tgindex
Yohanis E

Cuphee gadheen man'ee nyaattii!!

Последний пост
26 мая
Последнее чтение
14 авг.
Постов за неделю
0
Всего постов
20
Тип
открытый
Язык
om
В каталоге с
14 авг.
Подписчики
180
0 за 1 дн.
Сутки
0
0,00%
Неделя
 
Месяц
 
Просмотров на пост
662
17 постов
Вовлечённость
367,8%
к подписчикам
Постов в день
0,0
всего 20
Упоминаний
0
каналов
Охват размещения
оценка
1/24сутки в ленте
1/48двое суток
1/72трое суток

Оценка по просмотрам недавних постов: пост набирает почти всё за первые сутки.

Посты

  • Family akkam jirtu?

  • #challenge-accepted -sammuun barate sammuu hin baraaneef daandii saaqa! kun mana baruumsaa Haroo Goondiyoo jedhaama bara 1958 hundaafamee! anis bu'aa mana baruumsichaa kessaa tokkodha. har'aa ammoo haroomfaamuuf jechaa carrawwaan addaa qabachuudha bifa lottery ttin isinif dhufe jira marree amummaa link achii gadii kana seenuun qarshii 200 qofan carraa kessaan yaala https://t.me/+vJMoN4xzGw1mZWVk Nammoonni tikkeettii barbaada jirtan kan group irratti kan galchitan yoo ta'e Screen shot godhaa keessanis ta'u asirra nuuf ka'aa! Dabtaraawwa (Bank account) banamanii jiranis warreen armaan gadiiti. 1. #Commercial Bank of Ethiopia 1000705356808 : (Teafaye Etefa Aga and Bacha Lemesa Gemechu ) 2. #Awash Bank : 013201598756100 :(Bacha Lemesa Gemechu and Tesfaye Etefa Aga and Chaltu Etefa Yesuf). 3. #Siinqee Bank: 1093740290318 (Kore Haromsa Mana Barumsa Haro Gondiyo Sad. 1ffa) jedhee jira.

  • Abdii kutuun Diina milkaa’inaati. "Abdii kutannaan karaa kufaatiitti  sii geessu illee amansiisaadha!" "Rakkattee osoo hin milkaa'in hafte yoo ta'e, kan si booda milkaa'u dhaloota tokkotu jira; osoo hin rakkatin milkoofte yoo ta'e garuu si dura nama rakkatetu ture."   • Maalifan milkaa'uu dhabee?   • Maalif milkaa'inni ana irraa fagaatee?   • Maalif kufaatiin natti baay'atee? Jettee Komii ofii kee irratti nama irrattii fi waaqayyo irratti hin kaasin! Wantonni jireenya dhalaa nama jijjiiruu danda'an hedduun galma hin ga'iin kan hafan abdii kutannaa dhala nama irraa kan ka'edha. Namni mo'u abdii hin kutatu, namni abdii kutatu immoo hin mo'u....! ■ Yoo ofii kee rakkattee,  dadhabdee milkaa'uu baatte,  rakkina kee kanatti ilmi kee,  dhaloonni si boodaa milkaa'uu danda'a. ■ Ilaali rakkina kee har'aa kana ilaaltee abdii hin kutin! Diinni milkaa'inaa inni guddaan abdii kutuu dha. Waan hojjettu kamiyyuu hamma du'aatti yoo ta'e iyyuu cichii jabeessii itti fufi! Bor yoo duute iyyuu dhaloota boriif eebba taate duuta. Dhaloonni si boodaa "rakkina inni rakkachaa ture nuti immoo har'a bu'aa isaa jiraanna" siin jechaa seenaa kee yaadachaa jiraatu. ■ Hammuma kufaatiin sitti baay'atu milkaa'ina keetti dhiyaachaa akka deemtu beeki! ■ Kufaatiin tokko gaafa si quunnamu deemsa gara galma milkaa'ina keetti gootu dheerina isaa gabaabfachaa jirta jechuu dha. ■ Imala gara milkaa'inaatti deemuu kee,  karaa milkaa'inaa irra imalaa jiraachuu kee kan siif mirkaneessu kufaatii si mudachaa jiru dha. ■ Kufaatiin yoo si mudachaa jira ta'e,  jabaadhu ati karaa milkaa'naa irra jirtaati. Garuu hamma yoonaa kufaatiin si mudatee hin jiru yoo ta'e ati milkaa'ina keef deemsa hin eegalle jechuu dha. ■ Namni osoo hin kufin milkaa'e nama hin hojjanne dha yookiin kufaatii nama biraatti kan milkaa'e dha. Link Telegram t.me/Chala2391Abdii kutuun Diina milkaa’inaati. "Abdii kutannaan karaa kufaatiitti  sii geessu illee amansiisaadha!" "Rakkattee osoo hin milkaa'in hafte yoo ta'e, kan si booda milkaa'u dhaloota tokkotu jira; osoo hin rakkatin milkoofte yoo ta'e garuu si dura nama rakkatetu ture."   • Maalifan milkaa'uu dhabee?   • Maalif milkaa'inni ana irraa fagaatee?   • Maalif kufaatiin natti baay'atee? Jettee Komii ofii kee irratti nama irrattii fi waaqayyo irratti hin kaasin! Wantonni jireenya dhalaa nama jijjiiruu danda'an hedduun galma hin ga'iin kan hafan abdii kutannaa dhala nama irraa kan ka'edha. Namni mo'u abdii hin kutatu, namni abdii kutatu immoo hin mo'u....! ■ Yoo ofii kee rakkattee,  dadhabdee milkaa'uu baatte,  rakkina kee kanatti ilmi kee,  dhaloonni si boodaa milkaa'uu danda'a. ■ Ilaali rakkina kee har'aa kana ilaaltee abdii hin kutin! Diinni milkaa'inaa inni guddaan abdii kutuu dha. Waan hojjettu kamiyyuu hamma du'aatti yoo ta'e iyyuu cichii jabeessii itti fufi! Bor yoo duute iyyuu dhaloota boriif eebba taate duuta. Dhaloonni si boodaa "rakkina inni rakkachaa ture nuti immoo har'a bu'aa isaa jiraanna" siin jechaa seenaa kee yaadachaa jiraatu. ■ Hammuma kufaatiin sitti baay'atu milkaa'ina keetti dhiyaachaa akka deemtu beeki! ■ Kufaatiin tokko gaafa si quunnamu deemsa gara galma milkaa'ina keetti gootu dheerina isaa gabaabfachaa jirta jechuu dha. ■ Imala gara milkaa'inaatti deemuu kee,  karaa milkaa'inaa irra imalaa jiraachuu kee kan siif mirkaneessu kufaatii si mudachaa jiru dha. ■ Kufaatiin yoo si mudachaa jira ta'e,  jabaadhu ati karaa milkaa'naa irra jirtaati. Garuu hamma yoonaa kufaatiin si mudatee hin jiru yoo ta'e ati milkaa'ina keef deemsa hin eegalle jechuu dha. ■ Namni osoo hin kufin milkaa'e nama hin hojjanne dha yookiin kufaatii nama biraatti kan milkaa'e dha. @baro2017✅@baro2017✅

  • Namotnii group qabdaan gurguraachuu kan barbaadan yo jiraatan kaara kessoo na quunamaa! Hubachisa: 2022 (2015) tti achitti ta'uu qaba!

  • #Walaloo_amantaa     #1 Gaara gubbaa dhaabda Waamtee isa goodaa Gargaarsa keef safuu! Gochi kan kee ooda Bulchiinsa taasista Waamtee tiksee hoolaa Ajab! gargaarsa keef Si jajachaan oola Imimmaan koo haqxe Ergitee sagalee Lafan bade sanaas Barbaadameen gale Raayyaa natti marse Dhuftee narraa lolte Gaachana naaf taate Xiyya narraa qolte Tabbicha nabaaste Cimsitee mogolee Bara hamtuu sana An Si'iinan oofkole Daka qaxxaamuree Ce'eera qilillee Kaasuu guuteen fide Galataaf ilillee Bashannaneen darbe Sululaaf pilaatoo Seenaa koo jijjiirtee Natti goote naatoo Balaa na oolchite Afaan taankiif qawwee Miillaanan gad-tuma Mataa bofaaf jawwee Ergaa ol dhaammadhee Argadheera fala Maqaa kee waammadhee Nagaan ba'een gala Nadhiisteen dabarre Ilaaltee haalakoo Gitakeen agarre Ulfaadhu waaqako Sichittis nan darba Gammoojjii fi baddaa Sagaleen ceesisu Sibiraa naaf madda Bohaarsaa yaad-sammuu Gaafa dhiphuuf gaddaa Yesuusee michuuko Gargaarsi kee adda Samiin ol fagaatee Dache yoo jabaatu Jawweef xiyyi saafaa Argatee nan nyaatu Qaawwikoon mul'atu Haguugdee naaf kabda Akkasumaan miti Akeeka naaf qabda                 Guutuu hin hir'anne Dilbii bara beelaa Faajjii mo'icha koo Uggum yaa wangeelaa! Osoon kufee ciisuu Raareedhaa nakaastee Waarrii narraa saaqxee Dirreetti nabaaste Dachaanan buufadhe Isan itti eele Jal'aan jireenya koo Karaa kee qajeele Mil'annaan ija kee Suuqatti na arge Ati naan qaqqabnaan Onaa kootu marge Dirreetti nabaaste Araangamaa cirtee Gama na ceesiste Galaanicha hirtee Dhaadannoonan darbe Danqaraan caccabee Diinni kiiyyaa argee Naasuudhaan gaggabe Addunyaafan ife Akka ibsaa gaaraa Siifan fidee dhufe Fudhu weedduu haaraa ~ Yohanis E galatooma!

  • Nu lakkaa'u- mirree taane Kiyyoo kaa'u- cirree baane Dakaa dhufnee- qarree geenye Gurguddoota- tarree teenye Nu ifatu- nu dheekkamu Dantaan keenya- hin eegamu Eeluun keenya- hin laalamu Meeluun keenya- hin yaalamu Maqaa keenya- cilee dibee Rafnee buluuf- sabriin dhibee Akka namaaf- rafaa taanee Akka uumaaf- lafaa kaane! ~

  • Baga gessan Ifa baane cabee waanjoon baraa dheera In gaamana fayyisan nuuf dhaalateera sookisiisne dukkanichi qar'eerraa Adduunyaadhaaf biftuun haraa bari'eeraa In faayisa hafuura isaan qaqqabee dhaalachuu isaaf seexanotatu gaggaabe nan hubaadhee sagalee isaa xinxaale in gugguuba seexanotas waxaale In dhalatem furtuun adduunyaa guutuu sabni hunduumtu yeesusin ha jejaatu dhageesisa hundi kessan sagalee iliilchinu dabbalee daddabbaale Ukkaamserraa kan dhaloota egaa cubbu du'aa olcheem bara baran keenya lubbuu nurraa haxaa'ee imiimmani fi bo'iichaa nuf eeyyeme bara baraan mo'iichaa nurra buuse giindilaa cubbuf yaado ittii naqee seexaanattii gadadoo nurraa dhamsem gaanem isaa balalchu Iyeesuusif namnii kam ha iliilchuu Mullu godhee dhuukkubotas xooba'ee marsee qabe luusiferiin gadi'ee dinqii godhee Yesus nuf dhalatee biyyi lafaa gaafas afaan qabate Isaan dhufe sababaa isaan wangeelii nuf baaname karaa isaatin balbaali lafaan dha'ee diyaabiloosin feenqelaachoo furamneera Amaantootta misiraachoo! Ayyana garii!!

  • Miidhagsituu jiruu Si'eessituu qaamaa Fooliin jaalalakee Fagoodhaa nawaama Soofee naqal'ise Akka qara mutaa Wayyoo jaalala kee Dugda koo nakuta Hidhaa jaalalaatiin Cimsitee nahiitee Laphee koo tarsaastee Onnee koo namiite Abaaboo kichuukoo Mucaa warra Leeqaa Narraan turiin maaloo Natti koottu seeqaa ~ ~ Akka kirkira dachee Hoolladheen siif kirkira Hoggayyuu yaadaaf qalbiin Kan koo sibira jira Simboofi amallikee Yaadarraan yaada dhalchee Dhugaadha jaalallikee Mana hidhaa nagalche Qalbiin koos si arguudhaaf ija kiyya jarjarsa Yaadamsi kee nagubee Nawaadee nakarkarsa Maashaan koo siin diriira Sombi koo siin hargana 'Ani kee ati kiyya' Loogoo jedhun amana Dhibee jaalalaa irraas Sumadha kan nayaalu Osoo ati naaf jirtuu Sirraan orman ilaalu Haasofnikee muuziqaa Gororrikee dammuma Daqiiqaa shan hin turiin Dafii koottu ammuma Narraan jaallatte jettees Narraan qabaatiin shakkii Gola onnee koo keessaa Siif qophaa'eera bakki Everything is possible with God/Allah!!

  • Nagaa nuuf kottu

  • Yohanis E pinned a photo

  • Chirstmass🌿☘️🌻🌻🌻🌻🌻 Jalqaba akka ture irra galaana gubbaa deebi'ee dhalateera karaa maari'am durbaa! .......................... walaloo ammaaya'aattin Ayyaana qilleetti na eega!!

  • Eelanii Eelee Dhaabu! Namni waadaa siif galee Deebi'ee yoo sihaale Jaalalasaa duraarra Jibbi har'aa yoo caale Kaleessa sijaallatee Har'ammoo yoo sijibbe Gaddi sitti jeekkaree Yoo sitti tume dibbee Gaafa gola sammuukee Miirri dhiphinaa guutu Tarkaanfachuuf danqamtee Yeroo abdiinkee duutu Yennaa yaaddoof gadadoon Jireenyakee weeraru Yoo yandoon rakkoo roobee Yeedaleessee geeraru Yeroo eeltee, meelattee Bu'aa dhabdee kasaartu Ormayyuu daara baaste Gaafa deebitee daartu Biyya hambaas qubattee Yoo jedhamtellee galaa Eebbi durakee jiru Dachaa dachaan dabala Rakkinnis huursee darba Gulufee akka fardaa Garuu cimaa fakkaatee Yeroodhaaf nama sarda Har'a dhibeef hin gaddiin Xiiqoftuu warra gootaa Rakkoof harka hin kenniin Dhiphuu dhiphistee mootaa Hanga bishaan geessutti hedduu dhaadatti dammi Dhaamsa xiqqoo siif qaba Nahubadhu yaa lammi Meeluuf eeluun danatee Yoo karaa nama dhaabu Mudannoo hin jiilani Eelanii eelee dhaabu ~ Jabaan Waaqa!!

  • Geejjibsiistuu dhiigakoo Akka dooniif baaburaa Har'allee sin jaalladha Akkuma gaafa duraa Balaliistuu yaadakoo Akka daandii xiyyaaraa Chaappaankee narraan badu Narraa qabda ashaaraa Taphachiistuu miirakoo Akka fiingeef gitaaraa Siidaa dulloomeen jigne Onneerrattan siif jaara Bohaarsituu qalbiikoo Naaf caalta saaksifoonii Shirri adda nun baasu Nuti dhiigaafi fooni Fuullikee namarara Akka daraaraa birraa Dhugaanan sijaalladha Adda hin ba'u sirraa Akka wal hin agarreef Warri cufanis karra Jaalalli ansiif qabu Hin sharafamu narraa Gulummaakee of godha Guutummaakoo siif kennee Yeroodhaaf sijaalladhee Bor sin jibba hin jenne Dhiichisa jaalalakee Onnee koorraa shubbisu Nan arge yeroo namni Fuula koorraa dubbisu ~ Share godhaa!

  • #Bara_Jaalalli_ture Bara dhangaan Akaayii Bunniif Mulluun irbaataa Hundinuu nyaatee quufee Kolfee waliin ~~taphata Bara ibsaan Kurraazii Teessoo suphee tolchanii Barcuma miila sadii Waddeessarraa soqanii Bara buddeen tokkichi Nama shaniin nyaatamu Bara raafuun coomarra Jaalalaan sooratamu Bara ollaan walwaamee Waliin dhiichisee sirbu Haammatee wal dubbisee Nagaan wal bukkee darbu Aabboof Haayyoon horanii Kunoo maatii jaalalaa Gammachuu waliif qabu Ganamaafii ~~galgala Bara Saawwi elmamee Aannan Dhadhaa mirgisu Bara Sangaan colloomee Dirra bajjii ~~~~buqqisu Bara Citaan qorqoorroo Dhaqonuun dagaleedha Dhaabni manaa koshommii Firaashiin ~~itilleedha Yaadattuu laata isinoo Jiruu bara ijoollummaa ❤️❤️❤️

  • Live stream finished (6 minutes)

  • Live stream started

  • Anaafi Dibaabeekoo! Ana Dibaabeekoo abdatamtuu michuu kiyya karaa dheeraa Ariifadhuu of-qopheessi Cidhi kan-kee dhiyaateeraa! Dibaabeekoo "Eegan beellamadhee cidhaaf of-qopheessee Eega atis dhaamsakoo Oromoodhaan geessee Kunoo dhufaan jira beellamnikoos geessee Oromoon koo yaa'ee anaan haa simatu    Mijuu koo akka aannanii dhufee haa unatu" Ana Oromoon ni dhufa dhaamsa keerraa hin hafu Anis dhaamsakee biraan siifan gaha waadaa kee hin sharafu Dibaabeekoo "Cimseetan sibeeka waadaa kiyya hin nyaattu Isan bonaafi ganna eegduu kee -siif ta'e atiyyuu hin dagattu Waadaa waliin qabna icciitii bara dheeraa Atis kaadhimaakoo anis kee ta'eera"

  • WAADA SEENSIFADHU(make a promise) ❤️❤️❤️❤️❤️❤️❤️❤️❤️❤️❤️❤️ me akkana jedhiitti hirbuu dhugaa seensisi akkasheen si jalaatu onnee keeti beeksisi dhiraa dhufe darbuutti yoman ta'e shuurraaba dandiin ani irraa adeemu nat hata'u qaaraaba sanyiin ani facasuu oldeebi'e in margiini gaadameesi ko googe dhala ijiiko in argiini yoman wa'e kee dhisee dhira kan bira yaade ibidii sami bu'e na haguubuka waade yoman takka sin jedhe baadi ijaako duraati kara an irraa adeemu nat hata'u qoorati yoman dhira biran jedhe akkati namarartu rabbi nakeessa hafudhu ijakoo ishee agartu yon dhira biras yade dinqa manatti gale dhibeen narra inadeemin nat haammaatu male akkas akkas sin jette waada dhuga sif ha seentu yo kanarra dabartee dhuga waqaatti ha maseentu Every thing is possible!!!!

  • Lubaa fi Daaqonii :::::::::::::;;;;;;;;;;;;;;;;;;;; Lubani sagalee guddistuu qabatanii, "Qodaa buusii keessaa kan saantima hate eenyu?" jedhu. Daaqoniin dudduuba taa'ee, "Hin dhaga'amu!" jedha. Ammas irra deebi'ee dubbate. Ammas akka hin dhaga'amne itti hime Daaqoniin. Yeroo kana lubni ni aare. "Mee kottuu as dhaabadhuu dubbadhu; bakka kee taa'een akka hin dhaga'mne ilaalaa!" jedhe. Daaqoniin afeerraa kana gammachuu guddaan simate. Bakka lubaa dhaabatee—sagalee guddiftuu qabatee— dubbachuu eegale. "Isin keessaa eda galgala haadha manaa namaa wajjin kan bule eenyu?" jedhe. Lubichi akkana jedhan, "Dhugaadha ilma koo! Dhugumayyuu hin dhaga'amu!" Iji naachaa fi iji raachaa bishaan keessatti wal arga jedhama mitiiree? Every thing is possible!! MILKAA'IINI WALOOMAN!!

  • 👉Ammaaf qormaata barreeffamaaf kan waamaman iyyattoota gita hojii kana gadii qofa...warreen position biroo irratti iyyattan  obsaan eegaa! 👉Applicants of: School Of Finance Trainee(SOF), Trainee AMT, Trainee A/C Modularized, & Trainee A/C Mechanic are called to Written exam! APPLICANTS WHO APPLIED FOR OTHER POSITIONS, WRITTEN EXAM DATE WILL BE COMMUNICATED IN SEPARATE ANNOUNCEMENT AND SCHEDULE. Iddoo Kanneen keessatti Warreen  iyyatan, qoormaata barreeffamaaf waamama jirtuu kanaaf website issaani hordofa⤵️   ADAMA SCIENCE AND TECHNOLOGY UNIVERSITY, ADAMA   ADDIS ABABA, ONLINE   AMBO UNIVERSITY, AMBO   ARBAMINCH UNIVERSITY, ARBAMICH   ASSOSA UNIVERSITY, ASSOSA   BAHIR DAR UNIVERSITY, BAHIR DAR   DEBRE BRIHAN UNIVERSITY, DEBER BIRHAN   DEBRE MARKOS UNIVERSITY, DEBERE MARKOS   WOLLO UNIVERSITY, DESSIE   DIRE DAWA UNIVERSITY, DIRE DAWA   SELALE UNIVERSITY, FITCHE   GAMBELLA UNIVERSITY, GAMBELLA   GONDAR UNIVERSITY, GONDER   HARAMAYA UNIVERSITY; HARAR CAMPUS, HARAR   HAWASSA UNIVERSITY, HAWASSA   JIGJIGA UNIVERSITY, JIGJIGA   JIMMA UNIVERSITY, JIMMA   MEKELLE UNIVERSITY, MEKELE   MIZAN TEPI UNIVERSITY, MIZAN TEPI   WOLLEGA UNIVERSITY, NEKEMETE   MEDAWELABO UNIVERSITY, ROBE   SEMERA UNIVERSITY, SEMERA   MEDAWELABO UNIVERSITY AGRI CAMPUS, SHASHEMENE   WOLKITE UNIVERSITY, WOLKITE WRITTEN EXAM SCHEDULE -SATURDAY NOVEMBER 04, 2023 @ 08:30 AM IN THE MORNING anyone who has applied use the link below to see whether you are qualified!!👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇 https://corporate.ethiopianairlines.com/AboutEthiopian/careers/results