tgindex
Agnaaxiyoos - Orthodox

Agnaaxiyoos - Orthodox

Статистика

“Nu burjajessuuf warreen deemaniif deebiin keenya kana” Gorgoriyoos isa Inzinaazuu

Последний пост
13 авг.
Последнее чтение
13 авг.
Постов за неделю
3
Всего постов
21
Тип
открытый
Язык
om
В каталоге с
13 авг.
Подписчики
503
+4 за 1 дн.
Сутки
0
0,00%
Неделя
 
Месяц
 
Просмотров на пост
440
20 постов
Вовлечённость
87,5%
к подписчикам
Постов в день
0,4
всего 21
Упоминаний
4
каналов
Охват размещения
оценка
1/24сутки в ленте
66
1/48двое суток
75
1/72трое суток
81

Оценка по просмотрам недавних постов: пост набирает почти всё за первые сутки.

Посты

  • без подписи

  • Adoolessa 7 Guyyaa kun guyyaa Ayyaana Hangafa Duuka bu'oota Qulqulluu Pheexiroosidha. Guyyaa kanatti gooftaan keenya akka ilma waaqayyoo ta'e ragaan itti bahameera. Akkuma Macaafa Qulqulluu irratti barreefame Iyyasuus Kiristoos bakka Filiiphoos Qiisaariyaa jedhamu yeroo gahu duuka bu'oota isaatiin namoonni Ilma namaatiin maal jedhu? Jedhee gaafate. Inni laphee fi kalee namaa kan qoratu osoo hunda beekuu isaan gaafate. Yeroo sana duuka bu'ootni ni shakku waan tureef waan yaadan akka dubbataniif magaalaan ala isaan baase. Isaan keessaas Eeliyaas akka ta'e kan amanan jiru, yookaan raajota darban keessa isa tokko akka ta'e kan dubbatanis jiru. Pheexiroos garuu akka inni ilma waaqayyoo ta'e dubbate. Amantiin Pheexiroos akka isaan keessatti mul'atuuf magaalaan ala isaan baase. Yeroo isaan gaafate sanattis Eeliyaas yookiin raajota darban keessa isa tokko akka ta'e namoonni ni dubbatu jechuun waan laphee isaanii keessa jiru dubbatan. Pheexiroos garuu ati ilma waaqayyoo isa jiraatati jedhee ragaa bahe. Gooftaan keenyas isa galateeffate furtuu mootummaa isaa kenneef. Guyyaa sanaa jalqabees hangafa duuka bu'oota ta'e innis sana booda phaaphasota, ephiis qoophosota, lubootaa fi diyaaqonoota ni muude. Hundee mana amantaas jedhame. Waaqayyoof galatni haa ta'u kadhannaan duuka bu'ootaas nu wajjin haa ta'u ebbi isaaniis nuuf haa baay'atu Maddi: Kitaaba Sinkisaaraa @Agnaaxiyoos

  • Hiriyaan kiyya tokko akkas naan jedhe.... Yeroon cubbuu hojjedhu yookaan yeroon kufaatii keessa seenu nan sodaadha... Garuu irra caalaatti kan na sodaachisu waaqayyoon yeroon yaaduu dhiisuudha. Daawwit waliin yeroon akkas jechuu dhiisuu. ---------- “Borofni akkuma bishaan yaa'u argachuu yaadu, lubbuun koos akkasuma si yaaddi” [ Faar 42:1] @Agnaaxiyoos

  • 10 авг.7941013

    Barreefamni gabaabaan kun Diyaaqon Yaaragaal Abagaaz (Dr)iin kan barreeffamedha. Innis jireenya hafuura keenya keessatti SUUTA SUUTAAN GUDDACHUUn maal akka ta'ee, sadarkaa kana keessa darbuu dhabuun immoo dhiibbaa inni fidu kan ibsudha. Nutis ni fayyada jenne waan yaadneef hiikne isiniif dhiyeessineerra. Qopheessitoonni @Kan_Kiristoos fi @Agnaaxiyoos

  • SUUTA SUUTAAN GUDDACHUU / በየጥቂቱ ማደግ Barreeffamni gabaabaan kun Barsiisaa Dn Yaaragaal Abagaaziin (Dr) kan qophaa'edha. Barreeffamni gabaabaan kunis wantootni inni nu hubachiisu: ✅Jireenya Hafuurawaa keenyaan akkamitti gudddachuu akka qabnu.... yeroo baay'ee jireenya hafuurawaa keenya keessatti jijjiirama guddaa yeroo gabaabaa keessatti arguu barbaanna... kun immoo waan hin taaneef abdii kutannoo keessa galla... kanaaf kun akka hin taaneef akkamitti guddachuu akka qabnu nu hubachiisa. ✅Rakkoowwan jireenya hafuurawaadhaan akkamitti akka guddannu hubachuu dhabuu fidu bal'inaan nuuf ibsa. Barreeffama kana Afaan oroomootiin hiiknee isiniif qopheessineerra. ⏰Galgala sa'aatii 03:00 irratti isiniif gadhiisna. @Kan_Kiristoos @Agnaaxiyoos

  • Yaaa Giftii keenya yeroo umrii ijoollummaa keenyaa sooma kee soomneerra, sammuu ijoollummaa keenyaa sanaan jaalalli kee laphee keenya irra bulee, maqaan keetis afaan keenyarraa adda bahee hin beeku... Qaama keenya irratti tuqaa gurraacha yeroo arginu Maariyaamiin na dhungatte jenneerra, taphannees yeroo dadhabnu daandii Maariyaamii naaf kenni jenneerra. Kennaan kan guutamte yaa haadha keenya, amma guddannee addunyaan qabamnee, karaa baanu dhabneerra eenyutu daandii Maariyaamii nuuf kenna laata?. Guddachuun keenya sammuu ijoollummaa keenya sana nu dagachiisee beekumsa nutti fakkaatee mana amantaa irraa fagaannee cubbuu keessatti kufneerra. Yaa Giiftii keenya sooma yeroo ijoollummaa soomne sanaan si kadhanna. ilmi kee “Akka daa'imman kanaa yoo hin taane mootummaa waaqayyo hin dhaaltan” jedheera waan ta'eef sooma kee kanaan sammuu ijoollummaa sana nuuf deebisi, akka laphee qulqulluun si'ii fi ilma kee galateeffannuuf. Yaa Dubroo akkuma Abbaan keenya Giyoorgiis inni Gaasiccaa si kadhate nuyis si kadhanna... Nuyi galaana cubbuu keessa jirra, ati garuu galaaana cubbu kana keessaa nu baasi, gaalana dhiifamaa ilma keeti kessa akka seennu nu gargaari. ✍ Kidan Ze Iyyesuus @Agnaaxiyoos

  • “Kakuu moofaatti dubartiin Ibroota tokko loltuu ishee garba giddu geggessite, Kakuu Haaraatti immoo mucaa mootii kan taate balbala fayyinaa (geessituu gara mootummaa waaqayyo) akka taatuuf filatamte ” Qul.Ambiroos isa Miilaan @Agnaaxiyoos

  • Filsataa Amalaa yaraa nu gadhiisuu dide yeroo meeqa ni dhiisna jenne waada gallee kaanee itti deebine Haati keenya Dubaroo Maariyaam nuuf haa buqqistu... Osoo adda hin kutiin kadhadhaa, soomaa, fedhii keessan daangeessaa, gaabbiii galaa, dhiigaa fi foon isaa fudhadhaa. Keessumattuu Dargaggoonni sooma ittiin jijjiiramnu nuuf haa ta'u @Agnaaxiyoos

  • Baga Sooma Filsataatiin isin gahe🙏

  • Ergaa Phaawuloos gara Tiitoo Boqonnaa 3 (isa xumuraa) • Warreen aboo qabaniif abboomamuu akka qabnu ( hanga amatii keenyatti hin buunetti) • Nuyi duraan gabrummaa cubbuu jala akka turre fi amma garuu dhiifana Waaqayyootiin lammaffaa akka dhalanne, hafuura qulqulluu isaas akka nuuf kenne • Hojiin gaarii hojjechu akka qabnuu fii waliin mormii irraa fagaachuu akka qabnu • Nama barumsa sirri hin taane barsiisu irraa fagaachuun akka barbaachisu • Guduunfaa Ergichaa fi Nagaa @Agnaaxiyoos

  • Agnaaxiyoos - Orthodox pinned a file

  • Ergaa Phaawuloos gara Tiitoo Boqonna 2 • Barumsa jireenya nuuf kennu Tiitoon akka barsiisuu qabu • Jaarsoliin barachuu akka qaban • Haadholiinis barachuu akka qaban • Dargaggoonni dhiiraaf shammarran barachuu akka qaban • Warri gabrumma jala jiranis warra isaan bulchaniif akka ajajaman • Waa'ee Ayyaana Waaqayyoo isa nama hunda fayyisuu --- “Yeroo gorsa kennitu, yeroo balleessaa namatti mul'iftus yaada muramaadhaan kana dubbadhu; namni tokko illee si hin tuffatin” @Agnaaxiyoos

  • 4 авг.889720

    Barreeffamni gabaabaan kun akkuma mata duree isaarraa hubattan waa'ee Dubrumma bara baraa Dubaroo Maariyaam irraatti shakkii fi gaaffiilee ka'aniif kan deebii kennu yommu ta'u. Obboleessa keenya Akliil (@Apostolic_Answers) 'dhaan kan qopha'edha.... Nutis baay'ee fayyada jenne waan yaadneef gara Afaan Oromootti hiikne isiniif dhiyeessineerra Dubbisa Gaarii @Agnaaxiyoos @Zekiristos27

  • Ergaa gara Tiitoo Boqonnaa 1 • Qulqulluun Phaawuloos of ibsuun, ergaan kunis Tiitoodhaaf akka ta'e barreessun jalqaba. • Qulqulluun Phaawuloos biyya Qarxees sanatti Tiitoon akka abbooti muudu itti hima... Haalli Ephis Qoophoosota akkam akka ta'uu qabus ni tarrressa @Agnaaxiyoos

  • Har'a galgala qo'anna ergaa Phaawuloos gata Tiitoo ni jalqabna akka seensaatti dubbisaa. Eenyuuf barreefame •Nama Giriik kan ture boodas amantii kiristaanaa kan fudhate Tiitoodhaaf Yoom Barreefame •Bara 62-64 akka barreefame ni amanama Sababni Ergaan kun barreefameefis • Manni amantaa akka seerri ishee kabajamuu fi abbootiin amantaa akka muudamanifidha • Kiristaanonni Barsiisota sobaa irraa akka of eeganiif • Barumsa isa sirrii fi hojii gaarii akka hojjetan gorsuuf • Phaawuloos Ajaja mataa isaa dabarsuuf @Agnaaxiyoos

  • Piroteestaantiizimii Kutaa 2ffaa Akkuma kutaa jalqabaa irratti kaasne garaagarumma damee Piroteestaantii jahan haa ilaallu. 1. Cuuphaadhan qaama Kiristoos ni taanaa? Ykn Cuuphaadhan dhaloota hafuura ni arganna? -Does Baptism regenerate you?  •Lutheran -Eeyyen •Reformed Baptist - Lakki, yaadannoof kan taasisnudha •Anglican -Eeyyen •Fundamental Baptist -Lakki yaadannoof qofa •Presbyterian - Lakki Yaadannoof qofa •Church of Christ -Eeyyen 2. Daa'imti cuuphamu qabdii? -Should we baptize infants? •Lutheran - Eeyyen •Reformed Baptist -Lakki •Anglican - Eyyen •Fundamental Baptist -Lakki •Presbyterian - Eeyyen •Church of Christ - Lakki 3.Qurbaanni foonii fi dhiiga gooftaa isa dhugaati? -Is Eucharist the blood and flesh of Christ? •Lutheran -Eeyyen (consubstantion) •Reformed Baptist - Lakki •Anglican - Eeyyen •Fundamental Baptist - Lakki •Presbyterian - Lakki •Church of Christ -Lakki 4.Namni fayyina isaa dhabuu ni danda'aa? -Could you lose your salvation? •Lutheran - Eeyyen •Reformed Baptist -Lakki •Anglican - Eeyyen •Fundamental Baptist -Lakki •Presbyterian - Eeyyen •Church of Christ- Eeyyen Maddi : Orthodox Apologetics Theology @Agnaaxiyoos

  • Piroteestaantiizimii. Kutaa 1ffa Wantoota hundee amantaa ta'an irrattiyyu walii galtee dhabuudhaan kan adda bahan Luutarii fi Joon Kaalviin turan... Wantota isaan itti amanan haa ilaallu         Maartiin Luutar 1. Daa'imti cuuphamuu qabdi [infant baptism] 2. Cuuphaadhaan mucummaa ni arganna [ baptismal regeneration] 3. Namni Eeyyama mataa isaa qaba [ Free will] 4. Kitaabotni 61 kan haqamuu hin dandeenye          Joon Kaalviin 1. Daa'imti cuuphamuu qabdi [infant baptism] 2. Namoota Waaqayyoon file yoo ta'an malee Cuuphamun fayida hin qabu 3. Namni Eeyyama mataa isaa (ነፃ ፍቃድ) hin qabu 4. Waaqayyoon dursee kan faayyanii fi kan hin fayyine murteesse kaa'eera 5. Kitaabotni 66 kan haqamuu hin dandeenyedha. • Lachuun isaani Kitaaba Qulqulluu qofa jedhu garuu barumsa wal faallessu barisiisu. Kanaafuu Hafuurri Qulqulluu barumsa garaagaraa kan wal faallessu barsiisa jechuudhaa??...lamaan isaani yeroo barreessan immo namni barumsa kana hin fudhanne nama hafuura qulqulluu arrabsedha jedhu, garuu kan isaan caala hafuura qulqulluu arrabse jiraa? Damee Piroteestaantii keessa 6n isaani isaan kanadha 👉 Lutheran 👉 Reformed Baptist 👉 Anglican, Independent 👉 Fundamental Baptist 👉 Presbyterian 👉 Church of Christ Isaan kana itti aansuun gaggabaabsinee ilaalla.... Maddi: Orthodox Apologetics Theology @Agnaaxiyoos

  • Piroteestaantii Amantaam Piroteestaantiin maqaa amantaan garagaara ittiin waamaman ta'u isaa ni beektuu laata. Jalqabarratti Maartiin Luutariin kan hundeeffame haa ta'uyyu malee walitti bu'iinsa Luutarii fi Joon Kaalviin giddutti uumameen gargar bahaniiru, sana booda Doogmaa fi Qannoona akkasumas barumsa garaa garaa irratti garaagarumma godhachuudhaan dameen isaanii baay'ate amma damee lakkofne hin xumurretti gar gar bahaniiru Isaan keessa gagabaabsinee Garaagarumma Maartiin Luutarii fi Joon Kaalviin ni ilaalla Itti fufa......... Maddi : Orthodox Apologetics Theology @Agnaaxiyoos

  • Icciitii Sillaasee keessatti Ilmaaf “kan Dhalate” Hafuura Qulqulluuf immo “kan bahe” jenna..... Dhalachuu fi Bahuu gidduu garaagarummaan jiru baay'ee keenyaaf hubachuuf nutti ulfaatuyyu Qulqulluuun Goorgoriyoos inni Inzinaazuu akkas jechuun nuuf ibsa.... «Addaam. Hewaan fi Seet turan. Addaam Hewaniifis Seetifis kan isaan Argamsiise ture “Addaam Seet argate” akkuma jedhame barreeffame... Kan Hewaan garuu Cinaachasaa irraa bahuudhaani. »¹ Goorgoriyoos erga fakkenya kana fudhateen booda fakkeenyichi hanqina mataa isaa akka qabu ni dubbata... Kana jechuun fakkeenyichi icciitii sillase guutumaa guututti hin ibsu ¹ -[Oration 31:11] @Agnaaxiyoos

  • No Creed But Christ...? Ibsa Amantaa osoo hin taane Kiristoos qofa..... ? Namoonni tokko tokko kiristoosiin ala barums ykn ibsi amantaa [Doogmaa fi Qannoonaa] hagas mara barbaachisumma hin qabu jedhu. Tole inni guddan kiristoositti amanuudha qofa erga jettani Kiristoos isa kami jenne gaafanna. Muslimonnis Kiristoosiin ni beeku, Mormoononnis ni amanu, Warri Only Jesus'is Iyyesuusitti ni Amanu. Inni guddaan Kiristoositti amanuudha malee barumsii garaagaraa rakkoo hin qabu akkamitti jechuu dandeenya. Ani Kiristoos isa macaafa qulqulluu irraati jechuu dandeessa garuu manni amantaa armaan olitti caqasne (musliimaa osoo hin dabalatiin) hundinuu macaafa qulqulluutti amanna jedhu..... Kanaafu isaan akkamitti adda baaste? Barumsa mana amantaatiinidha. Barumsi jireenya nuuf kennu jira... Innis tokkodha... Barumsa sana hordofaa hin jirtu taanan jireenya hin qabdu. 2 Gara Ximotewos 4:3 --- ³ Barri itti namoonni barsiisa sirrii fudhachuu jibban dhufuuf jira; bara sanas akka hawwa isaaniitti, barsiisota wanta gurra isaaniitti tolu isaan barsiisan walitti in sassaabbatu. @Agnaaxiyoos