Gaaffii Keessaniif Deebii
СтатистикаGaaffiwwan dargaggootaa amantaan walqabatan kan barsiisota M/K/O/T Itoophiyaan deebiin itti kenname, karaa barreeffamaafi sagaleen dabarsuuf chaanaalii baname dha. 👉 Yaadaafi gaaffii qabdaniif @GuutiiG
- Последний пост
- 9 авг.
- Последнее чтение
- 15 авг.
- Постов за неделю
- 0
- Всего постов
- 30
- Тип
- открытый
- Язык
- om
- Категория
- Видео (по похожим)
- В каталоге с
- 13 авг.
- 1/24сутки в ленте
- 601
- 1/48двое суток
- 688
- 1/72трое суток
- 742
Оценка по просмотрам недавних постов: пост набирает почти всё за первые сутки.
Посты
✍Ani Dheebotadha; Ati waraabduu warqeetii, ilmi kee bishaan jireenyadha. ✍Ani nama boolla irra darbuu dha; Ati riqicha; Mucaan kee bakka gammachuuti. ✍Ani hiyyeessa; ati Kuusaa ulfinaati; Ilmi kee faaya qaaliidha. ✍Ani madaa’aadha; Ati qaruuraa qorichaati, mucaan kee qoricha. ✍Ani qullaa dha; Ati meeshaa huccuu ti, mucaan kee uffata gonkumaa hin dulloomnedha." (Abbaan Giyoorgisiin kan karaa Sadiin ofiisaa, Gooftaa fi haadha isaa wajjin walitti firoomsuun barreessan irraa) ከየግዮን ወንዝ የተወሰደ https://t.me/Araaraat
#Ifoota_Biyya_lafaa #Phaawuloos_fi_Pheexiroos Manni Kiristaanaa keenya yaadannoo wareegamtota qulqulloota lamaan kanaa gaafa Adoolessa 5iin ni yaadatti. Ayyaanni kun Mana Kiristaanaa keenya keessatti maqaa "Ayyaana Duuka bu'oota" ykn Urjiiwwan mana kiristaanaa ykn Ifoota biyya lafaa, jedhamuun waamama. Guyyaan isaa waggaa waggaan dhaabbatadha. Manni kiristaanaa keenya guyyaa kanaa ciminaa fi jabina duuka bu'oota kan lamaan kaasuun sirriitti ni barsiifti. Duuka bu'oota kun lamaan waan itti wal fakkaata fi itti gargaar ta'an niqabu. Bakka #linkii gadii xuquun dubbisaa https://telegra.ph/Phaawuloos-fi-Pheexiroos-07-12
без подписи
#Gorsa_Kana_Mee_Dubbisi! "Nama jaallachuun keessan jaalala dhugaa haa ta'u, waan hamaa jibbaa, wanta gaarii ta'etti qabamaa jiraadhaa! Jaalala obbolummaatiin ho'isaa wal jaalladhaa; walii keessaniif ulfina kennuudhaaf wal dorgomaa! Waan dhimma baasuudhaaf hin dhibaa'inaa! Hafuura gubaa(humna qabu) qabaadhaa! Gooftichaafis of irraa bu'aa hojjedhaa! Abdii qabdanitti gammadaa; rakkina obsaa; Waaqayyoon kadhachuuttis cimaa! Warra Waaqayyoof qulqullaa'an rakkina isaaniitti gargaaruu keessaa qooda qabaadhaa! Keessummoota simachuutti dhimmaa! Warra isin ari'atan eebbisaa, isaan eebbisaa malee hin abaarinaa! Warra gammadanii wajjin gammadaa; warra boo'anii wajjinis boo'aa! Waa'ee walii keessaniif yaada tokko qabaadhaa; isin ol of qabuu hin yaadinaa, warra gad deebi'anii wajjin jiraachuu baraa! Nuyi ogeessota ofiin jettanii, ogummaa keessan of duwwaadhaaf hin godhatinaa! Namni hamaa yoo isin irratti hojjete, deebiftanii hamaa irratti hin hojjetinaa! Waan fuula nama hundumaa duratti fudhatamaa ta'e yaadatti qabadhaa! Nama hundumaa wajjin nagaatti jiraachuudhaaf karaa keessan wanta danda'amu hundumaa godhaa!" (Room 12:9-18) 🙏lafa nagaa jiraadhaa!🙏 https://t.me/Araaraat
без подписи
🍃🍃Abjuu Yooseef fi obboloota isaa. ✍Ilmaan Yaaqoob keessa tokko kan ta’e Yooseef namaa abjuu fi mul'ataa guddaa qabu ture. Yooseef abbaa isaa biratti obboloota isaa kanaa caalaa nama jaallatamaadha. Akka jaallatamuus kan isaa taasise immoo adeemsa fi mul'ata isaadha. Abjuun isaa nama guddafi geggeessaa ta'uu ture. Jaalalli abbaan isaa isaaf qabuufi abjuun inni fulduraatti ta'uuf abjoote Yooseefiin qormatni guddaa garaagaraa akka isaa qunnammuf sababaa ta'eera. Dhugaadha jireenya keenya addunyaa kana keessatti qormaanni guddaa kan nu qunnamuu akka Yooseef gaafa mul'ataafi abjuu qabannuudha. Namni mul'ata ta'ee abjuu hin qabnee michuu addunyaa kanaa waan ta'eef harka addunya fi akka addunyaatti jiraata. ✍Yooseefiin qormanni guddaan kan mudatee obboloota isaaf hirkoo ta'uu malan irraa ture. Abjuus kan abjoote jireenya namaarratti osoo hin taanee jireenya mataa isarraatti. Utuuma ta'ees Yooseef yoo bakka abjuu isaa gahee maatiin isaa kan itti miidhaman osoo hin taanee irra fayyadamu malee. Yeroo tokko tokko wallaaluummaa irra kan kaanee namoota mul'ata fi abjuu gaggaarii qaban itti hinaafne jibbaafi aariyaacha yoo olluu ni mul'ata. Yeroo kana garuu namicha qofa miidhaa jirra osoo hin taanee of illee miidhaa akka jirru beeku qabna. Obboloonni Yooseef erga isa gurguraanii booda bakka mu'atafi abjuu isaatti hin baanee. Yooseefis waan gurguraameef kaayyoo isaa irraa duubatti hin jenne. Caalaattu Waaqayyo isa wajjiin ta'e gargaaree malee. ✍Kaayyoo fi mul'ata keenya ilaalte biyyi lafaa nuu dhibuu dandeessi garuu caalaatti yeroo sana yoo abdii hin kutanne Waaqayyo akka sii gargaaru beeki. Yooseef abjuu isaa galmaan gahachuuf karaa dalgaa hin fayyadamne. Atis galmaa yaadde ga'uuf tooftaa mataa keetti fayyadami garuu karaati filattee nama biraaf guufuu akka hin taaneef of eeggadhu. Egaa mul'ata kee kan jaallatu akkuma jiru kan jibbus jiraachuu isaa beeki imala eegaltu hundaaf qophaa'i. Namoonni har'aa si jibbaan bor akka harkaa keeti kufanii beeki gaafasii atimoo garummaa itti agarsiisi isaanuu ofitti ceepha'aa gara kee dhufuu. ✍Abjuufi mul'ata keef yaada gaarii qabadhu. Amma galma yaadde sana geessutti tasa garaa kee hin hiriin. Feedhii foon keeti guduunfi qabadhuu, hundaa hin fakkaatiin. Yooseef osoo of hin qabnee ta'ee harka haadha manaa Phoxiifaar itti kufee ture. Of-qabuun isaa abjuu fi mul'anni isaa akka galma gahuuf isa gargaare. Yoo of hin qabne abjuu fi mul'ata kee akka galma hin geenye qaba akka jirtu beeki. ✍Namooni har'a mul'ata kee ilaalanii si jibbuu danda'u bor gaafa galma geessu yaadni isaanii jijjiramee gara kee ni dhufu waan ta'eef laphee qulqulluun simachuuf akkuma Yooseef of qopheessi. Obboloonni Yooseef kaleessa isaa gurguratanii turan gaafa rakkoon isa irra gahuu garuu abjuu isaa dhugoomsuun harka Yooseef irratti kufaan. Yeroos Yooseef garuu biyya bulcha ture, abjuun isaa kaleessas hiika argatteetti. Abjuu fi mul'ata gaarii qabaadhaa. https://t.me/Araaraat
без подписи
Gorsa Simbiraa Namichi tokko simbira bareedduu tokko saaphana keessatti qabe ajjeesuuf osoo jedhu du'a isheen dura jecha tokko ykn lama akka dubbattuuf eyyama gaafatte. Akkasiis jette " Maaloo nan hin ajjeessin, gorsa barbaachisoo sadii siif kennaa. Gorsi inni jalqabaa wanta harka kee keessa jiru hin lakkisiin. Inni lammaffaa wanta ta'e hundaaf hindhiphatin" erga jette booda callistee. Gorsa isa sadeeffaa akka itti himtuuf gaafa gaafattu "Gorsi inni sadaffaa ijoollee kee fi ijoollee ijoolle keef barbaachisaa waan ta'eef yoo na lakkifte malee sitti hin himu" jette. Yeroo kana namichis gorsa isa sadeeffaa sana dhaga'uuf ariifatee waan tureef simbirti gaafa gad dhiisu muka tokkorra balali'uun baatee " Maaliin sin jedhe ture? Ni yaadatta?" Jette gaafatte. Innis "Wanta harka kee keessa jiru hin gadhiisin naan jette" jedhen. Inni lammaffaa hoo? "Wanta darbe hundaaf hin dhiphatin." jedhe Eyyee! Haa ta'u garuu wantan sitti hime hunda hin fudhannee. Osoo na hin lakkifne ta'ee warqee dhala dhala keef kan ta'u garaa koo keessa argatta turte. Kana ture" jettin. Namichi "Yoos sadaffaan hoo?" Jedhen Isheenis "Gorsi sadaffaa immaa isa lammaffaa irra deddeebi'uudha. Waan dhabdetti hin gaabbiin. Kana qofa. Nagaa ta'i. Gorsa koo yoo hin fudhanne hiyyummaa keessa jiraatta" jette. Dubbii kana irra waan lama hubanna. 1ffaan wanti harka keenya jiru yoomu nuuf warqee waan ta'eef akka dhagaatti ilaaluu akka hinqabne. Kanaaf osoo hin darbatin dura xiyyeeffannaa itti kennuu akka qabnufi inni lammaaffaa immoo wanta darbeef dhiphachuun akka hin barbaachifneedha. Wanta darbeef dhiphachuun bu'aan isaa bowwuu mataa qofa waan ta'eef. Lafa nagaa oolaa. https://www.facebook.com/gutema.gobena.1 https://t.me/Araaraat
#Iccitii_Jireenyaa Barsiisaan barattoota isaatiin akkas jedhe " Qormaanni guyyaa har'a baay'ee cimaadha. Barsiisonni mana barumsa kana, jirra ofiin jedhaniyyu osoo qoramanii hojjechu hindanda'an." Jechuun itti dubbata Barattoonnis baay'ee nahan, hin sodaatan. Dhugumayyuu qorumsichi baay'ee itti ulfate. Barattooni cimoodha jedhaman illee gaaffii tokko osoo hin hojjetin walakkaan sa'aati darbe. Kun osoo jiruu barataan tokko barfate dhufe. Qorumsas fudhatee daqiiqaa kudhan keessatti xumuree itti kenne. Dhumarrattis barataan guyyaasisee seenee qofatu qabxii guddaa galmeesse. Kun iccitii jireenyaatti. Argitanii yeroo barsiisaan sun waa'ee cimina qormaata dubbatu barataan sun waan hin turreef sodaan isa hin miine. Diinni hamaa ilma namaa sodaadha. Namoonni mul'ata ati qabatteef wantota baay'ee nama sodaachisaan sitti dubbachuu danda'u, ati garuu dhaga'u kan qabdu #Amantii_laphee kee keessa jiru ta'u qaba. Namoonni tarii akkas sin jechuu danda'u; hindandeessu, sitti cima, ati eenyuu waan taateef hojjetta, baay'ee cimaadha, habaluun iyyuu hojjechu hindanda'u jechuun sodaa sitti uumu danda'u. Ati garuu jechoota sodaachisoo namoonni dubbatan mul'ata keerra akka si hin kuffisneef ofeegadhu! Imala kee fulduratti fufi. Ofii kee qofa dhaggeeffadhu. Warreen qorumsatti deemtan milkaa'aa. ✍https://t.me/Araaraat
без подписи
Yaa namaa! Kan si miidhu qabeenya dhabuu ykn hiyyummaas miti. Nama kan miidhu yaada hamaadha. Yaadni ykn lapheen hamaa immoo qabachuufi dhabuun kan dhufu miti. Yaadni hamaa lapheewwan hamoo kan biraa dhala. Ibiddi ibidda dhaluun akkuma mukoota hedduu gubu lapheenis akkasuma. Ati yaa namaa! Kana beeku ni jaallatta? Hojiin gaarii ykn hojiin hamaa uumamaan kan argamu miti. Isaan kun hundi yaada gaarii ykn yaada hamaa irraa kan argamaniidha Qulq. Yohaannis Afaanwarqeen https://t.me/Araaraat
“ደጋግመህ ኃጢአት ብትሠራም ደጋግመህ ንስሐ ግባ፡፡ ቤተክርስቲያን ሐኪም ቤት እንጂ ፍርድ ቤት አይደለችምና፡፡” ቅዱስ ዮሐንስ አፈወርቅ Irra deddeebitee cubbuu hojjettus irra deddeebi'ii gaabbii gali. Manni kiristaanaa mana yaaladha malee mana murtii mititii! Qulqulluu Yohaannis Afaan Warqee #Dilbata_gaarii https://t.me/Araaraat
Nama ta'i! Milkaa'inni guddaan addunyaa kanaa; qabeenyan kabajamuu, beekumsan fagachuu ykn aangoo guddaa qabachuu miti. Milkaa'inni guddaafi cimaan "Nama ta'uudha". Jiraachuufi nama ta'uun garaagaraa. Jiraachuun kennaa uumamaati, nama ta'uun garuu bu'a ogummaa fi naamusa gaarii guyya guyyaan ijaaramudha. Namni nama ta'e! Oonneen isaa nama biraaf ni dha'ata. Safartoon ilma namaa inni dhugaan baay'inaa qabeenya isaan osoo hintaane hanga oonneen isaa namaaf ho'uun. Yoo dandeesse carraa argatte hundaan gaarummaa facaasi. Gargaaruu meeshaalee qofa hiruu miti, namoota wajjiin bo'uu, gadduu fi gammaduu dabalata malee. Bara keenya kana keessa namni wanta inni dhabe qabeenya miti, nama malee. Nama namummaaf dhaabbatu. Jecha isaaf ni amanamaa. Kabajni fi eenyummaan kee kan safaramuu jecha ati dubbattuunii. Jecha ofii kabajumti qofti kabaja guddaadhaa. Namni waan ati dubbattee caalaa waan ati hojjetten si amanaa. "Your words start to lose value, when your actions don't match" jedhuu. Dubbiin kee bu'aa kan dhabuu gaafa ati isaaf amanamuu dhiiftudha. Gad ofqabummaan ol jedhi. Qabeenyi fi beekumsi kee gaafa dabalu gad of qabummaan kees faana dabaluu qaba. Kabajni oftuulummaam argattu yeroo qofaaf. Jaalalli gad of qabumman argattu garuu bara baraafi. Gadi jechuun mo'atamuu osoo hintaane nama kabajuufi. Qorumsa fulduraatti jabaa ta'i. Jireenyi yeroo hunda mijaa’aa hintaatu. Bubbeen gaafa ka'u kan kufu osoo hintaane, muka hiddi isaa jabaate lafa keessa seene ta'i. Kufaatiin kee bakka turti jireenya kee osoo hintaane, caalaatti jabaatte boqonnaa itti aanuuf jabina siif ta'u qaba. Hamaa garummaan mo'aadhu. Namoonni waan hamaa sirratti raawwattaniif hamaa hinta'in, yoos immaa hammeenyan mo'amteetta kaa. Ati garuu yeroo hunda namummaa keessa kee jiru garummaan dhugaa bahiif. Yoos nama taata! https://t.me/Araaraat
!Warri shamarranii dubbisame! ❖ Akkasumas isin yaa haadholii warraa, abboolii warraa keessaa tokko tokko, jecha isaaf kan hin ajajamne yoo jiraate, hojii gaarii dubartootaa irraa kan ka'e akka of arganiif, shakkii malee qaama isaanii akka fayyadaniif, abboolii warraa keessaniif abboomamaa! ❖ Sodaachuudhaan, qulqullummaadhaan adeemsa keessan bareechaa! ❖ Of kuuluun keessan, wanta alaan mul'atu, mataa tolfachuudhaan, warqee naqachuudhaan, uffata babba'eessa uffachuudhaanis hin ta'in! ❖ Haa ta'u malee fuuldura Waaqayyotti gatiin isaa baay'ee kabajamaa kan ta'e, garraamiifi afuura tasgabbaa'aa kan qabu, kan hin bannee fi kan hin mul'anne qaama laphee isiniif haa ta'u. ❖ Duris amantaa isaanii Waaqayyoo irra kan kaawwatan dubartoonni qulqullaa'oon, akkasuma abboolii manaa isaaniitiif bitamuudhaan ofii isaanii, ni miidhagsiifatu. ❖ Saaraan akkas Abrahaamiif abboomamaa, gooftaa koo jettees isa waamaa turte; ammas isin gaarii yoo gootan, doorsisa tokkos hin sodaattan yoo ta'e, ijoollee ishee ta'uu keessan. ❖ Akkasuma isinis yaa abboolii manaa, yeroo haadha warraa keessan wajjiin jirtanitti, haadha warraa keessan hin salphisinaa; uumamni dubartoota dadhabaadhaatii; akka kadhannaan keessan hin gufanneef, haadha warraa keessan kabajaa, isaan isinii wajjin kabajaa fi jireenya ni dhaaluutii. 1Pheexiroos 3:1-7 https://t.me/Araaraat
без подписи
"Barsiisaan keenya Iyyesuus Kiristoos gaafa ol bahu akka Eliyaas uffata osoo hin taanee, Qaama isaa isa lafarratti uffatte Fooniifi dhiiga isaa nuuf kennee." "የእኛ መምህር ክርስቶስ ሲያርግ የሠጠን እንደ ኤልያስ መጎናጸፊያውን ሳይሆን በምድር የለበሰውን አካሉን ስጋውንና ደሙን ነው።" ቅዱስ ዮሐንስ አፈወርቅ https://t.me/Araaraat
🌿JECHOOTA ABBOOTAA🌿 " Kiristaana ta'uu jechuun cubbuu dhiifama hin godhamneef dhiifama gochuu jechuudha.sababni isaas Waaqayyoon cubbuu kee dhiifama hin godhamneef dhiifama siif godheera. Dhiifama gochuu yoo hin dandaanye si'ifi mootummaa samii gidduu daangaa ijaaraa jirta jechuudha." 🌿 + Abuna Shinoodaa + " Cubbuu kee beekta yoo ta'ee namatti hin murteessitu. Obboleessa isaa irratti namni murteessu, xurii isaa osoo hin dhiqatin nama biraatin uffata kee maaliif xureessite?, kan jedhu dhibaa'aa fakkaata." 🌿+ Qulqulluu Musee Tsaliim+ "Nagaa jechuun rakkoo malee jiraachuu osoo hin taane, rakkoo keessatti Waaqayyoon argachuudha. Waaqayyoo si waliin yoo ta'ee, boolli leencotaa masaraa mootii keessaa ta'a. Abidda keessis akka fixeensa ganama ta'aa. " 🌿+ Qulqulluu Qeerloos isa Iskindiriyaa+ " Kaayyoon jireenya keenyaa Kiristoosin fakkaachuudha. Kan uumamneef qabeenya yookiin beekamtii uffachuuf osoo hin taane, addunya dukkanaa kana keesaatti ifa Waaqayyoo mul'isuufidha. Namootni yeroo si argan waa'ee jiraachuu keetif Waaqayyoon akka galateeffatanitti jiraadhu." 🌿 + Qulqulluu Gorgoriyoos isa Inzinaazuu + " Sammuun kee osoo hin eeyyamin arrabni kee akka dursu hin eeyyamin. Aariidhaan jechi dubbattu dhagaa gara galaanatti darbatameedha waan ta'eef deebi'ee hin ba'u. Jechoota kee jajjabeessuuf eebbaaf itti fayyadami.Sababni isaas afaan kee kan uumamee Waaqayyoon galateeffachuufidha." 🌿+Qulqulluu Baasiliyoos isa Qiisiriyaa+ " Waaqayyoo kan si jaallatu addunyaa irra ati qofti akka jirtuttiidha. Inni hundaaf aduu walqixa baasa, ta'us jaalalli inni tokkon tokkon namaaf qabu addaa fi gad-fagoodha. Sababa keetin rakkoo kan fudhate sin qofa fayyisuuf osoo ta'ellee ni godha ture." 🌿 +Qulqulluu Agusxiinoos+ "Gaabbii jechuun dogoggora kee yeroo darbeef gadduu qofa miti.Gaabbii jechuun jireenya kee jijjiiruun lammaffaa gara cubbuu sanaatti deebi'uu dhiisuuf murteessuudha. Waaqayyoo kan barbaadu imimmaan kee qofa osoo hin taane si mataa kee waliini." 🌿+Qulqullu Yisaaq isa Sooriyaa Waaqayyoo Abboota kana nuuf keennef galanni haa ta'u!🙏🙏🙏 YAA'II MOORAA MOORAA GUDDICHAA FI KOOLLEJJIIWWANIITTI KUTAA BARREEFFAMAA FI HIIK-KUUS MIIDIYAA
без подписи
➸ Hayyuun Tertulos yaada kan yoo ibsuu, “Wantoonni kabaja kan argataan qaala’aa fi kan hin baratamne (kan hinaragamne) ta’uudhaanii, yeroo tokko tokko baay’inaan argamuun mataan isaa gatii gadi buusa, ati garuu gad of qabummaa faaya kee goodhadhu” jedhu. Ati qaalii dha; osoo rakasa taatee immaa Qulqulleettii mana kiristaanaaf fakkeenya hin taatu turte. Gatiin qaala'insa kee gita kanaan wal madaala. Warra uffataafi bifa alaatiin of faayuuf carraaqan qofa wajjiin of hin madaaliin, keessa kee gaarii gochuuf carraaqi malee ➸ Eenyummaan dubartii dhalootaa waan bocamuuf, addunyaan dhaloota dursuun dubartoota akka fedhii isheetiin bocuuf yaalii gochaa jirti; ati garuu kanaaf harka hin kennini. Dubartoota qulqulloota ilaalaa deemi, haadhummaan hafuuraa itti gaafatamummaa keeti. Museen mana Fara'oon keessatti guddatus eenyummaa Israa'eliin kan guddifte haadha isaati, Qul. Giriigooriyoos inni Inzinaazuu ilaala Gorgooriyoosiin ta'e akka guddatu kan godhe Nonnaadha. Qul Yohaannis Afawarqii namummaa ajaa'ibaa kan argamsifte Qul. Atinaasiyaa ture. ➦ Kanaaf eenyummaa kee kan mul’atuu miidhagsuun osoo hin taane Qalbi qabeessummaa (ልባምነትን) qabeenya kee godhu; Fakkeenya irratti, “Dubartiin miidhagduun dubbii alalfattee haasa'uu hin beekne, akka amartii warqee funyaan boyyeetti jiruu ti.” jechuun akkuma ibsee Bareedinni fi hawwataan gatii hin qabu; kana mannaa, ogummaa wajjin michummaa qabaachuun baayʼee gaarii dha. Namummaa fi eenyummaa Ortodoksii qabachuuf ofii irratti hojjechuun dadhabsiisaa ta’uu danda’a, ta'uus Daayimaandiin diimaan sun jaallatummaa isaa kan fidee ho’a guddaa fi humna guddaadhaan qoramee akka turte hin dagatin; billaa qara lama qabu ta’i. Fakk. 31:23 irratti Dubartiin qaalii teesse ilaali “Abbaan manaa ishee jaarsolii biyyaa wajjin, yaa'ii karra mandaraa keessa yommuu taa'u ulfina qaba; " Mee yaadi! Hiriyaan jireenya kee sababa humna keetiin faarfama, kabajamaa. Qaalii ta'uun kee akka Daayimaandii diimaa haa ta'u! ▲ Hint: Daayimaandiin diima Albuuda gati jabeessa yoo ta'u afaan Ingiliffaan Rubies jedhama. ✍ Guutamaa G. https://t.me/Araaraat
"Qaalii ta'uun kee akka Daayimaandii diimaa haa ta'u!" " Haadha manaa qalbi qabeetti, eenyutu argachuu danda'a ree? Isheen callee gati-jabeessa hundumaa irra guddaa in caalti;" ( Fakk. 31: 10) ➦ Addunyaan keenya addunyaa garaagarummaati. Garaagarummaan keenyas tokko ykn lama jedhamee hin ibsamu. Dubartummaa fi dhiirummaan garaagarummaa saalaa ta'us; tokkummaan keenya nama ta’udha. Gaaffiin jiru garuu, dubartii akkamii ykn dhiira akkamii ta'uu qabna? Isaa booda immoo nama akkamii ta'uu qabna? Kan jedhudhaa. Maqaan dhiira jedhu qofti gara namummaatti nu hin geessu; akkasumas dubartii jedhamanii waamamuun gara bakka dhugaa dubartii ta’uutti nama hin geessu. Namni kamiyyuu madaallii sirrii ittin madaalamuu filachuu danda'u qaba. ➦ Dubartummaan hiika idilee/salphaa nuti hubannu fi arginu irraa adda ta’uun isaa hubatamuu qaba. Kabajni dubartummaa warqee, callee gati-jabeessa (Daayimaandii) fi meetii caalaa gatii guddaa kan qabuun wal bira qabamee ilaalama. Kana caalaa baay’ee guddaadha jedhame malee, qixa isaa hin jedhamne. Kunis ta'u kan danda'u garuu, safara addunyaan keesseen qofa irra deemuun, sagalee hayyamameen qofa dubbachuun qofa miti. Daayimaandii ta'uun mataan isaa gatii guddaadha. Daayimaandii diimaa caalaanii argamuun immoo kabaja baay’ee gatii guddaa qabuudha. Kanaafuu, ulfaatinni gatii kanaa yoo madaalamu wanta salphaa( በተራ) irratti madaalamuu hin qabu. Safartuun isaa warra kaan irraa adda ta’uu qaba malee. As irratti ogeessichi Solomoon "Dubartii qalbi qabeetti eenyuti argachuu danda'aa?, gatiin ishee daayimaandii diimaa irra baayee ni caalaa" jechuun bu'uura inni kaheen ilaaluuf ni yaallaa, wantoonni gati qaalii addunyaa kana irra jiran keessa maaliif Daayimaandii diima kanaan madalee kan jedhus ni ilaalla. ➦ Daayimandii diimaan gosoota diyaamandii addunyaa irratti qaaliifi baay’ee hin argamne keessaa isa tokkodha. Gosoonni daayimandii biroo halluu isaanii naayitiroojiinii, booroonii ykn elementoota biroo irraa argachuu danda’u; diyaamandii diimaan garuu halluu isaanii kaarboonii ofii isaanii irraa qofa kan argatan siʼa taʼu, halluu kana argachuuf hoʼaa fi dhiphina yeroo dheeraa keessa darbuu qabu. Addunyaa kana irratti daayimandii diimaan baayyee muraasa. Daayimandii diimaan kun baay’ee xiqqaadha; yeroo argamanis baay’ee qaaliidha. Daayimandii diimaan, daayimandii kaan irra dhibbeentaa dhibba sadii hanga afurii caalaa qaala’aa dha. ➦ Haala gabaa amma jiruun gatiin daayimandii kaaraatii tokkoo doolaara Ameerikaa kuma tokkoo fi dhibba sagal irraa kan eegalu yoo ta’u, gatiin jalqabaa daayimandii diimaa doolaara Ameerikaa kuma kudhaniidha. “Diyaamandi hamma baay’ee xiqqaa ta’etti hamma barbaadamu fi gatii guddaa qaba, daayimandiin sun hamma hin argamne gatiin isaa caalaatti hawwataa fi gatii guddaa qaba.” ➸ Ibsituwwan Daayimaandii diimaa olitti ilaalle kan kaasnee, daayimaandii diimaa kana wajjiin kan kaate haadha manaa qalbi qabeettii sana bira gahuuf. Yaa obboleettii koo siif gati jabummaan maalii? Qalbi qabeettiin hoo? Huccuu baayee qaala'aa ta'een of kuulanii argamuudha? Moo wanta warrii adii kaleessa raawwatan har'a raawwachuudhaanii? Dhugumatti, wantoota bara keenyaa keessaa hamaa ta’an keessaa tokko ilaalcha jallaa dubartii gaarii tokkoof kenninudha. Miidiyaaleen hawaasaa adda addaa dubartii gaarii fi jaallatamtuu jechuun kan isaan waaman, walakkaa qaama ishee qullaa kan deemtu, rifeensa ishee sirreessite kan hinqabannne, ija nama keessaa kan baastu, safuu fi kabajni kan karaa ishee hin baane, nyaara aaddattee, cimtuu kan fakkaattu garuu of bituu kan hin dandeenyedha. Kan nama dhibu garuu shamarran keenya, haadholiin, haadhotii manaa, shamarran xixiqqoo illee, hojii seexawaa kana fakkeessuun jireenya ofii fi lubbuu namoota biroo balleessuun, manaa fi jireenya ofii balleessuun waanuma barame ta’eera.