IFA BEKUMSAA/BRIGHT
Статистика1.PDF barnootaa 2.gorsaa jirenyaa 3.oddefannowwan adda adda, Wantotaa sadeen argachuf channel kana join &share godha
- Последний пост
- 10 авг.
- Последнее чтение
- 15 авг.
- Постов за неделю
- 1
- Всего постов
- 44
- Тип
- открытый
- Язык
- om
- В каталоге с
- 13 авг.
- 1/24сутки в ленте
- 54
- 1/48двое суток
- 61
- 1/72трое суток
- 66
Оценка по просмотрам недавних постов: пост набирает почти всё за первые сутки.
Посты
Beeksisa Qacarrii Barsiisotaa BBO - Hagayya 04/2018 Qacarrii Barsiisota Manneen Barnootaa Ifa Boruu Bultii Addaa Sad. 2ffaa ; 1)Gosoota Barnootaa Barsiisaniifi 2) Afaanota Biyya Alaa Barsiisaniif Ulaagaalee Qacarrii Guutan Hundaaf: 1- Gosoota Barnootaa: 1. English 2. History 3. Geography 4. Economics 5. ICT 6. Maths 7. Physics 8. Biology 9. C/Ship 10. A/Study 11. Physics Lab. 12. ICT Technician kan barsiisan yoo ta'u, 2) Barsiisota Afaan Biyya Alaa Barsiisan immoo: 1- Arabic Language 2.- French Language barsiisan qacaree Manneen Barnootaa Ifa Boruu Bultii Addaa Sad. 2ffaa 7nitti ramaduu barbaada. Kanaafuu, Barsiisotni fedhii qabdaniifi ulaagaa qacarrii guuttan galmaa'uu ni dandeessan. #Odeeffannoo_Beeksisaa_Guutuu Isaa Argachuuf #Chaanaalii_Telegraama_Keenyaa_Ilaalaa. Liinkin Telegraamii:👇👇 http://t.me/OromiaEducation_Bureau #Waan_nu_hordoftaniif_Galatoomaa! #share t.me/BiirooBarnoota_oromiyaa t.me/BiirooBarnoota_oromiyaa t.me/BiirooBarnoota_oromiyaa
✅Kutaa 12ffaa Qormaanni biyyaalessaa kutaa 12ffaa yoom gadhifaama bakka Get jedhuu tuqun dubbisaa 👇👇👇
видео или голосовое, без подписи
видео или голосовое, без подписи
видео или голосовое, без подписи
#DADARIINOO Baga Gammaddan👏🥰 Barattoota Qaxalee Qorumsa Naannoo Kutaa 8ffaa akka Magaalaa Dadaritti Qabxii Olaanaa Galmeessan, Baga Gammaddan Baga Milkooftan!! Odeeffannoo dabalataaf akka issin biraa gahuuf channel kanaa JOIN &SHARE godha hiriyoota kessanif https://t.me/ifabekumsa
Qabxiin Qormaata Kutaa 8ffaa Naannoo Oromiyaa Ifa Ta'eera - Haala Itti Ilaallattan! Biiroon Barnootaa Oromiyaa bu'aa qormaata biyyaalessaa kutaa 8ffaa ifatti kan gadi dhiise yoo ta'u, barattoonni fi maatiin karaa sarara intarneetiin qabxii isaanii ilaallachuu ni danda'u. Qabxii keessan haala salphaa ta'een ilaallachuuf, jalqaba irratti weebsaaytii ofiishaalaa Biiroo Barnootaa Oromiyaa oromia.ministry.et jedhu banaa. Weebsaaytichi erga isiniif banamee booda, filannoo "Check My Result" jedhu tuqaa. Itti aansuun, bakka "Registration Number" jedhutti lakkoofsa galmee (Admission Number) qormaata irratti fayyadamtan kan galchitan yoo ta'u, bakka "First Name" jedhuttis maqaa keessan kan jalqabaa qofa galchuudhaan bu'aa keessan salphaatti ilaaluu dandeessu. Yeroo ammaa kana barattoonni fi maatiin baay'een yeroo wal-fakkaataatti qabxii isaanii ilaaluuf intarneetii irratti waan dhiibbaa uumaa jiraniif, weebsaaytichi yeroof biizii ta'uu isaatiin dhiphachuu danda'a. Kanaafuu, yoo tajaajilli sun yeroof isin jalaa addaan cite, obsaan suuta jettanii irra deddeebi'uun akka yaaltan beeksifameera. Barattoota hundaaf carraa gaarii ni hawwina! Odeeffannoo barnootaa qofa bakka tokkotti argachuuf @Abdii_Sabaa_University irratti hordofaa! SABA GUDDAA WAAN TAANEEF, MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA! MIIDIYAA @ABDII_SABAA
видео или голосовое, без подписи
Ispeen Shaampiyoonaa Waancaa Addunyaa Bara 2026 Ta'uun Seenaa Haarawaa Galmeessite! Gareen Biyyaalessaa Ispeen tapha xumuraa Waancaa Addunyaa 2026 baay'ee ho'aa fi hawwataa ta'e irratti, shaampiyoonaa waancaa darbee kan turte Arjantiinaa injifachuun waancaa addunyaa lammataaf ol fudhatteetti. Istaadiyeemii MetLife Ameerikaatti kan geggeeffame taphi xumuraa kun, morkii cimaa fi dandeettii kubbaa miilaa sadarkaa olaanaa kan itti mul'ate yoo ta'u, dhumarratti ijoolleen Ispeen injifannoo seena-qabeessaan dirreetti gootummaa isaanii mirkaneessaniiru. Gareen kun dandeettii kubbaa to'achuu fi dabarsuu addaa qabu akkasumas saffisa dargaggoota isaa warreen akka Laamiin Yamaal fa'atti fayyadamuun tapha bareedaa fi dinqisiisaa agarsiiseera. Injifannoon guddaan kun Ispeeniif waancaa addunyaa seenaa keessatti yeroo lammaffaaf, bara 2010 booda, kan argamsiise yoo ta'u, deeggartoota garee kanaa addunyaa guutuutti argaman gammachuu daangaa hin qabneen guuteera. Teessoon kubbaa miilaa addunyaa deebi'ee gara Awurooppaatti galeera. Gama biraatiin, gareen Arjantiinaa fi urjiin kubbaa miilaa addunyaa Liyoonel Meesiin, tapha Waancaa Addunyaa isaa dhumaa irratti, kabaja shaampiyoonummaa isaa eegsifachuu hin dandeenye. Haa ta'u malee, taphi xumuraa kun seenaa kubbaa miilaa addunyaa keessatti morkii cimaa biyyoota gurguddoo lamaanii ta'uun, akka tapha dinqisiisaa fi yoomiyyuu hin irraanfatamnetti galmaa'ee hafa. Baga gammaddan deeggartoota Ispeen hundaaf! SABA GUDDAA WAAN TAANEEF, MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA! MIIDIYAA @ABDII_SABAA
Tapha Xumuraa Waancaa Addunyaa Har'aa - Arjantiinaa fi Ispeen! Har'a, Adoolessa 19, bara 2026, guyyaa seenaa ispoortii kubbaa miilaa addunyaa keessatti iddoo guddaa qabuu fi iji addunyaa guutuu gara Ameerikaatti kan itti garagaredha. Tapha xumuraa Waancaa Addunyaa FIFA 2026, Istaadiyeemii MetLife keessatti, biyyoota gurguddoo fi dandeettii addaa qaban lamatu wal falma: Arjantiinaa fi Ispeen. Taphi kun dorgommii ardii Awurooppaa fi Ameerikaa Kibbaa gidduutti morkii guddaa kan uumu yoo ta'u, miira ho'aa fi hawwii guddaan eegamaa jira. Gareen biyyaalessaa Arjantiinaa, shaampiyoonaan waancaa addunyaa bara 2022, kabaja isaa eegsifachuu fi waancaa kana irra deebiin fudhachuuf qophii cimaa taasisee dhufeera. Taphi har'aa kun urjii kubbaa miilaa addunyaa Liyoonel Meesiitiif tapha Waancaa Addunyaa isaa dhumaa ta'a jedhamee waan tilmaamamuuf, deeggartoota Arjantiinaa fi jaallattoota ispoortichaa hunda biratti miira addaa uumeera. Gareen leenjisaa Liyoonel Iskaalooniin durfamu kun, muuxannoo taphattoota isaa fi tooftaa ittisaa cimaa qabuun gara dirree kan seenu ta'a. Gama biraatiin, gareen biyyaalessaa Ispeen, dargaggoota dandeettii addaa qabanii fi saffisaan taphatan akka Laamiin Yamaal fa'a of keessatti hammatee gara xumuraa kana gahuu danda'eera. Ispeen seenaa waancaa bara 2010 fudhatte sana booda deebitee gootummaa ishee agarsiisuu fi waancaa addunyaa lammataaf fudhachuuf carraa guddaa argatteetti. Dandeettiin kubbaa to'achuu fi dabarsuu amma isaan itti fayyadamaa jiran, Arjantiinaa irratti dhiibbaa guddaa akka uumuu danda'u ogeeyyiin ispoortii tilmaamaa jiru. Taphi kun dorgommii muuxannoo fi dargaggummaa, akkasumas wal-morkii tooftaa garagaraa lamaati. Urjiiwwan biyyoota lamaanii dirree irra yeroo wal-argan, eenyutu waancaa warqee kana ofitti hammatee morma isaa ol qabata gaaffiin jedhu deebii isaa har'a galgala kan argatu ta'a. Arjantiinaa shaampiyoonaa irra deebiti moo, Ispeen deebitee teessoo ishee ni tiiksiti? Hordoftoota keenya, isin hoo tilmaamni keessan eenyu faana jira? https://fulbek.com/vote#campaigns irratti garee ni injifata jettaniif sagalee kennaa. SABA GUDDAA WAAN TAANEEF, MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA! MIIDIYAA @ABDII_SABAA
Qormaanni Biyyaalessaa Kutaa 12ffaa bara 2018 kan barattoota Saayinsii Hawaasaa guyyaa har'a kennamuu jalqabeera. Marsaa arfaffaa isaa irratti kan argamu qormaanni biyyaalessaa kutaa 12ffaa bara kanaa har'a Adooleessa 6 bara 2018 irraa kaasee marsaa sadiin barattoota Saayinsii Hawaasaatiif karaa online fi waraqaa dhaan ni kennama. Kanaanis guyyaa har'a barattoonni Saayinsii Hawaasaa qormaata gosa barnootaa Afaan Ingiliffaa fi Herreegaa fudhataniiru. Barattoota Qormaata Biyyaalessaa Kutaa 12ffaa bara 2018 fudhattan hundaaf Carraa Gaarii! Odeeffannoo barnoota akka issin biraa gahuuf channel kanaa JOIN &SHARE godha https://t.me/ifabekumsa
Abbaa ijoollee jahaa umrii 69ffaa isaatti qormaata kutaa 12ffaa fudhachaa jiru. Obbo Waldayas Ayaanaa Ashaaboo jedhama. Barattoota bara kana qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa marsaa 4ffaa irratti fudhatan keessaahi. Obbo W/Yas naannoo Kibba Itoophiyaa, Godina Woloayitaa keessatti dhalatan. Hanga kutaa 8ffaatti baratanii turan; garuu yeroo mootummaa Dargii barnoota isaanii addaan kutuuf dirqamaniiru. Haa ta'u malee, fedhii barnootaaf qaban hin hir'anne. Waggoota dheeraa booda bara 2015 A.L.I. kutaa 9ffaa irraa deebi'anii barachuu jalqabanii, har'a qormaata biyyooleessaa Kutaa 12ffaa fudhachuuf gahaniiru. Sababni barnoota itti fufuu filataniif Hojii qonnaa isaanii karaa ammayyaatiin fooyyessuufi oomisha isaanii haala gaariidhaan guddisuu akkasumaas beekumsa argachuuf akka tahe ibsaniiru. Abbaan ijoollee jahaa kan ta'an Obbo W/Yas yeroo ammaa Yuunivarsiitii Wolayittaa Sooddoo keessatti qormaata isaanii fudhachaa jiru. Qormaata kanaan bu'aa gaarii akka galmeessan abdii guddaa akka akka qabaniis dubbatanii jiru. Carraa gaarii isaaniif hawwina! #WSU Join telegram https://t.me/ifabekumsa
https://t.me/ifabekumsa
Obbollessa kenyaa Kan DADAR biqilchitee Aman Zewdu, Raashiyaa irraa damee saayinsii niwukilariitiin eebbifame. Dargaggeessi biraa waltajjii beekumsa idil addunyaa irratti biyya keenya boonse ifoomeera. Dargaggeessi beekumsaa fi hojii cimaa sadarkaa olaanaa irra gahe kun, hiriyyoota isaa ijoollummaa irraa kaasee isa waliin guddataniin nama baay’ee saffisaa, qaroo fi cimaa ta’ee kan beekamu yoo ta’u, humni isaa inni hin mo’amne har’a milkaa’ina guddaa argateef sababa ta’ee jira. Dhaabbata barnoota olaanoo yeroo deemu bu'aa baay'ee ol'aanaa argateen Yunivarsiitii Haroomayaatti barnoota Elektirikaal Injinariingii kan eegale yoo ta'u, yunivarsiiticha keessatti nama tokkoffaa ta'uun dandeettii ajaa'ibaa isaa mirkaneesse. Kana hordofuun ga’umsa barnootaa olaanaa qabuun waggaa 5 dura Yuunivarsiitii Niwukilaraa Qorannoo Biyyaalessaa (MEPhI) addunyaa irratti beekamaa ta’e Raashiyaa keessatti damee saayinsii niwukilaraatiin scholarship argateera. Dargaggoo Amaan waggootaaf cimee fi ciminaan barachaa ture har’a barnoota isaa bu’aa olaanaan xumuree abbaa injifannoo guddaa kanaa ta’eera. Obboleessa keenya Amaan Zewduu kan boonsaa biyyattii ta'e eebba guddaa saayinsii niwukilaraa, Baga gammaddan jenna. Beekumsi guddaan ati argatte kun biyya kee fi addunyaaf akka fayyadu, hojii fi imalli jireenya kee gara fuula duraa bu’aa fi eebba guddaa akka guutu garaadhaa abdii qabna. Odeeffannoo barnoota akka issin biraa gahuuf channel kanaa JOIN &SHARE godha hiriyoota kessanif https://t.me/ifabekumsa
видео или голосовое, без подписи
видео или голосовое, без подписи
видео или голосовое, без подписи
https://t.me/ifabekumsa
#Odeeffannoo_Ariifachiisaa!! Namoonni duraanii sirna Dipiloomaa, yookaan 12+2 yookaan 10+3 irraa eebbifamanii, ragaa barnootaa isaanii sirrii ta'uun mirkanaa'e qabaatanillee, Mirkaneessa Dandeettii Sadarkaa 6 osoo hin qabaatin barnoota digirii jalqabaa baratanii eebbifaman, ragaan barnootaa isaanii akka mirkanaa'u dandeessisuuf qajeelfamni haaraan qophaa'aa jira. Ministeerri Barnootaa wixinee fooyya'aa qajeelfama mirkaneessa ragaa barnootaa fi madaallii walqixxummaa (equivalency) irratti yaada uummataa akka kennamu ifa godheera. Akka wixineetti, barattoonni bara 2015 A.L.I. irraa eegalee eebbifamanii fi qormaata ba'umsaa (Exit Exam) darbanii ragaa barnootaa isaanii akka mirkaneeffatan ni dandeessu. Kana malees, namoonni bara 2010 hanga 2015 A.L.I. gidduutti qormaata ba'umsaa osoo hin fudhatin digirii jalqabaa, digirii lammaffaa yookaan digirii sadaffaa argatan, qormaata sadarkaa barnootaa Ministirichi qopheessu fudhatanii yoo darbani, ragaan barnootaa isaanii ni mirkanaa'a. Fooyya'iinsi qajeelfama kanaa tajaajila mirkaneessa ragaa barnootaa saffisaa, sirrii fi bu'a qabeessa ta'e kennuuf barbaachisaa ta'uun isaa ibsameera. Qajeelfamni fooyya'aan kun barattoota dhaabbilee mootummaa fi dhuunfaa mootummaa Itoophiyaa keessatti argaman keessaa eebbifaman hunda irratti hojii irra ni oola. Akkasumas, namoota ulaagaa seensaa digirii keessatti barbaadamu ta'e qormaata Mirkaneessa Dandeettii Sadarkaa 6 osoo hin fudhatin digirii baratanii eebbifaman, yookaan erga digirii keessatti galmaa'anii booda qormaata Mirkaneessa Dandeettii Sadarkaa 6 fudhatan, hunda ni dabalata. https://t.me/ifabekumsa
Eebbifamtoota Mirkaneessa Gahumsaa (COC), Qormaata Bahiinsa (Exit Exam) Malee Digrii Fudhataniif Qormaanni Gahumsaa Laatamuufi! Fulbaana bara 2010 hanga 2015 (A.L.I) gidduutti, dippiloomaa duraanii (12+2), 10+3 ykn leenjii teeknikaa fi ogummaa sadarkaa 4ffaa erga xumuranii booda, qormaata mirkaneessa gahumsaa sadarkaa 4ffaa (COC) osoo hin fudhatin gara digrii jalqabaatti seenuun lammiilee eebbifamaniif qormaanni gahumsaa akka laatamuuf ifoomeera. Akka wixinee qajeelfama fooyya'iinsaa Abbaan Taayitaa Barnootaa fi Leenjii FDRI qopheesseetti, waggoota kana keessatti qormaata bahumsaa osoo hin fudhatin ogeeyyii digrii jalqabaa, digrii lammaffaa (MA) fi digrii sadaffaa (PhD) fudhatan, ulaagaa Ministeerichi baasuun qormaata madaallii sadarkaa barnootaa qoratamanii yoo darban qofa ragaan barnootaa isaanii kan mirkanaa'uuf ta'a. Abbaan Taayitichaa yeroo ammaa kana wixinee fooyya'iinsa qajeelfama kana irratti qaamolee dhimmi ilaallatu irraa yaada sassaabaa akka jiru beeksiseera. SABA GUDDAA WAAN TAANEEF, MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA! MIIDIYAA @ABDII_SABAA