tgindex
Asoosama Gaggabaaboo

Asoosama Gaggabaaboo

Статистика
@lammiifанглийский

If you want to promote or feedback on my Chanel please contact me by these link https://t.me/***** Sorry no link yet😏

Последний пост
6 окт. 2021 г.
Последнее чтение
15 авг.
Постов за неделю
0
Всего постов
25
Тип
открытый
Язык
английский
В каталоге с
13 авг.
Подписчики
13 443
+24 за 4 дн.
Сутки
+9
+0,07%
Неделя
 
Месяц
 
Просмотров на пост
42,9 тыс
24 постов
Вовлечённость
319,4%
к подписчикам
Постов в день
0,0
всего 25
Упоминаний
0
каналов
Охват размещения
оценка
1/24сутки в ленте
1/48двое суток
1/72трое суток

Оценка по просмотрам недавних постов: пост набирает почти всё за первые сутки.

Посты

  • The account of the user that owns this channel has been inactive for the last 11 months. If it remains inactive in the next 18 days, that account will self-destruct and this channel will no longer have an owner.

  • 19 июн. 2020 г.83,2 тыс324515

    Reefuun Hubadhe Yeroo ati anaaf jettee Aarsaa guddaa kafalte Homaa natti hin fakkaanne Yaadattuu hin qabanne Yeroo ati anaaf jettee Hiriyyoota keen jibbamtu Sammuunkoo hin xiinxallee Natti hin dhaga'amne homtuu Anoo gootuman of se'e Yeroo ati na gabbartu Yeroo ati anaaf jettee Karoora kee haqxuu Garuu........ dhugaan isaa kana miti Kana ati hunda gootuuf Ani adda taanan miti Kan ati naaf yaaddus Jaalalaaf dursa laatte Ofiikee gad of qabdee Waan narraa hawwitus Hunda narraa dhabdee Hedduu naaf obsite Na dhaggefatteetta Anatu sin qaqabne Har'a fagatteetta Yoomuu sin dagadhu Onnee koo keessa jirta #Miss_u_Siif😭 ✍️ Solomon Garedew 4 any comment 👉@sool_dave @jaalala_dhuga @jaalala_dhuga Join our new channel 👇 @OroArt_vs_artist @OroArt_vs_artist

  • 15 мая 2020 г.80,3 тыс147474

    JAALALA ONLINE IRRAA Seenaa dhugaa irratti kan hundaa'e @Sool_dave'n #Kutaa_5ffaa Hubachiisa kutaa 1-4 hin dubbisne yoo ta'e @jaalala_dhuga keessa galuun dubbisi ~~~~~~~~~~~~~~~~ ....Jaalalli keenyas guyyaati guyyatti dabalaatuma deema. Guyyaa tokko Naaf bilbiltee akka na yaaddee fi na arguu akka barbaaddu natti himte anis tole jedhe. Guyyaa lammataaf bakkuma duraa magaalaa Ambootti wal arguuf murteessine. Akkuma jenne wal agarre ammas akkuma gaaf duraa guyyaa bareedaa fi yeroo jaalalaa bareedaa waliin dabarsine jaalala dhugaa waliin dhamdhamanne..... Akkanaan guyyaa tokko guutuu waliin oollee gara mana mana keenyatti deebine. Ammas jaalalli keenya haaluma bareedaa irra jira. hiriyyoni koo hariiroo keenya beekan Romio fi Juliyeta jedhanii nutti qoosu turan......egaa ammas akkuma barame bilbilaan wal argaa ji'a tokko lakkofsisne. Garuu ji'a tokkoon booda waan ani yaadee hin beekne tokko mu'late bilbilli siifan gaaf tokkoollee cufamee hin beekne cufaa ta'e. irra deedeebi'ee bilbilus cufaa ture hedduun dhiphadhe hedduun yaadda'es. Bilbila ishee irraa kan hafe kan maatii ishee yokan kan hiriyyoota ishee hin beeku. Kanuma isheeerattan dedeebisee bilbila. haaluma kanaan osuman bilbila ishee dedeebisee yaaluu secondin daqiiqaatti, daqiiqaan sa'aatiitti, sa'aatiin guyyaatti, guyyaan Torbeetti jijiiramuun Torban tokko lakkoofsise. dhugaa dubbachuuf bilbila ishee guyyatti yeroo 10 gadi yaalee hin beeku garuu waan haaraan hin jiru bilbilli ishee cufaadhuma. Finfinnee deemee ishee barbaaduuf mana isaanii hin beeku. hedduun dhiphadhe, hedduun of jibbe, waanan godhu hunduu na harkaa bade. Guyyan natti dukkanaa'e yeroo sanatti waanan gochuudanda'u yoo jiraate imimaaniin fuula of dhiquu qofa ture, "ilmi dhiiraa imimaan hin buusu garaa isaatti boo'a" inni jedhan ana biratti soba ta'e imimaan of irra lolaaseen boo'e garuu waanan jijiire tokkollee hin qabu. Haga ammaatti siifan waliin eega bilbilaan wal agarree ji'a 8 darbee jira. Kan na dhibu haga ammaa ishee dagachuu dhiisuu kooti. ammas taanaan torbeetti gaaf tokkollee ta'u bilbila ishee nan yaala. An waa biraan hafee Lubbuun jiraachuu ishee qofa osoon bekee Sammun koo boqonnaa argata. Dhugaa dubbachuf Yeroo heddun ishee dagachuu yaale garuu hin dandeenye. Kanaafidha Guyyaan ishee waliin wal bare sana guyyaa #abaaramaadha kanan jedhef Dhukkuba daawwaa hin qabne natti tatee Onnee kootu madaa'e. Kana hundaan kan na ga'e onnee koo guutuu isheef kennuu kooti. Jaalala dhugaa ishee jaalachuun koo Miidhaa hamaa kanaaf na saaxile. Namoota Seenaa koo kana dubbisaa jirtaniif waanan Dhaamu yoo jiraate nama tokko gaafa jaalattan wal dhabuunis waan jiruuf of eeggannoo godhaa dursa ofiif kennaa Galatoomaa! Seenaan kun ammaaf asuma irratti xummurameera! #Siifan yoon argadhe garuu itti fufa! group keessa jirtan maratti share godhaa may be #Siifan bira ga'uu danda'aati. #Sifan sirbi ati gara gadiitti argaa jirtu Afferra kooti "yoomuu sin dagadhu!" yeroo gaarii👐 yaada fi qeeqa yoo qabaattan @sool_dave quunnamaa 💎@Sool_dave @SOOL_DAVE Join👇 @jaalala_dhuga @jaalala_dhuga @jaalala_dhuga

  • 18 апр. 2020 г.66,2 тыс51364

    JAALALA ONLINE IRRAA Seenaa dhugaa irratti kan hundaa'e @Sool_dave'n #Kutaa_4ffaa ~~~~~~~~~~~~~~~~ Deebi'iin ishee garuu akkuma an hawwe naaf ta'e "hin qabu" naan jette.. anis akkan ishee jaaladhe battaluma sanan itti hime isheenis "akkamitti na jaallatte?" Jaalalli halaalaa nu miidhuu danda'a" jettee xiqqo akka diduu eega taatee booda "tole'' naan jette. Anis hedduun gammade hawwiin koos naaf milkaa'ee Egaa guuyyaa gaaf sanaa kaasnee jaalala haalaalaa waliiin dhamdhamuutti kaane. An silaa kana dura bayy'ee 'sirezi' waanan tureef jaaladhees ta'e jaalatamee hin beeku jaalalli naaf haaraa ture. yeroo sanatti 'Namni wal jaalate tasa wal dhabuu danda'a' kan jedhus keessa kiyya hin dhufne akkasuma jaalalli sobaa akka jirus waantan beeku hin qabu. onnee koo guutuun kenneef isa dhugaan jaaladheen isheenis dhugaan akka na jaalattu natti himte. haaluma kanaan ji'a sadii guutuu telegram dhan akkasuma bilbilaan has'aa turre, hanga kana suuraa irraan kan hafe karaan nuti ittiin wal beeknu hin jiru. turtii booda garuu fedhiin qaamaan wal arguu nu keessatti uumame. anis osuman sodaadhuu qaaman ishee arguu akkan barbaadu itti hime isheenillee yaada akkasii akka qabdu natti himte. Egaa guyyaa itti wal arginu beellamanne. bakki beellama keenyaa ykn itti wal arginu Magaalaa Amboo ture. akkuma beellamanne guyyaan beellama keenyas ga'e. yeroo jalqabaaf magaalaa Amboootti qaamaan wal agarre. Jaalalli anaaf haaraa waan tureef hedduun sodaadhen yeroo murtaa'eef arrabni kiyya ni hidhamee itti dubbachuu hin dandeenye ture. garuu turtii booda xiqqo walitti dubbanne laaqanas waliin nyaannee magaalaa amboo keessa asiifi achi walin deemuu eegalle. wow guyyaan sun anaaf guyyaa addaa ture jireenya koo keessatti waanan argee hin beeknen arge. Edaa jaalalli hanga kana gammachuu namaaf keennaa? Guyyaa sana waanan lammaffa dhaladhe natti fakkaate. Osuma waliin oliif gad deemnee magaalaa Amboo daawwannuu aduun gara lixaatti naannofte osoo nuti hin fedhiin dirqamni mana mana keenyatti nu deebisuuf jetti. silaa hin ta'uuf malee osoo akka fedha keenya waluman osoo magaalaa Ambo bullee nutti tola ture garuu isheenis maatii waan qabduuf maatin itti dheekaamu kanaafu galuu waan qabduuf konkolaataa gara finfinnee deemu keessa seensisee nagaa itti dhaammadhee Adda ishe dhungadhee biraa deebi'e garuu kan ishee biraa deebi'e qaama kooti malee yaadnif onneen koo ishee biratti hafan. anis konkolaataa gara magaalaa Geedoo deemu qabadhee gara mana kootti qajeele. Akkanaan guyaa bareeda dabarsinee gara mana mana keenyaatti deebine. Jaalalli keenya kan duraa caalaa ho'aa adeeme wal malee jiraachuu akka hin dandeenye walitti himne, Akka wal hin daganes waadaa waliif galle. Eega yeroo jalqabaa wal agaree boda ammas ji'a lamaaf qaamaan osoo wal hin argiin bilbilumaan waliin taphachaa turre. Jaalalli keenyas guyyaati guyyatti dabalaatuma deeme..... ..... itti fufa ✍️ @Sool_dave Yaada keessan nuun ga'uuf @comment_4_Sol_bot fayyadamaa Share godhii hiriyyoota kee channel kanatti affeeri @jaalala_dhuga @jaalala_dhuga @jaalala_dhuga

  • 18 апр. 2020 г.58,1 тыс45369

    JAALALA ONLINE IRRAA Seenaa dhugaa irratti kan hundaa'e @Sool_dave'n #Kutaa_3ffaa ~~~~~~~~~~~~~~~~ Garuu barnoota barachuun waan narra jiruuf garaa jabaadhee fuula koo gara sana naannefadhee gara sana imalee barnoota koo eegale. Jireenya kophummaas dhamdhamuu eegalera dhugaa dubbachuuf jireenyi kophummaa hedduu ulfaata (isa kana namni arge naaf hubata), kan si dhibu dhaladhee umurii koo wagga 16 ttan jireenya kophummaa jiraachuu eegale. Yeroo sana hiriyyaa ani qabu yoo jiraate mobayilii koo qofa. oolmaa koo irra caalaa Facebook irrattan dabarsa yeroon Facebook ilaalu yeroof kophummaa koo nan dagadha. kan si dhibu garuu an yeroo sana telegram maal akka inni fakkaatuyyuu hin beekun ture facebook koo qofan qaxaqaxa. Guyyaa tokko osoon mana bunaa tokko jala taa'uu mucaan cina koo taa'u tokko 'telegram" osoo inni fayyadamuun arge kun immoo maalidha laata jedheen hedduu dinqisiifadhe Facebook caalaa natti toles. Yeroo dhuma kana maal akka ta'e mucaa kana gaafachuu akkan qabun yaade. Anis suuta jedhee sagalee koo gad buuseen "maal fayyadamaa jirta?" jedheen Innis Telegram fayyadamaa akka jiruufi telegram mal akka ta'e akkasuma maal akka fayyadu tokkoyyuu osoo hin hanbisiin waa'ee telegram natti hime. anis 'application' telegram akka naaf dabarsun gaafadheen innis tole jedhee naaf dabarse anis battaluma gara mana koo galeen accounti telegrami banadhe, hedduus natti tole. Dhugaa haasa'uuf Yeroon Facebook keessaa ba'ee telegram seenu waanuman baadiyyaa irraa ba'ee magaala seenu natti fakkaata. Egaa haaluma kanaan osoon fayyadamuu namoota hedduu waliin 'online' dhan wal baruu eegale kun immoo caalatti akkan qophummaa koo dagadhu na godhe. Guyyaa tokko akkuma barame laaqana nyaadhee akkuman ka'een siree koo irra dugdaan ciisee data bilbila kiyyaa banee telegram keessa gulufuun eegale osuman group fi channel garagaraa keessa seenee barrefamoota garagaraa dubbisuu, group tokko keessatti mucaa haalaan bareedu tokkon arge akka tasaa mucaayyoon online irra jirti anis addatti ishee baasee karaa keessa 'hi" jedheen isheenis turtii xiqqo booda "hi" naan jette. Ergan nagaa gaafadheenii booda "wal haa barruka eenyu siin jedhu eessa irrayi?" Jedheeni isheenis "Siifan naan jedhan Finfinnee irraa" naan jette anis dabaree koo of barsiiseen. Dhugaa dubbachuuf, guyyaan ishee waliin wal bare osoon jireenya koo keessa 'select' godhe 'delete' taasisee natti tola. Guyyaan sun anaaf guyyaa #abaaramaa ture. Garuu yeroo sanaaf guyyaa sana akka guyyaa koo ta'ettan fudhadhe. hedduun guyyaa sanatti gammade Garuu maal godha... akkan yaade hin taane. Siifan akkuma kiyya barattuu kutaa 11ffati kan nama dhibu immoo akkuma koo barattuu 'social' ti. akka tasaa eega wal barree booda hedduu waliin haasa'uu eegalle guyyoota dheeraafis waliin haasofne. Akkuma bekamu anis 'single' dha (jaalallee hin qabu💚). siifan muca mudi bareedaa qabdudha hedduu na tolte', keessi koo hedduu ishee jaallate, koo akka taatuufis nan hawwe; hawwuu irra darbees koo godhachuuf maal gochuu akkan qabu yaaduun eegale. guyyaa tokko osuma haasofnuu gaaffii tokkon gaafadheen gaaffin koos "jaalallee qabdaa?" kan jedhu ture. Deebi'iin ishee garuu..... ....Itti fufa ✍️ @Sool_dave Yaada keessan nuun ga'uuf @comment_4_Sol_bot fayyadamaa Share godhii hiriyyoota kee channel kanatti affeeri @jaalala_dhuga @jaalala_dhuga @jaalala_dhuga

  • 18 апр. 2020 г.51,9 тыс59388

    JAALALA ONLINE IRRAA Seenaa dhugaa irratti kan hundaa'e @Sool_dave'n #Kutaa_2ffaa ~~~~~~~~~~~~~~~~ An garuu barataa kutaa 10ffa ta'eeyyuu bilbila hin qabu. 'Samoona' tokko bilbila hedduu na hawwisiise, yoon hiriyyoota koo harkaa fuudhe deebisi deebisi nan godhu osoo naaf danda'amee dhowwadhee nati tola ture. Sadarkaa kanatti bilbila harka kiyya irraa dhabuun koo hedduu na gaddisiise.. akka naaf bitamuufis father kadhachuu akkan qabun murteesse. Guyyaa tokko father'in miila isaa osoo dhiqachuuf jedhuu argeen dafee dhaqeen "ende dad osoo ani Leenci kee jiru gadi jettee ofii keetii miila kee dhiqachuuf moo'' jedheen bishaan harkaa fuudhee miila isaa dhiquufii eegale. Garuu maal jedhee akkan dubbicha eegalu hin beeku na dhiphisaa jira (iinnis akkan waan tokko isa kadhachuuf ka'e narat bare nat fakkaata) "Dur jecha akkasii sirraa dhaga'ee hin beeku har'a maaltu argame?" Naan jedhe dad eko Aradaadham😉. Anis carraa kanatti fayyadameen bilbilli naf bitamuu akka qabu haala kadhaan osoo hin taane akka akeekachiisattan itti hime (akka waanan kankoo itti kenneeruu😕). innis waanan jedhe hundumma eega dhaga'ee booda gaaffiin isaa jalqabaa "eenyutti bilbiluufi nuti si bira jirra mitii?" kan jedhu ture anis akka nahuu tokko ta'een sagalee lallaafaadhaan "eeyyee.. garuu ijoolleen dareetti qormaata bilbilaan hojjetu an immoo calliseen isaan laala"n jedheen innis "isaaniin ilaaluu dhiistee kankee hin hojjettuuree" naan jedhe anis miila isaa isan dhiqaa jiru dhiiseen ka'ee gara harmeen nyaata bilcheessaa jirtu deeme yeroo kana imimaan koo qabachuun hin dandeenyen ture sababni isaas Fatherin deebi'i an hin eegne naaf deebise. Harmee bira eegan ga'ee booda akka father'iin 'bilbilli si hin barbaachisu' naan jedhe imimmaan koo maddii koo irra yaasaa isheetti himee. harmeenis ofittii na qabdee dhiisi anuu itti siif hima yoo didemmoo aniyyuu dhoksee siif bita dhoksitee fayyadamta naan jette (wayi haadha Haati bar waan hundadham, Addunyaa kana irraa kan akka harmee kee sitti aanu hin jiru. Umurii dheraa harmee keenyaf🙏). Egaa maal akka jetteenii Beekuu baadhus Torbee tokko booda bilbilli Inni bakakkaa fakkatu naaf bitame seeran akkan itti fayyadamuf akeekkachiisa cimaa waliin naaf laatame anis tole jedhee fudhadhee barnoota koo itti fufe. Egaa Ergan bilbila bitadhee booda osoo hin jaalatiin mana addunyaa bakka tokkotti qabate jiru keessa anis dhiibbadhee seene (bro bakka biraan deeme miti at yoona waa meeqatti yaaddeetta facebook'in eegale siin jechuudhumaafi) Facebook ergan eegalee waantota hedduun arge. Muraasni akkuma namatti tolan hedduun immoo nama jibbisiisa. Gariin dugdaan cisee, gariin mataan dhaabatee, gariin immoo fuula dhoksee daallee dhiibee, inni kaan uffata ciree qaama isaa mul'isee; seera uumaa cabsee safuu dagatee, bifa bareeda uumaan isaaf kenne 'kosmotiksiin' dhoksee bareeda Rabbi isa badhaase ofuman of irraa mulqee achirratti dhooba. Addunyaan kun buburree ta'uu ishee anis achirrattan hubadhe. Egaa guyyoonni haaluma kanan daddarbanii torbeetti jijiiraman; Torbanoonis walitti kurfayani baatii ta'an baatiinis lakka'aman, anis barnoota koo kutaa 10ffas xumure qabxii na ga'us argadhe gara kutaa 11ffatti darbe. egaa akkuman sila sinitti hime ani ilma baadiyyaati nannoo keenya manni barnootaa yeroo sana Hanga kutaa 10ffa qofatti ture. Kanaafuu kutaa 11ffaa barachuuf gara magaalaa Geedoo bakka dhaloota koo irraa gara bahaatti KM 37 fagaattu deemee barnoota koo hordofuun dirqama filannoo hin qabne natti taate. Egaa anas dabareen na geesse osoo hin jaalatiin maatii koo irraa fagaadhee jiraachuun dirqama nati taate. silaa akka fedhakoof osoon barnootittii dhiisee maatii koo waliim jiraadhee hedduu natti tola ture. Garuu barnoota barachuun waan narra jiruuf garaa jabaadhee fuula koo gara sana naannefadhee gara sana imalee barnoota koo.......... ........itti fufa ✍️ @Sool_dave Yaada keessan nuun ga'uuf @comment_4_Sol_bot fayyadamaa Share godhii hiriyyoota kee channel kanatti affeeri @jaalala_dhuga @jaalala_dhuga @jaalala_dhuga

  • 18 апр. 2020 г.48,7 тыс82474

    #Jaalala_online_irraa Seenaa dhugaa @Sool_dave'n #Kutaa_1ffaa ~~~~~~~~~~~~~~~~ Maqaan ko Solomoon Gaarradoo'n jedhama. (Sool Dave kan jedhu ofiidhuma koon ofiif moggaase.) Godina lixa shawaa aanaa Calliyaa ganda qotee bulaa Walqixxummaa Tulluu maraa jedhamtu keessattan dhaladhee guddadhe. Ani mucaa baadiyyati dhugaa dubbachuuf garuu muudiin ko kan ijoollee magaalaati olidha (friend of jajje naan jechuu dandeessa an garuu dhugaa qabatamaan sitti hime. Yoo siif liqimfamuu dide bishaanin liqimsi☺) Ani maatii koof mucaa lammaffaadha Maatiin koo hedduu na jaalatu. ta'us jireenya mucaan baadiyyaa tokko dabarsu dabarseera, Oyiruu deemee Horii tiksee... laga bu'ee bishaan waraabee.. Yeroo harmeen Gabaa deemtu buna danfisee eege... Goodaa deemee qoraan funaaneera (by z way.... gaafan qoraan funaanee galu waanan argadhu ana qofatu beeka '#ongocha' 👈 jecha kana kan beekutu beeka. namni hundi hin beeku. [maalumaafuu sinittan hima ongochaa jechuun kan yeroo buddeen tolchuuf jedhan Dursa tolchanidha, achuman akka eeleen ho'e ittiin ilaaluf ] ). Egaa haala kana hunda keessa darbee umuriin koo waggaa 6 gaafa guutu gara dirree waranaan deeme rasaasa koo qalaman ykn 'biiriidhan' Diina koo isa jalqabaa Wallaalummaa waraanuuf (yoona siif hin gallem barnoota koo kutaa 1ffaan jalqabee siin jechuufani). Abeet tapha yeroo sanaa life'n bar elementaryti hafee man, ofumaa university jedhu malee. Wal aariinee harcummeen wal cagadaa; wal kuffisnee awwaaraan wal dhiqaa.... kam sinitti himee kam dhiisu innoo heddudhati. Yeroo sana Akka mana barumsaa keenyatti yeroo hiriirree alaabaa yaabsisnu fuuldura kan dhaabatu anadha. xiqqoon anaa gadii mana barnootaa sana keessa hin jiruka. maalan sitti hima atuu ni beektaati ilmi baadiyyaa tokko kan inni kutaa tokko galu eega 'waanta san biqilcheeti😋' (muu yaa si'ii qaata maalitti yaadde? An isa ati yaadde sana jechuu barbaadee miti😉) Ani garuu dhaladhee waggaa 6 tti waanan mana barnootaa galeef isaan keessa hin jiru. dhugaa hasa'uuf warri Dareedhaan (kutaa barnootaan) na caalan "harma guusaaf as si fidanii?" Jedhanii natti qoosu; dhugaadha ni fakkaatas. haaluma kanaan barnoota koo haala bareedaa ta'een hordofun jalqabe (yeroon siniin jedhu guyyaatti wayitii 6 caalaa hin gubu ) sanuma keessaa garuu homaa hin jedhu egaa daree keenya keessaa cimaas yoon jedhamuu baadhe dadhabaa jedhamee hin hamatamu garuu osoon gaaf tokko daree kootii 1-3 ba'ee hin badhaafamiinan barnoota koo hanga kutaa 8ffattan xummure. Amma kutaa 9 geenyeerra sichi daa'ima miti garuu ammas kanan sitti himu yoo jiraate xiqqoon anaa gadii class keenya hin jiru. yeroo hiriyyoonni koo 'chiikii xabbasan' an manatti galeen boqqoollooko 'xabbasa' sababni isaas chikonni daree keenya haadha naaf ta'u😁. Barnoonni high schooli hanga elementaris yoo ga'uu baateyyuu namatti tola, garuu ni ulfaata. keessumaa gafa barsiisaan chemistry class galummoo dhugaa waanuman Biyya Engliz deeme natti fakkaata dogogoree illee Afaan oromoo hin dubbatum. Ecc calliseedhuman rafa deeksiitti hirkadhee. Yeroo sanatti subject'in ani jaaladhu yoo jiraate Sport qofa isayyuu kan dareetti barannu osoo hin taane isa practicala Dirreetti yaanee wal ariinudha. Egaa haaluma hunda keessa dabarree gara kutaa 10ffatti ceene; kutaa 10ffas eegallee jirra. (friend kan sidhibu an hanga amma bilbila dhuunfaa koo harka irraa hin qabum naman dhibuu?). Silaa Ijoolleen ammaa kutaa 4 yeroo geessu bilbila naaf bittan malee mana barnootaa hin deemu jettim. An garuu barataa kutaa 10ffa ta'eeyyuu bilbila hin qabu.... .....Itti fufa ✍️ @Sool_dave Yaada keessan nuun ga'uuf @comment_4_Sol_bot fayyadamaa. Share godhii hiriyyoota kee channel kanatti affeeri @jaalala_dhuga @jaalala_dhuga @jaalala_dhuga

  • 11 апр. 2020 г.42,9 тыс918

    Official Jawar Mohammed’s telegram channel! Join it 👇👇👇👇👇 https://t.me/Jawarmd

  • 15 мар. 2020 г.48,8 тыс51234

    Mimmiyoo Jaalalaa ================= *Kutaa 4rreessoo ~> Falmataan poolisoota dhalootaan Oromoo ta’an keessa hiriyyoota hedduu qaba. Isaan keessaa isa tokkoon xalayaa kana barattuu seenaa jedhamtutti naaf geessi jedheen! Xalayichi akkas jedha: [Seenaa koo sihaa gahu nageenyikoo, akkami nagaadhaa?. Baay’ee siyaade seenaakoo. Onneen koo jaalala sabaaf jaalala keetiin iddoo lamatti qoodamtee gubachaa jira. Miidhaafi dararaan narra gahes kanuma Oromoo jaarraa tokkoof irra gahaa ture sana. Hanga bilisummaa argannee biyya dhalannerratti; akka namaatti jiraannutti, jaalala keenya galmaan gahuun ni’ulfaata. Ammaaf mana murtiitti nadhiyeessanii waggaa saddeet (8) natti murteessaniiru. Seenaakoo ani jaalala ijoollummaa keetti taphachuu hinfedhu. Hanga ani hidhaa kana keessaa bahutti obsitee yoo na’eegde hawwii kooti. Yoo taa’uu baattes wanti gaariin akka siqunnamu Rabbiin siif kadha halkaniif guyyaa. Sirba Dr. Kabajaa aartisti Alii Birraa “Sila osoo beekee, waasillee hindararu” jedhu jedhu si’affeereera. Seenaakoo baay’ee sijaaladha. Mana hidhaa maayikalaawii irraa nagayatti…” jedhe.] Erga dubbistee booda; seenaan naasuudhaan lafatti kuftee, yeroo muraasaaf hafuurrishee dhokate. Poolisichi hatattamaan gara mana yaalaa geessee sa’aa lama booda ofi barte. Erga ofi bartee “adaraa Oromummaa xalayaa kana barreessee sitti kennaa na’eegi” jetteen. Xalayaa akkas jedhu barreessiteef… [Falmeekoo sihaa gahu nageenyikoo kan onnee irraa madde jaalaalaafi kabanyi ani siif qabu yoomiyyuu daangaa hinqabu. Kaayyoon keenya akka galma gahuuf halkaniifi guyyaa hinrafu. Falmeekoo jabaadhu irree jabeeffadhu. Anaaf waggaan saddeetii (8) boru ganamaadha. Waan baay’ee seenaa harmeekoo irraa baradheera. Lubbuun inuma jirtaa garuu?. Kana yerooma si’arge kan amanu. Rifeensikee odaa fakkaatu suni jiraa laata?. Falmeekoo onneenkoo jaalala keetiin hidhamteetti. Anis jaalala keetiin hidhamee namni biroo nama natti hinfakkaatu. Falmeekoo yoomiyyuu sinjaaladha. Fayyaa naaf tayi, nagayatti. Jaalalleetee Seenaa Yuunivarsitii Haroomayaa irraa”…] jedha barreeffamichi. Seenaan barattee eebbifamtus ragaa miseensa OPDO (woyyaanee) fiddu malee, hinqacaramtu waan jedhamteef hojii argachuu hindandeenye. Baadiyaa isheetti deebitee akkooshee wajjiin jiraachuu jalqabde. Akkoonishee seenaa isheefi Falmataa dhageessee ganamaaf galgala seenaa cinaa dhaabbattee gorsiti. Gaafa inni mana hidhaatii bahu lakkooftee seenaan balbala mana hidhaa maayikalaalwii dhaabbatte. Ijji isaanii imimmaaniin dukkanaaye. Falmataan akkas bareeddu yeroo waggaa saddeet xumuree mana hidhaatii bahu, akka bosona Baaleefi Booranaa guggubatee dhumeera.. Seenaan fi Falmataan wal arganii halkaniif guyyaa wallaalan gammachuudhaan. Ergasii baadiyaa deemanii akka Oromoo duriitti iyyanii iyyisiisanii cidha nama ajaa’ibu tokko gaggeessan. Manguddoonni bahanii eebbisan. Ji’a tokko booda DV Ameerikaa seenaan waggaa tokko dura, ani heerumeera jettee guutte tokko dhufe. Gaafa isaan baadiyaadhaa barbaadanii xalayaa itti geessan DV’n baheeraaf. Falmataafi seenaan tasuma amanuu hindandeenye. Oromiyaa gadi dhiisuun kaayyoo isaanii ta’uu baatus; Falmataan ammas poolisootaan hordofamuu eegaleera waan ta’eef, lubbuu isaanii hambisuuf, miila isaanii gara Ameerikaatti qajeelchan. Kutaan 5ssoon itti fufa.. @lammiif

  • 13 мар. 2020 г.41 тыс28150

    taa: Innis ishee ofitti qabee, “seenaakoo anis baay’ee sijaaladha. Erga si’argee jalqabee hirriba hinqabu. Garuu gumaa abbaa keetii, haadha teetiifi abbaa kootiis walumaagalatti gumaa jaalleewwan wareegamanii kan baasu numa seenaakoo jedheen, imimmaan gadi roobsaa. Sirba kadiir Martuu “Fedhiikoo hintaane, siganuun jedhu” naaf dhageefadhu yoo yeroo qabaatte” jedheen. Guyyaa muraasa booda; halkan keessa sa’aa saddeet yeroo ta’u, doormii barattootaa sakatta’uuf poolisiin Federaalaa dirree waraanaa fakkeesse. Falmataa, hiriyyaasaa Tokkummaa dabalatee barattoota hedduu achi buutee isaanii dhabamsiisan. Ganama barattootni hiriira bahanii; isaan hidhaman haahiikkamanii jedhanis, isa gaafates gara mana hidhaatti guuran. Seenaan halkaniif guyyaa wallaalte. Hiriyyoota isaa kanisheen itti bilbiltu hunda achi buutee isaanii dhabamsiisaniiru. Dhiironni duraan jaalala isaanitti hinaafaa turan abdii kutachiisuuf yaalaa turan. Barattootni Oromoo hedduun garuu baay’ee gaddanii yaadaanishee cinaa dhaabbatan. Yeroo nyaattu, yeroo mana kitaabaa deemtu, yeroo hundaa kophaa yaadaan ciinca’aa deemuu jalqabde. Osoma deemtu gaafii tokko ofuma gaafatte seenaan. “Harmeen koo, gaafa abbaan koo deemee wereegame sana maaliif inni hindeebi’u jettee, abdii kutattee hinheerumne ture ykn nama biraa jaalachuu maaliif dhiiste? jettee ofgaafatte. Anis kaayyoo Abbaafi haadhakoo, kan jaalalleekoo walumaagalatti dirqama oromummaa bahuu qaba jettee ofi’amansiiste. Itti dabaltee onneen koo Falmataan wareegameera, kana booda eenyuunis tasuma hinwareegamu” jette. Falmataan poolisoota dhalootaan Oromoo ta’an keessaa hiriyyoota hedduu qaba. Isaan keessaa isa tokkoon xalayaa kana barattuu seenaa jedhamtutti naaf geessi jedheen! Xalayichi akkas jedha: ....(...) Kutaan 4reessoon itti fufa... @lammiif

  • 13 мар. 2020 г.38,9 тыс20201

    Mimmiyoo Jaalalaa ================ *Kutaa 3ssoo ~> Harmeen koo nadeessee ji’a lama gaafa geessu isheenis baqattee gara Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO)tti makamte. Amma nijirtiifi niwareegamtee, wanti ani beeku hinjiru. Ani erga dhaladhee kaasee Akkayoo koottu naguddise. Maqaa koos akkoo koottu “Seenaa” jedhee naaf moggaase.. Atihoo jireenyi kee maali fakkaata” jetteen. Falmataa: “Ajaa’iba seenaan Oromoo” erga jedhee akkas jedhe innis. “Abbaan koo baay’ee nama cimaafi nama oromoof dhiigu ture. Yeroo baay’ee fardaa, eeboofi gaachana isaatiin adda hinbahu. Yeroo sirna dargii sana akka ta’es ta’u, darbee bara sirna wayyaanee kana bira gahe. Manni keenya poolisiidhaan marfamee bula. Ganama yeroo baay’ee dhukaasatu dhagahama. Garuu Oromoon naannoo sanaa isa deeggaranii poolisoota ofirraa faccisaa turan. Harmee koos akka isheen rasaasatti fayyadamuu dandeessu leenjisee ture. Fardi abbaa koo maqaan isaa Bulloo jedhama. Gaafa abbaan koo Bulloo bulloo jedhee waamu nifiigaaf nibalali’aan isaa osoo hinbeekamin bira gahee diina jalaa miliqaanii ture. Guyyaa tokko osoo inni quba hinqabne lafa bari’uu geessee keessa ajjeesan. Kana booda Oromoon naannoo keenyaa Eeboofi fardaan itti yaa’us isaan dhukaasaa walirraa hincinneen gara magaalaa naannoo sanaatti qajeelan. Namoonni lama ollaa keenyaa dafanii furmaata tokko uuman. Oromoonni amma duukaa deemaa jirtan dhaabbadhaa jedhanii; Fardaafi meeshaa isaanii fudhatanii karaa biraatiin isaan fuuldura qaxxaamuranii bosona tokko keessatti eegan. Yeroo poolisiin afaan oromoo haasayus Amaariffa akka warra tigiree tokko haasaayaa akkas jedhaa dhufan. “Sawuyyee baxaam adaganyaa naw, Oromoochi maxifo nachew dagimo faras yiwoddaallu” jedhaa ofduuba ilaalaa osoo deemtu bosona bira yeroo isaan gahan; dhukaasa walirraa hincinneen sadan isaanii ajjeesanii baay’ee isaanii madeessanii biraa deeman.. Dhiiga dhiigaan baasan, inni Oromoo tokko yoo du’e kan nafxanyaa sadiin madaalama jedhanii geerraran” jedheen. Seenaafi Falmataan boo’ichaan morma waliqabatan. Waadaa Oromummaa waliif seenanii; akka yeeroo dubbisani, bashannanaa, nyaataafi kkf’irratti yoomiyyuu addaan hinbaane waliif galan. Kana booda bosona Addunyaa, Danbal, daarfur, love street dabalatee iddoo hundatti seenaan mudhii isaa qabattee wajjiin yuunivarsitii Haroomayaa keessa adeemuu jalqaban. Jaalala isaanii irraa Oromoon Jimmaa, Arsii Baalee Wallaggaa, Shawaa, Booranaa, Gujii, Karrayyuu, Iluu, Harargeefi Kamisee akka jiruuf isaan hundi sanyii tokko akka ta’aniifi namoota ‘kanuma naannoo kiyyaa jaaladhee wajjiin jiraadha’ jedhuuf deebii gahaa kenneeraaf. Yeroo tokko yuunivarsiitii Amaaraa keessaa tokko keessatti, “barataan Oromoo tokko ajjeefame” jedhamee odeeffame. Falmataafi hiriyyoonnisaa kaayyoo “dhiiga dhiigaan baasan” jedhu qaban. Guyyaa tokko galgala keessa sa’aa sadi yeroo ta’u, barattoonni kumaatamaan lakkaawan mana kitaabaa keessatti dubbisaa jiran. Irra caalaan barattoota dhiiraa yeroo dubbisan akka nama Injiree rifeensa keessaa guuruu rifeensa isaanii qaqqabu. Falmataafi hiriyyoonnisaa dhagaa lamaan tokko gara foddaa mana kitaabaatti yeroo gadi lakkisan; barataan inni kaan balbalaan, inni kaan foddaan ofgadi darbataa, isa kuferra deemaa baqatan. Inni waggaa tokkoffaa amaara keessaa dhufe tokko akkas jedhe. “Yaa waaqi tsalootii koo naaf dhagahuu diddee yuunivarsitii Oromoo nageessitee” jedhee jennaan barattoonni Oromoo koflaan doormii oowwisan. Ergasii kaasee yeroo doormii, mana kitaabaa, mana nyaataa, daree barnootaa deemanis akkuma keellaa Awaash poolisiin federaalaa sakatta’uu eegale. Seenaan baay’ee gaddaa bulte. “Hojiin kuni kan Falmataa faa ta’uu hin’oolu” jettee lubbuunishee dhawatte. Bilbilasaa irratti bilbilaa bultus, bilbilli isaa ka’uu dide. Guyyaa lammaffaa danbali akka dhufu itti himtee, yeroo inni bira gahee “beenu ciree nyaannaa” jedhuun, seenaan immimmaan mormashee irraan dhangala’aa “koottu mee waan tokko si gaafadhaa” jetteen.. Seenaa: “Falmeekoo ani baay’ee sijaaladha. onneenkoo erga si’argee jalqabee jaalala keetiin booji’amte. Garuu akkuma abbaa koof haadha koo dhabe, sillee waan dhabu natti fakkaata” jetteen. Falma

  • 12 мар. 2020 г.35,2 тыс16179

    animmoo isaan ilaalu. Isaanimmoo onneen isaanii jaalalaan liqimfameera. Falmataan gaafa isheen gaafii gaafattu akkuma isheen har’a eebbifamtutti ibsaaf. Garuu yaadnishee gaaficha osoo hintaane, Falmataa irra. Erga xinnooshee dubbisanii booda boqonnaa fudhachuuf bahan. Ergasii haasaya isaanii tokko lama jedhaa jalqaban. Isaan akka Oromoo ammaa cal jedhanii waa’ee jaalalaa odeessuu osoo hintaane, sanyiifi seenaa isaanii akka Oromoo duriitti wal gaafatan. Lachanuu mudaammuddii qaban. Seenaan “gaafii na’ajaa’ibu tokko sigaafadhuu” jetteen. Innis ‘tole’ jedheen: “Ati garuu maaliif barattoota saba biroo akka daree kee hinseenne dhoowwita? gaafa barsiisaa yunibarsitii taates akkasuma goota moo” jetteen. Falmataa: “Nuti yooxinnaate ummata miliyoona afurtamaa taana, garuu afaan keenyaan magaalaa deemnee limmee bitachuu hindandeenye. Hedduun keenya afaanuma keenya dubbachutti qaanofna. Namoonni hedduun yoo afaan amaaraa kuni jalaa cabe ishee fooyyessuuf halkan guutuu hirriba dhabu. Kanaaf barattoota keenyaaf akka isaanii galutti afaan Oromootiin hiikaaf. Anis dirqama koo bahuu qaba” jedheen. “Amma ani sigaafadhuu” jedheen gaafiisii deebisee. Seenaan “Eeeyyen nagaafadhu” jetteen. Falmataa: “Ati maqaa kana maaliif sitti moggaasan?…” jedhe. Seenaa: Seenaan xinnoo erga gadditee booda, akkas jette. “Abbaan koo yeroo mootummaan woyyaanee seenu sana roorroon nutti hammaattee jennaan gara woraana Adda Bilisummaa Oromoo (ABO)tti deemee achitti wareegame. Yeroo san harmee koo wajjiin walfuudhanii ji’a shan akka ta’een kan deeme. Harmeen koos ana garaatti nabaattee mana hidhaa turtee, gaafa isheen ulfa ji’a saddeetii taatu erga deessee deebisnee sihiina jedhanii gadi dhiisan. Harmeen koo nadeessee ji’a lama gaafa geessu isheenis baqattee gara Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO)tti makamte. Amma nijirtiifi niwareegamtee, wanti ani beeku hinjiru. Ani erga dhaladhee kaasee Akkayoo koottu naguddise. Maqaa koos akkoo koottu “Seenaa” jedhee naaf moggaase.. Atihoo jireenyi kee maali fakkaata” jetteen. Falmataa: ... Kutaan 3ssoon itti fufa... @lammiif @lammiif

  • 12 мар. 2020 г.35 тыс42237

    Mimmiyoo Jaalalaa ================== *Kutaa 2ssoo Seenaan barattuu waggaa 3ffaa waan taateef barnootasaa kana barachuuf dirqamte. Isaan lameenuu jaalala sabaa, guddinna afaaniifi jireenya isaanii yaaduu malee, guyyaa tokkos waa’ee jaalalaa dubbatanii waan beekan hinfakkatan. Haata’uu malee, guyyaan nidhufe osoo isaaniin hinmari’atin; innis osoo barsiisu, isheenis osoo barattu wal ajaa’ibuu jalqaban.. Akkas waliin jedhan: Falmataa: “Maal bareedduun akkanaa, maal uumaan intala Oromoo kuni” jedhe. Seenaa: “Maali osoo inni kuni kiyya ta’ee jiraatee, nan eebbifame ture…” jette. Falmataa: “Silaa isheen tole naaf hinjettu maaliif afaan koo xureessa?. Isaan babbareedan kuni yoona akka dachee magaalaa finfinnee qabamanii dhumaniiruu…” jedhe. Seenaa: “Barataa cimaa boonuma isaanii dadhabe, jaalala hinbeekan.! Yeroo hundaa cimina isaaniitti malee jaalala hinhubatan” jette. Falmataa: “Kana naballeessuuf natti fide barana, maal godhaa?. Baruumsa koofi qabxii galmeessaa ture sanatti dhoqqee laaquuf…” jedhe. Seenaa: “Maal ija jaalalaan jalaan na’ilaala? baruumsa malee, waan jaalala beeku hinfakkaatu inni. Maal godhaa?. Kuni Aljebra malee, jaalala beekaa laata?…” jette. Falmataa: “Gaafa ishee daree keessatti ilaalu waan jedhu dhabee lafti naan mara. Dafqatu narraan dhangala’a. Sababa isheef gabatee gurraacha ilaalaa oola. Achi garagaluu sodaadhee, gaafadhus waan tole jettu hinfakkaattu. Maali godhaa? jedha. Seenaa: “Gaaafii kanatu nadhibe jedhee bira geessee ilaala. Garuu bira dhaabbadhee ija keessa ilaaluu danda’aa laata?…” jettee gaaficha qabattee ijaan lafa ilaalaa tokko lama jedhaa gara isaa adeemuu jalqabde. Yeroo seenaan gaaficha gaafachuuf kophaa bira deemtu; dubartootni maaliif kophaa bira deemte? bareedaa kana jaalachuu barbaadde moo? jedhanii miila lafatti rigan. Warri dhiiraas jalaan wal ilaalaa ishee ani gaafadhuu jedhaaru maal abba isaa kophaa itti haasayaara jedhanii yaadaan wal qeeqan. Seenaan dhiirota hedduun jaalatamti. Garuu baay’een isaanii gaafachuu sodaatanii doormii keessatti ciinca’u. Yeroo isheen ija jaalalan isa ilaaltu; “maaloo seenaa akkanatti na hin’ilaalin” jedhaa gaaficha hojjateef. Galatoomi sabboonaa jetteen sagalee humna hinqabne tokkoon. Doormiitti yeroo isheen galtu, “dubartoonni maal irraa siqabee” jedhanii kolfaan doormii oowwisan. Osoma isaan lameenuu yaadaan waxaalaman baatii tokko ta’e. Guyyaa tokko seenaan kaafteeriyaa tokko keessa teessee, yeeroon qormaataa gaheera waan ta’eef gara mana kitaabaa deemuuf buna dhugaa osoo jirtu, Falmataan gara mana kitaabaa deemaa jiru ilaaltee argite. Seenaan daftee lafaa oli kaatee “Sabboonaa” jettee sagalee olkaastee waamte. Barattootni naannoo sana turan, ‘maali intalti maali taate?..’ jedhanii wal’ilaalan. Yeroo Falmataan ishee bira gahu, “koottuu buna Oromoo dhugi” jetteen. Innis xinnooshee akka kolfuu ta’ee; “maali buna Amaaraa ykn Tigiree jedhamutu jiraa?…” jedheen. Seenaan xinnoo ishee cal’istee; “bunni kanuma Oromooti, garuu kan gurguratee duroomaaruu (sooromaaru) warruma sana” jetteen. Buna dhugaa baruumsi akkami jedhanii wali gaafatan. Falmataan akkas jedhe “barachuun nama hindhibu, baratanis akka namaatti jiraachuun garuu nama dhiba. Haata’uu malee, gaafa baratte ati eenyuun akka taate nihubatta. Atihoo akkami baruumsi?…” jedhee gaafateen… Seenaanis akkas jette. “Barachuun salphaadha. Garuu kaayyoo feete qabaattus, jaalalaafi Atileetota Oromoo moo’achuun ni’ulfaata” jetteen. Falmataan suuta jedhee yeroo ilaalu, Seenaan akka aduu bishaan Awaash gubbatti baatee ijji irra nama hindhaabbattu. “Hundaafuu eessa deemaa jirta” jettee gaafatteen Seenaan. “Gara mana kitaabaa deemaara” jedheen. Anis siwajjiin haadubbiisuu?…” jetteen. “Eeyyen garuu” jedhe. “Garuu maali” gaafasheen jettuun akkas jedhe “mucaa tokkummaa jedhamu tokkotu wajjiin dubbisna naan jedheera” jedheen. Seenaan baay’ee kolfitee: “maali tokkummaan keessan dubartoota Oromoo hindabalatu moo?…” jetteen dubbii isaa jijjiirtee. Falmataan baay’ee rifatee “tole haadeemnuu” jedheen. Yeroo isaan mana kitaabaa seenanii kaasanii; barattoonni hedduun sekondii kudhan kitaaba isaanii dubbisaa, daqiiqaa kudh

  • 8 мар. 2020 г.32,6 тыс722

    Mimmiyoo jalalaa 1

  • 8 мар. 2020 г.38,9 тыс38321

    Mimmiyoo Jaalalaa ============== *Kutaa 1ssoo ''Eegaa hundi keenyaa gaafa teenyee, dhaabbannee, hidhamnee, hiikkamnee, deemnee, fiignee, callisnee, gaddinee, gammannee, xumurre; waa’ee jireenyaa, waa’ee jaalalaa yaaduun keenya hin’oolu. Jaalalaan duuba maaltu jira kan jedhus deebii biroo qaba. Gaafa kana xiinxaltu gocha seenaa dhugaa tokko argitee irra hindarbitu. Barattoota lama turan. Barattuu Seenaafi barataa Falmataa turan.(Falmataa jennaan Falmata Liban Taro sitti hin fakkaatin). Barattoonnii Isaan lamaanuu Yunivarsitii Haroomayaa keessatti damee barnoota Injinariingii baratan. Seenaan waggaa 3ffaa yoo taatu, Falmataan waggaa 4ffaa dha.! Inni Oromiyaa jiddugaleessaatti dhalatee guddate. Isheen Oromiyaa lixaa yoo taatu, lameen isaanii ijoollee Oromiyaa baadiyaatti dhalatanii guddataniidha. Seenaan akkaataan uumama ishee baay’ee nama ajaa’iba. Icciitiishee beekuun ulfaatus; kennaan beekumsasheefi bareedinnishee dhiirota hedduu akka bubbee arfaasaa asiif achi raasa. Rifeensiishee dugda irraan hanga’a. Yeroo adeemtu akka bishaan gibee deemuu malee, sagalee hindhageesistu. Ijjishee akka urjii birraa calanqisti. Seeqni ilkaanishee akka tirika dukkana keessaatti ifa. Konkonni funyaanishee akka waan ogeessi bobbocaa boce fakkaata. Guntutnishee akka tulluuwwan Oromiyaa keessaa uumamaan kan dhaabbateedha. Seenaan yeroo kolfitu sagalee onnee namaa raasu tokko osoo hindaangessin olbaasti. Haalli uffannaashee akka bineensota baddaa baalee daawwattanii xumuuruun ni’ulfaata. Falmataan baay’ee boonuudhaan beekkama. Gaafa namni baay’ee haasayu baay’ee dhaggeeffata. Rifeensisaa boca odaa Oromoo fakkaatee akka bosona Oromiyaa durii daawwattee hinquuftu. Kennaan bareedinasaa akka soomaya leemmaanii olqajeelaadha. Kan nama dhibu Falmataan barnoota isaatiin baay’ee cimaadha yoon jedhe, isa hinmadaalu. Gaafa barsiisaan gaafii isa gaafatu, akka leenci yeroo gaaraa bookkisu bineensonni isaan kuuni asiif achi shokoksan, barattoonni cal jedhanii isa inni deebisu kana baranneerraa laata? jedhanii dabtara isaanii asiif achi garagalchu. Isaan lameenuu gumii aadaafi hogbarruu afaan Oromoo keessatti hirmaannaa cimaa qabu. Kan Falmataan nama ajaa’ibuun tokko yoo jiraate, guyyaa ayyaanaa keessumaayyuu guyyaa ayyaana sabaaf sab-lammootaa huccuu (T-shirt) dhiiga dhiigaan baasan jedhu uffachuun beekama. Sababa kanaaf baay’ee dararama. Haata’uu malee, osoma baratu barattoota damee barnootaa isaa baratan, kan waggaa 1ffaa hanga 3ffaaf barataniif barnoota dabalataa (tutorial) barsiisa yeroo boqqonnaa isaatti.! Falmataan afaan Amaaraa osoo miliyoona tokko kenniteefii waan dubbatu hinfakkaatu. Barnoota dabalataa kana yeroo barsiisu barattoota saba biroo daree seenuu dhoowwee barattoota Oromoo qofa isa barbaaduuf afaan Oromoon hiikee akka fedhetti barsiisa. Kanaaf sabaaf sab-lammoota biroo biratti baay’ee jibbamuu hin’oolle! Seenaan barattuu waggaa 3ffaa waan taateef barnootasaa kana barachuuf dirqamte. Isaan lameenuu jaalala sabaa, guddinna afaaniifi jireenya isaanii yaaduu malee, guyyaa tokkos waa’ee jaalalaa dubbatanii waan beekan hinfakkatan. Haata’uu malee, guyyaan nidhufe osoo isaaniin hinmari’atin; innis osoo barsiisu, isheenis osoo barattuu wal ajaa’ibuu jalqaban.. Kutaan 2ssoon itti fufa.... @lammiif @lammiif @lammiif

  • 6 мар. 2020 г.36,9 тыс34414

    Situ fide dhibee Kan dawaansa dhibe An maalan balleesse? Sitoo na madeesse. Jaalala ijoollummaa Mi'ooftu akka dammaa Summii itti naqxe Karaarras ni maqxe. Dhibeekeen wallaale Maaltu akka si dhaane Si tuqanii laata? Moo suma maraata? Qarshiidha hawwiinke? Safuu! yaa qalbiike! Utuun akkas beeke Rakkina keessake Waarsha birriin bana Maaliifan siin dhabaa? Naaf hin galle malee Ati aramanee Kan anaan doomsite Jechaan gowwoomsite Sin jaal'a siin du'a Boollayyu siin bu'a Jecha natti kuulte Hallayyaa na buufte. Anoo sin abdadhe Yaaddookoo dagadhee Akka dhala dhabaa Harkarran si qaba Naaf taatan si sa'e Waan fedhes yoo ta'e Ati silaa akkasi? Murtuu akka maqasii. Waan hundaa itti dhiise Kaayyookoo gadhiisee Biqiltuu jaalala Kan onnee koo jalaa Kunuunsuudhaf jedhee Cabeen gadi jedhe Hiriyaakoo biraa Naafadheetan jira Carraa baruumsakoo Jireenya boruukoo Siif jedheen gadhiise Siin of abdachiisee Akkas yooman se'e Oduukee dhaga'e Ergamaa fakkaatta Silaa hirmii baatta. Maatiin na barsiisu Warri na guddisu Boriikoo abdatu Obsaan na eeggatu Anoo kiyyoon lixee Ergamakoos fixee Daliilaa na nyaate Garraamii fakkaate. Imaana lammiikoo Kan eegan firiikoo Karaatti doomsite Sammuukoos onsite. Qoree dhoqqee keessa Gantuu baakkoo keessa Kan akkakee hin jiru Kan na nyaatte tiruu Quullaa na hambiste Sammuu na dhiphiste Waan gochaan wallaale Maaltu akka na dhaane. MAAL JETTE YAADATTA? Waadaakee yaadatta? Maal jeette hubatta? "Haalli yoo jabaate Dhabdes yoo qabaatte Rawwadhe sin buusuu Hamminas hin kuusu Yoomiyyu sin ganu Dubbiif adda hin baanu Dhugaa sin jaalladha Yoomu sin abdadha Ati abbaakooti Michuu lubbuukooti Eenyuun sin qixxeessu Dhugaadha sin dhiisu" Jette waada galte Kanafaa dagatte Naafoo homaa miti Kankoo harka rabbiiti Naan hiyyeessa goote Qoqqobbii nat goote? Badhaadhummaaf jette Waadakee dagatte. Maqaa waaqa waamte Inni ati kakatte In naaf hafa seete? Waaqan nama seetee? Inni akkatti hin dhiisu Nama itti ga'isu. SILAAYYU NAA MALTU. Silaayyu naan maltu Namni waada haaltu Bishaan gabateerra Kan hin beekne seena Birri faana dhoofti Dubbii battee dhoofti Dhaabbanna hin qabdu Waan yaaddus hin qabdu Garaamaaf jiraatti Bakkee namaa laalti Waan hin banneesete Qabeenyi ati feete? Innoo baayyee hin turu Kan inni tortoru Si jala qabanii waan ati jaallattu Isa kuftee kaate ati iyyaafattu Baga ittin si ga'e waan fedha garaake Eessan baatee badda fakkattu abbaake Kiyyoo qabeenyaatiin bitintirtee kufte Jaalala naaf qabdu huute boolla buufte Rabbi nama qaba kan seerasa eegdu Ulaaga jaalala nama eegu beektu Akka niiti looxii kan hin laalle duuba Kan jallisuu feene yoomu seera uuma Jaalalaf kan laattu bakka olaanaasa Dhagahuu hin feetuu kan diina asaasa Kan akkasitika kanan fedhee hawwu Gooftaan na gargaarran an hammake hin dhabu Guddaama of seete ofimmo hin bokoksiin Dhugaa jajalliste dhukkamsite hin dhoksiin Eenyuyyu hin hafu hiyyummaa jalatti Yeroo eega malee bor akka harra miti. Gantuu gantuun olii kan bakkeen miidhagde Keessan summii baatta dammuma afaanke Ishee akkakeeti kan lammii gurguru Nama wal nyaachise dhiiga dhugaa oolu Anaan ni ashoofta, isa tokko hin shoomta Akka ani hin barreef ofiin fala dhoofta. Akkuma daa'ima afaaniin na sobde Damma fakkeessite dhoqqee natti dhoobde Naan hiite na keesse ofii bakkee oolta Akkan kufee hafuuf boolla meeqa qotta Yaaliin ati goote akkan maraadhuufii Anaaf waaqni jira ofumaa hin gugguufiin. NAGAATTI. Jedhi nagaan taa'i yaa jaalallee duri Chidhakoo osoon argiin hadaraammo hin du'iin Garuummoo waan shakke akkuma diingata Hammattoo jaarsikee du'innayyu laata? Abbakeemo isa eenyutu hangafaa? #Koroonaan yoo qabe danda'ee irra hafaa? Dafii itti heerumi si jalaa dadhaba Waan qabu hundumaa innuu siif farrama. Gaaddisaaf hin ta'u yoomu mukti laafto Nagaatti naaf taa'i Haannaa intala Daamxo. Haadha fira birrii kan hin beekne seena Hundi akkakee hin ta'iin dhaloonni si'anaa Kankee nama miti seexannuu hin odeessa An homaa sin goone kankeeti balleessaan. By: YONAS NEME. Haannaf Finfinneerra. @jaalala_dhuga @jaalala_dhuga Via @lammiif

  • 20 февр. 2020 г.30,3 тыс2197

    Roobaa Buttaa, 1880 Leenjisoo Diigaa hogganaa waraana Arsii kan bara weerara minilik akka tahe namoonni seenaa dubbisan heddu ni beeku, garu Arsiin bara weerara minilik Leenjisoo Diigaa dabalatee hoggantoota ciccimoo biroos ni qaba. -Leenjisoo Diigaa -Roobaa Buttaa -Suufaa Kuso -Waaqo Bororo Roobaa Buttaa fi Waaqoo Bororoo hoggatoota Arsii, Baaletti yoo ta'u, Waaqoo Bororoo hogganaa waraana gosa Raayitu ture, Roobaa Buttaa ammoo kibba Baale irraa kaasee haga Goobbatti gosoota jiran walitti qindeesuun waraana minilikiin wal lolaa ture, hoggantoota afran kanniin keessaa Roobaa Buttaa waan adda isa godhutu jira, innis yeroo garagaraatti waraanni Roobaa Buttaa loltoota minilikiin wayta wal rukutaa turetti, loltoonni minlik qawwee hidhatanii waan turanif loltoota Roobaa Buttaa irraa miidhaa guddaa geesisaa turan, minilik qawwee kana faranjoota Awurooppaa irraa akka argate Rooban waan hubateef lammiile Awuroopa wayta san gara Arsii dhufan wajjiin hariiroo dipilomaasi hundeesee akkaata qawwee argachu danda'u irratti dalagaa ture akka fakkenyaattti Lammii biyya Faransay ka tahe namicha ,maqaan isaa Du Bourg de Bozas kan Arba adamsuuf Baale dhufe wajjiin hariiroo umuun akkaata qawwee mootummaa Faransay irraa itti argachu dandahu yaalaa ture, garu faranjoonni yeroo san ardi Afrika abuuraa turan kayyoo ufii qabatanii deeman waan taheef Roobaan milkaahu hin dandeenne. Leenjisoo Diigaa osoo araraan harka hin kennatin dura, jarsonni Arsii walitti bahanii mari'atan, iccitiin jabina waraana minilik qawwee tahuu irrati walii galuun akkana jechuun murtii dabarsan ..."haga gaafa ijoolle teenna meeshaa waraanaa kana bakka irraa bitan argatutti harka kennanee teenna" Roobaa Buttaa waan gaafas jarsonni irratti mari'atteef fala barbaadaa turus hin milkoofne, garu akkuma haqti ka abbaa mirgaati jedhan, Waaqoo Guutuufaati bara 1960 keessa biyya Sumaaliya dhaqanii marii jarsonni Arsii waggaa 80 dura godhan dhugomsuun qawwee soqanii itti bahan...... @lammiif

  • 20 февр. 2020 г.28,5 тыс612

    без подписи

  • 14 февр. 2020 г.28,7 тыс857

    Sooviyet, Hangaarii fi Yugoslaaviyaa keessa jiraatan hammata. Gareen kun Afaan Oromoo afaan barreeffamaa akka ta'uf qorannoo bal'aa godhe. Haaluma kanaan, gareen kun bara 1972 barruu qorannoosaa kana kan Languages in Ethiopia: Latin or Geez for Writing Afan Oromo, Tatek, 1972 maxxanse. Barruun kunis Afaan Oromoo qubee Laatiniitin barreessun filatamaa akka ta'ee seera ittiin Afaan Oromoo Laatiniidhan barreeffamu bu'uura kan kaa'e ture. Qorannoo kanarratti Dr Hayileen gumaacha guddaa qaba. Dr Hayileen, itti fuufdhan qubee Afaan Oromoo haara kanatti fayyadamuun kitaabota lama walitti aansuun maxxanse. Kitaabni inni jalqabaa Hirmaata Dubbi Afaan Oromoo kan jedhamu yoo ta'u qorannoo caasluga Afaan Oromooti. Kitaabni kun kan maxxanfame bara 1973, magaalaa Paarisitti. Kitaabni inni lammataa ammoo Barra Birraan Barihe jedhama. Barruulee Maxxanse Languages in Ethiopia: Latin or Geez for Writing Afan Oromo, Tatek, 1972Hirmaata Dubbi Afaan Oromoo. Paris, 1973Barra Birraan Barihe. Paris @lammiif

  • 14 февр. 2020 г.28,5 тыс619

    Hayle Fidaa