tgindex
Eticha Lemi

✦Humni Jabaan Addunyaa kana raasu. Kan Gabromfata jalaa bilisa si baasu, Tokkummaadha Lafa jirtutti ijaaramii, Wal ijaari! ✦ᴏʀᴏᴍɪʏᴀᴀɴ ᴡᴀʀᴇᴇɢᴀᴍᴀ ɪʟᴍᴀᴀɴ ɪsʜᴇᴇᴛɪɪɴ ɴɪ Wolabᴏᴏᴍᴛɪ! ᴏʀᴏᴍᴜᴍᴍᴀᴀɴ ᴅʜɪɪɢᴀ!! ❤️💚❤️

Последний пост
3 авг.
Последнее чтение
13 авг.
Постов за неделю
0
Всего постов
112
Тип
открытый
Язык
om
В каталоге с
13 авг.
Подписчики
1 117
−6 за 4 дн.
Сутки
−7
−0,62%
Неделя
 
Месяц
 
Просмотров на пост
196
40 постов
Вовлечённость
17,5%
к подписчикам
Постов в день
0,0
всего 112
Упоминаний
0
каналов
Охват размещения
оценка
1/24сутки в ленте
107
1/48двое суток
122
1/72трое суток
132

Оценка по просмотрам недавних постов: пост набирает почти всё за первые сутки.

Посты

  • Mul’atan Qaba I have a dream Martin Luther King Jr kan barreeffame; Obbo Baqqalaa Garbaan gara Afaan Oromootti kan hiikame

  • ◽ QABXII 7FFAA HOGGANSA JABEENYA QABU TAHUU ISAA Dhiirri gaa’ela keessatti  hogganaa fi itti gaafatamaa maatii Jabaa tahu qaba. Garuu hoggansi inni qabu aangoo ittiin ol of qabu ykn humnaan nama bulchu miti; hoggansi dhugaan kan beekumsaa, obsaa, haqaa fi jaalalaan maatii gaggeessuudha. Hogganaan gaariin nama ajaja qofa osoo hin taane, nama itti gaafatamummaa fudhatu, nama maatii isaa eegu, qajeelchu fi yeroo rakkinaa keessatti  sicinaa dhaabbatu dha. 1. Murtee Sirrii Fudhachuu: Dhiirri jabeenya hoggansaa qabu yeroo rakkoon jireenyaa dhufu hin jeeqamu; tasgabbaa’ee yaada, haala madaalee murtee sirrii fudhata. Inni murtee isaa keessatti ariifannaa fi aarii osoo hin taane, ogummaa fi obsa fayyadama. 2. Gaaddisa Ta’uu Hogganaan dhugaan akka dallaa manaati. Rakkoo alaa dhufu dura dhaabbata; kabajaa fi nageenya maatii isaa tikfata. Inni haadha manaa isaa fi maatii isaa yeroo dhiphinaa keessatti kophaa hin dhiisu; gaaddisa ittiin boqotan ta’a. 3. Abbaa Irrummaa Irraa Fagaachuu Hoggansi dhugaan abbaa irrummaa miti. Dhiirri hoggansa gaarii qabu ni mariisisa, yaada nama isaa ni dhaggeeffata, wal kabajaa irratti hundaa’ee murteessa. “Ani dhiira dha” jechuun mirga nama biraa sarbuu miti. Dhiirri dhugumaan jabaan kan humnaan nama mo’u osoo hin taane, kan jaalala, haqaa fi ogummaadhaan maatii isaa gaggeessu dha. Kanaafuu, obboleettii koo Muslimaa, yeroo nama itti heerumtu filattu, dhiira aangoo barbaadu qofa osoo hin taane, dhiira hoggansa dhugaa qabu filadhu. Sababni isaa, hogganaan gaariin si bulchuuf osoo hin taane, si waliin jireenya gaarii ijaaruuf dhufa. Kitaaba " FILADHUUTI ITTI HEERUMI " Jedhu irraa fuudhame irraa xumuree waaniin jiruuf Guutuu isaa yoo Barbaaddan Comment Godha! isiniifin fida moo Akkami? By: Caalaa Usumaa'il Muhammad ♥️✍️ ╔══════ღღღ══════╗ 📊@Dhaddacha_jaalalaa4G❤️‍🩹 ╚══════ღღღ═

  • ●Hindii Bilisummaa Booda fi Oromoo TPLF boodaa. ~Kolonii ingiliziin jalaatti hindoonni qabsoo waliin godhaa turaan. Boodarra bulchinsii england kufuun dhugaa tahaa gaafa dhufuu olaantummaan hindootaa gareewwan isaan yaachisuu biyya mataa isaanii ijaarratan. Isaanis banderas fi pandas uummattoonni jedhamaan waliitti dhufuun hindii irraa adda ba'anii biyya tokko ijaarrataan. Isaanis western Pakistan(pakistan har'aa) fi eastern Pakistan(Bangladesh har'aa) Pakistan tahanii ijaarrataan. Isaan kunis otoo oolanii hin buliin olaantummaan bulchiinsaa fi diinagdee warraa Pakistan dhihaa isaan yaaddessinaan India of gargaarsifachuun Bangladesh biyya tahanii gad bahaan. Bilisummaa Bangladesh booda India fi Bangladesh michuu tahanii yoo itti fufaan Pakistani fi Indian immoo diina hamoo waliif tahaan. Wanti addaa diinummaa isaanii mi'eessu immoo Kashmir qubata jedhamuudha. England gaafa koloniin ishii dhumachuuf jiruu colonial agent ishii gaafa Kashmir keessaa baatu, ammaaf bilisaa, boodarra yeroo siniif mijateetti ykn gara India ykn gara pakistan dabalamtu jechuun keessaa baate deemte. Waldhabdee Pakistan fi India booda garuu Kashmir bakka sadiitti kutachuun gama tokko Pakistan gama irraa guddaa isa india kan gad hafee ammoo China dhuunfatanii  gargaar qircataan. ●Oromiyaa fi qabsoon oromootis akkaanuma fakkaata. Erga gaafa sirna alagaa jalaatti kufeetii haga ammaa Oromiyaan guyyaadhan bakkaatti saamama fi weeraramaa haga har'aa qircataa jiru. ~Gidduu kana immoo mariitu qe'ee Oromoo irraatti gaggeeffamaa jiraa jechuutu dhagayaama. marii kana dursanii Oromoo shira siyaasaan qoqqooddanii Afaan Wal mursaan. Osoo silaa taheeyyuu mariin akkanaa silaa kan gaggeeffamuu qaama cehuumsaa uummaata bakka bu'ee dhabbatuu jalaatti malee mootummaa paartiin dorgomee aangoo qabatee jalaatti adeemsifamuun isaa sagantaa paartii tokkoo olaantummaan Kan milkeessu tahaa. Sagantaan diinaa Kan Oromoo irraatti godhamuu kun qaama Oromoo waggaa 1000f cabsina jedhee Mataan PP dhaadataa tureeti. Innii tahee osoo jiruu garuu hundeen gaaffii  Oromoo isa marii diina waliin godhamuun deebii argatuu miti. lafa kana irraatti gaaffiin abbaa biyyummaa mariidhaan deebii argatee hin jiru. Pakistan fi bangladesh kan of danda'aan irree isaaniini malee tolaan miti. Oromoon garuu kufaatii sirna Italy boodas osoo biyya ijaarrachuu qabuu ofumaan humna fi gamtaa akkasumaas ijaarama dhabuu irraa garbummaa fakkaata itti fufee. Kufaatii sirna nugusaa boodas impaayeeruma amala jijjiirrattee jalaatti bitamee itti fufee. As dhihoo kana immoo warraaqsa hoggaanni fi abbaan itti baayyatees gaggeessee firii malee diinatti kennee maratee galee taa'ee. Kunis oromoon garbummaan isa irraa jiruu maal akka tahee hubachuu dhabuu irraayi. Sabaaba kanaafis diina kalee qawween biyya isarra fudhateef har'ammoo mariin biyyaa isaa dabarsee kennuuf tattaafataa jiraa. Oromoon finfinnee kaleessaas kan maqaa itti argatee irree gurmaayeeni malee mariidhaan takkumaa deebii argatee hin beeku. marii kana fudhatanii hojiitti hiikamuun isaa qoftii Oromoon waggaa 60 duubatti deebiyee sirna Nugusaa dhiifama gaafachuu jechuudha hiikni isaa.

  • WhatsApp - Gara Lakkoofsa Bilbilaa Malee Hojjachuutti Ce'aa Jira ** WhatsApp jijjiirama guddaa keessaa tokko ta'e hojii irra oolchuuf qophaa'aa jiraachuusaa kan ibse yoo ta'u, lakkoofsa bilbilaa malee tajaajila dhiyeessuuf akka jirus beeksiseera. Duursee ammoo fayyadamtoonni lakkoofsa bilbilaa isaanii osoo hin qoodiin/hin mul'isin maqaa fayyadamaa (username) dhaan qofa akka tajaajilaman dhiheenyatti akka dandeessisu ibse WhatsApp. Jijjiiramni kun iccitii fayyadamtootaa eeguuf kan kaayyeffate ta'uu WhatsApp ibseera. Namni tokko nama haaraa tokko waliin walbaruuf ykn garee tokko keessatti hirmaachuuf yeroo ammaa lakkoofsa bilbilaa isaa mul'isuu qaba. Haa ta'u malee, sirna haaraa kana keessatti username qofa kennuun wal-qunnamuun akka danda'amuudha kan ibse. Kanumaanis fayyadamtoonni appii kana irratti maqaa fedhan kahachuu/baafachuu kan danda'an yoo ta'u, garuu kan haaluma duraan lakkoofsa bilbilaasaa fayyadamuu barbaades akka itti fufuu danda'uu WhatsApp ibse. Maqaa fayyadamaa kanas namoonni yeroo barbaadanitti jijjiiruu ykn haquu danda'u. Yeroo hojimaatni kuni guutummaatti hojiirra oolu fayyadamtoonni WhatsApp lakkoofsa bilbilaa osoo hin kenniin fayyadamuu danda'u. Akkasuma ergaa hin barbaachifne mala kanaan 'block' ykn 'report' gochuun danda'ama. Maqaan fayyadamaa qubee 35tti kan daangeffame yoo ta'u maqaa namoota beekamoon alatti fayyadama maqaa irratti daangeffamni guddaan hin

  • без подписи

  • FIFA'n Omaar Artaaniif kaffaltii Waancaa Addunyaa hunda kaffaluuf murteesse ***** Abbaan seeraa Kubbaa Miillaa Somaaliyaa sababa Viizaatiin Amerikaa akka hin seenne dhorkame Omaar Artaan kaaffaltii guutuu FIFA irraa argachuuf ta'uu dhagahame. Abbaan Taayitaa Immigireeshinii US, Artaaniif af-gaaffii qorannoo sa'aatii 11:00 taasise booda Viizaa dhorkuu isaan Waancaa Addunyaa irraa hafuun ni yaadatama. FIFA'n Abbaa seeraa kana dhabus, taphoota inni dursuuf ramadame hundarratti kaffaltii malu akka kennuuf murteesseera. AMN

  • без подписи

  • без подписи

  • без подписи

  • без подписи

  • без подписи

  • без подписи

  • Balballi 1 yoo cufamee balbaloonni 99 ni banamu kan jedhu dhugaatti murteessaa kana irratti mirkaneessinee argine. Akkuma Beekamu Murteessaan Lammii Sumaaliyaa Waancaa Addunyaaf Ameerikaatti erga imalee booda Ameerikaan ati biyya Warra Shororkeessitootaa irra dhufte, hidhata waliin qabda kubbaa miilaa taphachiisuuf osoon taane ergama biraa qabda jechuun gara biyya isaatti akka deebi'u ajajje . Murteessaan kun Murteessaa Kubbaa Miilaa Afrikaa(CAF) 2025 ta'uun badhaafameera . wayita Waancaa Addunyaa akka dursuuf filatamu sanatti abjuu isaa bara dheeraa akka argate yaaduun gammachuu daangaa hin qabne akka qabu tilmaamuun nama hin rakkisu . Erga ofirra deebi'ee An mul'atakoo fi Kaayyoof fuldurattin imala , an Viisaa fi Dookumantii sirrii qabadheen dhorkame , Shororkeessaatti namadaalan , biyyakoo waliinis rakkoo qabu jechuun dubbateera . Wayita gara Biyya isaatti deebi'u, Mootummaan biyyattii, xiqqaa hanga guddaa gadi ba'uun isa simatan, ati nuuf yoomuu goota keenya, Maqaa Sumaaliyaa Addunyaa irratti olkaasteetta , ati taphachiisuu baattuus nuyiif ati taphachiisteetta jechuun isa faarsan . taatee kanaan booda Miidiyaalee Addunyaa hundi Waa'ee Murteessaa Umar gabaasan, oduu ijoo Miidiyaalee ta'uun Addunyaa irratti beekamtii argate . Pirezedaantiin FIFA Infantinoon, taateen ta'e na gaddisiiseeraa , nuy kubbaa Miilaa qofa hoogganna Mootummoota biyyootaa garuu ajajuuf aangoo hin qabnu , garuu mariin waa mara ni furra , Umar Waancaa Addunyaan ala ta'us Qarshii Doolaara Ameerikaa Kuma dhibba tokko($100,000) ni argata jedheera . Kanaadaan Waancaa Addunyaa biyya isheetti akka dursuuf FIFA'f gaaffii dhiyeessiteetti . Waldaan Murteessitoota Kubbaa Miilaa Awurooppaa Umar Artaan Suppar Kaappii xumuraa PSG fi Aston villa n waliin taphatan akka dursuuf isa filateera . Diyaaspooranonni Lammii Sumaaliyaa biyya alaa jiraatan Qarshii Doolaaara kuma shantama($50,000) walitti qabuun siwaliin jirra jedhaniin .

  • Taphataa Garee Biyyaalessa Kaanaadaa dhalataa Oromoo ta'e Alii Ahmad  Taphataa lammii Biraazil Peelee fakkeenya taasifatee kubbaa kan jalqabe Alii Ahmad waancaa Addunyaa bara 2026 irratti Kaanaadaaf hiriiree taphata. Dhimma kana irratti Toronto irraa harmee isaa Aadde Munaa Aliyyi OMN dubbisee jira. Alii Ahmad ijoolluummaa isaatti abjuu akkamii qaba jennee kan gaafanne aadde Munaa Aliyyii, “ijoollummaa isaa irraa kaasee kubbaa miilaa hedduu jaallata. Yoo ijoolleen inni waliin taphatu biraa deemanis inni kubbaa fudhatee taphataa ture. 'Kubbaa kanaan akka Liyoonel Meessi fi taphataa Biraazil dandeettii qabu Peelee ta'a jedhee abjootaa ture, Abjuu isaa sun rabbiin dhugaa godheef, baay'ee gammanna” jechuun waa’ee isaa ibsu.  Alii Ahmad Kaanaadaa bakka bu'ee Waancaa Addunyaa 2026 yeroo jalqabaaf yoo filatamu akka maatittii miira akkamii keessa turtan jechuun gaafii gaafannee deebii yoo kennan aadde Munaan, “Gammachuun keenya daangaa hin qabu. Ijoolleen hundis baay'ee gammadan. Gammachuu akkasii kanaan dura qabna jedhanii yaaduun ni ulfaata. Kabajaa guddaadha.” jechuun ibsan. Gareen biyyaalessa Kanaadaa “maatii keenyaaf affeerraa addaa godheera. Irbaata maatii (Family dinner) qopheessanii, hiriyoota fi maatii hunda walitti fidan. Baay'ee namatti tola ture.” jedhan. Maatii hundaa tikeettiin seensa istaadiyeemii kennamuufi kan himan aadde Munaan, maatii isaa nama 13f tikeettiin kennamuu himani jiru. Hundi keenyaa istaadiyeemitti argamne isa jajjabeessina jechuun dubbatani jiru. Waxabajjii 10 bara 2000 maatii hidda dhaloota Oromoo irraa Kaanaadatti kan dhalate Alii Ahmad, kilaba Toronto Oromia jedhamu keessatti taphataa kan guddate yemmuu ta'u, OSFNA keessatti kilaba isaa bakka bu'uun yeroo dheeraaf taphataa turee jira. Aliin OSFNA booda kilaba Kaanaadaa Vancouver Whitecaps jedhamu MLS keessa taphachaa ture. Achi booda Amajjii bara 2027 gara Awurooppaa ce'uun garee Shaampiyoonship keessa taphatu Norwich Siitiif mallatteessee taphataa jira. Abjuu kubbaa kilaboota gurguddoo Awurooppaaf taphachuutiin kan dheengi'ame Alii Ahmad hojii boonsa maatiin isaa isa irratti hojjataniin garee dargaggootaa Vaankoovaritti makamee taphataa ture. Bara 2022 garee jalqabaa Vaankoovaritti dabalamuun taphataa ture. Aliin dirree keessatti jiddu fi ittisaa qarqara bitaa ta'ee taphachuu danda'a. Aliin Waancaa Addunyaa Kanaadaa, Ameerikaa fi Meeksikoon waliin qopheessan irratti biyya isaa bakka bu’uun hirmaataa jira.  Tapha jalqabaa isaa har’a akka laakkoofsa Itoophiyaa halkan saa’atii 4tti Gareen biyyaalessa Kanaadaa fi Gareen biyyaaleessa Boosiniyaa Herzigoviniyaa walin taphataniin kan jalqabu ta’a.

  • Channel name was changed to «Eticha Lemi»

  • Waancaa addunyaa fi Doolaraa miliyoona 600 fi miliyoona 55 Dorgommiin waancaan addunyaa bara kanaa kan yeroo kamii caalaa qaalii ta'uun isaa himameera. FIFA'n biyyoota 48 dorgommii kana irratti hirmaataniif Doolaara miliyoona 600 fi miliyoona 55 akka hiru beeksiseera. Kunis kan yeroo kamii caalaa olaanaadha. Biyyi waancaa addunyaa 2026 kana injifatu badhaasa Doolaara miliyoona 50 kan badhaafamu yoo ta'u, biyyi sadarkaa lammaffaan xumure ammoo Doolaara miliyoona 33 kan argatu ta'a. Biyyoonni dorgommii kana irratti hirmaatan 48 akkataa sadarkaa isaaniin maallaqa ni argatu jedhameera. FIFA'n galii dorgommiiwwan garaagaraa irraa argatu irratti hundaa'uun badhaasa dorgommii kanaa yeroodha gara yerootti dabalaa jira. Milkiyaas Caaliitiin

  • Dubartii danuu fuulasheetu dibamaadha. Maddiisheetu balaqqisaadha. Danaasheetu qajeelaadha. Dhaabbiisheetu tolaadha. Taa'aasheetu (borootu) tulluu koomtoodha. Irra teessee gabaa Galiilaa dhaqxa. Garuu, foolii qaama saalaatu funyaan nama madeessa. Laga xuraawaan qalma foonii Buraayyuu itti gatamu sana caalaa dhiphina namatti buusa. Qaamasheerraa waan waan bakkichi hormaata baakteeriyaaf laatame fakkaata. Isheen wayita jaalala alaatti tasgabbooftuufi qulqullooftuu fakkaattus, gaa'ela seennaan amaloota dura haguugde gadi dhiifatti. Of buustee boosummaashee ifatti ilaalchisti. Tasgabbummaan hafee, duttuu saree halkanii taati. Of qabni hafee gudeedni ishee ligidaa'a. Qulqullinni dagatamee iddoo balfa gataa bulchiinsa magaalaa taati. Kanatu dhiira keessatti onnee dhiphisee sammuu itti gilmbisa. Inni Waan lamaan gaa'ela ijaare, waan lamaan kanaan gaa'ela diiga. (Kanarraa barattee abshaalli yoona of oolchiti)

  • Dhiirri waan 2an gaa'ela ijaare waan 2af diiga! Barreessaan Ruusiyaa inni beekamaan *Leo Tolstoy* jedhamu kitaaba isaa 'Anna Karenina' jedhu keessatti, gaa'elli waan gurguddaan osoo hin taane, dhimmoota xixixqqoo ta'anii garuu xaxamoo fi xiyyeeffannoo guyyaa guyyaatiin akka diigamu akkasitti barreesse: "Maatiin gammachuu qaban hundi wal-fakkaatu; Isaan gaddoon garuu tokkoon tokkoon isaanii sababa dhuunfaa fi bifa adda addaatiin gaddu." jedhe. Jechama kana jalatti, gaa'elatti galuu dhiiraafi deebisee diiguu isaa haasofna. Dhiirri waan 2n gaa'ela ijaare waan 2f diiga! Gaa'elli dhiirri ijaaru, ida'ama Ulaagaafi jaalalaati. Ulaagaan, jaalala malee, jaalalli Ulaagaa malee gaa'elaan naman ga'u. 'Jaalalli hin dhumu' Yoo jedhan dhageessee beektaa? Isaan kana himan, jaalalichi akka ulaagaa dabalate hin dubbatani. Malee dhumataan jaalala caale hin jiru. 'Jaalalli akkamiin dhuma?' Waan sammuun si jedhaa jiruuf,: Namatu duruma waantoota jaallatu sammuutii qaba. Amaloota fedhu, bifoota hawwu, danaawwan iji isa ilaaluu barbaadu, fedhii Humna bittuu (qabeenyaa)tiif qabu, Dinqisiifannaa dandeettiifi ogummaaf qabu, dandeettii isa ofiin itti gammadu tokko,... sammuutii qaba. Sana lafarratti arguu barbaada, namarratti. Argee, itti dhiyaatee jiraachuu barbaada. Waliin jiraachuu, ittiin jiraachuutti of fiduu hawwa. ( hangi kirkira firiquweensii dabale jechuudha) Sanatu jaalala. Caaculeen jaalalatti nama galchan kun akka Ulaagaa ta'an amma hubattee? Sin gaafadhu. Siifuu halkan hirribarratti sii dhufuu mala. Akkamiin jaalalichi dhumataree? Ulaagaan kee humna kee waliin deema. Ulaagaan kee naannoo kee waliin jijjiirama. Ulaagaan kee duudhaafi barsiifata kee waliin wal hidhata. As keessaa tokkoof fakkeenya yoon kenne,...yeroo iskuula gadii barattu, yeroo kittaa Yuunifoormii keellee seeraan hin miiccanne, yeroo biskutii mana barumsaatti gurguramu boqonnaarratti bitachuuf humnan qabne, yeroo qulqulleessitee hanga gurraacha'utti rifeensa keerraa forforii hin baasne,.. Yeroo sana, ulaagaan sammuu si jiruufi har'a yaadatti baattee jirtu tokko miti. Intalli yeroo sana iskuula keetti Diyaanaa warra Biriiteen sitti fakkaataa turte, isheen ati 'Jiraanneen ishee waliini; aduun isheen alaa dukkana naaf hin mootu' jechaa turte, har'a siif hagas mara miti. Parsanteejiin isaa iddootii goguu baatullee irraa dhangala'eera. Maaliif? Namni hangumasaan gabaa ba'a. Ulaagaanis har'akee, humna keefi eenyummaa ke har'aa waliin bixxilamti. Wanti kana hin guunnemmoo ykn fuunfata ammaa ykn fedhii battalaa taatee darbiti. Kan haala ke ammaa waliin gatiin ke dabala. Bu'aa ba'ii keessa luftee gaara jiruu har'aa yaabbatteen of shallagda. Kanaaf waan rakashaaf ulaagaan naqxu. Dhiirri waan 2aaf Gaa'ela diigu isaa 1. Waccuu dubartii Isheen akka biimbii halkanii diinqaa gungumtu, isheen wacni ishee gurrarraa nama qil'isu, akka samiirraa darbatameetti dhiira dhiphisti. Nyaattuu boqonnaa ilma namaatisi. Isheen kun dhiiraan mooraa gaa'elaa keessaa dhiiraan dhiibamti. Akka jinnii halkan hirribaa nama kaastuuttis lakkaayamti. Solomoon Ogeessichi, "Haadha manaa dubbiifi lola jaallattu waliin mana bal'aa keessa jiraachuurra, qofaa kee riqqee gubbaa taa'uutu caala" jedheera. Gaa'ela diiguu dhiiraaf, qabxiin sababaa kana caalee dhaabbatu hin jiru. 2ffaan, Qulqullina dhabuu dubartii Tasgabbiitti aanee wanti dhiiraaf nagaa kennu, qulqullina dubartii inni waliin jiraatudha. Dhiirri, dubartii caalaa daa'ima jaallatus, sababa waca/ iyyasheefi qulqullina ofiin hin eegganneef garaa bal'atee itti gaafatamummaa fudhachuu jalaa baqata. Waciifi balfi ilmoosaarraallee isa dheessisa. Utuuma jaallatuu abboota danuutu fira ykn haadhasaatti ilmoosaa gatee kan dhiiseef sababni isuma kana. Kun, tasgabbiifi qulqullinni nagaa dhiiraa akka ta'e, balfaafi waci akka garaa isan bal'isne agarsiistuudha.

  • Goota Goototaa Dammaqse! ‘Yaa Orooboo Battee Yaa Oromoo Baddee!’ jechi kun jechaa gootichaa Ilaansaa Halloo isa dhumaati! Addunyaa keenyaarraatti kana dammaqee namoota dammaqsuu nama tokko ykn namoota muraasaadha. Akka fakkeenyaatti yoo fudhannee Haayilaa Mariyaam Gammadaa, Kol.Alamuu Qixxeessaafi Maammoo Mazaamiriitu Gootota Maccaafi Tuulamaa hundeessaan dammaqsee achii goototni akka Taaddasaa Birruu hanga gootota Dhaloota qubee ummame.  Mee goota weerara Naafxanyaa dura dhaabbatee mormeefi goototni biyya Itoophiyaa ijaaraaniif sababa ta’ee tokko kan jechiisaa dhumaa nu biraatti hafe ilaalla. ‘Yaa Orooboo Battee Yaa Oromoo Baddee!’ Ilaansoo Halloo Bokkuu Yeroo waraanni Minilik; Raas Goobanaa Dacceen durfamu gara  Oromoota Maccaa ykn Walisoofi Ambootti duulu; Goototni ilmaan Liiban Maccaa sirna Gadaa dhiisnee sirna  mootii Minilikiitti hin bullu jedhanii addaa duree lolaan hedduudha Kun kan ta’e bara 1870mootaafi 1880mootaa keessaa jechuudha. Osoo Waraanni Adwaa hin gaggeeffamin bara Oromoon Sirna Gadaa isaatin ijaarrame Lolee Fardaa kumaa kitilaan qabuufi diinaatti akka dumeessaatti itti marsee lolee injiffannoon galu ture. Gootota Oromoota Maccaa  Goobanni Daccee sossobiidhan isin tuqu jedhe firoomfachuun amansiise warreen amanaan amasiise jedhama. Goototni ykn namo jaboon kanneen akka Ilaansoo Halloo Bokkuu warraa Maaruufi Walgaafa Qumbii warraa Abeebee itti cichanii lolu filatan. Boodarraa malan ni mariidhannaa jedheenii qabe magaalaa Sabbattaa /Alamganaatti/ hidhe. Mana hidhaa sana keessaatti Ilaansoo Halloo fi Walgaafa Qumbii seeyyee seeyyee jedhanii geerarsaan quuqa isaanii gungumu jalqabani. Ilaansoo Halloo ‘Seeyyee Seeyyee Yaa orooboo Battee Yaa Oromoo Badee!’ Walgaafa Qumbii dabaree isaa ‘Seeyyee seeyyee Yaa gubaanii balbalaa Yaa gubaanii balbalaa Dubbii Goobana Daccee Dubbii Goobee Daccee Firrii namaa hin butaatu Gamni nama hin qabatu Maal cufaamiin akkanaa!’ Yeroo isaan kana jedhan baasasni raas Goobana Daccee waan jarri kun lamaan jedhan dhaqe itti hime. Achumaa raas Goobanaan jara lamaan keessaa Walgaafa Qumbii isaa dubbii dachaan dubbataate hiike Ilaansoo Halloo isaa ‘Yaa Oromoo Baddee’ jedhe kallattiin ergaasaa dabarfate hidhe jedhama. Ilaansoo Halloos mana hidha Alamganaatti goodna nyaachisaanii ajjeessan jedhama! Ilansoo Halloo gaafa du’uusaa dhaga’amu Oromoo keessaattuu Maccaafi Tuulamaatti Jechaasaa dhumaa kana akka mammaksaatti lapheessaa keessaa olkawaate!  Gootni kun gootataa hedduu kanneen biyyaarraa diina ittisaan kanneen akka Garaasuu Dhukii, Balchaa Saafoo Baddaa Sooddooti hanga Dandiifi Galaaniitti ykn Ambootti, Sululaa Laga Awashii hanaga laga Gibeefi Abbayyaati, Maccaa hanga Karrayyuu Salaaleefi Meetteeti gootota horaate. Gootni tokkichi kun gootota kumaa kitilaa ta’e malee hin badne! Gootni dura dammaqee gootota Dammaqsaa! Sagaleen ykn jechi  gootni tokkichi  gootota ittiin dammaqsuu galmee seenaarraa bara baraan jiraata! Laphee goototaa keessaas raaciita oonnaachiistuu ta’ee baraa Baraatti Gadaa Gadaatti fullaa’a! Akkumaa Ilaansoo Halloo jedhe Oromoon guyyaa sanaa kaasee sirna Gadaasaa, Afaansaa, Aadaasaa, Lafaasaa, Namaafi sa’aasaa dhabe! Kan bara sana diinaan dhabe deffachuuf gootota ilmaansaa qaalii ta’aan  kumaa kitilaa ittis dhabe. Yaaddannoon guyyaa gootota Ilaansoo Hallootif!  Ilmaan isaarraa! Siif hoo gaafa duute dhalootni maaliin si yaadata? Itti yaadi?

  • "Itoophiyaaf Oromiyaan Tasa Waliin Jiraachuu Hin Danda'an. Diinni guddoon oromoo itoophiyaadha. Sababoonni gurguddoon saba Oromoo fi Itoophiyaan akka wal-simatanii hin jiraanne godhan danuudha. 1ffaa. Seenaa fi Hundee Uumama Impaayeerichaa (Historical Foundation) Itoophiyaan kan ijaaramte saba Oromoo fi saboota biroo humnaan cabsuu, koloneeffachuu fi eenyummaa isaanii balleessuu irratti. Itoophiyaan ammayyaa harka caalaan isaa Oromiyaa humnaan weeraruu fi saamuun ijaarame. Kun immoo saba Oromoo biratti Itoophiyaan akka Mootummaa itti dhufe (imposed state) malee, akka biyya ofiitti akka hin ilaallatne godhe. Sirni Gadaa inni dimookiraatawaa ta’e, sirna abbaa irree (monarchy/centralism) Itoophiyaatiin waan diigameef, hariiroon sun akka Diinaa fi Cunqurfamaatti jalqabe. 2ffaa. Gaaffii Abbaa Biyyummaa (Sovereignty & Autonomy) Itoophiyaan saba Oromoo akka lammii qofaatti malee akka Abbaa Biyyaatti (Sovereign people) fudhachuu hin barbaaddu. Kanaaf itoophiyaa waliin akka oromoon jiraachuu hin dandeenye sirnaan hubachuuf beekuu feesisa. Oromoon biyya mataa isaa, daangaa mataa isaa fi sirna mataa isaa qaba, kanaaf kolonii itoophiyaa jalaa of baasun biyya isaa walaba taate keessa jiraachuf qabsootti jira. Mootummoonni impaayera Itoophiyaa hundi (haile-silasee irraa kaasee hanga PP'tti) Oromiyaa giddu-galeessa (Finfinnee) irraa ajajuu barbaadu. Federaalizimiin amma jiru barreeffamaan mirga hiree ofii ofiin murteeffachuu (Self-determination) jedhus, hojiidhaan garuu Oromiyaan ammas kolonii impaayera itoophiyaa jala jirti. 3ffaa. Saaminsa fi Miidhaa Dinagdee (Economic Injustice) dhimmi qabeenyaa (resources) bu’uura walitti bu’iinsaati. Qabeenyi Oromiyaa (Buna, Maallaqa, Albuuda, Lafa) guutummaatti Giddu-galeessaan (impaayera itoophiyaan) saamamaa jira. Oromoon qabeenya isaa irratti abbaa akka hin taane godhame. Kanaaf har'as ppn gaangistara mataa ofii ijaarrattee abbootii qabeenyaa oromoo fi sabboontota oromoo laaffisuuf dhabamsiisutti bobbaatee saamicha,ajjeechaa fi gochoota uummata haamilee cabsan ija uummataa duratti dalagaa oolti. Magaalaan Finfinnee bal’achuun qe’ee Oromoo barbadeessuu fi qotee bulaa Oromoo hiyyummaaf saaxiluun Itoophiyaa fi Oromiyaa gidduutti diinummaa cimaa uumeera. 4ffaa. Falmii Eenyummaa fi Aadaa (Identity Conflict) Yaad-rimeen Itoophiyaawummaa jedhu afaan, aadaa fi seenaa Amaaraa saba biratti dirqiin fe’uu irratti hundaa’a. Oromummaan immoo eenyummaa ofii kabachiisudha. Kanaaf itoophiyaaf oromiyaan waliif maal akka taate nii hubattu jedheen yaada. Afaan Oromoo afaan hojii federaalaa akka hin taane dhowwuun, saba Oromoo akka lammii lammaffaatti ilaalu. Kana jechuun lafa oromoo irra jiraachaa, eenyummaa kee ajjeesaa deemu jechuudha. 5ffaa. Gara-jabummaa fi Dhiitannaa Mirga Namoomaa. gochaawwan PP’n raawwachaa jirtu dhimma ammaa qofa osoo hin taane, fakkii Itoophiyaan saba Oromoo ittiin bultuuti. Ajjeechaan, hidhaan fi reebichi saba Oromoo irratti raawwatamu Itoophiyaan Oromoo akka diinaatti malee akka sabaa( Biyyaatti)akka hin ilaalle ragaadha. Biyyi Itoophiyaa jedhamu kun uumamuma isaan faulty design (caasaa dogoggoraa) qaba. Saboota wal-qixa keessummeessuu hin danda'u. Tokkummaa Itoophiyaa jedhu duuba saaminsa fi ajjeechaa jiru adda baasanii hubachuun dammaqiinsa ifa ta'edha. Falaasamni Ethiopia is one jedhuun dhiiga Oromoo dhangalaasuun gocha Emotional Appeal fayyadamanii dhugaa jirtu ukkaamsuuf yaaluudha. Oromoon dammaqee biyya isaa fi sirna isaa deeffachuuma qaba. Kanaa achi waan oromoo keessa jechumti itoophiyaa jedhuyyuu jira taanan milkiin hin jiru! Itoophiyaan diina guddoo oromooti. Oromiyaan Biyya.! "