tgindex
Milko T

Odeeffanoo sirri dhaaf!

Последний пост
3 апр.
Последнее чтение
13 авг.
Постов за неделю
0
Всего постов
25
Тип
открытый
Язык
und
В каталоге с
13 авг.
Подписчики
794
0 за 2 дн.
Сутки
0
0,00%
Неделя
 
Месяц
 
Просмотров на пост
937
25 постов
Вовлечённость
118,0%
к подписчикам
Постов в день
0,0
всего 25
Упоминаний
0
каналов
Охват размещения
оценка
1/24сутки в ленте
1/48двое суток
1/72трое суток

Оценка по просмотрам недавних постов: пост набирает почти всё за первые сутки.

Посты

  • #kutaa12ffaa Tajaajilli Madaalliifi Qormaatawwanii akaakuuwwan barnootaafi qabiyyee qormaanni kutaa 12ffaa of keessatti hammatu ibseera. Haaluma kanaan:- 👉Saayinsii uumamaa - Ingiliffa, Iskoolaastiik Aptiituudii - Herrega, Baayoloojii - Keemistiriifi Fiiziksii dha. 👉Saayiinsii hawaasaa - Ingiliffa,        - Iskoolaastiik Aptiituudii - Herrega,        - Seenaa - Ji'oograafii  - Ikonomiksii dha. Qabiyyeen qormaatichaa tokkoon tokkoon akaakuu barnootaa kanneeniin kutaa 9- 12ffaatti hundaa kan hammatu yoo ta’u, kan kutaa 9ffaa sirna barnoota duriifi haaraarratti kan xiyyeeffatu ta’a. Haaluma kanaan qabiyyeewwan barnootaa kanneen kutaa 10ffaa hanga 12ffaa ammoo sirna barnoota haaraarratti yoo xiyyeeffatu, akaakuun barnootaa Ikkonomiksii sirna barnootaa haaraarratti kan hundaa’u ta’uufi qabiyyee barnoota kutaa 10ffaa hanga 12ffaa kan ofkeessatti haammatu ta’uunis ibsameera. #TikvahAfaanOromoo Bitootessa 25, 2018

  • Hanqina Dhiyeessii Boba’aatiin Wal-qabatee Rakkoo Mudatu Hir’isuuf Murtee Mootummaan Dabarse 👉Konkolaattonni Boba’aa fe’an buufatarratti hunda dura dursi akka kennamuuf, 👉 Omishtoonni ol'aanoo fi dhaabbileen alergitootaa kallattiidhaan, 👉Pirojeektoonni mootummaa fi dhuunfaa xiyyeeffannoo addaa barbaadan kallattiidhaan, 👉Konkolaattonni daldala alergii fi alaa galu dabalatee omishaalee guyya guyyaa fe’an, 👉Tiraaktaroota qonna ammayyeessan, 👉Konkolaattota Geejjibaa magaalaa fi qaxxaamura biyyaa, 👉Konkolaattota naafxaan hojjetan ta’anii kan uummataaf tajaajila kennan: Akkaataa adeemsa hojii dursa kennuutiin boba’aa akka argatan murtaa’eera. #TikvahAfaanOromoo Bitootessa 22, 2018

  • Waraanni Israa'el, Ameerikaa fi Iraan Lubbu namoota meeqa balleesse? Waraanni Baha Giddugaleessaa Israa’eel –Ameerikaa fi Iraan gidduutti eegale guyyoota 25 kan lakkoofsise yoo ta'u, hanga ammaatti lubbuu namoota 2,660 yoo balleessu, namoota kuma 28, 280 ol ammoo madeessuun ibsameera. Haaluma kanaanis:- 👉Iraan irraa:- namoonni 1,500ol du'aniiru.                          - namoonni 18,551 madaa'aniiru. 👉 Liibaanos irraa:- namoonni 1039 du'aniiru.                          - namoonni 2,876 miidhamaniiru. 👉 Iraaq irraa:- namoonni 61 du'aniiru.                          - hedduun miidhamaniiru. 👉 Israa'eel irraa:- namoonni 18 du'aniiru.                          - namoonni 4,829 miidhamaniiru. 👉 Ameerikaa irraa:- Loltoonni 13 du'aniiru.                          - Loltoonni 200 miidhamaniiru. Akkasumas Lammiileen Sooriyaa 4, kan Paalaastaayin 4, Kuweeti 6, Bahireen 2, Saa’uud Arabiyaa 2, Imireetoota Araba Gamtoomanii 8, Oomaan 3 waraana kanaan yoo ajjeeffaman, Kaatarii fi Joordaan dabalatee biyyoota kanneen keessatti lammiileen 240 miidhamuu ibsameera. Waraanichi miidhaa lubbuu, qaamaa fi diinagdee olaanaa kan qaqqabsiisee yoo ta'u, lammiileen Libaanoos miiliyoonni 1 ol qe’ee fi qabeenya isaanirraa buqqa’aniiru. #TikvahAfaanOromoo

  • видео или голосовое, без подписи

  • видео или голосовое, без подписи

  • видео или голосовое, без подписи

  • Biyya Gibxii keessatti qabeenyi uumamaa guddaan argamuu ibsame Gibxii keessatti kuufamni gaazii uumamaa guddaan argamuu isaa odeeffannoon mootummaa fi dhaabbilee anniisaa addunyaa irraa ba’e ni mul’isa. Dhaabbanni Ameerikaa “Apache” jedhamu gammoojjii mootummaa Gibxii gama dhihaa keessatti qorannoo gaggeesseen kuufama gaazii uumamaa haaraa argachuu isaa beeksiseera. Akka ibsa dhaabbatichaa keessatti ifoometti, kuufamni gaazii kun guyyaatti hanga kiyuubik fiitii miiliyoona 26 oomishuuf dandeettii qabaachuun isaa ibsameera. Kunis damee anniisaa biyyattii keessatti guddina dinagdee fiduu akka danda’u tilmaamamaa jira. Ogeeyyiin dinagdee akka jedhanitti, argannoon kun Gibxii bittaa anniisaa alaa hir’isuuf akkasumas gabaa gaazii naannoo keessaa fi addunyaatti gahee guddaa akka taphattu taasisa jedhamee eegama. Mootummaan Gibxii ammoo hojii qorannoo fi oomisha itti fufsiisuun galii biyyaalessaa dabaluuf akka hojjetu beeksiseera. #Abdisaba #milko

  • New journey, if it is a will of God🙏💥💥💥

  • 🌻 Baga Geessan ✉️ 🎉 Ummata Itoophiyaa Hundaan Baga Bara Haaraa 2018 Nagaan Geessan/Geenye Jechuun, Barri Haaraan Kan Nagaa, Gammachuu, Fayyaa, Badhaadhinaafi Milkaa'inaa Akka Ta'u Hawwa! 💐 #Bara_Gaarii! 🎉 ለኢትዮጵያ ሕዝብ በሙሉ እንኳን ለአዲሱ ዓመት 2018 በሰላም አደረሳችሁ/አደረሰን እያለ፤ አዲሱ ዓመት የሰላም፣ የደስታ፣ የጤና፣ የብልፅግናና የስኬት ዓመት እንድሆንልን ተመኝቷል! 🎆 #መልካም_አዲስ_ዓመት

  • "Itoophiyaan ijaarsa gabbisa niwukilarii nagaaf oolu yeroo dhiyootti ni eegalti":- Abiy Ahimad Muuummichi Ministeeraa Itoophiyaa Abiy Ahmad (Dr) Itoophiyaan ijaarsa gabbisa niwukilarii nagaaf oolu, kan hidha guddicha Abbayyaan gitu, yeroo dhiyootti akka eegaltu himaniiru. Kana kan beeksisan sirna eebba Hidha Haaromsa Guddicha Itoophiyaa (GERD) iddoo hoggantoonni naannichaa fi aanga’oonni mootummaa olaanon argamanitti. Sirna eebbaa kanarratti haasaa kan taasisan MM Abiy, “Itoophiyaan hidha Abbayyaa kan gitu ijaarsa gabbisa niwukilarii nagaaf oolu yeroo dhiyootti ni eegalti” jedhe. Akkasumas, Ijaarsi daandii qilleensaa Afrikaa keessaa guddaa ta’ee yeroo dhiyootti ni eegala jechuun, torbee muraasa keessatti warshaan gaazii inni jalqabaa akka eebbifamu dabalee ibsuun, guyyuma eebbaa sana ijaarsi warshaa gaazii inni lammataa, kan isa jalqabaa harka 10 caalu, ni eegalama jedhaniiru. Dabalataanis, fedhii yeroo dheeraa Itoophiyaan boba’a baasuf qabdu dhugoomsuf kan oolu qulqulleesituun boba’aa akka milkeeffamu kaasun, ijaarsi warshaa xaa’oo dhiyeenya kana mallatteessifame yeroo dhiyootti akka dhugoomu hubachiisan. Waggoota shanan fi ja’an dhufan keessatti yoo xiqqaate manneen miliyoona 1.5 ol ni ijaaramu kan jedhan MM Abiy, Pirojektiiwwan gurguddoo waliigalaan doolaarri biliyoonni 30 ol itti ba’u akka hojjataman ibsan. #tikvahethafaanoromoo

  • Hidha Haaromsaa Guddichi Itoophiyaa Eebbifame!! Muummichi ministeeraa Dr. Abiy Ahimad ibsituu sabaaf sablammoota Itoophiyaa kan ta'e hidha haaromsaa guyyaa har'aa eebbisaniiru. Gaabbii Barootaa Lammiilee Itiyoophiyaa kan ture Hidha Haaromsaa Guddicha Itiyoophiyaa ijaarsi isaa xumuramee sirni eebbaa Gubbatti adeemsifamaa jira. Sirna eebbaa kanarrattis af-yaa’iin mana mare bakka bu’oota ummataa Taaggasee Caafoo, Af-yaa’iin mana mare federeeshinii Itiyoophiyaa Aaganyaw Tashaagar, Ministira Muummee Ittaanaa Tamasgen Xuruneeh fa’a argamaniiru. Sadarkaa ministira muummee ittaanaatti qindeessaa jiddugala ijaarsa sirna dimokiraasiifi ittaanaa pirezdaantii Paartii Badhaadhinaa Aadam Faaraah, Ministira Muummee duraanii Hayilamaariyaam Dassaaleny, Ministira muummee ittaanaa duraanii Dammaqee Makonnin, Pirezdaantota Naannoleef keessummooti biyya keessaaf alaatis argamaniiru. Baga Gammaddan!! #GERD #TIKVAHAFAANOROMOO

  • Naannoo Tigraayi #Maqaleetti haalli nami butamee eessa buuteen wallaalamu baayyachuun, rakkoon nagaas yaaddoo uume Finfinnee, Hagayya 23, 2025: Jiraattonni magaalaa guddoo Tigraayi, Maqalee amma kana haalli nami itti butamee eessa buuteen isaa wallaalamu waan baayyateef sodaa keessa akka jiran dubbatan. Kana malees, taateen nama ukkaamsanii maallaqa gaafachuu fi saamichis, magaalattii keessatti baballachuu ibsan. Fiilmoon Gabrahiiwot warra taatee kanaaf saaxilaman keessaa tokkodha. Hojii suura kaasuu fi viidiyoo kan hojjetu Fiilmoon, abbaa dhaabbata Filari Piroodaakshin jedhamuuti. Fiilmoon erga butamee torbee tokkoo ol yoo tahu, ammaa eessa buuteen isaa waanti beekamu hin jiru. Haala isaa Addis Standard ‘tti kan dubbatte haati warra isaa Aadde Gannat Izraa, yeroo dhumaatiif Filmoon waliin gaafa Hagayya 10 bilbilaan waliin dubbachuu ibsite. Gaafa san baajaajiin gara manaa dhufaa akka ture naa hime kan jette Gannat, duubarra bilbila isaa bilbillaan akka hin kaane, achiimmoo cufamuu isaa ibsite.

  • Manni murtii waliigalaa naannoo Tigraay, barattoonni musliimaa Aksuum Hijaaba isaanii uffatanii barachuun mirga seeraan isaaniif kenname akka ta'e murteessuu ibseera. Naannoo Tigraay godina Giddu-galeessaa magaala Aksuumitti barattoonni dubaraa musliimaa hijaaba yoo hin baafanne hin barattan jechuun barumsa irraa kan dhorgaman bara 2017 ji'a Onkoloolessa keessa ture. Barattoonnis sababa kanaan, qormaata kutaa 12ffaa seensa Yunivarsitii fi akkasumas qormaata naannoo kutaa 8ffaa akka hin qoramne dhorgamanii jiru. Dhimma barattoota kanaa abukaatoo qabachuun aanaa irraa hanga naannootti falmaa kan ture, manni maree olaana dhimma islaamaa naannoo Tigraay guyyaa kalessaa murtee argachuu ibseera. Haaluma kanaan, Magaala Aksuumitti barattoonni musliimaa hijaaba isaanii uffatuun gara barumsaatti akka deebi'an manni murtii olaanaa naanichaa murtee dabarsuun ibsameera. Manni murtichas hijaaba uffatanii barachuun mirga seeraan isaani kenname ta'uu dabarseera. Waggaa tokkoof barattoonni barumsa isaanitiin ala ta'an, qormaata biyyooleessaa isaan darbe akkamitti akka fudhatanis wanti ibsame hin jiru. @tikvahethafaanoromoo

  • "Galmeen Barattootaa Haggaya 26-Qaam'ee 5tti gaggeeffama":- BBO Naannoo Oromiyaatti galmeen bara barnootaa 2018 Hagayya 26 hanga Qaammee 5, 2017 akka gaggeeffamu Biiroon Barnootaa Oromiyaa beeksiseera. Bara barnootaa kanatti barattoota miiliyoona 13 ol simachuun barsiisuuf karoorfamuu ibsameera Akka naannoo Oromiyaattis dandeettii dubbisuu fi barreessuu barattootaa guddisuuf barsiisoota kutaa 3-5 barsiisan kuma 54 oliif leenjiin marsaa marsaan kennamaa jiraachu himameera. Hagayya 23, 2017 irraa eegalee barsiisoonni hundi manneen barnootaatti ni argamu jedhameera. Barnoonni akka Naannoo Oromiyaatti Fulbaana 5, 2018 ni eeegala. #tikvah

  • видео или голосовое, без подписи

  • Finfinneetti Kaffaltiin Taarifa Geejjibaa diijitaalaan ta'uuf deema Finfinnee, Hagayya 16, 2025: Kaffaltiin taarifa geejjiba ummataa magaalaa Finfinnee bara dhufuu kaasuun karaa diijitaalaan akka ta'u murtaa'uu Abbaan Taayitaa Geejjibaa Magaalaa Finfinnee ibse. Obbo Daanyaachoo Shifarraa, Itti Aanaan kutaa ramaddii hojii Biiroo Geejjibaa Magaalaa Finfinnee, magaalattiin imala “Smart City” ta'uuf deemaa jirtu tumsuuf, tajaajila waraqaan laatamu irraa tajaajila bilisa ta'e kennuuf waajjirri isaanii hojjetaa akka jiru Tajaajila Oduu Itoophiyaaf himaniiru #Adisstandard

  • Odu - Gabaasaan Gaazexaa Riipoortar Itoophiyaa Koyyee Facceetii butamuu ibsame Gaazexaan Riiportar Itoophiyaa Odu - Gabaasaan isaa Yoonaas Amaaree namoota eenyummaan isaanii haga yoonaa hin beekamneen butamuu ifoomse. Gaazexichi harra ibsa isaan, gaazexeessaa Yoonaa Amaaree, Naannoo Oromiyaa, Bulchiinsa Shaggar naannoo Koyyee Faccee jiraatu, mana jireenyaa isaa keessaa humnoota fuula isaanii dhokfataniin Hagayya gaafa 13, bara 2025 fudhatamuu eegdota rraa dhagahuu gabaase. #Adisstandard

  • Kirkiraa lafaa halkaan sa'a 7:20 tti Finfinneetti ta'ee turee.

  • видео или голосовое, без подписи

  • видео или голосовое, без подписи

Milko T — tgindex