tgindex
Iyasu Tube

Gara telegram kanaatti makamaa

Последний пост
1 мая 2025 г.
Последнее чтение
15 авг.
Постов за неделю
0
Всего постов
20
Тип
открытый
Язык
und
В каталоге с
15 авг.
Подписчики
387
0 за 1 дн.
Сутки
0
0,00%
Неделя
 
Месяц
 
Просмотров на пост
942
20 постов
Вовлечённость
243,4%
к подписчикам
Постов в день
0,0
всего 20
Упоминаний
0
каналов
Охват размещения
оценка
1/24сутки в ленте
1/48двое суток
1/72трое суток

Оценка по просмотрам недавних постов: пост набирает почти всё за первые сутки.

Посты

  • https://youtu.be/KA_6bmM-z7M?si=mZPGYZSBv-G8ik3W

  • xumuraa.sana booda maaliif akka nuti qulqulloota hunda waamanu fi maqaa isaanii kaasnu nii #hubattaa! qophaa'i 1ffaa :---Qulqulloota hin simanne taanaan gonkumaa Iyyesuus kiristoosiin fudhachuu hin dandeessu! sababni isaa kan isiniin simate anaan na simata jechuun ofiidhuma isaatii dubbateera waan ta'eef! mat 10፥40.qulqulloota hin simanne taanaan Iyyesuu kiristoosiin simachuu hin dandeesu jechuudha.kanaaf Iyyesuusiin simachuuf dursii qulqulloota simadhu! 2ffaa:--- Iyyesuus kiristoos murtiidhaaf yeroo dhufuttiqofaa isaa osoo hin taane ergamootaa fi qulqulloota isaan marfamee dhufa. mat 16፥27 fi zak 14፥5 ati har'a ergamootaa fi qulqullootatti qoosaa jirta.arrabsaa jirta.mee egaa gaafa isaan kiristoos waliin dhufan kana eessa lixuufi.gaafasis isaanitti qoostaa? egaa na dhagahi isaan sitti murteessuu illee nii danda'u.aangoon kennameeraaf kanaafuu qoosaa kee kana dhiisi qulqulloota simadhu.kan kabajni ta'uuf kabaja kenni.warra waaqayyoon filataman hin salphisin. warri qofaa qofaa jettan qofaa keessanitti akka hin hafneef dafaa qalbii jijjiirradhaa! nuti daandii abboota keenyaa irra jirra.dafaa daandii ishee duraatti deebi'aa.lubbuu keessaniif boqonnaa argattuu!!!! Erm 6፥16 nuti qulqulloota waamuun keenya walaallee miti ykn isaan waaqessuuf miti.wangeela irraa baranne.aangoo fi kabaja waaqayyo isaaniif kenne hubanne.akkasumas wangeela hojiidhaan agarsiisne.kanaaf qulqulloota waamna! ibro 13፥7 kan nuti waaqessinu waaqayyoon qofa! gooftaa keenya Iyyesuus kiristoos qofadha.qulqulloonni immoo kennaa isaaniitiin nu eebbisu, nuuf kadhatu, nu gargaaru nu araarsu ergamoonni nu eegu nu tiksu nu fayyisu! kennaa kan kenneef Iyyesuus kiristoosidha waan ta'eef.kanaaf isaan waamna jechuudha! gooftaan keenya Iyyesuus kiristoos iyyuu "Ani waaqa Abrahaam waaqa Yisihaaq waaqa Yaa'iqoobidha.waaqa warra jiraataniiti jedhee waaqa qulqullootaa ta'uu isaa dubbateera.egaa nutis kanaaf maqaa qulqullootaan isa kadhanna! malee #dogoggorree ykn wallaallee miti!። mat 22፥32 dafaa debi'aa! yaada nama dhuunfaatiin dhugaa hin dabsinaa! waaqayyoon hin ganinaa! Iyyesuua kiristoos "yeroo isin qofaa kootti na dhiistan nii dhufa!" jedhee dubbatee ture! yoh 16፥32.kunoo yeroon isaa geenyaan shakkitoonni jirma damee irraa addaan baasanii qofaatti waamanii jiru.raajiin dubbatame raawwachuun isaa dirqamaka. Ijoollee Tewaahidoo jabaadhaa hanga dhumaatti dhaabbadhaa! hamma dhumaatti kan dhaabbate ni fayya! kakaasee kan nu jalqabsiise jalqabsiisee kan nu xumursiisee maqaan waaqayyoo kan galatoome nuuf haa ta'u! amen! M/A/ iyyaasuu Fiqaaduutiin

  • jiraa? lakki shiftoota lama gidduutti fannifamee jira.dhiifama naaf godhiiti inni gara bitaa Iyyesuus kiristoositti fannisame sun siif fakkaattotakee natti fakkaata.luq 23፥33-34 maaliif beektaa?inni gara bitaatti fanifame sun of tuulaadha.cubbuu isaaf dhiifama kadhachuu dhiisee Iyyesuus kiristoositti qoosaa ture atis kunoo cubbuun laaqamtee osoo jirtuu ani fayyeera, miliqeera, naaf ifeera jettee oftuuluudhaan cubbuu kee dagattee jeekkaraa oolta. nuti ijoolleen Tewaahidoo garuu isa mirgatti fannifame sana irraa barachuun "yaa gooftaa nu fayyisi,yeroo dhufaatii keetti nu yaadadhu." jechuudhaan cubbuu keenyaaf dhiifama kadhanna malee fayyineerra jennee hin dhiichisnu.fayyuu fayyineerra.garuu kan fayyine cubbu har'a hojjechaa jirru irraa osoo hin taane sababa cubbuu Addaamiin murtii du'aa nutti faradame jalaa fayyine.cubbu har'a hojjechaa jirruuf kadhannee cuuphamne amannee foonif dhiiga gooftaa nyaanne fayyina.cubbuu hin qabnu yoo jenne garuu waaqayyoon sobaa taasisna! 1yoh 1፥8-10 "mootummaa keetiin yommuu dhuftu na yaadadhu!" luq 23፥42 egaa fannoo gooftaa keenyaa jalas yoo ilaalte Iyyesuus kiristoos biratti haadha isaa durbee Maariyaamii fi qulqulluu Yohaannis fa'itu jira.Yoh 19፥25-27 maarre qulqulloonni wangeela barreessaniyyuu maqaa qulqullootaa kana barreessuu hin daganne ani maaliifan dagadharee? maaliif qulqulloota irraanfadhu naan jetta? demnee demnee kunoo bakka awwalcha isaa geenyee jirra.kottu amma immo bakka Iyyesuus kiristoos itti awwaalame ilaali! eenyu fa'itu achi jira? dubbisi kana "Ergamoonni Waaqayyoo lama uffata adii uffatanii, iddoo Iyyesuus kaa'amee ture, inni tokko mataa duraan, inni kaan immoo miilla jalaan utuu taa'anii argite." yoh 20፥12 Abooo asis ergamoota waaqayyoo warra ati arrabsaa ooltu sanatu jira maal goota egaa? yoo eessa deemnee barbaanne Iyyesuusi kiristoosiin qofaa isaatti argina? maaluma wayyan jedheem ani? mee ish kottu beqqaa amma immoo daandii Emaahus irra demnaa.tarii qofaa isaa arginaa laata? kuno kunoo ilaali! "Utuu isaan haasa'aa, irrattis dudubbachaa adeemanii, Iyyesuus ofii isaa isaan bira ga'ee, isaanii wajjinis adeeme." luq 24፥15 Boo inno qofaa isaa miti. asittis qulqulloota isaa wajjin deemaa jira.kanaafuu lafa irratti qofaa isaa isa arguu hin dandeenye erga gara samiitti olbahee yoo qofaa isaa jira ta'eef ammas deemnee haa barbaannu. kottu kaa gurbaa! samii irratti erga olbahee booda qofaa isaa jiraa laata? mee kana naaf dubbisi maal jedha? " Iyyesus gooftaan isaanii wajjin erga dubbatee booddee, gara waaqa keessaatti ol fudhatamee mirga Waaqayyoo taa'e." argitee? innoo samii irrattis Abbaa isaa waliin jira waaqayyo waliin jira malee qofaa isaa miti.beqqaa an amma dadhabe wan ta'eef nan deebi'a qofaa isaa arguu hin dandeeye! yee? maal jette? amma iyyuu Iyyesuua kiristoos qulqulloota isaa faana jiraachuu isa amanuu dhiistee Iyyesuus qofa jettee na falmitaa? Tole ammas samii irra ol ilaalika caqasa lama siif kenneen xumuraa 1- "ani iddoo aarsaa jalatti lubbuu warra dubbii Waaqayyootiif, wanta dhugaa ba'aa turanitti jabaachuu isaaniitiifis jedhanii qalamanii nan arge" Mul'ata 6፥9 kunoo qulqulloota dhugaaf jecha qalamaa turan iddoo aarsaatti argite mitiiree? egaa qulqulloota akka kanatti Iyyesuus kiristoos fuulduratti dhaabbatan otuu argituu qulqulloonni naaf hin kadhatan jettee maaliif mormita? hin kadhatan yoo ta'e iddoo aarsaa jalaa maal hojjetu? 2- "Ergasiis ani ilaalee, hoolicha tulluu Xiyoon irra dhaabate nan arge; namoonni kumaatamni dhibbaa fi kumni afurtamii arfan, warri maqaan isaa, maqaan abbaa isaatiis adda isaaniitti caafamee ture, isaa wajjin turan" mul 14፥1 egaa an kana caalaa homaa siif gochuu hin danda'u.lafa irrattis samii irratti Iyyesuus kiristoosiin qofaa isaa arguu hin dandeenye.inni yeroo hunda qulqulloota isaa ergamoota isaa faana jira.kanaaf amma #hirmiikee baafadhu.raajii 2'n sitti himee

  • #Iyyesuusiin_Qofa ! Dubbisuun dirqama! share gochuunis dirqama! ......... Ani Iyyesuus kiristoosiin qofaa isaatti hin argine.warri argitan natti himaa.warri maqaa qulqullootaa maqaa ergamootaa waamte jettani na arrabsitan natti himaa! eenyu ati maqaan kee kottumee gurbaa! ati inni ergamootni hin barbaachisan qulqulloonni hin barbaachisan jettee lafa natti dhiittu kottu natti himi.Iyyesuusiin qofaa isaa eessatti argite? mee walumaan kitaaba qulqulluu sakattaanee haa ilaallu! Iyyesuus kiristoosiin qofaa isaa nii arginaa laata? Beeteliyeemiin yoo deemte Iyyesuus kiristoosiin qofaaa isaa hin argitu.haadha isaa durbee Maariyaam waliin argita. mat2፥11 ijjikee arguu danda'a yoo ta'e mee gammoojji biyya Gibtsiin achi ilaali.Iyyesuus kiristoos qofaa isaa godaane osoo hin taane haadha isaa durbee Maariyaam fi Yooseef waliin godaanuu isaa argita.argitee???? mat 2፥14 mee amma immoo Qaanaa zegeliilaa ilaali.sagantaa cidhaa Dookmaas qopheessa irratti eenyu faa akka argaman ilaalimee.Iyyes uus kiristoos cidha kana irratti qofaa isaa argameeraa? hin argamne mitiiree? kunoo duuka bu'oota isaaf haadha isaa durbee Maariyaam waliin argita. Ani kanin jedhu Dookmaas inni mana isaatti cidha qopheesse kun Ortoodoksiidhaayi? jechuunkoo Ijjoolleen oortodooksii dursa waaqayyoon waammatu.itti aansanii deessuu isaa durbee Maariyaamiin waammatu.sana booda ergamootaa fi qulqulloota waammatu.kunoo Dookmaas kunis Iyyesuus kiristoosiin qofa osoo hin taane durbee Maariyaamii fi duuka bu'oota isaa mana isaatti waammate.yoh 2፥1 otuu akka warra har'aa kana ta'eehoo silaa inni Iyyesuus qofa jedhe qulqulloota waamuu dhiisa turee. #Ihim raajiidha.eessatidha egaa Iyyesuus kiristoosiin qofaa isaa kan arginu? anoo barbaadeen dadhabee mee kottaa amma immoo yoo argineef tulluu Taaboor irratti olbaanee barbaannaanii.g urbaa atis na biraa hin afin kottu deemnee barbaannaa. Kana dubbisi maal jedha? ".....Guyyaa ja'a booddee, Iyyesuus Phexrosii fi Yaaqoobin, Yohannis obboleessa Yaaqoobis fudhatee, ol gara gaara dheeraa tokkotti kophaatti isaan baase @mat 17፥1 argiteeree? qofaa isaa moo Musee, Eeliyaas ,PHeexiroosii fi Yaa'iqoob waliin argite? naaf deebisi.ati qulqulloonni du'aniiru hin barbaachisan jetta.Museen garuu kunoo dhaabbatee Iyyesuus kiristoos waliin dubbachaa jira. sagalee kana dubbisimee maal jedha? "Kunoo, Museenii fi Eliyaas achitti isaanitti mul'atanii, isaa wajjin dudubbachaa turan.!" mat 17፥3 maalo egaa maluma ta'a erga waaqayyoon hin dhageessu ta'ee qulqulloota waaqayyo waliin dubbatan kana illee yoo dhageesse? "ani jirma isin immoo #damee kooti" jedhee dubbateerahoo ati maaliif jirmaa fi damee adda baaste? "Ani muka waynichaa ti, isin immoo damoota isaa ti;"yoh 15፥5 of eeggadhu! firii dhiigaa kiristoos kan ta'an qulqulloota hin jibbin hin tuffatin hin arrabsin hin balaaleffatin.kan ulfinni ta'uuf ulfina kenni! rome 13፥7 kan waaqayyo filate hin hadheesin'! mee kottu egaa ammas yoo qofaa isaatti argineef haa barbaannu.Iyyesuus kiristoos yeroo fannoo baatee deemaa ture illee qofaa isaa hin turre. " Iyyesusin fannisuuf utuu geessanii, nama biyya Qareenaa isa Simi'oon jedhamu tokko diidaa utuu galuu qabatanii, fannichaa baatee Iyyesus duubaan akka adeemuuf irra kaa'an.Luq 23፥26 argitee? kunoo ati an fayyeera miliqeera naaf ifeera jettee faannoo gooftaa kuttee gatte.warra fannoo baatan immoo arrabsaa jirta.garuu Simi'oon isa fannoo baate qofa osoo hin taane dubartoonni Israa'el illee gooftaa waliin deemanii boo'aa turan.luq 23፥27 Uff eessatti arginareeyii qofaa saa? barbaanneehoo dhabnee! maaliif akka dhabne beektaa?gooftaan keenya Iyyesuus kiristoos qofaa isaa osoo hin taane yeroo hunda qulqulloota isaa waliin jira. kottu gurbaa ati inni qulqullota dheessitu kun hin dadhabinii ammas yoo argineef hin barbaannaa! Amma immoo Qeraaniyoo deemnee fannoo irratti haa ilaallu.qofaa isaa fannifamee

  • Mat17:5 inni kun ilma koo isan jaalladhuudha isa dhaga'aa Eeyyeen Tulluu Taaborirratti inni muldhate Iyesuus Pheexiroos,Yaaiqob fi Yohaannis fudhatee yeroo ol bahe Musee du'oota keessa Eliyaas biyya jiraattotaati waamee ajaa'iban humna waaqummaa isaan muldhate Mat17:1 guyyaa jaha booda jedha mat16:13_17tti mandara Qisaariyaatti barattoota isaan namootni ilma namaati eenyu jedhee gaafatee ture kaan inni Eliyaas jedhu kaanimmo inni Museedha jedhu jennaaan guyyaa jaha boodammoo Museef Eliyaasiin waamee namootnihoo musee nan jedhu atimmoo muse eenyu nan jetta jennaan ❤Museen yoon galaana gargar hiriyyuu,yoon maannaa samiirraa roobseyyuu humna keetin jedhe.ati waaqa museedha jedhe. ELIYAASIIDHAAn mee namootni Eliyaas nan jedhu ati maal nan jetta jennaan yoon Ulaa bokkaa cufeyyuu,yoon Abidda samiirraa buuseyyuu an humna keetiin ati waaqa Eliyaasidha jedhe galatni waaqaf haa tahu sababii inni isa dhagahaa jedheef waan laman kaasa 1ffaa mat3:17 irratti yeroo iyesuus cuuphamee bahe samii keessa sagaleen dhagahame inni kun ilma kooti isa dhagahaa jedhee ture.gaafas barattootni akka pheexiroosfaa hin dhageenye. 2ffaa immo Pheexiroos yaa gooftaa hin duutu jedhee ture kanaaf gooftaan waa'ee keenyaaf du'uun dirqama waan taheef peexiroos du'a oolchuuf Iyesuus du'uun dirqama. Kanaaf akka peexiroos iyesuus akka dhagahuu qabuuf waaqayyo Abbaan inni kun ilma koo isan jaalladhuudha isa dhagaha jedhe Baga geessan ❤M/A Iyyaasuu Fiqaaduu

  • https://youtu.be/wQROEBR7KSQ?si=_uACweoVDcH881Su

  • 7 июл. 2024 г.62441из Why21m

    https://youtu.be/MtiKHt0Y8UQ?si=ZRZwO2e-naf_JfAI

  • Qulqulluu akkuma taane, yeroo hundumaa nu waliin kan jiraatu Afuura kana hojii gaarii kiristaanummaa keenyan kabajuu fi qulqullummaan galateeffachuun dirqama hunda keenyati jechuun ergaa barumsichaa asumarratti goolabna. Galanni Waaqayyoof amen Barsiisaa Iyyaasuu FIqaaduu

  • aduun dukkanatti jiinis dhiigatti ni jijjiramti. Maqaa Gooftaa kan waammatu hunduu ni oola jedhe ‟(Iyuel 2:28-32 ).” Kana bu‟uura taasifachuun Qulqullichi Pheexros barumsa laphee isaan xuqe lallabe. Ummannis barumsa duuka bu‟aa Kanaan lapheen isaanii xuqamee Pheexrosii fi duuka bu‟oota biroon “Yaa obbootaa maal goonu” jedhanii gaafatan. Pheexrosis, “Gaabbii galaa, cubbuun keessaan akka isiniif dhiifamuuf maqaa Iyyesuus Kiristoosin cuuphama, kennaa Afuura Qulqulluus ni argattu” jedhe. Guyyaa kanattiis namootni 3000 amananii cuuphaman. Duuka bu‟ootni kennaa Hafuura Qulqulluu Kanaan ragaa du‟aa ka‟uu fi olba‟uu isaa ta‟an, kanaanis mana kiristaanaaf daandiin haraan baname. Qulqulloota Abbootii mana kiristaanaa keessa tokko kan ta‟e Qulqullichi Yohaannis Afaan Warqii guyyaa kana „guyyaa dhaloota mana kiristaanaa’ jechuun moggaaseera. Kennaasaa duuka bu‟ootaaf dhangalaasaa kan mul‟ate Hafuurri Qulqulluun eegduu mana kiristaanaa, abbaa mana kiristaanaa, Sillaseetti amanuun kan cuuphamaniif laphee isaanii keessa kan bulu, hojii qulqullummaaf kan isaan kakaaasu fi jajjabeessu, ogummaa fi hubannaa kan isaan badhaasudha. Gooftaan keenya “Abbaan maqaa kootiin kan isiniif ergu, Pheeraqilixos Afuurri inni dhugaa, inni waan hundumaa isin barsiisa, waanin isinitti hime hundumas isin yaadachiisa” akkuma jedhe, Kiristaanonni hojii gaarii Gooftaa isaanii irraa baratan akka hojjetaniif laphee isaanii keessa bulee yeroo hundumaa kan isaan yaadachiisu Afuura Qulqulluudha. Walumaa galatti Hafuurri Qulqulluu kennaa kiristaanota amantii fi kadhannaan jabaatanii dhabataniif kennamudha. Keessumattu kadhannaa fi walga‟ii laphee tokkoon taasifamu irratti Hafuurr Qulqulluu dafee bu‟a. Kitaabni Sirna Qulqulleessaa mana Kiristiyaanaa keenyaas “ሚ መጠን ግርምት ዛቲ ዕለት ወዕፅብት ዛቲ ሰዓት እንተ ባቲ ይወርድ መንፈስ ቅዱስ እመልዕልተ ሰማያት/ guyyittiin kun akkam kan nama sodaachiftudha? Sa’aatiin kun akkam kan nama dhiphistudha? Afuurri Qulqulluun samii samiiwwaniirra kan itti bu’u…” jechuun kanuma dhugaa baha. Afuurri Qulqulluu kennaa adda addaa namootaaf kan kennu hojii hafuurummaa akka ittiin hojjetaniifi kanneen biroos gara Waaqayootti waamanii waliin jireenya akka argataniifi. Qulqullichi Phaawulos, “Kennaan Hafuuraa adda addaadha. Afuurri garuu tokkodha. Tajaajilli isaas adda addaadha. Gooftaan tokkodha. Hojiinsaas adda addadha. Hundumaa hundumaan kan taasisu Waaqayyo garuu tokkodha.” Jechuun ibseera.Hafuurri Qulqulluun Duuka bu’ootarra bu’e jechuun maal jechuudha? Kan Biraa ilaalamuu kan qabu Hafuurri Qulqulluun Duuka bu‟ootarra bu‟e kan jedhudha. Hafuurri Qulqulluun Duuka bu‟ootarra bu‟e yeroo jennu Gooftaan keenya foon keenya uffatee akka nutti mul‟ate jechuu osoo hin taane kennaasaa isaaniif buuse, isaaniif roobse jechuudha. Ilmi Waaqayyoo haadha keenya Dubroo Maariyaamii irra foonsheerra foon, lubbuusheeerra lubbuu fudhatee, nama ta‟ee Waaqayyoon nutti agarsiiseera. “kan na arge Abbaa arge” jechuun qulqulluu wangeela irratti akkuma barreeffame. Hafuurri Qulqulluun garuu kan hin argamne Afuura dhugaadha. Kan argamu ykn kan mul‟atu hojii gaarii hojjetuunidha. Guyyaa guyyaatti hojii gaarummaa, hojii kiristaanummaa nuti hojjennuun ni mul‟ata, ni galateeffama. Gochi keenya cubbuu, qaamota miira keenya galatoof uumamanin wantoota xuraawoo yeroo hojjennu garuu keessa keenya taa‟ee nu ceepha‟a, kananis yeroo hundumaa Hafuurri Qulqulluu keessa keenya jiraaachuu ni hubanna, Qulqullichi Yohaannis jecha Gooftaa keenya Wangeelasaa (Yoh 14:15-17) irratti akkas jedhee akkuma dubbate, “Anis Abbaan kadhadha, yeroo hundumaa isin waliin kan ta‟u Jajjabeessan biraa isinif kennama, Innis addunyaan kan hin beeknee fi hin argine , fudhachuus kan hin dandanye Afuura dhugaa dha. Isin garuu, isin keessa waan buluuf isin waliinis waan jiraatuuf ni beektu ”. Egaa nutis guyyaa 40ffaa fi 80ffaa keenyaatti kan nuf kenname kennaa Bultoo Hafuura

  • Ayyaana Pheraqilixos Ayyaana Afuura Qulqulluu Manni Kiristaanaa keenya waggaa waggaan duuka ka‟uu Gooftaa keenya booda guyyaa 50ffaa Maqaa addaa kenniteefi ni kabajji. Abbaan barootaa fi guyyootaa Waaqayyo yoo ta‟eyyu, “kiristaanota biratti waanti hundumtuu sirnaan haa ta‟u” jedhee duuka buutichi akkuma nu barsiise, sirna ayyaanota mana kiristaanaa keenyaatiin, du‟a ka‟uu Gooftaa keenyaan booda guyyaan 50ffaa Ayyaana Pheraqilixos ykn ayyaana guyyaa 50ffaa ykn ayyaana Phenxeqosxe ykn ayyaana dhaloota mana kiristaanaa jedhame beekama. Pheraqilixos jecha giriikii hiikni isaa jajjabeessa, amantiittii kan nama jajjabeessu, kanneen dhiphatan kan gammachiisu, kan nama tasgabeessu, icciitii dhokate kan namaaf ibsu jechuu yemmuu ta‟u, Phenxeqosxe jechuun immoo guyyaa 50ffaa jechuudha. Pheraaqilixos Hafuura Qulqulluudha. Hafuurri Qulqulluu Sadummaa addaa Waaqummaa ykn Qulqulleetti Sillaasee keessa isa tokko, Abbaa irraa kan ba‟e, Abbaa fi Ilma waliin Waaqummaan, aangon walqixa kan ta‟e, Akka Waaqa Abbaa fi akka Waaqa Ilmaa Hafuurri Qulqulluunis qaama mataasaa fi hojii mataa isaa kan qabuu fi Addunyaa dursee Abbaa fi Ilma waliin kan turee fi hundumtuus isaan kan ta‟edha. Mootichi Daawit faarsaa isaa 32:6 irratti “Samiiwwaan Jechi Waaqayyon jabaatan, egdonni isaanis Afuura isaan” jechuun Hafuurri Qulqulluu addunyaa dursee kan turee fi addunyaanis isaan akka ta‟e dhugaa ba‟a. Gooftaan keenya fi Fayisaan keenya Iyyesuus Kiristoos, Hojii fayyisummaa isaa addunyaa kanarratti raawwatee gara samii gara Abbaasaatti olba‟uuf yeroo jedhu, wangeela luqas (Luq 24:49) irra akkuma dubbisnu duuka bu‟oota isaan, “አንትሙሰ ንበሩ ሀገረ ኢየሩሳሌም እስከ ትለብሱ ኃይለ እምአርያም /Isinis aariyaamiirra humna amma uffattanitti Iyerusaalem keessa tura.” isaanin jedhe. Isaanis ajaja Uumaa isaanii hundee taasifachuun hundi Isaanii laphee tokkon Deessu Gooftaa keenyaa Qulqulleetti Dubroo Maariyaamii waliin ta‟uun Iyyerusaalem mana haadha Maarqositti kadhaannan turan. Olba‟umsa Gooftaa keenya guyyaa 10ffatti jechuunis du‟a ka‟uu isaan booda guyyaa 50ffaatti Qulqulloonni kun walitti qabamanii osoo jiranii, guyyaa sanbata kiristaanaa ganama sa‟a 3tti, Hafuurri Qulqullun bifa abiddaan isaaniif bu‟e, sodaan keessa isaaniiti ba‟e, jajjabina Hafuuraa argatan, afaan dubbachaa turan, irratti afaan dabalataa afaanota 71 badhaafaman. saboota biyya adda addaa kan akka Phaartee, Meed, Ilaamexes, Qephedooqiyaa, Phaanxos, Eesiyaa, firgiyaa, Phinfiliiyaa, Gibts, Qerenaa,Libiyaa, Roomaa, Qerxes, Arabiyaa fi kanneen biroo irraa dhufan waan turaniif hunda afaan isaanin barsiisan. Yeroo isaan afaan adda addaa dubbachuu jalqabanis, “isaan kun namoota Galiila miti? akkamitti afaan biyya keenya dubbachuu danda‟an? jechuun dinqamanii wal gaggafatu turan.” Kanneen biroo immoo, daadhii waynii dhuganii machaa‟aniiti kan jedhanis jiru turan. Gooftaan keenya yeroo qabamee mooraa Qiyaaffaa seenu, sodaatee Gooftaa kan gane Qulqullichi Pheexros, humna fi jajjabeessa kan ta‟e kenna Hafuura Qulqulluu yeroo argate, duuka bu‟oota kurnan waliin dhaabbachun sagalee isaa olkaasee, “Iyyerusalem keessa kan jiraattan yaa saboota yihuudaa, jechoota koo dhaggeffadha, akka isinitti fakkaate jarreen kun kanmachaa‟an miti, amma ganama keessa yeroon sa‟a 3 dha. Inni asitti ta‟e kun garuu, afaan raajicha Iyyu‟eelin kan dubbatamedha. „Guyyaa gara dhumaatti akkana ta‟a jedha Waaqayyo, foon kan uffate hundumaaf Afuura koo nan kenna, ijoollonni dhiiraa fi shamarraan keessan rajii ni dubbatu. Dargagootni keessan mul‟ata ni argu, maanguddonni keessan abju ni abjootu, eyyeen guyyaa sanatti hojjettoota koo warra dhiiraa fi shamarraaniif afuura koo nan kenna, raajiis ni dubbatu waanta dinqisiisaa samii irraa, mallattoos lafarraa, dhiiga fi ibidda, aara lafa gurrachessuus nan agarsiisa. Guyyaan Gooftaa inni guddaanii fi dinqisiisaan utuu hin dhufiin,

  • https://www.facebook.com/100085289479651/posts/425796853606627/?mibextid=rS40aB7S9Ucbxw6v

  • 'ቶ'n kun warra Gibtsi biratti 'ቶ’ kan jedhamu tajaajilaa waaqa aduu 'ራ' kan jedhamuu fi waaqa tolfamoo keessaa isa beekaa, isa haxxee, isa ogeessa, isa hundumaa olitti humna qabeessa ta'edha. Humnaa fi beekumsa 'ራ' waan ta'eef yeroo hundumaa isarraa adda hin ba'u. 'ራ'n yeroo hundumaa harkasaa mirgaa irratti tajaajilaasaa 'ቶ' baata. Gooftaa fi qorichi keenya eenyudha? Fannoon Gooftaa fi qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos 'ቶ' dhaa? Fannoorraa hoo maal arganne? Akka amantaa Ortodoksi Waloomaatti, 'ቶ'n Ortodoksii Waloomaa duukaa osoo hin taane Kiristaanummaa waliiniyyuu walitti dhufeenya hin qabu!! Seenaa keessatti, kiristaanota durii keessumattuu kiristaanota warra Gibtsi biratti faayidaarra oolee kan hin beeknedha. Garuu, 'Xonqaayota' Fara'oon warreen Museen balleesseef humnaa fi beekumsa ture. Aasxaan 'ቶ' bara keenya kanattimmoo mallattoo saalaati. Kan biraas, maqaa daawwachiisaa waldaa warra Sadoomaawwiyaaniidha. Kan biraanis ni jiraata. Bara kana mallattoolee waaqa tolfamaa 'ቶ' kana dargaggoonni yeroo mormatti godhatanii deemanii fi ogeessonni kana hojjetanis ta'e warreen mana amantaa jalatti gurguran waaqa tolfamaa akka gurguraa jiranii fi akka mormatti godhatanii adeemaa jiran hubachuu qabna. ‘ቶ' kun mana amantaa waliin walitti dhufeenya tokkoyyuu osoo hin qabaatiin yeroo tokko tokko bifa Fannoo harkaatiinillee hojjetamanii luboota hin hubatiin muraasa harkatti ni argamu. Fannoo nuyi morma keenyarratti hidhannu garuu, yeroo kadhannaa keenyatti kan kabajnu, kan qomaanuu fi Fannoo dhiiga fayyisaa keenya Iyyesuus Kiristoosiin eebbifamee fi warreen dhukkubsatan kan fayyisudha. Fannoon kun kiristaanotaaf jireenya kiristaanaadha! Sirna Waaqessuu keenya keessattis iddoo guddaa qaba. Manni amantaa tajaajiloota addaa addaa keessatti luboota isheetiin kan itti tajaajilamtu Fannoo qoricha keenya Iyyesuus Kiristoosidha malee mallattoo waaqa tolfamaa 'ቶ' kana miti. Fannoodhaan kan wal-qabatu, qulqulloota mana amantaa keessaa tokko "Fannoo kan haale ilma Seexanaati"

  • 𝚏𝚊𝚊𝚛𝚞𝚞 𝚊𝚓𝚊𝚊𝚒𝚋𝚊𝚊 𝚔𝚊𝚛𝚊𝚊 𝚘𝚋𝚘𝚕𝚎𝚎𝚝𝚝𝚒 𝚔𝚎𝚎𝚗𝚢𝚊 𝚏𝚊𝚊𝚛𝚏𝚊𝚝𝚝𝚞 Dammee Takkaa seenaa dh... https://youtube.com/watch?v=hbPINCnRQk0&si=inaDxyKjzL9WT-h4

  • 28 февр. 2024 г.1 064123из abdiimaariyaamiifinjira

    ​​​​“YouTube fi Telegram Channel” barsiisaa keenya jaalatamaa fi kabajamaa Meggaabee A’ilaaf [Sooraa Kitilaa] Barsiisaa Dn Iyyaasuu Fiqaaduu [Iyasu Tube] hundumtuu “Subscribe/Join” taasifachuun, Irraa haa barannu! Isaan cina dhaabannees jajjabina haa taanuuf! YouTube — Subscribe - Iyasu Tube Telegram — Join - Iyasu Tube

  • ✓𝐌𝐮𝐬𝐞𝐞𝐟 𝐚𝐛𝐛𝐨𝐨𝐦𝐦𝐢 𝐤𝐮𝐫𝐧𝐚𝐧 𝐪𝐨𝐨𝐪𝐚 𝐈𝐛𝐫𝐚𝐚𝐲𝐢𝐬𝐱𝐢𝐢𝐧 𝐪𝐮𝐛𝐚 𝐢𝐬𝐚𝐚𝐧 𝐓𝐚𝐚𝐛𝐨𝐭𝐚 𝐢𝐫𝐫𝐚𝐭𝐭𝐢 𝐛𝐚𝐫𝐫𝐞𝐞𝐬𝐬𝐞 𝐤𝐚𝐧 𝐤𝐞𝐧𝐧𝐞𝐞𝐟 𝐐𝐮𝐛𝐞𝐞 𝐈𝐛𝐫𝐚𝐚𝐲𝐢𝐬𝐱𝐢𝐢 𝐛𝐚𝐫𝐚𝐜𝐡𝐮𝐮𝐝𝐡𝐚𝐚𝐟 𝐦𝐢𝐢𝐥𝐥𝐚 𝐁𝐚𝐫𝐬𝐢𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐉𝐚𝐥𝐚 𝐭𝐚𝐚'𝐞. ✓𝐁𝐚𝐚𝐛𝐢𝐥𝐨𝐧𝐢𝐭𝐭𝐢 𝐀𝐟𝐚𝐚𝐧 𝐰𝐚𝐫𝐫𝐚 𝐬𝐚𝐧𝐚'𝐨𝐨𝐫 𝐤𝐚𝐧 𝐰𝐚𝐥𝐢𝐭𝐭𝐢 𝐦𝐚𝐤𝐞 𝐚𝐤𝐤𝐚 𝐰𝐚𝐚𝐧 𝐪𝐨𝐨𝐪𝐚 𝐰𝐚𝐫𝐫𝐚 𝐡𝐨𝐫𝐦𝐚 𝐡𝐢𝐧 𝐛𝐞𝐞𝐤𝐧𝐞𝐭𝐭𝐢 𝐪𝐨𝐨𝐪𝐚 𝐢𝐭𝐭𝐢 𝐇𝐚𝐚𝐝𝐡𝐚𝐬𝐚𝐫𝐫𝐚 𝐀𝐟𝐚𝐚𝐧 𝐬𝐚𝐚𝐪𝐪𝐚𝐭𝐞 𝐝𝐮𝐛𝐛𝐚𝐜𝐡𝐚𝐚 𝐣𝐢𝐫𝐚𝐚𝐭𝐞 ✓𝐆𝐮𝐫𝐫𝐢 𝐣𝐞𝐜𝐡𝐨𝐨𝐭𝐚 𝐤𝐚𝐧𝐚 𝐝𝐡𝐚𝐠𝐚𝐡𝐮𝐮 𝐢𝐫𝐫𝐚𝐚𝐧 𝐤𝐚𝐧 𝐤𝐚𝐡𝐞 𝐤𝐚𝐧 𝐠𝐚𝐦𝐦𝐚𝐜𝐡𝐢𝐢𝐬𝐮 𝐣𝐞𝐜𝐡𝐢 𝐊𝐮𝐧 𝐁𝐚𝐚𝐲'𝐞𝐞 𝐀𝐣𝐚𝐚𝐲𝐢𝐛𝐬𝐢𝐢𝐬𝐚𝐝𝐡𝐚 .𝐊𝐚𝐧𝐚𝐚𝐟 𝐀𝐣𝐚𝐚𝐲𝐢𝐛𝐬𝐢𝐟𝐚𝐧𝐧𝐚𝐧 𝐧𝐢 𝐭𝐚'𝐚𝐚𝐟. ✓𝐊𝐮𝐧 𝐝𝐡𝐮𝐠𝐚𝐚 𝐨𝐠𝐮𝐦𝐦𝐚𝐚 𝐧𝐚𝐦𝐚𝐚𝐧 𝐛𝐢𝐫𝐚𝐡𝐚𝐧𝐧𝐚 𝐟𝐢 𝐪𝐚𝐥𝐚𝐦𝐚𝐚𝐧 𝐤𝐚𝐧 𝐛𝐚𝐫𝐫𝐚𝐚'𝐞 𝐨𝐬𝐨𝐨 𝐡𝐢𝐧 𝐭𝐚𝐚𝐧𝐞 𝐃𝐡𝐮𝐠𝐚𝐚 𝐋𝐚𝐩𝐡𝐞𝐞 𝐍𝐚𝐦𝐨𝐨𝐭𝐚 𝐟𝐚𝐲𝐲𝐢𝐧𝐚𝐚𝐟 𝐰𝐚𝐚𝐦𝐚𝐦𝐚𝐧𝐢𝐢 𝐡𝐮𝐧𝐝𝐚𝐭𝐭𝐢 𝐎𝐠𝐮𝐦𝐦𝐚𝐚 𝐖𝐚𝐚𝐪𝐚𝐲𝐲𝐨𝐨𝐧 𝐛𝐚𝐫𝐫𝐞𝐞𝐟𝐟𝐚𝐦𝐞𝐞𝐝𝐡𝐚"  𝐀𝐤𝐤𝐮𝐦𝐚 𝐐𝐮𝐥𝐪𝐮𝐥𝐥𝐮𝐧 𝐩𝐡𝐚𝐰𝐮𝐥𝐨𝐬 𝐈𝐛𝐫𝟐:𝟏𝟏 𝐊𝐢𝐫𝐢𝐬𝐭𝐨𝐨𝐬 𝐬𝐚𝐧𝐲𝐢𝐢 𝐄𝐫𝐠𝐚𝐦𝐨𝐨𝐭𝐚 𝐨𝐬𝐨𝐨 𝐡𝐢𝐧 𝐭𝐚𝐚𝐧𝐞 𝐬𝐚𝐧𝐲𝐢𝐢 𝐀𝐛𝐢𝐫𝐚𝐡𝐚𝐦 𝐣𝐞𝐝𝐡𝐞 𝐃𝐮𝐫𝐛𝐞𝐧 𝐬𝐚𝐧𝐲𝐢𝐢 𝐃𝐚𝐚𝐰𝐰𝐢𝐭 𝐭𝐚'𝐮 𝐈𝐛𝐬𝐞𝐫𝐚..የአብርሃምን ዘር ይዟል እንጂ የያዘው የመላእክትን አይደለም።𝐤𝐚𝐧𝐚𝐚𝐟 𝐧𝐚𝐦𝐚 𝐤𝐚𝐧 𝐭𝐊

  • "𝐃𝐮𝐛𝐫𝐨𝐨𝐧 𝐥𝐚𝐟𝐚𝐫𝐫𝐚𝐚 𝐮𝐮𝐦𝐚𝐚𝐬𝐡𝐞𝐞 𝐝𝐞𝐞𝐬𝐬𝐞 𝐈𝐧𝐧𝐢𝐦𝐦𝐨𝐨 𝐇𝐚𝐚𝐝𝐡𝐚 𝐈𝐬𝐚𝐚 𝐮𝐮𝐦𝐞!" Jedhera 𝐑𝐚𝐚𝐣𝐢𝐜𝐡𝐢 𝐈𝐬𝐚𝐚𝐲𝐲𝐚𝐬𝐢𝐬 𝐚𝐤𝐤𝐚𝐧𝐚 𝐣𝐞𝐝𝐡𝐞𝐫𝐚. #𝐄𝐠𝐚𝐚 𝐖𝐚𝐚𝐪𝐚𝐲𝐲𝐨, "𝐗𝐮'𝐚𝐚𝐬𝐡𝐨𝐭𝐚 𝐒𝐚𝐧𝐛𝐚𝐭𝐚 𝐤𝐨𝐨 𝐞𝐞𝐠𝐚𝐧𝐢𝐢𝐟, 𝐰𝐚𝐧𝐭𝐚 𝐧𝐚 𝐠𝐚𝐦𝐦𝐚𝐜𝐡𝐢𝐢𝐬𝐮 𝐠𝐨𝐝𝐡𝐚𝐧𝐢𝐢𝐟, 𝐤𝐚𝐤𝐮𝐮 𝐤𝐨𝐨 𝐣𝐚𝐛𝐞𝐞𝐬𝐬𝐚𝐧𝐢𝐢 𝐞𝐞𝐠𝐚𝐧𝐢𝐢𝐟𝐢𝐬,“𝐚𝐧𝐢 𝐦𝐚𝐧𝐚 𝐪𝐮𝐥𝐪𝐮𝐥𝐥𝐮𝐦𝐦𝐚𝐚 𝐤𝐨𝐨 𝐤𝐞𝐞𝐬𝐬𝐚𝐭𝐭𝐢, 𝐤𝐞𝐥𝐥𝐚𝐚 𝐢𝐬aa 𝐤𝐞𝐞𝐬𝐬𝐚𝐭𝐭𝐢𝐬, 𝐢𝐣𝐨𝐨𝐥𝐥𝐞𝐞 𝐝𝐡𝐢𝐢𝐫𝐚𝐚 𝐟𝐢 𝐝𝐮𝐫𝐛𝐚 𝐪𝐚𝐛𝐚𝐚𝐜𝐡𝐮𝐮 𝐢𝐫𝐫𝐚 𝐤𝐚𝐧 𝐜𝐚𝐚𝐥𝐮, 𝐦𝐚𝐪𝐚𝐚 𝐛𝐚𝐫𝐚 𝐛𝐚𝐫𝐚𝐚𝐧 𝐡𝐢𝐧 𝐛𝐚𝐝𝐧𝐞𝐞 𝐟𝐢 𝐬𝐞𝐞𝐧𝐚𝐚 𝐢𝐬𝐚𝐚𝐧 𝐢𝐭𝐭𝐢𝐢𝐧 𝐲𝐚𝐚𝐝𝐚𝐭𝐚𝐦𝐚𝐧 𝐧𝐚𝐧 𝐤𝐞𝐧𝐧𝐚𝐚𝐟.𝐖𝐚𝐫𝐫𝐚 𝐨𝐫𝐦𝐚 𝐚𝐧𝐚𝐚𝐟 𝐡𝐨𝐣𝐣𝐞𝐜𝐡𝐮𝐮𝐝𝐡𝐚𝐚𝐟, 𝐧𝐚 𝐣𝐚𝐚𝐥𝐥𝐚𝐜𝐡𝐮𝐮𝐝𝐡𝐚𝐚𝐟, 𝐚𝐧𝐚𝐚𝐟 𝐬𝐚𝐠𝐚𝐝𝐮𝐮𝐝𝐡𝐚𝐚𝐟𝐢𝐬 𝐚𝐧𝐚 𝐖𝐚𝐚𝐪𝐚𝐲𝐲𝐨𝐭𝐭𝐢 𝐦𝐚𝐱𝐱𝐚𝐧𝐚𝐧, 𝐰𝐚𝐫𝐫𝐚 𝐒𝐚𝐧𝐛𝐚𝐭𝐚 𝐤𝐨𝐨 𝐮𝐭𝐮𝐮 𝐡𝐢𝐧 𝐱𝐮𝐫𝐞𝐞𝐬𝐬𝐢𝐧 𝐞𝐞𝐠𝐚𝐧, 𝐤𝐚𝐤𝐮𝐮 𝐤𝐨𝐨𝐭𝐭𝐢𝐬 𝐣𝐚𝐛𝐚𝐚𝐭𝐚𝐧 𝐡𝐮𝐧𝐝𝐮𝐦𝐚𝐚 𝐢𝐦𝐦𝐨𝐨 𝐚𝐧𝐢 𝐠𝐚𝐫𝐚 𝐭𝐮𝐥𝐥𝐮𝐮 𝐤𝐨𝐨 𝐢𝐬𝐚 𝐪𝐮𝐥𝐪𝐮𝐥𝐥𝐚𝐚'𝐚𝐚𝐭𝐭𝐢 𝐨𝐥 𝐧𝐚𝐧 𝐛𝐚𝐚𝐬𝐚; 𝐦𝐚𝐧𝐚 𝐤𝐚𝐝𝐡𝐚𝐭𝐚𝐚 𝐢𝐬𝐚 𝐤𝐚𝐧 𝐤𝐨𝐨𝐭𝐢𝐢 𝐤𝐞𝐞𝐬𝐬𝐚𝐭𝐭𝐢𝐬 𝐢𝐬𝐚𝐚𝐧 𝐧𝐚𝐧 𝐠𝐚𝐦𝐦𝐚𝐜𝐡𝐢𝐢𝐬𝐚; 𝐦𝐚𝐧𝐧𝐢 𝐤𝐨𝐨 𝐬𝐚𝐛𝐚 𝐡𝐮𝐧𝐝𝐮𝐦𝐚𝐚𝐟 𝐦𝐚𝐧𝐚 𝐤𝐚𝐝𝐡𝐚𝐭𝐚𝐚 𝐰𝐚𝐚𝐧 𝐣𝐞𝐝𝐡𝐚𝐦𝐮𝐮𝐟, 𝐪𝐚𝐥𝐦𝐢 𝐠𝐮𝐛𝐚𝐦𝐮𝐮 𝐟𝐢 𝐚𝐚𝐫𝐬𝐚𝐚𝐧 𝐢𝐬𝐚𝐚𝐧𝐢𝐢 𝐢𝐝𝐝𝐨𝐨 𝐚𝐚𝐫𝐬𝐚𝐚 𝐤𝐨𝐨 𝐢𝐫𝐫𝐚𝐭𝐭𝐢 𝐢𝐬𝐚𝐚𝐧𝐢𝐢𝐟 𝐢𝐧 𝐟𝐮𝐝𝐡𝐚𝐭𝐚𝐦𝐚" 𝐣𝐞𝐝𝐡𝐞.𝐈𝐬𝐚. 𝟓𝟔:𝟑- 𝐌𝐚𝐚𝐫𝐫𝐞𝐞 𝐤𝐚𝐛𝐚𝐣𝐚𝐧𝐢𝐢𝐢 𝐔𝐥𝐟𝐢𝐧𝐧𝐢 𝐇𝐚𝐚𝐭𝐢 𝐖𝐚𝐚𝐪𝐚𝐲𝐲𝐨𝐨𝐟 𝐦𝐚𝐥𝐮 𝐰𝐚𝐫𝐫𝐞𝐧 𝐤𝐚𝐧𝐚𝐫𝐫𝐚 𝐡𝐚𝐦𝐦𝐚𝐦 𝐡𝐚𝐚 𝐜𝐚𝐚𝐥𝐮𝐫𝐞𝐞?? 𝐈𝐬𝐡𝐞𝐞𝐧 𝐦𝐢𝐬𝐢𝐫𝐚𝐚𝐜𝐡𝐨𝐨 𝐞𝐫𝐠𝐚𝐦𝐚 𝐆𝐚𝐛𝐫𝐢𝐞𝐥𝐢𝐢𝐧 𝐮𝐥𝐟𝐨𝐨𝐟𝐭𝐞𝐞,𝐁𝐞𝐞𝐭𝐞𝐥𝐢𝐡𝐞𝐦𝐢𝐭𝐭𝐢 𝐈𝐥𝐦𝐚𝐬𝐡𝐞𝐞 𝐃𝐞𝐞𝐬𝐬𝐞 𝐆𝐢𝐛𝐭𝐬𝐢𝐢𝐭𝐭𝐢 𝐛𝐚𝐚𝐭𝐭𝐞𝐞 𝐠𝐨𝐝𝐚𝐚𝐧𝐭𝐞 𝐛𝐞𝐞𝐥𝐚𝐚𝐟 𝐝𝐡𝐞𝐞𝐛𝐮𝐮 𝐫𝐚𝐤𝐤𝐢𝐧𝐚 ,𝐪𝐨𝐫𝐮𝐦𝐬𝐚𝐚 𝐟𝐢 𝐛𝐮'𝐚𝐚 𝐛𝐚𝐲𝐢𝐢 𝐡𝐞𝐝𝐝𝐮 𝐢𝐬𝐡𝐞𝐞𝐫𝐫𝐚 𝐈𝐥𝐦𝐚 𝐈𝐬𝐡𝐞𝐞 𝐈𝐲𝐲𝐞𝐬𝐮𝐮𝐬 𝐊𝐢𝐫𝐢𝐬𝐭𝐨𝐨𝐬 𝐰𝐚𝐥𝐢𝐢𝐧 𝐢𝐫𝐫𝐚 𝐠𝐚𝐡𝐞 𝐨𝐛𝐬𝐢𝐭𝐞𝐟 𝐊𝐚𝐛𝐚𝐣𝐚𝐟 𝐆𝐚𝐥𝐚𝐭𝐚 𝐚𝐤𝐤𝐚𝐦𝐢𝐢𝐭𝐮 𝐦𝐚𝐥𝐚𝐚𝐟?  𝐆𝐚𝐥𝐚𝐭𝐚 𝐇𝐚𝐚𝐝𝐡𝐚 𝐰𝐚𝐚𝐪𝐚𝐲𝐲𝐨𝐨𝐟 𝐭𝐚'𝐮  #𝐐𝐮𝐥𝐪𝐮𝐥𝐥𝐮𝐮 𝐄𝐫𝐠𝐚𝐦𝐚𝐚 𝐆𝐚𝐛𝐫𝐢'𝐞𝐞𝐥𝐢𝐢,n 𝐐𝐮𝐥𝐪𝐮𝐥𝐥𝐞𝐞𝐭𝐭𝐢𝐢 𝐄𝐥𝐬𝐚𝐛𝐞𝐭𝐢𝐢𝐧, 𝐃𝐮𝐮𝐤𝐚 𝐛𝐮'𝐚𝐚 𝐆𝐨𝐨𝐟𝐭𝐚𝐚 𝐐𝐮𝐥𝐪𝐮𝐥𝐥𝐮𝐮 𝐘𝐨𝐡𝐚𝐚𝐧𝐧𝐢𝐬 𝐮𝐭𝐮𝐮 𝐠𝐚𝐚𝐟𝐚𝐧𝐧𝐞 𝐦𝐚𝐚𝐥 𝐧𝐮𝐭𝐭𝐢 𝐡𝐢𝐦𝐮 𝐥𝐚𝐚𝐭𝐚? #𝐑𝐚𝐚𝐣𝐢𝐜𝐡𝐢 𝐈𝐬𝐚𝐚𝐲𝐲𝐚𝐬, 𝐐𝐮𝐥𝐪𝐮𝐥𝐥𝐮𝐮𝐧 𝐃𝐚𝐚𝐰𝐰𝐢𝐭, 𝐌𝐨𝐨𝐭𝐢𝐜𝐡𝐢 𝐒𝐨𝐥𝐨𝐦𝐨𝐧 𝐦𝐚𝐚𝐥 𝐧𝐮𝐭𝐭𝐢 𝐡𝐢𝐦𝐮 𝐥𝐚𝐚𝐭𝐚? #𝐘𝐨𝐡𝐚𝐚𝐧𝐧𝐢𝐬𝐢 𝐀𝐟𝐚𝐚𝐧 𝐖𝐚𝐫𝐪𝐞𝐞, 𝐐𝐮𝐥𝐪𝐮𝐥𝐥𝐮𝐮 𝐄𝐟𝐢𝐫𝐞𝐞𝐦 𝐨𝐬𝐨𝐨  𝐠𝐚𝐚𝐟𝐚𝐧𝐧𝐞 𝐦𝐚𝐚𝐥 𝐧𝐮𝐭𝐭𝐢 𝐡𝐢𝐦𝐚 𝐥𝐚𝐚𝐭𝐚? #𝐐𝐮𝐥𝐪𝐮𝐥𝐥𝐮𝐮  𝐀𝐛𝐛𝐚𝐚 𝐆𝐢𝐲𝐨𝐨𝐫𝐠𝐢𝐬,  𝐐𝐮𝐥𝐪𝐮𝐥𝐥𝐮𝐮 𝐘𝐚𝐚𝐫𝐞𝐝, 𝐀𝐛𝐛𝐚𝐚𝐧 𝐓𝐬𝐢𝐠𝐞𝐞 𝐃𝐢𝐧𝐠𝐢𝐥 𝐮𝐭𝐮𝐮 𝐠𝐚𝐚𝐟𝐚𝐧𝐧𝐞 𝐦𝐚𝐚𝐥 𝐧𝐮𝐭𝐭𝐢 𝐡𝐢𝐦𝐮 𝐥𝐚𝐚𝐭𝐚? Mee haa gaafannu ® 𝐀𝐛𝐛𝐚 𝐆𝐢𝐲𝐨𝐨𝐫𝐠𝐢𝐬 𝐊𝐢𝐫𝐢𝐬𝐭𝐨𝐨𝐬𝐢𝐢𝐟 𝐡𝐚𝐚𝐝𝐡𝐚𝐬𝐚𝐚 𝐲𝐞𝐫𝐨𝐨 𝐝𝐢𝐧𝐪𝐢𝐬𝐢𝐢𝐟𝐚𝐭𝐮 ✓𝐌𝐨𝐨𝐭𝐢𝐢𝐧 𝐈𝐬𝐢𝐫𝐚𝐚'𝐞𝐥 𝐦𝐮𝐜𝐚𝐚 𝐈𝐬𝐢𝐫𝐚𝐚'𝐞𝐥 𝐛𝐮𝐥𝐭𝐨𝐨 𝐠𝐨𝐝𝐡𝐚𝐭𝐞 ✓𝐖𝐚𝐚𝐪𝐧𝐢 𝐃𝐚𝐚𝐰𝐰𝐢𝐭 𝐅𝐨𝐨𝐧 𝐦𝐮𝐜𝐚𝐚 𝐃𝐚𝐚𝐰𝐰𝐢𝐭 𝐮𝐟𝐟𝐚𝐭𝐞 ✓𝐆𝐨𝐨𝐟𝐭𝐚𝐚𝐧 𝐈𝐛𝐫𝐨𝐨𝐭𝐚𝐚 𝐆𝐚𝐝𝐚𝐦𝐞𝐞𝐬𝐬𝐚 𝐌𝐮𝐜𝐚𝐚 𝐈𝐛𝐫𝐨𝐨𝐭𝐚𝐚 𝐤𝐞𝐞𝐬𝐬𝐚𝐭𝐭𝐢 𝐦𝐮𝐫𝐭𝐚𝐚'𝐞 ✓𝐀𝐛𝐫𝐚𝐡𝐚𝐦𝐢𝐧 𝐐𝐨𝐨𝐪𝐚 𝐈𝐛𝐫𝐚𝐚𝐲𝐢𝐬𝐱𝐢𝐢 𝐤𝐚𝐧 𝐛𝐚𝐫𝐬𝐢𝐢𝐬𝐞 𝐐𝐨𝐨𝐪𝐚 𝐝𝐮𝐫𝐚 𝐡𝐢𝐧 𝐝𝐡𝐚𝐠𝐚𝐡𝐚𝐦𝐧𝐞 𝐀𝐤𝐤𝐚 𝐝𝐮𝐛𝐛𝐚𝐭𝐚𝐧𝐢𝐟 𝐀𝐟𝐚𝐚𝐧 𝐠𝐮𝐫𝐫𝐚 𝐤𝐚𝐧 𝐛𝐚𝐧𝐞 𝐃𝐮𝐛𝐫𝐨𝐨 𝐈𝐛𝐢𝐫𝐚𝐚𝐰𝐰𝐢𝐢 𝐢𝐫𝐫𝐚𝐚 𝐝𝐡𝐚𝐥𝐚𝐭𝐞. ✓𝐇𝐚𝐫𝐦𝐚 𝐃𝐮𝐫𝐛𝐮𝐦𝐦𝐚𝐚 𝐡𝐨𝐝𝐡𝐞𝐞 𝐠𝐮𝐝𝐝𝐚𝐭𝐞𝐞 𝐒𝐮𝐮𝐭𝐚 𝐬𝐮𝐮𝐭𝐚 𝐠𝐮𝐝𝐝𝐚𝐭𝐞𝐞 𝐒𝐢𝐫𝐧𝐢 𝐝𝐚𝐚'𝐢𝐦𝐮𝐦𝐦𝐚𝐚 𝐀𝐤𝐤𝐚 𝐡𝐢𝐧 𝐡𝐢𝐫'𝐚𝐧𝐧𝐞𝐟 𝐲𝐞𝐫𝐨𝐨𝐧𝐧𝐢 𝐀𝐟𝐚𝐚𝐧 𝐬𝐚𝐚𝐪𝐪𝐚𝐭𝐮 𝐡𝐚𝐧𝐠𝐚 𝐝𝐡𝐮𝐦𝐮𝐭𝐭𝐢 𝐪𝐨𝐨𝐪𝐚 𝐈𝐛𝐫𝐨𝐨𝐭𝐚𝐚 𝐝𝐮𝐛𝐛𝐚𝐜𝐡𝐚 𝐣𝐢𝐫𝐚𝐚𝐭𝐞.

  • Guad Guta Adul: 𝐊𝐮𝐧 𝐝𝐡𝐮𝐠𝐚𝐚 𝐨𝐠𝐮𝐦𝐦𝐚𝐚 𝐧𝐚𝐦𝐚𝐚𝐧 𝐛𝐢𝐫𝐚𝐡𝐚𝐧𝐧𝐚𝐚 𝐟𝐢 𝐪𝐚𝐥𝐚𝐦𝐚𝐚𝐧  𝐛𝐚𝐫𝐫𝐚𝐚'𝐞 𝐨𝐬𝐨𝐨 𝐡𝐢𝐧 𝐭𝐚𝐚𝐧𝐞 𝐃𝐡𝐮𝐠𝐚𝐚 𝐋𝐚𝐩𝐡𝐞𝐞 𝐍𝐚𝐦𝐨𝐨𝐭𝐚 𝐟𝐚𝐲𝐲𝐢𝐧𝐚𝐚𝐟 𝐰𝐚𝐚𝐦𝐚𝐦𝐚𝐧𝐢𝐢 𝐡𝐮𝐧𝐝𝐚𝐭𝐭𝐢 𝐎𝐠𝐮𝐦𝐦𝐚𝐚 𝐖𝐚𝐚𝐪𝐚𝐲𝐲𝐨𝐨𝐧 𝐛𝐚𝐫𝐫𝐞𝐞𝐟𝐟𝐚𝐦𝐞𝐞𝐝𝐡𝐚" 𝐀𝐛𝐛𝐚𝐚 𝐆𝐢𝐲𝐨𝐨𝐫𝐠𝐢s ∆"𝐃𝐮'𝐢 𝐤𝐚𝐧 𝐝𝐮'𝐮𝐮 𝐪𝐚𝐛𝐮𝐮𝐟 𝐧𝐢 𝐦𝐚𝐥𝐚 𝐠𝐚𝐫𝐮𝐮 𝐤𝐚𝐧 𝐇𝐚𝐚𝐝𝐡𝐚 𝐖𝐚𝐚𝐪𝐚𝐲𝐲𝐨𝐨 𝐀𝐣𝐚𝐚𝐲𝐢𝐛𝐬𝐢𝐢𝐬𝐚𝐝𝐡𝐚"  ∆"𝐃𝐮𝐛𝐫𝐨𝐨𝐧 𝐥𝐚𝐟𝐚𝐫𝐫𝐚𝐚 𝐮𝐮𝐦𝐚𝐚𝐬𝐡𝐞𝐞 𝐝𝐞𝐞𝐬𝐬𝐞 𝐈𝐧𝐧𝐢𝐦𝐦𝐨𝐨 𝐇𝐚𝐚𝐝𝐡𝐚 𝐈𝐬𝐚𝐚 𝐮𝐮𝐦𝐞!"𝐐𝐮𝐥𝐪𝐮𝐥𝐥𝐮𝐮 𝐄𝐟𝐢𝐫𝐞𝐞𝐦 𝐈𝐬𝐚 𝐒𝐨𝐨𝐫𝐢𝐲𝐚𝐚   ###########################               𝐃𝐮'𝐚 𝐀𝐣𝐚𝐚𝐲𝐢𝐛𝐬𝐢𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐖𝐚𝐚𝐪𝐚𝐲𝐲𝐨𝐨 𝐆𝐨𝐨𝐟𝐭𝐚𝐚𝐧 𝐛𝐚𝐫𝐚𝐛𝐚𝐫𝐚𝐚𝐧 𝐣𝐢𝐫𝐚𝐚𝐭𝐚𝐚 𝐭𝐚'𝐮𝐮𝐬𝐚𝐚 𝐀𝐚𝐧𝐠𝐨𝐨𝐬𝐚𝐚 𝐟𝐢 𝐖𝐚𝐚𝐪𝐮𝐦𝐦𝐚𝐚𝐬𝐚𝐚 𝐤𝐚𝐧 𝐢𝐭𝐭𝐢 𝐀𝐝𝐝𝐮𝐧𝐲𝐚𝐚𝐟 𝐦𝐮𝐥'𝐢𝐬𝐞 𝐢𝐧𝐧𝐢 𝐠𝐮𝐝𝐝𝐚𝐚𝐧 𝐃𝐮𝐛𝐫𝐨𝐨 𝐌𝐚𝐚𝐫𝐢𝐲𝐚𝐚𝐦 𝐢𝐫𝐫𝐚𝐭𝐢𝐢 𝐅𝐨𝐨𝐧 𝐮𝐟𝐟𝐚𝐭𝐞𝐞𝐧𝐢𝐢𝐝𝐡𝐚. 𝐈𝐧𝐧𝐢𝐬 𝐦𝐢𝐬𝐢𝐫𝐚𝐚𝐜𝐡𝐨𝐨 𝐞𝐫𝐠𝐚𝐦𝐚 𝐆𝐚𝐛𝐫𝐢𝐞𝐥 𝐢𝐫𝐫𝐚𝐚 𝐞𝐞𝐠𝐚𝐥𝐞𝐞 𝐝𝐡𝐮𝐠𝐚𝐚 𝐛𝐚𝐡𝐮𝐦𝐬𝐚 𝐡𝐞𝐞𝐝𝐝𝐮𝐭𝐮 𝐉𝐢𝐫𝐚 . # 𝐐𝐮𝐥𝐪𝐮𝐥𝐥𝐮𝐮 𝐆𝐚𝐛𝐫𝐢𝐞𝐥 𝐰𝐚𝐚𝐪𝐚𝐲𝐲𝐨𝐨 𝐛𝐢𝐫𝐚𝐚 𝐞𝐫𝐠𝐚𝐦𝐞𝐞 𝐝𝐡𝐮𝐟𝐞𝐞 𝐃𝐮𝐛𝐫𝐨𝐨 𝐌𝐚𝐚𝐫𝐢𝐲𝐚𝐚𝐦𝐢𝐢𝐧  "𝐃𝐮𝐛𝐚𝐫𝐨𝐨𝐭𝐚 𝐡𝐮𝐧𝐝𝐮𝐦𝐚 𝐤𝐞𝐞𝐬𝐬𝐚 𝐀𝐝𝐝𝐚𝐚𝐧 𝐛𝐚𝐚𝐭𝐞 𝐤𝐚𝐧 𝐞𝐞𝐛𝐛𝐢𝐟𝐚𝐦𝐭𝐞𝐝𝐡𝐚 ,"𝐖𝐚𝐚𝐪𝐚𝐲𝐲𝐨 𝐠𝐨𝐨𝐟𝐭𝐚𝐚𝐧 𝐬𝐢𝐢 𝐰𝐚𝐣𝐣𝐢𝐧 𝐣𝐢𝐫𝐚'𝐨, 𝐍𝐚𝐠𝐚𝐚𝐧 𝐬𝐢𝐢𝐟 𝐡𝐚𝐚 𝐭𝐚'𝐮, ,𝐘𝐚𝐚 𝐀𝐲𝐲𝐚𝐚𝐧𝐚-𝐪𝐚𝐛𝐞𝐞𝐭𝐭𝐢𝐢!" 𝐢𝐭𝐭𝐢𝐢𝐧 𝐣𝐞𝐝𝐡𝐞 ,"𝐇𝐚𝐟𝐮𝐮𝐫𝐫𝐢 𝐪𝐮𝐥𝐪𝐮𝐥𝐥𝐮𝐮𝐧 𝐬𝐢 𝐢𝐫𝐫𝐚 𝐢𝐧 𝐛𝐮'𝐚, ,𝐡𝐮𝐦𝐧𝐢 𝐚𝐚𝐛𝐛𝐚𝐚𝐬 𝐬𝐢 𝐠𝐨𝐥𝐛𝐨𝐨𝐛𝐚, 𝐬𝐢 𝐢𝐫𝐫𝐚𝐚 𝐝𝐡𝐚𝐥𝐚𝐭𝐮 𝐤𝐮𝐧 𝐪𝐮𝐥𝐪𝐮𝐥𝐥𝐮𝐮𝐝𝐡𝐚𝐚 𝐢𝐥𝐦𝐚 𝐖𝐚𝐚𝐪𝐚𝐲𝐲𝐨𝐨𝐝𝐡𝐚..𝐋𝐮𝐪. 𝟏²⁸  #"𝐐𝐮𝐥𝐪𝐮𝐥𝐥𝐞𝐞𝐭𝐭𝐢𝐢𝐧 𝐄𝐥𝐬𝐚𝐛𝐞𝐭 𝐇𝐚𝐚𝐝𝐡𝐚 𝐆𝐨𝐨𝐟𝐭𝐚𝐚 𝐤𝐨𝐨𝐭𝐢𝐢 𝐝𝐡𝐮𝐟𝐭𝐞𝐞 𝐚𝐤𝐤𝐚 𝐧𝐚 𝐝𝐮𝐛𝐛𝐢𝐟𝐭𝐮𝐮𝐟, 𝐮𝐥𝐟𝐢𝐧𝐧𝐢 𝐡𝐚𝐦𝐦𝐚𝐧𝐚 𝐠𝐚'𝐮 𝐞𝐞𝐬𝐬𝐚𝐚 𝐚𝐧𝐚𝐚𝐟 𝐭𝐚'𝐞?  — 𝐋𝐮𝐪. 𝟏:𝟒𝟑 #𝐐𝐮𝐥𝐪𝐮𝐥𝐥𝐮𝐮𝐧 𝐃𝐚𝐚𝐰𝐰𝐢𝐭 𝐌𝐮𝐜𝐚𝐚 𝐊𝐨𝐨 𝐢𝐭𝐭𝐢𝐢𝐧 𝐣𝐞𝐝𝐡𝐞𝐞𝐫𝐚.  𝐅𝐚𝐫 𝟒𝟒: 𝟗  # 𝐌𝐨𝐨𝐭𝐢𝐜𝐡𝐢 𝐒𝐨𝐥𝐨𝐦𝐨𝐧 𝐎𝐛𝐛𝐨𝐥𝐞𝐞𝐭𝐭𝐢 𝐊𝐨𝐨 𝐣𝐞𝐝𝐡𝐞𝐞𝐫𝐚. 𝐖𝐞𝐝 𝟓:𝟏 # 𝐐𝐮𝐥𝐪𝐮𝐥𝐥𝐮𝐮 𝐘𝐨𝐡𝐚𝐚𝐧𝐧𝐢𝐬𝐢𝐟 𝐇𝐚𝐚𝐝𝐡𝐚 𝐭𝐚𝐚𝐭𝐞𝐞 𝐤𝐚𝐧 𝐤𝐞𝐧𝐧𝐚𝐦𝐭𝐞𝐞𝐝𝐡𝐚. 𝐘𝐨𝐡 𝟏𝟗:𝟐𝟔  #𝐃𝐮𝐛𝐫𝐨𝐨𝐧 𝐦𝐚𝐚𝐫𝐢𝐲𝐚𝐚𝐦𝐢𝐢𝐧𝐢𝐬 𝐄𝐠𝐚𝐚 𝐚𝐦𝐦𝐚𝐚 𝐣𝐚𝐥𝐪𝐚𝐛𝐞𝐞 𝐝𝐡𝐚𝐥𝐨𝐨𝐧𝐧𝐢 𝐡𝐮𝐧𝐝𝐢𝐧𝐮𝐮 𝐚𝐲𝐲𝐚𝐚𝐧𝐚-𝐪𝐚𝐛𝐞𝐞𝐭𝐭𝐢𝐢 𝐚𝐧𝐚𝐚𝐧 𝐣𝐞𝐝𝐡𝐮.𝐖𝐚𝐚𝐪𝐚𝐲𝐲𝐨 𝐢𝐧𝐧𝐢 𝐝𝐚𝐧𝐝𝐚'𝐚𝐚𝐧, 𝐰𝐚𝐚𝐧 𝐠𝐮𝐝𝐝𝐚𝐚 𝐚𝐧𝐚𝐚𝐟 𝐠𝐨𝐝𝐡𝐞; 𝐦𝐚𝐪𝐚𝐚𝐧 𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐪𝐮𝐥𝐪𝐮𝐥𝐥𝐮𝐮 𝐝𝐡𝐚. 𝐆𝐨𝐜𝐡𝐚𝐚𝐧 𝐰𝐚𝐚𝐪𝐚𝐲𝐲𝐨𝐨 𝐢𝐬𝐡𝐞𝐞𝐟 𝐠𝐨𝐝𝐡𝐞 𝐡𝐢𝐦𝐭𝐞𝐞𝐭𝐭𝐢 . 𝐋𝐮𝐪 𝟏:𝟒𝟖 #𝐐𝐮𝐥𝐪𝐮𝐥𝐥𝐮𝐮𝐧 𝐀𝐠𝐢𝐧𝐚𝐱𝐢𝐲𝐨𝐬 𝐢𝐧𝐧𝐢 𝐀𝐧𝐭𝐬𝐨𝐨𝐤𝐢𝐲𝐚𝐚  𝐊𝐢𝐫𝐢𝐬𝐭𝐚𝐚𝐧𝐨𝐭𝐚 𝐄𝐟𝐞𝐬𝐨𝐨𝐧𝐢𝐟 𝐞𝐫𝐠𝐚𝐚 𝐛𝐚𝐫𝐫𝐞𝐞𝐬𝐬𝐞 𝐢𝐫𝐫𝐚𝐭𝐭𝐢 𝐀𝐤𝐤𝐚 𝐢𝐛𝐬𝐞𝐭𝐭𝐢 " 𝐃𝐮𝐫𝐛𝐮𝐦𝐦𝐚𝐚𝐧 𝐃𝐮𝐛𝐫𝐨𝐨𝐧 𝐦𝐚𝐚𝐫𝐢𝐲𝐚𝐚𝐦 𝐤𝐚𝐧 𝐛𝐚𝐫𝐚𝐛𝐚𝐫𝐚𝐚 𝐭𝐚𝐮𝐮 𝐢𝐬𝐚𝐚, 𝐀𝐦𝐚𝐧𝐮'𝐞𝐞𝐥 𝐃𝐚𝐡𝐮𝐮 𝐈𝐬𝐡𝐞𝐞, 𝐃𝐮'𝐚 𝐆𝐨𝐨𝐟𝐭𝐚𝐚 𝐡𝐢𝐧 𝐝𝐮𝐮𝐧𝐞𝐞"𝐤𝐮𝐧𝐧𝐞𝐞𝐧 𝐬𝐚𝐝𝐚𝐧 𝐨𝐠𝐞𝐞𝐬𝐬𝐨𝐭𝐚𝐚 𝐟𝐢 𝐛𝐢𝐭𝐭𝐨𝐨𝐭𝐚 𝐀𝐝𝐝𝐮𝐧𝐲𝐚𝐚 𝐤𝐚𝐧𝐚𝐚 𝐣𝐚𝐥𝐚𝐚 𝐈𝐜𝐜𝐢𝐭𝐚 𝐝𝐡𝐨𝐤𝐚𝐭𝐚𝐧𝐢𝐢𝐝𝐡𝐚." 𝐣𝐞𝐝𝐡𝐞𝐞 𝐢𝐜𝐜𝐢𝐭𝐢𝐢𝐧 𝐊𝐮𝐧 𝐠𝐮𝐝𝐝𝐚𝐚 𝐭𝐚𝐮𝐮 𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐢𝐛𝐬𝐞𝐞𝐫𝐚. #𝐆𝐚𝐥𝐚𝐭𝐧𝐢 𝐈𝐬𝐡𝐞𝐞 𝐤𝐚𝐧 𝐛𝐚𝐚𝐲'𝐚𝐭𝐞𝐞𝐟 𝐐𝐮𝐥𝐪𝐮𝐥𝐥𝐮𝐮 𝐄𝐟𝐢𝐫𝐞𝐦 𝐢𝐧𝐧𝐢 𝐒𝐨𝐨𝐫𝐢𝐲𝐚𝐚 "𝐘𝐚𝐚 𝐆𝐨𝐨𝐟𝐭𝐚𝐚 𝐦𝐚𝐬𝐞𝐞𝐧𝐪𝐨𝐧 𝐥𝐚𝐩𝐡𝐞𝐞 𝐊𝐨𝐨 𝐤𝐚𝐤𝐚𝐚𝐬𝐞 𝐒𝐚𝐠𝐚𝐥𝐞𝐞 𝐊𝐨𝐨 𝐨𝐥𝐤𝐚𝐬𝐞𝐞 𝐌𝐮𝐜𝐚𝐚 𝐃𝐚𝐚𝐰𝐰𝐢𝐭 𝐤𝐚𝐧 𝐭𝐚𝐚𝐭𝐞 𝐇𝐚𝐚𝐝𝐡𝐚 𝐆𝐨𝐨𝐟𝐭𝐚𝐚 𝐃𝐮𝐛𝐫𝐨𝐨 𝐌𝐚𝐚𝐫𝐢𝐲𝐚𝐚𝐦 𝐚𝐤𝐤𝐚𝐧 𝐠𝐚𝐥𝐚𝐭𝐞𝐞𝐟𝐟𝐚𝐝𝐡𝐮𝐟, 𝐉𝐢𝐫𝐞𝐞𝐧𝐲𝐚 𝐀𝐝𝐝𝐮𝐧𝐲𝐚𝐚𝐟 𝐊𝐚𝐧 𝐤𝐞𝐧𝐧𝐞 𝐤𝐚𝐧 𝐝𝐞𝐞𝐬𝐬𝐞 𝐇𝐚𝐚𝐝𝐡𝐚 𝐈𝐬𝐚𝐚 𝐤𝐚𝐧 𝐭𝐚𝐚𝐭𝐞𝐞𝐟 𝐈𝐬𝐡𝐞𝐞 𝐚𝐤𝐤𝐚𝐧 𝐨𝐥 𝐨𝐥 𝐪𝐚𝐛𝐮𝐮𝐟" Dabalees "𝐒𝐚𝐦𝐦𝐮𝐮 𝐡𝐮𝐧𝐝𝐚𝐚 𝐨𝐥 𝐤𝐚𝐧 𝐭𝐚'𝐞 𝐰𝐚𝐧𝐭𝐚 𝐤𝐚𝐧𝐚𝐚𝐟 𝐚𝐣𝐚𝐚𝐲𝐢𝐛𝐬𝐢𝐟𝐚𝐧𝐧𝐚𝐧 𝐧𝐢 𝐭𝐚'𝐚.

  • https://youtu.be/iPJ70_kJeuQ?si=RBG4sGGiqpilXWyw

  • 26 янв. 2024 г.78887из orto02

    Walaloo kutaa 101 ✅✅✅✅✅✅✅ Deemsa dabaquula ☝️☝️☝️☝️☝️☝️☝️☝️ Walaloo kana dubbiisun Duraa kanneen darbaniis dubbiisa 🌿🌿🌿🌿🌿🌿🌿 🌿🌿🌿🌿🌿🌿🌿 🌿🌿🌿🌿🌿🌿🌿 Buhaa bahii jireenyaf Gaafan buhee bahuu Abjuuko dhugoomsuf Kayyoof ciicha'uu Qoree dhoqqee keessas Nan argaanne darbeera Kiyyoo naf kahamees Gooftan diigeera 💕💕💕💕💕💕💕 Diinniko gowwaadha Ofuuma dhama'aa Badiisa kof jecha Gaara yabee buhaa Waahee kof dhiphaata Karoora baafate Dhiigan itti fayyaamen Kiyyoosa buututee 💥💥💥💥💥💥💥💥 Deemsa na dhowwus Guufun duraa kotti na dhabu dandeenye Humniko lafeetti Jabatti hirkaadhen Mo'iicha argaadhe Barruusatti baatameen Boqonnaa argaadhe 💥💥💥💥💥💥💥💥 Gaddiisa isa narra jira Aduun na hinargaatu Addaakorra ifaa Kennaa inni naf laatettu Kanaaf hinyaadu Waahee kof dhiphaadhe Isa hundaa danda'uu Sana tolaa firoomfadhe 🌿🌿🌿🌿🌿🌿🌿🌿🌿 Dukkaanni duraako marsee Deemsako sakaalu yaadnikos duumessaan Oliitti hidhaame eenyuyyu madaalu Diinniko na balleessuuf Kiyyoo baate boodako kaata Na dhiibe galmaako na gahee Jiraachukof dhiphudhan watwaata 💫💫💫💫💫💫💫💫💫 Addeessiko hindhaamu Urjiikos na dhiise godaanu Biiftukos isaa utuube jira Inni isaan hoggaanu Qindoomina jireenya Hiikonsa dhokaata As irratti maada Ogeessi hinhubaata 💫💫💫💫💫💫💫💫 Hammaas sittan himaa Maaloo qalbeeffadhu Ajaandake dhagaahe Ani irbaaticha hinyaadhu Tokkichan firoomeera Jaba hunda olii Tikseeko hinraafnedha Hinqabu madaalii 💫💫💫💫💫💫💫 Deemsa Dabaquula Xiyyoo burqiitu Imaala biiftu Guyyaa lakkooftu Daandii bakakkaa Duumessa keessaatti Gubbiisa bishaan Roobu samiitti Eenyutu hubaate? Qoraate baratee Ogummaa kun Kansatti Qabeenya dhunfaasa Namni kan hinhubaanne Maaf kiyyii qopheessa? 💥💥💥💥💥💥💥💥💥 Konkolaata diina taate hinbaati meeshaasa Diinni diinuuma Badee si balleessa Kan ofii hintolee Akkamiin sif toola? Yaadake booji'ee Abjuuke sakaala 💥💥💥💥💥💥 Ati galatoomii Ulfaadhu waaqakoo Waan dhageessef Simaate kaadhako Utu si filaatin Sittu na filaate Bahaako ulfaatas Ofii ketti baate Yoon maal godheen baasa Gatii jaalala ketti Dhiiga na biite Na dhiiqxe cubbuutti 💥💥💥💥💥💥💥💥 Diinniko baayeedha Kan jibbuu eebbaako Ammaan beeka caalaa Sittu beeka uumakoo Humnikee dachaan Anaf haa baayatuu Diinni na balleessuf katu Qalbii ha jijjiiraatu Hundaaf dhangala'ee Dhiigni maasiicha Martinu faayyee fayyaame Haa seenu galmiicha ✅✅✅✅✅✅✅✅ F/taa D/n Abdiisaan Waldaa waadaa dhiifamarraa Yeroo dubbiista ergaasa hubaadha Yaada fi Gaaffii yoo qabatan naf barreessa. Share,comment ni barbaachiisa ✅✅✅✅☝️☝️☝️ ✅✅✅✅👇👇👇 https//:t.me/OrtoO2

  • 16 янв. 2024 г.70062из orto02

    💥💥💥Akka rooba Arfaasaa💥💥💥 Kaheen barreessaa Galmee seenatti Guyyaan kun anaf Guyyaa addatti 👇👇👇👇👇👇 Wanti urjii gaadii Tasa hinabdaatamu Isaano Akka libsu ijatti Dafaan dhabaamu 💫💫💫💫💫💫💫 Atis kodeeko inni qacceesite Yaadake waan kanatti Irraa deebii kiyyootti si galchu Qalbiike booji'aanitti 💯💯💯💯💯💯💯💯 Inni abdaatamuf galateeffamu Tokkichaa uumadha Isa malee Kan kaatan Imaalli isaan O dha 😭😭😭😭😭😭😭😭 Imimmaan koos yoo roobe Akka rooba arfaasaa Furmaata na taane Maqaadha buhaansa 🧑‍🦼🧑‍🦼🧑‍🦼🧑‍🦼🧑‍🦼🧑‍🦼🧑‍🦼 Kanaaf hinergiisu Hirkoo-ko eenyufuu Garaa keessan kutadha Warrii natti tatan gufuu 🚶🚶🚶🚶🚶🚶🚶🚶🚶 Jireenyi qormaata hinqabne Jireenya miti badiisa Qormaanno daandii jireenya Namatti agarsiisa 🌱🌱🌱🌱🌱🌱🌱 Dachee boqottee hinbeektu Qopheessu kiyyoo Garuu itti hinqabaamne Na/nu egeera waaqayyoo 👬👬👬👬👬👬👬👬👬 Hiriyaako kan waliin jiraannu Akka harkaa mirgaa fi bitta Kan waliin dhaadannuu Utubdu nan taane Gaafan abdii kutu 🪴🪴🪴🪴🪴🪴🪴 Kanaaf itti hinhirkiisu Yaadako waan lafatti Buhaasa argeera Ammaan hubadheetti 💥💥💥💥💥💥💥 Isin Kan dubbiistan Barreeffama kana Irraa barattan Share dagatiina ☝️☝️☝️☝️☝️☝️ https://t.me/OrtoO2 W/Eliyaas Dirree:nagaa haadha Kèêñyá kidaanemiraat irraa Fac:07/05/2016