tgindex
𝐌𝐚𝐫𝐬𝐢𝐢 𝐓𝐚𝐰𝐚𝐚𝐡𝐢𝐝𝐨𝐨

𝐌𝐚𝐫𝐬𝐢𝐢 𝐓𝐚𝐰𝐚𝐚𝐡𝐢𝐝𝐨𝐨

Статистика

" Yaa Waaqayyo, eegduu afaan koo eegu, tiksee saaqamuu hidhii kootii tiksus anaaf dhaabi!" (Faarfannaa 141: 3) 👉Afaan Qulqulloota irratti gumgumu haa hidhamu! Far 30/31:18.

Последний пост
21 мая
Последнее чтение
13 авг.
Постов за неделю
0
Всего постов
21
Тип
открытый
Язык
om
В каталоге с
13 авг.
Подписчики
191
0 за 2 дн.
Сутки
0
0,00%
Неделя
 
Месяц
 
Просмотров на пост
81
21 постов
Вовлечённость
42,4%
к подписчикам
Постов в день
0,0
всего 21
Упоминаний
0
каналов
Охват размещения
оценка
1/24сутки в ленте
1/48двое суток
1/72трое суток

Оценка по просмотрам недавних постов: пост набирает почти всё за первые сутки.

Посты

  • 🌷Baga Geessan🌷 ✅Olbahuu Kiristoos [HDB 1:6-11)✅ ✍️Ayyaanni Ol ba'uu Iyyesuus Kiristoos amantoota Ortodoksii biratti ayyaanota gurguddoo Gooftaa saglan keessaa tokko dha. Guyyaa har'aa (Kamisa), Gooftaan keenya erga du'aa ka'ee guyyaa 40ffaa irratti ulfina guddaadhaan gara samiitti ol ba'uu isaa ni yaadanna, ni kabajannas. ✅ Iyyesuus du'a isaa booddee immoo jiraataa akka ta'e, deddeebi'ee karaa hin mamsiifneen isaanitti [Bartootatti] of mul'ise; guyyaa afurtamaaf akka isa argan godhe, waa'ee mootummaa Waaqayyoos isaanitti in dubbate. Isaan wajjin utuu jiruus, "Abdii abbaan koo isiniif kenne, isa ani isinitti hime sana eeggadhaa malee, Yerusaalemii hin ba'inaa!" jedhee isaan abboome(HDB1:3-4). ✅Yeroo walitti qabamanitti duuka bu'oonni, "Yaa Gooftaa, si'a kana Israa'eliif mootummaa deebiftaafiiree?" jedhanii gaafatan. Inni immoo,"Yeroo yookiis bara Abbaan gooftummaa isaatiin dhaabe, beekuun isiniif hin kennamne. Isin garuu, Afuurri Qulqulluun yommuu isin irra bu'u, humna in godhattu; Yerusaalemitti, Yihuudaa hundumaatti, Samaariyaatti, hamma andaara lafaattis dhuga-baatuu koo in taatu" isaaniin jedhe. ✅Dubbii kana dubbatees, utuma isaan ilaalanii gara samiitti ol bahe; duumessi isa simate, ija isaanii duraas in dhokse. Utuma isaan karaa inni ol ba'e sanattii ija hin buqqifatiin, kunoo, namoonni uffata adaadii uffatan lama isaan bukkee dhaabatanii, "Isin namoota Galiilaa, maaliif dhaabattanii samii keessa ilaalaa jirtu? Iyyesuus, inni isin biraa gara samiitti ol fudhatame kun, akkuma amma itti gara samii dhaquu isaa argitan kanatti immoo, deebi'ee in dhufa" jedhaniin" ✅Raajiin dubbatames ni rawwate👉“Waaqayyo gooftaan sagalee gammachuutiin, sagalee fiinootiinis ol ba'eera”Faar. 47:5 ✅𝗢𝗹 𝗯𝗮'𝘂𝘂𝗻 𝗚𝗼𝗼𝗳𝘁𝗮𝗮 𝗸𝗲𝗲𝗻𝘆𝗮𝗮 𝗜𝘆𝘆𝗮𝘀𝘂𝘂𝘀 ,𝗶𝗻𝗷𝗶𝗳𝗮𝗻𝗻𝗼𝗼 𝗱𝗵𝗮𝗹𝗮 𝗻𝗮𝗺𝗮𝗮𝘁𝗶. 𝗙𝗼𝗼𝗻 𝗸𝗲𝗲𝗻𝘆𝗮 𝗹𝗮𝗳𝗮𝘁𝘁𝗶 𝗴𝗮𝗱𝗶 𝗰𝗮𝗯𝗲𝗲 𝗳𝗶 𝗰𝘂𝗯𝗯𝘂𝘂𝗱𝗵𝗮𝗮𝗻 𝘅𝘂𝗿𝗮𝗮'𝗲 𝘁𝘂𝗿𝗲, 𝗞𝗶𝗿𝗶𝘀𝘁𝗼𝗼𝘀 𝘂𝗳𝗳𝗮𝘁𝗲𝗲 𝗧𝗲𝗲𝘀𝘀𝗼𝗼 𝗔𝗯𝗯𝗮𝗮 𝗺𝗶𝗿𝗴𝗮 𝘄𝗮𝗮𝗻 𝘁𝗲𝗲𝘀𝘀𝗶𝘀𝗲𝗲𝗳, 𝗱𝗵𝗮𝗹𝗮 𝗻𝗮𝗺𝗮𝗮𝘁𝘁𝗶 𝘂𝗹𝗳𝗶𝗻𝗮 𝗴𝘂𝗱𝗱𝗮𝗮 𝗱𝗲𝗲𝗯𝗶𝘀𝗲𝗲𝗿𝗮. 𝗡𝘂𝘂𝗳 𝗷𝗲𝗱𝗵𝗲𝗲 𝗴𝗮𝗱𝗶 𝗯𝘂'𝗲, 𝗻𝘂𝘂𝗻𝗶𝘀 𝗼𝗹 𝗳𝘂𝗱𝗵𝗮𝘁𝗲! ✝️Nageenyi Gooftaa Keenya Fayyisaa Keenya Iyyesuus Kiristoos nu waliin haa ta'u! Ameen!🙏 👇👇👇👇👇👇 https://t.me/marsitewahido

  • без подписи

  • ➡️▪️𝐖aaqayyoo akka isanitti hin gaddine fi dhekkamsa isa irra deebisee dhiifama isaani kennuf waa’ee abbota Keenya fi obbolota keenya yakkanif ni kadhanna. ➡️🔸𝐈ddo fedha isatti bokka akka roobsuf waa’ee bokka dhaf ni kadhanna. ➡️▪️ 𝐘aa waaqayyoo bishaan laga nu guuti jenne waaqayyoon isaan hanga dhaaba isaani fi daanga isanitti akka nu guutuf ni kadhanna. => Sanyidhaaf makaraf akka ta'utti waaqayyoo firii lafaa akka nuuf laatuuf waa’ee firii lafaaf ni kadhanna. ➡️🔸𝐇adhannadhan kan kadhannuf kan wammannu ↪️▪️𝐇unduma Keenya nageenyan Afuuran nu haa eegu, ↪️🔸𝐉aalalaas nuuf haa kennu ↪️▪️𝐈jaa laphee Keenya nuf haa ibsu ↪️🔸𝐅edha isa ta’e kadhanna Keenya akka nuuf fudhatuuf ↪️▪️𝐃hiyanne Waaqayyon haa kadhannu ↪️🔸𝐁eekne qabeenyaa isatti akka guddannuf ↪️▪️𝐌aqaa isatti akka abdannuf ➡️🔸𝐄gaan Afuura qulqulludhaan haa kaanu ↪️▪️𝐃hiyanne waaqayyon Goofta Keenya haa kadhannu jaallate kadhanna Keenya akka nuuf fudhatuf. ⏩▪️Kadhannaadhaaf ka'aa!! https://t.me/marsitewahido

  • ?𝐀𝐃𝐇𝐀𝐍𝐍𝐀𝐀 𝐖𝐀𝐀'𝐄𝐄 𝐃𝐇𝐈𝐈𝐅𝐀𝐌𝐀(𝐁e'inte Qiddisaati) ➡️▪️Tokko kan Taasistu foon isaa fi dhiigaa isaatin waaqayyo dhiifama isaatin tokko akka nu taasisuf waa’ee nageenya ni kadhanna. +Amen nuttin araarami yaa Gooftaa dhiifaama nuf taasisi ➡️▪️ Waaqayyo amantaa isa qulqullumman akka eegnuf akka nuuf kennuf jecha waa’ee amanta Keenyaf ni kadhanna. ➡️▪️ Hanga dhuma jireenya Keenyatti waaqayyo tokkumma Afuura qulqullutin akka nu eeguf waa’ee tokkumma Keenya dhaf ni kadhanna. ➡️▪️Yeroo rakkina Keenya hunduma waaqayyo obsa dhuma hin qabne akka nuuf kennuf ni kadhanna. ➡️▪️Qulqullota kan ta’an Raajotaa, isaan wajjin waaqayyoo akka nu lakka’udhaf ni kadhanna. ➡️▪️Isaan akka isa gammachisan nutis akka gammachisnu waaqayyoo tajajilumma isa akka nuf kennuf carra isaani akka nuf kennuf tajajiltota kan ta’an waa’ee Duuka bu’oota isa ni kadhanna. ➡️▪️Waaqayyoo nuuf hojii waregamumma akka nuf kennuf qulqullota kan ta’an waa’ee waregamtota ni kadhanna. ➡️▪️Tajajiltonni mana kiristaana isaanidha hoo waaqayyo isanin ji’oota dheeradhaf akka nuf kennuf mudaa male qulqullummadhan ta’ani beekumsa jecha amantaa akka sirressanif waa’ee qondaala phaphasi Keenya …………ebbifama kan ta’an waa’ee qondaala phaphasii kenyaa abba …….. ni kadhanna. ➡️▪️Tayita lubbumma , waaqayyoo isani irra akka hin fagessine,tattafachu, isa sodachu, hanga dhumatti kka nuuf kennuf dadhabbi isaani akka fudhatuf waa’ee lubota ni kadhanna. ➡️ Waqayyo gonkuma tajajila ariffanna akka isani kennuf qulqullummadhaanis akka dhiyaatanif dadhabbi isani fi jaalala isaani akka fudhatuf waa’ee daaqunotaf ni kadhanna. ➡️🔸Tattaaffi amantaa isaani fiixan akka baasanif waaqayyoo akka isaanif kennuf waa’e gargartota daaqunota fi dubbistota kitaaba , waa’ee faarfatoottaaf ni kadhanna. ➡️🔸 Kadhanna isaanii akka dhaga’uuf caalaadhumatti qabeenya afuura qulqullu laphe isaani kessa akka bulchuuf dadhabbi isaani akka fudhatuuf waa’ee maanguddotaf, warra gargaarsa hin qabnefis ni kadhanna. ➡️🔸 Waaqayyo gatii dubqeerrumma isaani akka isaani kennuf waaqayyofis ijoolle dhiira fi dubara akka ta’anifi dadhabbi isaanis akka fudhatuf waa’ee dubqerrootaf ni kadhanna. ➡️🔸0bsa isaanitif gatii isaani akka fudhatuf Waaqayyo akka isaani kennuf waa’ee namoota obsanii ni kadhanna. ➡️🔸Qulqullumman ta’ani akka eeganif waaqayyo amanta jabaa akka kennu dhafi waa’ee ummatota fi amantoota ni kadhanna. ➡️🔸 Carra gaarii cubbun ittin haqamufi dhiqanna lama dhalachu kan ittin argamu Waaqayyo akka isaani kennuf chaapha qulqullu sillaasen akka kabajuf fi mallattessuf jecha warra amanta hir’uu ta’anif ni kadhanna. ➡️🔸Waaqayyo nageenya guutuu akka isheedhaf kennu waaqayyoon kan jalattu biyya keenyaadhaf ni kadhaanna. ➡️🔸Waaqayyo beekumsaa fi isa sodachu akka isaani kennuf waa’ee Qondaltoota fi Namoota Taayitaa qabaniif ni kadhanna. ➡️🔸 Waaqayyoo waa’e addunya hunda akka dursu tokko tokko isaanif kan bareede kan foyya'es akka yaaduuf waa’ee addunya hundumaadhaf ni kadhanna. ➡️▪️Waaqayyoo mirga dhiifama qabuun kararra buusuuf jalaala fi nageenyan gara mana bultoo isaanitti akka deebisuf waa’e warra galaana fi lafa goggarra adeemanif ni kadhanna. ➡️▪️ Waaqayyoo nyaata isaanii guyya guyyatti akka isaanif kennuf jecha waa’ee namoota beela’ani fi dheebotanif ni kadhanna . ➡️𝐖aaqayyoo gonkumaa akka isaan tasgabbessuf waa’ee namoota gaddani fi yaadda’ani ni kadhanna. ➡️▪️𝐖aaqayyoo hidhaa isaanii irra akka isaan hiikuuf jecha waa’ee namoota hidhamanif ni kadhanna. ➡️▪️ 𝐖aaqayyoo nagaadhan gara biyya isaanitti akka isaan deebisuuf jecha waa’ee namoota booji'amanif ni kadhanna. ➡️▪️𝐖aaqayyoo obsa, barumsa garii akka isaanii kennuf jecha gatii dadhabbi isaani akka isaanif kennuf waa’ee namoota godananif ni kadhanna. ➡️▪️𝐖aaqayyoo dafee akka isaan fayyisuf dhiifaama fi arjumma isa akka isanif erguuf waaqayyoo waa’e namoota dhukkubsatanif fayya dhabanif ni kadhanna. ➡️▪️𝐆artuu mana kiristana qulqulleetti kessa namoota du'anif Waaqayyo bakka boqonna akka isaanif kennuf ni kadhanna.

  • "Kiristoos du'aa ka'ee, Humnaf angoo Guddaan, Seexanaa hidhe Addaamiin bilisa baase, kana booda Nagaaf gammachuun ta'e." ✝️Guyyattiin kun guyyaa itti Kiristoos awwaala diigee aangoo ofiisaatiin, fedha Abbaa isaa fi Afuura qulqulluun du'aa ka'edha. 🤔"Kan hin duune du'e" akkuma  jedhame duuti isa hin moone. Inni nu fayyisuuf seera jala galfame jechuun kitaabni qulqulluun akkuma dubbatu, Guyyattiin Kun guyyaa mo'ichaati, guyyaa duuti itti humna dhabdedha. Kiristoos Du'a mo'ee du'a Ka'umsa labseeraatii. ✝️ Dhugumattii Gooftaan Keenyaa Du'a isatiin jaalala isaa, du'aa ka'umsa isaatiin humnaa isaa nuuf  mul'isee (Mat 28:1-10, Mar 16:1-10, Luq 24:1-12, Yoh 20:1-10). ✅Yaa jallaatamtoota maatii kiristoos, 👉 Kiristoosiin bilisumman labsameera 👉Kiristoosiin kiyyoon seexanaa diigameera 👉 Kiristoosiin Duuti keenya haqameera 👉 Kiristoosiin yakkii keenya hafeera 👉 Kiristoosiin warannii du'aa cabeera 👉 Kiristoosiin si'ool mo'amee qullaa hafeera.  👌Kiristoos humnaa fi angoo isaatiin du'a injifatee ka'eera! ✝️ Nuyis isaan jiraannee akka  du'a injifannuuf humna nuuf kennera. 🙏Baga guyyaa Yaadannoo Ifa du'a ka'u Gooftaa Keenya Iyyesuus Kiristoosiin nu gahe ❤️💖 👇👇👇👇👇👇👇👇👇 https://t.me/marsitewahido

  • ✝️Xumurame || ተፈጸመ። 👁️Abboonni fagootti arganii kan abdatan; raajonni barootaaf kan raajan; lubbuuwwan Si'ool keessaa harka bal'isanii kan eeggachaa turan fayyinni Addaam kunoo har'a raawwate! 👁️አባቶች በሩቅ አይተው ተስፋ ያደረጉት፣ ነቢያት ለዘመናት የተነበዩለት፣ ነፍሳት በስዖል እጆቻቸቸውን ዘርግተው ይጠብቁት የነበረው የአዳም ድህነት እነሆ ዛሬ ተፈጸመ።! 🤲Nama waggaa nu haa taasisu! Ameen🙏

  • ✝️Tokkicha Hundaaf du'e 👉 Kiristoos 🥰 ✍️Wanta nu irratti caafamee ture, isa nutti hin tolin sana, waan inni karaa seeraa nu irraa barbaaduu wajjin duguugee fannootti cinqaarsuu isaatiin iddoo isaatii balleesseera. ✝️Fannoo sana irrattis Kiristoos warra qilleensa irraa gooftummaa qabanii fi humna qaban harka duwwaa hambisee bakkeetti isaan mul'isuudhaan salphisee isaan argisiise (Qol. 2:14-15). ✝️Inni tokko hunduma keenyaaf du'e, adabbii nuti adabamuu qabnu inni bakka keenya bu'e adabamuun gara taayitaa fi bakka keenya duraattis akka deebinuuf inni hin duune du'e😭 ✝️Akkuma Qulqulluun Yohaannis Afaan-Warqee dubbateen:- 👉 "inni hin duune du'e, du'a balleessuudhaaf inni du'e callisuun akkanaa kun callisuu akkamiiti? 👉Obsi akkanaa kun obsa akkamiiti? 👉Jaalalli akkanaa kun jaalala akkamiiti? 👉Hammeenyan isa harkisan inni garuu Jaalalaan isaan duuka bu'e. 👉Akka hoolaa qalmaaf ofamuutti kan dubbachuu danda'u waan nu jaallatuuf callisee isaan duukaa bu'e"! 👉Kun hundumtuu kan ta'e jaalala keenyaafi💝 ✝️Inni garuu balleessaa keenyaaf in waraaname, sababii yakka keenyaafis reebamee in caccabsame; nuyi nagaa akka argannuuf inni in adabame, madaa'uu isaatiinis fayyinni nuuf in argame (Isa 53:5). 🤲Yaa Kiristoos nutti Araarami🙏

  • без подписи

  • ✝️ Gooftaan Lubbuu isaa Kenne ✅Oolmaa Gooftaa Guyyaa Jimaataa, Kutaa ❹ ffaa ❹. Sa'atii 9:00 [Lubbuu isaa Kenne] #Faarfannaa Daawit (Faar. 68/69:21-22) "Nyaata koof hadhooftuu naaf kennan; Dheebuu koof dhangaggooftuu na obaasan" #Wangeela [Maat. 27:46-50; Maar. 15:34-37; Luq. 23:46-47; Yoh. 19:28-30] ➭"Iyyesuus amma wanti hundinuu fiixaan ba'uu isaa beekee, dubbii kitaabaa fiixaan baasuudhaaf, "Nan dheebodhe" jedhe. 🥺Qodaan daadhiin waynii dhangaggaa'aan keessa guute tokko achi in dhaabata ture; daadhii dhangaggaa'aa sanas, waan akka cumaa buqqee hadhaa'aa isa bishaan dhagnatti xuuxu tokkotti guutanii, hanxaxii hisoophiitti kaa'anii afaan Iyyesuusitti qaban. 📜Iyyesuus daadhii dhangaggaa'aa sana erga afaaniin qabee booddee, "Ni raawwate" jedhe; mataa isaa jal'isee lubbuu isaa kenne" ♥️"Waaqummaan hin duune waa'ee keenyaaf xoofoo du'aa fudhatee qaama isaatiin du'e; maaloo kanaaf dinqisiifannaatu ta'a" ✝️ Sa'atii 11:00 [Gooftaa Awwaalan] [Yoh 19:38-42] ➭Guyyaa warri Yihudootaa itti qophaa'an ta'e, awwaalichi dhi'ootti waan argameef, Iyyesuusin achi keessatti awwaalan" 🤲 Kiriyaalaaysoon Nutti Araarami" 💔

  • ✝️Gooftaa fannoorratti fannisan🥺 ✝️Oolmaa Gooftaa Guyyaa Jimaataa, Kutaa 3ffaa ❸Sa'atii 6:00 [Gooftaa fannoorratti fannisan] #Faarfannaa Daawit [Faar. 21:17] "Harkawwan koo fi miilawwan koo na waraanan; Lafeewwan koo hundi ni lakkaawwaman" #Wangeela (Maat. 27:27-45; Maar. 16:15-23; Luq.23:27-44; Yoh 19:13-27] ➭"Kunis guyyaa qophii Faasiikaa gara sa'aatii ja'affaatti ture. Philaaxos yommus Yihuudotaan, "Ilaa mootii keessan" jedhe. Isaanis iyyanii, "Balleessi, balleessi, isa fannisi!" jedhan. Philaaxos immoo, mootii keessan fannisuuree?" ittiin jedhe. 👥 Luboonni warri angafoonni immoo deebisanii, "Nuyi Qeesaar mootii warra Roomaa malee mootii hin qabnu" jedhan. Yommus akka inni fannifamuuf dabarsee isaanitti isa kenne; isaan akkasitti Iyyesuusiin fuudhanii adeeman. 🥺Iyyesuus fannoo isaa ofii baatee, gara iddoo "Lafee mataa" yookiis afaan Ibraayisxiitti "Golgootaa" jedhamutti ba'e. Achitti isa #fannisan; namoota kan biraa lama, garasii fi garanaan, Iyyesuusiinis gidduutti fannisan. 🤔Philaaxos yommus waan ittiin beeksisu tokko barreessee, mataa fannoo isaatiitti maxxanse; caaffatichis, "Iyyesuus nama biyya Naazireet, mooticha Yihudootaa" kan jedhu ture. Iddoon itti Iyyesuus fannifame mandarichatti dhi'oo waan tureef, barreeffama beeksisaa sana Yihudoota keessaa baay'eetu dubbise; inni afaan Ibraayisxiitti, afaan warra Roomaatti, afaan warra Giriikiittis barreeffamee ture. 👥 Yommus luboonni warri angafoonni Yihudootaa Philaaxosiin, "Namicha kanatu 'Ani mootii Yihudootaa ti' jedhe, jedhi malee, 'Mooticha warra Yihudootaa' jettee hin barreessiin!" jedhan. 🤔Philaaxos garuu deebisee "Waanan barreesse barreesseera" jedhe. Iyyesuusiin erga fannisaniis warri loltuu, wayyaa isaa fudhatanii, tokko tokko 'akka isaan ga'utti iddoo afuritti hirmaatan; kittaan isaa garuu olii hamma gadiitti dha'aa tokkichaan ba'e malee, hodhaa hin qabu ture" 🤲"Yaa Gooftaa osoo fannoo kee qulqulluu irraati fannifamtee jirtuu yakkamaa isa mirga keetti fannifame mootummaa keerratti akkuma yaadatte nuunis nu yaadadhu" ✅Kutaa 4ffaan itti fufa 🤲 Kiriyaalayisoon 🤲

  • ✝️Oolmaa Gooftaa Guyyaa Jimaataa✝️ ✅Kutaa 1ffaa ➭Galanni fi waaqeffannaan isaaf haa ta'uutii Gooftaan keenya fayyisaan keenya Iyyesuus Kiristoos Kamisa halkan sa'atii saditti (3:00tti) qabamee halkan guutuu irratti qoosaa, gidirsaa bulan. 📜 Jimaaata ganama barii sa'atii 1:00tti murtoof Philaaxoos duratti dhiyeessan! Isa booda Oolmaan Gooftaa guyyittii kanaa maal fakkaata ture kan jedhu kitaabni qulqulluu ifatti nuuf kaa'eera afuuraan taanee walumaan haa dubbisnu! ❶. Sa'atii 1:00 [Gooftaa Philaaxos dura dhaaban] #Faarfannaa Daawit (Faar. 26/27:12)👇 "Dhugaa baatuuwwan sobaa narratti ka'an; Kan ani hin beeknes narratti dubbatan" #Wangeela [Maat. 27:1-14; Maar. 15:1-5; Luq.22:66-71; Yoh. 18:40] ➭"Ergasii Iyyesuus mana Qayyaaffaa irraa gara mana mootummaa warra Roomaa, lafa inni biyya bulchu jiraatutti geessan; yeroon isaas ganama barii ture. 👥Warri Yihudootaa ofii isaaniitii hoolaa Faasiikaa nyaachuudhaaf of in eeggatu waan turaniif, akka hin xuroofneef mana mootummaa warra Roomaa sana hin lixne. 🤔 Kanaaf Philaaxos gara isaaniitti gad ba'ee, "Wanti isin namicha kana ittiin hadheessitan maali?" jedheen. Isaan immoo deebisanii, "Utuu inni kun nama hamaa hojjete ta'uu dhaabaate, nuyi sitti dabarsinee isa hin laannu turre" jedhaniin. Philaaxos immoo, "Isinumti isa fudhadhaa, dhaqaatii akka seera keessaniitti isatti murteessaa!" isaaniin jedhe. Warri Yihudootaa garuu, "Nuyi nama tokko illee ajjeesuuf seerri nuuf hin kennu" jedhaniin. Kanas, Iyyesuus du'a attamiitiin du'uuf akka jiru tuquudhaaf kan inni jedhe, akka raawwatamuuf dubbatan. 🤔Philaaxos yommus gara mana mootummaa sanatti ol deebi'e, Iyyesuusiin waamsisee, "Ati mooticha Yihudootaatii?" jedhee isa gaafate. Innis deebisee, "Kana yaaduma keetiin dubbatta moo yookiis warra kaantu waa'ee koo sitti hime?" jedhe. Philaaxos immoo, "Anatu' Yihuudiidha moo ree? Saba keetu, luboota warra angafootatus anatti dabarsee si kenne, ati maal goote?" jedhe. 👉 Iyyesuus garuu deebisee, "Mootummaan inni kan kootii mootummaa biyya lafaa kanaa miti; utuu mootummaa biyya lafaa kanaa ta'ee, akka ani warra Yihudootaatti hin kennamneef, namoonni koo anaaf in lolu turan; garuu mootummaan inni kan kootii mootummaa biyya lafaa kanaa miti" jedhe. Philaaxos, "Yoos immoo ati mootii dha kaa?" jedheen; Iyyesuus deebisee, "Akka ani mootii ta'e ati iyyuu in jetta, dhugaadhaaf dhugaa ba'uufan dhaladhe, kanumaafanis gara biyya lafaa dhufe; inni kan dhugaa ta'e hundinuus, sagalee koo in dhaga'a" jedhe.  🤔Kana irratti Philaaxos, "Dhugaan maal inni?" jedheen. Kana dubbatee ammas gara warra Yihudootaatti gad ba'ee, "Ani dabaa tokko illee isa irratti hin argu. Garuu Faasiikaatti nama hidhame tokko akkan isiniif gad dhiisu, amala godhattaniittu; mooticha Yihudootaa kana akkan isiniif gad dhiisu in feetuu?" isaaniin jedhe. Isaan itti iyyanii, "Isa kana miti, Barbaan malee!" jedhan; Barbaan kun immoo saamtuu ture." 👉Kutaa 2ffaan itti fufa 🤲Kiriyaalayisoon🤲 👇👇👇👇👇👇👇 https://t.me/marsitewahido

  • "Ani yoon si dhiquu dhaabaadhe, na biraa qooda hin qabdu" (Yoh. 13:8). ✅Jecha kana kallattiidhaan kan dubbate፦ Madaan isaa Qoricha, Duuni isaas jireenya kan nuuf ta'e Gooftaa keenya, Fayyisaa keenya Iyyesuus kiristoosidha. Galatniifi ulfinni guddaan ulfaataa maqaa isaatiif haa ta'u! ✍️Jechi kunis kan dubbatame Sim'on Pheexroosiifi dha. 📜Gaafa miila dhiqaa Kamisa galgala Barsiisaa seeraa kan ta'e Gooftaan keenyi Iyyesuus kiristoos mudhii isaa hidhatee miila barattoota isaa dhiquutti ka'e. 🤔Akkaataa kanaan Sim'oon Pheexros bira gaafa ga'u, Phexros, "Yaa Gooftaa situ miilla koo dhiqaa?" ittiin jedhe. Iyyesus ammoo, "Waan ani hojjechaa jiru ati amma hin beektu; gara booddeetti garuu ni hubatta" jedhee deebiseef. ✅Sim'on Pheexros garuu, "Yoom iyyuu taanan miilla koo hin dhiqxu" jedheetu basy'isee isa falma ture. Kana irratti Gooftaan keenyi Iyyesus kiristoos; "Ani yoon si dhiquu dhaabaadhe, na biraa qooda hin qabdu" jedhee jala muree itti hime (Yoh.13፥6-8). 👥Kabajamtoota maatii Waaqayyoo! ✅Nutis yoo inni dhiqee nu qulqulleesse malee isa biraa qooda tokkollee hin qabnu! ✅Waaqayyo biraa qooda qabaatanii mootummaa isaatti galuudhaaf harka isaatti dhiqamanii qulqullaa'uun dirqama dha. 👥Kanaafuu Haadhooko yoo ani dhiqee si qulqulleesse malee ana biraa qooda hin qabdu siin jedha Waaqayyo. 🤔Atihoo maal jettaree??? ✅Sim'on Pheexros garuu erga icciitiin miila dhiqachuu kun isaafii galee booda, "Miilla koo qofaa utuu hin ta'in, harkakoos, mataakoos na dhiqi!" ittiin jedhe.” Yoh. 13:9 👥Atis akka Waaqayyo dhiqee si qulqulleessuuf guutummaa eenyummaakee gaabbii galuudhaan Waaqayyotti laadhu! ✅Dhugaa dubbachuudhaaf nuti wanti baay'ee irraa qulqullaa'uudhaa qabnutu jira. ✅Arrabni keenyi nagaa hin qabu. Hamaa dubbatee nama quuqa. Harki keenyis taanaan dafqa hiyyeessaa saamee fudhateera, Kabalees nama boossiseera, Darbatee nama kuffiseera, Rukutee nama madeesseera, Waraanee nama dhiigseera, Hudhee nama ajjeeseera. 📜Dhugaa dubbachuudhaaf taanaan cubbuu harki keenyi guyyaa guyyaatti hojjetudha akkaataa kanaan tarreessine malee qaama keenya keessaa mee amma eessa keenyatu Waaqayyoo dhaaf qulqulluu dha??? ✍️Utuu nuti silaa dhiqamuu dhaaf eeyyamamoota taanee Waaqayyo dhiqee nu qulqulleessuu dhaaf amanamaa dha. ✍️Kanaafuu xuraa'ina keenya kana hundumaa irraa akka Waaqayyo dhiqee nu qulqulleessuuf gaabbiidhaan gara Waaqayyootti haadhiyaannu! ✅Waaqayyo akkana jedha, “ani bishaan taliila isinittan facaasa, isinis ni qulqullooftu; xuraa'ummaa keessanii fi waaqayyolii tolfamoo keessan hundumaa irraas nan isin qulqulleessa” Hizq.36:25. ✍️Kanaafuu erga nu dhiquun eeyyama isaa ta'ee nutis dhiqannee cubbuu irraa qulqullaa'uudhaaf eyyamamtoota taanee dhiyaachuun nurra jiraata. 👉Sababiin isaas Waaqayyo biraa qooda qabaachuudhaaf barruu isaatiin dhiqamanii qulqullaa'uun dirqamadha. ✅Kana malees sagantaa miila dhiqaa kana irratti Gooftaan barnoota KASOOMINAA nu barsiiseera. ✅Inni barsiisaadha, Barattoota isaaf garuu gadi ji'edhee miila isaanii dhiqe. ✅Inni Waaqadha uumamtoota isaaf garuu gadi jedhee miila isaanii dhiqe. Kunis akka nuti irraa barannee kasoominaan miila walii dhiqnuuf ta'e. 📜Akkana jedhe Gooftaan, “Ani Gooftaafi Barsiisaa keessan ta'een utuun jiruu ergan miilla isiniif dhiqee, isinis ammoo miilla walii walii keessaniif dhiquun isiniif ta'a.” Yoh.13:14 ✅“Ani akkuman isiniif godhe, isinis akka gootanif fakkeenya isiniif ta'eera,” Yoh.13:15 ✅“Ana irraa baradhaa! Ani garraamii dha. Boqonnaas lubbuu keessaniif ni argattu.” Mat.11:29 ✅Egaa nutis lubbuu keenyaaf boqonnaa argachuudhaaf jecha akkuma Gooftaan "ana irraa baradhaa!" nuun jedhetti isa irraa barannee fakkeenya Gooftaan ittiin nu barsiise kanaan faayamnee jiraachuun nuuf mala. 👥Kanaafuu umurii keenya keessatti yeroo hundumaa kasoominaan haa deddeebinu! ✅Hoggantootni gadi jedhaa, saba keessan tajaajilaa, Barsiisootni gadi jedhaa barattoota keessan tajaajilaa!, Abbooliin gadi jedhaa, ijoolloota keessan tajaajilaa! 👉Ayyaanni guyyaa hardhaas wanti kun hundi kan irratti baratamudha. Ameen! ✍️Abba Nikodemos Bishop https://t.me/marsitewahido

  • без подписи

  • ✝️Deemsa Fannoo: Wiixata ✝️ ►Guyyaa kanatti Gooftaan Keenya Iyyesuus Kiristoos  gochawwan lama raawwate. Kunis, inni jalqabaa muka balas akka abaaree fi inni lammaffaan immoo mana qulqullummaa isaa akka qulqulleesse  Kitaabni Jireenyaa nutti hima! 1. Abaaramuu Muka Balas/Harbuu "Borumtaas isaan Bitaaniyaadhaa yommuu ba'an Gooftaa Iyyesuus in beela'e [Namummaa beela'u qabeenya waan godhateeruuf].  Muka harbuu baala qabu tokkos fagootti argee, ija irraa argadha laataa? jedhee dhaqe. Inni mukicha bira ga'ee baala malee waanuma tokko irraa dhabe; yeroon isaa yeroo harbuun ija itti godhatu hin turre.  Iyyesus yommus mukichaan, “Homtinuu deebi'ee ija si irraa hin nyaatiin bara baraan” jedhe; bartoonni isaas kana jechuu isaa dhaga'an" Marq. 11:12-14 ❓Anaaf si'i irraa hoo jar'a Gooftaan maal argate laata? Moo nuyis baala qofaan jirra? 2. Qulqulleeffamuu Mana Qulqullummaaa "Isaan Yerusaalemin in ga'an; Gooftaa Iyyesuus yommus mana qulqullummaatti galee warra mana qulqullummaa keessatti bitanii fi warra gurguran gad baasuutti ka'e, gabatoota warra horii callaa gegeddaraniitii fi taa'umsa warra gugee gurguranii gad garagalche.  Homtinuu mi'a baatee mana qulqullummaa keessa ba'ee akka adeemuuf karaa hin laanneef.  Gooftaan isaan barsiisee, “‘Manni koo saba hundumaatiif mana kadhataa jedhamee in waamama’ kan jedhu hin caafamnee ree? Isin garuu holqa hattuu isa godhattan” isaaniin jedhe. Marq. 11:15-17. ❓Anaaf si'i hoo har'a mana qulqullummaa isaa keessatti maal hojjechaa jirra? Bultoo isaa kan ta'e laphee keenya keessatti hoo maaltu ta'aa jira? Daldala cubbuu moo qulqullummaadha laata? 🙏Waaqayyo, dhibee fi dhukkubbii; dheebuu fi dadhabbii tokko malee akkuma har’aan nu gahe guyyaa du’aa ka’umsa isaatiin nagaa fi gammachuun nu haa gahu. Ameen!🙏 👇👇👇👇👇👇👇👇👇 https://t.me/marsitewahido

  • без подписи

  • ✍️“Kottaa gad buunaa” (Uma. 11:7). ✝️Baga Ayyaana Qulqulleettii Sillaasee (Amajjii 7) nagaan geessan! 👂Seenaan Seera Uumamaa Boqonnaa 11 irratti argamu kun, seenaa namoota afaaniin wal dhabanii qofa osoo hin taane, iddoo itti Waaqayyo Tokkummaa fi Sadanummaa (Sillaasee) isaa ibsee fi iccitii fayyina ilma namaa itti raawwatedha. ✍️“Kottaa gad buuna, ... afaan isaanii waliin makna” (Uum 11:7). Jechi kun iccitii guddaa of keessaa qaba: ✅Waaqayyo “Kootta” akkasumas “Ni” jechuun isaa, qaamaan sadii (Abbaa, Ilma, Afuura Qulqulluu) ta’uu isaa agarsiisa. Waaqayyo Ergamootaan ykn uumama biroon “kottaa” hin jenne; Sillaaseen isaanumti gidduu isaaniitti dubbatan malee. ✅“Gad buuna” jechuunis ‘Gocha Tokko’ agarsiisa ykn kun tokkummaa Waaqummaa agarsiisa. ✅ Sillaaseen yaadaan, fedhaan, uumuu fi bituun tokko. Qaamaan sadi yoo ta’anillee, gochaan yoomiyyuu gargar hin ba’an. ✅Afaanota sana “Waliin Makuu” isaa Waaqayyo uumama isaa irratti aangoo guutuu qabaachuu isaa fi murtoo haqaa kennuu isaa argisiisa. 🤔Maaliif “Gad Buuna” Jedhe? ✅Abbootiin Mana Kiristaanaa yeroo hiikan, “Kottaa gad buuna” jechuun isaa, hiika lammaffaa fi isa cimaa qaba jedhu. Kunis yeroo booda Ilmi Waaqayyoo (Iyyesuus Kiristoos) foon uffatee, gara biyya lafaatti gad bu’ee, sanyii namaa fayyisuuf akka jiru raajii dubbatamedha. ✅Waaqayyo iddoo hundumaa guuteera; ol ba’uu fi gad bu’uun isa hin barbaachisu. 🤔Haa ta’u malee, “Gad buuna” jechuun isaa: 👂Cubbuu ilmaan namootaa dhiyoo ta’ee ilaaluu fi murtoo sirrii kennuu; akkasumas, yeroo sanatti namoonni sun “Gamoo ijaarrannee, maqaa keenya haa waamsisnu” jedhanii Waaqayyo irratti ka’an. ✅Waaqayyo afaan isaanii waliin makuun isaa, badiisa guddaa (du’a bara baraa) irraa isaan oolchuufidha. Osoo afaan isaanii tokko ta’ee itti fufaniiru ta’ee, hammeenyi isaanii daangaa hin qabaatu ture; kanaaf Waaqayyo “gad bu’e” (gidduu galee) hojii hammeenyaa sana dhaabe. ✝️Egaa seenaan kun har’as jireenya keenya keessatti hiika guddaa qabu: ✍️Warri Baabiloon, “Kottaa, magaalaa fi gamoo ... ijaarrannaa; ... maqaa ofii keenyaa haa waamsisnu” (Uma. 11:4) jedhan. 🤔Har’as namoonni baay’een beekumsaan, saayinsii fi teeknooloojiin “Waaqayyo nu hin barbaachisu, ofii keenyaan ni dandeenya” jechuun gamoo of tuulummaa ijaaru. Maqaa Waaqayyoo dhiisanii maqaa ofii isaanii leellisu. ✍️Waaqayyo irratti kan ijaaramu “gamoon” kamiyyuu (qabeenya, aangoo, beekumsa…) dhuma irratti ni diigama. ✅Kiristiyaanni garuu: “Gooftaan mana yoo ijaaruu dhaabaate, warri ijaaran akkasumaan itti dadhabu” (Faar. 127:1) jedhee amana. ✍️Baabiloonitti afaan walitti makame; kunis adaba cubbuu ture. Namoonni Waaqayyoon ala tokko ta’uuf yaalan; kanaaf afaan isaanii wal-dhabe. ✅Waamichi “Kottaa Gad Buuna” jedhame Gad-of-qabiinsa guddaa agarsiisa. Waaqayyo inni uumaa samii fi lafaa ta’e, “Gad buuna” jedhee gadi of qabee dhimma keenya ilaale. Nuti hoo? Har’a namni nama gadii “gad bu’ee” ilaaluu hin barbaadu. Hunduu “Ol ba’uu” fi of-tuuluu barbaada. ✅Qulqulluu Yohaannis Afaan Warqee akkana jedha: “Waaqayyo ol of qabuu ilmaan namootaa ilaalee, isaan fayyisuuf gad bu’e; namni garuu ol of qabuu isaan bade.” Kanaaf, jireenya keenya keessatti akka Waaqayyoo “gad buunee” dadhaboota, warra kufan, fi warra gargaarsa barbaadan haa ilaallu. 🙏Waaqayyo gad bu’ee nu fayyise; nutis gad of qabnee waliif haa ajajamnu. “Waaqni of tuultotaan ni morma; warra gad of qabaniif immoo ayyaana kenna” (Yaaqoob 4:6). 🙏Galatni Waaqayyoof haa ta’u; Waaqayyo hubannaa isaa nuuf haa baay’isu! Ayyaana Gaarii! 👇👇👇👇👇👇👇👇👇 https://t.me/marsitewahido

  • Uumaa Keenya Sillaasee! Baga kabaja ayyaana waggaa Qulqulluu Sillaaseen nagaan geessan.

  • Galatakeex2 Yaa Waaqayyo galatakee! Yaa WAAQAYYO- /2/ Oolmaa kee hundumaaf Gochaa kee hundumaaf Nut homaa hin qabnuu Wanta siif laatamuu Iliil jedhaax2 mee WAAQAYYOOf iliil jedhaa Waaqummaasaatiifi Gooftummaasaatiifi Isa nu jaallateef Du'a nu oolchateef Bittaa diinaa jalaa Isa nu baafateef Gara mana isaatti Isa nu waammateef Nu eebbisiix2 yaa WAAQAYYO nu eebbisi. Ijoollee kee taanee Dhufneerra gara kee Guyyaa 40f Guyyaa 80 Maqaa keen cuuphamnee Mucummaa kee arganne Akkam bareeddi Tawaahidoon-Akkas bareeddi Tawaahidoon Iyyasuusiin- Eeyyee Yommuu lallabduu Gooftummaasaaf Yommuu sagaddu Haadha Gooftaa Yommuu kabajjuu Ergamootaa Yommuu abdattu Qulqulloota Wanta jaallattuuf Phaaphaasotaan Waan hogganamtuuf Lubootasheen Yommuu eebbistu Diyaaqonootan Kan tajaajiltuu Ayyaanoota Yommuu kabajju Faarfattootaan Yommuu faarfattu Uummata ishee Yommuu barsiiftuu Ballee uffattee Yommuu galatoo Fannoo hidhattee Yommuu adeemtuu Tokkummaadhaan Yoo waaqeffattuu Waloomatti Yommuu waamamtuu 👇 https://t.me/Galateeffamaadha

  • ✝️Halkan Dhaloota Gooftaa✝️ "Mucaan nuuf dhalateraatii; Ilmi dhiiraas nuuf kennameeraatii; aangoonis gateettii isaarradha; maqaan isaas gorsaa dinqii; waaqa jabaa; Abbaa bara baraa; hangafa nagaa jedhamee waammama" (Isay. 9:6) Waa'ee halkanittii Gooftaan itti dhalatee Qulqulluun Efreem (inni Sooriyaa) akkas jedha; ✅"Halkanittiin kun, Waaqni qulqulluu ta'ee fi unuun qulqulleessuf dhufe kan itti mul'ate halkan qulqulleettiidha!" ✅"Gurri keenyi haa qulqullaa'u, Ijji keenyis gara waan gaarii haa ilaalu, miirri laphee keenyaa qulqulluu haa ta'u! Dubbiin keenyis kabajaan kan guutame haa ta'u!" ✅"Halkanittiin kun halkan araaraati; kanaaf eenyumtillee obboleessa isaatti dheekkamee akka hin mufachiisne!" ✅"Halkanittiin kun halkan addunyaa hundaaf nageenya argamsiiste waan taateef, eenyumtillee ittiin hin jeeqamiin" ✅"Halkanittiin kun halkan gaarummaa waan taateef eenyumtillee hamaa hin ta'iin!" ✅"Halkanittiin kun halkan gad-of qabummaati, eenyumtillee itti of hin tuuliin! Halkanittiin kun guyyaa gammachuu keenyaa waan taateef, warra nu yakkan haaloo kan itti baanu hin ta'iin!" ✅"Guyyaa tola ooltummaa waan taateef, guyyaa gara jabinaa hin taasisnu! Guyyaa callisaa waan taateef guyyaa itti aariidhaan bobaanu hin hin taasisnu!" ✅"Har'i guyyaa Waaqayyo gara cubbamootaa itti dhufedha; kanaaf namni qajeelaan warra cubbamoota irratti of hin boonsiin!" ✅"Har'i guyyaa itti Waaqni hunda qabu hiyyeessa itti ta'edha; kanaaf sooressi isa hiyyeessa maaddii isaatti haa waamu!" ✅"Har'i guyyaa itti #kennaa gatii hin gaafanne fudhannedha; kanaaf namoota harka isaanii diriirsanii gargaarsa nu kadhataniif harka keenya haa diriirsinuuf" ✅"Guyyittiin har'aa kadhata keenyaaf balbala samii nu banteetti; namnis chaappaa Waaqummaa argate!" Ayyaana Eebbaa Nuuf Haa Ta'u!🙏

  • без подписи