tgindex
Walaloof baacoowwan 😁

Walaloof baacoowwan 😁

Статистика

Walaloowwan jaalalaa fi baacoowwan hidhii walitti nama hin qabachiisne yoo barbaaddan ...... YouTubehttps://www.youtube.com/@milkiitubes Yaadaaf qeeqa qabdan karaa @wabiif na biraan gahuu dandessu

Последний пост
19 июл.
Последнее чтение
15 авг.
Постов за неделю
0
Всего постов
25
Тип
открытый
Язык
om
Категория
Видео
В каталоге с
13 авг.
Подписчики
4 571
+16 за 3 дн.
Сутки
+6
+0,13%
Неделя
 
Месяц
 
Просмотров на пост
4 906
25 постов
Вовлечённость
107,3%
к подписчикам
Постов в день
0,0
всего 25
Упоминаний
1
каналов
Охват размещения
оценка
1/24сутки в ленте
3 989
1/48двое суток
4 571
1/72трое суток
4 930

Оценка по просмотрам недавних постов: пост набирает почти всё за первые сутки.

Посты

  • 19 июл.4 498820

    Arrabni keenya baay'ee Waan dubbatu osoo qabuu Garaa keenya beelessaa Of bulchinee hagabuu ~~~~ Miira keenya to'annee Boruudhaaf bulfanneeti Osoo beeknuu callisuun Hundumaa tuffanneeti! ~~~~ Miira keenya dhokfannee Aarrus dhoksaatti boonyee Xiqqaaf guddaa dandeenyee Aarsaa meeqaan as geenye ~~~ Wanti nuun hin madaalle Yoo nuuf kennamu gatiin Gaaf tokko darba jennee Osoo abdii hin kutatiin ~~~ Akka abaluu osoon jenne Kaayyoo keenyaaf cichinee Waan qabnuun gabaa bahaa Moofaa keenya miiccinee ~~~~ Gaaf tokko seenaa goonee Wanta darbe haasofna Waaqayyos nu gargaaree Jabinasaa nuuf kenna ~~~ Bishaan gabatee taanee Oliif gadi hin raafamnu Waaqayyo nuuf eebbisnaan Nu gaha waanti qabnu ~~~~ Asiif achi osoon gorre Kaayyoo keenya yaadachaa Uumaanis nu gargaaree Ni buufna bu'aa dachaa ~~~ Waaqayyo galatasaa Fayyaa guutuu nuuf laate Biiftuun kaleessa lixxe Har'a nuuf bahuuf kaate ~~~ Jibba namaa hin qabnu Warra abdiin jiraatu Hiree gooftaan nuuf kaa'e Eenyullee fuudheen nyaatu @Walaloo430 @Walaloo430 @Walaloo430

  • 9 июл.1 4352

    Ba'aa baay'ee baattee Kan wal jala yaatu Gafaa quufaa malee Gaafa qonqoo taatu Achumaa achitti Waliin wal wal nyaattu😭😭😭😭😭

  • 22 июн.2 1203

    видео или голосовое, без подписи

  • 22 июн.2 106124

    Ijoolleen Baadiyaa Jirtuu❓

  • 21 июн.2 10573

    Ilaalcha gaarii kan maddisiisu sammuu gaarii qofa💪

  • 19 июн.2 351198

    Jette jettee baranaa Ani Raajiin dhagahee Budaa nyaate jedhani ullaan gommaatti bahe Har'a bullee bariinaan Wanta haaraa dhageenya Mootummaanis rakkate Biyyis dhabde nageenya Dubartittiin Buraayyuu Daa'imman xobbee qalte Gaangeen obbo Birhaanuu Baakkootti ilmoo dhalte Jaartiin Aanaa Nansaboo Kudha sadii heerumtee Akka durattii miti Barana dubbiin cimte Barattoota keenyatti Exit Examiin dhufee Eebbifamuu hin danda'u Namni qoramee kufe Waan addaati jedhame Akka guutuu biyyaattuu Guyyaa adii argineem Qeesii mortee awwaaltu Waraabessi dhukkubnaan Dhaqee ciisee yaalamee Manguddoon jaarraa lamaa Arsii lixaatti argame Alaabitti ishee kana 🇨🇬 Funaaneetan guggube Si'achi arguun fedhu Har'a irraa jalqabee Isa dhiiga nu dhaabu Alaabaa isa lummuxxii Qeerroowwan shaashamannee Gadi yaaftee kukkutti Elaa Guyyaa hojjechaa ooltee Dadhabnaan galii ciisi Waaqa uumaa sodaadhu Walitti tolchuu dhiisi Surree jilbarraan cittee Barii lilmoon hodhatuu Sichi biyya keenyarratti Dabtaraan hin hojjetu. Hammam nu doorsistanis Gooftaan jira nu faanaa Yaa lummuxxii alaabaa Maal fuuta Bataskaanaa??? ✍Habtamu Amsaluluu @Walaloo430

  • видео или голосовое, без подписи

  • 4 мая3 495173

    видео или голосовое, без подписи

  • 17 апр.3 84031

    Deemaa na injifachiisaa like godhaa https://www.facebook.com/100050810238085/posts/1559290789107914/?app=fbl

  • 22 янв.10,4 тыс319

    Akka Amantaa Ortodoksii Tewaahidootti, dubartiin tokko erga deessee booda yeroo muraasaaf tsooma cabsuu / nyaata tsoomaa hin taane nyaachuun eeyyamama—kunis seera amantaa diiguu osoo hin taane araaraa fi eegumsa fayyaa irratti hundaa’a. Sababoota ijoo: Dadhabbina fi fayyaa Erga deessee booda dubartiin dhiiga hedduu dhaba, humna ishee gadi bu’a. Tsoomni cimaa ta’e yeroo kana fayyaa ishee miidhuu danda’a. Haanqina daa’imman harma hoosisuu Dubartiin harma hoosisu nyaata gahaa yoo hin arganne, – humni ishee ni laaffata – harma daa’imaa illee ni miidha Kanaaf mana kiristaanaa biratti, lubbuun namaa seera caalaa guddaa dha jedhamee ilaalama. Seera Kiristaanaa (Qanoonaa) Qanoonota Mana Kiristaanaa keessatti: “Namni dadhabaa, dhukkubsataa, dubartiin deesse, daa’ima harma hoosisuu jiru – tsooma guutuu irratti hin dirqisiifamu.” Tsoomni nama fayyaa qabuuf akka ta’u barsiisa. Yeroo qulqullinaaf kennamu Amantaa Ortodoksiitti: Ilma dhiiraa deessee → guyyaa 40 Ilma dubartii deessee → guyyaa 80 Yeroo kana keessatti dubartiin: of eeggannoo fayyaa gooti tsooma cimaa irraa boqoti erga humna argattee booda gara tsoomaa deebiti Ijootti: 👉 Dubartiin erga deessee booda tsooma cabsuun cubbuu miti 👉 Araaraa, fayyaa fi jaalala seera Kiristaanaa keessatti dursa argatu 👉 Humna ishee fi daa’ima ishee eeguuf eeyyamni kenname @Walaloo430

  • 24 дек.4 7642

    https://www.bbc.com/afaanoromoo/articles/c79x03lnl3go?at_campaign=ws_whatsapp

  • #makmaaksa_Oromoo ✍️"Akka ati harree bittee galtu Yommuu dhudhuufaa manaa baate naaf gale" jette jaartiin. #Mammaaka_Oromoo @makmaaksa

  • #makmaaksa_Oromoo 🪡"Wajjiin bulla yoo jette qeensa qoradhu, addaan baana yoo jette cooma qaladhu" jette cittoon. Ayi cittoo afaan baasteema dubbatte jettan kaa😂😂😂 #Mammaaksa Oromoo @makmaaksa

  • Boru maaltu beeka ? Yookan xiyyaara binnee Lafoo deemuu laganna, Yookii Miilanuu cinnee Karaa teenyee kadhanna! Yookii gamoo ijaarree Abbaa urjii jedhamna, Yookiimmoo huccuu daarree Nama qurciis jedhamna! Shiroof misira koorree Fooniif hanqaaquu eella, Yookiimmoo raafuu dhabnee Nyaata saree kajeella! Yookaan cimnee cichinee Abbaa 'Kaampaanii' taana Yookan Cinnee Ciccinnee Cabaa 'Darzaanii' taana! Ykn xiyyaara qaaritee qubatta, Ykn sigaaraa aarsitee gubatta! Yookan rabbiin si faana ta'a Yookan cabbii si dhaana ta'a! Qaba jettees hin boonin! Dhabe jettees hin boohin! Maaltu beeka kan boruu, Eessatti akka nuun gorru! Booji'aa Abboomaa ✍️ @walaloo430

  • Taphataan Liivarpuul Diyaagoo Zhoottan du'aan addunyaa kanarraa boqate ******* Taphataan sarara fuulduraa garee biyyaleessa Poorchuugaalii fi Liivarpuul Diyaagoo Zhoottan balaa konkolaata isa muudateen du'e. Tibbana cidha isaarra kan ture dargaggeessi ganna 28 kun, balaa konkolataa Ispeen kutaa Zaamooratti isa muudateen du’uudha kan himame. Obboleessi isaa Andiree jedhamus balaadhuma konkolaataa kanaan du'uun himameera. @Walaloo430 @walaloo430

  • Hidhamtee yoo reebamtes Lubbuun yoo wareegamtees Imaanaa namaa hin nyaatiin Dadhabdee harka hin laatiin ~~~ Amantaa kee hin laaffisiin Dhugaa namaa hin jallisiin Adeemtee soba duukaa Hin jallisiini dhugaa ~~~ Asiif achi fakkaattee Yoo sobdee irbuu nyaatte Dhugaan ilma waaqaati Gaaf tokko si gaafatti ~~~~ Wanna feetu uffattee Yoo nyaattes wanna feetu Barana duuta taanaan Bara dhufutti hin ceetuu ~~~~ Gosuma midhaaniiti Gurraachahus nuugiini Haalaaf yeroo ilaaltee Nama hin hacuuciini ~~~~ Irra darbaa hin dubbatiin Gaaf tokko si qaanessa Dhimma yerooti malee Atis murtiidhaaf teessa ~~~ Kaayyoo keef dhiiga tufii Shan kufiitii shan ka'i Qeeqaaf qormaata lafaa Hundumasaa danda'i ~~~~ Atillee fayyaa qabda Isa hin qabneef boo'i Biyyi lafaa hamtuudha Obsaaf jaalalaan moo'i ~~~~ Miiraan hin hoogganamiin Sammuu kee dhaggeeffadhu Akka si waliin ta'uuf Cimsii uumaa kee kadhu ~~~~ Seenaa kee siif jijjiiree Nama haaraa si godha Kaayyoo keef gadi jettus Itti gammadda booda ~~~ Dhaabachuurra tiradhu Dadhabdullee daa'imi Abdii hin kutiin jedhiitii Qomoo keetti naaf himi ~~~~ Baga duutee hin badiin Erga lubbuun jiraattee Gaaf tokko jijjiiramta Akaayii gogaas nyaattee ~~~ Diingata si qaqqaba Barrisee akka jeettii Rakkattee qullaa buustus Hin gaddiin uumaa keetti ~~~ Waaqayyoon kee arjaadha Uffisee si nyaachisaa Cubbuu keerraa qulleesee Mootummaasaa dhaalchisa Kanaachi Kaayyoo kee osoon jiraatiin Osoo karaarra deemtuu Uumaa keetiin dagattee Osoo machooftee qaamtuu ~~~ Osoo Dukkana daheeffattee Qabeenya namaa saamtuu Wanta dubbattu dhabda Gaafa duuti si waamtu ~~~ Wanta sababa hin taane Asiif achii sassaabee Erga yeroonsaa darbee Maal buusa osoon gaabbee? Kanaaf ~~~ Biyya lafaa kanarraa Gaafa adeemtu hin beektu Waan har'a gochuu qabdu Hin dabarsiin borittuu ~~~ Ergaaf karoora diinaa Ofirraatii ifadhu Har'allee guyyaa qabda Hin ciisiin wixxifadhu ~~~ Kaayyoo keef jiraachuurraa Sin dhaabiin haalli kamuu Jalaa didi hin dhagahiin Gaafa diinni si waamu 🙏 @walaloo430 @walaloo430 @walaloo430

  • Ati haga ammaa fb kana follow hin goone taanaan Oromoo miti Odeeffannoo addunyaa irraa fagoo jirta Guyyaatu sitti dukkanaa'eera mee ofiifuu dafii itti makami https://www.facebook.com/debela.fasil.9

  • Maalan sitti baleesee Cinaachakoo siif laadhee Waan ba'aansaa ulgaatuu Ballessaakee sibaadhee Maaltu sitti badee Maaliif mataa darbataa Maaf teesuma irraakaatee Lafa teesee salphataa Gatiin sitti baafamee Maaliif ijan godhatuu Akkan siraabarbaadeti Maaliif naaf hin jiraatuu Dandeettiikoo tufatee Qaroomina faarfattaa Dadhabbiin siif dadhabee Jiruu fannoo dagataa Anii abbaa uumamahundumaatii Hundumtuu anaanta'e Harkakoo maaf dagattee Anatu har'aan si ga'ee Ergan sitti baafadhee Karaaf kallattii eebbaa Deemsaaf humna godhatee Baateetta tabbaaf dachaa Jedhee nu komata inni Nuuf ta'ee aarsaa Gatii keenya walaaluun Baay'ee nama aarsa

  • Gaafa Murtii gootummaa Guyyaa arjooma lubbuu Gaafa hojiin agarsiisaan Ulfinnaa fi kabaja irbuu Gaafa yaadannoo gootaa Yaadannoo gatii gumaa Guyyaa wal yaadachiisan Kaayyoo gootota kumaa. Ebla, 15,Bara 2025 April, 15/2025

  • Yeroo ijaan na ilaaltu Kolfitee naaf gamsiifte Suuta suuta adeemsaan Jaalala na qabsiifte! Kolfishee na mararee Ija koo dura deemti Jaalatanii booji'uu Hundumasaatti beekti! Karaatti akka Poolisii Qabeetan si gaafadhee Atoo kan jaallatanii Baguman si jaalladhe H.H

Walaloof baacoowwan 😁 — tgindex