tgindex
Dirree Beekumsaa!

Dirree Beekumsaa!

Статистика

Jechoota kaka'umsaa,gorsa,jechoota hayyootaa fi dhugaawwan saayikoloojii akkasumas walaloowwan ajaa'ibsiisoo asii argattu!Kan dubbisu,waan dubbatu hin dhabu!

Последний пост
14 авг.
Последнее чтение
15 авг.
Постов за неделю
7
Всего постов
25
Тип
открытый
Язык
om
Категория
Новости и СМИ (по похожим)
В каталоге с
13 авг.
Подписчики
1 092
+7 за 3 дн.
Сутки
+3
+0,28%
Неделя
 
Месяц
 
Просмотров на пост
314
25 постов
Вовлечённость
28,8%
к подписчикам
Постов в день
1,0
всего 25
Упоминаний
0
каналов
Охват размещения
оценка
1/24сутки в ленте
108
1/48двое суток
123
1/72трое суток
133

Оценка по просмотрам недавних постов: пост набирает почти всё за первые сутки.

Посты

  • Kutaa 1 Addunyaa tokko keessatti waan faallaa lama argita. Sammuu teeknoloogii kalaquufi Sammuu meeshaan kalaqamu.Fuggisoo! ​Biyya kana keessa waajjiraaleen hedduun meeshaalee akka konkolaataafi maashinoota garaa garaa iddoon isaanii dhiphatee akka jiru beekkamaadha. Waajjiraaleen kunniin meeshaalee qofa osoo hin taane sammuu hin hojjenne hedduunis akka iddoo dhiphisaa jiran beekuun gaarii natti fakkaata. Yuunibarsiitota keessa yoo ilaalles dhaabbata namoonni maraatan keessa jiran sitti fakkaata. Harki hedduun qullaa deema. Kaan immoo dhugee akka buutii mataan rukkutamee kufee ka'aa deema. Gariin immoo doormii isaan jiraatan keessa akka waan ibiddi uumamaa ka'ee fakkeessanii tamboo aarsu. Kan mana dhugaatii bulee bariis galu immoo doormiin haa lakkaa'u. Kanaafuu, yuunibarsiitiilee meeshaalee hojjechuu hin dandeenyeen dhiphachaa jiraachuu isaanii hubachuun barbaachisaadha.

  • Dhaamsa Dhaamsi dhama qaba. Dhaamsa dhamdhamanii keessaa waan fayyaddu liqimsu. Isa dhamdhamanii liqimsantu qaama ijaara. Qaamni waan gara isaa seeneen ijaaramus diigamus ni danda'a. Miidhama kana oolchuuf wanti hojjetamuu qabu erga miidhamanii mana yaalaa deemuurra osoo hin miidhamin dursanii waan gara qaamaa seenu qoranii qoraasanii fudhachuudha. Wanti mi'aawaan hundi qaamaaf gaariidha jechuu hin dandeenyu. Hadhaa'aan hundis summii miti. Qorsi lubbuu miliyoonotaa du'arraa oolchu hedduun isaa arraba irratti ni hadhaa'a. Gara qaamaa yoo seenan garaachifi mar'imaan cuunfee calalee qaamaaf erga. Isatu nama fayyisa.

  • Tapha ati har'a jalqabuuf yaaltu kana,seera isaa kan barreesse ana!😏

  • 12 авг.12231из madaasammuu

    #Ofitti_hirkadhu! Qaama alaa osoo eegduu akka sitti hin barfanne! Namni itti darbee jireenyakee akka siif jiraatuuf kaa'ame tokko hin jiru. Dirqamakee siif bahuuf kan ramadames hin jiraatu. Kan of oolchuufi of jiraachisuu danda'u suma mataakeeti. Kanaafuu, ciniinnadhuu seenaa mataakeetii galmeeffadhu. Yoos goota dhuunfaakeetii taata. Eeyyen, qaama alaa eeguutti yerookee akka hin balleessin

  • Haati rakkoo dhalte,ammayyuu ulfa jedhan.Addunyaan kun addunyaa rakkooti.Kanaaf rakkoolee hin sodaatin.

  • Ati rooba xiqqoo sodattee ol seenta;ani garuu obomboleettii keessatti utuun kolfuu guddadhe!👌

  • Seexanni si'in shira si barsiise kun anaaf barataa kiyya ture!

  • Naapoliyoo Bonaapaartee jedhama,mootii ardii Awurooppaa qofaa isaatti bulchaa tureedha.Bara sanatti mootiin hanga isaa humna qabu hin jiru.Garuu Naapoliyoon guyyaa tokkoof jaartii isaa of jalatti bulchuu hin dandeenye.Arraba isaatiin ragaa ofitti baha. Akkana jedha. "Ani goota ta'uus jaartii tiyya duratti garuu uumama dadhabaa,Nama bu'aa hin qabne.Kan waan tokkoof hin malleen ture.Kan caalatti natti dhaga'amu ishee duratti dadhabaa tauu koo osoo hin taane;dadhabaa ta'uu koo ana caalaa sirriitti beekuu isheeti." Jechuun gubaa garaa isaa dubbata. Dhummarratti beektonni waa'ee lafee cinaacha bitaa akkanatti gorsu Lafeen cinaachaa jalloodha.Kan uumama kamiituu haa taatu jallattuudha.Dubartiinis akka lafee cinaachaa taanati.Foon cinaacha lafee kanarra jiru yeroo nyaattu suuta eeggachaati.Sossobaati.Yookan foon irra jiru nyaattee hin fixxu. Ni cabsita.Dubartii jechuun akka lafee cinaacha kanaati jechuun gorsu. Madda:Dubartii Barreessaa Kitaabichaa:Firoo Imaad

  • Hanga hardhaatti ilmi dhiiraa sodaa kanaan jireenya isaa dhiibaa jiraata.Sodaa yoonan hanqina kiyya dubartiitti himadhe natti kolfiti!Na tuffati!jedhu kanaan jiraata. Garuu waan ishee dhookfatu hin qabu.Yoo kan dandahee dhookfatu tahees guyyaa qofa dhookfata,Galgalli galgaloofnaan hin dandau.Gadi naqaa wahiiti. Dhungoo tokkoo qofaan waan keessa isa jiru hunda hurgufatee deema.Dhiira jechuun kana!Uumama maramartoo jabduu keessa jiraatu! #Kitaaba_DUBARTII_jedhu_keessaa_kan_fudhatameedha!

  • #YAADNI_KEE_MAAL_FAKKAATA? Ani namoota Hiyyummaa gadi aanaa keessa utuu jiraatanii gammadanii jiraatan hedduun beeka. Dureessota gammachuu hin qabne jireenya dukkanaa jiraatanis baayyeen beeka. Gabaabumatti, Gammachuun kee wantoota fi haalota naannookee jiraniin murtaawaa osoo hin taane,yaada sammuu kee keessa jiruuni. Gammachuu kan siif kennu:eenyummakee,qabeenyakee,bakka jiraattu yookaan hojii kee miti.Gammachuu kan siif kennu yaada keessa keetiiti.

  • Yeroo miirri kee haala gaarii keessa hin jirre waa'ee ofii keetii waan yaaddu hin amanin!

  • Hololli baaya'ateef tasa gaanee, nagaa hin dhalchu. Nagaan warra namaaf birmatuun osoo hin taanee, warra haqaaf birmatuun Onnee dhugaa keessaa baati!

  • Carraa wanti jedhamu hin jiru.carraan nama hojjetee milkaa'uu dhorkus ta'ee Kan hin hojjenne milkeessu addunyaa kanarra hin jiru jedheen amana.milkaa'uus ta'e kufuun sababa mataa isaa qaba malee carraadhaan waan dhufu miti.carraan ani jira jedhee amanu tokko jecha carraa jedhudha.lammeessoon immoo yeroodha. Lotoriin carraadha jechuu dandeessa.garuu lotoriin carraa ta'uuf mallaqni ittiin lotoriin kutamu carraaqqii malee akka hin argamne beekuun dansaadha.yoo lotoriin ati hin kunne siif ba'e na amani dhuguma carraadha.

  • Sagalee kee osoo hin taane, yaada kee ol kaasi; Rooba malee bakakkaan biqiltuu hin guddisu.

  • Seerri gaariin qofti mootummaa cimaa hin ijaaru. Namoonni seera sana hojii irra oolchan amanamoo fi gaarii yoo ta’an, mootummaa gaariin ni jiraata. Garuu namoonni aangoo qaban yoo hamoo ta’an, seerri hundarra gaariin illee bu'aa hin fidu.

  • Waggaa 42tti guyyaa jalqaba kitaaba ishee biroo maxxansiteen kooppii miliyoona 11 gurguratte. Dubartiin kun J. K. Rowling jedhamti. Dubartiin yeroo wayiitti jireenyi jibbisiisee yaalii ajjeechaa of irratti raawwatte kun har'a akka guutuu addunyaatti nama baay'ee beekamtuu fi Haadha qabeenyaati. Dubartiin kun fakkeenya abdii kutachuu fi harka kennuu dhiisuuti. Akkuma Gargaaraan Pro. #Miratuu_Shaanqoo_Giddii jedhe sana "Akka Abdii hin kutanne Abdii Kutadhu" Hanga dhumaatti harka hin kennin!

  • #ABDII_HIN_KUTATIN! Waggaa 17tti kolleejjii irraa barumsa hin dandeessu jedhamtee ari'amte. Waggaa 25tti harmee ishee du'aan dhabde. Waggaa 26tti Gudeedamtee ulfooftee. Waggaa 27tti ni heerumte. Haa ta'u malee, Abbaa warraa ishee waliin waliigaluu hin dandeenye. Kun osoo akkasiin jiruu ulfooftee daa'ima tokko deesse.Waggaa 28tti Abbaa warraa isheetiin wal hiikte. Daa'ima ishee kophaa guddisuuf dirqamte Akkasumas, dhiphina baay'ee hamaadhaaf saaxilamte. Waggaa 30tti jireenyi baay'ee itti hadhaa'ee of ajjeessuuf yaalii goote. San booda, miira ishee kana hunda walitti fiddee waan tokko gochuudhaaf murteessite. Innis #barreessuun qaba jettee murteessite. Isheenis waggaa 31tti kitaaba ishee jalqabaa maxxansite Waggaa 35tti Kitaaba Afur maxxansitee barreessituu bara sanii jedhamte.

  • Yeroo tokko namoonni hedduun walitti qabamanii dhimma tokko irratti haasa’u ture. Isaan keessaa namni tokko, “Waanti isin hundumaa caala jaalattan maalidha?” jedhee isaan gaafate. Namoonni sunis waanta garaa garaa kaasan. Kaan abbaasaa, kaan immoo haadha isaa, kaan ilmoosaa, kaan obboleessa, kaan obboleettii…waanuma hunda caala jaalatan tarreessan. Namichi tokko garuu deebii addaa kenne. “Nama wayyaa hodhu.” Jedhee deebise. “Maaliif?” jedhanii gaafatan. “Sababnisaa immoo, inni maalummaakoo duriitiin na hin safaru.” jedheen!

  • #SI_HIN_GALCHU! Xiyyaarichi namoota guuttatee magaalota Afrikaa keessaa tokko irraa gara Paarisitti balali'uu eegale. Lammiin adii (Faranjiin) tokko Jaldeessa xiqqaa tokko bitatee qabatee seene. Namni gurraachi tokko immoo namicha adiitti aanee taa'ee jira. Takka deemanii nyaanni dhi'aateef. Namichi gurraacha nyaata isaaf dhi'aate nyaachuu isaa dura harka dhiqachuuf kutaa dhiqannaa deeme. Nyaaticha kaa'atee. Yeroo inni deebi'ee dhufu nyaanni isaa nyaatameera. "Eenyutu na jalaa nyaate nyaata koo?" jedhee namicha adii gaafate. Innis quba isaan Jaldeessicha agarsisaa, "Obboleessa kee kanatu nyaate!"jedhee deebiseef. Gurraachichis aaree itti dhiise. Xiqqoo deemanii booda namichi adiin mana fincaanii deeme. Yeroo deebi'u Jaldeessichi ajjeefamee teessuma jala ciisee jira. Baay'ee aare, "Eenyutu na jalaa ajjeese Jaldeessa koo?" jedhee gurraachicha gaafate. Innis qoma dhiibee, "Anatu ajjeesekaa!" jedhee deebiseef. Deebii namichaatti akka malee kan aare namichi adiin, "Maalif na jalaa ajjeeste?" jedhee gaafate▹ sagalee dheekkamsaan. Deebiin gurraachichaa gabaabaa ture; " Si hin galchu! Kun dhimma maatiiti!" jedhe jedhama

  • #Humna_Sammuu! Sammuu isuma vaayirasii kalaqetu farra vaayirasiis kalaqa. Sammuu  nama tokko tokkoo halkan akkuma ibidda qabsiisee qabeenya  barbadeessu, gariin immoo bishaaniifi dikee guuree ibidda dhaamsa.  Sammuun seenaa dalaga; seenaa balleessas. Qaroomina Kuush kan hojjetee, kitaabota kumaan lakkaawwaman kan kalaqe sammuudha. Kan dhufee ibiddaan balleeesses sammuudha. Goobanaa Daaccee gantuu kan taasise sammuu; Taaddasaa Birruus  goota kan taasise sammuudha. Waaqoo Guutuu akka uummata isaaf  falmu kan taasise sammuudha. Sammuun gooftaa yaadati; garbaa yaadaatis! Sammuun yaada akka ofii barbaadetti bocuu danda'a. Kanarra darbees waan itti amanu, akkasumas waan hojjetu akka isaatti  tolfachuun sammuu isaa amansiisuu danda'a. Sana booda sammuun ni  dandeessa jedhaani. Faallaa kanaa yaadaan of gaadi'anii miira  gadaantummaa fi hin danda'u jedhuun yoo of amansiisan...hojii salphaa  hin dandeessu jedha Sammuun. Sana booda hojjetanii iddoo yaadan  gahuun ni hafa. Dursa yaada kee hogganta, booda immoo yaada  sammuu kee keessa jirutu si hoggana. Siif galee? Afachu fakkeenya kanan siif himaa Nyaatakee filattee nyaatta. Fakkeenyaaf dhadhaa yoo nyaatte hanga  liqimsitutti situ hoggana. Liqimsuus dhiisuus ni dandeessa. Garuu erga  qaama seeneen booda qaamakee ijaaruufi dhiisuu isatu hoggana.  Summiinis akkasuma fedhii keetiin dhiisuus dhuguus ni dandeessa.  Erga liqimsitee booda garuu qaamakee diiguufi dhiisuu irratti aangoo  kan qabu summii sana! Ammahoo siif dhufee? Eeyyee dursa yaada  filattee gara sammuukee seensisuu dandeessa. Erga seenee booda garuu  garba yaada keetii taata. Yaadakee eeggadhu!

Dirree Beekumsaa! — tgindex