tgindex
SIKKOO MEDIA

Information is knowledge , knowledge is power

Последний пост
11 авг.
Последнее чтение
14 авг.
Постов за неделю
8
Всего постов
226
Тип
открытый
Язык
und
Категория
Новости и СМИ (по похожим)
В каталоге с
13 авг.
Подписчики
30 590
+5 за 3 дн.
Сутки
+10
+0,03%
Неделя
 
Месяц
 
Просмотров на пост
8 037
40 постов
Вовлечённость
26,3%
к подписчикам
Постов в день
1,1
всего 226
Упоминаний
1
каналов
Охват размещения
оценка
1/24сутки в ленте
4 026
1/48двое суток
4 613
1/72трое суток
4 976

Оценка по просмотрам недавних постов: пост набирает почти всё за первые сутки.

Посты

  • 11 авг.4 926604

    .

  • видео или голосовое, без подписи

  • 11 авг.4 5293

    .

  • 11 авг.4 676144

    Oduu Gaddaa😭😭😭 Rabbiin lubbuu isheef jannata haa kennu💔😭. Barattuu Seenaa Gabayyoo jedhamti. Kan isheen itti dhalattee guddatte Naannoo Oromiyaa Wallaggaattidha. Mooraa Yuuniversiitii Haramaayaa muummee A/Oromoo barachaa turte. Bara 2016 sababa dhukkubaatiin addaan kuttee turtus, fedhii barumsaaf qabduuf jecha osoo hin fayyin dhukkubsachaa barumsa ishee itti fufte. Eebba fi (EXIT EXAM) guyyaan 30 qofti yeroo hafee turetti, bara kana 2018 ji'a Caamsaa keessa defense booda dhukkubni itti hammaatee hospitaala ciisuuf dirqamtee turte. Waan garaa nama nyaatu guyyaa qorumsaa hospitaalaa baatee ambulaansidhaan qormaata qoramuun qabxii darbiinsaa galmeessitee turte. Garuu guyyaa eebba ishee sababa dhukkubaatiin hospitaala ciisaa turte. Waggaa lamaa oliif maatii, hiriyyoonni fi Yuuniversiitiin Haramaayaa barattuu kana yaalchisaa erga turanii booda, yeroo hiriyyoonni ishee ogummaa barataniin hojii barbaadachaa jiranitti isheen osoo hin carroomin haftee, Hagayya 4/12/2018 Seenaan addunyaa kana irraa boqotte. Lubbuu isheef jannata haa laatu 💔😭

  • видео или голосовое, без подписи

  • видео или голосовое, без подписи

  • видео или голосовое, без подписи

  • 11 авг.4 58012

    Ulaagaan Yuutiyuubii Irraa Galii Argachuuf Gaafatamu Dachaa Lamaan Guddate! Dhaabbanni Yuutiyuub (YouTube), ulaagaa oomishtoonni qabiyyee fi viidiyoo hojjetan beeksisaa fi 'YouTube Premium' irraa galii argachuu itti eegalan, kan 'YouTube Partner Program (YPP)' jedhamu dachaa lamaan guddisuu isaa beeksiseera. Akkaataa qajeelfama haaraa akka lakkoofsa Awurooppaatti Guraandhala 1, 2027 irraa eegalee hojiirra oolu kanaan, ulaagaan viidiyoowwan idilee (dhedheeroo) ittiin galii argamsiisan ji'oota 12 darban keessatti sa'aatii daawwannaa (Watch Hours) 8,000 guutuu gaafata; kunis ulaagaa kanaan dura sa'aatii 4,000 ture irraa dachaa lamaan kan dabale dha. Gama viidiyoowwan gaggabaaboon (Shorts) immoo, guyyoota 90 darban keessatti daawwannaa (Views) miiliyoona 20 argachuu kan gaafatu yoo ta'u, kunis isa duraan miiliyoona 10 ture dachaa lamaan dabakeera. Haa ta'u malee, ulaagaan baay'ina hordoftootaa (Subscribers) 1,000 qabaachuu inni duraanii osoo hin jijjiiramin itti fufeera. @sikkoomedia

  • 9 авг.6 4439154

    #EthiopianAirlines ✈️ Daandiin Qilleensa Itoophiyaa (Ethiopian Airlines) namoota ulaagaa guutan Trainee Cabin Crew (Hojjetaa Tajaajila Imaltootaa Xiyyaaraa Leenjifamaa) ta’anii dorgomsiisee hojjachiisuu barbaada. ➤ Maqaa hojii: ET SPONSORED Trainee Cabin Crew ➤ Sadarkaa barnootaa barbaachisu: Ragaa/Qormaata Seensa Yunivarsiitii (University Entrance Exam Certificate) qabaachuu fi qabxii yoo xiqqaate 200 qabaachuu. ➤ Umurii: 21–30 ➤ Dheerina: Dubartootaaf 1.58m fi isaa ol (dheerinni harka diriirsanii 212cm) Dhiiraaf 1.70m fi isaa ol ➤ Ulfaatina: Dheerina qaamaa waliin kan walsimu ta’uu qaba. ➤ Afaan: Dandeettii Afaan Ingilizii Level III qabaachuu. (Afaanota biroo beekuunis faayidaa qaba.) 📅 Guyyaa Galmee Hagayya 04–08/2018 A.L.I 📍 Bakka Galmee ➫ Finfinnee: Online — linkiin iyyannoo yeroo galmee keessatti hojii irra oola. ➫ Adama Science and Technology University – Adaamaa ➫ Ambo University – Amboo ➫ Arba Minch University – Arbaa Minch ➫ Assosa University – Assoosaa ➫ Bahir Dar University – Baahir Daar ➫ Wollo University – Dassee ➫ Dire Dawa University – Dirree Dhawaa ➫ Gambella University – Gambellaa ➫ University of Gondar – Gondar ➫ Haramaya University, Harar Campus – Harar ➫ Hawassa Airport – Hawaasaa ➫ Jigjiga University – Jigjigaa ➫ Jimma University – Jimmaa ➫ Madda Walabu University – Roobee ➫ Mekelle University – Maqalee ➫ Wollega University – Naqamtee ➫ Samara University – Samaraa ➫ Wolkite University – Woliqitee ➫ Borana University – Yaabelloo ➫ Negelle Borana Health Science College – Negele Boranaa 👉 Yeroo galmooftan, sanadoota barbaachisan fi ragaa barnootaa keessan kooppii fi Orijinaalaa armaan gadii qabaachu qabdan. Isaanis: ~ Kaardii ministrii kutaa 8ffaa ~ Ragaa dhalootaa ~ Ragaa kutaa 12ffaa ~ Eenyummaa (ID) Kebele ⚠️ Ulaagaalee armaan olitti ibsaman guutuu keessan mirkaneeffadhaa. Odeeffannoo sobaa fayyadamuun yoo galmeessuu yaaltan, adeemsa qacarrii irraa battalumatti kan haqamtan ta’a jechuun dhaabbatichi beeksise.

  • 6 авг.8 8171377

    Komii Barattoota Qormaata Sagantaa Remedial ykn fooyyeeffanna Barattoonni bara 2018 A.L.I. qormaata biyyaalessaa sagantaa Remedial fudhatan bu'aan isaanii hanga ammaatti waan gadin dhiifaminiif komii isaanii ibsachaa jiru. Barattoonni, erga qoramne ji'oota lama guunnee jirra jechuun garuu hanga ammaa bu'aan qormaatichaa gadhiifamuu dhabuu isaatti yaadoo qaban kaasaa jiru. Akkasumas, Bu'aan keenya osoo hin ibsamin guyyoonni 57 darbaniiru. Kun yaaddoo fi dhiibbaa sammuu guddaa nutti uumeera. Mootummaan hatattamaan bu'aa keenya akka beeksisu gaafanna jechuun komii isaanii irra deebi'anii ibsaniiru. Tajaajilli Madaallii fi Qormaata Barnootaa akkasumas Ministeerri Barnootaa odeeffannoo bu'aa qormaata Remedial ilaalchisee yeroo ifoomsan, isin biraan kan geenya ta'a. Qormaanni Remedial kun barattoota 53,000 ol ta'aniif Caamsaa 27 hanga Waxabajjii 3, 2018 A.L.I. gidduutti kennamuu isaa ni yaadatama. @sikkoomedia

  • 5 авг.9 1167из Bikila Biru jour

    видео или голосовое, без подписи

  • 5 авг.9 150287из Bikila Biru jour

    Bu'aan Qormaata Kutaa 6ffaa fi 8ffaa Bara 2018 naannoo Kibba Itoophiyaa gadhiifamee jira. Naannoo Kibba Itoophiyaatti bara barnootaa 2018tti qabxiin darbiinsaa qormaata Kutaa 6ffaa fi Kutaa 8ffaa 50 fi isaa akka tahe ibsame. Barattoota deeggarsa barbaadaniif ammoo qabxii 48 akka ta'e Itti Gaafatamaan Biiroo Barnootaa naannichaa, Obbo Abiyoot Damssee, ibsaniiru. 👉Manneen barnootaa 476 barattoota isaanii hunda dabarsaniiru. 👉Faalaa sabii Manneen barnootaa 81 ammoo barataa tokkollee hin dabarsine jedhame. Bu'aa Kutaa 8ffaa ilaaluuf: [se.ministry.et](https://se.ministry.et/?utm_source=chatgpt.com#/result) Bu'aa Kutaa 6ffaa ilaaluuf: [se6.ministry.et](https://se6.ministry.et/?utm_source=chatgpt.com#/result) @sikkoomedia

  • 3 авг.9 46868

    Balaa #Sigiga_Lafaa Naannoo #Amaaraa Godina Shawaa Kaabaa Gadaamii Tsaadqaane Maaramiitti mudateen #amantoonni 14 du’an Finfinnee, Hagayya 03, 2026: Bulchiinsi Godina Shawaa Kaabaa, Naannoo Amaaraa Gadaamii Qulqulluu Tsaadaqaane maaramii kan Debre Mitmaqtti balaa sigiga lafaa uumameen amantoonni kadhatarra turan 14 du'anii, torba miidhaan adda addaa irra gahuu beeksise. Bulchiinsi Godinichaa, namoota torba qaamaan miidhaman keessaa shan miidhaa ulfaataan irra gahuu kan ibse yoo ta'u, namoonni lama kaan salphaa ta’uu dabalee eereera. Hojjettoonni balaa tasaa, barbaacha, lubbuu baraaruu fi yaala fayyaa utuu geggeessanii, miidhamtoota iddoo balaa sanaa baasuus dabalee ibse. Bulchiinsichi ibsa baaseen, maatii warra lubbuun isaanii darbeetiif gadda itti dhaga'ame ibsuun, warri miidhaan irra gaheefis dafanii akka fayyaa guutuutti deebi’aniif hawwee jira. Akkasumas qondaaltota Godina Shawaa Kaabaa, qaamolee nageenyaa, ogeessota fayyaa fi jiraattota naannichaa gumaacha qindaa'aa baraarsa fi deeggarsaa taasisan kan Bulchiinsa Godina Shawaa kaabaa YemaaneBirhaan Tasfaa galateeffateera. Dabalataanis Bulchiinsi Shawaa Kaabaa, Abbaa Amantaa Abuna Qilemenxoos, kanneen balaa kanaan lubbuun isaanii darbeef kadhannaa awwaalaa geggeessuuf, madaa'otaaf kadhachuuf, fi warra balaa kanaan miidhamaniif deeggarsa afuuraa fi gadda isaanii ibsuuf Gadaamii sana turan dinqisifateera.

  • 2 авг.9 127396

    #NGAT_Registration_Extended Galmeen Qormaata Seensaa Sagantaalee Barnoota Digrii Lammaffaa (NGAT) hanga Roobii, Adoolessa 29, 2018 A.L.I. tti dheerateera. Liinkii galmee: https://ngat.ethernet.edu.et Qormaata kana fudhachuuf Faayidaa ID qabaachuun dirqama. Kaffaltiin tajaajilaa qarshii 750 yoo ta'u, yeroo galmee Telebirr dhaan kaffaluu qabdu jedhame. Galmeen kun yuunivarsiitii mootummaa hunda keessatti adeemsifamaa jira. Guyyaan qormaanni itti kennamu yeroo dhiyootti akka beeksifamu Tajaajilli Madaallii Barnootaa fi Qormaata beeksiseera. @sikkoomedia

  • 1 авг.9 947483

    Eessa daawwachuu barbaaddu??? Hordoftoota koo qaalii maatii SIKKOO MEDIA jirtuu? Tibba kana gama YouTube channel Bikila Biru (travel vlog) Adaamaa irraa eegalee dhufeera! Subscribe gochuun maatii keenaya ta’uun bashannana nu wajjiin 🙏 https://www.youtu…

  • 1 авг.10,5 тыс29

    Eessa daawwachuu barbaaddu??? Hordoftoota koo qaalii maatii SIKKOO MEDIA jirtuu? Tibba kana gama YouTube channel Bikila Biru (travel vlog) Adaamaa irraa eegalee dhufeera! Subscribe gochuun maatii keenaya ta’uun bashannana nu wajjiin 🙏 https://www.youtube.com/@BikilaTravels

  • 31 июл.15,1 тыс11642

    Qabxiin Qormaata Kutaa 6ffaa Bara 2018 Ibsame. Naannoo Oromiyaatti Qormaatni Naannoo Xumura Barnoota Sad. 1ffaa Kutaa 6ffaa Bara 2018 Waxabajjii 08- 09/2018 kennamee tura har'a qabxiin barattootaa ifoomeera. 👉 Qabxiin darbiinsaas 50%fi ol ta'uun murtaa'eera. 👉Barattoota qormaata fudhatan 517,209 keessaa qabxii darbiinsaa (50%fi ol) galmeessisuun gara kutaa itti aanuutti kan darban barattoota 464,839 (89.9%) ta'uun beekameera. Barattoota qormaata fudhatan: 📍Dhiira 267,307 keessa 91.2% fi 📍Dubara 249,902 keessaa 88.4% darbaniiru. Haaluma kanaan qabxii ilaallachuuf Liinkii asii gaditti dhihaate banuun; Lakkoofsa Galmee keessan/Registration Number/ galchuun Itti aansuun Maqaa keessan kan jalqabaa galchuun qabxii keessan ilaallachuu ni dandeessu. Liinkii:- https://oromia6.ministry.et https://youtu.be/M08iipC3bv8?si=XxbSFREK95ghJVLv Adoolessa 24, 2018 @sikkoomedia

  • 30 июл.12 тыс16116

    #BEEKSISA Barattoota Qormaata #Kutaa_6ffaa_Bara_2018 Fudhatan Hundaaf. Adoolessa 23/2018 Qabxiin Qormaata Naannoo Kutaa 6ffaa Bara 2018 Guyyaa Boruu, Adoolessa 24/2018 Waaree Dura Sa'aatii 4:00 - 6:00tti waan ifoomuf fuula FB fi chaanaalii telegraama keenyarratti akka hordoftan isin beeksifna.

  • 30 июл.13,2 тыс266

    #Update Rakkoon yeroo galmee NGAT kaffaltii Telebirr raawwachuun walqabatee ture, kaleessa galgala irraa eegalee furamuu isaa beeksifameera. Amma tajaajilli sun sirriitti hojjechaa waan jiruuf, kaffaltii keessan raawwachuun galmee keessan xumuruu ni dandeessu. Galmeen Qormaata Seensaa Sagantaalee Barnoota Digrii Lammaffaa (NGAT) hanga Sanbata, Adoolessa 25, 2018 A.L.I. qofa kan gaggeeffamu ta'uu isaa Tajaajilli Madaallii Barnootaa fi Qormaataa beeksiseera. Galmaa'uuf: [NGAT Registration Portal](https://ngat.ethernet.edu.et/login?utm_source=chatgpt.com) Hubachiisa: Qormaata kana seenuuf Eenyummaa Faayidaa (Fayda ID) qabaachuun dirqama.

  • 30 июл.11,6 тыс34

    Magaalaa Hawaasaatti rooba cimaa roobeen lubbuu namaafi qabeenya irra miidhaan ga'e *** Kaleessa galgala magaalaa Hawaasaatti rooba cimaa cabbiifi qilleensa jabaa makee roobeen lubbuu namaafi qabeenya irra miidhaan ga'eera. Naannowwan magaalattii tokko tokkotti qilleensi jabaan mukkeenii fi utuboota ibsaa kuffisuu isaatiin lubbuun nama 1 kan darbe yoo ta'u, namoota 10 irra immoo miidhaan qaamaa salphaan ga'uun mirkanaa'eera. Kanuumaan walqabatee miidhaa bu’uuraalee misoomaa irra ga'een tajaajilli ibsaa magaalattii keessatti addaan citeera. Bulchiinsi Magaalaa Hawaasaa guyyoota dhufanitti roobni qilleensa jabaa faana wal-qabatee fi balaan lolaa uumamuu akka danda'u eerun, Uummatnis of-eeggannoo barbaachisu akka godhu dhaameera.

SIKKOO MEDIA — tgindex