- Последний пост
- 14 авг.
- Последнее чтение
- 13 авг.
- Постов за неделю
- 3
- Всего постов
- 23
- Тип
- открытый
- Язык
- om
- В каталоге с
- 13 авг.
- 1/24сутки в ленте
- 43
- 1/48двое суток
- 49
- 1/72трое суток
- 53
Оценка по просмотрам недавних постов: пост набирает почти всё за первые сутки.
Посты
без подписи
без подписи
Ppt leenjii diyaaqonaatoof qopheesse, kan yeroo darbe kutaa 1ffaa isaa siniif gadhiise, hamma yaadotuma kutaa jalqabaa irra jiran babal'isuun kutaa 2ffaa fi 3ffaa itti dabaluun kunoo siniif gadhiiseera. “Hojii daayiqonummaatiin garuummaadhaan kan tajaajilan, ofii isaaniitiif kabaja guddaa, Amantii Iyyasuus Kiristoosiin jiruun immoo ija jabina baay’ee argatu.” —1 Xim 3:13 Waaqni tajaajila keenya nuuf haa eebbisu! @Kan_Kiristoos
አይቴ፡ ውእቱ፡ አምላኮሙ፡ ከመ፡ ኢይበሉነ፡ አሕዛብ፡ ምህላነ፡ ስምዓ፡ ቃለአብ። Warri hin amanne Waaqni isaanii eessa jira akka nuun hin jenneef, Yaa Jecha Abbaa kadhata keenya dhagahi.🥹 @Kan_Kiristoos
Barreefamni gabaabaan kun Dn Yaaragaal Abagaaziin (Dr) kan barreeffamedha. Innis jireenya hafuuraa keenya keessatti SUUTA SUUTAAN GUDDACHUUn maal akka ta'ee, sadarkaa kana keessa darbuu dhabuun immoo dhiibbaa inni fidu kan ibsudha. Nutis ni fayyada jenne waan yaadneef hiiknee isiniif dhiyeessineerra. Qopheessitoonni @Kan_Kiristoos fi @Agnaaxiyoos
SUUTA SUUTAAN GUDDACHUU / በየጥቂቱ ማደግ Barreeffamni gabaabaan kun Barsiisaa Dn Yaaragaal Abagaaziin (Dr) kan qophaa'edha. Barreeffamni gabaabaan kunis wantootni inni nu hubachiisu: ✅Jireenya Hafuurawaa keenyaan akkamitti gudddachuu akka qabnu.... yeroo baay'ee jireenya hafuurawaa keenya keessatti jijjiirama guddaa yeroo gabaabaa keessatti arguu barbaanna... kun immoo waan hin taaneef abdii kutannoo keessa galla... kanaaf kun akka hin taaneef akkamitti guddachuu akka qabnu nu hubachiisa. ✅Rakkoowwan jireenya hafuurawaadhaan akkamitti akka guddannu hubachuu dhabuu fidu bal'inaan nuuf ibsa. Barreeffama kana Afaan oroomootiin hiiknee isiniif qopheessineerra. ⏰Galgala sa'aatii 03:00 irratti isiniif gadhiisna. @Kan_Kiristoos @Agnaaxiyoos
Guddinni dhugaan al tokkotti kan argamu miti. Tarkaanfiiwwan xixiqqoon har'a tarkaanfattu, jireenya hafuurawaa kee borii keessatti gahee guddaa qabu. Akkuma sanyii xiqqoon suuta suutaan guddattee muka guddaa taatu, jireenyi hafuurawaa keenyas akkuma kana amantiidhaan, qorumsaan, obsaan guddata. Kanaafuu tarkaanfii xiqqoo har'a jireenya hafuurawaa kee keessatti tarkaanfattu hin tuffatin; sadarkaa hafuurawaa irra gahuu barbaaddu irra har'a waan hin geenyeef, abdii hin kutiin. Adeemsa kee, guddina kee, Waaqatti amanachuu kee itti fufi; wanti har'a xiqqaa sitti fakkaatu, humna Waaqaatiin waan baay'ee bareedaa fi guddaatti jijjiirama. Garuu ayyaanaa fi beekumsa Gooftaa keenyaa fi Qoricha keenya Iyyasuus Kiristoosiin guddadhaa. Isaaf hammas hanga bara baraatti ulfinni haa ta’u, ameen! —2 Phex 3:18 @Kan_Kiristoos
Imimmaan jecha lapheeti Jechi arrabni dubbachuu hin dandeenye, jechi sagalee hin barbaadne, jechi jechoonni hin filatmneef, jechi ibsa babbareedaa hin qabne, jechi tokko ni jira. Innis jecha Imimmaaniiti. Namoonni jechoota isaanii bareechuu, akka gurra namaatti tolu gochuu ni danda'u; jibba isaanii dhoksanii jecha gaarii dubbachuu ni danda'u. Lapheen isaanii karaa jaalalli baheen osoo hin bahin "sin jaaladha" jechuu danda'u; lapheen isaanii osoo hin jilbeeffatin, jilbeeffatanii "dhiifama naaf godhi" jechuu danda'u; lubbuun isaanii dhugaa irraa fagaattee osoo jirtuu; jechoota babbareedaan gurra keenya guutuu danda'u. Arrabni akkamitti sobuu akka qabdu barachuu dandeessi; garuu imimmaan kan dhalatu iddoo dhokataa onnee keenyaa arrabni soba beektu dhaqqabuu hin dandeenye irraadha. Onnee irratti yeroo bahaan itti ulfaatu, ijji keenya isheef dubbachuu eegalti. Cophni imimmaanii tokkittiin ija keenya irraa cophdu jechoota laphee kumaatamaan ibsamuu hin dandeenye baatti. Garuu immoo imimmaan hundi dhugaa miti. Namoonni tokko tokko akka isaaniif gaddamuuf boo'uu danda'u; gariin immoo xiyyeeffannoo barbaaduuf boo'uu danda'u; akkasumas osoo lapheen isaanii hin gaddin, ijji isaanii burqaa imimmaanii ta'uu danda'a. Garuu imimmaan laphee cabe irraa madde, tasa sobuu hin danda'u. Waaqnis imimmaan akkanaa nurraa barbaada. Imimmaan akkanaa ibsa hin barbaadu. Namoota fuulduratti jechoonni babbareedanii fi gurra namaatti akka tolu godhamanii dubbataman, gatii qabaachuu danda'u; Waaqni garuu dhugaa onnee keenya keessa jiru malee, miidhagina jecha keenyaa hin madaalu. Imimmaan tokkittii laphee cabe irraa fuuldura Waaqaatti cophdu, jechoota baay'ee dubbatti. Cophi imimmaanii tokkittiin "Gooftaa koo ani cubbuu baay'ee hojjeedheera" jechuu dandeessi; Cophi imimmaanii tokkittiin " Yaa Gooftaa koo sin jaalladha" jechuu dandeessi; Cophi imimmaanii tokkittiin "Ani dadhabeera" jechuu dandeessi; Cophi imimmaanii tokkittiin "Gooftaa koo ani ba'aa kana, kana caalaa baachuu hin danda'u" jechuu dandeessi; akkasumas Cophi imimmaanii tokkittiin miira lapheen jechaaan ibsachuu hin dandeenye ibsiti. Jechoonni gurra namaa bira dhaqqabu; garuu imimmaan laphee cabe irraa madde balbala Waaqaa rukutuuf angoo guddaa qabdi; jechoota kuumaatama caalaa gurra Waaqaatti iyyiti. "Yaa Gooftaa koo Iyyasuus Kiristoos imimmaan ija koo irraa dhangala'ee, cubbuu qaama koo naaf miiccu naaf kenni." —Qul. Basiliyoos /Galata Waaqaa Sanbata Guddaa @Kan_Kiristoos
Imimmaan jecha laphee keenyaati. @Kan_Kiristoos
ጽበተ፡ ከርስኪ፡ ሰፍሐ፡ እምርኅበ፡ ሰማይ፡ ወጸዳልኪ፡ አብርሃ፡ እምብርሃነ፡ ፀሐይ፡ አስከሬነ፡ ወርቅ፡ ጽሩይ፡ መዝገበ፡ ባሕርይ፡ ቡርክት፡ አንቲ፡ ማርያም። Dhiphinni garaa kee bal'ina samii irra bal'ate; ifni kees ifa aduu caala ife; yaa eebbifamtuu Giiftii keenya ati saanduqa warqii qulqulluudha. —መጽሐፈ ሰዓታት Garaan Waaqummaa hin dangofne daangessu, garaa samii irra bal'ate yoo ta'e malee, garaa akkamiiti? Ifni Ilma abbaa bareedina ifa isaan ofitti harkisu, ifa aduu irra kan caale malee ifa akkamiiti; Yaa maariyaam ati dhuguma saanduqa qulqulluu, warqiin Kiristoos si keessa buledha. @Kan_Kiristoos
"Foon Iyyasuus kadhatan." (Yoh 19)
Foon iyyasuus kadhatan Guyyaan har'aa guyyaa Qul. Yooseef fi Qul. Niqoodimoos itti yaadatamanidha. Wangeela guyyaa har'aa dubbifame keessa jecha akka jedhutu jira: "Foon Iyyasuus kadhatan." (Yoh 19) Yooseefif Niqoodimoos foon Gooftaa keenyaa kafananii awwaaluuf, Philaaxoos foon Gooftaa keenyaa akka isaaniif kennuuf kadhatan. Foon isa cuubbuu keenya baate kadhatan; foon isa baay'ina reebamuu irraa kan ka'e, dhiigaan uwwifame kadhatan; foon isa nuuf simboo ta'uuf, simboo dhabe kadhatan; foon isa guyyaa cidha misirrichaati hirmattotni cidhichaa sooratanii akka fayyaniif qalame kadhatan; foon isa humnaa fi ifa guddaan warreen du'an kaasuuf, du'a irraa ka'e kadhatan; foon isa nuun mirga abbaa isaa dhaabuuf, faaruu ergamootaan gara samiitti olba'ee, mirga abbaa isaa taa'e, kadhatan; foon isa warra du'anii fi jiran irratti murteessuuf kabaja guddaan, ergamoota samiin marfamee dhufu kadhatan. Fayyinni kees foonuma kanaan kan argamudha. Kanaafuu daandeettii yookaan qulqullummaa foon kana ittiin fudhattu waan hin qabneef, Gooftaan arjummaa isaan akka siif kennuuf, foon Gooftaa kee kadhadhu; gaabbiinii fi waa'ee cubbuu kee boo'uun foon Gooftaa kee kadhadhu. @Kan_Kiristoos
ኢሰማዕነ፡ ወኢርዒነ፡ ወኢነገሩነ፡ አበዊነ፡ እስመ፡ ቦ፡ ባዕድ፡ አምላክ፡ ዘእንበሌከ። Si'iin ala Waaqni biraa akka jiru, hin dhageenye; hin argines; abbootiin keenyas nutti hin himne. —መጽሐፈ ሰዓታት @Kan_Kiristoos
Yeroon soomaa kun yeroo addunyaa irraa fagaannee Kiristoositti dhiyaannu, yeroo afaan keenyaan callisnee jecha Waaqa itti dhaggeeffannu, yeroo lubbuun keenya jaalallee ishee Iyyasuusiin argattee itti boqottu, yeroo isa nuuf du'e faana gammadnu, yeroo maaddii misirricha Kiristoos irraa jireenya kan nuuf ta'u foon fi dhiiga misirrichaa fudhannu nuuf haa godhu. Subaa'ee gaarii😊
🙏BAGA GEESSAN 🙏 ⚜ #Sooma_Maariyaam⚜ ➠Soomni kun soomawwan manni kiristaanaa qannoonaadhaan murteessite 7n keessaa isa tokkodha. Ol bahuu Dubroo Maariyaamii waliin waan wal qabatuufis Sooma Filsataas ni jedhama. [Filsata-Jecha Gi'iizii 'ፈለሰ-Fellese' jedhurraa kan dhufe yoo ta'u bakka tokkoo bakka biraatti deeme jechuudha]. Kunis yeroo hundaa Hagayya 1-15tti kan soomamu yoo ta'u Hagayya 16 ayyaana Olbahuu haadha Waaqaa Qulqulleettii Maariyaam (Assumption of St. Mary) tu kabajama. Guutuu isaa link gadii 👇"INSTANT VIEW" jedhu tuquun seenaa dubbisaa! ✍️ @Kalabhiyahu ✍️ https://telegra.ph/Sooma-Maariyaam-08-06
Dhukkubbiin keenya itti dhagahama Hari'ataa kan ture, garuu ayyaana Waaqaa nama gara Kiristoositti harkisuun duuka bu'aa kan ta'e Phaawuloos, bara Kiristaanota har'iachaa fi mana hidhaatti darbataa ture sana, osoo hojii isaa hamaa kana raawwachuuf deemuu…
Dhukkubbiin keenya itti dhagahama Hari'ataa kan ture, garuu ayyaana Waaqaa nama gara Kiristoositti harkisuun duuka bu'aa kan ta'e Phaawuloos, bara Kiristaanota har'iachaa fi mana hidhaatti darbataa ture sana, osoo hojii isaa hamaa kana raawwachuuf deemuu ifni addunyaa Gooftaan Iyyasuus, ifaan isaa rukutee "maaliif na hari'atta" jedheen. Garuu Qulqullichi Kiristoosiin argee hari'atee hin beeku; Kiristoosiin mana hidhaatti darbatee hin beeku. Garuu hari'amuun duuka bu'oota isaa, hari'amuu isaa Waan ta'eef akkas jedhe. Kiristoos mataa keenyadha tokkoon tokkoon keenya immoo qaamota isaadha. Kanaaf yeroo harki dhukkubsatu qaamonni biras akka dhukkubsatan, nuti qaamonni isaa yeroo dhukkubsannu dhukkubbiin keenya akkasumatti Gooftaatti ni dhagahama. Kanaaf Kiristoos osoo hin hari'amin, hari'amuu duuka bu'oota isaan "maaliif na hari'atta" jedhe. Gooftaan keenya, Gooftaa dhukkubbiin keenya itti dhagahamudha.🥹 @Zekiristos27 Tiktok | Telegram | Instagram | Facebook
Barreeffamni gabaabaan kun akkuma mata duree isaarraa hubattan waa'ee Dubrummaa bara baraa Dubaroo Maariyaam irraatti shakkii fi gaaffiilee ka'aaniif deebii kan kennu yommu ta'u, Obboleessa keenya Akliiliin (@Apostolic_Answers) kan qopha'edha.... Nutis baay'ee fayyada jennee waan yaadneef gara Afaan Oromootti hiiknee isiniif dhiyeessineerra Dubbisa Gaarii!😊 @Zekiristos27 @Agnaaxiyoos
NB: Yeroo waa'ee dubroo Maariyaam warra amantaa biraa hordofan (especially pirootestaantota) faana dubbannu, jaalalaa fi kabajaan ta'uu qaba. Dubbiin keenya waliti iyyuu qofa waan ta'eef, isaan faallessuuf jecha qofa, barnoota manni kiristaanaa hin barsiisne illee yeroo dubbannu ni mul'ata. Kaayyoon keenya wal moo'achuu, wal arrabsuu miti; kaayyoon keenya nama dukkana keessa gara ifa dinqii ta'e, gara Gooftaa Iyyasuusitti fiduudha. Kanaaf halli dubbii keenyaafi wanti nuti dubbannu nama gara Kiristoositti fiduu dhiisee Kiristoos irraa akka hin fageessine of haa eeggannu.
Barreeffamni gabaabaan kun gaaffiwwan armaan gadii sirriiti deebisa. ✅Dubaroon Maariyaam fi Yoseef Bultoo ijaarrataniiru?. ✅Kaadhimaashee maaliif jedhame? ✅Ilma ishee hangafaa hamma deessutti ishee hin beekne. ✅Obboloonni isaahoo? ✅Erga isa deessen booda dubrummaa ishee dhabdeettii? Barreeffama galgala siniif gadhiisnu kana seeraan dubbisnaan namni tokko Maariyaam, Iyyasuusiin ala ijoollee biraa qabdi, maal maal jechaa gurra sin hin duuchu; sinumatu jecha abbootii fi caqasa macaafa qulqulluun gurra jaraa duucha😁 ⏰01:000 So stay tuned😊 @Zekiristos27 @Agnaaxiyoos