Teha Sulti Law Channel(0921254774)
СтатистикаThis channel is created by Teha Sulti to make access of legal concepts to lawyers & societies freely.
- Последний пост
- 17 авг.
- Последнее чтение
- ещё не заходили
- Постов за неделю
- 3
- Всего постов
- 40
- Тип
- открытый
- Язык
- английский
- В каталоге с
- 13 авг.
- 1/24сутки в ленте
- 108
- 1/48двое суток
- 123
- 1/72трое суток
- 133
Оценка по просмотрам недавних постов: пост набирает почти всё за первые сутки.
Посты
Qajeelfama haarayaa jijjirraa Barsiisoota lakk 12-2018.pdf'
Qajeelfama raawwii ramaddii waajjira Barnoota lakk 26-2016.pdf'
Qajeelfama Jijjiirraa Barsiisotaafi HMB Fooyya'e lakk 6-2014.pdf'
Namni yakkaan himatame kamiyyuu, gocha himatame sana raawwachuu isaa Abbaan Alangaa ragaa "shakkii Dhama qabeessaan olitti" (beyond reasonable doubt) yoo hin mirkaneessine, namni sun yakkamaadha jechuun murtii adabbii irratti kennuun hin danda'amu. Kana malees, osoo sadarkaan ragaa kun hin guutin murtiin balleessummaa fi adabbii kennamun Heera waliin kan wal hin simne ta'uu isaa, fi mirgi "akka nama qulqulluutti tilmaamamuu" Heera mootummaa RFDI Keewwata 20(3) waliin xiinxaluun Manni Maree Federeshinii hiika heeraa dirqisiisaa ta'e kenneera. Dabalataanis, himatamaan ofii isaa yakka hin raawwanne jechuun mirkaneessuun isa irraa hin eegamu. himatamaan kan gochuu qabu, ragaa Abbaan Alangaa dhiyeesse irratti shakkii madaalawaa (reasonable doubt) uumuu qofa akka ta'e murtaa'eera. Murtii Mana Maree Federeshinii: • Lakkoofsa Galmee: 151 • Guyyaa: Waxabajjii 29, 2018 A.L.I kenname. https://t.me/Ardaaseeraa
Malaammaltummaa Ittisuun Gochaan! Malaammaltummaan haqa jalisuun, hawaasni ykn tajaajilamaan mootummaa fi dhaabbilee mootummaa irratti amantaa fi abdii akka hin qabaanne taasisa. Olaantummaa seeraa fi kabajamuu mirga namoomaa gaaffii keessa galcha. Guddina diinagdee gufachiisee lammiin jiruu gadadoon akka jiraatu dirqamsiisa. Buaan kanaa ammoo nageenyaafi tasgabbii dhabamsiisuun sirnaafi biyya diiguu danda'a. Hanna ykn malaammaltummaa balaa sirnaa tae kana ammoo ittisuu keessatti gaheen qaamolee hundaa murteessaa dha. Keessattuu qaamooleen mootummaa fi uummatni amanee teessoorra kaaee mindaa kanfalaafii jiru, gocha kana balaaleffachuunis taee irratti qabsaauun(ittisuun)gahee leencaa taphachuun fakkeenya gaarii tauu qabu. Hawaasnis mirga isaa kabachiifachuuf tajaajila haqa qabeessa ta'e argachuuf abukaatoo biraa osoo hin barbaadin ofiif qabsaauu qaba. Yeroo baayee sababni dhibee hamaan kun nu keessaa baduu didee fi inumaa hundee gadi fageeffachaa fi daraaraa deemuuf, tajaajilaanis taee tajaajilamaan gocha kana qabatamaan keessatti hirmaachaa afaaniin qofa waan abaaraniifi dha. Barmaatileen kun ammo akka dhaabatuuf walirratti qabsaauun dirqama taa. Rakkinichi hanga nurra gahuttillee callisuu hin qabnu. Sababni isaa, biyyi malammaaltummaan keessatti babalate tasgabbii siyaas-diinagdee fi hawaasummaa hin qabaattu. Biyya akkanaa keessatti ammoo dhaloota naamusaa fi beekuumsaan qaranii akka boru biyya fayyaduu dandaanitti guddisuun qormaata guddaa taa. Hayyuun Albert Einstein jedhamu: “Biyyi Addunyaa kan baddu ykn diigamtu namoota hammeenya raawwataniin osoo hin taane; namoota osoo gahee isaanii hin bahatin cal’isanii ilaalaniiniidha” jedha. Kanaaf, dhiibbaan malaammaltummaa hunda keenyaa gaaga'ama hamaaf saaxiluu dandaa waan ta`eef har'umarraa gahee kaanya haa bahannuun dhaamsa keenya.
Ijoolleen bakka bu'a ta'ani dhaala aragachuuf abbaan yookiin haati isaani nama dhaala dhiise sana dura du'uu akka qabani Dhaddacha ijjibbaata Mana Murtii Waliigala Fedeera jildii 19ffaa lakk.galmee 110040 tahe irratti murtii dirqisiisa kennameedha.Fkn Akaakayyuun ijoollee Mr A fi abbaan ijoollee Mr B yoo tahe fi Mr A abbaa Mr B yoo tahe ,Mr C ammoo ilma Mr B yoo tahe ,Mr c bakka abba isa bu'e dhaaluuf abbaan Mr c ,Mr A dura du'u qaba.
Akkaataa dhaddacha ijibbaata Mana Murtii Waliigala Fedeerala jildii hin maxxafamni lakk.galmee 249569 dhaddacha gaafa guyyaa 6/2/2017 ooleen murtii dirqisiisa kennameen qabiyyee lafa dhuunfaa fayidaa uummatatiif jedhame beenya fi bakka utuu hin buusiin fudhachuun seeraan ala akka tahe ifatti tumeera.
Akkaataa Dhaddacha ijibbaata Mana murtii waliigala Fedeerala lakk.galmee 235844 tahe irratti bara 2016 keessa murtii dirqisiisoo kenneen qabeenya hin sochoone mana jireenya ilaalchiisee ragaan abba qabeenyummaan maqaa abbaa mana fi haadha manatiin galma'e jiraatullee lamaan keessa tokko qabeenya waliiniti jechuun akka hin danda'amne murtii kennameedha.Yeroo ammaa seeronni dhimmaa qabeenya dhiirsaaf niitii ilaalchiisee fooyya'a kan jirani eenyutuu akka qabeenyicha horachuuf xaaree ilaallamu akka qabu kan namatti argisiisudha.
Dhaddachi Ijibaata MMW Federaalaa mirga miseensii aksiyoonaa(share holder) tokko qooda isaa waldaan aksiyoonichaa akka irraa bitu mana murtiidhaan dirqisiisuu danda'u irratti, Labsii Daldalaa haaraa Lak. 1243/2013 waliin wal qabatee hiikoo seeraa kennee ilaalchisee xiinxala dhimmaa gabaaba PDFdhaan qoophaa’ee.
без подписи
Akkaataa dhaddacha ijibbaata Mana Murtii Waliigala Fedeerala jildii 27ffaa lakk.galmee 199906 Seeraa Hariiroo Hawaasa kewt 804 fi Seeraa Maatii Mootummaa naannoo Oromiyaa labsii lakk.83/1996 kewt 211 wal bira qabuun murtii dirqisiisa kenneen guddifachaan akkaataa Aadaatiin yookiin waliigalteen taasifame Mana murtiin kan hin mirkanofne yoo tahe fudhatama akka hin qabne tumeera.
Dhaddachi Ijibaata MMW Federaalaa mirga miseensii aksiyoonaa(share holder) tokko qooda isaa waldaan aksiyoonichaa akka irraa bitu mana murtiidhaan dirqisiisuu danda'u irratti, Labsii Daldalaa haaraa Lak. 1243/2013 waliin wal qabatee hiikoo seeraa kennee ilaalchisee xiinxala dhimmaa gabaaba PDFdhaan qoophaa’ee.
без подписи
без подписи
W/ra Poolisiitti Jecha Ragummaa Sobaa Kennuun Mana Murtiitti Yakkaan Nama Adabsiisaa ykn Jecha Ragummaa W/ra Poolisiitti Kenname Jijjiruun Yakka Ragaa Sobaa Kennuutiin Nigaafachiisaa? ==================================== Seera Yakkaa kwt 543; Murtii Dh Ijb MMWF glm Lkk 153228 ta’erratti kenname waliin kan ilaalame. ==================================== Ogeeyyii seeraa dabalatee namoonni hedduun ragummaaf Waajjira Poolisiitti dhiyaachuun jecha ragummaa kennan booda mana murtiitti yoo jijjiiran ykn waan wal faallessu yoo dubbatan yakka ragaa sobaa bahuutiin akka gaafachiisu amanu ykn hubatu. Ta’us, Dhaddachi Ijbt MMWF dhimma glm Lkk 153228 ta’erratti hiikkoo seeraa dirqisisaa tumaa Seera Yakkaa kwt 453(2) irratti kenneen ragaa sobaa kennuun ykn bahuun yakkaan tumaa seera yakkaa kwt 453(2) jalatti kan gaafachiisu jecha ragummaa sirna kakuu raawwachuun qaama abbaa seerummaa ykn aangoo abbaa seerummaa qabu biratti kenname qofa kan ilaallatuu fi jecha Waajjira Poolisiitti Kenname jijjiiruun SY kwt 453(2) jalatti yakkaan kan hingaafachiifne akka ta’e murteessee jira. Dhaddachi Ijibbaataa Murtii kenne keessatti sababii ijoo xiinxaleen: 1ffaa Poolisiin qaama abbaa seerummaa ykn aangoo abbaa seerummaa qabu akka hintaanee fi Seera Yakkaa kwt 453 jalaatti "ragaan sobaa" kan nama adabsiisu qaama abbaa seerummaa ykn abbaa seerummaa fakkaatu (Quasi-Judicial) irratti dhihaatanii yoo soban qofa yakkaan kan adabsiisu ta’uu kan tume yemmuu a’u Poolisiin immoo qaama yakka ittisu malee aangoo abbaa seerummaa qabuu miti jedheera. Akkasumas 2ffaa jechi ragummaa kenname wal faallessuun qofaan balleessaa akka hintaanee fi ragaan tokko jechi poolisii duratti kennee fi kan mana murtiitti kenne waan wal faallessee qofaaf "mana murtiitti kan inni dubbate soba" jedhamee kallattiin murteessuun akka hindanda’amnes dhaddachichi xiinxala isaan ibsuun Mana murtiitti kan inni dubbate dhugaa ta'ee, poolisii biratti kan dubbate soba ta'uu waan danda'uuf, jecha kamtu dhugaa, isa kamtu immoo soba akka ta'e ragaa dabalataa birootiin mirkanaa'uu qaba jechuun murtii kenne keessatti xiinxalee jira. https://t.me/speaklawinabsentia
Murtiilee Dhaddacha Ijibbaataa Federaalaa dhimmoota yakkaan walqabate hiikoo dirqisiisaa itti kenne dhimma dhimmaan kan qindaa’e maxxansa addaa gochuun baasee jira. Kunoo የፌዴራል ጠቅላይ ፍርድ ቤት ሰበር ሰሚ ችሎት የወንጀል ሕግ ትርጉም ውሳኔዎች ስብስብ (በየጉዳዮች የተደራጀ ልዩ እትም) ታትሞ ወጥቷል። Credit to Elias Kasa T
Waliigaltee Kiraa mana mootummaa/gandaa ilaalchisee ijaarsi dabalataa mana gandaa kiraan qabatame irratti raawwatamus ta’ee waliigalticha irratti bu’aa akkamii akka hordofsiisu ================= Hiikkoo Dhi.Ijbta MMWF galmee Lakk. 245889 ta’erratti gaafa 05/02/2017 kenname waliin Yeroo hedduu mana mootummaa B/Gandaa irraa waliigaltee kiraatiin namoonni qabatanii tajaajila mana jireenyaa fi ykn daldalaaf ittifayyadamuun kan beekamu yoo ta’u mana haala kanaan waliigaltee kiraan qabatan beekamtii fi eeyyama kireessaa malee haaromsuu fi ykn dallaa keessatti mana dabalataa Ijaaruu bira darbee dabarsanii namoota biroo garee 3ffaatti kireessuu fi darbee darbee gurguruunis nimul’ata. Sababa kanaan falmiin qaama mootummaa ilaallatu (yeroo hedduu B/Gandaa) fi kireeffataa manichaa fi ykn garee 3ffaa kireeffataa jalqabaa irraa kiraan ykn bittaan argate giddutti nika’a. Manneen murtiitis murtii garaagaraa kan kennan yoo ta’u kana irratti manicha beekamtii fi eeyyama kireessaa malee haaromsuu, dabalataan ijaaruus ta’ee garee 3ffaatti dabarsuun gochaa seeraan alaa waliigaltee kiraa adda kutuuf dandeessisu ta’uu fi haaromsa taasifames ta’ee mana dabalataa ijaarames kireeffataas ta’ee gareen 3ffaan sababa tokko malee gad-lakkisuuf kan dirqaman akka ta’e Dhi. Ijbta galmee olitti caqafame irratti hiikkoo kennee jira.
без подписи
без подписи
без подписи