Mammaaksaa fi Jechamoota.
описание
Mammaaksota, jechamoota fi gorsaalee tokko tokko. Buy ads: https://telega.io/c/jechama
14 218
подписчиков
Охват к подписчикам
82,6%
ERR
Реакции к просмотрам
0,39%
922 на 20 постов
Пересылки к просмотрам
0,07%
166
Постов в день
0,0
всего 20
Где отзываются чаще
доля реакций к просмотрам- 31 окт.Ammuma (Yoosu) Hojjachuu irraa bu’aa argattan: Yeroma hojiin tokko fuundura keessanitti bahe hojjachuu jalqabuun irra caalaa isaa hojjachuudha. Hojii keessan ammuma yoo hojjattan, qabeenyaa fi yeroo keessan qusattu. Sababni isaas, yommuu hojii gara fuunduraatti dabarsitan, hojii sa’aati walakkaatti fixu dandeessan guyyaa guutuu itti gubuu dandeessu, maallaqa kafaluun adabamu dandeessu. Fkn, bishaan, elektirikii yeroo isaatti yoo hin kafalin maaltu ta’aa? Akkuma hojii keessan ammuma (yoosu) hojjattaniin, humni qaamaa fi sammuu keessanii ni cima. Sababni isaas, hojiin amma hojjatamu ba’aa gara fuunduraatti nama qunnamu namarraa buusa.0,94%
- 28 окт.Nama tokkoof icciitii tee himnaan; xiyya gaaf tokko ittiin darbatee siin waraanu kanniteefii jirta. Namni gariin hoggaa siin wal -lole tarkaanfiin isaa ta duraa iccitii tee san facaasudha ja'an. Iccitiin hanguma si bira qofa jirtu iccitiidha . Si malee namni biraa dhageenyaan oduu gandaa taati. ┗━━━ ━━💞━━ ━━━┛0,71%
- 30 окт.Bara tokko abbaatu mucaaf huccuu ayyaanaa bituuf gabaa deeme jedhan. Namichi kun mucaa isaatiin “Huccuun si badhaasun siif bita, gosa kam filatta.” yemmuu jedhuun, mucaan deebisee, “Kan barbaade haa ta‟u, garuu hunduma keessa isa hundarra shaggaa (the best one) naaf biti.” jedheen jedhama. Eeyyee huccuu gosa barbaade, halluu itti bareede bituu qaba. Garuu kan bitamuu qabu, hunda caalaa shaggaa ta‟uu qaba. Barataa ta‟uu dandeessa, tarree warra jajjabaa hiriiruu qabda. Daldalaa yoo taates, tarree dureeyyii, hojjetaa taatullee tarree warra urjii ta‟anii, loltuu yoo taates loltuu haqaa, konkolaachisaa taatullee isa naamusa qabu, barsiisaa yoo taates isa barataa beekumsaafi ogummaan boruuf qaru ta‟uun sirra jiraata. 📚@jechama0,65%
- 18 окт. 2025 г.彡• ''Situ diriiree of qochisiise,'' jedhe gaarri, Lafa diriiraa gadi ilaalee. 彡• Garaa nagaya qabu sukkuumuun, dhukkuba itti fiduudha. 彡• Dhulaandhula garaa jiru, saani cinaacha arraaba.0,49%
- 16 окт. 2025 г.彡• Nama horii hin beekneef, lukkuun luka lamaas horiidha. 彡• Harkaan kennanii, miilaan barbaacha deemu. 彡• Keessummaan keessa namaa hin beekne, gaaffii namatti dheeressiti.0,47%
- 15 июл. 2025 г.彡• Jooraa ooltus sareen waan hin jirre hin fuutu 彡• Cuunfaa baay'isuun dubbii gogsuudha. 📚@jechama0,47%
- 13 окт. 2025 г.#Shinbirroon laga lagaa, Afaan Afaan dubbattii. #Anuma xuuxxa malee, xuuxxee waa nan xuruursituu. #Qooda qocaa kaa'e, Allaattiin hin fuutu0,44%
- 14 окт. 2025 г.彡• Keessummaa qamalee, raafuu keessati argu. 彡• Akka cabanitti hokkolan. 彡• Alagaa fi dukkanatti ija hin baasan.0,41%
- 10 июл. 2025 г.Hayyoota Afaan Oromoo, Afaan Saayinsii fi Teeknoloojii gochuu Keessatti gahee guddaa taphatan keessaa: Sheek Bakrii Saphaloo Sheek Bakrii Saphaloo (maqaan dhalootaa Abubakar Garad Usmaan) hayyuu Oromoo, walaleessaa fi barsiisaa amantiiti ture. Bara 1895 Harar keessatti dhalatee, bara 1980 Somaaliyaa keessatti boqatan. 📝 Gumaacha isaan guddaan: Bara 1956tti qubee Afaan Oromoo uume, kan “Qubee Sheek Bakrii Saphaloo” jedhamuun beekamu. Qubee kana Afaan Oromoo barreessuuf uume, sirna Ge’ez fi Arabaa irraa adda ta’ee, sagalee Afaan Oromoo sirnaan ibsuuf kan qophaa’e ture. Qubeen yeroo jalqabaatiif Harargee keessatti fudhatama argatee, garuu mootummaan Itoophiyaa sodaa siyaasaan ukkaamse. 📚 Hojii barreessuu: Kitaaba “Shaldaa” jedhu barreesse, kan qubee isaa fayyadamuun hacuuccaa Oromoo fi cunqursaa sirna Hayilasillaase irratti xiyyeeffate. Barreeffamoota amantii fi seenaa Oromoo hedduu barreesse, garuu hedduun isaanii maxxanfamuu hin dandeenye. Barnoota amantii Islaamaa sadarkaa ol’aanaa baratee, barsiisaa ta’ee naannolee adda addaatti barsiisaa ture. Bara 1978 Dargiin aangoo qabatee booda gara Somaaliyaa baqate, achitti buufata baqattootaa keessatti waggaa muraasa erga jiraatani booda boqatan. Sheek Bakrii Saphaloo seenaa Oromoo keessatti bakka guddaa qabu. Qubeen inni uume bu’uura afaan Oromoo barreessuu fi dagaagsuu keessatti shoora ol’aanaa taphate. Seenaa Bal'inaan: [1] Seenaa Gabaabaa Hayyuu Afaan Oromoo Sheek Bakrii Saphaloo [2] Sheek Bakrii Saphaalloo - Wikipedia [3] Sheek Bakrii Saphaloo Script - Omniglot0,40%
- 31 окт.彡• Soddaa jiru, sanuu balbala jiruu, wal hin lolan! 彡• Aak jedhan waa tufan, mammaakan waa himan. 彡• Ol kaayan malee, ol ka'aniif waa hin fuudhan.0,40%
- 7 июл. 2025 г.Jireenya abdii malee jiraattee beektaa? Maaltu abdii nama dhabsiisaa? Nama dhabuu Horii dhabuu Fala dhabuu Humna dhabuu Waan uumame wallaaluu Balaa tasaa Wantoonni abdii namaa lalisiisan Haala addunyaa beekuu! Addunyaan keessa jirru tun guyyaa guyyaan jijjiiramti. Akkuma ifni dukkanaan bakka bu‟aa deemu, dukkanni illee yeroo isaa eeggatee, ifaan akka dhaalamu hubachuun barbaachisaadha. Gaafa qanani‟anii jiraatan illee guyyaa biraa akka rakkoofi gadadoon nama muudatu, beekanii yoo dhufes fala faluu nan danda‟a jedhanii of amansiisuudha. Kana bira darbee addunyaa kanarra wanti hin jijjiiramne jijjjirama mataa isaa ta‟uudha. Coqorsa A. 📚 @jechama0,37%
- 9 июл. 2025 г.Hayyoota Afaan Oromoo Keessatti gahee guddaa taphatan Afaan Barnootaa fi Akkasuma Saayinsii fi Teknolojiif gumaachan keessaa... 1. Sheek Bakrii Saphaaloo : 2. Dr. Hayilee Fidaa : 3. Dr. Mohaammad Rashaad Abdullee : 4. Obbo Saphaloo Kadiir : 5. Murataa Teysoo : 6. Dr. Ali Birraa : 7. Dr. Ismaaeel Abbaa Boo : 8. Jeneral Taddasaa Birruu : 9. Dr. Mahammad Shamsaddin Megalommatis : 10. Abdisa Bancha Jara : Bal'inaan gumaacha isaanii waliin ilaalla. 📚@jechama0,31%