tgindex

QAROO-MAGAZINE

описание

Buy ads: https://telega.io/c/QarooMagazine 🌟 Qaroo'n argartuudha. 🌏Maddeen Odeeffannoo dhugaa fi amaanamoo ta'an karaa telegram Afaan Oromoon tin argachuuf kunooti channel kenyaa #join gochuun hordofaa. 📩 Inbox @QarooMagznBot

6 815
подписчиков
Охват к подписчикам
92,9%
ERR
Реакции к просмотрам
0,23%
305 на 21 постов
Пересылки к просмотрам
0,06%
85
Постов в день
0,0
всего 21

Где отзываются чаще

доля реакций к просмотрам
  • 17 июл. 2025 г.Bu'aan qormaata naannoo kutaa 8ffaa ifoomuu isaan walqabatee bara kana barattoonni harki 78.7 qabxii 50%fi isaa ol argachuu Biiroon Barnootaa Oromiyaa beeksise. Naannoo Oromiyaatti barattoota bara 2017 qormaata Naannoo Kutaa 8ffaa fudhatan 488,458 keeysaa barattootni 384,498 [harki 78.7] qabxii 50%fi isaa ol argachuu Biiroon Barnootaa Oromiyaa beeksise. Barattoonni qabxii isaanii ilaallachuufis liinkii asii gadii kana cuqaasuun bu'aa isaanii ilaallachuu ni danda'u jedhamee jira. 👇👇 oromia.ministry.et @QarooMagazine0,66%
  • 15 сент. 2025 г.Bu’aan qormaata kutaa 12ffaa gadhiifameera Ilaallachuuf 👇👇 1. Marsaariitii፡ https://result.eaes.et 2. teelegiraama፡ https://t.me/EAESbot 3. Ergaa gabaabaa (SMS)፡ 6284 @QarooMagazine0,57%
  • 24 окт. 2024 г.Ramaddiin Yunivarsitii ifoomee. Barattoonni bara 2016 qormaata biyyoolessaa kutaa 12ffaa fudhatanii yuunivarsiitiiwwan mootummaatti ramadamuuf qabxii darbiinsaa galmeessan yeroo ammaa irraa eegalee karaa liinkii armaan gadiitiin Yunivarsitii itti ramadaman ilaaluu ni danda'u. Ramaddii keessan ilaaluuf👇 Karaa Marsariitii👇 https://result.ethernet.edu.et Bootii Telegiraamii👇 https://t.me/moestudentbot Ministeerri Barnootaa gaaffii jijjiirraa Yuunivarsitii akka #hin_fudhanne ibseera. Yuunivarsitii itti ramadamtan irraa waamicha eeggachuun barnoota keessan itti fufu ni dandeettu jedhameera. @QarooMagazine0,50%
  • 8 окт. 2024 г.Qabxiin seensa sagantaa fooyyessa dandeettii barattoota bara barnootaa 2016 qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa fudhatanii ifoomeera. Haaluma kanaan:- 1.Barattoota dhiiraa Saayinsii Uumamaa fi Haawaasummaan qormaata 600 keessaa fudhataniif qabxiin seensaa 204, 2.Barattoota Shamarranii Saayinsii Uumamaa fi Hawaasummaan qormaata 600 keessaa fudhataniif qabxiin seensaa 192, 3.Barattoota dhiiraa naannolee guddattootaa fi naannawaa Horsiisee bulaarraa Saayinsii Uumamaa fi Hawaasummaan qormaata 600 keessaa fudhataniif qabxiin seensaa 192, 4.Barattoota Shamarranii naannolee guddattootaa fi naannawaa Horsiisee bulaarraa Saayinsii Uumamaa fi Hawaasummaan qormaata 600 keessaa fudhataniif qabxiin seensaa 186, 5.Barattoota dhiiraa qaroo dhabeeyyii Saayinsii Hawaasummaan qormaata 500 keessaa fudhataniif qabxiin seensaa 160, 6.Barattoota Shamarranii qaroo dhabeeyyii Saayinsii Hawaasummaan qormaata 500 keessaa fudhataniif qabxiin seensaa 155, 7.Barattoota dhiiraa sagantaa qophaa’inaa Saayinsii Uumamaan qormaata 700 keessaa fudhataniif qabxiin seensaa 238, 8.Barattoota Shamarranii sagantaa qophaa’inaa Saayinsii Uumamaan qormaata 700 keessaa fudhataniif qabxiin seensaa 224 ta’uu ragaan Ministeera Barnootarraa argame ni mul’isa. Via FBC @QarooMagazine0,31%
  • 9 сент. 2024 г.Karaan ittiin bu'aa qormaata kutaa 12ffaa ilaalan ifoomeera Bara barnootaa 2016 bu’aa Xumura mana barumsaa sadarkaa 2ffaa Itiyoophiyaa (kutaa 12) ilaaluuf hidhi ifoomeera. Barattoonni qormaata biyyoolessaa kutaa 12ffaa bara barnootaa 2016 bu’aa isaanii karaa filannoowwan armaan gadiititiin sa’aatii 6:00 irraa eegalee ilaaluu ni danda’u. Haaluma kanaan 1. Poortaala: https://result.eaes.et 2. Bot Telegiraamii:- https://t.me/EAESbot 3. Ergaa gabaabaa (SMS) 6284 irratti 'R' dursuun registration number galchuudhaan. Filannoon kun kaffaltii ni qabaata. @QarooMagazine ✅0,31%
  • 9 сент. 2024 г.#kutaa_12ffaa Ministeerri Barnootaa qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa ilaalchisee miidiyaaf ibsa kenneera. Ibsa kanaanis qabxiiwwan armaan gadii kaafameera: 📌 Bu’aan qormaata kutaa 12ffaa guyyaa har’aa halkan sa’a 6tti gadhiifama. 📌 Galmee bara kana irratti fooyya’iinsi taassifameera. Bara darbe barattoota galmaa’an keessaa barattoonni 1,246 qormaati isaanii jalaa kan haqame yommuu ta’u, bara kana fooyya’iinsa kanaan barattoota 365 qofatu qormaati isaanii jalaa haqame. 📌 Bara kana qormaata walmakaatu kenname, barattoonni oonlaayiniifi waraqaa irratti qoramaniiru. Walii gala, barattoonni oonlaayin qoraman lakkoofsaan 29,736 dha, isaan keessaas dhibbeentaa 26.6 tu darbe 📌 Oonlaayin qoruun waraqaa irratti qoruu akka caalu hubatame, sababa kanaan qormaata oonlaayin haala fooyya’aan qoruu irratti ni hojjetama. 📌 Barattoonni 313 sababa seera qormaataa diiganiif qormaati isaanii jalaa haqameera. 📌 Qabxii guddaan bara kanaa shamarraniin galmaa’e. Saayinsii Uumamaa irraa qabxii 575/600 mana barnootaa Kaateediraal irraa, Saayinsii Hawaasaa irraa qabxii 538/600 mana barnootaa Itiyoo Paarent irraa galmaa’eera. 📌 Tigraayitti qormaanni bara kana 700 keessaa kan qorame yommuu ta’u, qabxii guddaan 675/700 galmaa’eera. Naannoolee biroo irraa shamarraniin qabxii guddaa galmeessaniiru. 📌 Bara kana manni barnootaa 1,363 barataa tokkollee hin dabarsine. @QarooMagazine ✅0,30%
  • 16 сент. 2024 г.Oromiyaatti adeemsi baruu fi barsiisuu bara 2017 boru eegala - BBO Naannaaoo Oromiyaatti adeemsii baruu fi barsiisuu bara barnootaa 2017 guyyaa boruu Kibxata, Fulbaana 7, 2017 kan eegalu ta’uu Biiroon Barnootaa beeksiseera. Manneen Barnootaa kuma 37, 941 ol keessatti Barsiisota kuma 300 oliin barattoota miliiyoona 12 ol simachuun barsiisuuf qophii ta'uu ibsameera. @QarooMagazine0,30%
  • 9 сент. 2024 г.#Dabalata Ministeera Barnootaa, "Bara Naannoleen hundu barattoota bara duraa dabarsan caala dabarsanii jiru" jedhan. "Dhibbeentaa fi lakkoofsa qabatamaatiin kan bara duraa ni caala" jedhameera. Lakkoofsi qabatamaan gadi aanaa ta'e naannoo Amaaraati jedhan. Naannichatti sababa nageenyaan lakkoofsi barattoota qoratamanii walakkaa gadi waan ta'eef jedhame. Haa ta'u malee, barattoonni dhibbeentaa 6.65 qormaata kana darbaniiru. Bara duraa irraa bara kana dhibbeentaa 4.1 Caalee argameera. @QarooMagazine ✅0,29%
  • 16 сент. 2024 г.#Waamicha #Yuunivarsitii_Booranaa Guyyaan galmee Fulbaana 25 fi 26/2017 Barattoota haaraafi Rimidiyaala dabartan Fulbaana 23 fi 24/2017 @QarooMagazine0,24%
  • 10 сент. 2024 г.Karaan ittiin bu'aa qormaata kutaa 12ffaa ilaalan ifoomeera 1. Poortaala: https://result.eaes.et 2. Bot Telegiraamii:- https://t.me/EAESbot 3. Ergaa gabaabaa (SMS) 6284 irratti 'R' dursuun registration number galchuudhaan. Filannoon kun kaffaltii ni qabaata. @QarooMagazine ✅0,23%
  • 15 сент. 2024 г.Barnoonni boru eegala! Bulchiinsa magaalaa Finfinneetti barnoonni idilee bara barnootaa 2017 guyyaa boruu Wiixata Fulbaana 6, 2017 akka eegalu biiroon barnoota magaalicha beeksiseera. @QarooMagazine0,19%
  • 14 сент. 2024 г.Barattoota miiliyoona 10’f Tajaajilli nyaataa ni kennama! Naannoo Oromiyaatti Bara barnoota 2017tti barattoota miiliyoona 10 ta’aniif tajaajilli nyaataa kan kennamu ta’uu Biiroon Barnoota naannichaa Beeksise. Bara baajatichaatti manneen barnootaa kuma 20 keessatti barattoonni idileen duraa fi sadarkaa1ffaa miiliyoonni 10.1 fayyadamoo tajaajila nyaataa akka ta’an Hoogganaa Itti Aanaan Biiroo Barnoota Oromiyaa Obbo Girmaa Bayyisaan ibsaniiru. Manneen barnootaa keessatti bakkeewwan baruuf barsiisuuf hin olleetti hojiillen misooma qonnaa kan hojjetaman ta’uu kaasaniiru. Bara 2016 barattoonni miiliyoona 6.8 fayyadamoo tajaajila nyaataa ta’uu ibseera. #TOI @QarooMagazine0,18%