Jechamoota fi Falaasamoota(joobiira)
Статистика★Chaanali kanaa kessaatti Falasamoota fi Jechaamoota adda addaa ni argaattu. 👉 join @joobiira 👇 @joobiira ✰ @joobiira ✰ @joobiira ✰ @joobiira ✰ @joobiira Ya͟a͟d͟a͟ k͟e͟e͟s͟s͟a͟n͟i͟f͟ 👉@walal5
- Последний пост
- 14 июл.
- Последнее чтение
- 14 авг.
- Постов за неделю
- 0
- Всего постов
- 21
- Тип
- открытый
- Язык
- om
- В каталоге с
- 14 авг.
- 1/24сутки в ленте
- —
- 1/48двое суток
- —
- 1/72трое суток
- —
Оценка по просмотрам недавних постов: пост набирает почти всё за первые сутки.
Посты
➲ “Haala si mudatu waliin jireenyakee wal fudhachiisuuf yaalii godhi malee; akkan barbaadu ta’uu qaba hin jedhin.” Maartiin Luuter Kiingi. ➲ “Addunyaan kun bor ni baddi yoo naan jedhan illee har’a sanyii facaasuu hin dhiisu.” Maartiin Luuter Kiingi. ➲ “Namni tokko yommuu kufu hin injifatamu, yommuu abdii kutatu injifatama.” Riichaard Niiksoon. ➲ "Of wallaaluun of awwaaluudha" Miratuu Shaanqooo. ➲ "Namni waan siin jedhu hindhabu ofiinuu waa jedha waan ta'eef" Abdii Taammanee. ➲ “Namni dogoggora hojjetee hin beekne nama homaa tokko yaalee hin beeknedha.” Albeert Inistaayin. ➲ “Nagaan waliigalteedhaan malee humnaan hin argamu.” Albeert Inistaayin. ➲ “Sababan gatiittii namoota gurguddoo irra dhaabbadheefan namoota kaan caalmaatti fageessee ilaaluu danda’e.” Iyezak Niiwtan. ➲ "Of beekuuf murtoo hinqabdu taanaan of beektes murtoo hinmurteessitu" Miratuu Shaanqoo. ➲ “Hiyyeessa taatee dhalachuun kee dogoggora kee miti, carraadha. Hiyyeessa taatee du'uun garuu dogoggora keeti.” Biil Geet. ➲"Haasaa abbaan barbaade bulbulu ani hindhugu" Abdii Taammanee. ✰➲ “Karaa milkaa’inatti geessu hin beeku yoon ta’ellee karaa kufaatiitti geessu nan beeka, innis namoota hundaa gammachiisuuf dhama’uudha.” Biil Koosbiil ➲ “Kun hundumtuu ta’ullee ammayyuu ilmaan namootaa gaariidha jedheen yaada.” Haannaa Firaank. ➲ “Maqaa diinota keefi hojii isaan si irratti hojjetan hin irraanfatin, balleessaa isaaniif garuu dhiifama godhi.” Joon F Keenedii. ➲ “Addunyaa kana irraa wanti baay’ee nama gaddisiisu utuu ija qabanii mul’ata dhabuudha.” Heelen Kiiler. ➲" Waaqatu na muude, isatu na buusa" Roobart Mugaabee. ➲ “Hiyyumnis ta’e sooromni bu’aa ilaalcha keenyaati.” Naappooliyoon Hiil. ➲ “Carraatti cimseen amana yoon jabaadhee hojjedhe immoo carraawwan hedduu akkam argadhus nan amana.” Toomaas Jeefersen. ➲ “Kaleessa caalaa bortu sitti dhihoodha.” Miratuu Shanqoo ➲ Nama tokkoo ol jaalatta taanaan keessa kee kan jiru memory cardii dha malee Onnee miti. Roobart Mugaabee. ➲“Mo’attoonni waan adda ta’e hojjetu miti waanuma jiru karaa adda ta’een hojjetu.” Shiiv keeraa. ➲ “Namni kamillee miilla dhoqqeedhaan sammuu koorra akka ejjetuuf hin eeyyamu.” M. Gaandii. ➲“Dukkanni dukkana hin ibsu; Ifatu dukkana ibsa. Jibbi jibba in ari’u; jaalalatu jibba ari’a.” Maartiin Luuter Kiingi. ➲“Muka ija qabutti dhagaan darbatamu baayyeedha.” Shiiv keeraa. ➲ “Hin danda’amu kan jedhamu wanta hin hojjetamne qofadha.” N. Maandellaa. ➲"Dukkana guddaa keessa ifa xiqqoon darbuu dandeessa" Abdii Taammanee. ➲"Gaa'ela osoo qabduu barattoota dubaraatu si gammachiisa yoo ta'e haadha warraa keef yuunifoormii barataa bitiif." Roobart Mugaabee.
#Gaash_Sibahaat Namni maqaa kee kan balleessu waan sadii sirraa barbaadee yeroo dhabuudha." ❶Faayidaa ofiitiif waa barbaadee yoo dhabe ❷Yoo sitti hinaafe ❸Yoo akka kee ta'uu dadhabe @joobiira @joobiira
#Robert_mugabe Vaalantaayiniin jaalalaaf du'e. Roomiyoonis jaalalaaf du'e.Jaak inni Taayitaanikii keessaas Jaalalumaaf du'e.Saamsoon inni Wangeela keessaas Jaalalaaf jedheeti kan du'e.Gootonni Giriik, Heerkulasii fi Achiilasisi Jaalalaaf du'an.Yesuus Kiristoos illee Jaalalaaf du'e. Meerre kana keessa dubartootni? Tasa Dubartootaaf kennaa Vaalantaayinii jettanii homaa akka hin bitne, hanga isaan dubartoota 5 nama jaalalaaf jedhee du'e dhi'eessanitti! Morma nu ga'e! @joobiira @joobiira
"Suuta deemu hin sodaatin, dhaabbachuu qofa sodaadhu." @joobiira @joobiira
"Nama kamittuu karoorake hin himin, bu'aa kee itti agarsiisi." @joobiira @joobiira
"Hordofaan kee yeroo hunda dinqisiifataake miti." @joobiira @joobiira
"Hiriyyaan nama hundaaf hiriyyaa miti." @joobiira @joobiira
"Jireenya mataa keeti bocuun dirqama keeti." @joobiira @joobiira
Dhiifama jechuu dandeessa, garuu seena jijjiiruu hin dandeessu. @joobiira @joobiira
"Amanamummaan akka burcuqqoo kanaati, al tokko yoo cabe nii suphama; garuu akka isa jalqaba hin ta'u. @joobiira @joobiira
"Guddisi yaadi" @joobiira
▶️Maal yaadda? Yeroo hamaan namoota jajjaboo uuma, namoonni jajjaboon immoo yeroo mijataa uumu. Haalli mijataan immoo namoota dadhaboo uuma. Namoonni dadhaboon immoo yeroo uftaatoofi hamaa uumu. 🫨 @joobiira @joobiira
@oshoo "Namni hunduu keessa isaatti maraatuudha; nama tokkoon maraatuu kan jennu, daangaa yoo darbeedha.Haa ta'u malee, maraatuu kan jedhamaniif fayyaa kan jedhaman gidduu garaa garummaan jiru sadarkaadha." @joobiira @joobiira
Jechoota_Hayyootaa 1. Farda lagaan ga’uu ni dandeessa; garuu obaasuu hin dandeeessu (Ingilizoota). 2. Saroonni lama; lafee tokko irratti, waliif galanii hinbeekani! (Faraansayota) 3.Kan arrabni yaabee dhalchu, kormi yaabee hin dhalchu! (Oromoota) 4. Miilli sochoonaan afaan agabuu hin bulu! Afrikaanota) 5. Bareedinni fuudhaa fi heerumaaf wabii hin ta’u! (Ariyaanota) 6. Iddoo yeroo dulloomtu teessu, iddoo yeroo dargaggummaa kee turte agarsiisa (Gaa’elikaanota) 7. Osuma barnoonni galaana ta’uuyyuu, harroonni garuu daakuu hin danda’an (Gaa’elikaanota) 8. Eenyummaa akaakayyuu kootii hin beeku; ilm ilmasaa garuu maal ta’uuf akka jiru beekuuf nan dhama’a. (Abraham Linkon) 9. Kan abbaan of hin gargaarre carraan isa hin gargaaru. (Oromoota) 10. Kan dhaggeeffatu hubachuuf, jechoota muraasatu isa ga’a (Afrikaa kibbaa) 11. Kan hiriyaa isaarra harka kaa’atee deemu fageenyi karaa itti hin beekamu (Nayijeeriyaanota) 12. Qalqalloon duwwaa jirtu dhaabbachuu hin dandeessu! (Taanzaniyaa) 13. Bareeda kan jennuun bareedinaan osoo hin taane, kan nu gammachiisaniini (Xaaliyaanota) 14. Kan carraa qabu galaanatti osoo darbattanillee qurxummiitu afaanitti qabatee baha! (Araboota) 15. Karaa si baasu osoo hin beekiin, deemsa hin eegalin. (Ingilizoota) 16. Kan fedhu, kan raawwatu nama cimaadha; kan hawwu kan argachuu danda’u immoo, nama abshaala! (Ayerlaandota 17. Dhugaan lubbuu magarsiti; sobni garuu ni tortorsiti. (Oromoota) 18.Akka ganamaa seetee, galgalas narra ejjadhukaa jette kosorruun Oromoota) 19.Taa’umsi dhagaa fi jechi haadha ormaa suuta lafee nama lixa! (Oromoota) 20.Yaanni bilchaataan balbala cufamaa ni saaqa! (Afrikaanota) @joobiira @joobiira
🗣️ Barataa fi Barsiisaa Barataan Yunivarsiitii tokko barsiisaa isaa kan ta'e "piroofeesera tokko wajjiin iddoo bashannanaa taa'ee haasa'a. "Piroofeesarichi, kun barattoota isaa hunda keessaa barataa kana waan sirriitti jaalatuuf akka hiriyyaatti ofitti dhiheessa. Osoo taa'anii wajjin haasa'anii fuuldura isaaniitiin hojjataa qulqulleessaa kan ta'e namichi tokko kophee isaa baafatee kan biqiltuu fi marga naannoo haara galfannaa sana jiru kunuunsaa jiru argan. Barataan kun barsiisaa isaatiin akkana jedhe. "Barsiisaa nuti lachuu har'a mukoofnee jirra. Maaliif akkana hin goone? Namicha kana kophee isaa kana jalaa fuunee erga dhoksinee booda yommuu kophee isaa dhabu waan inni ta'u maaf hin ilaalle?" Piroofeesarichis, barataa isaa gateettii irra qaqqabaa "Yaa jaala koo hagam tokko iyyuu mukoofnee jiraannus harka qalleeyyii dararaatiin mukuu ba'uu yookiin immoo gammaduu hin qabnu. Mee haga san nuti maallaqa qabna waan ta'eef maallaqa keenya kanaan gammachuu kanaa olii haa barbaannu! Deemii kophee namicha kanaa keessa osoo inni hin argin maallaqa keessa kaa'iitii deebi'i! Sana booda yommuu kophee isaa deebi'ee godhatu waan inni ta'u dhokannee wajjin ilaalla jedheen. Barataanis deemee akka barsiisaan isaa jedhe sanatti maallaqa hedduu fuudheetiin osoo namichi isa hin argin kophee namichaa keessa kaa'ee deebi'e. Sana booda dhokatanii haala namichaa cal jedhanii hordofuu jalqaban. 📌 Namichis dalagaa isaa xumuree kootii isaa godhatee kophee isaa kaawwachuu eegale. Haa ta'u garuu kopheen isa quuqee jennaan mulqatee gadi hurgufe. Yommuu kophee isaa gadi hurgufu maallaqni hedduun keessaa gadi harca'e. Namichi ni rifate. Naannawa isaa yommuu ilaalu homtuu hin jiran. Irra deddeebi’ee bitaa fi mirga isaa ilaale. Garuu nama tokkoyyuu arguu hin dandeenye. Namichis mataa isaa raasee mallaqa guurratee kophii isaa keessatti kaawwate. Sana booda kophee isa lammaffaas yommuu kaawwachuuf jedhu bifa walfakkaataa ta'een maallaqa keessatti argate. Namichi amanuu hin dandeenye! yoosuu jilbaan lafatti gadi jilbiiffatee morma isaa gara samiitti ol qabuu dhaan akkana jechuun iyye. "Yaa Gooftaa koo! Kuni hundi dhukkubsachuu haadha manaa kootii argiteetii mii. Si malee eenyuu ishee akka hin gargaarre waan beektuufii mii. "Yaa Gooftaa koo! Kuni hundi ijoolleen koo daabboo nyaatan dhabanii akka rakkatanii jiran argiteetii mii. "Yaa Gooftaa koo galanni siif haa ta'u!" jedhe. ✉️ Baratichi yommuu haala namichaa kana dhokatee daawwatuu fi dhaga'u onneen isaa ni xuqamte. Ijji isaa imimmaan guurte. Piroofeesarichis, akkana isaan jedhe "wanta duratti isa irratti yaadde dalaguun mukuu ba'uu fi itti gammaduu barbaadde caalaa isa kanaan akka gammachuu argatte shakkii hin qabu" jedheen. Baratichis imimmaan isaa ija irraa haqataa, "piroofeeser dhugaa isiniin jedha wantoota hanga har'aatti na barsiiftan keessaa kan barumsa akka har'atti na barsiiftanii hin beektan. Dhugaa dha fudhachuu irra kennuun caaltuu dha" jechuun deebiseef. "Nutis maaloo wantoota gaggaarii qofa haa yaadnuu! bori matuma keenyaaf deebitiiti! @joobiira @Barruu_Beektotaa 📔 Maddaa👉 tg sanyii guddata
Dhiifama gochuu fi dhiifama gaafachuu faajjii amala keetii taasifadhu! Nama yeroo gaddisiistu akkuma dhiifama gaafattu, namni yeroo si gaddisiisus dhiifama godhi. Namni yeroo si gaddisiisus akka si gaddisiise haa beeku; itti himi! @joobiira @joobiira
OSHOn waa'ee Gaa'ilaa ilaalchisee waan gadii kana jedhe turee kitaabicha keessatti. "Jaalalaa fi bilisummaan wantoota wal faana deemaniidha. Lamaan keessaa tokko filattee tokko dhiisuu hin dandeessu. Namni bilisummaa beeku jaalalaan kan guuteedha, namni jaalala beekus bilisummaa kennuuf fedha guutuu qabaata. Nama jaallattuuf Bilisummaa hin kennituuf yoo ta'e, bilisummaa eenyuuf kennita?! Bilisummaa kennuu jechuun homaa jechuu utuu hin taane amanuu jechuudha. Bilisummaan jaalalaan ibsama." @joobiiraa @joobiiraa
'Jecha kee eeggaadhu, sabaabni isaa akkamitti namoota laphee lafoo qaban akka miidhu hin beektu. @joobiira @joobiira
’Gaafa nama badhaasu, badaas nama hin dhamaasu’’ jedhan🤗 Misirroon Gibxii yeroo tokkotti haadha manaa sadii fuudhe. Akka Al Arabiya jedhutti haadhotii manaa sadan maqaan isaanii Asmaa, Bouzii fi Amiraa jedhamu. Misirrichi waa'ee haadhotii manaa isaa yommuu dubbatu jalqaba intala ollaa isaa kan taate Amiraa wajjin jaalalaan qabame jedha. Boodarraa Bouziin jaallate achumaan sadaffa Asmaa waliin wal arguu fi jaalalaan qabamuu isaa hima. Sadan isaaniiyyuu hayyama isaaniitiin guyyaa tokkotti akka fuudhe dubbateera. Via Waliif Tv @joobiira
#Dudhaalee Jireenyaa 👉Principles of Life የህይወት መርሆች 1.Of Fudhachuu(simachuu) 👉Self Acceptance ራስን መቀበል 2.Kaayyoo jireenyaaf jiraachuu 👉 Living for life purpose ለህይወት አላማ መኖር 3. Dorgommii irraa fagaachuu 👉 Avoiding competition ከዉድድር መራቅ 4. Yaada qajeelaa(Gaarii) yaaduu 👉Positive Thinking ቀና ማሰብ 5. Barachuuf fedhii qabaachuu 👉Being willing to learn ለመማር ፍቃደኛ መሆን 6. Ogummaadhaan deddeebi'uu 👉Walking with wisdom በጥበብ መመላለስ 7. Gamna(qaxalee) Ta'uu 👉Being Intelligent ብልህ መሆን 8. Salphaatti mufachuu dhiisuu 👉Taking no offence easily በቀላሉ አለመቀየም 9. Jireenya ofii galateeffachuun gaggeessuu 👉Leading a life with gratitude የምስጋና ህይወት መኖር 10. Waan gaariidhaaf(Fooyya'aadhaaf) deemuu 👉Going for the best ምርጡን መፈለግ 11. Yeroo hubachuu 👉Understand the timing ግዜውን ማወቅ 12. Waan jijjiiruu hin dandeenye fudhachuu 👉 Accept what you can't change መለወጥ የማይችሉትን መቀበል 13. Waraana kee filadhu 👉 Chose your Wars የሚዋጉትን ጦርነት መምረጥ 14. Hundaaf dhiifama gochuu fi haaloo bahuu irraa fagaachuu 👉Forgiving all and avoiding vengeance ሁሉን ይቅር ማለትና በቀልን መተው 15. Gidiraa keessatti cimanii dhaabbachuu 👉Preserve in suffering በመከራ ዉስጥ መፅናት 16. Gammachuu fi boqonnaa qulqulluu qabaachuu 👉Pure joy and rest ንፁህ ደስታና እረፍት 17. Bareedina keessaaf iddoo guddaa kennuu 👉Value inner beauty ለዉስጥ ዉበት ዋጋ መስጠት 18. Gad ofqabuu fi nama tuffachuu dhiisuu 👉Being humble and not despising others ትሁት መሆንና ሌሎችን አለመናቅ 19. Jireenya keessatti naamusa qabaachuu 👉Being disciplined in life በስነ ስርአት መኖር 20. Kennuu fi fudhachuu baruu 👉Giving and receiving መስጠትና መቀበል 21. Onnee kee hordofi. 👉Follow your heart (Instinct) ልብን መከተል 22. Kabajni kan maluuf kabaja kennuu 👉 Give due honor ክብር ለሚገባው ክብር መስጠት 23. Cimanii kadhachuu 👉Pray seriously ተግቶ መፀለይ 24. Seenaa hojjechuuu, yaadannoo(ashaaraa) kaa'anii darbuu 👉Make history, leave legacy Maddaa tg👉 @segnigudeta