TOKKUMMAA LUBOOTA BARA BARAA🐏
СтатистикаYeroo ati Kiristoosiif iddoo qabaatte biyyi lafaa addoo siif hin qabdu!! Contact us : @MB12Gh Bio: “እንግዲህ በክርስቶስ ኢየሱስ ላሉት አሁን ኵነኔ የለባቸውም።” — ሮሜ 8፥1
- Последний пост
- 13 авг.
- Последнее чтение
- 15 авг.
- Постов за неделю
- 1
- Всего постов
- 30
- Тип
- открытый
- Язык
- om
- В каталоге с
- 13 авг.
- 1/24сутки в ленте
- 79
- 1/48двое суток
- 90
- 1/72трое суток
- 97
Оценка по просмотрам недавних постов: пост набирает почти всё за первые сутки.
Посты
🚪 KARRA ISA DHIPHAA FI KARRA ISA BAL’AA 📖 DHOKSAA — MAT. 7:13–14 KUTAA 176FFAA 🤝🔥 “Karra isa dhiphaadhaan ol galaa! Karaan gara badiisaatti geessu bal’aa dha; karri isaas bal’aa dha; namoonni ittiin ol galan baay’eedha. Karaan gara jireenyaatti geessu garuu dhiphaa dha; karri isaas dhiphaa dha; namoonni isa argatan muraasa.” — Maatewos 7:13–14 Waaqayyo lafaafi samii utuu hin uumamin dura, karoora isaa isa bara baraa keessatti ilmaan namaa fayyisuuf karaa Kiristoos qopheessee ture. 📖 Efe. 1:9–10 fi Rom. 8:28–30 ilaalaa. 🤝 Garuu karoora Waaqayyoo isa dhugaa cinaatti, yaada fi karoora Waaqayyoo faallaa ta’e hedduun addunyaa keessatti babal’ateera. ⚠️ Waaqayyo yeroo dubbatu: “Dhuguma, dhuguman isinitti hima...” jedha. Seexanni garuu: “Dhuguma sobuman isinitti hima...” jechuun nama gowwoomsa. Kanaaf, jalqabni isaa dhugaa fakkaachuu danda’a; xumuri isaa garuu soba ta’uu danda’a. Karaan dhugaa fakkaatu baay’eedha; amantiin dhugaa fakkaatu baay’eedha; fayyinni dhugaa fakkaatu baay’eedha; waaqeffannaan dhugaa fakkaatu baay’eedha. Garuu Karaan gara jireenya bara baraatti geessu tokko qofa. ✝️ ✝️ KARAAN SUN KIRISTOOS YESUSIDHA! Yesus akkana jedhe: “Ani balbala hoolotaa ti... Balbalichi ana; inni anaan ol galu in fayya.” — Yoh. 10:7,9 Akkasumas: “Abbaan inni ana erge yoo isa harkisuu dhaabaate, homtinuu gara koo dhufuu hin danda’u.” — Yoh. 6:44 Kanaaf, Karra dhiphaa jechuun Kiristoos Yesus dha. Namni gara jireenya bara baraatti geessuuf karaa isaa qofaan seena. ✝️🔥 Waaqayyo Tokkicha. Riqaan Waaqayyoo fi nama gidduu jiru Tokkicha. Innis Yesus Kiristoos, isa nama ta’e. Barsiisaan dhugaa Hafuurri Qulqulluun Tokkicha. Amantiin Tokkicha. Cuuphaan Tokkicha. Waldaan Kiristaanaa inni waliigalaa, dhagna Kiristoos, Tokkicha. 🤝✝️ 🔥 ERGAA HAR’AA: Karaan bal’aan namoota baay’ee qaba; garuu gara badiisaatti geessa. Karaan dhiphaan namoota muraasa qaba; garuu gara jireenya bara baraatti geessa. 👉 Karaa baay’een jiraachuun isaa dhugaa hin mirkaneessu. 👉 Dhugaan karaa tokko qaba. 👉 Karaan sunis KIRISTOOS YESUSIDHA! ✝️ 📖 “Ani karaa, dhugaa, jireenyas; anaan yoo ta’e malee eenyullee gara Abbaa hin dhufu.” — Yoh. 14:6 📢 KUTAA 176FFAA — NAMOOTA BIROOTTIS QOODAA! Dhugaa kana nama biraan ga’uunis tajaajila Wangeelaati. ❤️🤝 📲 Telegram: TOKKUMMAA LUBOOTAA BARABARAA Telegram irratti nu hordofi� 🔥 HASHTAG #KarraIsaDhiphaa #KarraIsaBalAaa #KaraaDhugaa #KaraaTokkicha #YesusKiristoos #YesusKaraaDhugaa #WangeelaKiristoos #DhugaaMacaafaQulqulluu #JireenyaBarabaraa #AmantiiDhugaa #HafuurriQulqulluun #WaaqayyoTokkicha #KaraaJireenyaa #Mathew7 #Yohannis14_6 #Wangeela #Kiristoos #TokkummaaLubootaaBarabaraa
без подписи
Dhiifama obboloonni kiristaanaa walirraa turuu keenyaaf deebinee jirra🙏🙏🙏🙏 Kiristoos nutti dhufa moo nuuf dhufa? 🙏🤔 Telegram 🔗
Wiixata Ebla 20/2026 Barumsa guyyaa kanaa Luqaas 10:21 Dubbisaa Beekumsa Mul’ata Barbaadu Yeroo sana, Yesuus Hafuura Qulqulluudhaan gammadee akkana jedhe Abbaa samii fi lafaa waan kana ogeeyyii fi hubattoota irraa dhoksitee daa’immanitti mul’isteef si galateeffadha eeyyeen Abbaa fedhiin kee akkas ta’eera. (Luqaas 10:21) Yesuus beekuun beekumsa mul’ata Waaqayyootiin dhufuudha malee, barnoota qofa irraa kan dhufu miti. Yesuus dhihotti dhufa Guyyaa Gaarii Qabaadhaa
#RAKKINA_GUDDICHA_WAGGAA_7/_ #GREAT_TRIBULATION/_ #ታላቁ_የመከራ_ዘመን/_FI_ #SUBAAYEE_DAANI'EEL_70(#የዳንኤል_70_ሱባኤ) #HUB:_nagaaf araarri waaqayyoo hundumaa keessaniif haa baayyatu jechaa;Kutaa Barumsa keenya har'aa Kutaa Macaafa Qulqulluu keessaa mul'ata yohaannisitti xiyyeeffachuun kanan qopheesse yoo ta'u ,mul'ata yohaannis guutummaa isaa warri qo'achuu barbaaddan koomeentii jalatti; Yaada keessan ibsaa darbaa; Galatoomaa 🙏 ✅“Yommus rakkinni guddaan ta'uuf jira; rakkinni akkasiis jalqaba biyya lafaatii jalqabee hamma ammaatti hin taane, deebi'ees hin ta'u.” — Mat. 24:21 ☑️Akkuma Macaafa Qulqulluu keessatti afaan raajotaan dubbatame,taateen Rakkina kanaa uumamuu biyya lafaa kaasee ta'ee kan hin beekne, Rakkina ulfaataa fi qorumsa hamaadha; Rakkinni kunis kan irratti raawwatamu saba Israa'elii fi saboota ormaa naannoo sana jiraatan irratti akka ta'e Macaafni qulqulluun ni dubbata:_ ✓Maarqos 13:19; ✓Daaniʼel 12:1; ✓Maatewos 24:21, 22 ✍️ Guyyoonni Kun Macaafa Qulqulluu keessatti akka armaan gadiitti waamama: 📌 Guyyaa Dheekkamsaa Isa guddicha(ታላቁ የቁጣ ቀን)__Mul'ata 6:17) 📌 Guyyaa Rakkina guddicha( ታላቁ መከራ)___(ራዕ 7:14) 📌 Bara Rakkina Yaaqoob (የያዕቆብ መከራ ዘመን)___ (Er 30:7) jedhamuun beekama. ✍️rakkinni Kun waldaa kristiyaanaa kan ilaallatu miti,Utuu rakkinni Kun hin jalqabiin dura Kiristoos amantoota du'aa kaafaman hundumaa lafa irraa gara ofiisaatti fudhata;achii booda Rakkina waggaa 7 tu itti fufa(jalqaba). ❤️ #SUBAAYEE_DAANI'EEL_70 (#የዳንኤል_70_ሱባኤ)❤️ #Hub:_Hiikkaa Subaayee jedhu kana afaan sadiin haa ilaallu:_ ✓1"ffaa:_Ingilffaan:_Daniel seventy weeks ✓2"ffaa:_amaariffaan:_የዳንኤል ሰባ ሱባዔ። ✓3"ffaa:_oromiffaan:_Torbaan Daani'eel 70 ✅Olbutamuu waldaa kristaanaa(Misirroo kristoos) hordofuun yeroo rakkina waggaa 7 "tu dhufa.....#Yeroon rakkina waggaa 7 kun xumura Subaayee 70ffaa Daani'el jechuudha.. Subaayee kana hubachuuf, Daani'eliin waa'ee bilisummaa(Birmadummaa ) sabasaa Israa'el kadhachaa yommuu jirutti Waaqayyo daani'eliif Subaayee 70 akka ramadee jiru dubbate garuu Masiihichi 69 irratti ajjeefama jedhee dubbate. ✔️Dan 9:20_27"ffaatti dubbisaa👏 #SUBAAYEE 70(7,N 70 DAANI'EEL )BAKKA 3"TTI HAA QOQQOODNU:70:_7+62+1 #HUB:_Subaayee 1=waggaa 7 👉1"ffaa:_subaayee 7=Bara Sabni Israa'el boojuu Baabiloon irraa deebi'anii galanii kaasee hanga Nahimiyaan Dallaa Yerusaalem ijaaree fixutti kan turedha. ☑️ Subaayee 7=7× 7=waggaa 49 jechuudha. 👉2"ffaa:_Subaayee 62=Bara Nahimiyaan Dallaa Yerusaalem ijaaree xumuree kaasee hanga ajjeefamuu Masihiitti(yesusitti) kan turedha. ☑️ Subaayee 62=62×7=434 #kanaafitu;hanga yesus fannoorratti ol ba'ee du'utti :_Subaayee 7+ Subaayee 62=Subaayeen 69 ykn waggaa 49+ 434 =waggoota 483 guutummaaansaa Raawwatameera. 🤌wanti Isin hubachuu qabdan Subaayee 69"ffaa fi Subaayee 70"ffaa gidduu kan seene Seenaa waldaa kristaanaa tu Jira jechuudha,Seenaan Kunis waggoota 2000 ol fudhateera.....#sababnisaa Subaayee 69"ffaan Du'uu yesusiin yeroo goolabamu,utuu Subaayee 70"ffaan hin jalqabiin , du'aa ka'insa kristoos yesusii fi bu'uu hafuura qulqulluudhaan waldaa kristaanaatu Hundeeffame hanga har'aatti waggoota 2000 oliif waldaan kristaanaa biyya lafaa irra jiraachaa jirti. #kanaafitu,guyyaa ulfinaan mul'achuu gooftaa keenya yesus kristoositti akkuma waldaan kristoos olbutamteen,Subaayee 70 ffaan ykn Subaayee 1(waggaan 7 "ffaa) inni hafe ni eegala jechuudha. ☑️3"ffaa:_Subaayee 1=1×7 =waggaa 7 dha. ✓Torban 1(1 ሱባኤ) = waggaa 7 (Rakkinni waggaa 7):_kun Rakkina Yaaqoob ykn Israa'el waggaa 7 yoo ta'u,Bara ayyaanaa "Israa'eloonni"Masihii Waan fudhachuu didaniif "yeroon Kun yeroo Israa'eloonni Rakkina kana keessatti ilaalamuudhaan gara Masihii isaaniitti deebi'anii fi yeroo fayyuu Ormootaati illee...#kun battala Waldaan kristaanaa olbutamtee gara yesusitti olfudhatamtetti kan biyya Israa'el keessatti itti fufee ta'u yeroo qormaata Israa'el jedhamudha;gumiin 70ffaa Daaniʼel, jechuunis waggaa 7ffaan inni dhumaa itti fufa jechuudha. Itti fufa Telegram
Mataduree Haaraa #RAKKINA_GUDDICHA_WAGGAA_7/_ #GREAT_TRIBULATION/_ #ታላቁ_የመከራ_ዘመን/_FI_ #SUBAAYEE_DAANI'EEL_70(#የዳንኤል_70_ሱባኤ)
✍️AMANTOONNI YOO CUBBUUWWAN(CUBBUU GOCHAA) HOJJATAN MAAL DHABU? ✅1"FFAA:Yeroo lafarra jiraatan adabbii foonii fudhatu(fooniin adabamu)....#garuu guyyaa mul'achuu gooftaa keenya yesus kristoositti Hafuurri isaanii ni fayya. ☑️Amanaan akka tasaa sababa ta‟een cubbuu yoo hojjete mataa isaa irratti murteessuutiin cubbuu isaa Waaqayyotti himachuudhaan qalbii jijjiirratee dhiifama argachuu ni danda‟a; yoo kana gochuu dhaabaate garuu Waaqayyo akka bu‟uura qajeelfama mataa isaa fi guddummaa isaatti lafa kana irratti foon isaa irratti adabbii ta‟u kennuudhaan nama kana sirreessuuf adababuu ni danda‟a. ✓1 qor 5:1_5....✓1 qor 11:31_32,,, ✓Ibr 12:7...✓1 phex 4:17...✓1 xim 1:20 ✓2 sam 7:14_15,,12:13_14 ✅2"FFAA:_yeroo waldaan kristaanaa olbutamte waaqarratti(samiirratti) badhaasa/ gonfoo dhabu. ☑️Hammam illee Kiristoos cubbuu keenya foon isaatiin fannoo irratti kan baate yoo ta‟es; akkasuma immoo Waaqayyo cubbuuwwan keenya “deebi‟ee hin yaadadhu” (Ibr 10:17) jechuudhaan nu wajjin kakuu kan gale yoo ta‟es, yaadni tokkoo tokkoon hojii namaa dirqama gara murtiitti dhiyaachuun isaa sirriitti wanta hubatamuu qabu dha......#murtii yeroo jennu amantoonni "murtii du'a barabaraatti" hin dhiyaatan garuu akka hojii isaaniitti "Barcuma firdii kristoositti" dhiyaachuun "yoo Hojii gaarii qabaatan badhaasa ykn gonfoo fudhatu " yoo Hojii gaarii hin qaban ta'e ammoo ofii isaanii ni fayyu(oolu) garuu badhaasa ykn gonfoo hin fudhatan jechuudha. ✓1 qor 3:11_15,,,2 qor 5:9_10,,ROM 14:10,,2 qor 5:8-9,,mat 16:27 #NB:_Barumsa waayee murtii Waaqayyoo baruu yoo barbaaddan "maxxansa koo" duraa jalatti ni argattu "ykn telegram chaanaalii koo seenaa👏 ✍️NAMNI TOKKO AKKAMITTI BADA? •. •. •. •. •. •. •. •. •. ✅1"FFAA:_YOO YESUSITTI KAN HIN AMANNE TA'EE FI YOO WAQAYYO IRRAA LAMMAFFAA HIN DHALANNE TA'E ☑️“Ilma isaa kanatti kan amanu itti hin faradamu, isatti kan hin amanne garuu, maqaa tokkicha ilma Waaqayyootti waan hin amaniniif, ammuma iyyuu itti faradameera.” — Yoh. 3:18 #NB:_Yesusitti Amanuu dhiisuun cubbuu dhiifama hin qabneedha....#akkasumallee hafuura waaqayyoo arrabsuu( irratti dubbachuudha). ✓mat 12:31_32......✓1 Yoh 5:16 ✅2"ffaa:_YOO YESUSIIN GANE(KAADE) NI BADA. ✓Ibr. 6 ¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯ ⁴ Warri ga'an yoo garagalan immoo, attamitti isaan deebisuun danda'ama ree? Isaaniif takka ifeeraaf; isaan kennaa waaqa irraa miyeeffataniiru; hafuura qulqulluuttii hirmaataniiru. ⁵ Gaarummaan dubbii Waaqayyoo fi humni bara isa dhufuuf jiruu isaanitti dhaga'ameera. ⁶ Warri akkasii kun amantii irraa garagallaan, deebi'anii yaada garaa isaanii geddarachuudhaaf haareffamuu hin danda'an; isaan ofuma isaaniitii ilma Waaqayyoo deebisanii fannisaniiru, mul'inattis isa tuffachiisaniiru. ✔️2 PEX 2:12_22,,,Hoe 8:13,18_21,,,1 Yoh 2:19,,Yaq 2:14,,,mat 12:43_45,,mat 25:11_12,,Yoh 6:64_66,,,mat 7:22_23 **Ayyaanni gooftaa Yesus Kristos, jaalalli Waaqayyoo, tokkummaan hafuura qulqulluus hunduma keessanii wajjin haa ta'u!” — 2Qor. 13:13 ✍️SHARE GODHAA ✍️ GALATOOMAA 🙏 🙏
📌6"FFAA:_YESUS TIKSEE DHUGAA (WABII BARABARAA TA'E WAAN TA'EEF)*AMANTOONNI HIN BADAN. ✓Kakuu Moofaa keessatti Daawwit yeroo tikee hoolota abbaa isaa ta'ee ,lafa onaa keessatti hoolota abbaa isaa_#yeeyyii butaarraa,,,#leencarraa.....#amaketaa fi bineensa garaagaraarraa hoolota abbaa isaa tiksaa ture....#hoolota tokkoyyuu Akka hin nyaachifnee fi Akka qalee hin nyaanne ,Akka hin balleessine illee Macaafni Qulqulluun Dhugaa nuuf ba'a...#1 sam 17:33_36 #kanaafitu, Daawwit kakuu Moofaa keessatti hoolota abbaasaa sirriitti tiksuufi eegee nagaan abbaa isaatti galchuun isaa....#yesus kristoos tiksee keenya kakuu haaraa Isa "biyya lafaarraa",cubbuurraa,Seexanarraa,kuufama abiddaarraa illee nu eegee guyyaa ulfinaan deebi'ee dhufutti ammoo nu fudhatee mana abbaa isaatti nu galchu argisiisuuf "akka gaaddidduutti tajaajilaa ture '''...#yesus wabii keenya barabaraati.👏💪 #NB:_Tikseen hoolotaa Hoolonni gaafa dadhaban ofirratti ol fuudhee isaan baatu,yeroo dheebotan dheebuu baasu....#Dadhabinaaf kufaatii isaanii keessatti illee isaan dhiisee akkuma hin deemne.....#yesus tikseen Dhugaa fi amanamaanis dadhabinaaf kufaatii keenya keessatti nuuf araarsa,nuuf dhaabata,nuuf dubbata,,nu gargaara,nu fayyisa...#sababnisaa,inni wabii keenya barabaraati Waan ta'eef. ☑️1 Yoh 2:1...#1 xim 2:5....#Ibr 7:24_25. 📌8"FFAA:KAROORA WAAQAYYOOTIIN FAYYINNI ISAANII WAAN XUMURAMEEF AMANTOONNI HIN BADAN. ✓“Warra yaadaan isaan qabe immoo waameera; warra waame immoo qajeelota isaan godheera; warra qajeelota godhe immoo ulfinaan isaan ga'eera.” — Rom. 8:30 #NB:_ulfinaan isaan ga'eera jechuun waaqayyo karoorasaan(akeekasaan) Qaama du'aa ka'insaa itti huffiseera jechuudha. ☝️kana jechuun waaqayyoo durdurii barabaraa ykn utuu waaqniif lafti hin uumamiin dura Warra karaa kristoosiin fo'atee fi Warra akka akeeka Isa duriitti yaadan qabamanii,waamamanii,qajeelota ta'anii fi ulfinaan ga'aman.. #waaqayyo ilmasaa yesusitti akka amananiif carraa kenneefii karaa Ayyaana isaatiin yesusitti Amanuu isaaniitiin isaan fayyiseera...#Warri fayyan "amantoonni" Kun ammoo wabii barabaraa yesusiin Isa karaasaa amantoonni yaadaan qabamanii fi maqaa isaatti Amanuun ammoo fayyan "yesus kristoosiin qabu. ✓Rom 8:29_30 📌9"FFAA:_AMANTOONNI BU'AA DHAGNA KRISTOOS WAAN TA'ANIIF HIN BADAN. ✔️Efe. 5 ¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯ ²⁹ Namni foon isaa in soora, in dhimmaaf malee, takkaa foon isaa jibbee hin beeku; Kristosis waldaadhaaf akkasuma godhe. ³⁰ Nuyi bu'aa dhagna Kristos. ☑️Ephesians 5 (KJV) ¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯ ²⁹ For no man ever yet hated his own flesh; but nourisheth and cherisheth it, even as the Lord the church: ³⁰ For we are members of his body, of his flesh, and of his bones. ☝️Mee ingiliffasaa kanarraa wantoota 2 haa ilaallu:_ ☑️1"ffaa:_bu'aa lafee isaa ☑️2"ffaa:_bu'aa foonsaa akka taane #kanaafitu,Amantoonni bu'aa dhagna yesus,lafee kristoosiif foonsaa irratti maxxannee akka jirru Dhugaa nuuf ba'a...#kanaaf,amantoonni ni Badu jedhanii yaaduun garuu..#yesus dhagna isaa fuudhee balleessa jedhanii yaaduu Waan ta'eef "Kun Barumsa dogoggoraa guddaadha....#amantoonni(waldaan kristaanaa) bu'aa dhagna kristoos Waan ta'aniif hin badan👏💪 📌10"FFAA:_AMANTOONNI WQAYYOTTII 2"FFAA WAAN DHALATANIIF HIN BADAN ✓1Phe. 1 ¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯ ³ Waaqayyo abbaa gooftaa keenyaa Yesus Kristosiif galanni haa ta'u! Inni araara isaa isa guddaadhaan, Yesus Kristos warra du'an keessaa ka'uu isaatiin, abdii isa jiraataa kanatti qabamnee akka jiraannuuf haaraa godhee nu dhalachiiseera. ⁴ Waan hin badne, waan xurii hin qabne, waan gad deebi'aa hin adeemnes, isa waaqa keessatti isiniif eegamee jirutti darbitanii akka fudhattan godheera. ⁵ Kunis, isin warra, karaa amantii fayyina bara booddeetti mul'achuuf qophaa'ee taa'u sanaaf, humna Waaqayyootiin eegamtanii jirtaniif in ta'a. ☑️1 PEX 1:23....#W.yoh 3:5_7,,Yoh 15:3,,Ef 5:26,,Tit 3:5....#Yih 1:24_25 Itti fufa...... Telegram
📌2"FFAA:_ AMANTOONNI HIN BADAN:_ Gooftaan Yesus akkana jedhe:- ✅“"Dhuguma, dhuguman isinitti hima, dubbii koo dhaga'ee isa ana ergetti kan amanu jireenya bara baraa qaba; inni du'a keessaa gara jireenyaatti darbee malee, gara firdii hin dhaqu.” — Yoh. 5:24 ☑️ Kristoos cubbuu keenyaaf erga fannoorratti du'ee, jireenya barabaraa nu goonfachiisee(kennee)...#Gaafa #dadhabnu ..#kufnu...#fayyinni keenyas nurraa hin fudhatamu..#wanti gara firdii nu geessus hin jiru 🤷 ✓1 Phexros 1:23 ✔️1"ffaa:_Jireenyi barabaraa Waaqayyo nuuf kenne kan baduudha utuu ta'ee, "jireenya bara baraa" jedhamee waamamuus hin qabu ture. ✔️2"ffaa ammoo kan yeroo muraasaa(Temporary salvation) ykn haala irratti kan hundaa'e(conditional ) jedhamuu qaba ture....#Haa ta'u malee Hunda caalaa Fayyinni keenya Ayyaana waaqayyoo irratti kan bu'uureffame Waan ta'eef,gaarummaa keenyaanis ykn dadhabina keenyaanis Fayyina keenya dhabuu hin dandeenyu.👏 ✓Erga yihuda 24-25 _1 Phexros 1:3-5. ☝️ Caqasaawwan olii kana 2"n irraa wanti Nuti barannu, Fayyinni keenya illee hojii keenyaan utuu hin taane,, Ayyaana waaqayyootiin hanga dhumaatti akka eegamu nu hubachiisa...#wangeela Waan ta'eef didiima liqimsi🤷 #NB:_Falaasamaaf xiin-xala kee kitila hedduu caalaa, luqqisii wangeelaa tokkotu nuuf caala💪 📌3"FFAA:_HOOLONNI YESUS HIN BADAN. 🤌Yoh. 6 ¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯ ³⁷ Abbaan koo anaaf kan kennu hundinuu gara koo in dhufa, isa gara koo dhufus ani of iriaa hin ari'u; ³⁸ Fedha ofii kootii raawwachuudhaaf miti, fedha isa ana ergee raawwachuudhaafan waaqa irraa gad bu'e malee. ³⁹ Inni na erge immoo, warra inni anaaf kenne keessaa tokko illee akka ani balleessu hin fedhu, guyyaa booddeetti du'aa akkan isaan kaasu fedha malee. ☝️kutaa armaan olii kanarraa wantoota gurguddaa 3 adda baafachuu ni dandeenya. ✅1"ffaa:_Hoolonni waaqayyo abbaan yesusiif kenne qofaan Akka hin badnee fi wabii jireenya barabaraa akka qaban nu barsiisa. ✅2"ffaa:_Wabiin jireenya barabaraa fedha waaqayyo abbaa kan ta'ee fi nyaata(beela) yesus kristoos akka ta'e nutti dubbata. ✓“Yesus immoo, "Nyaanni kan koo jaalala isa na ergee gochuudhaaf hojii isaa raawwachuu dha.” — Yoh. 4:34 ✅3"ffaa:_Yesus kristoos Isa gara isaa dhufu akka gara alaatti hin baafne ykn ofirraa hin ariine,afaan isaatiin dubbachuudhaan..#wabii jireenya barabaraa "ta'uu Isaa dubbachuun isaa kan nama dinqudha....#kana jechuun yesus hoolota(amantoota) ofirraa hin ari'u(gara alaatti isaan hin baasu) erga jedhee....#deebisee yoo ari'e Itti gaafatamaan isumadha...#yesus ammoo tiksee dhugaaf amanamaa Waan ta'eef kana hin godhu:_ ☑️w.yoh 10:27_30... dubbisi kanas 🤏 📌4"FFAA:_BUDDEENA JIREENYA BARABARAA KAN NYAATE HIN BADU . 🤌Yoh. 6 ¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯ ⁵⁰ Buddeenni waaqa irraa gad bu'u garuu akkas miti, namni isa nyaatu hin du'u. ⁵¹ Ani buddeenicha jiraataa isa waaqa irraa gad bu'ee dha; eenyu illee buddeena" kanattii yoo nyaate bara baraan in jiraata; buddeenni ani biyya lafaatiif jireenya fiduudhaaf kennus, foon koo ti" isaaniin jedhe. ☝️Bakka kanatti yesus Ani Buddeena jireenyaadha erga jedhee;Amanaan tokko yesusiin nyaatee jennàan barabaraan hin Badu...#wabii jireenya barabaraa Isa ta'e Buddeena jireenyaa isa nyaate yesusiin qaba Waan ta'eef 🤷 ☑️Namni tokko erga Buddeena jireenyaa Isa ta'e yesusiin nyaatee booda,...#baduu dhiisuuf...#soomus dhiisus...#hojii gaarii hojjatus dhiisus....hin Badu...#sababnisaa wabiinsaa barabaraa Buddeena jireenyaa nyaate "yesus" sana Waan ta'eef.👏 📌5"FFAA:_IJA MUKA JIREENYAA KAN NYAATE HIN BADU 🤌Fakkeenyaaf Addaam fi Hewaan "muka ajjeesu" ykn Ija muka nyaatanii hamaaf gaarii ittiin beekan sanarraa nyaatanii hafuuraan du'an. 🤌kristaanni kakuu haaraa garuu "muka ija isaa nyaatanii jireenya namaaf kennuufii barabaraan nama jiraachisu "yesusiin " Waan nyaateef wabii barabaraa "yesusiin" qaba" Waan ta'eef hin Badu jechuudha. _Um 2:9,16_17....#mul 22:1_5 Itti fufa Telegram
#NAMNI_AL-TOKKO_AMANEE_FAYYE_BARABARAAN_HIN_BADU_FI_BADUU_DHIISUU_ISAAFIS_WABII_BARABARAA 🤌 YAADACHIISA:_nagaaf araarri waaqayyoo isiniif haa baay'atu jechaa,Wantin Isin yaadachiisuu barbaadu,,hundi keenyayyuu wantoota ykn Barumsa dogoggoraa waldaa keessa turre keessatti ykn kallattii garagaraan nutti fe'amaa ture dhiisnee fuula keenya gara Macaafa Qulqulluu fi wangeela kristoositti naannessuudhaan,Ija keenya caqasaawwan wangeela ayyaanaa irra marsudhaan "mataa duree Barumsa" keenya guyyaa har'aa waliin haa barannu."Ani abbaan barbaade sirrii miti jedhee yoo na morme Ejjannoo(dhaabbii) koo yoomiyyuu hin jijjiiru"", sababnisaa mormiif Yaada faallaa kumaatamaan ati natti laattu caalaa "luqqisii" wangeelaa tokkotu Naaf caala." ☑️NB:_Waayeen fayyina keenyaa;waayee jireenya keenyaati;waayee barabaraati;innis hojii yesus fannoorratti hojjate qofaatti herreegama malee baay'ina hasawaa keenyaaf gaarummaa keenyaatti miti...#warri hojii yesusitti hojii keessan dabaluu barbaaddan "hojiin keessan zeeroodhaan baay'ata malee waqayyo akka gaarummaatti isiniif hin lakkaa'u,,warri hojii yesus Isa waaqayyo isiniif lakkaa'e qofaa amantiidhaan fudhattan ammoo Fayyina keessanitti gammadaa,akka wabii barabaraa qabdanis abdachaa jiraattu, guyyaa ulfinaan mul'achuu "gooftaa keenya yesus kristoositti" ulfinaan Isa waliin ol ba'uuf jirtu🙏 🤌“Kanaafis nuyi dubbii hafuuraa warra hafuuricha argataniif waan hiiknuuf, isa dubbannu barsiisa hafuurichaatiin malee, barsiisa ogummaa namaatiin hin dubbannu.” — 1Qor. 2:13 ✍️Barsiisaan inni jalqabaa waayee wabii jireenya bara baraa kan mirkaneesse Barsiisaa(Rabbii) Yesus akka ta'e yaadachuu qabna. ✅“Waaqayyo warra dubbiin isaa itti kennameen 'Waaqayyoota' jedhe; waan macaafni jedhus hin diigamu.” — Yoh. 10:35 ✅2Xim. 1 ¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯ ¹⁰ Amma garuu ayyaanni isaa dhufa fayyisaa keenyaa Kristos Yesusiin nutti mul'ifameera; inni humna du'aa cabsee, jireenya, badiisa ooluus karaa wangeelaa ifatti baase. ¹¹ Ani wangeela kanaaf lallabaa, ergamaa fi barsiisaa ta'een jira. 📌Dhoksaa Amantii waaqayyo karaa ilmasaa yesusiin ifatti baasee fi fidee mul'ise amantaan garagaraa yommuu dhoksu in mul'ata. 🤌“Nuyi akka warra Waaqayyo biraa ergamaniitti karaa Kristos fuula Waaqayyoo duratti garaa guutuudhaan dubbanna malee, akka namoonni baay'een dubbii Waaqayyoo mi'a harkatti gatii dhabe fakkeessanitti miti.” — 2Qor. 2:17 ☑️Hundeen Barumsa Kakuu Haaraa inni olaanaan, Amanaan tokko Fayyinni isaa jireenya barabaraaf akka Isa gargaaru Dhugaa ba'aa tajaajiluu qaba .#Yohaannis 3:15-18, 36, 5:24 📌Fayyinni Kunis gaarummaa fi cimina(carraaqqii) amanaa irratti kan hin hundoofne ta'uu isaa sirriitti beekuu qaba.(Ef 2:8_9) ✅AMANAAN_BADUU_DHIISUU_ISAAF_WABII_BARABARAA_QABAACHUU_ISAA(ENTERNAL_SECURITY) 📌1"ffaa:_Amanaan kamiyyuu kan lammaffaa dhalateef cubbuu akka deebi'ee hin hojjannee fi Qajeelummaatti jiraachuuf yoo ta'eyyuu uumamni isaa kan biyya lafaa Waan ta'eef(eenyummaa faalame Waan qabuuf) cubbuu gochuu dhiisuu hin danda'u...#kana jechuun kristaanni Dhugaan cubbuu irraa kan fayye yoo ta'eyyuu,deebi'ee mirga Cubbuuwwan hojjachuu qaba ykn Cubbuu hojjachuu itti fufuu qaba jechuu utuu hin taane,kufuu danda'a,dadhabuu danda'a garuu ayyaanni waaqayyoo Amanaan ittiin fayye sun Cubbuuwwanii fi miira biyya lafummaa isa gansiisuun (kaachisuun) Isa jijjiiraa(fayyisaa) deemuu danda'a jechuudha. ✓Tit. 2 ¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯ ¹¹ Waaqayyo ayyaana isaa isa nama hundumaaf fayyina kennu mul'iseera. ¹² Ayyaanni Waaqayyoo kunis, nuyi Waaqayyo malee jiraachuu, kajeellaa biyya lafaa isa hamaas gannee, bara kana keessa of qabuutti, qajeelinatti, namoota Waaqayyoo taanee akka jiraannuu gorsee, gara gaariiitti nu deebisa. ¹³ Achumaan abdii keenya isa eebbifamaa fi ulfina isa deebi'ee mul'atu sanaa in eegganna. Inni mul'achuuf jiru sunis Yesus Kristos; inni Waaqayyo keenya isa guddicha, fayyisaa keenyas. ¹⁴ Inni seera irra daddarbuu hundumaa jalaa nu furuudhaaf, saba fo'amaa warra hojii gaariitiif hinaafan ofii isaatiif qulleessuudhaaf, ofii isaa nuuf kenne. ✓1 Yoh 5:17_20...... dubbifadhaa 🤝 Itti fufa...... Telegram
Mataduree Haaraa #NAMNI_AL-TOKKO_AMANEE_FAYYE_BARABARAAN_HIN_BADU_FI_BADUU_DHIISUU_ISAAFIS_WABII_BARABARAA_QABA
Fuula itti aanuu waa'ee #QALBII-DIDDIIRRANNAAKAKUU_HAARAA (Ykn Qalbii Jijjiirannaa kakuu haaraa)❤️ ☑️5"ffaa:_Wanti isaan qalbii diddiirratan rakkoo naamusaa amanaa tokkoo irraa kan ka'e ta'uu mala. ☑️6"ffaa:_dhuunfaan qalbii diddiirrachuun ni danda'ama. ☑️7"ffaa:_Gaabbii kan of keessaa hin qabnedha....#kana jechuun qalbii diddiirrannaa jechuun Waan godhanitti gaabbuu utuu hin taane;yeroo hundumaa dadhabaa akka ta'an hubachuudhaan....#yeroo hundumaa ammoo hafuura ofii haaromsudhaan geeddaramaa deemuudha...#ykn yeroo hundumaa kristoos fakkaachuutti haareffamaa,Jijjiiramaa deemuudha malee waan dura dogoggoranitti gaabbaa jiraachuu miti . ☑️8"ffaa:_Amanaan tokko amala kiristaanummaa hin taane yoo agarsiise, bakka fedheyyuu haa jiraatu, kallattiidhaan Angafa Lubaa Yesuus waliin xumura. ☑️9"ffaa:_Amanaan tokko hojii kiristaanummaa hin taane (eenyummaa durii/moofaa) keessatti of argee hojiinsaa sirrii akka hin taane erga hubatee, akka fedha Waaqayyootti qalbii isaa diddiirrachuun, akka tartiiba jireenya uumama haaraatti itti fufuu akka danda'uuf, fuula waaqayyootti of haaromsuu fi of diddiiruu shaakaluudha. #QULQULLOONNI KRISTOOSITTI AMANAN WAAN HUBACHUU QABAN:_ ✅1"FFAA:_ Amantoonni murtii du’a bara baraa jalaa ba’uuf qalbii diddiirrannaan isaan godhan akka hin jirre beekuu qabu. ✅2"FFAA:_Hafuurri qulqulluun amantoonni gaafa dadhaban(kufan) akka hin dhiisne beekuu qabu. ✅3"FFAA:_Jaalalli Waaqayyo Abbaa isaaniif qabu humna isaaniif gaarummaa isaanii wajjin akka hin daballee fi dadhabina ykn kufaatii isaanii wajjinis akka hin hir’anne beekuu qabu. 🤌“Ayyaanni gooftaa Yesus Kristos, jaalalli Waaqayyoo, tokkummaan hafuura qulqulluus hunduma keessanii wajjin haa ta'u!” — 2Qor. 13:13 #follow godhaa #galatoomaa🙏🙏🙏 Telegram
Kutaan kun murteessaadhaa sirritti xiyyeeffadhaa dubbisaa, ayyaanni Waaqayyoo nu haa hubachiisuu
#QALBII_DIDDIIRRANNAA_KAKUU_HAARAA❤️ 🤌Greek: μετανοέω 🤌Transliteration: #metanoéō 🤌Afaan oromon:_Qalbii-diddiirrannaa ✍️Macaafa qulqulluu keessatti qalbii diddiirrachuu jechuun kallattii (bakka sirrii)tti deebi'uu, jijjiirama yaada sirrii taasisuu(haareffamuu Yaada garaa qabaachuu , sirna jireenyaa haaraa ayyaana gooftaatiin horachuu jechuudha. ✍️Qalbii_diddiirrachuu jechuun akkuma amantiin baay'een barsiisanii fi namoonni baay'een yaadan, mana kiristaanaa keessatti boo'uu qofaan....#Dhiifama nuuf godhi, nuuf godhi" jechuu qofa osoo hin taane ykn utuu gara yaada Waaqayyootti hin deebi'in, soomaafi kadhannaadhaan of arrabsuu fi of miidhuu miti.🤷 #Kakuu Haaraa keessatti qalbii diddiirrannaa gosa lamatu jira. 📌1. #QALBII-DIDDIIRRANNAA_FAYYINAA_ #Warra biyya lafaa(#Namoota hin amannee) 📌.2.#QALBII-DIDDIIRRANNAA_QULQULLOOTAA ( #Waldaa kristaanaa//kan maatii) ✅1"FFA.#QALBII_DIDDIIRRANNAA_FAYYINAA. #yeroo Namootni hin amanne; Namootni amantaa (namootni ilaalcha amanta'aa of keessaa qaban), cubbamoonni, warri Kiristoositti hin amanne; maqaa yesusitti amanuudhaan ykn Yesusiin akka fayyisaa dhuunfaa isaaniitti amanudhaan addunyaa dukkanaa irraa gara addunyaa ifaatti dhufaniidha. ✍️ Warri hin amanne adda durummaan rakkoo naamusaa irraa kan ka'e qalbii diddiirrannaa Waan godhan miti.....#garuu Rakkoon warra hin amannee inni guddaan Yesusiin akka fayyisaa dhuunfaa isaaniitti fudhachuu/amanuu dhabuu isaaniiti. ✍️Yoh. 8 ¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯ ²⁴ Cubbuu keessaniin akka duutan isinitti himeera; ani eenyu akkan ta'e beektanii yoo amanuu dhaabaattan, cubbuu keessaniin in duutu" isaaniin jedhe. ²⁵ Kana irratti isaan, "Egaa eenyu ati?" jedhanii isa gaafatan; Yesus immoo, "Maaliifan waan akkasii isinitti dubbadha ree? 🤝“Namni ilma Waaqayyootti amanu, jireenya bara baraa qaba; ilma Waaqayyoof kan hin abboomamne garuu jireenya hin argatu, dheekkamsa Waaqayyootu isa irratti hafa malee" jedhe.” — Yoh. 3:36 ✍️ Yoh. 16 ¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯ ⁸ Inni yommuu dhufu waa'ee cubbuu, waa'ee qajeelummaa, waa'ee firdiis, biyya lafaa in hubachiisa. ⁹ Isaan waan anatti hin amanneef, cubbuu isaanii in argisiisa; ¹⁰ ani gara abbaa dhaquu kootiin isinis na arguu dhabuudhaan qajeelummaa koo in argisiisa; 🤌“Phexros immoo, "Yaada garaa keessanii geddaradhaa; cubbuun keessan akka isiniif dhiifamuuf, tokko tokkon keessan maqaa Yesus Kristositti cuuphamaa; kennaa hafuura qulqulluus in fudhattu.” — HoE. 2:38 ✅WARRI BIYYA_LAFAA_YKN_WARRI_HIN_AMANNE_MAALIIF_QALBII_DIDDIIRRATU? #NB:_Warri hin amanne du'a bara baraa fi firdii Waaqayyoo jalaa ba'uuf qalbii diddiirrachuutu isaan irraa eegama.🤷 ✓Rom. 10 ¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯ ⁸ Egaa maal godhi jedha ree? "Dubbichi sitti dhi'oo dha; afaan kee keessa, garaa kee keessas jira" jedha; dubbichis dubbii amantii isa nuyi lallabnuu dha. ⁹ Yesus gooftaa akka ta'e afaan keetiin yoo beeksifte, Waaqayyo du'aa akka isa kaase immoo garaa keetti yoo amante fayyina bara baraa in argatta. ¹⁰ Namni garaa isaatti amanee qajeelaa ta'a, afaan isaatiinis beeksisee in fayya. ✅2"FFAA.#QALBII_DIDDIIRRANNAA_QULQULLOOTAA(MAATII) ✓1Qor. 11 ¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯ ³¹ Utuu of irratti arginee nuyi of irratti murreerra ta'ee, Waaqayyo nutti hin faradu, ture. ³² Yeroo amma nutti faradamu immoo, firdiin bara baraa biyya lafaa wajjin akka nutti hin faradamnetti, gooftichi akkasitti adabee nu qajeelcha. 🤌2 Qorontos 7:8-11....1 Yohaannis 2:1...#dabalataan dubbisaa💁 ✅WALDAAN_KRISTAANAA(KRISTIYAANONNI)_MAALIIF_QALBII-DIDDIIRRATU? ☑️1"ffaa:_Qulqulloonni lammaffaa dhalatan ayyaanaa fi araara Waaqayyo biraa argachuuf wanta godhanidha... #Ibroota 4:14-16 ☑️2"ffaa:_Gaabbiin Kun kan Qulqulloonni angafa lubootaa isaanii yesus waliin hariiroo isaanii kan itti raawwatanii fi hariiroo isaanii haaromsudhaan kan raawwatamu yoo ta'u, adda durummaan isaa dhuunfaan kan raawwatamudha. ☑️3"ffaa:_Akka fedha Waaqayyootti kan qalbii diddiirrachuudhaan of diddiiranidha malee callisanii kan boo'uudhaan fuula waaqayyootti iyyaa oolan miti. ☑️4"ffaa:_Abbaa isaanii waliin walitti dhufeenya jaalalaa haaromsuudha. Itti fufa....
без подписи
без подписи
Mataduree biraatiin fulla'uuf jirra Nu eegaa #QALBII-DIDDIIRRANNAAKAKUU_HAARAA (Ykn Qalbii Jijjiirannaa kakuu haaraa)❤️
barumsa asirraatti dhiifamu kana obsaan dubbisaa . Ilaaltanii qofa hin bayinaa please🙏
¹⁰ Hattuun, waan biraaf utuu hin ta'in, hatuudhaaf, qaluudhaaf, balleessuudhaafis in dhufti; ani garuu hoolonni jireenya haa qabaataniif, irraa hafaas haa qabaataniif dhufeera" jedhe. ✅Kanaafitu,karaa bal'aa(Boochoon) karaa seexanni har'a amantaa baayyee Dawoo godhatee ittiin dhaloota miliyoonaan bitaa turee fi bitaa jirudha,Karichi filannoo baayyee siif Kenna, dhugaa bakkedhaan sitti mul'isee keessaan hadoochaa qoricha isaa si obaasee,qalee si ajjeesa. ✅Qaroomina fakkeessee,ammayyummaa fakkeessee,saayinsiif tekonoloojii Fi falaasama fakkeessee soba Dhugaa fakkaatuun jaamsee,naaffessee,duuchee,lafa si ka'a...#dhumarratti,bakka Ofiisaa dhaquun Isaaf kaa'ame gara kuufama abiddaatti si fudhatee lixa. #kanaafitu, obboleessa koo/obboleettii koo guyyaan Fayyinaa har'adha. ✓yesus Isa karaa DHIPHAA ta'etti amaniitii, Fayyina barabaraa fudhadhu. 🤝 “Yeroo inni argamuu danda'utti Waaqayyoon barbaaddadhaa! Utuu inni dhi'oo jiruus isa waammadhaa!” — Isa. 55:6 #Karaa Dhiphaan yesusi qofaadha,yesusitti anaa,fayyaa jireenya barabaraa fudhadhaa🙏 #share godhi #Galatooma....🙏🙏🙏🙏 Telegram
Part III, Karra isa dhiphaa fi karra isa bal'aa;!!! #Kanaafitu,Karri(Balballi) Dhiphaan sun karaan jireenya barabaraatti geessu karaa kristoos yesus irra deemuudha,maqaa yesus qofaatti amanuudha....#sababnisaa maqaan biyyi lafaa akka ittiin fayyuuf kenname maqaa yesus malee kan biraan hin jiru. ✓Fayyinnis Yesus Kristos duwwaadhaan malee, kan biraatiin tokko illee hin jiru; maqaan kan biraa, ittiin fayyuun kan nuuf ta'u, waaqa jalaa ilmaan namootaaf hin kennamne" jedhe.” — HoE. 4:12 #NB:_Karaa Fayyinaa-Yesus qofaa _jireenya barabaraa _yesus qofaa _Araarsaan_yesus qofaa _Karaa+Dhugaa+jireenyi=yesus qofa _Fayyisaan,nagaan,gammachuun,eebbi,milkaa'inni,mo'ichi_yesus qofaa 👉Yoh. 10 ¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯ ⁷ Yesus ammas "Dhuguma, dhuguman isinitti hima, ana balballi hoolotaa! ⁹ Balbalichi ana, inni anaan ol galu in fayya; ol in gala, gadis in ba'a, dheedichas in argata. ¹¹ Yesus, "Tikseen gaariin ana, tikseen gaariin lubbuu isaa hoolotaaf in kenna. #karrichi(balbilichi)Dhugaan yesus qofadha☝️ #Macaafa Qulqulluu keessatti Hoolaa 2'tu Jira: 👉Fakkeenya hoolaa raroo hoolaa huffatee fi yeeyyii raroo hoolaa huffateedha. #lamaansaaniiyyuu,Hoolaadha garuu hoolaan inni raroo hoolaa huffate,hoolaa Isa garraamii lubbuusaa kennudha,Isa dhiigee araaraaf nagaa buusudha,Isa cubbuun namaa namootaa ittiin balleeffamudha,Innis kristoos Isa karaa+Dhugaa+jireenya ta'edha.👇 ✓“Borumtaa Yohannis utuu Yesus gara isaa dhufuu argee, "Ilaa hoolicha Waaqayyoo, isa cubbuu biyya lafaa irraa fuudhu.” — Yoh. 1:29 ✍️Kristoos hoolaan waaqayyoo Kun ✓Isa biyya lafaa fayyisuuf dhufedha 👉“Nuyi cubbuu jalaa duunee qajeelinaaf akka jiraannuuf, inni ofii isaatii cubbuu keenya dhagna isaatiin baatee fannootti ol ba'e; madaa'uu isaatiin isin in fayyifamtan.” — 1Phe. 2:24 ✓Garraamii lubbuusaa kennedha 👉“Isa in cunqursan, in dhiphisanis, inni garuu waan tokko iyyuu hin dubbanne; akkuma ilmoo hoolaa ishee qalamuudhaaf geeffamtuutti in oofame, akkuma hoolaan yommuu rifeensa irraa muran cal jettuus, inni calluma jedhe malee, afaan isaa hin saaqqanne.” — Isa. 53:7 #NB:_Hoolaan inni 2"ffaan yeeyyii raroo hoolaa huffateedha. ✓Bakkedhaan yeroo ilaalamu Hoolaa Dhugaa fakkaata garuu keessi isaa Yeeyyii dha...#kanaafiti,hoolaa waaqayyoo of fakkeessee, dhuguma jedhee jalqabudhaan sobuma jedhee ammoo ittifufee kan Saba lafarraa macheesse yeeyyii gaanfa baasee hoolaa fakkaatee Saba waaqayyoo dukkanatti galchee hiraarsaa jiru seexanni faallaa waaqayyoo ta'e Bara kana dhaloota baay'edhaaf amantaa sobaa hundessuudhaan, kitàabota sobaa baay'ee barressudhaan maxxansee dhalootaaf raabsaa tures raabsaa jiras....#Sammuu dhalootaa golgee,Ija dhalootaa jaamsee,Gurra dhalootaa duuchee,qalbii dhalootaa cufee, hafuura dhalootaa ukkaamsee labata biyya lafaatti tabachaa Jira.....#dhugaan kana duuba jiru garuu,dhoksaa seexanaa isa hoolaa Dhugaa fakkaatee,dhuguma jedhee,sobumaan dhaloota wallaalchisaa jiru humna hafuura dukkanaaf hamminaadha,Diyaabiloos abbaa sobaadha. 👉“"Isin kan abbaa isa tokkoo, kan Seexanaa ti; kajeellaa hamaa isa kan abbaa keessaniis gochuu in feetu. Jalqabumaa jalqabee inni sun nama ajjeesaa ture; dhugaan isa keessa waan hin jirreef, inni dhugaa irra hin dhaabanne. Inni sobaa dha, abbaa sobaa tis; kanaaf yommuu sobu isa garaa isaa keessa jiru in dubbata.” — Yoh. 8:44 #Sagaleen yeeyyii raroo Hoolaa huffatee,kan seexanaati,Dhugaa fakkaata,keessi isaa garuu soba,jireenya fakkaata keessisaa garuu ajjeesaadha,Maqaa abbaa,ilmaa, hafuura qulqulluudhan jalqaba,itti fufee ammoo kan cubbuu ajjeesaadhaan xumura. #Warri karaa boochoorra(bal'aarra) adeeman Warra goyyomsaa seexanaatiin wallaalchifamaniidha ykn dhugaarraa kaachifamaniidha. ✓Seexanichis Saba gowwomsudhaan hatee erga harka isaa keessa galfatee booda qaludhaaf,ajjeesudhaaf,Ofiisaa duukaa kuufama abiddaatti geessuuf akka ta'e macaafa qulqulluutu Dhugaa ba'a. 👉Yoh. 10 ¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯ ⁸ Warri na dura dhufanii karaa biraatiin lixan hundinuu hattuu dha, saamtuu dhas; hoolonni garuu isaaniif hin dhageenye.