dhugaa, yeroo ofii, sammuu ofii, fayyaa ofii fi mul’ata ofii irratti xiyyeeffachuu irraa jalqaba. Ofitti xiyyeeffachuun, badii osoo hin taane, bu’aa guddaa fiduu danda’a. Yeroo ofii irratti hojjechuu fi of kabajuun, namoota biroo waliin akka nama haqa qabu, jaallatamaa fi bu’aa qabeessa ta’eetti jiraachuu nu dandeessisa. Jecha xumuraa: "Of irratti xiyyeeffachuun of jaallachuu dha, of jaallachuun immoo hawaasa fayya-qabeessa ijaaruu jalqaba Jechuu dha yaa nama koo"

  • Live stream finished (43 seconds)

  • Live stream started

  • Kolfaaf 😜😜 Guyyaa Tokko Xiyyaara Tokko Keessa Maraatota Guutuu Baatee utuu Balali'aa jiruu Maraatonni Hundi Isaanii Baayyee Iyyuu (Jeequu) Jalqaban Garuu Namni Tokko Iyyuu Cal isaan jechisiisuu hin Dandeenye! Utuu iyyaa jiranii Isaan Keessaa tokko Gara isa Pailetii (Balaliisaa Xiyyaaratti )Darbee Xiyyaara oofuu na barsiisi Jedhe Pailetichis Tole garuu Dura dhaqii Warra iyyaa jiran cal jechisiisi ittiin jedhe innis Tole jedhee Daqiiqaa Gidduutti Tasgabeesse Deebi'e. Pailetichis Ajaa'ibsiifachaa Akkamitti Tasgabbesite Jedhee Gaafate . . . . . Maraatichi yoo maal jedhe wayya . . . . Maraatichis Xinnoo Ishee Ala Taphadhaa jedheen Ala Isaan Yaasee balbala itti cufee dhufe.hin jedhu seetani Share share

  • без подписи

  • Namichi sooressi Chaayinaa Jack akkana jedhe, “Muuzaa fi qarshii Jaldeessa fuuldura yoo kaa’an Jaldeessi qarshii caalaa muuzii filatu sababni isaas Jaldeessichi qarshiin Muuzii baay’ee bitachuu akka danda’u waan hin beekneef. Dhugaa dubbachuuf yoo ta'e namootaaf "Hojii fi Business"dhiheessite,namoonni baay'een isaanni Business tokko mindaa caalaa Mallaqa argachuu akka danda'u waan hin beekneef Hojii filatu. Sababni harka qalleeyyiin bayyeen hiyyeessa ta’aniif keessaa tokko hiyyeessi carraa hojii abbootii qabeenyaa beekamtii kennuuf leenji’uu dhabuu isaati. Yeroo baay'ee mana barumsaa keessa kan dabarsan yoo ta'u, mana barumsaa keessatti wanti baratan ofiif hojjechuu dhiisanii mindaa argachuuf hojjechuudhaaf akka Barataan sammuun isaanni yaadaa .. Akkasumas Sammuu isaan caalaa Dookumenti isaanitti Amannu jedhe. Bu'aan mindaa caalaa gaariidha sababiin isaas mindaan si deeggaru danda'a, bu'aan garuu qabeenya si gochuu danda'a. Jecha Jack Ma irraa maal baranna.?? Follow godhaa galatoma

  • https://t.me/asbeksbot/start/?startapp=5648084830 Start earning effortlessly on ASBEKS. Join now and know your rank

  • #ODUU_RIFAASISAA. #Dorgommii tapha kubbaa miilaa garee Hojjattoota mootummaafi Qaalayinsa jireenyaa gidduutti gaggeeffamaa jiruun Qaalayiinsi jireenyaa goolii sagaliifi zeeroon(HM 0:9 QJ) dursaa jiraachuun dhagahame. Taphichi dirree Hojjattoota mootummaa irratti taphatamaa kan jiru yoo ta'u Qaalayiinsi jireenyaa dirreen ala garaagarummaa goolii hedduutiin dursaa jira.😁 #Dorgommichaan kilaba Qaalayinsa jireenyatiif goolii jalqabaa kan lakkofsise taphataa urjii sarara fuulduraa garichaa kan ta'e #Oil_Zeeyitiin walitti aansee goolii sadii(3) galchuun haatrikii hojjachuun injifannoo cululuqaa garichi galmeesseef gahee olaanaa bahachuu danda'eera. Itti dabaluunis #Kiraan_manaa_kubbaa_saamunaan mijeessee kenneef gooliitti jijjiiruun garichi goolii afuriifi zeeroon akka dursu taasiseera. Kana malees, boqonnaa dura daqiiqaa dabalataa keessatti Xaafiin goolii miidhaagduu Boqolloon mijeessee kenneef galchuun garichi goolii shaniifi zeeroon boqonnaa akka bahu taasiseera.?? #Boqonnaan booda goolii jalqabaa kan lakkoofsise Boba'aan walitti aansee goolii lama galchuun goolii tokko ammoo Geejjibaaf mijeessee kennuun seenaa hojjateera. #Geejjibnis goolii saddeettaffaa Boba'aan mijeessee kenneef galchuun injifannoo irratti injifannoo dabaluu danda'eera. #Dhaadhaan dandeettii dhuunfaa isaa fayyadamuun taphattoota garee Hojjettoota mootummaa gowwoomsee darbuun goolii tokko lakkoofsiisuu danda'eera. Taphataan murteessaan garee qaala'insa jireenyaa milkeessuun beekamu baasiiwwan mana barumsaa kubbaa qullubbii, dinnichi, barbaree, paastaafi mokorooniin sirriitti waliif dabarsuun mijeessanii kennaniif mataan itti bu'ee goolii kan galche yoo ta'u taphichi ammallee daqiiqaa 90 ga'ee itti fufaa jira. Goolii 10ffaan galus #Iyyannoo hojjataan Mootummaa dhiyeeffateen gooliin 10ffaa gale VAR dhaan jalaa haqameeraa. Hin qaanoftuuyii hanga kana kolfitee pagekoo follow utuu hin godhiin yeroo darbuuf kaatu🙈😃

  • Seenaa Ajaa'iba! Yeroo tokko dargaggeessi tokko iddoo wayii deemuuf imalarra osoo jiruu, Biiftuun itti lixxe. Inniis Bineensaan nyaatamuurra mana namaa buluuf murteesse. Kanumaa mandara isa ful-dura jirtu tokko deeme. Achi geenyaan balbala rurrukutee, "Mee na bulchaa" jedhee kadhate. Abbaan manichaas nama gaarii waan turaniif "seeni" jedheen. Mucichiis akkuma mana seenee xiqqoo boqateen , bishaan harkaa kennaniif. Innis harkaa isaa erga dhiqateen booda, abbaan manichaa akka irbaata kennaniif itti hime. mucaaniis irbaata isaa nyaate. Amma sa'atiin rafiiti gaheera;garuu namtichi harka qalleessa waan taheef iddoo mucaa kana raffisu dhabe. Xiqqoo erga itti yaade booda, iddoo mucayyoon isaa raftu raffisuuf murteesse. Innis "egaa mucaakoo mucayyoo koo waliin kootu siree kana gubbaa rafi" jedheenii siricha boraatidhaan iddo lamatti qoodee raffise.mucichiis iddoo isaaf kennamee osoo hin socho'iin bari'e.ganama ciree nyaatee yeroo deemsa isaa eegalu, mucayyoo halkaan waliin rafe sana yeroo ishee Abaaboo bishaan obaastu argee,"obboleetti deemufiin deema waan taheef dallaa utaalee dhufee nagahaatti siin jedhuu" jedheen.isheeniis " Kan galagala boraatii utaaluu dadhabde Amma akkamitti dallaa utaalta?"jetten. Isiin hoo maal jettu? mucaan sirri mitimoo sirridha? Moo mucayyootu dogoggoree jettuu? ...xumurameera....galatoomaa

  • Hir-koo Kutaa 41ffaa Diraamaa Bareedaa kana Kutaa hunda telegramiidhaan hordofuuf channel kana Join fi share woliif godhaa Galatoomaa 👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇   👉    https://t.me/DiraamaaHirko👈   👉    https://t.me/DiraamaaHirko👈 👆👆👆👆👆👆👆👆👆👆👆👆👆

  • 𝗝𝗲𝗰𝗵𝗼𝗼𝘁𝗮 𝗯𝗲𝗲𝗸𝘁𝗼𝘁𝗮𝗮 ✰ Nama tokkoo ol jaalatta taanaan keessa kee kan jiru memory cardii dha malee Onnee miti.       Roobart Mugaabee. ✰ “Mo’attoonni waan adda ta’e hojjetu miti waanuma jiru karaa adda ta’een hojjetu.”        Shiiv keeraa. ✰ “Namni kamillee miilla dhoqqeedhaan sammuu koorra akka ejjetuuf hin eeyyamu.”       M. Gaandii. ✰ “Dukkanni dukkana hin ibsu; Ifatu dukkana ibsa. Jibbi jibba in ari’u; jaalalatu jibba ari’a.”        Maartiin Luuter Kiingi. ✰ “Muka ija qabutti dhagaan darbatamu baayyeedha.”        Shiiv keeraa. ✰ “Hin danda’amu kan jedhamu wanta hin hojjetamne qofadha.”          N. Maandellaa. ✰"Dukkana guddaa keessa ifa xiqqoon darbuu dandeessa"        Abdii Taammanee. ✰ "Gaa'ela osoo qabduu barattoota dubaraatu si gammachiisa yoo ta'e haadha warraa keef yuunifoormii barataa bitiif."         Roobart Mugaabee. ✰ “Haala si mudatu waliin jireenyakee wal fudhachiisuuf yaalii godhi malee; akkan barbaadu ta’uu qaba hin jedhin.”       Maartiin Luuter Kiingi. ✰ “Addunyaan kun bor ni baddi yoo naan jedhan illee har’a sanyii facaasuu hin dhiisu.”        Maartiin Luuter Kiingi. ✰ “Namni tokko yommuu kufu hin injifatamu, yommuu abdii kutatu injifatama.”         Riichaard Niiksoon. ✰ "Of wallaaluun of awwaaluudha"         Miratuu Shaanqooo. ✰ "Namni waan siin jedhu hindhabu ofiinuu waa jedha waan ta'eef"         Abdii Taammanee. ✰ “Namni dogoggora hojjetee hin beekne nama homaa tokko yaalee hin beeknedha.”         Albeert Inistaayin. ✰ “Nagaan waliigalteedhaan malee humnaan hin argamu.”         Albeert Inistaayin. ✰ “Sababan gatiittii namoota gurguddoo irra dhaabbadheefan namoota kaan caalmaatti fageessee ilaaluu danda’e.”         Iyezak Niiwtan. ✰ "Of beekuuf murtoo hinqabdu taanaan of beektes murtoo hinmurteessitu"         Miratuu Shaanqoo. ✰ “Hiyyeessa taatee dhalachuun kee dogoggora kee miti, carraadha. Hiyyeessa taatee du'uun garuu dogoggora keeti.”           Biil Geet. ✰ "Haasaa abbaan barbaade bulbulu ani hindhugu"            Abdii Taammanee. ✰ “Karaa milkaa’inatti geessu hin beeku yoon ta’ellee karaa kufaatiitti geessu nan beeka, innis namoota hundaa gammachiisuuf dhama’uudha.”          Biil Koosbiil ✰ “Kun hundumtuu ta’ullee ammayyuu ilmaan namootaa gaariidha jedheen yaada.”            Haannaa Firaank. ✰  “Maqaa diinota keefi hojii isaan si irratti hojjetan hin irraanfatin, balleessaa isaaniif garuu dhiifama godhi.”            Joon F Keenedii. ✰ “Addunyaa kana irraa wanti baay’ee nama gaddisiisu utuu ija qabanii mul’ata dhabuudha.”             Heelen Kiiler. ✰" Waaqatu na muude, isatu na buusa"            Roobart Mugaabee. ✰ “Hiyyumnis ta’e sooromni bu’aa ilaalcha keenyaati.”              Naappooliyoon Hiil. ✰ “Carraatti cimseen amana yoon jabaadhee hojjedhe immoo carraawwan hedduu akkam argadhus nan amana.”            Toomaas Jeefersen. ✰ “Kaleessa caalaa bortu sitti dhihoodha.”             Miratuu  Shanqo Hello guys‼ meeqan kessantu dubbisee irra barata laata?🤔😎

  • From@woliinmedia ❤️❤️❤️❤️❤️❤️❤️ https://t.me/woliinmedia ❤️❤️❤️❤️❤️❤️❤️ Siif Milkaa'inni maali? Qabeenyadhaa? Gammachuudhaa? Beekkamtiidhaa? #Jireenya keessatti milkaa’ina akkamitti ibsuu dandeenya? Namni gaaffii armaan olii kana deebisuu danda'u si qofa. Hiika milkaa’ina isa dhumaa sitti himuu hin danda’u, fedhiis hin qabu, kun waan hin danda’amneef. Namni kamiyyuu jireenya keessatti badhaadhaa ta’uuf yaada adda addaa waan qabuuf milkaa’ina karaa biraatiin hiikaa waan jiruuf hiikni hundaaf mijatu jiraachuu hin danda’u. Jireenya keessatti milkaa'ina akkamitti akka ibsitu sirriitti beekuun baay'ee barbaachisaadha!  Zig Ziglar ogeeyyii bara ammayyaa milkaa'ina, kaka'umsaa fi jireenya madaalawaa jiraachuu irratti kabajamoo ta'an keessaa tokko ture. Kitaaba isaa 'Born to Win'!, jedhu keessatti milkaa’inni hima tokkoon ibsamuu akka hin dandeenye, garuu wantoota hedduu irraa akka ijaarame ta’uu isaa falma. Hiikni milkaa’ina adda addaa kunooti.  1. Milkaa'inni yeroo hunda waan dandeessu hunda gochuudha. 2. Milkaa’inni galma qabatamaa kaa’uudha. 3. Milkaa’inni injifannoo xixiqqoo kabajuudha. 4. Milkaa’inni garaagarummaa fedhii fi fedhii gidduu jiru hubachuudha. 5. Milkaa'inni akka dandeessu amanuudha. 6. Milkaa’inni hojii fi quuqama madaaluu yaadachuudha. 7. Milkaa'inni fedhii ofii kee kunuunsuudha. 8. Milkaa'inni yeroo tokko tokko lakki jechuu akka qabdu barachuudha. 9. Milkaa'inni jireenyi kee baay'inaan akka guutame beekuudha. 10. Milkaa’inni waan hin kennine qabachuu akka hin dandeenye hubachuudha. 11. Milkaa’inni sodaa mo’uudha. 12. Milkaa’inni guyyaa guyyaan waan haaraa barachuudha. 13. Milkaa’inni lola muraasa mo’amuun waraana tokko akka injifattu si gargaaruu akka danda’u barachuudha. 14. Milkaa’inni jaalalaa fi deebi’ee jaallatamuudha. 15. Milkaa'inni yeroo waan tokkotti amantu jabaattee dhaabbachuudha. 16. Milkaa’inni abdii kutachuu dhiisuudha. 17. Milkaa’inni qaama miidhamummaan gonkumaa duubatti akka deebisu gochuu dhiisuudha. 18. Milkaa’inni hiree kee akka to’atu hubachuudha. Hiree kee si qofatu to'ata. Gocha keetii fi bu’aa isaaf itti gaafatamummaa fudhadhu uumamaan caalaatti milkaa’uu kee ni argatta. Milkaa’inni karaa hedduun ibsamuu danda’a. Yeroo kanatti gammachuu, jaalala, ykn adeemsa gammachuu yoo si mudate, milkaa’ina argatteetti.  Jabaadhuu itti fufi. Ergaa kana nama jaalattuufii milkaa'inna isaa immoo abdiidhaan eegaattu hundaaf share godhi @woliinmedia Odeeffannoowwan ajaaibaiisoo fii dinqisiisoo akkasumas barsiisoo ta'an guyyaa guyyaadhaan argachuuf liinkii kanaa gadiitiin seenuun join godhaa 📎📎📎📎📎📎📎📎 https://t.me/woliinmedia 👆👆👆👆👆👆👆👆👆

  • Diraamaa KIYYOO (New Afaan Oromo Drama) kutaa 60 Diraamaa Bareedaa kana Kutaa hunda telegramiidhaan hordofuuf channel kana Join fi share woliif godhaa Galatoomaa 👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇    https://t.me/Diraamaa_Kiyyoo_HD   https://t.me/Diraamaa_Kiyyoo_HD 👆👆👆👆👆👆👆👆👆👆👆👆

  • 🧨🧨🧨Diraamaa Hirkoo 🧨🧨🧨 👑👑👑👑👑👑👑👑 🪓🪓 Kutaa 19 ffaa 🪓🪓 💣💣💣💣💣💣💣💣 Diraamaa bareeda kana Kutaa hunda argachuuf👇👇👇👇👇👇👇👇 👉https://t.me/DiraamaaHirkoo👈 👉https://t.me/DiraamaaHirkoo👈 ☝️☝️☝️☝️☝️☝️☝️☝️☝️☝️☝️☝️ Join,Like 👍 share godhaa 🙏 🇪🇹🇪🇹 comedy afaan oromoo 🇪🇹🇪🇹

  • без подписи

  • #WBO_fi_Mootummaa Ajajaan WBO Kibbaa mariif Taanzaaniyaa gale. Ameerikaa IGAD, Keeniyaa fi Noorweey haala mijeessummaan hirmaachaa jiru. Mariin mootummaa Itoophiyaa fi bakka bu’oota Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) gidduutti adeemsifamaa jiru Taanzaaniyaa, Daar es Salaam, Hoteela Hyaat Rajansii keessatti ta’aa jiraachuu odeeffanneerra. Kana malees, Ajajaa WBO Kibbaa Gammachuu Raggaasaa ykn Jaal Gammachuu Abboyyee fi itti aanaan isaa, buufata isaanii Kibba Oromiyaa Boorana irraa karaa Keeniyaatiin gara bakka walga’ii kanaatti har'a ganama balali’uu isaaniis himameera. Kaleessa Ajajaan Olaanaa WBO Kumsaa Dirribaa ykn Jaal Marroo Taanzaaniyaa galuun isaa ni yaadatama. Marii kana irratti haala mijeessitoota alaa, keessattuu Ameerikaan karaa jila Ergamaa Addaa Gaanfa Afrikaa Ambaasaaddar Maayik Haamariin durfamuu fi dippilomaatota olaanoo IGAD bakka bu’an, akkasumas mootummoota biyyoota Keeniyaa fi Noorweey hirmaachaa jiru. 📡MIIDIYAA HAQAA📡 @Tokkummaa Oromoo

  • без подписи

  • 🧨🧨🧨Diraamaa Hirkoo 🧨🧨🧨 👑👑👑👑👑👑👑👑 🪓🪓 Kutaa 18 ffaa 🪓🪓 💣💣💣💣💣💣💣💣 Diraamaa bareeda kana Kutaa hunda argachuuf👇👇👇👇👇👇👇👇 👉https://t.me/DiraamaaHirkoo👈 👉https://t.me/DiraamaaHirkoo👈 ☝️☝️☝️☝️☝️☝️☝️☝️☝️☝️☝️☝️ Join,Like 👍 share godhaa 🙏 🇪🇹🇪🇹 comedy afaan oromoo 🇪🇹🇪🇹

  • MUL’ATA KEE DHUGOOMSUUF GATII BAASUU QABDA! ➥ Guyyaa tokko dargageessi tokko namicha beekamaa Giriikii Sooqiraaxas jedhamu bira dhaqe. Akkuma beekamu Sooqiraaxas seenaa Giriikii keessatti nama beekamaa fi hojii isaan fiixaan ba’iinsa qabudha. Dargaggeessichis akkamitti akka sooqiraaxas nama fiixaan ba’iinsa guddaa argatee fi beekamuu danda’e gaafate. ➲ Sooqiraaxasis dargaggeessichaan dhoksaa fiixaan ba’iinsa koo sitti himuu nan danda’a jedheen. Sana booda dargaggeessicha fuudhee naannoo laga ta’eetti isaa geesse. Lagicha bira yeroo ga’anitti amma dhoksaa fiixaan ba’iinsa koon si agarsiisa waan ta’eef, sirriitti na caqasi ittiin jedhe. Dargaggeesichis tole jedheen. ➲ Sooqiraaxas mataa dargaggeessichaa qabee bishaan keessa seensise. Humnaan bishaanichuma keessatti osoo dargaggeesichi keessaa ba’uuf wixxifatuu daqiiqaa muraasa bishaanuma sana keessatti qabee dhaabbate. ➲ Dhuma irratti erga dargaggeessicha gad dhiisee gaaffii tokko isa gaafate. Amma yeroo morma kee oliin bishaan keessa daqiiqaa ta’eef turte; maal hawwaa turtee jedheen. Dargaggeessichis hafuura guddaa baafachaa, humnaa olitti wanti ani hawwaa ture yoomuman ba’ee qilleensa argadha jedheen hawwaa ture jedhee deebiseef. Sana Sooqiraaxasis dhoksaan fiixaan ba’iinsa koos kanuma ittiin jedhe. Dargaggeessichis maal jechuudha jedhee gaafate. ➲ Akkuma yeroo bishaan keessa turte amma hawwii guddaan qilleensa argachuuf hawwaa turte, fiixaan ba’iinsas yeroo hundumaa akkasitti yoo hawwite bira ga’uuf wixxifatte jedheen. ➲ Gatiin nuti mul’ata keenyaaf baasnu galma ga’iinsa mul’ata keenyaaf murteessaadha. Nuti karoora hin qabnu taanaan namoota karoora qabanitu nu irratti hojjata. ๛ MUL'ATA MATAA KEE, ๛ KAROORA MATAA KEE, ๛ KAAYYOO MATAA KEE QABAADHU! ❍ Namni karoora cimaa karoorsee karoora isaa sana hojii irra hin oolchinee fi namni karoora hin qabne tokkuma. ❍ Karoorsuun qofti immoo bu'aa hin qabu. Karoora karoorsaniif amanamaa ta'uun, waan nama irraa barbaachisu hundumaaf aarsaa kanfaluun hojiirra oolchuu barbaachisa. Kana gochuu baannaan garuu umurii harka namaa eeggachuu hin qabnetti harka namaa eeggachuu, yeroo ergachuu qabanitti ergamuu, yeroo hogganuu qabanitti hogganamuu, iddoo kabajamuu qabanitti xiqqeeffamuu namatti fiduu danda'a. ❍ Utuu akka namaa gaarii uffatanii, nyaatanii, dhuganii gammaduu hawwanuu, hamilee qofaan darbuu, utuu humna ofiitti fayyadamuun hin dhugoomsin, utuma kan namaa ilaalanii hawwanii jireenya ofii gadi qabuun, addunyaa irraa darbuu Waaqni nama haa baasu! 👉 Karoorsanii karoora ofiis hojiin miidhaksuudha. Nama tahuu barbaannaan akkasumas galma gahuu barbaadaniif hojjechuuf karoora ofiitiif amanamaa tahuun hunda caalatti nama milkeessa!