tgindex
Sultan kerudin❤️

Sultan kerudin❤️

Статистика

Gorsaa Amantaa fi Hayyoota ilaalchise wantoota hubannoof tahanif

Последний пост
9 авг.
Последнее чтение
13 авг.
Постов за неделю
0
Всего постов
29
Тип
открытый
Язык
om
В каталоге с
13 авг.
Подписчики
196
0 за 3 дн.
Сутки
0
0,00%
Неделя
 
Месяц
 
Просмотров на пост
24
29 постов
Вовлечённость
12,2%
к подписчикам
Постов в день
0,0
всего 29
Упоминаний
0
каналов
Охват размещения
оценка
1/24сутки в ленте
19
1/48двое суток
21
1/72трое суток
23

Оценка по просмотрам недавних постов: пост набирает почти всё за первые сутки.

Посты

  • 🌙 ARKAANA ISLAAMAA SHAN 📚 Seenaa, Hiika, Ragaa fi Hikmaa Isaanii 📝 KUTAA 1FFAA ━━━━━━━━━━━━━━━━━━ بِسْمِ اللهِ الرَّحْمٰنِ الرَّحِيمِ 🌿 ARKAANNI ISLAAMAA MAALI? Islaamni amantii Rabbii olta’aa kan nama gara karaa haqaa qajeelchuudha. Islaamni utubaalee gurguddoo shan irratti ijaarame. Ergamaan Rabbii ﷺ akkana jedhan: «بُنِيَ الإِسْلَامُ عَلَى خَمْسٍ» “Islaamni wantoota shan irratti ijaarame.” 📖 Bukhaarii fi Muslim Utubaaleen Islaamaa shanan: 1️⃣ Shahaadaa — Ragaa bahuu 2️⃣ Salaata dhaabuu 3️⃣ Zakaata kennuu 4️⃣ Sooma Ramadaanaa soomuu 5️⃣ Hajjii mana qulqulluu deemuu ━━━━━━━━━━━━━━━━━━ 🌙 1️⃣ SHAHAA DAA — RAGAA BAHUU أَشْهَدُ أَنْ لَا إِلٰهَ إِلَّا اللهُ، وَأَشْهَدُ أَنَّ مُحَمَّدًا رَسُولُ اللهِ Hiikni isaa: 🕊️ “Gabbaramaan haqaan gabbaramu Allah malee hin jiru; Muhammad ﷺ Ergamaa Rabbii ti.” Shahaadaan hundee Islaamaa ti. Namni Islaamummaa seenuuf jalqaba: ☝️ Allah qofa akka gabbaramu amanuu qaba. Akkasumas: 🌹 Muhammad ﷺ Ergamaa Rabbii ta’uu amanuu qaba. Kana jechuun Allah qofaaf ibaadaa gochuu fi Ergamaa Rabbii ﷺ hordofuun jireenya isaa keessatti bu’uura godhachuu jechuudha. ━━━━━━━━━━━━━━━━━━ 💎 MAALIIF SHAHAA DAAN BAAY'EE BARBAACHISAA DHA? 🌿 Tawhiida nama keessatti jabeessa. 🌿 Shirkii irraa nama eega. 🌿 Kaayyoo jireenyaa namaaf ibsa. 🌿 Nama Rabbii isaa beekee Isa qofa gabbaru taasisa. 🌿 Muhammad ﷺ akka fakkeenya keenyaatti hordofuuf nu qajeelcha. Kanaaf, Shahaadaan jecha afaaniin dubbachuun qofa osoo hin taane, qalbiin itti amanuu fi jireenya keessatti hojiirra oolchuu barbaada. ━━━━━━━━━━━━━━━━━━ 🕌 2️⃣ SALAATA — UTUBAA ISLAAMAA Salaanni utubaa Islaamaa isa lammaffaati. Muslimni guyyaa fi halkan keessatti yeroo shan salaata: 🌅 Subhii — raka’aa 2 ☀️ Zuhrii — raka’aa 4 🌤️ Asrii — raka’aa 4 🌇 Magrib — raka’aa 3 🌙 Ishaa’i — raka’aa 4 Salaanni namaa fi Rabbii isaa gidduu hariiroo cimaa uuma. Rabbiin Qur’aana keessatti akkana jedha: “Dhugumatti, salaanni hojiiwwan fokkatoo fi badaa irraa nama dhoorka.” 📖 Al-Ankabuut 29:45 🌹 Kanaaf salaanni: 🤲 Qalbii tasgabbeessa. 🛡️ Cubbuurraa nama eega. ❤️ Rabbii yaadachiisa. ⏰ Yeroo kabajuu barsiisa. 🕌 Jamaa’aa fi obbolummaa Muslimootaa cimsaa. ━━━━━━━━━━━━━━━━━━ 📌 BARUMSA HAR'AA ➡️ Islaamni utubaalee shan qaba. ➡️ Shahaadaan hundee Islaamaa ti. ➡️ Allah qofa gabbaruun dirqama. ➡️ Muhammad ﷺ Ergamaa Rabbii ta’uu amanuun dirqama. ➡️ Salaanni ibaadaa guddaa fi utubaa Islaamaa keessaa isa lammaffaati. 🌙 Dubbisii hubadhuu qofa osoo hin taane, itti hojjadhu! 🤲 Yaa Rabbi, Islaamummaa irratti nu jabeessi; Tawhiida sirrii nuuf kenni; salaata keenya sirreessi; hojii keenya hundas nu irraa qeebali. Aamiin! ━━━━━━━━━━━━━━━━━━ 📖 KUTAA 2FFAA keessatti, 💰 ZAKAATA fi 🌙 SOOMA RAMADAANAA — seenaa, ragaa, hiikaa fi hikmaa isaanii bal’inaan ilaalla. ❤️ Yoo barreeffamni kun si fayyade, LIKE 👍, SHARE 🔄 fi FOLLOW godhi; nama biraas akka irraa fayyadamuuf qoodi. 🌹 Barnoota Islaamaa kana nama biraaf dabarsuun sadaqaa dha.

  • AAMIIN JEDHI (warri dhiraa qofti) Ta surree uffattu Ta powdera dibattuu Ta harma muldhiftuu Ta Nyaara haaddattu Ta shiishaa aarsituu Ta dhiira yaammattu Ta shanxa qullaa fannifattu Ta gandarra deemtu Ta ollaa kadhattu Ta manaa gad-lallabdu Ta nama abaartu Ta haadha tuffattu Ta nama hamattu Ta rakkoof hiraartu Ta maallaqaaf jiraattu ISINIRRAA HAAQABU Rabiin jabaan 🤲🤲🤲🤲🤲 AAMIIIIN JEDHI ammllee Ta si jaalattu Ta dhugaa dubbattu Ta si dhungattu Ta nama kabaiju Ta ollaan jaallattu Ta eebba qabdu Ta namaaf yaaddu Ta jireenya barbaaddu Ta beekumsa qabdu Ta si gorsitu Ta obsa qabdu Ta dubrummaa qabdu Qalloo bareedduu. Isiniif Ha Kennuu Rabbiin

  • Beekhaa Namaa Jechuun Nama Waa/Haala 7 Qabu 1. Duniyaa Keessatti Sinqeeyfataa 2. Kajeelaa Ka Tahe Jireenyaa Aakhiraa/Jannataa 3. Ka Diin Isaa Eegaa/Tiysaa Tahe 4. Sabataa/Gad Dhaabbataa Ibaadaa Rabbii Isaa Irratti 5. Akkaan Tiyfamaa Kan Tahe Naamusa Muslimaatirraa/Naamusa Namaa Hin Tuqne 6. Of Qabaa Horii/Qabeenya Namaatirraa 7. Toltuu Yaadaa Ka Tahe Hunda Muslimaatiif RABBIIN! Isaanirraa Nu Haa Taasisu

  • без подписи

  • 🧭 Qaphxiilee 10 Ijoo Wantoota Islaamummaa Keessatti Iccitiin Qabamuu qaban‼ . 🍀1 Dilii ofii: Dilii Rabbiin 👆 siif haguugee rahmata Isaa keessatti si dhokse hin saaxilin. 🤫 🍀2 Cinaachaa dadhabaa fi yakka namoota biroo: Ergamaan rabbii s.a.w akkan jedhan Namni salphina namaa haguugee, Rabbiin guyyaa qiyaamaa salphina isaa ni haguuga. Eegduu iccitii namoota biroo ta'i. ⚖️ 🍀3Dhimma maatii: Falmiin fi dhimmi keessoo maatii gidduutti uumamu balbala manaatiin alatti bahuu hin qabu. 🏠 🍀4 Iccitii gaa’elaa: Dhimmi gaa’elaa abbaa manaa fi haadha manaa gidduu jiru kamuu baay’ee kabajamaa waan ta’eef qaama sadaffaatti himamuu hin qabu. 👫 🍀5 Ibaadaa dhoksaan hojjettu: Ibaadaa siifi Rabbii kee gidduu jiru dhoksaan eegi, akka of mul’isuun (of agarsiisuun) mindaa kee hin balleessine. 🤲 🍀6 Galii kee: Galii fi haala maallaqaa kee dhoksaan qabachuun ija hamaa fi inaaffaa irraa si eega. 💰 🍀7 Tarkaanfii jireenya kee itti aanu: Akkuma Nabiyyiin (A S W) ⏩️ “Dhimma kee dhoksi galmaan gahi”akkuma jedhe, osoo galmaan hin gahin waa’ee karoora addaa kee hin dubbatin. 🤐 🍀8 Iccitii namoonni imaanaa sitti kennan (Amanaa Iccitiin namoonni imaanaa sitti kennan kamiyyuu “imaanaa” dha; imaanaa kee eegi, dubbii namootaa hin qisaasin. 🤝 🍀9 Abjuu fi milkaa'ina kee: Waa'ee karoora kee gurguddaa fi injifannoo argatte hunda hin dubbatin (milkaa'ina keetti namni hundi hin gammadu waan ta'eef ). 🏆 🍀10 Jireenya keessatti qormaataa fi rakkina kee: Namootatti iyyachuu dhiiftee aarii fi yaaddoo kee Allaaha isa furmaata siif laatutti dhiheessi. Iccitiin Islaamummaa keessatti karaa ittiin kaayyoo ofiis tahee kan waloo ittiin Milkeeffataniidha 🍀Warra tikfatee galma barbaaduus gahe Rabbiin nu haa taasisu 🤲Aamiin Allahumma Aamiin Guyyaan juma'aadha Salawaatas buusuu hin dagatina 💚ﷺS A W🥀 💚ﷺS A W🥀 share godhaa obboleeyyan keessaniif qoodaa ✍️ Daily Islamic reminders

  • Karaa ittiin #JAALALA Rabbii argatan. ☑️ Ibn Al Qayyim ( rahimahullaah)akkana jechuun ibse: Karaan Rabbiin sijaalachuu fi ati Rabbiin jaalachuu ittiin argattu; 1. Qur'aana qara'uu fi Tafsiira isaa xiinxaluu. 2. Salaata Sunnaa jabeeysuu, (hadiisa qudsii keeysatti Bukaariin gabaase) jira. 3. Zikrii Rabbii baay'isuu, qalbiin jechaani fi gochaaniis. 4. Yoggu wanti lama siduraa wal-qabde tan Rabbiin jaalatu san dursuu. 5. Maqaa fi Sifaata Rabbii hiika isaanii wajjin beekuu fi haffaztee faa ittiin kadhachuu. 6. Tola Rabbii yaadachuu; mullataa fi dhokataas. 7. Rabbi-fuulduratti of gadi qabuu fi faqiirummaa ofii gara isaatti mullisuu. 8. Halkan sa'atii Rabbiin gara samii addunyaa gadi bu'u ( halkan yoggu 1/3 ffaan hafe) qophaa isaa wajjin baatee Qur'aana qara'uu, du'aa'ii godhuu fi araarama kadhachuu. 9. Warra Ikhlaasaan Rabbi jaalatan wajjin taa'uu fi isaan irraa fayyadamuu, (Ulamaa'ootaa fi namoota gaggaarii. ) 10. Waan siifii Rabbiin jiddutti gufuu tahaa irraa fagaachuu. 📌. Waa 10n kanaani jaalala sadarkaa ol'aanaa argatan jedhe ibn Al Qayyim ( rahimahullaah) 🩷🩷🩷🩷🩷🩷🩷🩷🩷🩷🩷🩷🩷🩷 Bu'aa Rabbiin(SW) jaalachuun qabdu. Rabbiin jaalachuu keetiin faayidaa kanneen argatta: ✅ Rabbiin sijaalata. ✅ Malaa'ikootaa fi wanti dachii fi samii keeysa jirtu hundi si jaalatti. ✅ Mi'aa Iimaanaa ni dhandhamta. ✅ Ibidda jahannam irraa nagaya baata. Warri jaalala lubbuu isaanii dursa jaalala Rabbiitiif kannan hundi qixaaxa Rabbii irraa najaadha bahan. Yaa Rabbi warra sijaalatee atiis isaan jaalattu irraa nu taasisi. Aamiin Nuur Al Quraan ... ✍️ Yoo dhugumaan Rabbi jaalatte ergaa tana dubbisii hiriyyoota keetiifiis #share godhi.

  • AMALOOTA GAARII NAMNI ISLAAMAA QABAACHUU QABU ••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••• Rasuulli Keenya Sallallaahu Aleeyhi Wasallam Hadiisa isaanii Keesatti akkana ja’an “ Ani Kaniin Ergameef Haala Gaarii Guututti”. Akkasuma ammaas Hadiisa biraa keessatti wanti akkaan Jannata nama naqu amala toluudha jechuun dubbatan. Amaloota gaarii Namni islaamaa Qabaachuu Qabu keessaa muraasni akka Armaan Gadii kana, itti dhiyaadhaa dubbisaa. 1: Dhugaa Dubbachuu 2: Amaanaa Tiissuu 3: Badii irraa of qabuu fkn akka Zinaa fii kkf 4: Qaanfii Qabaachuu 5: Jeeyna Tahuu 6: Arjummaa Qabaachuu 7: Amanamummaa Qabaachuu 8: Namaa Wajjiin Waliif galuu 9: Namoota Rakkatan Gargaaruu 10: Waan Rabbiin Jibbu Hunda Irraa Fagaachuu. • Nama Haalaa fii amala tolu ilmi namaa hundi ni jaalata, ilma namaa qofaa mitii akkasumaas Rabbii fii Malaaikoonni isaatiis ni jaalatan. • Namni haalaa fii amala gaarii Qabu bakka deeme hundatti hin rakkatu amala isaa gaariin namatti dhihaatee jiruu isaa jiraatta. Yaa Rabbii Keenya akkuma bareechitee Nu uumte kanatti haalaa dii amala keenyaas Nuuf Bareechi. Barreeffama Kana Dubbisaatii Share Waliif Godhaa.

  • Hundee Zikrii Torban Mindaa Guddaa Rabbii Biraa siif argachiisan.. Sawaaba guddaa fi mindaa gaarii Rabbii biraa argachuuf, zikriiwwan hundee ta'an gosa torban kanneen irratti tiiyfadhu: 1. «Laa ilaaha illallaah, wahdahuu laa shariika lahu, lahul-mulku wa lahul-hamdu, wa huwa 'alaa kulli sha'in qadiir.» 📿 (Yeroo 100) 2. «Subhaanallaahi wa bihamdih » 📿 (Yeroo 100) 3. «Subhaanallaahi wa bihamdihii, Subhaanallaahil-'Aziim.» 📿 (Yeroo 100) 4. «Subhaanallaah, wal-Hamdulillaah, wa Laa ilaaha illallaah, wallaahu Akbar.» 📿 (Yeroo 100) 5. «Laa hawla wa laa quwwata illaa billaah.» 📿 (Yeroo 100) 6. «Allaahumma salli wa sallim 'alaa Nabiyyinaa Muhammad.» 📿 (Yeroo 100) 7. «Astaghfirullaah wa atuubu ilayhi.» 📿 (Yeroo 100) ✨ Rabbiin arrabni isaanii yeroo hunda zikrii irraa addaan hin cinne nu haa godhu ! ✨

  • Maalif? Rasuulli keenya (S.A.W) hadiisa imaamu Bukhaarii fi Muslim odeeysan keeysatti Akkana ja'an, Jechoota 2 kan arrabarratti isii jechuun laaftuu, Kan mizaana irratti ulfaattuu, rabbi biratti jaalatamtuuti ja'an jechoonni lamaan olitti dubbanne tun. Kanaaf Ragaan Hadiisa armaan gadiiti "كلمتانِ خفيفتانِ على اللسانِ، ثقيلتانِ في الميزانِ، حبيبتانِ إلى الرحمنِ: سبحانَ اللهِ وبحمدِه، سبحانَ اللهِ العظيمِ" [رواه البخاري (6406) ومسلم (2694)] Rabbiin Zikrii isaa nuuf haa laaffisu, Zikrii rabbiitin qalbiin tasgabbii argatti. Barruun tan Obboleessa keeysan Fawaz Ahmed Oromia irraa

  • Zikriilee laaftutti goonu kan sawaabni isii hedduu guddaa keeysaa, #Share godhi irraa Hin kafltuu, garuu Yoo niyaa tolfatte #Ajrii itti argattaa bar 1, √Qur'aanarraa Suuratul Ikhlaas yeroo 10 qara'uudha. Maalif? Namni suuraa Ikhlaas yeroo 3 qara'e Sawaaba Nama qur'aana guutuu qara'eeti argata. Namni yeroo 10 qara'e ammoo Sawaaba Nama qur'aana yeroo 3 qara'ee argatuu bira dabree Rabbiin Jannata keeysatti Qasraa ykn Masaraa Jannata keeysatti Isaaf ijaara nuun ja'an ergamaan keenya (S.A.W). Ragaan kanaa Hadiisa armaan gadii kana عَنْ أَبِي سَعِيدٍ الْخُدْرِيِّ، أَنَّ رَجُلًا سَمِعَ رَجُلًا يَقْرَأُ: قُلْ هُوَ اللَّهُ أَحَدٌ يُرَدِّدُهَا، فَلَمَّا أَصْبَحَ جَاءَ إِلَى النَّبِيِّ صلى الله عليه وسلم، فَذَكَرَ ذَلِكَ لَهُ، وَكَأَنَّ الرَّجُلَ يَتَقَالُّهَا، فَقَالَ رَسُولُ اللَّهِ صلى الله عليه وسلم: "وَالَّذِي نَفْسِي بِيَدِهِ إِنَّهَا لَتَعْدِلُ ثُلُثَ الْقُرْآنِ." [صحيح البخاري – رقم 4726] عَنْ مُعَاذِ بْنِ أَنَسٍ رضي الله عنه، عَنِ النَّبِيِّ صلى الله عليه وسلم قَالَ: "مَنْ قَرَأَ قُلْ هُوَ اللَّهُ أَحَدٌ حَتَّى يَخْتِمَهَا عَشْرَ مَرَّاتٍ، بَنَى اللَّهُ لَهُ قَصْرًا فِي الْجَنَّةِ." فَقَالَ عُمَرُ رضي الله عنه: إِذًا نَسْتَكْثِرَ يَا رَسُولَ اللَّهِ؟ قَالَ: "اللَّهُ أَكْثَرُ." رواه أحمد (3/437)، وصححه الألباني في "السلسلة الصحيحة" (589). 2, √ Subhaanallaahi wabi hamdihii (Yeroo 100) Maalif? Rasuulli keenya (S.A.W) Hadiisa Bukhaarii fi Muslim odeeysan keeysatti Akkana ja'an. Namni guyyaatti Zikrii tana yeroo 100 godhe, Rabbiin dilii isaa Isaaf araarama osoo diliin isaa hoomacha baharaatti qixxooytellee ja'an Ragaan kanaa قال رسول الله صلى الله عليه وسلم: "مَنْ قَالَ: سُبْحَانَ اللَّهِ وَبِحَمْدِهِ، فِي يَوْمٍ مِائَةَ مَرَّةٍ، حُطَّتْ خَطَايَاهُ، وَإِنْ كَانَتْ مِثْلَ زَبَدِ الْبَحْرِ." (رواه البخاري ومسلم) 3, √ Laa ilaaha illallaah wahdahuu Laa Shariika Lahuu, Lahul mulku Walahul hamdu wahuwa alaa kulli sheey'un qadiir (لا إِلَهَ إِلا اللَّهُ وَحْدَهُ لا شَرِيكَ لَهُ، لَهُ الْمُلْكُ، وَلَهُ الْـحَمْدُ، وَهُوَ عَلَى كُلِّ شَيْءٍ قَدِيرٌ،) (yeroo 100) Maalif? Rasuulli keenya (S.A.W) hadiisa imaamu Bukhaarii fi Muslim odeeysan keeysatti Akkana ja'an, Namni guyyaatti Zikrii tana yeroo 100 godhe isaaf ni jira, Ajriin ykn Sawaabni Gabra 10 bilisoomsuu, toltuun 100 Isaaf barreeyfamuu, Diliin 100 isarraa haqamuu, guyyaa San guutuu hanga dhihutti sheeyxaanarraa tikfamuun, akkasuma, ammallee guyyaa San keeysa namni toltuu isarra dalage hin jiru Nama Zikrii tana isaa ol ja'e malee ja'e nuun ja'an. Kanaaf Zikrii tana Akkaan itti haa jabaannu. قال رسول الله صلى الله عليه وسلم: "مَنْ قَالَ: لا إِلَهَ إِلا اللَّهُ وَحْدَهُ لا شَرِيكَ لَهُ، لَهُ الْمُلْكُ، وَلَهُ الْـحَمْدُ، وَهُوَ عَلَى كُلِّ شَيْءٍ قَدِيرٌ، فِي يَوْمٍ مِائَةَ مَرَّةٍ، كَانَتْ لَهُ عِدْلَ عَشْرِ رِقَابٍ، وَكُتِبَتْ لَهُ مِائَةُ حَسَنَةٍ، وَمُحِيَتْ عَنْهُ مِائَةُ سَيِّئَةٍ، وَكَانَتْ لَهُ حِرْزًا مِنَ الشَّيْطَانِ يَوْمَهُ ذَلِكَ حَتَّى يُمْسِيَ، وَلَمْ يَأْتِ أَحَدٌ بِأَفْضَلَ مِمَّا جَاءَ إِلَّا أَحَدٌ عَمِلَ أَكْثَرَ مِنْ ذَلِكَ." (رواه البخاري ومسلم) 4, √ Asstaghfirullaah ( أَسْتَغْفِرُ اللّٰهَ ) tana heddummeeysuu Maalif, Rasuulli keenya (S.A.W) Hadiisa imaamu Abuu Daawud fi ibn maajah odeeysan Kan Albaaniin sahiiha ja'een keeysatti Akkana ja'an, قال النبي صلى الله عليه وسلم: "مَن لَزِمَ الاسْتِغْفَارَ، جَعَلَ اللَّهُ لَهُ مِن كُلِّ هَمٍّ فَرَجًا، وَمِن كُلِّ ضِيقٍ مَخْرَجًا، وَرَزَقَهُ مِنْ حَيْثُ لا يَحْتَسِبُ." (رواه أبو داود وابن ماجه، وصححه الألباني) 5, √ SubhanAllah, Alhamdulillah, La ilaha illallah, Allahu Akbar (Jechuu heddummeeysuu) Maalif? Rasuulli keenya (S.A.W) Hadiisa imaamu Muslim gabaasan keeysatti Akkana ja'an, Jechoota 4n olitti dubbanne kana ja'uutu waan aduun itti baatu hundarra caalaa na biratti jaalatama ja'an. Kanaaf Zikrii tana irra daddeebinee haa jennu. قال رسول الله صلى الله عليه وسلم: "لأَنْ أَقُولَ: سُبْحَانَ اللَّهِ، وَالْـحَمْدُ لِلَّهِ، وَلَا إِلَهَ إِلَّا اللَّهُ، وَاللَّهُ أَكْبَرُ، أَحَبُّ إِلَيَّ مِمَّا طَلَعَتْ عَلَيْهِ الشَّمْسُ." (رواه مسلم) 6,√ Subhaanallaahi wabi hamdihii, Subhaanallaahil Aziim Zikrii tanaas irra deddeebinee haa goonu,

  • "Sababoota Gammachuu fi Nageenya Qalbii tahan..” 1. Sababa namni tokko gammachuu argachuutii fi qalbiin nagaya argachuu keessaa tokko: Fajrii jamaa’aan salaatuu fi guyyaa kee Rabbitti dhihaachuun eegaluudha. 2. Sababa namni tokko gammachuu argachuutii fi qalbiin nagaya argachuu keessaa tokko: Haadha fi abbaa keetiif ajajamuu, tola isaanitti ooluu, jaalala fi du’aa’ii isaanii barbaaddachuudha. 3. Sababa namni tokko gammachuu argachuutii fi qalbiin nagaya argachuu keessaa tokko: Fira kee maxxanfachuudha; isaan iyyaafachuudha fi osoo isaan si muranillee jaalala fi rahimummaa isaanii eeguudha. 4. Sababa namni tokko gammachuu argachuutii fi qalbiin nagaya argachuu keessaa tokko: Zakaa qabeenya keetii baasuu, hiyyeeyyii fi miskiinatti tola ooluu, fi qabeenya kee keessaa qooda hiyyeessaaf godhuudha. 5. Sababa namni tokko gammachuu argachuutii fi qalbiin nagaya argachuu keessaa tokko: Dhukkubsataa gaafachuu, kan dhukkubsate jajjabeessuu, fi qalbii dhukkubaan dadhabdeefiis abdii kennuudha. 6. Sababa namni tokko gammachuu argachuutii fi qalbiin nagaya argachuu keessaa tokko: Azkaara ganamaa fi galgalaa irratti tiiyfachuudha; akka qalbiin kee garagaliinsa guyyaa keessatti Rabbitti hidhamtee haftu godhuudha. 7. Sababa namni tokko gammachuu argachuutii fi qalbiin nagaya argachuu keessaa tokko: Qor’aana irraa qooda guyyaa (wirdi) qabaachuudha; xinxalaan qara’uu fi jireenya kee isaan ibsachuudha. 8. Sababa namni tokko gammachuu argachuutii fi qalbiin nagaya argachuu keessaa tokko: Nama hamtuu sitti hojjateef dhiifama godhuudha; qalbii tee falmii fi diinummaan ulfeeysuu dhabuudha. 9. Sababa namni tokko gammachuu argachuutii fi qalbiin nagaya argachuu keessaa tokko: kan mindaa isaa nama tokkorraa hin eegganne Tola namaaf ooluudha; beela’aa nyaachisuu, kan gargaarsa dhabe gargaaruu, fi qalbii cabxe qooybuudha. 10. Sababa namni tokko gammachuu argachuutii fi qalbiin nagaya argachuu keessaa tokko: Walakkaa halkanitti kophaa Rabbee keetiin bahuudha; waan qoma kee keessa jiru ol baafte isa kadhachuu, dilii teetiif araarama gaafachuu, fi dhimma kee hunda gama isaa irkisuudha. Gammachuun kan argamtuu qalbii Rabbi beeytu , haqa isaa firraa galchitu ,uumama isaatti tola ooltu fi akkasuma qoma keessaa nama jibbuu , nama hassaduu fi zulmii nama tokkoo osoo hin qabaatin raftu keessatti jirti. Yaarabbi warra ibaadaa teetii keessaa Tokko nu godhi..!

  • Waan Sadii Dalaguun Jannata Keessatti Mana Ajaa'ibaa Argachuu Nii Feetaa? Yoo dhugumaan jannata keessatti mana bareedaa kana kan argachuu barbaaddu tahe osoo if hin cinqine osoo if hin dararre hadiisuma kana hojitti hiiki. Ergamaan Rabbii ﷺ Akkana Jedhan;- Jannata keessa mana hogguu alaa laalan keessi isaa mullatu, ammaas hogguu keessaa laalan alli isaa mullatuutu jiraa ja'an. Hogguu kana sahaabaan Yaa Ergamaan Rabbii ﷺ eenyuu fi manni bareedaan kuni qophaawe? jachuudhaan gaafatan. Ergamaan Rabbii ﷺ Akkana jachuudhaan deebisaniif. 1. Nama dubbii (jacha) gaarii dubbatuuf. 2. Nama miskiina nyaachisuuf. 3. Nama halkan dhaabbatee salaataa buluuf. Yaa Rabbii Rahmatuma Keetiin Dalagaa Kheeyrii Hunda Nuuf Laaffisi, Jannata Kee Bareedaa Kana Nuuf Kanni Share Godhuun Obboleeyyan Keetiif Dabarsii Yaadichiisi Kheeyrii Tanarraa Qooda Furadhu.

  • Maal barbaadda..? 1. Jannata barbaaddaa? •Salaata fardii hunda booda “Aayatal-Kursiyyii” qara'i. 2. Mana jannata keessatti akka siif jaarramu feetaa? •Suuraa “Ikhlaas (Qulhuwallaahu Ahad)” yeroo 10 qara'i. 3. Jannata keessatti mukkeenii fi timira dhaabbachu barbaaddaa ? •Jecha “Subhaanallaahi wa bihamdihii” ja'u irra-daddeebi'i. 4. Jannata keessatti dilbii (tuulaa dahabaa) argachuu feetaa? •Jecha “Laa hawla walaa quwwata illaa billaah” ja'u irra-daddeebi'i. 5. Duniyaa keessatti yaada fi hiraar jabaan sitti jiru akka sirraa deemu feetaa? •Jecha “Hasbiyallaahu laa ilaaha illaa huwa 'alayhi tawakkaltu wa huwa Rabbul-'Arshil-'Aziim” ja'u yeroo 7 irra-daddeebi'i. 6. Rabbii kee wajjiin haasawuu jaalattaa? •Qur'aana Isaa qara'i. Yaadadhu ; Ibnul Qayyim akkana ja’a ; "Manneen Jannataa Zikriidhaan jaarama. Ogguu namni Tokkl Rabbii yaadatu irraa dhaabbate, malaa’ikaanjis ijaarsa isaaf jaarti irraa ni dhaabbatti." Zikrii jachuu irraa hin dhaabbatin... Jaarmaya jannataa argachuun milkii guddoodha!

  • Of gad-qabuu (Tawaadu’a) Bulchitoota fi Beektootaa islaamaa ​●Abuubakar Al-Siddiiq erga khaalifaa ta'ee filatamee booda, intalti ollaa isaa takka ta dureen inni re'ee eelmuuf: "Amma booda ree'ee nuuf hin elmituu mii?" jetteen. Innis akkas jedhee deebiseef: "Lakki, isiniifin elma; Rabbiin amala kiyya akka na hin jijjiirreen kadhadha." ​●Umar ibnu Al-Khaxxaab osoo khaalifaa ta'ee jiruu weelkaa (qalqalloo) bishaanii gateetii isaarratti baatee deemaani ture, Urwaa bin Zubayr: "Yaa Amiira Mu'umintootaa, kun siin hin malu," jedheen. Umar akkas jedhe: "Yeroo ummanni dhufee naaf ajajamuu isaanii arku, of-tuulummaan (boonni) keessa kootti dhaga'ame; tanaafiin of-tuulummaa san cabsuu barbaade." ​●Usmaan ibnu Affaan masjiida keessa ciisee boqota(qeeylulaa)godha ture; yeroo inni ka'u mallattoon cirrachaa fi kattaa cinaacha isaarraatti mul'ata ture. ​●Aliyyi bin Abii Xaalib foon dirhaama tokkoon bitee gateettii isaarratti baatee osoo deemuunii, namoonni: "Nutu siif deemaan yaa Amiira Mu'umintootaa," jedhaniin. Innis: "Lakki, waan ofii abbaatu deemmachuunii qaba," jedheen. ​●Umar Abdulaziiz isaa taa'utti jiru faanusni itti dhaame. Innis ofumaa ka'ee sirreeysee deebi'e. Namoonni bira jiran: "Nuutu sirreeysuu qaba ture yaa Amiira Mu'umintootaa," jedhaniin. Innis: "Maaltu narraa irrate? Yeroon ka'u Umar bin Abdulaziizi, yeroon deebi'ees Umar bin Abdulaziizi," jedhe. ​●Yahyaa ibnu Ma'iin akkas jedhe: "Nama akka Ahimmad ibnu Hanbal hin agarre; waggaa shantama waliin turre, garuu takkaa nun tuffanne." ​ ■Imaanni dhugaa of gad-gad qabummaa fi rahmataa malee, of-tuulummaa hin fidu. Yoo akkas hin taane, iimaan-fakkeeysiidha malee iimaana dhugaa miti. 🤝🤝🤝

  • Khaalid bin Al-Waliid, xalayaa sodaachisaa fi gootummaan guutame mootota Pershiyaa (Kisraa) warra humnaan addunyaa raasaa turanitti erge. Xalayaan kunis akkana jedha: "Khaalid bin Al-Waliid irraa gara mootota Pershiyaatti... Galanni kan Rabbii tokkummaa keessan diigee, tooftaa keessan dadhabsiisee, bifa keessan xureessee fi qabeenya keessan isin harkaa fuudheef haa ta'u. Xalayaan koo kun yoo isin gahe, Islaamummaa fudhadhaa nagaa argattu; yoo ta’uu baate ammoo bulchiinsa keenya jala galaa gibira (jiziyaa) kaffalaa. Kana gochuu yoo diddan garuu, Rabbii tokkicha isa malee Gooftaan biraa hin jirreen kakadhee isinitti hima, ani gootota akkuma isin jireenya addunyaa kanaa jaallattan kan du'a jaallatan, akkuma isin qabeenya hawwitan isaan ammoo aakhiraa hawwan hiriirseen isinitti dhufa." Gaafa xalayaan miira namaa raasu kun harka mooticha Pershiyaa (Kisraa) gahu, onneen isaa sodaan guutamtee humni isaa ammoo ni laafte. Mootichi kun sodaadhaan bitaa fi mirga yoo laalu, gargaarsa jabaa akka isaaf godhuuf gara mooticha Chaayinaatti barreesse. Mootichi Chaayinaa garuu, xalayaa gabaabaa garuu dhugaa jabaa of keessaa qabuun akkas jedhee deebiseef: "Yaa Mootii Kisraa, nuti uummata yoo gaara bakka isaa irraa buqqisuu barbaadan dhugumatti buqqisuu danda'an dura dhaabbachuu hin dandeenyu. Gootota du'a akka bishaaniitti dheebotan kana waliin waraanatti seenuu irra nagaa buusuun fala hunda caaluudha." Kun seenaa yeroo nuti gootota addunyaa raasanii fi haqaan injifatan qabnu, yeroo amantiin keenya utubaa gootummaa addunyaa ta'ee turedha. Rabbi isaan irraa haa jaallatu!

  • DU’AA’IIN NAMA SADII AKKAAN QEEBALAMTUUDHA •••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••• 1: Du’aa’ii Haadhaa fii Abbaa 2: Du’aa’ii Nama Miidhamaa 3: Du’aa’ii Musaafiraa ykn Nama Imaltuu Irra Jiruu • Namni Waa 3 Jaalate Dhugaan Mi’aa iimaanaa Dhandhame 1: Namni Rabbiin Gooftaa Isaa Tahuu Jaalate 2: Namni Islaamummaan Amantii Isaa Tahuu Jaalate 3: Namni Nabi Muhammad Nabiyyii Isaa Tahuu Jaalate • Waa Sadii Dalagaa Qalbiiti 1: Yaqiina / Waan Takka Dhugoomsuu 2: Taqwaa / Sodaa Rabbii Qabaachuu 3: Tawakkula / Rabbi Irratti Irkachuu • Mallattooleen Munaafiqaa Sadihi 1: Yeroo Dubbatu Nu Kijiba 2: Yeroo Baallame Ni Diiga 3: Yeroo Amaname Ni Gana • Sadarkaan Amantii Islaamaa Sadihi 1: Islaamummaa 2: iimaana 3: Ihsaana • Yaa Rabbii Keenya dhukkuba zamana kanaa hunda jalaa Nagaya Nu baasi. Barreeffama Kana Dubbisaatii Share Waliif Godhaa. By: Ibsaa Dhugaa https://t.me/ibsaadhuga

  • "Sababoota Gammachuu fi Nageenya Qalbii tahan..” 1. Sababa namni tokko gammachuu argachuutii fi qalbiin nagaya argachuu keessaa tokko: Fajrii jamaa’aan salaatuu fi guyyaa kee Rabbitti dhihaachuun eegaluudha. 2. Sababa namni tokko gammachuu argachuutii fi qalbiin nagaya argachuu keessaa tokko: Haadha fi abbaa keetiif ajajamuu, tola isaanitti ooluu, jaalala fi du’aa’ii isaanii barbaaddachuudha. 3. Sababa namni tokko gammachuu argachuutii fi qalbiin nagaya argachuu keessaa tokko: Fira kee maxxanfachuudha; isaan iyyaafachuudha fi osoo isaan si muranillee jaalala fi rahimummaa isaanii eeguudha. 4. Sababa namni tokko gammachuu argachuutii fi qalbiin nagaya argachuu keessaa tokko: Zakaa qabeenya keetii baasuu, hiyyeeyyii fi miskiinatti tola ooluu, fi qabeenya kee keessaa qooda hiyyeessaaf godhuudha. 5. Sababa namni tokko gammachuu argachuutii fi qalbiin nagaya argachuu keessaa tokko: Dhukkubsataa gaafachuu, kan dhukkubsate jajjabeessuu, fi qalbii dhukkubaan dadhabdeefiis abdii kennuudha. 6. Sababa namni tokko gammachuu argachuutii fi qalbiin nagaya argachuu keessaa tokko: Azkaara ganamaa fi galgalaa irratti tiiyfachuudha; akka qalbiin kee garagaliinsa guyyaa keessatti Rabbitti hidhamtee haftu godhuudha. 7. Sababa namni tokko gammachuu argachuutii fi qalbiin nagaya argachuu keessaa tokko: Qor’aana irraa qooda guyyaa (wirdi) qabaachuudha; xinxalaan qara’uu fi jireenya kee isaan ibsachuudha. 8. Sababa namni tokko gammachuu argachuutii fi qalbiin nagaya argachuu keessaa tokko: Nama hamtuu sitti hojjateef dhiifama godhuudha; qalbii tee falmii fi diinummaan ulfeeysuu dhabuudha. 9. Sababa namni tokko gammachuu argachuutii fi qalbiin nagaya argachuu keessaa tokko: kan mindaa isaa nama tokkorraa hin eegganne Tola namaaf ooluudha; beela’aa nyaachisuu, kan gargaarsa dhabe gargaaruu, fi qalbii cabxe qooybuudha. 10. Sababa namni tokko gammachuu argachuutii fi qalbiin nagaya argachuu keessaa tokko: Walakkaa halkanitti kophaa Rabbee keetiin bahuudha; waan qoma kee keessa jiru ol baafte isa kadhachuu, dilii teetiif araarama gaafachuu, fi dhimma kee hunda gama isaa irkisuudha. Gammachuun kan argamtuu qalbii Rabbi beeytu , haqa isaa firraa galchitu ,uumama isaatti tola ooltu fi akkasuma qoma keessaa nama jibbuu , nama hassaduu fi zulmii nama tokkoo osoo hin qabaatin raftu keessatti jirti. Yaarabbi warra ibaadaa teetii keessaa Tokko nu godhi..!

  • #Faayidaa du'aaii Qabu keesaa muraasa 👇 👇 👇 👇 👇 👇 👇 🙏 🙏 🙏 🙏 🙏 🙏 🙏 ⤵️ ⤵️ ⤵️ ⤵️ ⤵️ ⤵️ ⤵️ 🌷 Ibnu al-Qayyum (Rabbiin rahmata haa godhufi) irraa odeesse:Rabbii isara hajjallatu akkanajedhee 🌷1. Fuula namaa ni ibsa. 🌷2. Fayyaa qaamaa ni eega. 🌷3. Humna qaamaa ni dabala. 🌷4. Lubbuu ni gammachiisa. 🌷5. Qalbii nama jabeessa. 🌷6. Dhukkuba ni balleessa. 🌷7. Eebba dabalata. 🌷8. Dadhabbii ni balleessa. 🌷9. Miila akka socho'u taasisa. 🌷10. Wantoota miidhaa geessisan ni balleessa. 🌷11. Ilaaluu - lubbuu bal'isa. 🌷12. Lubbuufi ifa kenna. 🌷13. Balaa ni ittisa. 🌷14. Eebba eega. 🌷15. Jireenya ni kenna. 🌷16. Garaa ibsa. 🌷17. Sheyxaana fageessa. 🌷18. Ar-Rahmaanitti dhihaata. #yoo_isinitti_tolle #share _godhaa Amiiiiiiiiiiiiiiiiiiiiiiiin☝️ Amiiiiiiiiiiiiiiiiiiiiiiiiin ☝️ jedhaa 🤲 🤲 🤲 🤲 🤲 🤲 🤲 ⚘✍ 💖﷽💖 ╭─┅─═ঊ🌷🌷🌷ঈ═─┅─╮ 💖 Barnoota - hadisaa » ╰─┅─═ঊ🌷🌷🌷ঈ═─┅─╯ 🍀【فضــــل الذكـــــر】🍀 ╔════💖════╗ ✍↺Sadarakaa rabbi faarsuun qabdu↺📮 ╚════💖════╝ 📚🔬❒✍فضـــ الذكر ــــل 👉 ⇱Fadlu-azzikiri ⇱ 📚🔬❒✍ عن أبي ذَرٍّ رَضِي اللهُ عَنْهُ، 📚 💖 ✍ Ammallee Abii Zarriin irraa odeeffamee ( R.a ) أَنَّ نَاسًا مِنْ أَصْحابِ رسولِ اللهِ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ قالُوا لِلنَّبِيِّ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ 📚 💖 ✍ Ummanni tokko sahaabaa Ergamaa Rabbii kan ta'an Ergamaa Rabbiitiin (s a w) ni jedhan: ⚘✍ يَا رَسُولَ اللهِ، ذَهَبَ أَهْلُ الدُّثُورِ بِالأُجُورِ؛ 💖 Yaa Ergamaa Rabbii dureyyiin sawaabaan nudabran, ⚘✍ يُصَلُّونَ كَمَا نُصَلِّي، 👉 salaata akka nuti salaannutti salaatan, ⚘✍ ويَصُومُونَ كَمَا نَصُومُ، 👉 soomana akka nuti soomannutti soomanan ⚘✍ ويَتَصَدَّقُونَ بِفُضُولِ أَموالِهِم. 👉 waan horii isaan irraa hafe ni sadaqatan. ↲ قالَ:⇲ 📚 💖 ✍ Rassuulli Rabbii (s a w) ni jedheen : ⚘✍ {أَوَلَيْسَ قَدْ جَعَلَ اللهُ لَكُمْ مَا تَصَدَّقُونَ، ⚘✍➢ Waan sadaqattan Rabbiin isiniif hin goonee? ⇔⚘✍ إِنَّ بِكُلِّ تَسْبِيحَةٍ صَدَقَةً، ⚘✍➢ Cuftummaan tasbiihaa(Subahaanallah) jachuun sadaqaadha, ⇔⚘✍ وَكُلِّ تَكْبِيرَةٍ صَدَقَةً، ⚘✍➢ Cuftummaan takbiirtaa (Allaahu akbar) jachuun sadaqaadha, ⇔⚘✍ وَكُلِّ تَحْمِيدَةٍ صَدَقَةً، ⚘✍➢ Cuftummaan tahamiidaa (Al-hamdu lillaahi) jachuun sadaqaadha, ⇔⚘✍ وَكُلُّ تَكْبِيْرَةٍ صَدَقَةٌ 👉 cuftummaan takbiirtaa (Allaahu akbar) ⚘✍ وكل تَهْلِيلَةٍ صَدَقَةً، ⚘✍➢ Cuftummaan tahliilaa (Laa'ilaaha illallaah) jechuun sadaqaadha, ⚘✍وَأمْرٌ بِالْمَعْرُوفِ صَدَقَةٌ، ⚘✍➢ Waan gaaritti nama ajajuun sadaqaadha, ⚘✍وَنَهْيٌ عَنْ مُنْكَرٍ صَدَقَةٌ، ⚘✍➢ Waan hamtuurraa nama dhoorguun sadaqaadha, ⚘✍وَفِي بُضْعِ أَحَدِكُمْ صَدَقَةٌ}. ⚘✍➢ Haadha mana ufiitiin waliin rafuun sadaqaadha ⚘✍قَالُوا: يَا رَسُولَ اللهِ، 📚 💖 ✍ ni jedhaniin: Yaa Ergamaa Rabbii ⚘✍أَيَأْتِي أَحَدُنَا شَهْوَتَهُ وَيَكُونُ لَهُ أَجْرٌ؟ ⚘✍ Tokkoon keenya fedhii isaatiif yoo haadha mana isaa waliin rafees sawaaba ni aargataa? ⚘✍قالَ: ⚘✍💖 Ergamaan Rabbii (s a w) ni jedhe :- ⚘✍{أَرَأيْتُمْ لَوْ وَضَعَهَا فِي حَرَامٍ أَكَانَ عَلَيْهِ وِزْرٌ!؟ ⚘✍➢ Mee naaf odeessaa yoo namni tokko zinaa hojjete yakkii isarratti hin ta'u? ↺فَكَذَلِكَ إِذَا وَضَعَهَا فِي الْحَلاَلِ كَانَ لَهُ أَجْرٌ}. ⚘✍➢ Akkasu-ma yoo haadha mana isaa waliin rafe sawaaba argata ✅ 📚🔬❒✍ رواه مسلِمٌ.↷ ✍📚 ↻ Muslimiitu gabaase•⇱ ╔════🌷🌷🌷════╗ ↺➢Qalbiin dubbisaa➢ ╚════🌷🌷🌷════╝ ⚘✍ انشـــــــــر تؤجر

  • “🔅Wirdii Qur’aanaa qara’uun kee, •zikrii godhuun kee, •Salaata yeroo irratti eeggattee salaatuun kee, •Sadaqaa kennachuun kee, •Haadha fi abbaa keetiif tola ooluun kee, •Saahibban gaggaarii qabaachuu fi bakka ilmii diinii teeysee barachuun kee... Dandeeytii fi tooftaa teetini sitti fakkaatee?! Kuni hundi waan Rabbiin nama jalatufi lafise Allahamdulila jedhii yaa nama kana hunda qabdu Rabbii Arjaa taheetu, nama ifi dagate hedduu keessaa si filate; jaalala isaatiis onnee tee keessatti uume. Eegana gara waan Inni jaalatuu fi boru mindaa guddaa itti argattutti si oofe. Yoo lubbuu tee dalagaa Rabbiin jaalatu irratti bobbaatee argite, yaadadhu: Rabbitu si kabajuuf, si guddisuuf gabroottan isaa meeqa jidduudhaa si yaame! Atiis gama isaa jarjari, jaalala isaa argachuufi carraaqi..! 📖 Yeroo hunda hadiisa qalbii keessa na dhufu Tokkoon siif hima.. Ergamaan Rabbii ﷺ akkana ja’a: "Yeroo Rabbiin gabricha tokko Jaalate, ni daleeysifata (hojjachiisa)." Sahaabonnis, "Yaa Ergamaa Rabbii, akkamitti isa daleeysifata?" Ja’anii gaafatan. Resuullis ﷺ: "Osoo hin du'in duratti dalagaa gaarii akka dalagatu isa laaffise (waffaqa)," ja’anii deebisan. (Albaaniin Sahiiha ja’en) Yoo Rabbiin tola sirratti oolee, gabricha isaa kan dalagaan keeyrii biraa yeroo hunda mul’atu si godhe, fi bakka keeyrii hunda irraa qooda akka qabaattu si taasise: •Of hin tuulin: yeroo nama Rabbi irraa fagaate argite, lubbuu tee keessatti 'ani isa caala' yaani ja’u sitti hin dhagahamin. •Yaadadhu: Rabbiin nama sanii gadittis si deebisuu akka danda'u hin dagatin. Inni danda'aadha. Rabbiin qalbii gabroottan isaa akka fedhetti gara gaggalcha qalbii teenya diin isaa irratti gadi nu haa dhaabu!” Rabbiin oll tahe yaa rabbii yaa Allaha ☝️ AMiiiiiiiiiiiiiiiiiiiN AmiiiiiiiiiiiiiiN

  • без подписи