JIREENYA KAAYYOON
СтатистикаJireenya ofi akkataa kaayyoo ofitti gaggefachuu kan nama barsiisudha!
- Последний пост
- 23 апр.
- Последнее чтение
- 14 авг.
- Постов за неделю
- 0
- Всего постов
- 21
- Тип
- открытый
- Язык
- om
- В каталоге с
- 14 авг.
- 1/24сутки в ленте
- —
- 1/48двое суток
- —
- 1/72трое суток
- —
Оценка по просмотрам недавних постов: пост набирает почти всё за первые сутки.
Посты
https://t.me/farfannaafaanoromoo
Dubbiin afaan keenya keessaa ba'u, jireenya keenya irratis ta'e kan namoota biroo irratti dhiibbaa guddaa qaba. Kanaaf iyyuuu dubbii arraba keenyaaf of haa eeggannu! Dubbin nuti dubbannu:- 👉Dubbii ijaaru 👉Dubbii dhaabu 👉Dubbii nagaa buusu 👉Dubbii boqonnaa namaaf kennu 👉Dubbii eebbisu 👉Dubbii yaada namaa fayyisu 👉Dubbii qajeelaa 👉Dubbii isa dhaga'uuf ayyaana dabalu Dubbii waaqayyoon kabaju 👉Dubbii namoonni yesuusin akka arganiif gargaaru nuuf ta'u qaba. Dubbiin afaan keenyaa, 🔷kakuu nu dhaalchisa. Kakuu nu dhabsiisas. 🔷Nu jabeessa, Nu laaffisas 🔷Nu oonnachiisa, ni dhiboomsas 🔷Nu injifachiisa, nu kuffisas. 🔷Itti nu fufsiisa, deemsa irraa nu dhaabas. 🔷Gara waaqayyootti nu buta, waaqayyoon irraa nu fageessas. Eebbaaf ta'a 🙏
Amala Namoota Ciccimoo ▬▬▬▬▬▬▬▬▬ ❏ Namootni ciccimoon kaayyoo sirrii ta'een gaggeeffamu. Kaayyoo isaanii kanaafis bulu. Gochi isaan guyyaa guyyaatti hojjetan, dubbii isaan dubbatanii fi barreessan hedduun isaa qaama kaayyoo isaanii kanadha. Sammuu isaanii fi hubannaadhaan gaggeeffamu malee oduu namaan hin bulan. Oduun namoota akkasii irrattis ta'ee biratti yoo odeeffamu, isaaniin hin ajaa'ibu. Wanti ta'aa jiru hedduun isaa wanta isaan duraan yaadaniidha. Maal akka yaadan, maal gochuu akka qaban, rakkoo tokkoof maddi isaas falli isaas maal akka ta'e buusanii baasanii yaadu. Namoota furmaataati malee rakkoo-uumtota miti. ❏ Namoonni ciccimoon, wanti hojjetamuu fi odeeffamu kam iyyuu fedhii isaanii malee akka dhiibbaa hin taane irratti hin godhanneef of eeggatu. Maal akka dhaggeeffatan, maal akka dubbisan, maal akka dubbatan, maal akka raawwatanis bareechisanii beeku. ❏ Amaloota namoota bebbeekoo keessaa inni biraan tokko immoo, yeroo hundumaa sammuun isaanii banaadha. Beekumsa dabalachuuf, ogummaa fi dandeettii dabalachuuf, gabbifachuuf yeroo hundumaa banaadha. Wanta gaarii irraas, wanta hamaa irraas wanta baratan qabu. Maal akka godhanis irraa hubatu malee ittiin hin miidhamani. ❏ Cimina isaanii namoota duratti mirkaneessuufis hin dhiphatani. Namootni yoo isaan hubatanis hubachuu baatanis, isaan, irra caalaa waanuma gochuu qaban godhu malee haalaa fi oduudhaan hin jeeqamani. ❏ Of hin tuulani. Siluma iyyuu cimoo waan ta'aniif, ofii isaanii fakkaatu malee, akka nama cimaa hin taanee nama cimaa fakkaachuuf yaaluuf of hin tuulani. Amalli hamma ofiin alatti of tuuluus, amala nama cimaa hin taanee akka ta'e bareechanii beeku. ❏ "Of hin jajanis." Hojiin isaanii inni gaggaariin akka isaan boonsu waan beekaniif, ofiin of leellisuuf hagas mara hin dadhabani. Via OP
🕹 HABITS FOR HAPPINESS ⭐ Believe in God ⭐ Be kind ⭐ Eat well ⭐ Exercise ⭐ Meditate ⭐ Be honest ⭐ Dream big ⭐ Be patient ⭐ Smile often ⭐ Love yourself ⭐ Forgive easily ⭐ Show gratitude ⭐ Think positively ⭐ Drink lots of water ⭐ Keep an open-mind ⭐ Don't make excuses ⭐ Speak well of others ⭐ Listen to understand ⭐ Choose faith over fear ⭐ Make the most of now Thank you 🙏🙏
Amaloota namoota milkaa'anii 7: ❍ Akka hayyuu xinsammuu Steevan Koovey kitaaba isaa 'The Seven Habits of Highly Effective People' keessatti barreessetti namoonni jiruu fi hojii isaanii keessatti milkaa'an amaloota tokko isaan godhu torba qabu! Amaloonni kunneen qorannaaf qo'annaa bara dheeraatin booda kan argamaniidha. Kitaabni kuni akka addunyaatti kan garmalee dubbifame keessaa isa tokko. AMALOOTA TORBAN: 1. Be Proactive ⁃ Nama dursee yaadu, osoo rakkoon tokko hin dhalatiniin duratti nama itti qophaa'u ta'uu. Waan fagoodhaa namatti as deemaa jiru lafuma jala tilmaamudhaan itti qophaa'uu! 2. Begin with the end in mind ⁃ Waan tokko wayita eegalan kaayyoo dhumaa sammuu keessatti qabaachuu, waan hunda dura mul'ata isa dhumaatif xiyyeeffannaa guddaa kennuu. Gufuulee xixinnoo nama mudataniin sakaalamuu osoo hin ta'in kaayyoo keenya bira gahuuf kaayyeffanne sana yaadachuun jabaachuu. 3. Put first things first ⁃ Waan dursuu qabu dursuu. Waan hunda altokkotti galmaan gahuun waan hin danda'amneef wanta dursa kennuufii qabnu dura hojjechuu. 4. Think Win Win ⁃ Hariiroo namoota waliin qabnu keessatti gareen lameenuu haala itti injifatu irratti xiyyeeffachuu. Ofuma qofaaf milkaa'uu fi gammaduu osoo hin ta'in namoonni kan biroos akka gammadan yookin akka sababa keenyaan miidhaan irra hin geenye yaalii godhuu. 5. Seek First to understand and then to be understood ⁃ Namoonni maalif na hin hubanne jechuudhaan duratti namoota hubachuudhaaf yaaluu! 6. Synergize ⁃ Wantoota hojjannu keessatti waan qabnu hunda, yeroo, dandeettii, maallaqa keenya wal dandeessisuu; keessattuu akka dhaaba tokkootti yookiin waajjira tokkootti yoo sochoonu wantoota qabnu wal simsiisnee hojjachuu! 7. Sharpen the Saw ⁃ Ilaalcha keenya qaruu. Waan tokko akkaataa sirrii ta'een hubachuuf yaaluudha. Egaa kana fakkaata. Waan kana irraa waan guddaa akka hubattan abdiin qaba. Toora miidiyaa koo sirrin kan #qofa 👇🏾👇🏾👇🏾👇🏾👇🏾👇🏾👇🏾👇🏾👇🏾👇🏾👇🏾 Telegram | Facebook | TikTok | page Keessan na argachuuf @WABIISG Galatoomaa Sanyii Guddataa
🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼 BAGA NAGAAN BARA 2018 ISIN GA'E ! HAPPY NEW YEAR 2018 E.C 🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼 👇👇👇👇👇👇👇👇👇 Far 76:16 “Biyyicha keessa midhaan baay'atee irraa haa hafu, hamma bantii tullootaattis gobbatee haa biqilu; iji inni kennus akka kan Libaanon haa bargaagu; namoonnis mandara keessaa, akka marga lafaa haa daraaran!”
Merry Christmas 🎄🎄🎄🎄🌲 Baga yaadannoo dhalachuu gooftaa keenya fayyisaa keenya yesus kiristoos nagaan gessan. 🎄🎄🎄🎄🎄🎄🎄luq 1:31 Kunoo, in ulfoofta ilmas in deessa, maqaa isaa immoo Yesus jedhii moggaasi*! 32 Inni guddaa in ta'a ilma aabbaas jedhamee in waamama, Waaqayyo gooftaanis teessoo abaabilii isaa Daawit in kennaaf. 33 Mana Yaaqoob irratti bara baraan in mo'a, barri mootummaa isaas dhuma hin qabu” jedhe*
#YESUS_WALIIN_BARABARAAN_JIRAANNA! ✅Egaa wanti dhugaan nuti eegnu kan nuuf dhufa jenne eeggannu furiin keenya yesuus nuuf dhufa gaafas isa waliin bara baraan jiraanna bakka beelli,dheebun ,dadhabiifi wanti hamaan kamiyyu keessa hin jirre sana yesus waliin baraa hamma baraatti wajjin jiraanna Akkuma yesuus dubbate👇 ✅Yommuun dhaqee iddoo sana isiniif qopheessus, iddoodhuma ani jiru isinis akka jiraattaniif, deebi'ee dhufeetan gara ofii kootiitti isin fudhadha*. W/yohannis 14:3. Itti fufee.... 👉. Halkanis deebi'ee hin argamu; Waaqayyo gooftaan ifa isaanii ta'uuf waan jiruuf, ifni ibsaa, ifni aduus isaaniif hin barbaachisu. Isaan baraa hamma bara baraatti mo'uuf jiru* warri yesuusitti amanaan isa wajjin baraa hamma bara baraatti moo'ufjiru ammayyu! Mul'ata yohannis 22:5 👉👉Inni wanta kana hundumaa dhugaa baasises, “Haa ta'u! Ani dafee nan dhufa” in jedha. Ameen! Kottu, gooftaa Yesus*! Mul'ata Yohannis 22:20 Ameen Kanaafu dubbi kanaan wal jajjabeessaa jedhe https://t.me/jirenyaa
без подписи
без подписи
@DU'AA_KA'UU_YESUSIIN_JIREENYA_BARABARAA_ARGANNE Karaa Kristos Yesus isumaa wajjin du'aa nu kaase, isumaa wajjin bantii waaqaa keessaa iddoo nuuf kenne, nu teessises.” — Efe. 2:6 ✳️➡️“Waaqayyo isa tokkicha, isa dhugaa, Yesus Kiristosin isa ati ergites beekuun isaanii jireenya bara baraa ti.” — Yoh. 17:3 ➡️“Isaan kun garuu, Yesus, Kristosicha, ilma Waaqayyoo ta'uu isaa akka amantaniif, amanachuu keessaniinis maqaa isaatti jireenya akka qabaattaniif caafaman.” — Yoh. 20:31 ✳️➡️“Abdiin inni nu abdachiise isa kana; innis jireenya bara baraa ti.” — 1Yoh. 2:25 Egaa Karaa yesuusin jireenya barabaraa argateetta Join https://t.me/jirenyaa
без подписи
без подписи
#kan_sagadufi_qabnu_waaqayyo_yesus_kiristoos_qofaafi ✅👉Akkuma dubbin waaqayyo dubbatu kan sagadamun qabuuf yesusif wanti hundinu ulfina maqaa isaatin bitameera Akkasumaas m/qulqullun akka jedhu ✅✳️Kanaanis warri bantii waaqaa keessa jiran, warri lafa irraa, warri lafa jala jiranis hundinuu ulfina maqaa Yesusiif jilbeenfatanii akka sagadan godhe*. Arrabni hundinuus, ulfina Waaqayyoo abbaatiif, Yesus Kristos gooftaa akka ta'e beeksisuuf jiru*. Filp 2:10_11 Kana malees sagada kan fudhatu ykn kan maluuf waaqayyo male nama miti ykn qaama biraa kamifiyyu sagadi hin malu. Kan maluuf isa bifa waaqayyo inni hin muldhanne karaa isaa ittin namatti muldhate yesus kiristoosif malee 👉Kristos, bifa Waaqayyo inni ijaan hin argamne ittiin namatti mul'atuu dha; uumama hundumaa duras dhalate* Qolosayis 1:15 ✳️Isa gooftumaan hundi kennameef 👉Yesus immoo gara isaaniitti dhi'aatee, “Gooftummaan hundinuu waaqa irratti lafa irrattis anaaf kennameera*. Wangeela Maatewos 28:18 ➡️Kana malees akkuma waaqeffatamaa ture ammas itti fufee baraa hamma bara baraattis kan waaqeefamu isumadha ✅👉Isaan sagalee guddaadhaan, “Hoolichi inni qalame aangoo, badhaadhummaa, ogummaa, humna, ulfina, guddina, hooqubaa fudhachuuf kan malee dha” jedhan*. Wanti waaqa irratti, lafa irratti, lafa jalatti, galaana keessatti uumamee, isaan keessa jirus hundinuu, “Hooqubaan, ulfinni, guddinni, aangoon, isa teessoo irra taa'ee jiru sanaaf, hoolichaafis baraa hamma bara baraatti haa ta'u!” jechuu isaanii nan dhaga'e*. Mul'ata Yohannis 5:12-13 Ulfinni guddinis waaqeefammun baraa hamma bara baraatti isaa haa ta'u🙏🙏🙏🙏🙏 Ameen Join #jireenya_kaayyoon
#fayyinni_yesus_duwwaadhaan_male_hin_jiru Fayyinni yesus qofaan malee hin jiru akkuma macaafni qulqulluun jedhu ➡️✳️ Inni kun dhagicha, isa isin warri ijaartuun tuffattan, inni garuu dhagaa mataa golee qajeelchu ta'e*. ✳️ Fayyinnis Yesus Kristos duwwaadhaan malee, kan biraatiin tokko illee hin jiru; maqaan kan biraa, ittiin fayyuun kan nuuf ta'u, waaqa jalaa ilmaan namootaaf hin kennamne” jedhe. Hojii ergamoota 4:11-12 Akkasumas namni kamiyyu yoo fayyu barbaadee ykn karaa fayyinaa barbaade karaa yesus qofaadha ➡️✳️ Waaqayyo jireenya bara baraa nuuf kenne; egaa dhugaan isaa isa kana; jireenyi bara baraa kunis ilma isaa keessatti argama*. Namni ilma Waaqayyoo qabaatu jireenyicha qaba; namni ilma Waaqayyoo hin qabaanne, jireenyicha hin qabu*. 1 yohaannis 5:11-12 👉Kanaafu ati jireenya kan argattu yesusitti amanu qofaani ✅Isaan immoo, “Gooftaa Yesusitti amani, ati in fayyita, maatiin kees in fayyu” jedhanii deebisaniif*. Hojii Ergamootaa 16:31 Warri isatti amanan isa wajjin barabaraan jiraatu Ameen
без подписи
✅Egaa cubbuun karaa nama tokkoo biyya lafaatti akkuma dhufe, duunis karaa cubbuu akka gale, akkasumas namoonni hundinuu waan yakkaniif duuni sanyii namaa hundumaa wal ga'e. ✅Utuma seerichi hin kennamin iyyuu cubbuun biyya lafaa irra jira ture; garuu lafa seerri hin jirretti cubbuun hin lakkaa'amu! G/W/Room 5:12-13 ✳️Akkasumas kanaan dura ilmaan namaa hundinuu sababii yakka isaatiif waaqayyo irraa kan fagaachaa deeme ture 👉Garuu waaqayyo ilmaan namaa akkasitti dhiisu waan hin feeneef cubbu keessa ilmaan namaa hundumaa karaa tokko baasu jaalate Innis: Karaa Yesus Kiristoos qofa, karaan ittin cubbuu nama irratti mo'e kana jalaa bahan. ✅Waaqayyo garuu, utuma nuyi cubbamoota taanee jirruu, Kristos nuuf du'uu isaatiin hammam akka nu jaallate in argisiisa. ✅Kanaafis amma nuyi dhiiga isaa isa dhangala'een qajeelota erga taanee, hammam caalaatti isumaan immoo dheekkamsa Waaqayyoo jalaa ooluuf jirra*! ✅Nuyi amma illee diinota utuma jirruu, du'a ilma isaatiin Waaqayyotti erga araaramnee, amma immoo nuyi warri isatti araaramne jireenya isaatiin hammam caalaatti ooluuf jirra*! ✅Kana duwwaas miti, gooftaa keenya Yesus Kristosiin amma araara waan qabnuufis Waaqayyotti gammaduu keenya in himanna malee. G/W/Room 5:8-11 ✅Akkuma cubbuun karaa du'aa mo'e, ayyaannis karaa gooftaa keenyaa Yesus Kristos gara jireenya bara baraatti nu geessuudhaaf qajeelummaadhaan in mo'a! G/W/Roomaa 5:21 Akasumas, ✅Hundinuu yakkaniiru, ulfinni Waaqayyoos isaanitti hir'ateera. ✅ Isaanumti immoo ayyaana Waaqayyoo isa karaa furii Yesus Kristos tola isaaniif kennameen, qajeelota in ta'u! G/W/Roomaa 3:23-24 👉Kanaafu karaan nuti ittin cubbuu keenya jalaa bahuu dandeenyuu karaa YESUUS KIRISTOS qofaani👌 @like @share @comment @dhugaaf_dhugaa_bahuun_itti_fufa @jireenya_kaayyoon
без подписи
без подписи
Araarri Waaqayyoo garuu baay'ee waan ta'eef, jaalala isaa isa guddaa sanaan nu jaallate*. Nuyi irra-daddarbaa keenyaan karaa hafuuraa du'oo taanee utuma jirruu, inni warra Kristosii wajjin jiraatan nu godhate; isin ayyaana Waaqayyootiin fayyifamtan*. Waaqayyo akkanumatti nu jaalate yeroo nu jaalate nuti waa goonefi miti akkanumatti kaayyoo nu fayyisuu fi jireenyatti nu fiduu waan nuuf qabufi badisa jalaa nu bararuuf nu jaalate kanaafu akkanumatti karaa isaa jaalatamneera Ammayyu waaqayyo si jaalata! Ameen